Telegram Web Link
#Dubbiseeti....
Hariiroo ilma namaa keessatti Wal hubachuun waa hundaa olitti ijoodha...!
Nama sin hubanne wajjiin jiraachuu goonkumaa hin dandeessu...! Nama kallattii hin taanetti si hiiku...!
Nama qalbii Kee fi waan qalbii Kee keessa jiru hubachuu hin dandeenye wajjiin ati tasgabbii hin argattu....!
Kanaafuu... kophaa kee jiraachutu irra siif bareeda....

Kophaa kee jiraattee waan keessa keetitti dhagahamu dhokafachutu, nama wajjiin jiraattee kallattii ati hin yaannetti si fudhachuu irra siif gaariidha....!
@Ibro

Join 👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Fetah... 😂

Jaalala jechuun kan qulfii qabu kana....
itti cuftee furtuu gatta... achi booda hanga dhumaa tura... 😂

https://www.tg-me.com/tafak_or
Hardha jechoota Afaan Arabaa... hanga 10 isin barsiisuuf deema.... na eegaa...



Share.... @tafak_or
#Al-ajazu/العجز& #Alkasalu/الكسل
Jechoota walitti dhihaatan... (dadhabbii fi ceem'aa)....
👇
👉 Fedhii dhabuu irraa ykn keessi kee hayyamamaa tahuu dhabuu irraa kan maddu yoo taate... #Alkasal/الكسل jedhama...!
👉 Dandeettii dhabuu ykn laafinna irraa yoo kan maddu taate... #Al-ajaz/العجَز jedhama...

Join👉 @tafak_or
@tafak_or
#Aljubnu/الجبن&
#Albuklu/البخل... Jechoota walitti dhihaatan lamaan...:
(Luynummaa/Jubnii fi Dondhummaa/Buklii....)

👉 Qaama Rabbiin siif kenne arjoomuu dhabuun Jubnii/الجبن jedhama...!
👉 Qabeenya Rabbiin siif kenne baastee arjoomuu dhabuun Buklii/البخل jedhama...!

Join👇
@tafak_or
✍️#Taqriiz/تقريظ&
#Taqriid/تقريض
Faaruu/Taqriiza fi qeequu/Taqriida....( jechoota ollaa)


👇👇
👉 Humnaa ol nama faarsuu fi nama ililchuun Taqriiza/التقريظ jedhama....!!
👉 Humnaa ol nama qeequun ykn miilaan namarra deemuun immoo Taqriida/التقريض jedhama...!!

Join👇
@tafak_or
✍️ #Alwasab/الوصب&
#Annasab/النصب
{ Dhibee/Wasab fi Dadhabbii/Nasab... }



👇👇
👉 Dhibeen gar malee namatti jabaateen #Wasaba/الوصب jedhama....!
👉 Dadhabbiin gar malee namatti hammaates #Nasaba/النَّصب jedhama... !

Join👇
@tafak_or
«Jaartii ilkaan hin qabne » jechuun maal jechuudha mee Afaan arabaatiin_?




comment barreessaa
Aa'il/ عائل
( Hiyyeessa/Faqiira.... )


👇
قالَ اللهُ تعَالَى: ﴿وَوَجَدَكَ عَاۤئِلࣰا فَأَغۡنَىٰ﴾
{Hiyyeessa turte, Rabbiin si duroomse....)

@tafak_or
#Barii....!
Wanti hunduu barii wajjiin dhalata.... [ Barakaan; Abjuun; hamileen; milkaa'inni fi kkf...]
Seenaan kaleessaa dhumatee jira... seenaan guyyaa hardhaa immoo eegalee jira...
وعليك توكلنا يا كريم.....

Oolmaa gaarii qabaadhaa....!!
Join 👉 @tafak_or
#Eeyyan....!

Namoonni hirribaa dammaqxanii... nama nagaa bultee isiniin jedhu/text isiniif barreessu hin qabne hunduu Nagaa bultanii isiniin jechuu barbaada....!

Yeroo hundaa nagaa naaf jiraadhaa.... 👍
@tafak_or
#Addaan_baafadhaa....!!



👇
#Axxowlu/الطَّول&
#Axxuulu/الطُّول

Xowliin(طَ.....) Durummaa fi guddinnaan jedhama....
Xuuliin(طُ.....) Dheerinna waan tokkootiin jedhama....!

Join👇
@tafak_or
Rabbiin hangam takka akka ati isa galateeffattu si madaaluuf baldhisee siif kenna.. akkasuma hangam takka akka ati obsa qabaattu si qormaatuf si dhoorgatas....

👉 Warra obsee mindaa Rabbiin irratti hirreegatu Rabbiin nu haa taasisu....
أللهم اجعلنا من الصابرين المحتسبين.....

@tafak_or
#Hin_dagatinaa...

Namni : « Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, Lahul mulku; walahul hamdu; wahuwa Alaa kulli sheyin qadiir... » jedhe...
‏من قال: لاإله إلا الله وحده لاشريك له له الملك وله الحمد وهو على كل شيء قدير في يوم مائة مرة..

Wantoota armaan gadii kana argata. Isaanis:
‏كانت له:

1) likkii nama morma/nama kudhan bilisoomsee isaaf hirreegama...
‏١-عدل عشر رقاب
2) Hasanaa/toltuu dhibba tokkotu isaaf barraaha...!
‏٢-كتب له مائة حسنة
3) Hamtuu dhibba tokkotu irraa haqama...!
‏٣-محيت عنه مائة سيئة
4) Ganama sanirraa hanga lafti dhiitutti sheeyxaana irraa isa tiksiti...!
‏٤-كانت له حرزا من الشيطان يومه ذلك حتى يمسي
5) Nama isaa ol dalage malee... namni dalagaa isa caaltu dalage inuma hin jirre....!!
‏٥-لم يأت أحد بأفضل مما جاء إلا رجل عمل أكثر منه" متفق عليه

Bukhaarii fi muslimtu gabaase...

Share godhaa👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Abdul_eyniin beektuu....😂

« Innamaa Huwa Abdu Eynin/
إنّما هو عبد عين.....»
" Inni bar gabricha ijaati...."

🫵 Nama fakkeeffatuu fi mumuldhifachuu jaalatu...nama yoo ijji namaa itti baay'atte malee ykn 📸 malee hin mirqaanneen #Abdul_eyni jetti ummanni Arabaa...

Join👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/28 07:29:23
Back to Top
HTML Embed Code: