Telegram Web Link
#Eennuuf....?

โœ Barreeffama kana eennuuf barreessite jettanii nan gaafatinaa...!
โœ Barreeffamni koo nama waa dubbisuu fi nama barreeffamaaf bakka kennuudha.
๐Ÿ‘‰ yoo si biratti fudhatama qabaate simaaf barreesse, yoo si biratti fudhatama dhabde immoo; yoo kan sitti ulfaatu tahe nama biraatiif barreesse.
@Maaltu_beeka....;

๐Ÿ‘‰ dheebotaa hedduu dheebuu baasuu danda'a...
๐Ÿ‘‰ nama madaa hedduu qabu fayyisuu danda'a...
โœ Barreeffamni koo nama hundaaf malee, nama tokkoo fi lamaaf miti...
๐Ÿ‘‰ Warra qalbiin isaanii hoo'ite; ๐Ÿ‘‰ warra ilaalcha gaarii qabaniif; ๐Ÿ‘‰ warra dubbiin isaanii bareeduu fi.....warra jaalala namaatiif onnee isaanii keessatti bakka qaban hundaaf barreeffama...

โœ Miseensonni @Tafakkur Waan isiniin jedhu dhageessuuu...!!
๐Ÿ‘‰ Jaalalli an isiniif qabu hanga qubeen barraahe kanaan osoon taane, waan keessa koo jiru kan ani isiniif ibsuu dadhabetu caala...!!

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Gorsaaf....!

โœ Yoo akka tasaa baabura dogoggoraa yaabbatte, station ๐Ÿš‰ jalqabaatti bu'uuf yaali... maaliif beektaa____?
hammuma fagaataa deemtuun, gatiin deebiif kafaltus guddataa deema waan ta'eef...!

#tafak_or
@Salaata...

โœ Namni gariin ittiin boqatuuf, namni gariin immoo dafee irraa boqatuuf salaata...!
Yaa Rabbi warra boqonnaa ittiin fudhatu keessa nu oolchi...!!

@tafak_or
๐Ÿ‘‹ Ibaadaa keessatti Niyyaan gahee maalii qabdi_____?
Anonymous Poll
78%
A) Sharxiidha
25%
B) Rukniidha...
#Eeyyan....

โœ Lola hunda keessatti injifannoof hin yaalin... yeroo tokko tokko injifaannoo galmรฉessuu caala, booji'amtee qalbii booji'utu caalaa waan taheef....
โœ Dildila/Riqicha Irra deemtee ceete, bira dabre jettee akka hin gubne.. maaltu beeka gaafa tokko ittiin deebi'uuf jecha itti hajamuu dandeessaa...!!
โœ Dogoggora balaleeffadhu, garuu nama dogoggore jibbuu irraa uf qusadhu....!!
โœ Dilii takka yoo argite onnee keetirraa jibbi, garuu nama dilii dalaguuf Rahmata godhuu hin dagatin....!!
โœ Jecha dubbatame tokko qeequu dandeessa... garuu nama jecha sana dubbate kabajuun qabda..!

๐Ÿ‘‰ Gaheen kankee dhibamaa osoon taane... dhibee irratti duuluudha.... sii galee ....!!
@Ibro

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ #Ibnul_Jowziin (Rahimahullaah) akkana jedhan:

๐ŸŒท Gabrichi muslimaa tokko Ergamaa isaa irratti Salawaata buusee jennaan, Rabbiin...:
๐Ÿ‚ Qalbii isaa iimaanaan ibsa....,
๐Ÿ‚ badii isaa irra isaaf tara,
๐Ÿ‚ qoma isaaf baldhisa...,
๐Ÿ‚haajaa isaa hunda isaaf laaffisa...,

โœ kanaafuu hamma dandeettaniin Salawaata buusaa, maaltu beeka Rabbiin.....
warra karaa isaa irra deemu; nama sunnaa isaatti dalaguu fi guyyaa boruu Jannata keessatti ollaa isaa nama galu Rabbiin nu taasisuus mala...
๐Ÿ‘‰ Kuni tola ooltummaa Rabbiin keenya nurratti oole Alhamdulillaah...

ุตู„ู‘ูˆุง ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู‘ู…ูˆุง ุชุณู„ูŠู…ุง...๐Ÿƒ

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Kitaaba_baname....!

๐Ÿƒ Namni si dubbisuu hin dandeenye yeroo si kukkutu, tasumallee taatee miira aarii keessa akka hin seenne. Maaliif beektaa___?
situ jaalatee ufiin banameef waan taheef.....!

@tafak_or
๐ŸŒท Waa'ee Baatii @Rajab maal beektu mee__?

1) Baatii Rajab jechuun akka lakkoofsa hijraatti baatii amma keessa jirru, baatii 7ffaa irratti argamuudha.
@Rajab jechuun guddifamaa ulfeeffamaa jechuudha..
โœ Rajab maaliif Rajab jedhamee moggaafame__?๐Ÿ‘‡

Osoo islaamummaan hin dhufiniin duratti ummanni Jaahiliyyaa kabaja baatii kanaaf qaban irraa kan ka'e, baatii kana keessa Wal hin lolan ture ..
2) Baatiin Rajab baatii kabajaa fi ulfinnaan beekaman afran keessaa baatii takkaadha. isaanis;
Zul-qada, zulhijjaa, muharramii fi Rajabiidha....!!
3) Baatiiwwan amma maqaa isiniif dhahe kunniin, Baatiiwwan Rabbiin biratti sadarkaa qabaniidha.... baatii kana keessa Wal miidhuu fi badii adda addaa irratti bobba'uun garmalee jajjabaata....!
{ ูู„ุง ุชุธู„ู…ูˆุง ููŠู‡ู†ู‘ ุฃู†ูุณูƒู…....}
Badii dalaguu fi zulmiin baatii biroo keessas dhoorkamaadha... garuu Baatiiwwan afran kana keessa akka malee dhoorkamaadha...
4) Daangaa Rabbii kabajuun; Salaata irratti jajjabaachuun; waajibaata sirra jiru geessuun; dalagaa keeyrii irratti bobba'uun muslimni kamuu baatii kana kabajuu qabna.
5) Baatii Rajabaa qofa addatti kabajuu fi, isa keessa soomuu; halkan dhaabachuun Wal qabsiisee hadiisni tokkos hin jiru ...
Ramadanaaf guyyoota 56tu hafe.....
@6ffaaa.... itti fufa...

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Meeshaan kamuu qur'aana malee, yoo itti fayyadamuu dhiiste ni dooma/zaaga.... qur'aana garuu yoo qara'uu dhabde situ doomaa ykn zaagaa dhufa.....!!

ุงู„ู„ู‡ู… ุงุฌุนู„ู†ุง ู…ู† ุฃู‡ู„ ุงู„ู‚ุฑุขู†.....ุฃู‡ู„ ุงู„ู„ู‡ ูˆุฎุงุตุชู‡.....

@tafak_or
โœ Namni sammuun qabne maraattuu jedhama, namni qalbiin qabne hoo maal jedhama____?
Anonymous Poll
76%
A)______
38%
B)_______
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
โœ Mee hardha seera/qaa'idaa tokko jalatti ergaa guddaa isiniif dabarsuun fedha.... karaa salphaadhaan Akka fayyadamuu dandeessan... Seerri Kun maal jedha seetan.... ุงู„ูŠู‚ูŠู† ู„ุง ูŠุฒูˆู„ ุจุงู„ุดูƒ..... Yaqiinni shakkiidhaan hin deemu/bakkaa hin sosso'u jedha .... maalโ€ฆ
#Hiika_seeraa_kanaa?

@Yaqiina jechuun; waan sirritti sure ta'uu isaa shakkii tokko malee beektu tokko jechuudha...
@Shakkii jechuun immoo waan lama adda baafachuu dadhabdee... gidduu sanatti yaadaan deddeebi'uu jechuudha... Waan tokko argamuu fi argamuu dhabuu isaa giddutti shakkiin sitti argamuudha....!!
Kanaafuu....
@hiikni_isaa:
Waan jiraachuu isaa sure taatee beektu tokko, Sababa shakkiin si keessatti argameef jecha irraa hin sochootu....!
Yaqiinni waan humna qabu, shakkiin laafaadha humna hin qabu.... Yaqiinni kan bakkaa deemu Yaqiina isa fakkaatu ykn isatti qixxaatu qofaan....!!
Fakkeenyaaf....
๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
@Mashallaah.... jedhaa ...

โœ Ijoolleen armaan gaditti isin argitan kunneen hunduu obbolaadha; hunduu walirratti dhalatan; hunduu baratanii sadarkaa leenjisummaa gahanii jiru.... guyyaa boruu magaalaa Roobee, stadium maddaa walaabuu keessatti Eebba qaban.... irraan hafinaa....
1ffaa; Leenjisaa Bilaal Aadam
2ffaa: Leenjisaa Abdulhafiiz Aadam,
3ffaa: Leenjisaa Mus'ab Aadam
4ffaa; Leenjisaa Muhammaddiin Aadama....
ijoollee maqaa fi bifaanis, bira kutee guddinni isaanii bareedu kanneen naaf eebbisaa....

Namni ijoollee tana qaree akkanatti baase....
coach and judge instructor Imaaduddiin Sa'id Huseen....
https://www.tg-me.com/tafak_or
๐Ÿ‘‹ Namni wuduu'a qabu tokko wuduu'a diiguu isaa yoo shakke.....
Anonymous Poll
75%
A) Diigee jira... qulqulleeffachuu qaba.
30%
B) Wuduu'a qaba .....
@Ufitti_gaddi....!

โœ Yeroon Kee waa hundaafuu gahaadha, garuu qur'aana qofa siif hanqata....!!

@tafak_or
โœ Nama gadi bahee achi buuteen isaa dhabamee, garuu hin jiraa fi du'ee isaa hin beekne tokko hukmiin isaa maali____?
du'ee jira jettee qabeenya isaa dhaalta moo,... ? Sababni isaa hoo_____?
Anonymous Poll
41%
A) Gatii nama du'eetiin dhaalama..
63%
B) Hin jira waan taheef hin dhaalamu....
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
โœ Nama gadi bahee achi buuteen isaa dhabamee, garuu hin jiraa fi du'ee isaa hin beekne tokko hukmiin isaa maali____?
du'ee jira jettee qabeenya isaa dhaalta moo,... ? Sababni isaa hoo_____?
Deebiin isaa....

โœ Namni achi buuteen isaa dhabame tokko hanga gaafa du'ee fi jiraan isaa adda baafamutti, ykn hanga gaafa seera nama dhabamee guutuutti hin dhaalamu, jaartii isaatiinis adda hin baafamu....
Nama kana gaafa manaa bahu lubbuun jiraachuun isaa Yaqiina... garuu duuti isaa shakkii/mamii keessa nama galchee waan jiruuf gatii nama lubbuun jiruutu kennamaaf....

Deebi... B
@https://www.tg-me.com/tafak_or
Gaafa makkaan banamtu baay'inni muslimtootaa hangam ture_____?
Anonymous Quiz
23%
A) 8000
16%
B) 9000
61%
C) 10000
2024/09/27 23:22:40
Back to Top
HTML Embed Code: