Telegram Web Link
Shamsaddiin kufe. Amma gara hospitaalattiin kutan. Yaa rabbi hamtuu nu hin dhageessisin.
Battee Urgeessaa (itti gaafatamaa sabqunnamtii ABO) irraa:

β€œHar'a Ustaazota fi Jaarsolee biyyaa Waliin HD-ABO J/Daawid Ibsaa hogganoota Lagannaa nyaataa irra jiran, gaafachuufi akka nyaata jalqaban dhiibbaa gochuu gara mana hidhaa Qaallittii imallee turre.
Hunduu gama isaatin, Jawaar faa akka nyaata eegalan, kadhatee, dubbate, uummata bakka bu'uun ajaje!
Haa ta'uutii, ijjannoon hogganoota kanaa, " Jiraannee salphina saba keenyarra gahu arguu irra duunee biyootti makamuuf murteeffanne, taphaaf hineegalle!" Kan jedhu!
" Nuti du'a keenya gammachuun simanna, Oromoonis qabsoo isaatti jabaachuu malee, nutti jaarsummaa erguu hinqabu!" dhaamsa jedhu dabarsan.
Miidhamni qaama isaanii irra jiru daran yaaddessaa ta'us, murannoon fuula isaanii irraa dubbifamu of-duuba deebii waan qabu hinfakkaatu!”
"Ani dhufee isin gaafadhee hinbeeku, nan sodaadhe, namni yoo dulloomu ni sodaataa narra hinilaalinaa! Har'a isin kadhaafan dhufe. Hadaraa nyaata fudhaa, kan jirru Afrikaa-itoophiyaa keessa, jiraachuu keessantu caalatti bu'aa qaba!" J/Leencootu Baqqalaa faatti dubbate.
" Obbo Leenco, isin kabajna! Garuu n hindhiibinaa! Yoo dandeessan nutti osoo hintaane, mootummaa uummata keenya dararaa jirutti dubbadhaa! 'Mootummaa Oromooti isa isin jettantu Oromoo mana hidhaatti guuree, (Qallittii qofa hidhamtootni siyaasaa Oromoo kuma shan ta'u) alagaa waliin shubbisa. ABIN fi Ezeman kayyoon moon dhiigan PPti kalaawu(dhiyaatu)?" Jawaartu gaafate.
J/Leencon deebii hinqabu. Waan ta'aa jiru maraaf deebii hinqabu. Garuu, warra isaan waliin jiran kan biroo irraa adda fakkaatu, adda isaanii dhufan!” ~ Battee Urgeessaa (itti gaafatamaa sabqunnamtii ABO) irraa.
"Qeerroo kuma shan wareegnee jijjiirama fidne. Waarri gaafas taa'anii nu daawwachaa turanii fi warri gaafas Wayyaanee waliin dhiichisaa turan miidiyaa dhuunfatanii galma qe'ee keenyaa keessa naanna'aa yeroo shubbisan jiraannee arguurra du'a filanne. Of-ajjeesaa hin jirru, osoo sana ta'ee funyoo mormatti kaawwanna ture. Qabsootti jirra, sana nuuf hubadhaa. Kabajaa keenyan akka duunu nuuf hayyamaa! Dhaloota kana sodaa dhaalchisuu hin feenu! Isin qabsoo itti fufaa, Oromoon saba guddaadha, waan akka har'aa kana heddu ce'ee jira. Qabsoo akkuma nuti dhaalle, nurrattis hin dhaabbatu. Gahee keenya baahannee darbuu barbaadna!"
----
Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa
----
Mana Hidhaa Qaallittiirraa
Oromo Political Prisoners Defence Team
Karramillee hiriira mormii
Hiriira mormii W/Lixaa Najjo
Nama 1 nama 3n marsanii reebu. Arsii Lixaa Qoree.
Qajeelfama Hiriira Nagaa Qeerroon Waamamee.pdf
21.2 KB
Qajeelfama Hiriira Nagaa Qeerroon Waamamee. Tarsiimoon masakamna!
Mana farsootti seentee
Nyaachuuf hin yaadiin 'keekii'
Waanuma facaafte sana
Akka haammattu beeki...
Gaafa ittiin nama hidhuuf
Teessee micciirtu gaadii
Tarii waan sun fannoo kee
Akka siif ta'us yaadi!

Jaalala dhugaa awwaaltee
Utuu jibbaaf ragadduu
Utuu garbuutti maktee
Ingirdaada nagadduu...
Utuu gaarummaa dhiistee
Hamminaaf lafa haatuu
Abadan, nama hin taatu!

Lataa kenei Aga
Maalo Oromoo tiyya subscribe nuuf godhuudhan nuu jajabessaa isinin jenna.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Watch "NEW WALALOO JAWAR MOHAMMED DAWADHAA ISININ JENNA !" on YouTube
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Malkaa Bal'oo.
2024/09/24 08:38:25
Back to Top
HTML Embed Code: