Telegram Web Link
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Badhaafamaa.... Suuraa Faatihaa keessa: 👉 Arkaana Iimaanaa Jahan, 👉 Arkaana Islaamaa shananii fi, 👉 Gosoota Towhiidaa sadantu jira.... akkamitti____? Qarshii 💯... ykn Kaardii Abbaa qarshii 100 Deebisaa badhaafamaa... 👇 https://www.tg-me.com/tafak_or
Namoonni Deebii kana argatan keessaa:
1) Said Sh/Muhammad Kadar
2) Abdulwehab Sa'id Huseen,
3) Musxe Abe
4) Huzeyfa Sa'id
5) Ummul keyri
6) Salad hamma wahii yaakee jira....
Badhaafamaan guyyaa hardhaa... kan jalqabarratti deebise....
@Said Sh/Muhammad Kadar...

Badhaasas ergeefii isiniif maxxansa..
Hunduu waan hirmaattaniif galatoomaa.....
#Faatihaa_Beektuu__?

Suuraan Faatihaa qur'aana hundarraa si duroomsuu dandeessi... garuu qur'aanni hundi suuraa faatihaa irraa si duroomsuu hin danda'u...!
Osoo salaata keessatti Suuraa baqaraa irraa hanga suuraa Naasii qaraatee... suuraa faatihaa gattee salaanni kee badee jira.... garuu osoo Faatihaa qofa qaraatee suuraa biraa dhiistee salaanni Kee fayyaadha....!!

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Anis Walloodha....😢
Suuraa Faatihaa keessa Arkaana Islaamaa; Arkaana Iimaanaa fi Ihsaanaattu jira....


Deebiidhaaf... hardha galgala nu eegaa.... inshallah
#Faatihaa_fi_Arkaana_islaamaa
Faatihaa keessa Maqaan Rabbii keenyaa (Subhaanahu wata'ala) 5 jira. Shananuu Arkaana Islaamaatti qajeelcha.
1) Alhamdulillaah... (lillaahiin) mallattoo laa ilaaha Illallaah uf keessaa qaba...
2) Rabbil Aalmiin ..... (Rabbi) Salaataaf ...
3) Arrahmaan Zakaadhaaf..
4) Arrahiim Soomaaf...
5) Maaliki yoomiddiin.... Hajjiidhaaf....
Maqoonni Rabbii kunneen hunduu Arkaana islaamaatiin wal gala...

Mee koottaa baldhinnaan haa ilaalluu...!
#1ffaa: Allaah....
👉 Fakkeenyaaf namni islaamummaa seenuu barbaadu tokko... osoo laa ilaaha illa____? A) Rahmaan; B) Maalik, C) Rabb; D) Allaah... bakka duwwaa sana yoo qubee D guute malee islaamummaa seenuu hin danda'u...
Kanaafuu Alhamdulillaah jechi jalqabaa Laa ilaaha Illallaahu tahuu nuu ibsuuf dhufte...!
#2ffaa:Rabbil Aalmiin...
Hunduu Rabbiif salaata... Rabbiin qulqulleessa... ( Dhakaa fi mukni, namaa fi Jinniin... hanga malaa'ikaan baatuttuu...)
ولِله يسجد من في السماوات والأرض...
Rabbiin iddoo biraatti Salaataan Tasbiiha jedhee moggaasee jira.... kanaafuu Salaanni (Rabbil Aalmiin) Wal gala.

#3ffaa...(#itti_fufa)👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Aamiin..
Hordoftoota koo jaalatamtootaa fi kabajamtootaaf... qalbii kootirraa.... 🤲

#Yaa_Rabbi:
Yaa isa haajaa teenna hunda harkaa qabdu, kan keessa namoota hin dubbannees hubattu...!
hordoftootaa fi jaalatamtoota kootiif gammachuu gaddi keessa hin jirre,
milkii duubeen isaa hoongoo hin qabne...,
fayyaa dhibeen boodaan hin jirre naa kenniif... yaa Allaah...
🤲 Yaa Rabbi hanga isaan siif sujuuda godhaniin... atis isaan gammachiisi; isaaniif araarami; rakkoo isaan keessa jiran hunda keessaa yaa Rabbi naaf baasi, haajaa isaanii hunda naaf gahiit....

Rabbiif jecha isin jaaladha....
Rabbiin isin haa gammachiisu...
أسعد الله أوقاتكم....

👉 7000 members👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Meeqaa tam.... account namoota hedduu social media gubbatti abboonni irraa godaanannii... garuu ergaan isaan dabarsaa turan sun achumà gubbaa kan jiru.
Ergaan isaan dabarsanii you biraa deeman sun takkaa badii isaan boodatti haftu ykn sadaqaa jaariyaa isaaniif yaatu taatee teetti.
Kanaafuu waan barreessitanii fi waan namaaf share gootan irratti xiyyeeffannoo keessa uf galchaa...!

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Gammachuu.pdf
766.3 KB
Ulaagaalee Gammachuu 20.pdf
Gammachuudhaaf ulaagaaleen armaan gadii guutamuu qabu. isaanis:

1) Salaata kankee sirritti jabeeffachuu qabda...!
2) Ufiifis tahee, namoota biraatiifis seequun barbaachisaadha...!
3) Dalagaa kamuu yoo dalagdu Ikhlaasa qabaachuu qabda... Rabbiif jecha tahuudha...!
4) Yeroo hujitti bobbaatu... itti gaafatamummmaa kankee sirritti bahachuu qabda...!
5) Ufittis nama biraattis sehaa toluu qabda... ykn ilaalcha gaarii qabaachuufii qabda..
6) Namoota sitti dogoggoraniif dhiifama gochuu qabda...!
7) Yeroo namaaf dhiifama gootu, keessa keetirraa tahuu qaba. inumaa caalchistee galata ooluufii qabda...
ادفع بالتي هي أحسن...
8) Waan jaalatturraa kennadhu... uumaa fi uumamamtoot/ilma namaa birattis ni jaalatamtaa...
9) Dogoggora kee kaafadhuu.. hamma dandeetteen sirreeffachuu yaali...!
10) Ergaa yoo namaaf dabarsitu.. namatti laaffisuu qabda...!
11) Hin boonin... nama si caalu heddutu jira... kan hunda namaa caalu immoo kaaliqni si gubbaa jiraa...!
12) Haadhaa fi Abbaa keetitti tola ooluu qabda...!
13) Yoo jaalatte kan dhugaa nama jaaladhu... jaalala duniyaatii fi gaaddisa aakiraas akka argachuu dandeessu...!
14) Arraba kankee tikfadhu... cooraa fi qoosaa heddummeessuu irraa uf qusadhu...!
15) Qabeenya halaalaa horadhu.. uffata keessaa isa giddugaleessaa fi irra qulqulluu tahe filadhu...!
16) Jibbaa namaa irraa keessa kee qulqulleeffadhu...!
17) Gurra kee ykn irdii kee sadaqadhu... akka siif araaramu yoo barbaadde atis namaaf irra tari....!
18) Rabbiin irratti dhugamaan irkadhu... garuu hin fafakkeeffatin...!
19) Yoo namaan wal falamtu, beekkumsarratti hundaahi... beekkumsaan maletti gufuun namatti hin tahin...!
20) Wal dhibdeen akka jiru keessa kankee amansiis... garuu namaan Wal dhabuuf hayyamamaa hin tahin...!
✍️Ibro

Join& share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Qur'aana...

Hardha waa'ee qur'aana Rabbii isiniif barreessa....


irraa fayyadamaa, waliifis share godhaa....
Tokko akkana jedhe:

" Osoo qur'aanni jiraachuu baatee... silaa jiraachuu kootuu hin hawwu ture..."
@tafak_or
Obboleewwan koo... mi'aa qur'aanaa dhandhamtan jechuun... addunyaa tanarratti waan isa caala mi'aawu akka hin dhandhamne beekaa....!
.... 👇
@tafak_or
📖Qur'aana....

✍️ Qalbiin qur'aana hin qabne, mana ona waa takka uf keessaa hin qabneedha...!
Jireenyi duniyaa tuni qur'aanaan maletti ቅፉፊdha. gaafa Qur'aana qaraate qofa jireenya yaaddessaa san keessaa baata...!

Join&share👇
@tafak_or
Nuti ummata du'aa'ii malee waa takka harkaa hin qabneedha... Rabbii koo..! hoongoo keessaa nun galchin....
#Kasaartota...

Qur'aana keessatti garaagarumman jechoota kanneen lamaanii maali___?
#Kaasiruun/خاسرون fi #Aksaruun/الأخسرون.....Lamaanuu Kasaartota jechuudha.

Deebii👇
#Kaasiruun/خاسرون jechuun: Warra mataa isaanii qofa karaa dhugaa irra deemuu dide ykn irraa uf dhoorke...
Rabbiin qur'aana keessatti akkana jedhe:
أُولئِكَ الَّذينَ طَبَعَ اللَّهُ عَلى قُلوبِهِم وَسَمعِهِم وَأَبصارِهِم وَأُولئِكَ هُمُ الغافِلونَ لا جَرَمَ أَنَّهُم فِي الآخِرَةِ هُمُ الخاسِرونَ﴾*
[النحل: ١٠٨/١٠٩
#Aksaruun/الأخسرون jechuun immoo: Warra ufiifis dhugaa irraa maqanii, namoota birootis dhugaa irraa maqsaniidha.
Rabbiin qur'aana keessatti akkana jedhe:
الَّذينَ يَصُدّونَ عَن سَبيلِ اللَّهِ وَيَبغونَها عِوَجًا وَهُم بِالآخِرَةِ هُم كافِرونَ لا جَرَمَ أَنَّهُم فِي الآخِرَةِ هُمُ الأَخسَرونَ﴾* [هود: ١٩/٢٢]

Rabbitu beeka... 👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Du'aa'ii qur'aana keessaa tartiibaan..... dubbisaa....
1ffaa
- ﺭﺑﻨﺎ ﺗﻘﺒﻞ ﻣﻨﺎ ﺇﻧﻚ ﺃﻧﺖ ﺍﻟﺴﻤﻴﻊ ﺍﻟﻌﻠﻴﻢ، ﻭﺗﺐ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﺇﻧﻚ ﺃﻧﺖ ﺍﻟﺘﻮﺍﺏ ﺍﻟﺮﺣﻴﻢ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺁﺗﻨﺎ ﻓﻲ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﺣﺴﻨﺔ ﻭﻓﻲ ﺍﻵﺧﺮﺓ ﺣﺴﻨﺔ ﻭﻗﻨﺎ ﻋﺬﺍﺏ ﺍﻟﻨﺎﺭ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺃﻓﺮﻍ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﺻﺒﺮﺍ ﻭﺛﺒﺖ ﺃﻗﺪﺍﻣﻨﺎ ﻭﺍﻧﺼﺮﻧﺎ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻘﻮﻡ ﺍﻟﻜﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻻ ﺗﺆﺍﺧﺬﻧﺎ ﺇﻥ ﻧﺴﻴﻨﺎ ﺃﻭ ﺃﺧﻄﺎﻧﺎ، ﺭﺑﻨﺎ ﻭﻻ ﺗﺤﻤﻞ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﺇﺻﺮﺍ ﻛﻤﺎ ﺣﻤﻠﺘﻪ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﺬﻳﻦ ﻣﻦ ﻗﺒﻠﻨﺎ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻭﻻ ﺗﺤﻤﻠﻨﺎ ﻣﺎ ﻻ ﻃﺎﻗﺔ ﻟﻨﺎ ﺑﻪ ﻭﺍﻋﻒ ﻋﻨﺎ ﻭﺍﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﻭﺍﺭﺣﻤﻨﺎ ﺃﻧﺖ ﻣﻮﻻﻧﺎ ﻓﺎﻧﺼﺮﻧﺎ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻘﻮﻡ ﺍﻟﻜﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻻ ﺗﺰﻍ ﻗﻠﻮﺑﻨﺎ ﺑﻌﺪ ﺇﺫ ﻫﺪﻳﺘﻨﺎ ﻭﻫﺐ ﻟﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﺭﺣﻤﺔ ﺇﻧﻚ ﺃﻧﺖ ﺍﻟﻮﻫﺎﺏ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻚ ﺟﺎﻣﻊ ﺍﻟﻨﺎﺱ ﻟﻴﻮﻡ ﻻ ﺭﻳﺐ ﻓﻴﻪ ﺇﻥ ﺍﻟﻠﻪ ﻻ ﻳﺨﻠﻒ ﺍﻟﻤﻴﻌﺎﺩ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻨﺎ ﺁﻣﻨﺎ ﻓﺎﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﺫﻧﻮﺑﻨﺎ ﻭﻗﻨﺎ ﻋﺬﺍﺏ ﺍﻟﻨﺎﺭ.
- ﺭﺏ ﻫﺐ ﻟﻲ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﺫﺭﻳﺔ ﻃﻴﺒﺔ ﺇﻧﻚ ﺳﻤﻴﻊ ﺍﻟﺪﻋﺎﺀ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺁﻣﻨﺎ ﺑﻤﺎ ﺃﻧﺰﻟﺖ ﻭﺍﺗﺒﻌﻨﺎ ﺍﻟﺮﺳﻮﻝ ﻓﺎﻛﺘﺒﻨﺎ ﻣﻊ ﺍﻟﺸﺎﻫﺪﻳﻦ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺍﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﺫﻧﻮﺑﻨﺎ ﻭﺇﺳﺮﺍﻓﻨﺎ ﻓﻲ ﺃﻣﺮﻧﺎ ﻭﺛﺒﺖ ﺃﻗﺪﺍﻣﻨﺎ ﻭﺍﻧﺼﺮﻧﺎ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻘﻮﻡ ﺍﻟﻜﺎﻓﺮﻳﻦ

2ffaa👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/27 21:27:56
Back to Top
HTML Embed Code: