Telegram Web Link
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธBOQONNAA SAMMUU๐Ÿง 
ใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธ
Gorsa Hayyootaa Irraa

โYoo dandeette beekaa ta'i, yoo kana godhuu dadhabde beekuuf xaarii, kana illee godhuu yoo dadhabde beekaa jaaladhu, sana yoo dhabde illee beekaa (Aalima) hin jibbiniโž. [Umar Ibn Abdul-Aziiz).

Abuu Bakris-Siddiiq (R.A) yoo dubbatan โWantootni saddeeti (8) bareedinnaโž jedhanii jiran Isaanis:-
โ“ตBareedinna hiyyummaa nama kadhachuu dhabuu dha.
โ“ถBareedinni jireenyaa qananii (jireenya badhaadhinaa) Allaahaa (S.W) galatonfachuu dha.
โ“ทBareedinni rakkoo Obsa.
โ“ธBareedinni beekusmaa namaa ibsuu danda'uu dha.

โ“นBareedinni beekumsaa namaa ibsuu danda'uu dha.
โ“บBareedinni beekaa of xiqqeessuu dha.
โ“ปBareedinni Allaahaa (S.W) Sodaachuu booyuu dha.
โ“ผBareedinni Salaata xiyyeeffannaan onnee sassaabuu (khushuu'i qabaachuu) dha.
Forwarded from Keyralumma
แŠจแŒ แ‰ขแ‰ฃแŠ• แˆแŠญแˆญ

แŠ แŠ•แ‹ฒแ‰ต แ‰ฃแˆแ‰ดแ‰ต แ‹•แ‹ตแˆœแ‹‹ แ‹จแŠแ‰ทแŠ• แ‹แ‰ แ‰ต แˆณแ‹ญแŒ‹แ‹ แŠฅแŠ•แ‹ฐ แ€แˆแ‹ญ แ‰ฐแ‹แ‰ฃแŠ“ แ‹ฐแˆแ‰ƒ แ‹ซแ‹ฉแ‹‹แ‰ต แˆฐแ‹Žแ‰ฝ แ‰ แŠแŒˆแˆฉ แ‰ฐแŒˆแˆญแˆ˜แ‹ แ‰ แˆแŠ• แˆแŠญแŠ•แ‹ซแ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฒแˆ… แ‹จแˆแŠซ แ‹แ‰ แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฐแ‰ฐแˆ‹แ‰ แˆฐแ‰ฝ แˆฒแŒ แ‹ญแ‰‹แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆšแŠจแ‰ฐแˆˆแ‹ แˆ˜แˆแˆณแˆˆแ‰ฝ

โžงแŠจแŠ•แˆแˆฎแ‰ผแŠ• แŠจแˆ€แ‰… แ‰ แ‰€แˆญ แˆŒแˆ‹ แ‰ƒแˆ แŠฅแŠ•แ‹ณแ‹ซแ‹ˆแŒก แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ
โžงแ‹ตแˆแ„ แŠ แˆ‹แˆ…แŠ• แ‰ แˆ›แˆตแ‰ณแ‹ˆแˆต แŠฅแŠ•แŒ‚ แ‰ แˆŒแˆ‹ แ‰ตแŠ•แแˆฝ แŠฅแŠ•แ‹ณแ‹ญแˆ แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ
โžงแ‹“แ‹ญแŠ–แ‰ผ แŠจแˆแˆ‹แˆ‰ แ‰ แ‰€แˆญ แˆแˆซแˆ™แŠ• แŠฅแŠ•แ‹ณแ‹ซแ‹ฉ แ‰ แˆ˜แŠจแˆแŠจแˆŒแฃ
โžงแŠฅแŒ„ แ‰ฃแˆˆแŠ แŠ แ‰…แˆ แˆˆแ‹ตแˆƒ แ‰ แˆ˜แˆตแŒ แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฒแ‹˜แˆจแŒ‹ แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ แˆˆแ‹แŠยฑ แ‰ แŠ แˆ‹แˆ… แˆ˜แŠ•แŒˆแ‹ต แŠฅแˆตแ‰ฒแ‰ƒแˆ› แŠฅแŠ•แ‹ฒแŠ–แˆซแ‰ธแ‹ แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ
โžงแˆแ‰ค แ‰ แŠ แˆ‹แˆ… แแ‰…แˆญ แŠฅแŠ•แ‹ฒแŒ แˆ˜แ‹ต แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ

โžง แŠ แŠฅแˆแˆฎแ‹ฌแŠ• แ‰ แŒฅแ‰ แ‰ฅ (แˆ’แŠญแˆ›) แŠฅแŠ•แŒ‚ แ‰ แˆžแŠžแ‰ฝ แŠ แˆตแ‰ฐแˆณแˆฐแ‰ฅ แŠฅแŠ•แ‹ฒแˆ˜แˆจแ‹ แ‰ฃแˆˆแˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ
โžงแˆแŠžแ‰ดแŠ“ แแˆ‹แŒŽแ‰ด แ‹จแŠขแˆ›แŠ• แˆแŒ“แˆ แŠฅแŠ•แ‹ฒแŠ–แˆซแ‰ธแ‹ แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแŠ“ แแˆ‹แŒŽแ‰ด แ‰ แˆ˜แˆซแŠ แŠจแŠ•แ‰ฑ แˆตแˆœแ‰ต แ‰ฃแˆˆ แˆ˜แˆ˜แˆซแ‰ด แŠแ‹ยป แˆฒแˆ‰ แˆ˜แˆˆแˆฑแกแก
โžงยซแŠ แˆ‹แˆ… แˆ†แ‹ญ แ‰ แŠ แˆณแ‹ˆแ‰…แŠจแŠ แŠฅแ‹แ‰€แ‰ต แ‰ฐแŒ แ‰ƒแˆš แŠ แ‹ตแˆญแŒˆแŠแกแก แ‹จแˆšแŒ แ‰…แˆ˜แŠแŠ•แˆ แ‹•แ‹แ‰€แ‰ต แŠ แˆณแ‹แ‰€แŠ แŠฅแ‹แ‰€แ‰ตแŠ•แˆ แŒจแˆแˆญแˆแŠแกแก แŠ แˆœแŠ•แกแกยป
โŠฑAbu Ubeeydaa Binu jarrahโŠฑ

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa
โŠฑAbu Ubeeydaa Binu jarrahโŠฑ

Kutaa 3๏ธโƒฃffaaโœ
Kutaa 2ffaa dubbisuu hubadhaa

Abu Ubeeydaan amanamummaa isaa irraa gaafa Rasuulli s.a.w daldaltoota Qureeyishii afaan haa bahaniif ergu, waraanaaf waan siinqii hidhu dhabee tamira qalqalloo takka qofa hogganaa waraanaa sanii; Abu Ubeeydatti kenne. Innis ani amiira jedhee nyaata san ofiif hin kaawwanne. Hundaafuu tamira firee tokko tokko qoodeefii sanuma akka ilmoon harma haadhaa xuuxattutti xuuxxataa, bishaan irratti dhuguun, Rabbiin Barakaa keessa kaaheefii, sunummaan nyaata guyyaa tokko kan ganamarraa hanga galgalaa taateef.

Guyyaa duula Uhudis yeroo ummatni muslimaa cabee mushiriktoonni โ€œgara Muhammaditti s.a.w na qajeelchaa! gara Muhammaditti s.a.w na qajeelchaa.โ€ jechuun iyyutti seenan, Abu Ubeeydaan tokkoo tuuta kurnan Rasuularraa s.a.w laphee isaaniitiin xiyya mushirikitootaa warra dhorkaa turan keessaa tokko.

Erga waraanni qabbanaahe booda Rasuula s.a.w uffanni lolaa kan sibiilaa irraa tolfame (kombortaan sibiilaa) jabeenna dhahaa kaafirtoota irraa dhonfoora isaa lameen waraanee, ilkaan (qarriffaan) isaa cabde arganiin.

Abu Bakris sibiila dhonfoora Rasuulaa s.a.w waraane harkaan irraa buqqisuuf itti siqnaan, Abu Ubeeydaan Rasuula s.a.w hin dhukkubaa sodaatee โ€œRabbiin si qabe! Anatu irraa buqqisaa naaf dhiisi.โ€ jedheen. Abbaan Bakriitis akkuma fedha Abu Ubeeydaa ni dhiiseef.

Abu Ubeeydaan sibiila Rasuula s.a.w konfoora waraane yoo harkaan buqqise Rasuula s.a.w laalessaaf sodaatee, ilkaan isaa tan fuulduraa lameenin cininna jajjabaa ciniinuun yeroo sossoosu, seerreen isaa duraa irraa cabde. Yeroo isa lammaffaas irraa buqqisuuf yaalus seerreen isaa tan hafte irra cabde. Akkasumatti sibiila dhonfoora lameen waraane irraa buqqise.

Abban Bakriis booda โ€œAbu Ubeeydaan irra bareedaa shergeeti.โ€ jechuun isa faarse.

Abu Ubeeydaan nama salphaa angodhaaf hin dheebonnee fi namoota birattis akkaan jaalatamaa ture. Yeroo Rasuulli s.a.w lubbuun jiranitti Abu Ubeeydaan hogganaa waraana guutuu ture. Kanuma keessa Rasuulli s.a.w ganda maqaan isii Balaa jedhamtu, tan haati Amri Binu-Aas keessa jiraattutti Amri Binu Aasin duula salaasilaatti hogganaa waraanaa godhuun erge.

Duula kanarratti Amris biyya haa cabsuuf itti ergame, tolaa fi gorsaan waan ummata toโ€™annaa jala oolchuu dadhabeef, lolaaf waraana dabalata barbaade. Rasuullis s.a.w Abu Ubeeydaa hogganaa waraanaa gochuun โ€œakka angoof wal hin dhabne.โ€ jechuun Abu Ubeeydaa dhaameefi gara Amrii waraana dabalataa erge.

Yeroo inni achi gahes Amri ati hogganaa narratti hin tatu jechuun dide. Abu Ubeeydaanis nama gadi of-qabaa waan tureef hoggansa Amrii dhiisee jalatti bulee, ummataanis akka salaatu eyyameef.

Bara bulchiinsa Abbaa Bakarii keessattis hogganaa hoggantoota waraanaa ture. Garuu Angoo tana diduun ofirraa buuse.


Kutaa 4ffaan itti fufa inshaallaah
Forwarded from Keyralumma
Bareedina Nabii ๏ทบ
Qophii Urjii Ahmad
Rabbiin Rasuula isaa ๏ทบ bareedina qaamaa isa uffise, Jaalalaa
fii sodaa, Kabajaa fii ulfina irratti darbe, fuulli Isaa ๏ทบ akka jiโ€™a
goobaneetti ifa.
Fuulli Rasuula Rabbii ๏ทบ akka aduu fii jiโ€™aatti ifa jaโ€™an warri isa
arguu fii isaa wajji jiraachuu badhaafaman.
Anas bin Maalik akkana jeโ€™a:
โ€œRasuulli ๏ทบ adii bareedaa haalaan ifu, hurkaan Isaa luโ€™luโ€™a
(faaya) fakkaata,โ€
Muslimtu gabaase.
Kaโ€™ab bin Maalik akkana jeโ€™a:
โ€œHoggaa Gammade fuulli Rasuulaa ๏ทบ ni ifa, akka waan muraa
ykn kutaa jiโ€™aati fakkaata.โ€
Hurkaan Nabii ๏ทบ shittoo adunyaa kanarra jiru hundarra
urgaawa. Fuulli isaa bareedinirraa ifaa biftuu fakkaata. Haalli
isaa tolinirraa Rabbiin โ€œyaa Nabiyyii kiyya ati haala fii amala
guddaa fii kabajamaa qabdaโ€ jeโ€™eenii isa faarse. Jaalallee
Rabbii taheeti filame. Mukaatu isa jaalalaaf booye. Dhagaatu
isa jaalatee irratti salaammate.
Anaa fii ati jaalala isaatiif isa yaannee booyuun nutti xiqqaate.
Adawwii isaa, warra isa arrabsu jibbuu, waan isaan omishan
bituu dhabuu, Nabiyyii Rahmataatiif tumsuun waajiba keenya.
Fidaaka Abii wa ummii yaa Nabiyallaah!
# ๏บ‡๏ปป _๏บญ๏บณ๏ปฎ๏ป _ ๏บ๏ปŸ๏ป ๏ปช
# Boycott_French_Products
Share godhi
KUTAA 1๏ธโƒฃ9๏ธโƒฃFFAA
BARNOOTA MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
Kuta 18fa dubisu Hubadhaa

0๏ธโƒฃ2๏ธโƒฃ GUDDINA RABBII BEEKUU  MAQOOLEE FI SIFAATA ISAA
BEEKUU:

โœบ Ammas Rabbiin ol taโ€™e guddina isaatirraa Waan hundaa beekumsaan marseera Waan hundaa lakkoofsa isaanii hubateera Dhageettuun isaa sagaleewwaan hundaa wal gaโ€™eera isarratti wal hin rukuttu Wal Isarratti hin fakkaatu Inumaayyuu wal dhabbii lughaa isheetiifi dhimmi ishee adda adda taโ€™uu waliin waca ishee hunda dhagaโ€™a Tokko dhagaโ€™uun tokkorraa isa hin shaagaltu Kadhaan baayโ€™achuun isa hin dogongorsiisu haasaan warra himataa arraba jallaa harka jallachuun dubbii isarratti waliin hin maku Agartuun isaa waan argamu hunda waliin gaโ€™e.

Deemsa mixii gurraattii halkan dukkana keessa dhagaa duudaa irra deemtus ni arga Ghaybiin (fagoon) isa biratti dhihoodha iccitiin isa biratti ifaadha wantoonni samiifi dachii keessa jiran hunduu isa kadhatuu inni yoomuu dhimma keessa jira Dilii araarama Gadda wahii fura rakkoo wahii saaqa Cabaa supha hiyyeessa duroomsa Jallataa qajeelcha Dhamaโ€™aa karaa akeeka Muddamaadhaaf birmata Beelaโ€™aa quufsa Daaraa (kan huccuu dhabe) uffisa Dhukkubsataa fayyisa Mokkoramaa nagaa taasisa Tawbaa qeebala Gaarii hojjataa mindeessa Miidhamaa tumsa Boonaa cabsa Qullaa haguuga Sodaataa nagaa godha Ummata wahii ol kaasa Kan biraa gadi taasisa Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii akka qalbii namicha hundarra Rabbiin sodaatuu taโ€™anii sun mootummaa isaa irratti homaa hin dabalu.

Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii akka qalbii namicha hundarra jallataa taโ€™anii sun mootummaa isaa irraa homaa hin hirโ€™isu Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii
jiraataafi duโ€™aan isaanii jiidhaafi gogaani isaanii dirree tokko irra dhaabbatanii isa kadhannaan hundaafuu kadhaa isaanii kennee sun waan isa bira jiru irraa hanga madaala atomiiyyuu hin hirโ€™isu Inni jalqaba isa dura isaa homaa hin jirreedha Dhuma kan booda isaatii homaa hin jirreedha Gubbaa isa kan isaa ol homaa hin jirreedha Keessoo kan duuba isaa homaayyuu hin jirreedha Inni khayriin isaa baayโ€™atee ol taโ€™ee irra haqa godhataa waan faarfameeti Warra gabbarame cufarraa kan haqa godhatuudha Irra caalaa warra galateeffatameeti Irra mararfataa waan mooโ€™eeti Irra arjaa warra kadhatameeti Inni mootii shariika hin qabneedha Tokkicha qixa hin qabneedha.

Of dandaโ€™aadha ilmoo hin qabu Ol taโ€™aa fakkii hin qabneedha Fuula isaa wanti hundinuu ni bada Mootummaa isaa malee wanti hundinuu ni dhabamti Eeyyama isaatiin malee ittiin hin bulamu Beekumsa Isaatiin malee hin fincilamu Ittiin bulamnaan ni galateeffata Diliin hojjatamnaan araarama Adabbiin isaa hunduu haqa Qananiin isaa hunduu tola isaati Irra dhihoo as jiruudha Dhihoo hubataadha Sammuus ni qaba Dalagaa hundaa galmeessa Beellama barreessa Qalbiin isaaf dhaqqabduudha Iccitiin isa biratti mulโ€™ataadha Kenni isaas haasaadhaani adabbiin isaas haasaadhaan Ajajni isaa yeroo waa tokko fedhe taโ€™i jechuudha Achumaan taโ€™a Haasaan Ibn Alqayyim asitti xumurame.


0๏ธโƒฃ3๏ธโƒฃ BARNOOTA SHARIโ€™AA BARACHUU:
โ—‰ inni barumsa isa isa argachuun gara sodaa Rabbiitiifi iimaanni dabaluudhaan nama dhaqqabsiisuudha.

Rabbiin ol taโ€™e ni jedhe gabroota isaa irraa kan Rabbiin sodaatu beektota qofa Iimaanni warra waa beekaniifi waa hin beeknee wal hin qixxaaโ€™u Akkamumatti namni shariiโ€™aa adda adda baasee beeku hiika shahaadatayniifi dirqama ishee waan duโ€™a booda jiru kan akka fitnaa qabrii cinqii dirraa mahshar dhaabbii Guyyaa Qiyaamaa qananii jannataa hikmaa shariiโ€™aan waan tokko halaala godhuufi haraama godhuu keessatti qabu seenaa Nabiyyii ๏ทบ fi gosa barnoota shariiโ€™aa kan biroo kan beeku isa amantiifi ahkaama isaa waan shariiโ€™aan waaโ€™ee ghaybii nuuf hime hin beekneen akkamitti iimaana keessatti wal qixxaaโ€™a! inni kun qoodni isaa jaaminaan nama biraa hordofuudha Wanti inni beekumsa irraa qabu xiqqoodha jedhi! Sila warri beekanuufi hin beekne wal qixxaaโ€™uu? (hin qixxaaโ€™u)
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธ๐š†๐™ฐ๐™น๐™น๐™ธ๐™ฝ ๐™น๐™ธ๐š๐™ฐ๐™ฐ๐™ฒ๐™ท๐š„๐š„๐™ต
โœ๏ธ๐™ฐ๐š–๐šŠ๐š•๐š˜๐š˜๐š๐šŠ ๐šƒ๐š˜๐š›๐š‹๐šŠ๐Ÿฝ ๐š”๐šŠ๐š—๐š—๐šŽ๐šŽ๐š— ๐š”๐š˜๐š™๐š‘๐šž๐š–๐š–๐šŠ๐šŠ ๐š๐š’ ๐š”๐š˜'๐šž๐š–๐š–๐šŠ๐šŠ ๐š’๐š›๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š‹๐š’๐š•๐š’๐šœ๐šŠ ๐š—๐šŠ๐š–๐šŠ ๐š๐š˜๐š๐š‘๐šŠ๐š—:

๐Ÿท.๐™ฝ๐šŠ๐šŠ๐š–๐šž๐šœ๐šŠ ๐š๐šŠ๐šŠ๐š›๐š’๐š’ ๐šš๐šŠ๐š‹๐šŠ๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž.
๐Ÿธ.๐š‚๐š‘๐šŠ๐š”๐š”๐š’๐š’ ๐š’๐š›๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š‹๐š’๐š•๐š’๐šœ๐šŠ ๐š๐šŠ'๐šž๐šž.
๐Ÿน.๐š๐šŠ๐š”๐š”๐š’๐š—๐šŠ ๐šž๐šž๐š–๐šž๐šž ๐š’๐š›๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š˜๐š ๐šš๐š˜๐šš๐šš๐š˜๐š‹๐šž๐šž ๐šข๐š”๐š— ๐š˜๐š ๐šš๐šž๐šœ๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž.
๐Ÿบ.๐™ฐ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š‘๐šŠ๐š–๐š’๐š•๐šŽ๐šŽ ๐š‹๐šŠ๐š•๐š๐š‘๐šŠ๐šŠ ๐š๐šŠ๐š๐šŠ๐šŠ๐š๐šœ๐šž๐šž.
๐Ÿป.๐™พ๐š‹๐šœ๐šŠ ๐šŠ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š๐š˜๐š๐š‘๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž.
๐Ÿผ.๐™ณ๐šŠ๐š—๐š๐šŽ๐šŽ๐š๐š๐š’๐š’ ๐™ฝ๐šŠ๐š–๐š˜๐š˜๐š๐šŠ๐šŠ๐š— ๐š ๐š˜๐š•๐š’๐š’ ๐š๐šŠ๐š•๐šž๐šž ๐š๐šŠ๐šŠ๐š›๐š’๐š’ ๐šš๐šŠ๐š‹๐šŠ๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž ๐š๐š‘๐šŠ.
๐Ÿฝ.๐™ฝ๐šŠ๐š–๐š˜๐š˜๐š๐šŠ ๐™ฐ๐š”๐š”๐šž๐š–๐šŠ ๐šŠ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š’๐šœ๐šŠ๐šŠ๐š—๐š’๐š’๐š๐š๐š’ ๐š’๐š๐š๐š’ ๐š–๐š’๐šŒ๐š‘๐š˜๐š˜๐š–๐šž๐šž ๐š๐š‘๐šŠ.
Forwarded from Kena
Mi'aa Milkaa'inaa fii obsaa.

๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ

โ€ข Miโ€™aa milkaaโ€™inaa, obsaa fi carraaqqi waliin dhandhaman.

Namni milkaaโ€™innaaf tarkaanfi jalqabe ni carraaqa. Namni carraaqu immoo ni obsa. Namni obse immoo In sha Allah ni milkaaโ€™a.
๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ

โ€ขYeroo rakkoo obsuuf waa lama of yaadachiisi.

~1ffaa: mindaa obsaan argamu- yommuu obsitu mindaa fi milkaa'inni guddaan si fuundura akka jiru abdadhu. Dhugumatti Rabbiin oltaโ€™aan ni jedha: โ€œWarri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.โ€ Suura Az-Zumar 39:10

๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ
~2ffaa: yoo obsuu dhiiste wanta dhabduu fi miidhaa sirra gahuu yaadadhu. Namni balaa isatti bu'eef yoo obsuu dhiise, kan duraan dhabe caalaa waan biraa dhaba. Akkasumas, miidhaa guddaa ofirraan geessa.


๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ
Gosoota Jihaadaa keessaa Muraasa

Jihaadin akkuma Mujaahidaa (Nama qabsoo godhuu) hunda sadarkaa fi akaakuun isaa adda adda.
โžงNafsee isaa irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
โžงShayxaana irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.

โžงDiinii isaa nan balleessa kan jedhu irratti jihaada (qabsoo) godhuu.

โžงMunaafiqoota irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
โžงQalamaan Jihaada (qabsoo) godhuu.
Abu Ubeeydaa Binu jarrah

SEENAA
Abu Ubeeydaa Binu jarrah
Kutaa 4๏ธโƒฃffaaโœ
Kuta 3fa dubisu Hubadha

Amiirri muโ€™mintootaa Umar bara bulchiinsa isaa garuu osoo Abu Ubeeydaan jiru nama tokkollee hogganaa isarrati hin tahu jechuun, hogganaa waraanaa kan seenaa islaamaa keessatti; yeroo hunda yoo maqaan isaa dhahamu, collee hogganaa waraanaa jedhamee kan faarfamu; Kaalid Binu Waliid akka angoo irraa buโ€™ee, Abu Ubeeydaan hoggansatti deebiโ€™u, xalayaa barreessee hoggansaaf isa ajaje. Abu Ubeeydaan ajaja Umer fudhatus yeroodhaaf hogganummaa isaa ifa hin goone. Waraana waliin hiriiree, Kaalid Binu Waliid jalumatti duulu fi ajaja Kaalidiin lolaa ture.

Kaalidis erga lola itti marsee jiru cabsee booda, Angoo Abu Ubeeydaaf Umariin laatame dhagahe. โ€œRabbiin siif haa araaramu! yaa Abu Ubeeydaa hogganaa kiyya taatee osoo jirtuu, akkamiin na jalatti bulta? Akkamittis na duubaan salaatte?.โ€ jedheen. Abu Ubeeydaanis โ€œRabbiin siifis haa araaramu! Ani angoo addunyaa hin fedhu. Addunyaafis hin dalagu. Nuti ganda cinnanni hin jirreef, dalagna. Nuti obboleewwani. Warra Islaamummaa Rabbiitiin dhaabbatu. Obboleessi immo obboleessa isaa jalatti buluun addunyaa fi amantii isaa keessattis waa isa hin miitu. Inumaahu kan ajajuttuu, kan jalatti bulantuu mokkoraa fi dogongoratti dhihaataadha.โ€ jedheeni Of-gadi qabiinsa Rabbiif qabuu fi angoo barbaaduu dhabuu isaa waraana hundaaf fakkenya taโ€™ee, waraana isaa waliin jiru boochise. Kanaafis hoggantoonni jajjaboo fi goototni hundi Abu Ubeeydaa ofirratti ajajaa gochuuf dheebotaa turan.

Bara bulchiinsa Abbaa Bakrii keessattis Kaalid Binu saโ€™iid obboleyyan isaa, dardarran naannawaa fi nama gosa isaa irraa tole isa jedhe, hundaa walitti qabee Abbaa Bakritti dhaqee โ€œani karaa Rabbii keessatti mushriktootaan hanga dhumanitti hogganummaa Abu Ubeeydaa jalatti loluuf waadaa siif seena. Ani Yazid binu abi Sufiyan ilma adeeraa kiyyaa hedduu jaaladha. Garuu Abu Ubeeydaa obboleessa koo kan aakiraa jalatti miseensa waraanaa taโ€™ee loluu filadha jaaladha.โ€ jechuun hoggantummaa ilma adeeraa isaa irra kan Abu Ubeeydaa filatuun, gosa isaa wajjiin hoggantummaa Abu Ubeeydaa jalatti duulu filate.

Muโ€™aaz Binu Jabal kan Rasuulli s.a.w โ€œAti irra beekaa nama kiyyaati haraamaa fi halaala keessatti.โ€ jedhaniin, yeroo tokko gurbaan biyya Shaam irraa tahe tokko, miidhaginna islaamni qabdu osoo haasawan, Kaalid binu Waliidi fi Abu Ubeeydaa dubbima keessatti yeroo wal-madaalchisu โ€œKaalidituu caala!.โ€ kan jedhee dubbatu dhagahe. Yeroma kana Muโ€™aaz miira dallansuutin kaโ€™ee โ€œsila Abu Ubeeydaa fi Kaalid Binu Waliid wal-madaalsistaa? Rabbiin kakadhaa! Abu Ubeeydaan irra caalaa nama dacheerra deemuuti.โ€ jechuun ragaa bahef.

Ummatni Shaamii hedduun erga isaalmummatti seenan, caaliinsa Abu Ubeeydaa, Kaalidirra hoganummaa isaa waan filataniif, yeroo dubbatan akkana jechuun ragaa bahu. Abu Ubeeydaan obsaa fi tarkaanfii fudhatuu keessatti suuta deema, nama qoma baldhatu, nama amaanaa eeguu fi dhugaa dubbatu, lola irra nagaha jaalataa dha.

Gochi isaa kun warra Shaami biratti nama hundarra isa caalsiftee, waa hundaanuu gama isaatti nu deebiste. Waa hunda keessatti malaan deemaadha. Dhiiga jiigsuun durattis mala, ogummaa fi gara laafitin ofitti nama qabee nama waama. Kanaanis dhiiga ummata hedduu tiksee jira. Kunis duultota biratti hogganummaaf hoggantoota biroo irra, isa jaalatamsiisee isas filatamsiisee jira.

Walumaa galatti Abu Ubeeydaan hogganaa hoggantootaa fi ajajaa ajajtootaa tahuun beekkamee jira.

Ergamaa s.a.w wajjiinis eegala ergamsa isaa irraa hanga duโ€™a isaatti duula inni duule hunda duulee, Guyyaa saqifaas Abba bakrii filatan Umer Bakka Abu Ubeeydaan Rasuula s.a.w biratti qabu waan beekuuf, harka kee naaf diriirsi baallama siif seenaa kan Rasuulli s.a.w โ€œummata hundaafuu amanamattuu jira. Amanamaan ummata kiyyaas sihi, kan siin jedhu dhagahe.โ€ jedheen. Abu Ubeeydaanis nama angoodhaaf dheebotu waan hin tahiniif โ€œani nama Rasuulli s.a.w ummataaf imaamaa godhate, akkamitti imaama, dura buโ€™aa taโ€™ee dura dhaabadha. Akkamitti isa salaachisa.โ€ jechuun dide.. Kuta 5fan iti fufa I.allaah..
ู‚ุงู„ ุงู„ู†ู‘ูŽุจููŠู‘ู ๏ทบ ‏

ู…ูŽู†ู’ ูŠูุฑูุฏู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุจูู‡ู ุฎูŽูŠู’ุฑู‹ุง ูŠูููŽู‚ู‘ูู‡ู’ู‡ู ูููŠ ุงู„ุฏู‘ููŠู†ูุŒ ูˆูŽุฅูู†ู‘ูŽู…ูŽุง ุฃูŽู†ูŽุง ู‚ูŽุงุณูู…ูŒ ูˆูŽุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ูŠูุนู’ุทููŠุŒ ูˆูŽู„ูŽู†ู’ ุชูŽุฒูŽุงู„ูŽ ู‡ูŽุฐูู‡ู ุงู„ุฃูู…ู‘ูŽุฉู ู‚ูŽุงุฆูู…ูŽุฉู‹ ุนูŽู„ูŽู‰ ุฃูŽู…ู’ุฑู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ู„ุงูŽ ูŠูŽุถูุฑู‘ูู‡ูู…ู’ ู…ูŽู†ู’ ุฎูŽุงู„ูŽููŽู‡ูู…ู’ ุญูŽุชู‘ูŽู‰ ูŠูŽุฃู’ุชููŠูŽ ุฃูŽู…ู’ุฑู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ‏"

โ€Œโ€Œ‏

Narrated Muawiya:

I heard Allah's Messenger (๏ทบ) saying, "If Allah wants to do good to a person, He makes him comprehend the religion. I am just a distributor, but the grant is from Allah. (And remember) that this nation (true Muslims) will keep on following Allah's teachings strictly and they will not be harmed by any one going on a different path till Allah's order (Day of Judgment) is established."

Sahih al-Bukhari 71



โ—†โ”โ”โ”โ”โ”โ—†โƒโ—†โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ—†
Second Hadith

ุนูŽู†ู’ ุฃูŽุจููŠ ู‡ูุฑูŽูŠู’ุฑูŽุฉูŽ ู€ ุฑุถู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ู€ ุฃูŽู†ู‘ูŽ ุฑูŽุณููˆู„ูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ู‚ูŽุงู„ูŽ ‏

‏ ู…ูŽุง ุฃูุนู’ุทููŠูƒูู…ู’ ูˆูŽู„ุงูŽ ุฃูŽู…ู’ู†ูŽุนููƒูู…ู’ุŒ ุฃูŽู†ูŽุง ู‚ูŽุงุณูู…ูŒ ุฃูŽุถูŽุนู ุญูŽูŠู’ุซู ุฃูู…ูุฑู’ุชู ‏"

Allah's Messenger (๏ทบ) said, "Neither do I give you (anything) nor withhold (anything) from you, but I am just a distributor (i.e. Qasim), and I give as I am ordered."


Sahih al-Bukhari 3117

โ—†โ”โ”โ”โ”โ”โ—†โƒโ—†โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ—†
Forwarded from Muslim Speakers
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
BEST BIOGRAPHY OF PROPHET MUHAMMAD (PBUH)

Order Here ๐Ÿ‘‰ https://bit.ly/3pzL5Nt
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธBOQONNAA SAMMUU๐Ÿง 
ใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธ


Sadaqaah

Ergamaan Allaahaa (S.A.W) akkana jedhan:-
โžฏNamni cinqiiwwan addunyaa tanaa keessaa Mu'imina tokko irraa cinqii takkattii fure, Allaahaan (S.W) cinqiiwwan addunyaa dhufuu keessaa cinqii takka irraa fura.
โžฏNama rakkateef kan laaffise Allaahaa (S.W) addunyaa tanattis ta'ee addunyaa dhufutti isaa laaffisa.
โžฏNamni dogoggora (hanqinna) Muslimaa dhokseef Allaahaan (S.W) addunyaa tanattis ta'ee Aakirattis dogoggora isaa ni dhoksaaf.
โžฏAllaahaan (S.W) gabricha Isaa gargaaruu irraa duubatti hin deebii'u, yoo gabrichi Isaa Obboleessa isaa gargaaruu irraa duubatti deebi'uu baate. Beekumsa barbaacha karaa kan deeme Allaahaa (S.W) gocha isaa kanaan karaa gara Jannataa fidu isaa laaffisa.

Namootni manneen Allaahaa (S.W) keessaa tokko keessatti kitaaba (Qur'aana) Allaahaa (S.W) dubbisaa tokko kan biroo irraa barataa hin taa'anii:-
โžงIsaan irratti tasgabbiin kan bu'e.
โžงRahmatni Allaahaa (S.W) kan isaan marse.
โžงMalaa'ikootni kanneen isaan marsan.
โžงAllaahaan (S.W) Isa bira kanneen jiran (jiraattota Samiiwwanii) wajjiin isaan kan faarsu yoo ta'e maleeโž.
โžฏโNama gochi isaa duubatti isa harkise, sanyiin isaa (sanyii beekamaa irraa ta'uun isaa) isa hin ariifachiisu (gara fuul-duraa isa hin tarkaanfachiisu)โž jechuu isaanii Abuu Hurayraan (R.A) dabarsanii jiru. [Muslimtu Gabaase].
WALLAANSA DADHABINA
IIMAANAA
KUTAA 2๏ธโƒฃ0๏ธโƒฃFFAA
Kuta 19fa dubisu Hubadha

04 WAL GAโ€™II BEEKUMSAA KEESSA TAAโ€™UU: INNI IMMOO IIMAANA DABALCHIISA.
Kunis sababni isaa hedduudha Tokko zikrii Rabbiitu achi keessatti argama Rahmatatu taaโ€™ichicha haguuga Tasgabbii qalbiitu itti buufama Maleylkaan warra zikrii jedhan ni marsiti Rabbiin maleykaa ol aanoo keessatti isaan dubbata.
Isaaniin maleykotatti dhaaddata Dilii isaanii isaaniif araarama Kun immoo hadiisowwan sahiiha keessatti dhufeera Ergamaan Rabbii ๏ทบ ni jedhan: โ€œummanni wahii taaโ€™anii Rabbiin zakkarraan maleykaan isaan marsitee rahmanni isaan haguugdee tasgabbiin qalbii isaan irratti buutuufi Rabbiin warra Isa biraatti isaan dubbatu malee hin hafu.โ€ Muslimtu gabaase.

Sahl bin Alhanzalaa irraa odeeffamee  ni jedhe Ergamaan Rabbii ๏ทบ ni jedhan: โ€œummanni wahii zikrii Rabbii irratti
walitti qabamanii yeroo irraa adda bahan โ€˜haala isiniif araaramameen kaโ€™aaโ€™ jedhaman malee hin hafanuโ€ Sahiih Aljaamiโ€™iin keessa jira Ibn Hajar Rabbiin isa haa mararfatuu ni jedhe โ€œzikrii Rabbii jedhamee dubbatamee waan inni dirqama godheen yookiin itti kakaaseen hojjachuu akka Qurโ€™aana qaraโ€™uu hadiisa
qaraโ€™uu ilmii barachuu faโ€™iโ€ Fat-hul baarii keessa jira. Akka bakka barnoota shariiโ€™aa iimaana dabalu kan akeeku hadiisa imaamu Muslim gabaaseedha
Hanzalaa Al-asadii irraa odeeffamee  ni jedhe: Abuu Hanzalaan munaafi qoomeera Nabiyyiin ๏ทบ jedhe. Rabbiin qulqullaaโ€™e! maal jettabboo?โ€™ jedhe. Nan jedhe: โ€˜Ergamaa Rabbii ๏ทบ bira yeroo jirru jannataafi ibiddaan nu yaadachiisa. Oggas akka waan nuti ishee argaarruu
fakkaata Yeroma Ergamaa Rabbii ๏ทบ biraa baanu niitolii ilmaaniifi jireenyaan wal makannee hedduu isaa dagannaโ€™ Abuu Bakriinis โ€˜wallaahii nutis waanuma
akka kanaatu nu qunnamaโ€™ jedhe. Aniifi Abuu Bakriin deemnee Ergamaa Rabbii ๏ทบ irra seenne. Nan jedheen: โ€œyaa Ergamaa Rabbii Hanzalaan munaafi qoomeera.โ€ Ergamaan Rabbiis ๏ทบ โ€œmaaliif inni?โ€ jedhan. Nan jedhe: โ€œyaa Ergamaa Rabbii ๏ทบ yeroo si bira jirru
jannataafi ibiddaan nu yaadachiifta. Oggas akka waan nuti ishee argaarruu fakkaata. Yeroma si biraa baanu niitolii ilmaaniifi jireenyaan wal makannee hedduu isaa dagannaโ€ Ergamaan Rabbii ๏ทบ ni jedhan โ€œIsa lubbuun kiyya harka Isaa jiruun kakadhee! Odoo akka yeroo
na bira jirtanu taatanuurraafi zikrii irra turtanii silaa maleykaan firaasha keessan irrattiifi karaa keessan keessatti harka isin fuuti ture. Garuu yaa Hanzalaa
yeroo yeroodha. Siโ€™a sadi jedhan.โ€ Muslimtu gabaase.

Sahaabonni zikriidhaaf jecha taaโ€™uu irratti baayโ€™ee xiyyeeffatu. Iimaana jedhanii isa waamus. Muโ€™aaz nama
wahiitiin ni jedhe: โ€œnuun taaโ€™i mee yeroo tokko amannaa.โ€ Sanadni isaa sahiiha.

05 HOJII GAARII BAAYโ€™ISUU
Sababa iimaana jabeessu keessaa kan biroo immoo hojii gaarii baayโ€™isuu yeroo isheedhaan fixuudha:

Kun immoo irra guddaa wallaansaati. Inni akkaan guddaadha. Buโ€™aan isaas iimaana jabeessuu keessatti akkaan guddaadha. Siddiiq kana keessatti fakkeenya guddaa taโ€™eera. Yeroo
Ergamaan Rabbii ๏ทบ sahaabota isaanii gaafatan โ€œisin irra harโ€™a eenyutu soomaa kaโ€™e?โ€ Abuu Bakriin โ€˜anaโ€™ jedhe. โ€˜Isin irraa harโ€™a eenyutu janaazaa hordofe?โ€™ jedhan. Abuu Bakriin โ€˜anaโ€™ jedhe. โ€˜harโ€™a isin irraa eenyutu hiyyeessa nyaachise?โ€™ jedhan. Abuu Bakriin โ€˜anaโ€™ jedhe. โ€˜Harโ€™a isin
irraa eenyutu dhukkubsataa gaafate?โ€™ jedhan. Abuu Bakriin โ€˜anaโ€™ jedhe. Ergamaan Rabbii ๏ทบ ni jedhan: โ€œwantoonni kun namoota keessatti walitti qabamanii jannata seenu malee hin hafu.โ€ Muslimtu gabaase.

Seenattiin kun akka Abuu Bakriin gosa hojii kamuu boojiโ€™achuu fi ibaadaa heddummeeffachuuf ariifatu akeeka. Yeroma gaaffiin akka tasaa Ergamaa Rabbii ๏ทบ irraa dhufu Abuu Bakriin kana hunda deebisuun yeroo isaa hojii khayriitiin guutameera jechuudha. Salafoonni hojii khayrii dabalachuufi yeroo isaanii ittiin fixuu keessatti sadarkaa guddaa gaโ€™aniiru. Fakkeenyi sanaa kan waaโ€™ee Hammaad bin Salamaa irraa odeeffamuudha. Abdurrahmaan bin Mahdii ni jedhe: โ€˜odoo Hammaad bin Salamaatiin bor duuta jedhamee hojiirraa homaayyuu idaโ€™uu hin dandaโ€™u.โ€™

Siyaru Aโ€™alamunnubalaaโ€™i waaโ€™ee hojii gaarii ilaalchisee Muslimni wantoota armaan gadii guutuu qaba

Kuta 21fan iti fufa i.allaah....
Forwarded from Keyralumma
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu kabajamtootaa hordoftoota keenya worroonni seenaan Abuu bakir siddiiq isin darbe kunoo kutaa 1ffaa rraa kaastanii amma kutaa 10ffaa tti argachuu dandeessu Liink gadii kana tuqaa

KUTAA 1๏ธโƒฃFFAA

KUTAA 2โƒฃFFAA

KUTAA 3โƒฃFFAA

KUTAA 4๏ธโƒฃFFAA

KUTAA 5๏ธโƒฃFFAA
Abu Ubeeydaa Binu jarrah

Sahaboota warra jannataan
gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

โŠฑAbu Ubeeydaa Binu jarrahโŠฑ
Kutaa 5๏ธโƒฃffaaโœ
Kuta 4fa dubisu hubadha


Erga Rasuulli s.a.w darbees Abuu Bakriin baallame isa wajjinis amaanaa Rasuulaa s.a.w bakkan gahufi diinii rabbii babaldhisuuf kufaa kaโ€™aa, buโ€™aa bahii hedduu keessa cehee jira. Erga Abu Bakar addunyaarraa godaanee Umar bulchaa tahes babaldhiinsa diinii islaamaa fi baniinsa magaalota hedduutif humna qabuu fi hin qabneen, tattaafatee aarsaa baayโ€™ee godhee jira. Ajaja bulchitootaas gaaf tokkollee jarri bulchitootaa miti jedhee, kan didu ykn akka murtaddootaa, ajaja ergamaa Nabi Mohammad s.a.w lubbuun hin jiru jedhee, arkaana islaamaa kan hirdhisu hin turre.

Abu Ubeeydan bara bulchiinsa Umar keessatti hogganaa waraanaa tahun gara suuriyaa (shaamii) deemun biyya sham bahaan hanga laga Furaatitti, bitaan hanga aasiyatti qabatee, Osoo babaldhisaa jiruu dhukkubni Xaaโ€™un (koleeraa) biyya inni itti duule seenee, ummata akka konkolaataa midhaan hamutti haame.

Bulchaan yeroo sanii Amiirri muโ€™mintootaa Umar waahee dhukkuba kanaa dhageennaan hatattamaan xalayaa barressee itti erge.

Qabiyyeen Xalayaa sanii.

โ€œHajaa guddoo sirraa duroomuu hin dandeenne takkattu na qabee; yoo xalayaan tiyya tun galgala si geette yaabbattu malee akka hin bariisifne, yoo ganama si geette immoo yabattu male akka aduu siratti hin seenne, sirratti kakadhe jira.โ€

Abu Ubeeydaanis akkuma xalayaa dubbiseen akka Umar waan hin olle (duโ€™arra) isa oolchuu fedhe, beekee miilli tiyya na haa baastu jedhee waraana isaa gatee lubbu isaa baraaruu hin deemne.

โ€œyaa Amiira muโ€™mintootaa hajaa ati narraa qabdu dhugumaan beekee jira. ajaja kee diduuf immoo dhiifama guddaan si gaafadha ani waraana koo asitti dhiisee, kophaa biraa deemuu hin fedhu. Quufa sammuu naaf hin kennu, Boqonnaa naaf hin horu, hanga Rabbiin murtii isaa fidutti waan jarri taโ€™an wajjiin taโ€™uu fedha. Yoo barreesasan tiyya tun si geette atis kakuu kee akka narraa kaaftuufi, hajaa tee na malee akka hikkattu fedha.โ€ jechuun xalayaa quuqa isaa ibsituuf barreessee waraanuma wajjiin duularratti duโ€™uuf haafe.

Umaris akkuma xalayaa isaa dubbiseen sagalee funyaaniin facaatuun hiqqifatae boohe. Warronni jabeenna booyinsa Umar xinxallanis โ€œAbu Ubeeydattu duโ€™ee?.โ€ jedhanii gaafataniin. Innis โ€œhin dune. garuu duโ€™atti kaluu jira.โ€ jedhen.

Abu Ubeeydanis yeroo muraasa keessatti dhibee xaaโ€™uniin qabamee itillee duโ€™aa tan nu hunduu irra ciisuuf deemnu irra ciise.


Kutaan 6ffaan itti fufa inshaa'llaah.....
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Assalamu 'Aleykum
Muhammad Nabina ๏ทบ
50 Million Views ๐Ÿ’› โœจ

thank you so much!

Download/Watch : ayisha.lnk.to/MuhammadNabina

#ayishaabdulbasith #indian #hijabi #peace #love #nasheed #50million #50mviews #Youtube #muhammad๏ทบ
KUTAA 2๏ธโƒฃ1๏ธโƒฃFFAA
WALLAANSA DADHABINA
IIMAANAA
Kutaa 20ffaa dubbisuu Hubadhaa

waaโ€™ee hojii gaarii ilaalchisee Muslimni wantoota armaan gadii guutuu qaba:

โœบ GARA ISHEETTI ARIIFACHUU:
โ—‰ Rabbiin ol taโ€™e ni jedhe:
โ€œGara araarama Gooftaa keessan irraa taโ€™ee fi gara jannata warra Rabbiin sodaataniif qophooftee kan balโ€™inni ishee akka samii fi dachii taateetti arifadhdaa.โ€ (Aali Imraan: 133).

โ€ข Ammas Rabbiin ol taโ€™e ni jedhe:
โ€œGara araarama Gooftaa keessan irraa taโ€™ee fi jannata balโ€™inni ishee akka balโ€™ina samii fi dachii taโ€™eetti wal dorgomaa. Isaan Rabbii fi ergamtoota Isaatti
amananiif qophoofte. Kun tola Rabbii kan Inni nama fedheef kennuu dha. Rabbiin abbaa tola guddaati.โ€
(Alhadiid: 21).

Wantoonni aayatoonni kun sahaabota biratti akeekan gara hojiitti ariifachuudhaaf bareechee kakaasa.


ุฎุฑุฌ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ๏ทบ ูุชูƒู„ู… ูู‚ุงู„: ุฅู† ู„ู†ุง ุทู„ุจุฉ ูู…ู† ูƒุงู† ุธู‡ุฑู‡ ุญุงุถุฑุง ูู„ูŠุฑูƒุจ ู…ุนู†ุง ูุฌุนู„ ุฑุฌุงู„ ูŠุณุชุฃุฐู†ูˆู†ู‡ ููŠ ุธู‡ุฑุงู†ู‡ู… ููŠ ุนู„ูˆ ุงู„ู…ุฏูŠู†ุฉ ูู‚ุงู„:ู„ุง ุฅู„ุง ู…ู† ูƒุงู† ุธู‡ุฑู‡ ุญุงุถุฑุงุŒ ูุงู†ุทู„ู‚ ูˆุฃุตุญุงุจู‡ ุญุชู‰ ุณุจู‚ูˆุง ุงู„ู…ุดุฑูƒูŠู† ุฅู„ู‰ ุจุฏุฑ ูˆุฌุงุก ุงู„ู…ุดุฑูƒูˆู† ูู‚ุงู„ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡: ๏ทบ ู„ุง ูŠู‚ุฏู…ู† ุฃุญุฏ ู…ู†ูƒู… ุฅู„ู‰ ุดูŠุก ุญุชู‰ ุฃูƒูˆู† ุฃู†ุง ุฏูˆู†ู‡ ูุฏู†ุง ู„ู…ุดุฑูƒูˆู† ูู‚ุงู„ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ๏ทบ
: ู‚ูˆู…ูˆุง ุฅู„ู‰ ุฌู†ุฉ ุนุฑุถู‡ุง ุงู„ุณู…ูˆุงุช ูˆุงู„ุฃุฑุถ ู‚ุงู„ ูŠู‚ูˆู„ ุนู…ูŠุฑ ุจู† ุงู„ุญู…ุงู… ุฃู„ู†ุตุงุฑูŠ:
ูŠุง ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ุฌู†ุฉ ุนุฑุถู‡ุง ุงู„ุณู…ูˆุงุช ูˆุงู„ุฃุฑุถ ู†ุนู…ุŒ ู‚ุงู„: ุจุฎ ุจุฎุŒ ูู‚ุงู„ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡: ู…ุง ูŠุญู…ู„ูƒ ุนู„ู‰ ู‚ูˆู„ูƒ ุจุฎ ุจุฎุŸ ู‚ุงู„: ู„ุง ูˆุงู„ู„ู‡ ูŠุง ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ุฅู„ุง ุฑุฌุงุกุฉ ุฃู† ุฃูƒูˆู† ู…ู† ุฃู‡ู„ู‡ุงุŒ ู‚ุงู„ ูุฅู†ูƒ ู…ู† ุฃู‡ู„ู‡ุง ูุฃุฎุฑุฌ ุชู…ุฑุงุช ู…ู† ู‚ุฑู†ู‡ ูุฌุนู„ ูŠุฃูƒู„ ู…ู†ู‡ู† ุซู… ู‚ุงู„: ู„ุฆู† ุฃู†ุง ุญูŠูŠุช ุญุชู‰ ุขูƒู„
.ุชู…ุฑุงุชูŠ ู‡ุฐู‡ ุฅู†ู‡ุง ู„ุญูŠุงุฉ ุทูˆูŠู„ุฉุŒ ู‚ุงู„: ูุฑู…ู‰ ุจู…ุง ูƒุงู† ู…ุนู‡ ู…ู† ุงู„ุชู…ุฑ ุซู… ู‚ุงุชู„ู‡ู… ุญุชู‰ ู‚ุชู„


โ€ข Hadiisa Muslim gabaase keessatti Anas bin Maalik irraa odeeffamee waaโ€™ee lola Badrii keessatti ni jedhe: yeroma Mushrikoonni dhihaatan Ergamaan Rabbii ni jedhan: โ€œgara jannata ballinni ishee samiifi dachii taโ€™eetti kaโ€™aa dhaabadhaa.โ€ Umeer bin Alhammaam Al-ansaariin ni jedhe: โ€˜yaa Ergamaa Rabbii jannata ballinni ishee samiifi ardiin qixxaattumoo?โ€™ โ€œEeyyeeโ€ jedhan. โ€˜Tole! Tole!โ€™ jedhe. Ergamaan Rabbii ๏ทบ โ€œjecha kee tole! Tole! Jedhu kana irratti maaltu si kaase?โ€ jedhan. Innis โ€œhomaa miti wallaahii yaa Ergamaa Rabbii! Warra ishee irraa taโ€™uu kajeellaadha malee homaa miti.โ€ Muslimtu gabaase.


แฏฝ ISHEERRA TURUU:
โ€ข Ergamaan Rabbii ๏ทบ hadiis Alqudsii keessatti Rabbii isaanii irraa fuudhanii ni jedhan: โ€œgabrichi koo sunnaadhaan natti
siqannaan isa jaaladhu malee hin hafu.โ€ Bukhaariitu gabaase.
Jechi kana irraa hin dabne irra turuu akeeka. Ammas Nabiyyiin ๏ทบ: โ€œhajjiifi umraa wal hordofsiisaa.โ€ Tirmiziitu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.

โ€ข Wal hordofsiisuunis irra turuu agarsiisa. Buโ€™uurri kun iimaana jabeessuu keessatti hundeedha. Waan xiqqoo turutu baayโ€™ee ciccitu caala. Hojii gaarii irra turuun iimaana ni jabeessa. Nabiyyiin ๏ทบ โ€˜hojii irraa isa kamtu gama Rabbiitti irra jaallatamaaโ€™ gaafataman.
โ€œIsheen hojii turteedha; odoma xiqqaatteeyyuuโ€ jedhan. Bukhaariitu gabaase.

Nabiyyiin ๏ทบ yeroo hojii wahii hojjatan ishee irra ni turu. Muslimtu gabaase.


Kutaa 22ffaan itti fufa insha'allaah.....
2024/07/01 09:38:21
Back to Top
HTML Embed Code: