Telegram Web Link
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
D𝙝𝙖𝙑𝙀𝙀𝙩𝙖 π™šπ™ π™šπ™§π™–π™–!

Minilik bara isaatti mootii ture.
Bara sana impaayera Itoophiyaa ijaaree, bulchee jiras.
Bara isaatti injifannoowwan heddus gonfatee jira(namoota inni hoogganuun ta'us).

Amma garuu Minilik ekeraadha. Kan nama gaddisiisu du'uu isaa namoonni amananii hin fudhanne ammas ni jiru.
Ekeraa faarsaa,sagadaa fi waaqessaa jiraatan jiru.
Dhaloonni ekeraa faarsee sagaduuf silas ekeraadhuma.

Dhaloota ekeraa!

@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr 🀐)
hordoftoota Amantaa Musliimaa Martuu Baga Ayyaana Iid Al-fixrii 1445ffaa geessan.

Ayyaanni kun kan jaalalaafi gammachuu kan tokkumaa akka isiniif tahu hawwina.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
#JIJJIRAMNII_JIRA.

✍️Dur dur daa'imaa ta'ee waanti ani yaaduu waan daa'iima waan xixiqqoo uffata bitaachuu, meeshaalee ani ittiin taphadhuu akka naaf guutamuuf maatii kadhachuu.....fi kkf gochaan ture.
Amma garuu ani daa'imaa miti har'a nama waan baayyee argeedha, nama waggoota didgamoota jalqaba  lakkoofsisuu eegaleedha. Kanaa jechuun jijjiramnii koo kan bara 1996, 2006, fi 2016 hundisa baay'ee gargaarii.

✍️Jijjiramnii kun garuu kan na gammachiisuu moo kan na gaabbisissudha kan jedhu gaaffii bira ani of gaafachu qabudha akkasumas isiniis dabalatee.

✍️Kanaaf yeroo kamiyyuu, haala kamiyyuu keessatti jireenya keenya guyya guyyaa hunda keessatti jijjiiramni akka jiru beekuun barbaachisaadha. Garuu jijjiramnii nurratti dhufuu sun bu'aa qabeessa kan ta'ee gochuu kan danda'uu immoo unumaa mataa keenya akka ta'ees  yaadaatti qabachuun barbaachisaadha.

"WAANUMA FEDHEEFU JIJJIRAMNII JIRA."

Nagaan oola.
#AA, DHA Yuunivarsiitii Dirree irraa.

Join πŸ‘‡
@harargetub
@harargetub
#Reposted

#Mul'ata koo jiraachuuf

"Onnee namaa keessa duwwaan mul'ati qofti guutuu danda'u jira."

Magaalaa tokko keessa sooressi maatii isaa irraa qabeenya dhaale tokko akka ture himama.  Namichi kun qarshii gahaa yeroo barbaadetti hamma barbaade baasuu danda'u qaba ture.  Mana bareedaa, konkolaataa bareedaa fi wantoota jireenya nama tokko barbaachisu guutuu qaba ture.  Jireenya mijataa kana keessa waggoota hedduu jiraate.  Haa ta’u malee jireenyi marsaa jireenyaa irra deddeebi’uu ta’eera.  Nyaata, dhugaatii, hiriyyoota isaa waliin taphata, gara manaatti deebi'ee, rafee, ganama deebi'ee ka'a.  Guyyaa itti aanutti akkasuma irra deebi'ee godha.  Hiriyyoota hedduu qaba.  Namichis marsaa jireenyaa kana dadhabee burjaaja'e.  Gaaf tokko yeroo rakkoon miiraa isaa olka'aa ta'etti "of ajjeesuufan jira" jedhee murteesse.

Akkamitti of ajjeesuu akka danda'u yommuu yaadu riqichi guddaan naannoo sana akka jiru yaadate.  Bakka riqichi sun jiru dhaqee of darbachuun of ajjeesuu deeme.  Riqicha olka’aa sodaachisaa sanaa qarqara dhaabatee of darbachuuf osoo jiruu, sagaleen tokko akka tasaa yaada isaa hate.  Sagalee daa'imaati. Yeroo Garagalee ilaalu daa'ima tokko arge.  Daa'imni kun baay'ee dhukkubsatee jira. Daa'ima kana eenyu akka achitti dhiise hin beekamu.  Namichi of ajjeesuuf jedhu kun mucaa kana yeroo sirriitti ilaalu, beela irraa kan ka’e daa'imnichi akka huuqqatee fi of dadhabee jiru arge, baay’ees gadde.  Innis garaa isaatti "Mee guyyaa tokko illee daa'ima hiyyeessa kana hangan du'utti haa nyaachisu" jedhee yaade.  Kanaaf, beellama of ajjeesuu isaa yeroo biraatti dabarse.

Daa'ima kana harkatti qabatee ol kaasee, qaama isaa dhiqee, akka gaariitti nyaachisee, bishaan obaase, achiis gara karoora of ajjeesuutti deebi'uu itti fufe.  Garuu karaa irra osoo deemuu "haala daa'ima kanaa irraa ija koo baasuu hin danda'u" jedhe.  Innis "Erga ani du'ee booda eenyutu daa'ima kana nyaachisa?"  Guyyaa tokko qofa keessatti fuullisaa ni fayye.  Kana erga yaadee booda daa'ima dhiisee deebi'ee nyaachisuuf bakka inni dhufeetti deebi'e.  Guyyaa biraa itti dabale.  Guyyaa biraas deebisee isa nyaachise.  Kana jechaa guyyoota muraasaaf erga nyaachisee booda mucaa sana yommuu argu lubbuun isaa deebite.  Amma sooressi kun yeroo deebi'ee of ajjeesuu yaaduu eegalu egeree mucaa kanaa ol ilaaluu eegala.  Gurbaan kun guddatee sadarkaa gaarii irra akka gahu arguuf hawwuu jalqabe.  Jiraachuuf fedhii guddaa kan qabu.  Hiika ittiin jiraatu argateera.  Sana booda lammata waa'ee of ajjeesuu yaaduu hin dhiise.

- Namni tokko kan kisaaru yeroo daldalli tokko kufe osoo hin taane, yeroo mul'ata isaa dhabe...

- Namni tokko kophummaa kan itti dhagahamu yeroo kophaa isaa osoo hin taane, yeroo mul'ata dhabe...

- Namni tokko namoota biroo irraa waan xiqqaa ta'eef osoo hin taane, yeroo mul'ata isaa dhabe gadi bu'uun itti dhaga'ama...

- Namni yeroo daandii dhabe osoo hin taane, yeroo mul'ata dhabe kan burjaaja'u...

- Namni gaaffii deebii hin qabneen guutamu gaafa deebii dhabe osoo hin taane, yeroo mul'ata dhabe...

- Namoonni hojii dhaban yeroo hojii dhaban osoo hin taane, yeroo mul'ata dhaban...

Burjaajiin amma keessa jirtan, muddama fi rakkoowwan biroo furmaata hin arganne fakkaatan mul'ata keessan beektanii gara fuulduraatti tarkaanfachuu yoo jalqabdan hamma isin miidhuu hin dandeenyetti furmaata argachuu ykn hir'achuu akka danda'an hin dagatinaa.

Jiraachuuf fedhii guddaa akka qabaattutti hiika ittiin jiraattu argadhu.
@harargetub
@harargetub
     
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr πŸ‘¨β€πŸ’»πŸ’€ ✊)
#DUBBIIWWAN_ABRAHAAM_LIINKAAN_GURGUDDOO !
~
1) Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
2) Hiriyyaan koo nama hundumaarra naaf caalu, Nama kitaaba ani hin dubbisne naaf kennedha.
3) Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
4) Waan feete ta'i; garuu itti cimi.
5) Akaakayyuunkoo eenyu akka ta'e hin beeku; ilmi ilma isaa eenyu ta'uuf, ta'uuf akka jirutu na dhiba.
6) Michuun kee nama diina ati qabdu qabuudha.
7) Waan har'a hojjechuu qabdu kamuu boriif hin kaa'iin.
8) Nagaa yoo feete beekamtummaa irraa of fageessi.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr πŸ‘¨β€πŸ’»πŸ’€)
Baga Bara Haaraan isin ga’e.

Bara haaraa , bara haaromaa, bara milkii isiniif haa ta’u!



@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
BARRI 2🌻17 KUN:
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌻 Kan Gammachuu!
🌻 Kan Milkaa'inaa!
🌻 Kan Badhaadhinaa!
🌻 Kan Jaalalaa!
🌻 Kan Tokkummaa!
🌻 Kan Guddinaa!
🌻 Kan Haaromsaa!!
   🌺 Isiniif!
   🌺 Maatii keessaniif!
   🌺 Ollaa keessaniif!
   🌺 Hiriyyoota Keessaniif!
   🌺 Biyya KEENYAAF!

πŸŽ„Bara Itti Mul'anni keessan dhugoomu!

πŸŽ„Bara itti bakka yaaddan geessan.

πŸŽ„Bara itti hojjettanii milkooftan!

πŸŽ„ Bara itti firii keessanitti gammaddan!

🌺 ISINIIF HAA TA'U! 🌻
Yoo jennu hawwii guddaa dhaan!


@Oromotoo
@Oromotoo
Linki kana start godha Yaala dhugaadha.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡


https://www.tg-me.com/catizenbot/gameapp?startapp=rp_20669698

πŸ’°Catizen: Unleash, Play, Earn - Where Every Game Leads to an Airdrop Adventure!
🎁Let's play-to-earn airdrop right now!
2024/09/22 13:23:18
Back to Top
HTML Embed Code: