Telegram Web Link
Hidhamuun Jawaar Mohaammad fi ajjeeffamuun Haacaaluu Hundeessaa yookan callisnu ta'e Oromoodhaf jalqaba Gabrummaa haaraati. Biyyi, gaggeessaan ykn qaamni kamiyyuu kan Hacee fi Jawaarif kabaja hinqabne Oromoo fi Oromiyaaf jibba malee homaa hinqabu. Qaamni Hacee ajjeesee, Jawaar hidhe diina dukkanaawaa uummata Oromooti. Biyya ykn gaggeessaa Jawaar fa'aa hinjaalanne, hinkabajne keessatti Oromoo salphatu malee Oromoon kabajamu hinjiru. Bara kana keessatti qofa miti, seenaa Oromoo jaarraa kanaa keessatti gochi jara kana lamaanirratti ta'e Oromoorratti godaannisa hamaa kaa'ee darbuuf jira. Qaama Jawaar hidhee Haacaaluu ajjeserraa gabrummaa dukkanaa malee bilisummaan ifaa goonkumaa hin eegamu hin yaadamu. Yaa Oromoo otoo kana caala sitti hindukkanaa'in dammaqi gochaadhan gad ba'ii dirree diinni si cabsuuf dhufetti argamii falmadhu!!!
An kan na yaachisu dhaloonni copy akkatti leenji'e kun booda Abbaa kitaabaa kitaaba isaarraa maqaa isaa haqee ka ifii irratti hin barreeyfatiniidha.

Waan irraa dubbifteefii waan irraa fidde jalatti ibsi maaloo😍
Kitaaba irraa yoo fuute "ergaa kana kitaaba akkanaa fii akkanaa irraahiin fuudhe" ja'iitii ibsi. Yoo channel nama biraa irraa fuute link channel irraa fiddee teetii wajjiin maxxansi.

Namni jacha nama biraa akkamitti akkatti ifitti amanamummaa guutuun akka waan ifii katabeetti maxxansa sa yaa dhiiroo.

waa maraafuu akkuma fadhettuu yoo tahe barreeyfama namaa copy goonee maxxansaa ooluun akka amala nuttin taane. Waan kitaa irraa dubbiftees ijo ijoo malee cufa barrreysaa hin oolin. Abbaan kitaaba san barreeyse gahee isaa bahate. Atiis yaada if keeysaa burqisiisii gahee kee bahadhu. Yoo kana dadhabde eenyumaa abbaa irraa fiddee wajjiin maxxansiitii faffacaasi santu gahee qixa sirriitiin bahachuudhaa.

Walumaa galatti caalatti wahuma nu keeysaa if keeysaa baasuurratti haa xiyyeeyfanuu.
✍
​Qabsaa'aa Oromooti' ofiin jedhee nama Lammaa Magarsaatin gantuu' jedhu biratti ABIY AHMED goota haqaati!! Qabsoo Lammaa Magarsaa wayyaanee cabsee Maqaleetti galchee, paartilee keenya addunyaarraa Finfinneetti deebise kan nu harkatti bittinneesee, Jawaar akka hidhamu, Haacaalun akka ajjeefamu, Oromoorratti waraanni akka labsamu godheyyuu cimina Abiyyii Ahmed otoo hintaane dadhabina paartilee siyaasa Oromooti. Lammaa jechuun nama kophaa isaa otoo firrii fi diinni dhagaa itti guuruu diina kaleessa ture fuuldura dhaabatee Oromoorraa cabsedha. Inni kaan haa hafuu karaan Paartileen keenya Boolerraan Finfinneetti galtan kun akkuma salphaatti seetuumii? Qeerroo meeqatu nyaatamee daaraa ta'ee, Lammaa fi Jawaarq ajjin jijjiirama san fidee, Injifannoodhan biyyatti isin galche. Erga galtanii hoo? Maalitti turtan ree? Inni kuun haa hafuu Har'umayyuu otoo ABIY aangoo gad lakkisee hooggantoonni keenya qophooftaniiree? Lammaa qeequu fi Jawaartu akkas godhe maal maali oduu malee qophooftaniiree? Hoogganaa kamtu Lammaa Magarsaa qeequf nu keessa jira mee? Otoo beektanii bar Lammaan nama barbaadee qe'eetti isjlin galchee barbaacha dhabedhaa? Lammaa barbaaduu qabduuyyuu bar! Lammaan haamilee keessanii, haamilee Oromootii bar! Har'a rakkoon siyaasa Oromoo Lammaadhan ala isin Oromiyaa jiraattanis dachaa ta'ee bar. Oromoodhaf hanguma Lammaa sanayyuu furmaata ta'aa hinjirtanii bar. Gochaadhan hinjirtanii bar. Kuni maalif? Otoo kuni jiruu Eenyutu Lammaa Magarsaa caalaa Oromoof fira ta'aree? Eenyu Lammaa caalaa haa barbaadamuree? nama gaddisiifnam! Ergaankoo qabsaa'ota Oromoo hunda caalaa, hooggantoota olaanoo siyaasa Oromoo keessa jirtan maraaf haata'u!!
Qoodni qabsaa'ota Oromoo wareegamanii fi mana hidhaa jiranii ummata keenya irraa yeroo dhumaatiif ajjeechaa fi hidhaa hambisuufiidha. Kana milkeessuufis isaan kuun lubbuu qaqqaalii ofii kennan, isaan kuun qaama hir'uu ta'anii jiruu fi jireenya itti dhaban, isaan kuun ammoo manneen hidhaa biyyattiin qabdu keessatti roorroo jajjabduu argaa jiran. Maarree yaa Oromoo warra nuuf of kennaniif nutis of haa kenninuu! Kanneen ajjeefaman galfachuu baannus warreen hidhaman qabsoo keenyaan manneen hidhaatii haa baafannuu!
Deeggarttootni nafxanyaa har'a namoota dirqiin hiriira baasuun dhaadannoo isaanii keessatti waan ajaa'ibaa dhagahe.
Wanti nama ajaa'ibu kuniis maali yoo jettan barsiisaa tokkootu dhaadannoo jechaafii dura deema barsiisichi barsiisaa barnoota lammummaafi amala gaariiti akkana jechuun "wayane do not equality" jechaafi dura deemaa isaan isa faana jiran immoo deebisanii "Wayyanee do not equality" jechaa jala deeman.
Namni kun barsiisaa civic kutaa 9ffaa
mee namni yoo beeke afaan oromaatiin haa waa dubbatuu yoo hin beekne afaan ofiitiin maaliif waan jechuu barbaadan jechuu dhiisanii afaan hin beekneen jechuun of xiqqeessan.
Today's 'PP' slogan on the forced march of shenan dogo district was "wayane do not equality" What does it mean? It is more than senseless rather it is completely meaningless sentence.
He's speech on today's murch waldhabdee him that he's not matured enough to teach students well.
It's great shame to hear such dangled speech and slogan from high school teacher. What could his students learn from him. We had better to think over what we should do about things properly before feeding up it for others.
Jaarraa 21ffaa keessatti mootummaan Lammiilee isaa akka diina alaa dhufeetitti waraana irratti banee guyya guyyaadhan meeqa akka ajjeese, meeqa akka hidhe oduu injifannoo godhee Maglacaa kènnaa oolu mootummaa ABIY AHMED qofa. Badii fi dogoggorri suukaneessan namni kun dunuunfatee raawwachaa jiru har'a qofaaf miti borullee dhaloota keessatti gufuu hinbuqqaane, godaannisa hinfayyine kaa'ee darbuuf jira! Rabbii yeroo hamtuu kanatti hunduma keenya warra mana hidhaa jiranis, warra bilisaan jiran mara balaa hamtuurraa haa qabu!
"Haleellaan Misaa'elaa kaleessa dirree xiyyaraa maga- Goondarii fi Bahirdaaritti taasifne galma barbaadamu rukutee jira. Kana boodas iddoo xiyyaaronni irraa ka'a ummata Tigraay fi misooma isaa rukutan hunda itti fufinsaan hordofaa rukutna. Goondarii fi Baahirdaar qofatti hin dhaabbatu. Eeritraa, Asmaraa fi iddoolee biroos dabalchuu ni danda'a" jedha obbo Geetachoon. "Tigraay awwaalcha Nafxanyootaati" Dr. Dabratsiyoon.
Waajjaa fi Dhummuuggaa garee ABUT irraa bilisa ta'uu himame!

Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Humni Addaa Naannoo Amaaraa Alaamaaxaatti kalooftee kan jirtu Waajjaa fi Dhummuuggaa to'annaa jala oolchuu himameera. Gareen Finxaaleyyii baay'een isaanii harka kennachaa akka jiranis himameera.

Jiraattonni naannoo kanaa gareen ABUT miidhaa fi dararama hamaa irraan ga'aa akka ture dhugoomaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa fi humni Addaa Naannoo Amaaraa garee finxaaleeyyii kana jalaa bilisa isaan baasuutti akka gammadan himaniiru.

Madda: AMMA
Miseensonni 'Alshabaab' fi 'IS' qabaman!

Miseensonni 'Alshabaab' fi 'IS' Finfinnee fi naannawawwan biroo biyyattiitti haleellaa shororkaa raawwachuuf qophiirra turan 14 to'annoo jala ooluu Tajaajilli Odeeffannoofi Tikaa Biyyaalessaa beeksise.
Bu’uura gabatee yeroon Ministeerri Barnootaa ka’een qormaanni naannolee kutaa 8ffaa hanga Muddee 30 laatamee akka xumuramuu Ministeerichi beeksiseera.

Kanarratti hunda’ee biirooleen barnoota naannolee qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin mari’achuun qophii barbaachisaa taasisuun qormaaticha daangaa yeroo qabameefitti gabatee yeroo ofii isaanii baasuun gara hojiitti gala jiraachuu fi yeroo itti aanuutti kan hojiitti galan jiraachuu ibsameera.

Bu’uuruma kanaan naannoon Hararii Muddee 7 -9, naannoon Amaaraa Muddee 12-14 qormaaticha laachuuf qophii isaanii xumuruu beeksisaniiru.

Naannolee biroonis guyyoota itti aanaanitti guyyaa qormaanni itti laatamu kan ifoomsan ta’uu ragaan Ministeerichaarra arganne ni muul’dhisa.

Magaalaa Finfinneetti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa kaleessa irraa eegalee laatamuu eegaluun isaa ni yaadatama.
Dargaggoo Ifeeraa Yaadataa torban sadii dura wallagga lixaa magaalaa Gullisootti humnoota mootummaan ajjeefame.

Ammas namoonni hedduun ajjefamaa jiraachu mala sababa bilbilaa fi internet waan hin jirreef odeeffannoo gaha argachuun ulfaataa ta'ee jira .
Baay'en tarsiimon qabsoo Oromoo ammatti maal ta'uu qaba?'' Jedhu. Gaaffii sirriiti. Garuu gaaffii Sirrii bakkaa fi yeroo isaa eeggate kanaaf sababni quubsan otoo jiruu deebii hintaane laachun of wallaaludha. Tarsiimon qabsoo Oromoo ammatti dhimma hidhaa fi ajjeechaa jimlaa uummata keenyarratti adeemaa jiru dhaabsisuutin ala waa biraa ta'uu hinqabu. Yoo ta'es sobaa fi fakkeessuudhaan ololuudha malee waa takka kisaaraa malee bu'aa nuuf hinqabu. Kanaaf waan goonu, maal akka goonu, akkamitti eenyu maal akka gochuu qaburratti miidiyaa fi hooggansaan dhimma hayyoota keenya dukkana jiraniirratti hojjachuu qabna! Kan caalu Dammaqnee falmachuu qabna! Otoo Jawaar mana hidhaa jiruu, waan takka tooftan siyaasaa alatti isa duuba waayee isa baasutiin ala hojjatamu hinjiru. Jiraachus hinqabu!
#FREEJAWAR_FREEOROMIA !
Halkan kun ni bari'a hin ja'u
Ifa har'aa qofa barbaaddataa
Kun Nama kiyya hin ja'u
Dukkanatti dhiisee biraa kaata
Dhabu! Obboleessa ofii qaalii
Dungoo tiqqoo tokkotti gurgurata.

Laftis bari'uu hin oolu
Dungoonis dhuman oolle
Gammachuu yerootif wal gannee
Ormi akka nutti hin kofalle.
Bakka yaadde oso hin gahin yoo dhaabde, ati nama dadhabaadha.
Namni dadhabaan hin injifatu,
Namni injifatu if duuba hin deebi'u.
Enyus haa ta'u eenyu, maalis haa ta'u maal, duuti namaa fudhatama hin qabu. Namni tokkolleen du'uu hin qabu.
Lubbuu gullisootti dabarteef gadda guddaatu natti dhagahame aali fi firoota hundaaf rabbi jajjabina haa kennuuf.

Ta'us ragaa qabatamaa malee miiran quba kanaafi kaanitti qaqqabuu fi maqaa wal balleessun sirrii miti.
Biyya tana keessatti Humni hidhate shiftaan hedduutu jira.
Qaamni hidhate hunduu ija shakkii takkaan laalamuu qabu.
Qaama nagaa eegsisu kan paartii malee kan ummataaf dhaabbatu hin agarre.
Warra mootummaadha ifiin je'u kanarraa Ummanni amantaa hin qabu haqa baasuf dirqama Qaamni walabaa qoratuu qaba.
Shakkamaan qorataa ta'us haqa baasus hin danda'u.

Dhugaa dubbachuuf amma dhumaatii ta'e kanarraa eenyutu bu'aa argata?? Tana isinumaafin dhiisa.

Jaarraa kana keessa lubbuun namaa kaartaa qumaara politicaa ta'uun isaa hedduu nama gaddisiisa.

Yaa Rabbi nurraa guuti.
Korma dhugaaf booratu biyyeen ija hin buutu.
Falmaa mirga dhala namaa,
Ati yoomuu anaaf goota goota caalu.
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Iccitiin dursuudhaa; eegaluu dha.:- Mark Twain
_________________________
✨@Jechamoota✨


https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAEs681wYg4pLvWysxw
Forwarded from Ado
βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”
πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄ Namoonni telegramii fayyadamtan chaaneelii bareedduu armaan gadii kana hin qabdanu jedhee hin yaadu ani chaneelii kanatti baayyee gammadeera isinis join godhachuun gammachuu koo na wojjin qooddadhaa
βšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺ
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
2024/09/24 22:33:17
Back to Top
HTML Embed Code: