Telegram Web Link
Rasuulli akkanatti raganiif....

1) Abuu Bakri... Ummata koo keessaa, ummata koof Rahmata godhuun kan irra beekkame Abuu Bakri Assiddiiq (Radiyallaahu anhu).
2) Umarlfaaruuq (Radiyallaahu anhu).... Amrii Rabbii keessatti jajjabaachuu fi jajjabeessuunis kan beekkamu Umar binu Kaxxaab.
3) Usmaan binu Affaan (Radiyallaahu anhu)... sahaabaa hunda keessaa dhugamatti saalfachuidhaan kan beekkamu Usmaan binu Affaan.
4) Mu'aaz binu Jabal... Sahaabaa hunda keessaa halaalaa fi Haraama sirritti adda baasee kan beeku Mu'aaz (Radiyallaahu anhu).
5) Zeydi binu Saabit.. (Radiyallaahu anhu), Ilmii faraa'idaa ykn qabeenya dhaalchisuu keessatti kan dandeettii guddaa qabu Zeydi jedhan.
6) Abuu Ubeeydaa... Ummata hunda keessa amanamaa namattu jira, Irra amanamaan ummata kiyyaa Abuu Ubeydata binu Jarraah (Radiyallaahu anhu).

Sahaabaa Rasuulaa.... Sallallaahu aleyhi wasallam ❤️
Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Guyyaa hardhaa Kitaabaa haaraa ni eegalla
....


Inshallah
Hardha galgala Kitaaba akkaan bareedaa kana eegalla....

Wal argaan galgala sa'aatii 3:00
Kitaaba haaraa kanaan Wal baruuf.....




Isin qophiidhaa....
Hanga pdf erguuf page hardha barannu kana ilaalaa
Live stream finished (46 minutes)
Hardha Mee waa'ee maalii isiniif haa barreessu...



carraa isiniif kenne👇
Warroota yaada kee hubachuu dadhaban sana akkam goote sila___?!


Homa takkaan goone, akka waan isaan hin jirreetti fudhadheeti, bira kute...!
Yeroo tokko tokko Facebook gubbaa yeroo seenu waan buufata fayyaa seene natti fakkaata dhugaa...!
Kun dhibame;
Kun madaahe;
Kun cabe;
Kun fannifame;
Kun Makiinaan dhahame;
Kun du'e waan jedhutu baay'ata... sila page kiyya qofa moo isin mudatee beeka....!!

Addunyaa miidiyaa keessaa Facebook fi TikTok akka malee jibba...
Rabbiin nu haa eegu
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Haa'iyyaa Kutaa #2ffaa




sa'aatii 2 booda nu eegaa...
3:00-3:45
✍️ Islaamummaa keessatti Bid'aan yeroo jalqabaa muldhatte bid'aa tami_?
Anonymous Poll
42%
A) Bid'aa kalaamaa/qur'aanni Makluuqa moo makluuqaa miti.
53%
B) Bid'aa Kawaarijaa
18%
C) Bid'aa Raafidaa...
Ilmii barachuun dubartoota keessatti dhiibbaa hangam ykn bu'aa hangam akka qabu.... yeroo booda isiniif barreessa...



Asumaanuu shamarran keenya kan Diinii islaamaa akkanatti itti yaaddoftanii barataa jirtan jzkl. keeyran isiniin jechuu barbaada

-
«ٲطلُبي العِلم ٲُخيتِي لكِي یقول علیّكِ؛ بُلیتُ بها فقیهَةََ ذاتُ جدَال..تُجادل بالدّلیلِ و الدَّلال🌱؛)»
Live stream finished (56 minutes)
Assalamualaikum warahmatullaahi wabarakaatuh.

✍️ Tol Rabbiin guddaan gadaa tana keessa dubartii islaamaatiif oole keessaa, fageenyatti barnoota barachuudha. karaa salphaadhaan manuma ishee keessa teettee barnoota hedduu argachuu dandeessi.
Imalli Ilmiidhaa/barnoota Shari'aa Kuni jireenya dubartootaa keessatti, gadaa Nabii keenyaa irraa eegalee (Sallallaahu aleyhi wasallam) hanga gadaa tanaa waan diriireedha.
Dubartiin gadaa tana keessa Ilmii barataa jirtu hunduu, karaa warra ishee duraa -( dubartoota sahaabotaa fi Taabi'ootaa, akkasuma hayyuu hedduu isaanii as jiran)- qabattee deemaa jirti.
Dubartoonni Sahaabaa waa'ee Ibaadaadhaan wal qabatu ilaalchisee, akkasuma gaafilee hedduu islaamummaan wal qabatu, kan isaaniif hin galle Rasuula Rabbii Sallallaahu aleyhi wasallam gaafachaa turan.
Rasuulli dubartootaaf qofa, guyyaa isaan waa'ee islaamummaa sirritti itti baratan, waan duniyaa fi aakirattis isaan fayyadaa isaaniif guduunfuuf jecha guyyaa addaa godheefii barsiisaa ture..!
Kanarraa ka'uun, gahee dubartoonni islaamaa Diinii barachuu keessatti qabanii fi qooda isaan islaamummaa diriirsuu keessatti qaban guddaa akka tahe tilmaamuun nama hin dhibu.
Dubartoonnis barnoota shari'aatiin dagaaguu keessatti, garaagarumma dhiiraan waan hin qabneef jecha... manneen muslimtoota hedduu keessaa Ulmaa'ii fi urjiiwwan addunyaan tuni isaaniin ifte hedduun biqilaa turan.

🌷 Dubartoonni islaamaa Ilmii barachuun jireenya dubartootaa keessatti bu'aa maal uf keessaa qaba___?
1) Ibaadaa Rabbiin waajiba ishee irratti godhe, Akka isheen dhuftetti bifa gaariin gaggeessuuf ilmii nama barate gaafata.
2) Ijoollee isaanii Akhlaaqa islaamaa; mallattoo fi shari'aa islaamaatiin leenjisanii guddisuuf dubartii ilmii baratte gaafata.
3) Ilmii barattee, waan baratte sana deebitee barsiisuunuu isheef Ibaadaadha. Ilmii barataa jirti jechuun Ibaadatti jirti jechuudha.
4) Hidhannoon ishee moodeloota gadaa tanaa osoo hin taane, moodeloota addunyaa tanaa warra turan, kanneen akka Aa'ishaa fi Ummu Salamaa tahaa dhufa.
5) Addunyaan tuni bakka turte sanitti deebi'uuf, dhaloota akka sahaabaa sanneen oomishuu yoo barbaanne... dubartoonni barnoota Islaamaa keessatti qooda ishee bahachuu nu gaafata.
🖋@Ibroo keessan....

Galatoomaa....!👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Dhaloota dhumatu.... addunyaa teessee akka fiilmiitti daaw'attu... 😢
2024/09/24 12:35:20
Back to Top
HTML Embed Code: