Telegram Web Link
#Gorsaaf.....!!

โœ Memoryn sammuu keetii virus guutee yoo jiraate, dafii keessaa format godhi.. yoo kan akkasitti dhiistu taate deemee sagantaa kankee gaggaarii si jalaa balleessuu waan danda'uuf....;
โœ Maal qaba osoo waan keessa keenya miidhaa; waan miidhaa malee bu'aa nuuf hin qabnee fi waan jireenya keenya keessatti hiika hin qabne, keessa keenyaa haqnee... mee maalumatu nurraa bada..?!
Fakkeenyaaf...;

๐Ÿ‘‰ Mudannoo bira dabarre, kan Akka malee nu madeesse yaadachuu irraa uf qusachuu...!
๐Ÿ‘‰ Miira nama miidhu keessa galuu dhabuu ykn daftee keessaa bahuu...!
๐Ÿ‘‰ Aadaa fokkataa irraa uf fageessuu...!
๐Ÿ‘‰ Waanyoo, jibbaa fi hinaaffaa nun fakkaanne, tan nu keessaa dhangalaatu.. irraa fagaachuu...!
๐Ÿ‘‰ Hiriyyaa gatiin qabne ufirraa hirdhisuu....
๐Ÿ‘‰ Namoota yeroo hedduu -negative yaadan irraa fagaachuu...!
๐Ÿ‘‰ hariiroo miidhaa malee bu'aa hin qabne keessaa bahuu...!
๐Ÿ‘‰ Waan jireenya Kee keessatti si rifachiisuu fi si gaddisiisu hundarraa uf fageessuu....!!

โœ Keessa keenya eeguu fi keessa keenya qulqulleessuun bilbila keenya qulqulleessuu caala nu barbaachisa....!!๐Ÿ‘‡

โœ Waan gaarii lubbuu keetiiif dabarfadhu.... waan jireenya Kee booressaa irraa uf qusadhu...!!
@Ibroo.....

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
Fala barbaada...?

๐Ÿ“ž Faaris Ibraahimiin irraa mallaqa qabaachuu himate. Ibraahim ammoo mallaqa Faarisiif deebisuu/kafaluu irratti Ragaa dhiheeffate. Faarisis mallaqa naan deebifnee irratti Ragaa dhiheeffate.... kan eennuuttu fudhatama qaba___?
Anonymous Poll
60%
A) Ibraahim ....
50%
B) Faaris...
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
Fala barbaada...?

๐Ÿ“ž Faaris Ibraahimiin irraa mallaqa qabaachuu himate. Ibraahim ammoo mallaqa Faarisiif deebisuu/kafaluu irratti Ragaa dhiheeffate. Faarisis mallaqa naan deebifnee irratti Ragaa dhiheeffate.... kan eennuuttu fudhatama qaba___?
@Deebiin.....

โœ Nama mallaqa sirraa qaba jedhe tokko... mallaqa isaa deebisuu keetiif Ragaa gahaa yoo qabaatte... ammas sirraa qaba jedhee ragaadhaan yoo si himate....
Ragaan nama si himate kanaa, hanga mallaqni inni ittiin si himate Kun, kan ati kafale jettu sanaan adda tahuu isaa ragaa dhiheeffatutti....hin qeebalamu.
@Maaliif_?
Ati bilisa tahuun kankee, erga Ragaa dhiheeffattee booda Yaqiina... garuu himanni isaa waa lama fakkaata...;
๐Ÿ‘‰ Mallaqa dura sirraa qabus ni fakkaata; mallaqa biraas waan si himatu fakkaata....kanaafuu kankee Yaqiina...kan isaa shakkiidha jechuudha...!!
Deebiin A)dha....!

Share ๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
๐Ÿ“ž Firummaan gidduu Nabiyyallaahi Ya'aquubii fi gidduu Nabiyyallaahi Ibraahim (Aleyhimassalaam) jiru maali_____?
Anonymous Quiz
30%
A) Ya'aquub Akaakayyuu Ibraahim (Aleyhimassalaam)
64%
B) Ibraahim Akaakayyuu Ya'aquub (Aleyhimassalaam)
5%
C) Firummaa hin qaban...
@Guyyaa_gaarii

โœ Dubbiin gaggaariin ati dubbattu ykn barreessitu dhiibbaa guddaa qaba....!
โœ Dhiifamni atin nama gaafattu gatii guddaa qaba...!
โœ Nama hubachuun kankee naamusa ati qabdu garsiisa...!
โœ Dogoggora namni sitti dogoggore, akka nama hin garreetti Irra kutuun bilchinna Kee muldhisa....!!
โœ Miira namaa eeguun, miira namaa cabsuu dhabuun qarummaa kee muldhisa...!
โœ Jaalala tiksuun mataan isaatuu jaalala...!
โœ Wanti ati nama biraatiif gumaachitu,... deemee simatti deebi'a...!
โœ Hariiroon gaariin ati nama wajjiin jiraattu sun, bu'aa isaaniif buusu caala simaaf bu'aa buusa...!
โœ Wanti Normaalli ati dalagaa ooltu kamuu... maalummaa kankee ibsa...!

#Yaadachiisa; Bareedinna qabdu namarraa hin dondhoomin... ufillee qullaa haftaa....!

Hiriyyaa keetiif... ๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Falmii.... (@Seenaa_dhugaati)

โœ Osoo isheen elementary barattu fuudhe... inni yeroo sana ogeessa ijaarsa manaa/ginbenyaa ture...
Barumsa ishee barattee akka xumurtu hayyama godheef... ergasii isheenis barnoota qabxii gaarii galmeessuun kaamphaasii seente...

โœ Kaamphaasii akkuma seenteen, qabxii guddaa waan qabduuf... damee fayyaa barachuu eegalte... dafqa isaa irraa, waggaa torba guutuu kafaleefii barsiisaa ture.
โœ Garuu isheen eebbifamtee waggaa tokko booda, sadarkaan barnoota keenyaa Wal hin gitu waan taateef...Ani sin barbaaduu na xalaaqi jetteen..!

๐Ÿค” Ana kan gaafii natti tahe... badiin isaa waan utubaa taheefii; ufii miidhamee isii mataa ol qabeef moo ? ishimatu lafee yarattuu intalaati....?

โœ Namni hunduu deebii kana irratti Akka hirmaatu abdiin qaba... mee maaluma jettan....

๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
@Palestine..... Gaza...

Yaman.... (San'aan), biyyi goototaa, bifa kanaan Palestinef deeggarsa gooteef.....

Rabbiin isiniif haa tumsu....
๐Ÿ“ž Aanota armaan gadii keessaa Aanaan A'araaf/ุงู„ุฃุนุฑุงู jedhamu eessatti argama____?
Anonymous Quiz
23%
A) Makkaa fi madiinaa gidduu.
47%
B) Jannataa fi Azaaba gidduu.
21%
C) Gaara Uhudii fi gaara Nuur gidduu...
10%
D) Yamanii fi Shaam gidduu...
โœ Namni qur'aana homa takka qoma keessaa hin qabne, akka mana onaati....!

ุงู„ู„ู‡ู… ุงุฌุนู„ ุงู„ู‚ุฑุขู† ุฑุจูŠุน ู‚ู„ูˆุจู†ุง โค๏ธ
#Waliin_hin_ifaajin....๐Ÿ‘‡

โœ Waanyoodhaaf... yeroon gammachuu keetuu isa gaddisiisuun isaaf adabbii guddaadha....!

Share๐Ÿ‘‡
โž–โž–โž–@tafak_orโž–โž–โž–
2024/09/27 21:32:59
Back to Top
HTML Embed Code: