Telegram Web Link
Seenaa Gabaabaa Xiinxalaa Siyaasaa fi Hoogganaa olaanaa OMN obbo Jawar Mohammed,

BY AFAAN OROMO

SEPTEMBER 27, 2018

Jawar Mohammed kan dhalate bara 1985A.L.A Godina Arsii gara Daangaa Harargeedhaan waldaangessu magaalaa xiqqoo Dhummuugaa jedhamtutti dhalate. Naannoo Dhummuugaa kan jiraatu ummanni gara dhibbeentaa 90(90%) hordoftoota Amantii Musliimaa yommuu taโ€™an, dhibbeentaan 10 hafe immoo hordoftoota amantii garagaraati. Haa tahuu malee Dargaggeessi qaroon Oromoo kun Maatii amantiidhaan walmakaa(Abbaadhaan Musliimaafi haadha Kiristaana) irraa dhalate.

Haalli kun Dargaggeessi gameessi kun umrii dargaggummaasaatti muudannoo jireenya hawaasummaa adda addaa kan itti qorame akka tahe dubbata. Akkasumas, haalli sun; Jawar, Hariiroo walitti dhufeenyaafi waliin jiraanya hawaasa maatii amantiiwwan garagaraa hubaachuu keessatti carraa guddaa akka uumeef, akkasumas yeroo fudhatee yeroo adda addaatti amantii dhuunfaasaatiyyuu murteessuuf karaa qabsiisuuf akka yaadeefi kunis waliin jireenya dhuunfaasaafi hawaasummaatiif, akkasumas obsa horachuuf hangam akka isa gargaare hima.

Jawar hanga umriin isaa barnootaaf gahuufi asuma Magaalaa Dhummuugaa jiraate.

 
Umrii dargaggummaan Dhummuugaa jiraate keessatti akkuma dargaggoota kaawwanii Hangafootaafi maanguddoota waliin kan dabarsu akka taheefi sababni dargaggootni naannoo dhummuugaa Hangafootaafi Manguddoota waliin yeroo dheeraa dabarsaniif Beekumsa irraa argachuufi bilchina hangafootaa dhaaluuf akka tahe dubbata Leencichi Jawar Mohammed.

Haaluma walfakkaatuun Dargaggoon Jawaris Seenaa, Seera, Aadaafi Duudhaa, Safuufi Siyaasa Akaakayyuu(Abbaa abbaa isaa) irraa fi hangafootasaa irraa akka barate dubbata. Haala kanaan Dargaggeessi gameessi Jawar akka jedhutti, Hubannoofi Muuxannoo Abbaafi Akaakoo isaa waliin madaalee, Akaakoon abbaa isaa immoo isaan kanneen caala akka dargaggoo gorsuufi gahoomsuu dandaโ€™an tilmaama isaa kaaya.

haaluma walfakkaatuun; hayyuun gameessi Jawar, akka jedhutti โ€œDhaaloota baroota jahaatamootafi torbaatamoota keessa turaniif DINQISIIFANNAAfi KABAJA Guddaa akka qabuufi, Ummanni sun ummata tattaafataa, ofittoo kan hin taaneefi itti gaafatamummaadhaan kan sochoโ€™anโ€ akka taโ€™an akka amanu dubbata.

Yommuu Umriin isaa barnootaaf gahu, Barnoota Sad.1ffaa achuma Dhummuugatti barnoota kan eegale yoo taโ€™u, garuu Jawar osoo barnoota M/B sad.1ffaa hin xumurin barnoota addaan kutee akka deemu ergaan jedhu itti himame Mana barumsichaa irraa. Kun taatee osoo isaafi maatiin isaa itti hin yaadin yoo tahellee, Dargaggeessi gameessi Jawar Mohammed Carraa M/B waan hundaan M/Barumsicha duraan keessa turee caalutti akka baratu carraa saaqeef.

Kunis; Gara Magaalaa Asallaatti akka imaluufi Barnoota isaa M/B Kaatoolikitti akka eegalu taasifamuu isaati. Sana M/B kaatoolikii jedhamutti waggaa 1 erga baratee booda, waggaa itti aanu gara M/B Cilaalootti jijjiirate, hanga gara Magaalaa Adaamaatti imalutti. Imalli Dargaggeessa gameessa kanaa itti aanu Magaalaa Adaamaa taโ€™e. Haala Kanaan Qormaata ceโ€™umsa biyyoolessaa magaalaa Adaamatti fudhachuudhaan xumure.

Yeroon kun yeroo Leenci umrii dargaggummaa keessa itti seenuu eegaleefi QBO(Qabsoo Bilisummaa Oromoo) keessatti qabatamaan hirmaachuu eegalee dha. Baruma Qormaata fudhatu sanaadha,

~ โ€œAlaabaa ABO qabattee deemtaโ€

~ โ€œDargaggoota jeequmsaaf kakaasaa jirtaโ€ jedhamee kan hidhaa wayyaanetti darbatamee tures.

Bara 2003, Dargaggeessi Qaroon kun, barattoota Umrii xiqqeenyaatiin Qabxii hin yaadaminiifi fakkeenyummaa olaanaa qabu fide tahe argame, kanumaanis Carraa addaa kan barnootaa Koollejii qabeenya gahaa qabu kan biyya Singapore โ€ United World College of South East Asiaโ€ jedhamu argate. Imalli isaa inni itti aanu gara  Singapore taโ€™e.

As, Koollejjii United World jedhamu kana erga seenee booda Hayyuun gameessi umrii dargaggummaatti bilchaate kun haala mijataa argate tokko tokkotti dhimma bahuu eegale. Umrii ijoollummaa oftahee seenaafi aadaa, eenyummaa isaa hangaftootasaa, keessumaayyuu akaakoosaarraa barachaa guddate sana hojitti hiikuuf tattaaffii tokko tokko eegale. Barnoota Afaan Oromoos asumatti barattoota hiriyyoota kutaasaa wal
iin barachuu eegale.

Jawar, turtii waggaa 2, biyya Singapore keessatti barattoota biyyoota 60 ol keessaa dhufaniifi afaanota 100 ol dubbatan waliin walitti makamee dabarse. Haala kanaan Dargaggeessi gameessi Jawar, ilaalcha addaa, duudhaafi seenaa Magaalaa xiqqoo keessatti beeku sana, baldhifatee, guutumatti ilaalcha addunyaawa, Aadaafi Afaan hedduuminaan fayyadamuu hubate, muuxannoo guddaas godhee fudhatee jireenya isaa ammaa keessatti akka hedduu isa qarqaare dubbata.

Haataโ€™uu malee Imala Hayyuu gameessa Jawar Mohammed keessatti, gufuufi rakkoon osoo hin mudatin as gahe jechuu miti. Imala isaa gufachiisuuf yaaliin M/B Sad.1ffaa barnoota irraa dhaabuun kan eegalte yommuu tahu, Hidhaafi dararaa mootummaa, Rakkoo jireenyaafi kkf hedduu keessa darbuu dubbata.

Dargaggeessi gameessi Jawar mohammed akka jedhutti, rakkooleefi gufuu yeroo adda addaatti na mudattu akka carraatti fayyadamuudhaan, Xiyyeeffannoo koo hunda, inumaayyuu daraan cimsee gama dandaโ€™uun Barnootatti kennuufi carraa argame kamuu akka nahin milindhe carraaquudha jedha. Kanumaan walqabatee, Koollejiin United World sagantaalee imala ykn daawwannaa barnoota iddoowwan seena qabeeyyii adda addaa, dhaabbilee adda addaatiin muuxannoo tola ooltummaa wal jijjiiruu fi koonfiransii dargaggoota gahoomsu qindeessuudhaan kan qopheessuu waan taheef, carraa kanaan fayyadamee carraa biyyoota addaa addaa kanneen akka Ameerikaa kaabaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa daawwachuuf carroomuu dubbata Jawar.

Muuxannoo asitti argate kanneen keessaa Hedduumina addaa addunyaan qabdu, uumama addunyaa qabdu sirritti hubachuufi kan biyya ofii keessaa bahe โ€˜Itiyoopiyaaโ€™dhaan walcinaa qabee madaalchisuun rakkoo biyyasaa mudachaa jiruufi dhugaa lafa jiru walcinatti akka madaaluuf carraa naaf uume jedha.

Bara 2005 erga barnootasaa turtii waggaa lamaa magaalaa Singapore xumuree booda, Haala qabatamaa biyya keessa jiru hubachuudhaan, Jawar imala isaa itti aanu gara biyya Ameerikaa kutaa kaalifoorniyaa taasifate.

Erga Biyya Kaalifoorniyaa galees, hin teenye leencichi; Barnoota isaa Digrii-1ffaa Yuunivarsitii guddaafi beekkamaa Yuunivarsitii Istaanfoordi kan handhuura magaalittii kibba Kaalifoorniyaa-Silconn Valley, naannoo mijataa kaampaaniiwwan gurguddaan akka Googler, yahoofikkf itti argamutti eegale. Amma haalli daraan mijataa, iddoo ciisichaa(Dorm) isaa dabalatee hojiilee inni booda eegale kan akka ittifayyadama marsaalee hawasaatiif haala kan mijeesseef ture. Kunis, Hayyuu gameessa kana gara addunyaa saayinsawaatti dhiyeessuu bira darbee ogeessa gameessa marsaalee hawaasaa sirnaan fayyadamu akka tahuufi riqicha qunnamtii akka babaldhifatuuf haala mijeesseef.

Haaluma kana keessa osoo jiru Dargaggeessa gameessa kana Bara 2009 taateewwan lama walfaana mudataniin. Isaanis: 1ffaan Fuudha Haadha manaasaa heddu Jaalatu โ€˜Arfaasee Gammadaaโ€™ yoo tahu, taโ€™iin 2ffaan immoo Barnoota Saayinsii Siyaasaatiin Digrii 1ffaasaa fudhate.

Yeroo kana Dargaggeessi lafaa dhufaan kun Hirmaanna Siyaasaa, Qeeqa dhaabolee Siyaasaa, Qeeqa Mootummaa Itoopiyaafi kanneen biroo keessatti hirmaannaa argarsiisuu jalqabee jira.

Barnoota Saayinsii Siyaasaa erga Istaanfoordirraa erga xumuree booda, Hojii Shaakalaa(Internship) argatee imalasaa gara Kutaa Magaalaa Washingiton DC godhate. Hayyuun hardha Saffisnisaa namoota heddu ajaaโ€™isiise kun yeroo kanaa eegalee qorannoo dhuunfaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kenne, waan hedduus barreesse/hojjate hanga barnoota Digrii-2ffaasaa qoโ€™achuuf deemutti.

Barnootasaa Digrii-2ffaa ammas Yuunivarsitii beekkamaa biraa filachuudhaan Yuunivarsitii olaanaa Kolombiyaa, kan magaalaa New Yorkitti argamutti jalqabe. Yuunivarsitichi hayyootaafi beektota qorannoo garagaraa gaggeessaniif hedduu mijataa kan taheefi Qorattoota jajjabeessuufi kunuunsuun kan beekkamuudha.

Haala kanaan Hayyuun dargaggeessi erga digrii-1ffaa isaa xumuree mumuldhachuu eegale kun deebiโ€™ee achi buutee tahe. Xiyyeeffannoo isaa hunda gara barnootatti deebise.
Milkaa'inaafi kuufaati

Kutaa 1ffaa
Nama kamiifuu guyyaan borii haaraadha. Kanaaf socho'i! Hojjedhu. Hojiikee keessatti dogoggorri uumamuu danda'a. Kufaatiin illee akkasuma. Waanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin. Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu.
Kufaatii hin sodaatiin. Kufii_ka'i, kufii_ka'i. Kufuukeetti ittin dhiphatiin, bu'aa jireenyaatu akkasi. Jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha. Yoo Abdii kutatte kufaatii filachuukeeti. Yoo Abdii qabaattee garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo Itti barattu. Kufuunkee gaariidha sababni isaa kufaati irree si jabeessuu danda'a.
Jireenyi akka muziqaati. Muziqaa meeloodiin isaa takka ol ka'aa, takka gad bu'aa fi gidduu galeessaan yeedaleeffamu muuziqaa miidhagaafi hawwataadha. Jireenyi dhala namas akkasumaan tola. Waa'ee maallaqaa hin yaadda'iin, mallaqni namoota hordofa. Namoonni immoo mul'ata isaanii hordofu. Yoo mul'ata qabaattee, waanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqaba.

Join๐Ÿ‘‡
@Oromotoo
Barattoota 12tiif
Share godhaa obboleeyyan keeysaniif

Rabbiin isin haa gargaaru firii keeysan lafa bada isin jalaa hin godhin. Inni irkoof tolu isin waliin haa jiraatu.
โค๏ธAkka dhaamsaatti๐Ÿ‘‡
1,Sa'aa ammaan tanaa irraa kaasaa online irraa fagaadhaa akka tasgabbooyatniif.
2,Qormaataatu hatame, yeroo isaatu dabre... ka ja'u hin dhagahinaa.
3,Barana akka tolutti akka isin hin baratin ni beeyna kanaaf suuta ja'aa waan dandeeysan yaalaa.
4, Deebiin qormaataa akka tasaa yoo isiniif ergame jarjartee itti lixxee akka sin dogongorsiifne.
5, Deebii alaa irratti irkoo takka hin godhatin haga dandeeysu yaaluuf if amansiisi.
6, yerotti fayyadamii ariitiin xumuruuf yaali. Deebii hedduu sitti ulfaate irra hin turin.
7, Ganamaan qa'ee mana barumsaa sanitti argami.
8, qormaata duraas tahee boodaas waa'ee qormaataa namootaa waliin hin odeeysin.
9, Wantoota guuttachuu qabdu duursii guuttadhu tasgabbiin bobbahi.
#Akka jabaa๐Ÿ‘‡
โค๏ธGanama san dhiira yoo taate subhii jammaan salaati, achuma turi Qur'aana haga siif laafe qara'i, zikriilee jajjabduus godhi, du'aa'iis godhadhu, yeroo aduun ol baatee xiqqo ol jatte sunnaa lama irra buufadhu masjiidaa bahi, haadhafi abbaa kees fitti tufsiisi. Isaan yoo hin jiraannees namuma bira jirtu, akkasitti manaa bahi, haga karaa mana barumsaa deemtuus zikriilee godhaa deem, yeroo qorumsa jalqabdees "bismillaah" Yaa Rabbi na gargaari ja'iitii jalqabi. #Shamara yoo taatees bakka takkitti Subhii jammaan masjiidatti deemu san malee kanuma hordofta.
Iinshaallaah fadha Rabbiitiin irra aantanii abdii Rahmaaniin guutamaa !
โค๏ธ @jechootahayyoota
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA๐ŸŒณ (Abฤ‘eta Kฤฑ&ยช)
*Oduu Ammee*
Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni KFO hidhaa gadi
dhiifamuun mirkanaa'e
**
Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni paartii mormituu
Kongirasii Federaalawaa Oromoo fi namoonni isaan waliin
himatamanii mana hidhaa sirreessaa Qaallitti turan gadi dhiifamuu maatiin hidhamtootaa mirkaneessan.

Kanneen galmee Obbo Jawaar jalatti himataman keessaa Obbo Dajanee Xaafaa, Shamsaddiin Xahaa fi gaazexeessaa
Mallasaa Dirribsaa dabalatee eegdonni Jawaar Jimaata galgala dursanii gadi dhiifaman.

Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa dabalatee kanneen hafan ammoo halkan naannoo sa'aatii 5
mana hidhaatii bahuu intalli Obbo Baqqalaa garbaa fuula feesbuukii isheerratti beeksifte.

Gama kaaniin Paartiin Baaldaraas Dura Taa'aan dhaabichaa Iskindir Naggaafi hoggantoonni dhaabichaa galmee isaa jalatti himataman kaan hiikamuu isaa gama fuula Facebook isaarratti
barreessuun mirkanesseera. Mootummaan Itoophiyaa "dirree siyaasaa bal'isuu fi marii
biyyaalessaa hirmaachisaa ta'eef jecha" hidhamtoota kana "dhiifamaan" hiikuuf murteessuu Tajaajilli Komunikeeshinii
Mootummaa ibsa Jimaata galgala baaseen beeksiseera.

Abbaan Alangaa Federaalaa ammoo ibsa gama feesbuukiin baaseen hidhamtoonni kun marii biyyaalessaa karoorfame bu'a
qabeessa gochuuf "bu'uura labsii 943/2008tiin himatni isaanii
akka kaafamu murtaa'e" jedheera.
Odeessa guutuu asii dubbisaa:

.
========Read more===โคต๏ธl
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Baga gammaddan!
Baga gammanne!
Gammachuu guutuu rabbi nuuf haa godhu.
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA๐ŸŒณ (Abฤ‘eta Kฤฑ&ยช)
Anis Karrayyuudha

Madda Oromummaan
imala namummaan
Miti naan hin jedhin
Karrayyuudha an

Karrayyuu karra haayyuu
Hortee Baarentuudhaa
Ilmaan saba guddaa
Ilmaan Oromoodhaa

Enyuummaa keessaniin
kan jiraattan boonaa
Dirree milkiif karraa
maaf godhanii foonaa?

Gootummaa kee beeku
boriif sodaatanii
Kaanaaf qaallichaa
si furaa nyaatanii

Labatni uma fufa
Anis Karrayyuudha
Dhiigni kee dhiigaa koo
Lafeen kees kan koodha

Du'a jagnaa duutan
du'a gadhee motii
Silas dur gootummaa
kan abbaa keeti
kan abbaa kootii

Deemsi keessan unuuf
baraan dirmammuudha
Godaannisan qaba
Anis Karrayyuudha

#Share
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Nuuf kenneera rabbi
jabina isa guddaa
Dirra ittiin baannu
rakkoo hamaa hunda

Osuma watwaatnu
boolla qilee lixnee
Galata Waaqayyoo
seequurraa'n fagaanne

Rakkoon dabalamuus
guyyuun akka jiruu
Imimmaan roobsudhan
barri yoomuun taru

Guyyaan har'aa kuni
darbee seenaaf hafa
Boo'uu qofa miti
falli biraa kolfa

#Share
@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
sign up to get a 10 US Dollar newcomer bonus! I made more than 200 US Dollars by watching the video here, so you can try it. https://video-dy.xyz/2600101618686888/
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
#Oduu_Gaddaa
Artistiin jaallatamaaf kabajamaa Nuhoo Goobanaa du'aan Adunyaa kanarraa boqote.

Maatiifi Firoottan akkasuma jaallattootaafi dinqisiifattoota isaaf Jajjabina hawwina

@oromotoo
@oromotoo
Weellisaan Gameessi Oromoo ##Nuhoo_Goobanaa Addunyaa kana irraa du'aan Boqote; maatii, Firoota isaaf uummta oromoof jajjabina Hawwinaa Biyyeen itti haa salphatu!
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
DHUGAADHA ITTI FAYYADAMAA!!

Linkii Asii gadii kana xuqudhaan malaqaa karaa Onlinan argachuu ni dandessuu.
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡


sign up to get a 10 US Dollar newcomer bonus! I made more than 200 US Dollars by watching the video here, so you can try it. https://video-dy.xyz/2600101618686888/
GMN-Amajji 31/2022!
Waraanni Bilisummaa Oromoo  Oromiyaa bakkoota garaa garaatti Waraana Bilxiginnaa yoo haleelu, Miseesonni RIB 7 ammoo Waraana Bilisummaa Oromootti dabalaman.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba bahaa, Zoonii Giddu Galeessaa fi Zoonii Kibbaa bakkoota addaa addaatti Waraana Bilxiginnaa irratti tarkaanfii fudhachuun kisaaraa guddaa irraan ga'un beekame.

Haaluma kanaan Amajjii 30/2022 Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nageellee Ganda Goondee Gurraattiitti, Waraana Bilxiginnaa sakatta'a Waraana Bilisummaa Oromoof deeman irratti tarkaanfii guddaa fudhateen loltoota Bilxiginnaa hedduu ajjeesuun kaanis yoo madeessu akkasumas meeshaa gosa addaa addaa irraa booji'uu ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo naannichaa beeksisee.

Tarkaanfiima wal fakkaatuun Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii kibbaa Cibiraan 30 Booroo kaleessaa Amajji 30/2022 Magaalaa Guddoo Godina Gujii kan taatee Magaalaa Nageellee Booranaa seenuun Mooraa ykn Kaampii Waraana Bilxiginnaa haleeluun hedduu ajjeesuun kaanis yoo madeessu meeshaa adda adda Kampiicha keessa tures guutummaatti booji'uu ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Cibiraan Soddom Boroo beeksise.


Haaluma wal fakkaatuun Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Buttaan Jaagamaa Badhaanee kaleessa Amajjii 30/2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ambootti Mooraa ykn Kampii Waraana Bilxiginnaa bakka addaa addaa 3tti haleele.

Sa'aa wal fakkaataatti tarkaanfii mooraa Waraana bilxiginnaa irratti kan fudhatee Waraani Bilisummaa Oromoo mooraa inni haleeles 1 Ganda Dikii, 2, Mooraa daandii ijaarsa baadiyyaa Qulliitii bakka jedhamu 3 mooraa  ganda xulleetti argamu barbadeesse jira. Kampiin Waraana Bilxginnaa Haleelaman kunneen Magaalaa Amboorra fageenya deemsan sa'aa 1:30 haga sa'aa 2:00 hin caalle kan fagaatan ta'uu Gadaa Media Network Hawaasa naannichaa irraa odeeffateera.

Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhate kanaan loltoonni Bilxginnaa hedduun yoo du'an, kanneen mada'an ammoo konkolaata 5 Ganda Qullii irraa konkolaataa 4 Ganda xullee irraa konkolaata 2 Ganda Dikii irraa guuruun Hosptalaa Ambootti geessan jedhu jiraattonni naannoo Sanaa.

Waraanni Bilisummaa Oromoo lola kanaan meeshaa Waraana Bilxiginnaa lakkoofsaan hedduu ta'e Booji'uus ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Buttaa Jaagama Badhaanee beeksisee jira.

Oduuma wal fakkaatuun Guyyaa kaleessaa Amajjii 30/2022 Godina shawa Kibba Lixaa Aanaa Ammayyaa Roggeetti Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Xoophiyaa 7 Meeshaa Bireenii ykn Falfaloo 2 akkasumas kilaashii AKM 4 fudhachuun Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamun beekame.

Yeroo addaa addaatti ilmaan Oromoo Waraana Bilxginnaa keessa jiran hidhannoo guutuu waliin gara Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti dabalama kan jiran yoo ta'u Waraanni Bilisummaa Oromoos irra deeddebiin waamicha Oromummaa gochaafi jira.!



https://www.tg-me.com/oromotoo
Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan boru ni eegala.

Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan guyyaa boruu Bitootessa 24, 2014 ni eegala.

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa ibsa ergeen soommanni guyyaa boruu kan eegalu taโ€™uu ibseera.

Soommanni Ramadaanaa bara kanaa guyyaa boruu kan eegalu taโ€™uu mirkanaaโ€™uu hogganaan sabquunnamtii mana marichaa Usmaan Adam ibsaniiru.

Hawaasni musiliimaa wayita soomu wal deeggaruu fi walgargaaruun taโ€™uu akka qabu manni marichaa yaadachiiseera.

Keessumaa lammiilee waraanaa fi hongeen miidhaman yaadachuu akka qaban dhaamaniiru


๐Ÿ“กMIIDIYAA๐Ÿ“ก
@jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
WALALOO JAALALAA. ''''''''''''''''''''''''''''"'''''''"''"'""""''"""""'""""
dhokseen si ilaalaa
ija koo banadhee
jaalala keetiifan
kaayyoo koo dagadhee
imaanaa koo fuutee
karaa irratti gattee
kan na caalu argattee
anaan na dagatte.
Akka har'aa mitii
bor ni jijjiirama
aduun dhihee hin hafuu
bari'uun dirqamaa
Qabsoo jireenyaatiif
utuun kufee ka'uu
yoodhuma si dhiisee
dhala keef haa kaa'uu
Waa'ee keetiif jedheen
imimmaan lolaasee
waaqayyo sin dhiisin
jedheen siif galaase
jaalladheen si dhabe
jaalladhuu na dhabii
kan harka waaqayyoo
siif haa ta'u adabi.
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Namoota jaallatanii dhaban hundaaf

@harargetub
@harargetub
2024/09/22 12:36:17
Back to Top
HTML Embed Code: