Gurgurtaa daldala qinxaaboo boba'aa irratti daballiin taasifame.
Guyyaa har'a galgala sa'aatii 1:00 irra eegale gatiin naafxaa adii, keeroosiinii, boba’aa xiyyaaraa, naafxaa gurraacha salphaa fi naafxaa gurraacha ulfaataa irratti daballiin taasifamee jira.
Haaluma kanaan Liitira tokkoof:
➡️Beenzilli birrii 82.60
➡️Naafxaa adii birrii 83.74
➡️Keeroosiinii birrii 83.74
➡️Boba'aan xiyyaaraa birrii 70.83
➡️Naafxaa gurraacha salphaa 65.48
➡️ Naafxaa gurraacha ulfaataa birrii 64.22n ta'eera.

Gareen barattoota Itoophiyaa dorgommii “Huawei Tech for Good” injifate
Dorgommii naannawaa “Huawei Tech for Good” Morookootti gaggeeffame gareen Itoophiyaa sadarkaa 1ffaan injifachuun ibsame.
Dorgomtoonni biyyoota Afrikaa 17 irraa babba’an kan hirmaatan sagantaa leenjii teeknooloojii “Huawei CDC for the future 2024” Adoolessa 03 - 09, 2024 Moorookootti gaggeeffameera.
Itoopiyaan barattoota 10 yuunivarsiitiiwwan saddeetirraa baba’an kan hirmaachiste yoo ta’u, garicha keessaa barattoonni shan kan irratti hirmaatan dorgommii sadarkaa naannawaa “Huawei tech for good” irratti injifataniiru.
Baratoonni hirmaataan gareewwan 28’tti qoodamuun pirojektiiwwan dorgommii kan qopheessan yoo ta’u, gareen Itoophiyaa garee Moorookoorratti hirmaate of hordofsiisuun sadarkaa 1ffaan xumureera.
Haaluma kanaan Itoophiyaa fi Morookoon, dorgommii xumuraa idil addunyaa 2025 gaggeeffamuuf gara Chaayinaatti kan imalan ta’uun eerameera.

Itiyoo Telekoom gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2016 har'a dhiyeessee jira.
Hojii gaggeessaan olaanaa dhaabbatichaa aadde Firehiwot Taammiruu gabaasa dhiyeessuun ibsa kennaniiru.
Dhaabbatichi galii waliigalaa bara darbee yeroo walfakkaatun %21.7 ykn Birrii biiliyoona 16.7 ol guddisuun Birrii biiliyoona 93.7 argachuu isaa beeksiseera.
Akkasumas karoora %103.6 galmaan gahuu beeksiseera.
Dhaabbatichi lakkoofsa maamiltoota telekoomii bara darbee yeroo walfakkaataan %8.9n gara miiliyoona 78.3tti guddisuun karoora isaa %100.4 galmaan ga’eera.
Teeleekoomiin bara baajataa kana keessatti dandeettii bu’uuraalee telekoomii fi dijitaalaa guddisuuf maal hojjete?
- Tajaajila neetworkii 4G magaalotaa fi aanaalee dabalataa 124tti babal’isuun magaalota 4Gn itti argamu 300 irraa gara 424tti ol guddiseera.
- Baay’ina buufataalee 5G gara 189tti guddisuu akka danda’e eereera.
- Maamiltoota Telebirrii miiliyoona 47.55 geessuun karooraa isaa %107.8 galmaan gahuu beeksise.

Qormaanni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa har'a kennamu eegaleera.
Qormaanni kun Adoolessa 3-11/2016tti marsaa lamaan akka kennamu ni beekama.
Qormaanni marsaa jalqabaa barattoota saayinsii hawaasaaf Adoolessa 3-5/2016 ni kennama. Qormaanni Afaan Ingiliffaa fi Herregaa sagantaa qormaata guyyaa har'aatiin ni kennama.
Bara kana barattoonni 700,000 qormaata kutaa 12ffaa toora interneetii fi waraqaa irratti ni fudhatu jedhamee eegama.