Telegram Web Link
Humnootiin TPLF lola baatii saddeetii booda deebiisanii Maqalee to'atan.

Humnootiin TPLF magaalaa guddoo NaannooTigraay, Maqalee to'achuu isaanii maddeen qabatamoo ta'an BBCf mirkanneessan. Ummanni magaalattiis daandiitti bahuun gammachusaanii ibsachaa jiraachuus jiraattonni BBCtti himaniiru.

@bbcAfaanOromoo ..
========Read more==
Yeroo humnoonni TPLF Maqalee galan maaltu ta'e?

Humnoonni naannoo Tigraay waraana baatiiwwan saddeetiin ol tureen booda Waxabajji 28, 2021 magaalaa Maqalee yeroo deebisanii qabatan ummanni hedduun gammachuu ibsachuuf daandiitti bahan.

Jiraattoonni magaalattii alaabaa mirmiirsaafi richiitii dhukaasaa miira gammachuu isaanii akka ibsatan dubbatu.

@bbcAfaanOromoo ..
========Read more==
Qaamoleen fedhii qaban naannoo Tigraayiif deeggarsa akka taasisaniif eeyyamni balallii laatame!

Mootummaan Ityoophiyaa qaamoleen fedhii qaban naannoo Tigraayiif deeggarsa akka taasisaniif eeyyamni balallii laatameera.

Mootummaan Ityoophiyaa qaamoleen fedhii qaban naannoo Tigraayiif deeggarsa akka taasisaniif Wiixata darberraa eegalee eeyyama balallii laachuu Qulqulleessi Odeeffannoo Labsii Yeroo aarifachiisa fuula Twiitara isaan ibseera.
#NEAEA

Qormaatni biyyaaleessaa kutaa 12ffaa guyyaa Adoolessa 12 bara 2013 irraa eegalee kennama jedhamee oduun karaa miidiyaalee hawaasaatti tamsa'aa jiru soba ta'uusaa fi guyyaan qormaatni kun itti kennamu kan hin murtoofne ta'uu Ejensiin Madaallii Barnoota fi Qarmaata Biyyaalessaa (National Educational Assessment and Examination Agency - NEAEA) ibseera.
Baqattootni Eertiraa Tigiraay jiran ajjeefamaa jiru gabaasni jedhu isa yaaddessuu UN beeksise!

UN'tti Ejensiin Baqattootaa gabaasni haleellan baqattoota Eertiraa Tigraayi jiranirra qaqqabuu agarsiisu na yaaddesse jedhe.

Itoophiyaatti dubbi himaan Ejensichaa, Dhiha magaalaa Shireetti baqattoonni Eertiraa dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu gabaasonni ibsan maddeen ''onlaayiiniifi maddeen adda addaarra mirkaneeffachuu'' beeksisan.

''Gabaasota kana xiyyeeffannoon ilaalla, gabaasota kana akkuma dhageenyeen battaluma sanatti hojjattoota keenya magaalaa Shiree jiranirraa, michuuwwan nu tumsaniifi baqattoota Eertiraa gaafachuuf yaalleera'' jechuun Kireevonkoovik karaa imeelii ibsaniiru.

''Himannaa amma yoonatti nu qaqqabaa jiran sirrii ta’uusaanii mirkaneessu dadhabnus, odeeffannoo gamaggamuuf nu fayyadan sassaabuu itti fufna'' jedhan.

Torban darbe loltoonnii raayyaa ittisa biyyaa Tigiraayi bahuu hordofee toorri walqunnamtii cufamuusaatiin gabaasota kana mirkanessuuf dhibbaa ta’era.

BBC
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Seenaa Yuunivarsiitii Haramaayaa Hundeeffama irraa jalqabee hanga ammaatti Pirizdaantii Yuunivarsiitii Haramaayaa Kabajamoo Dr.Jamaal Yuusufiin itti dhihaadhaa!


👇👇👇👇👇👇
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
WAAN DUBBISNEERRAA

☞︎︎︎"Hiriyoota lamatuu wal faana imalaa ture. Inni tokko garmalee aara inni tokko ammoo qoosaa baay'isa. Guyyaa tokko otuma deemanii inni qoosu hiriyaa isaa arsinaan kaballaadhan rukute. yeroo kana inni rukutame fiigee deemee galaana maddiitti cirracha irratti " hiriyaan koo na kabale " jedhee barreesse. Achi booda galaana maddii otuu taphatuu galaanicha gidduu seena. Daakaa hin beeku waan ta'eef bishaanicha keessaa yeroo watwaatu hiriyaan isaa seenee isa baase. Yeroo kana inni Du'a irraa oole dhagaa guddaa barbaadee "HIRIYAAN KOO DU'A NA OOLCHE" jedhee bocee barreesse. Yeroo kana hiriyaan isaa "maaliif yeroon si kabalu cirracha irratti barreessitee yeroo bishaan keessaa si baasu ammoo dhagaa irratti bocce?" jedhee gaafannaan, innis deebisee akkas jedheen "jibbi kan garaati, jaalalli ammoo kan lapheeti. Yaraa darbe kaasnee wal jibbuu irra gaariin wal jaalachuu wayya. Jibbi nu balleessa, jaalalli garuu nu milkeessaa".
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Jechootahayyoota
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Yunvarsiitiin Finfinnee hayyoota 15f sadarkaa Proofeesarummaa guutuu laate!

Yunvarsiitiin Finfinnee hayyoota 15f sadarkaa Proofeesarummaa guutuu laateera.

Boordiin hoggansaa Yunvarsiitii Finfinnee ragaa Proofeesarummaa guutuu dhiyaate ilaaluun sadarkaa kabajaa kana raggaasiseera.

Haaluma kanaan:-

- Dooktar Fayyeera Sanbataa
- Dooktar Isheetuu Gurmuu
- Dooktar Hagos Biluutsi
- Dooktar Taammiraat Baqqalaa
- Dooktar Gazzahaanyi Maammoo
- Dooktar Kabbadaa Ammanuu
- Dooktar Salamoon Tafarraa
- Dooktar Makbib Afawarq
- Dooktar Abaabaw Fiqaaduu
- Dooktar Iyyaasuu Eeliyaas
- Dooktar Daamxee Shimallis
- Dooktar Amazanaa Taaddasaa
- Dooktar Yiliqaal Addaamu
- Dooktar Daani'eel Zawudineh
- Dooktar Tasfayee Sisaayiif sadarkaa Proofeesarummaa guutuu laateera.
Guyyaa 7ffaa OSFNA
“””””””””””””””””””””””””
Sirna Mormii Bilxiginnaa cimaa fi Yaadannoon Haacaaluu ture. Maqaa Jawaar , Baqqalaa, Abdi Raggaasaa, Kolonel Gammachuu fi kkf … dhayamaa oole!

Koreen Qopheessituu OSFNA Galatoomaa Gootoota keenya yaadachiisuu keessaniif!
2024/09/22 18:31:27
Back to Top
HTML Embed Code: