Telegram Web Link
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU

Gorsa Hayyootaa Irraa

Jaartiin takka Umrii ishii bareedinna fuula ishii osoo hin dhabin akka aduu bareeddee fi iftee namootni ishee argan wanticha ajaa'ubuun sababa maaliitin bareedinna akkanatti ife akka gonfatte yoo gaafatan akka asii gadiititti deebifte:-
➧Hidhiiwwan kiyya haqaan ala jecha biroo akka hin baafne godhuu kiyyaan
➧Sagaleen kiyya Allaahaa (S.W) yaadachuu malee wanta birootiin hafuura illee akka hin baafanne godhuu kiyyaan.
➧Ijjeen tiyya halaala malee haraama akka hin ilaalle dhoorkuu kiyyaan.
➧Harki kiyya humna qabuun hiyyeessaa kennuun akka diriiru godhuu kiyyaan.
➧Qaaamni kiyya guutuun karaa Allaahaa (S.W) irratti akka qajeelan (Istiqaamaa akka qabaatan) godhuu kiyaan.
➧Onneen tiyya jaalala Allaahaa (S.W) tiin akka qabamtu godhuu kiyyaan
➧Sammuun kiyya qarummaa (hikmaa) malee ilaalcha gowwootaatiin akka hin summoofne godhuu kiyyaan.
➧Hawwii fi fedhiin kiyya lugaama Iimaanaa akka qabaatan godhuu kiyyaa fi hamilee hongoo fedhiin kiyya ittiin an hogganeen wanta hin hogganaminiif❞ jechuun deebifte.

Yaa Allaaha! Beekumsa na beeksifteen fayyadamaa na godhi. Beekumsa na fayyadu illee na barsiisi. Beekumsa illaa naaf dabali. Aamiiin!!❞
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️

Dhaamsa Nabi Muhammad (S.A.W)

Sadarkaa beekumsa argachuu:-
➯Hadiisa Abud-Dardaa'i (R.A) dabarsaniin Nabi Muhammad (S.A.W) akkana jedhuun dubbatanii jiru:- Namni beekumsa argachuuf deeme:-
➧Allaahaan (S.W) Karaa Jannataa isaa laaffisa.
➧Malaa'ikootni gocha isaa ni faarsu, kooluuwwan isaanii illee ni diriirsuuf/ni afuuf.
➧Uumamtootni dachii irraas ta'ee samii keessa jiran, Qurxummiin Garba /Bahra keessa jiru illee osoo hin hafin nama beekumsa (Islaamummaa) horaatee jiru hundaaf araarama kadhatan.
➧Namni barate (Aalimni) nama hin baratinii fi nama (akkanumaan) Allaahaa gabbaru ni caala; haga adeessii guutuun Urjiiwwaan caaltee mul'attuun.
➧Aalimootni dhaaltoota Nabiyyootaati (Anbiyootaati). Anbiyootni qarshii takkattis ta'ee qabeenya homaatuu dhaalchisanii hin darbine, haa ta'uu malee dhaalli dhiisan beekumsa ture.
Forwarded from Keyralumma
WALLAANSA DADHABINA
IIMAANAA
KUTAA 2️⃣0️⃣FFAA
Kuta 19fa dubisu Hubadha

04 WAL GA’II BEEKUMSAA KEESSA TAA’UU: INNI IMMOO IIMAANA DABALCHIISA.
Kunis sababni isaa hedduudha Tokko zikrii Rabbiitu achi keessatti argama Rahmatatu taa’ichicha haguuga Tasgabbii qalbiitu itti buufama Maleylkaan warra zikrii jedhan ni marsiti Rabbiin maleykaa ol aanoo keessatti isaan dubbata.
Isaaniin maleykotatti dhaaddata Dilii isaanii isaaniif araarama Kun immoo hadiisowwan sahiiha keessatti dhufeera Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “ummanni wahii taa’anii Rabbiin zakkarraan maleykaan isaan marsitee rahmanni isaan haguugdee tasgabbiin qalbii isaan irratti buutuufi Rabbiin warra Isa biraatti isaan dubbatu malee hin hafu.” Muslimtu gabaase.

Sahl bin Alhanzalaa irraa odeeffamee ni jedhe Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “ummanni wahii zikrii Rabbii irratti
walitti qabamanii yeroo irraa adda bahan ‘haala isiniif araaramameen ka’aa’ jedhaman malee hin hafanu” Sahiih Aljaami’iin keessa jira Ibn Hajar Rabbiin isa haa mararfatuu ni jedhe “zikrii Rabbii jedhamee dubbatamee waan inni dirqama godheen yookiin itti kakaaseen hojjachuu akka Qur’aana qara’uu hadiisa
qara’uu ilmii barachuu fa’i” Fat-hul baarii keessa jira. Akka bakka barnoota sharii’aa iimaana dabalu kan akeeku hadiisa imaamu Muslim gabaaseedha
Hanzalaa Al-asadii irraa odeeffamee ni jedhe: Abuu Hanzalaan munaafi qoomeera Nabiyyiin ﷺ jedhe. Rabbiin qulqullaa’e! maal jettabboo?’ jedhe. Nan jedhe: ‘Ergamaa Rabbii ﷺ bira yeroo jirru jannataafi ibiddaan nu yaadachiisa. Oggas akka waan nuti ishee argaarruu
fakkaata Yeroma Ergamaa Rabbii ﷺ biraa baanu niitolii ilmaaniifi jireenyaan wal makannee hedduu isaa daganna’ Abuu Bakriinis ‘wallaahii nutis waanuma
akka kanaatu nu qunnama’ jedhe. Aniifi Abuu Bakriin deemnee Ergamaa Rabbii ﷺ irra seenne. Nan jedheen: “yaa Ergamaa Rabbii Hanzalaan munaafi qoomeera.” Ergamaan Rabbiis ﷺ “maaliif inni?” jedhan. Nan jedhe: “yaa Ergamaa Rabbii ﷺ yeroo si bira jirru
jannataafi ibiddaan nu yaadachiifta. Oggas akka waan nuti ishee argaarruu fakkaata. Yeroma si biraa baanu niitolii ilmaaniifi jireenyaan wal makannee hedduu isaa daganna” Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan “Isa lubbuun kiyya harka Isaa jiruun kakadhee! Odoo akka yeroo
na bira jirtanu taatanuurraafi zikrii irra turtanii silaa maleykaan firaasha keessan irrattiifi karaa keessan keessatti harka isin fuuti ture. Garuu yaa Hanzalaa
yeroo yeroodha. Si’a sadi jedhan.” Muslimtu gabaase.

Sahaabonni zikriidhaaf jecha taa’uu irratti baay’ee xiyyeeffatu. Iimaana jedhanii isa waamus. Mu’aaz nama
wahiitiin ni jedhe: “nuun taa’i mee yeroo tokko amannaa.” Sanadni isaa sahiiha.

05 HOJII GAARII BAAY’ISUU
Sababa iimaana jabeessu keessaa kan biroo immoo hojii gaarii baay’isuu yeroo isheedhaan fixuudha:

Kun immoo irra guddaa wallaansaati. Inni akkaan guddaadha. Bu’aan isaas iimaana jabeessuu keessatti akkaan guddaadha. Siddiiq kana keessatti fakkeenya guddaa ta’eera. Yeroo
Ergamaan Rabbii ﷺ sahaabota isaanii gaafatan “isin irra har’a eenyutu soomaa ka’e?” Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. ‘Isin irraa har’a eenyutu janaazaa hordofe?’ jedhan. Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. ‘har’a isin irraa eenyutu hiyyeessa nyaachise?’ jedhan. Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. ‘Har’a isin
irraa eenyutu dhukkubsataa gaafate?’ jedhan. Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “wantoonni kun namoota keessatti walitti qabamanii jannata seenu malee hin hafu.” Muslimtu gabaase.

Seenattiin kun akka Abuu Bakriin gosa hojii kamuu booji’achuu fi ibaadaa heddummeeffachuuf ariifatu akeeka. Yeroma gaaffiin akka tasaa Ergamaa Rabbii ﷺ irraa dhufu Abuu Bakriin kana hunda deebisuun yeroo isaa hojii khayriitiin guutameera jechuudha. Salafoonni hojii khayrii dabalachuufi yeroo isaanii ittiin fixuu keessatti sadarkaa guddaa ga’aniiru. Fakkeenyi sanaa kan waa’ee Hammaad bin Salamaa irraa odeeffamuudha. Abdurrahmaan bin Mahdii ni jedhe: ‘odoo Hammaad bin Salamaatiin bor duuta jedhamee hojiirraa homaayyuu ida’uu hin danda’u.’

Siyaru A’alamunnubalaa’i waa’ee hojii gaarii ilaalchisee Muslimni wantoota armaan gadii guutuu qaba

Kuta 21fan iti fufa i.allaah....
Forwarded from Keyralumma
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu kabajamtootaa hordoftoota keenya worroonni seenaan Sahaabitacha guddaa leenca Rabbii UMAR BINU KAXXAAB isin darbe kunoo kutaa 1ffaa irraa kaastanii amma kutaa 9ffaa tti argachuu dandeessu Liink gadii kana tuqaa

KUTAA 1️⃣FFAA

KUTAA 2⃣FFAA

KUTAA 3⃣FFAA

KUTAA 4️⃣FFAA

KUTAA 5️⃣FFAA
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️
Gorsa Hayyootaa Irraa

❝Yoo dandeette beekaa ta'i, yoo kana godhuu dadhabde beekuuf xaarii, kana illee godhuu yoo dadhabde beekaa jaaladhu, sana yoo dhabde illee beekaa (Aalima) hin jibbini❞. [Umar Ibn Abdul-Aziiz).

Abuu Bakris-Siddiiq (R.A) yoo dubbatan ❝Wantootni saddeeti (8) bareedinna❞ jedhanii jiran Isaanis:-
⓵Bareedinna hiyyummaa nama kadhachuu dhabuu dha.
⓶Bareedinni jireenyaa qananii (jireenya badhaadhinaa) Allaahaa (S.W) galatonfachuu dha.
⓷Bareedinni rakkoo Obsa.
⓸Bareedinni beekusmaa namaa ibsuu danda'uu dha.

⓹Bareedinni beekumsaa namaa ibsuu danda'uu dha.
⓺Bareedinni beekaa of xiqqeessuu dha.
⓻Bareedinni Allaahaa (S.W) Sodaachuu booyuu dha.
⓼Bareedinni Salaata xiyyeeffannaan onnee sassaabuu (khushuu'i qabaachuu) dha.
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
Abu Ubeeydaa Binu jarrah

Sahaboota warra jannataan
gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱
Kutaa 5️⃣ffaa
Kuta 4fa dubisu hubadha


Erga Rasuulli s.a.w darbees Abuu Bakriin baallame isa wajjinis amaanaa Rasuulaa s.a.w bakkan gahufi diinii rabbii babaldhisuuf kufaa ka’aa, bu’aa bahii hedduu keessa cehee jira. Erga Abu Bakar addunyaarraa godaanee Umar bulchaa tahes babaldhiinsa diinii islaamaa fi baniinsa magaalota hedduutif humna qabuu fi hin qabneen, tattaafatee aarsaa baay’ee godhee jira. Ajaja bulchitootaas gaaf tokkollee jarri bulchitootaa miti jedhee, kan didu ykn akka murtaddootaa, ajaja ergamaa Nabi Mohammad s.a.w lubbuun hin jiru jedhee, arkaana islaamaa kan hirdhisu hin turre.

Abu Ubeeydan bara bulchiinsa Umar keessatti hogganaa waraanaa tahun gara suuriyaa (shaamii) deemun biyya sham bahaan hanga laga Furaatitti, bitaan hanga aasiyatti qabatee, Osoo babaldhisaa jiruu dhukkubni Xaa’un (koleeraa) biyya inni itti duule seenee, ummata akka konkolaataa midhaan hamutti haame.

Bulchaan yeroo sanii Amiirri mu’mintootaa Umar waahee dhukkuba kanaa dhageennaan hatattamaan xalayaa barressee itti erge.

Qabiyyeen Xalayaa sanii.

“Hajaa guddoo sirraa duroomuu hin dandeenne takkattu na qabee; yoo xalayaan tiyya tun galgala si geette yaabbattu malee akka hin bariisifne, yoo ganama si geette immoo yabattu male akka aduu siratti hin seenne, sirratti kakadhe jira.”

Abu Ubeeydaanis akkuma xalayaa dubbiseen akka Umar waan hin olle (du’arra) isa oolchuu fedhe, beekee miilli tiyya na haa baastu jedhee waraana isaa gatee lubbu isaa baraaruu hin deemne.

“yaa Amiira mu’mintootaa hajaa ati narraa qabdu dhugumaan beekee jira. ajaja kee diduuf immoo dhiifama guddaan si gaafadha ani waraana koo asitti dhiisee, kophaa biraa deemuu hin fedhu. Quufa sammuu naaf hin kennu, Boqonnaa naaf hin horu, hanga Rabbiin murtii isaa fidutti waan jarri ta’an wajjiin ta’uu fedha. Yoo barreesasan tiyya tun si geette atis kakuu kee akka narraa kaaftuufi, hajaa tee na malee akka hikkattu fedha.” jechuun xalayaa quuqa isaa ibsituuf barreessee waraanuma wajjiin duularratti du’uuf haafe.

Umaris akkuma xalayaa isaa dubbiseen sagalee funyaaniin facaatuun hiqqifatae boohe. Warronni jabeenna booyinsa Umar xinxallanis “Abu Ubeeydattu du’ee?.” jedhanii gaafataniin. Innis “hin dune. garuu du’atti kaluu jira.” jedhen.

Abu Ubeeydanis yeroo muraasa keessatti dhibee xaa’uniin qabamee itillee du’aa tan nu hunduu irra ciisuuf deemnu irra ciise.


Kutaan 6ffaan itti fufa inshaa'llaah.....
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️


Sadaqaah

Ergamaan Allaahaa (S.A.W) akkana jedhan:-
➯Namni cinqiiwwan addunyaa tanaa keessaa Mu'imina tokko irraa cinqii takkattii fure, Allaahaan (S.W) cinqiiwwan addunyaa dhufuu keessaa cinqii takka irraa fura.
➯Nama rakkateef kan laaffise Allaahaa (S.W) addunyaa tanattis ta'ee addunyaa dhufutti isaa laaffisa.
➯Namni dogoggora (hanqinna) Muslimaa dhokseef Allaahaan (S.W) addunyaa tanattis ta'ee Aakirattis dogoggora isaa ni dhoksaaf.
➯Allaahaan (S.W) gabricha Isaa gargaaruu irraa duubatti hin deebii'u, yoo gabrichi Isaa Obboleessa isaa gargaaruu irraa duubatti deebi'uu baate. Beekumsa barbaacha karaa kan deeme Allaahaa (S.W) gocha isaa kanaan karaa gara Jannataa fidu isaa laaffisa.

Namootni manneen Allaahaa (S.W) keessaa tokko keessatti kitaaba (Qur'aana) Allaahaa (S.W) dubbisaa tokko kan biroo irraa barataa hin taa'anii:-
➧Isaan irratti tasgabbiin kan bu'e.
➧Rahmatni Allaahaa (S.W) kan isaan marse.
➧Malaa'ikootni kanneen isaan marsan.
➧Allaahaan (S.W) Isa bira kanneen jiran (jiraattota Samiiwwanii) wajjiin isaan kan faarsu yoo ta'e malee❞.
➯❝Nama gochi isaa duubatti isa harkise, sanyiin isaa (sanyii beekamaa irraa ta'uun isaa) isa hin ariifachiisu (gara fuul-duraa isa hin tarkaanfachiisu)❞ jechuu isaanii Abuu Hurayraan (R.A) dabarsanii jiru. [Muslimtu Gabaase].
Forwarded from Keyralumma
♡الحمد لله♡
Seenaa Ajaa'ibaa, Gorsa irraa fudhanne, Aadaa taasifannu boru ittiin milkoofnu.

■Dubbisii obboleeyyan keetif share godhi.

☆Guyyaa Tokko Manguddoon umriin isaa waggaa 78 ta'e dhukkubsatee dadhabiin kufee isa fuudhani gara hospitaalaa deeman, hospitaala Yoo gahu Haakimtichi baayye waan dadhabee jiruuf oksijiini saati 24f fudhachu qaba jechuun oksijiini itti godhan.
Saatii 1 booda itti wayyaa'e of bare, sana booda Haakimtichi dhufee Naga'e kaffaltii itti kenne manguddicha kanatti.

Nagahee san harkaa fuudhee laalee mataa isaa lafatti gadi qabee imimmaan ija isaa irraa gadi roobse, Haakimtichi rifatee maal taatee kafaluu hin dandeessu ? Jechuun gaafaten.
Manguddichis lakkii ani kana kafaluu dadhabeeti miti kan boo'e, kan kanaa olii kafalu nan danda'a, Kan ana boochise Tola rabbiin koo natti ooleedha, Waggaa 78 Hafuura nagaa baafataa qilleensa qulqullu fudhataa Homaa nan kafalchiisne jedheen.

Haakimtichis Haasaa manguddoo kanaatiin ijji isaa imimmaan roobsuu eegalte Waliin bo'e.
Qilleensa qulqulluu argattu kana itti kafalta osoo nuun jedhamee akkam taana?
Tola rabbiin nutti oolee lakkoofne hin fixnu osoo beeknee silaa arrabni keenya isa faarsuuf galata galchuu irraa yeroo tokko hin dhaabbattu.
"الحمدلله والشكر لله"
Share Gochuu hin dagatin.
Forwarded from Keyralumma
KUTAA 2️⃣1️⃣FFAA
WALLAANSA DADHABINA
IIMAANAA
Kutaa 20ffaa dubbisuu Hubadhaa

waa’ee hojii gaarii ilaalchisee Muslimni wantoota armaan gadii guutuu qaba:

✺ GARA ISHEETTI ARIIFACHUU:
◉ Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
“Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi gara jannata warra Rabbiin sodaataniif qophooftee kan bal’inni ishee akka samii fi dachii taateetti arifadhdaa.” (Aali Imraan: 133).

• Ammas Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
“Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi jannata bal’inni ishee akka bal’ina samii fi dachii ta’eetti wal dorgomaa. Isaan Rabbii fi ergamtoota Isaatti
amananiif qophoofte. Kun tola Rabbii kan Inni nama fedheef kennuu dha. Rabbiin abbaa tola guddaati.”
(Alhadiid: 21).

Wantoonni aayatoonni kun sahaabota biratti akeekan gara hojiitti ariifachuudhaaf bareechee kakaasa.


خرج رسول الله ﷺ فتكلم فقال: إن لنا طلبة فمن كان ظهره حاضرا فليركب معنا فجعل رجال يستأذنونه في ظهرانهم في علو المدينة فقال:لا إلا من كان ظهره حاضرا، فانطلق وأصحابه حتى سبقوا المشركين إلى بدر وجاء المشركون فقال رسول الله: ﷺ لا يقدمن أحد منكم إلى شيء حتى أكون أنا دونه فدنا لمشركون فقال رسول الله ﷺ
: قوموا إلى جنة عرضها السموات والأرض قال يقول عمير بن الحمام ألنصاري:
يا رسول الله جنة عرضها السموات والأرض نعم، قال: بخ بخ، فقال رسول الله: ما يحملك على قولك بخ بخ؟ قال: لا والله يا رسول الله إلا رجاءة أن أكون من أهلها، قال فإنك من أهلها فأخرج تمرات من قرنه فجعل يأكل منهن ثم قال: لئن أنا حييت حتى آكل
.تمراتي هذه إنها لحياة طويلة، قال: فرمى بما كان معه من التمر ثم قاتلهم حتى قتل


• Hadiisa Muslim gabaase keessatti Anas bin Maalik irraa odeeffamee waa’ee lola Badrii keessatti ni jedhe: yeroma Mushrikoonni dhihaatan Ergamaan Rabbii ni jedhan: “gara jannata ballinni ishee samiifi dachii ta’eetti ka’aa dhaabadhaa.” Umeer bin Alhammaam Al-ansaariin ni jedhe: ‘yaa Ergamaa Rabbii jannata ballinni ishee samiifi ardiin qixxaattumoo?’ “Eeyyee” jedhan. ‘Tole! Tole!’ jedhe. Ergamaan Rabbii ﷺ “jecha kee tole! Tole! Jedhu kana irratti maaltu si kaase?” jedhan. Innis “homaa miti wallaahii yaa Ergamaa Rabbii! Warra ishee irraa ta’uu kajeellaadha malee homaa miti.” Muslimtu gabaase.


᯽ ISHEERRA TURUU:
• Ergamaan Rabbii ﷺ hadiis Alqudsii keessatti Rabbii isaanii irraa fuudhanii ni jedhan: “gabrichi koo sunnaadhaan natti
siqannaan isa jaaladhu malee hin hafu.” Bukhaariitu gabaase.
Jechi kana irraa hin dabne irra turuu akeeka. Ammas Nabiyyiin ﷺ: “hajjiifi umraa wal hordofsiisaa.” Tirmiziitu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.

• Wal hordofsiisuunis irra turuu agarsiisa. Bu’uurri kun iimaana jabeessuu keessatti hundeedha. Waan xiqqoo turutu baay’ee ciccitu caala. Hojii gaarii irra turuun iimaana ni jabeessa. Nabiyyiin ﷺ ‘hojii irraa isa kamtu gama Rabbiitti irra jaallatamaa’ gaafataman.
“Isheen hojii turteedha; odoma xiqqaatteeyyuu” jedhan. Bukhaariitu gabaase.

Nabiyyiin ﷺ yeroo hojii wahii hojjatan ishee irra ni turu. Muslimtu gabaase.


Kutaa 22ffaan itti fufa insha'allaah.....
Forwarded from Keyralumma
💌 Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatu jaalalloowwan koo hundi nagaafii rahmanni rabbii isiniif hajiraatuu jechaa waamicha ykn gahee amantaan koo islaamummaan narraa qabu isiniin gahuun barbaada innis waamicha gara barnootawwan dursuu qaban kan akkaan barbaachiisoo tahan kan isiin maletti amantaan keenyaa fi dalgaan amantaa keenyaa dhaabbachuu ykn qeebalamuu indandeenye barnoonni sunis maali yoo jettan kunoo kanneen gadii kana ⤵️ 👇

➡️ Barnoota Toohidaa

➡️ Barnoota Aqiidaa

➡️ Barnoota waa'ee iimaana

➡️ Barnoota Seenaa/siiraa

Obboloowwani fi obboleettin koo hundi akka gama barnoota kanaa dhuftanii barattan hiriyoottan keessanis garas affeeruun ykn ergaa keenya kana shear forward gochuun Gahee amantaan keessan isinirraa qabu bahadhaa isiniin jenna
⤵️ kan gadii kana tuqaa👇
Forwarded from Keyralumma
Jecha Hayyoota islaamaa.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

📌Jiruun qooda rabbiiti beeki! Ati waa haqa isa biraa qabaateetti miti waan qabdu kana ka argatte, rahmata isaatiin siif qoode malee.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

📌Amntiin islaamaa nuti itti amannu kun, jannata dura, adduniyaa tolchuu qaba. Haalota jiruu duniyaatti hammaatu, waan yoo namni isa hojjete irraa hin bareenne haraam goodhee ilma namaa irraa dhoorka, waan gaari itti ajaja.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

📌Kitaabbolen hayyoonni islaamaa kumaatamaan barreessan kunniin kaayyoon isaa inni guddaan, kidmaa qur'aanaatiifi. Hayyuun kitaabota hedduu barreesse tokko aakiira umrii isaatitti akki jedhe "osoo waan qur'aan kana keessa jiru ka beeku taate, umrii kiyya silaa waan biraatti hin fixu"
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Forwarded from Keyralumma
♻️𝚆𝙰𝙹𝙹𝙸𝙽 𝙹𝙸𝚁𝙰𝙰𝙲𝙷𝚄𝚄𝙵
✍️𝙰𝚖𝚊𝚕𝚘𝚘𝚝𝚊 𝚃𝚘𝚛𝚋𝚊𝟽 𝚔𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚗 𝚔𝚘𝚙𝚑𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚏𝚒 𝚔𝚘'𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚋𝚒𝚕𝚒𝚜𝚊 𝚗𝚊𝚖𝚊 𝚐𝚘𝚍𝚑𝚊𝚗:

𝟷.𝙽𝚊𝚊𝚖𝚞𝚜𝚊 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞.
𝟸.𝚂𝚑𝚊𝚔𝚔𝚒𝚒 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚋𝚒𝚕𝚒𝚜𝚊 𝚝𝚊'𝚞𝚞.
𝟹.𝚁𝚊𝚔𝚔𝚒𝚗𝚊 𝚞𝚞𝚖𝚞𝚞 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚘𝚏 𝚚𝚘𝚚𝚚𝚘𝚋𝚞𝚞 𝚢𝚔𝚗 𝚘𝚏 𝚚𝚞𝚜𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞.
𝟺.𝙰𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚑𝚊𝚖𝚒𝚕𝚎𝚎 𝚋𝚊𝚕𝚍𝚑𝚊𝚊 𝚍𝚊𝚐𝚊𝚊𝚐𝚜𝚞𝚞.
𝟻.𝙾𝚋𝚜𝚊 𝚊𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚐𝚘𝚍𝚑𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞.
𝟼.𝙳𝚊𝚗𝚍𝚎𝚎𝚝𝚝𝚒𝚒 𝙽𝚊𝚖𝚘𝚘𝚝𝚊𝚊𝚗 𝚠𝚘𝚕𝚒𝚒 𝚐𝚊𝚕𝚞𝚞 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚑𝚊.
𝟽.𝙽𝚊𝚖𝚘𝚘𝚝𝚊 𝙰𝚔𝚔𝚞𝚖𝚊 𝚊𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚖𝚒𝚌𝚑𝚘𝚘𝚖𝚞𝚞 𝚍𝚑𝚊.
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️
Gorsa Hayyootaa Irraa

❝Yoo dandeette beekaa ta'i, yoo kana godhuu dadhabde beekuuf xaarii, kana illee godhuu yoo dadhabde beekaa jaaladhu, sana yoo dhabde illee beekaa (Aalima) hin jibbini❞. [Umar Ibn Abdul-Aziiz).

Abuu Bakris-Siddiiq (R.A) yoo dubbatan ❝Wantootni saddeeti (8) bareedinna❞ jedhanii jiran Isaanis:-
⓵Bareedinna hiyyummaa nama kadhachuu dhabuu dha.
⓶Bareedinni jireenyaa qananii (jireenya badhaadhinaa) Allaahaa (S.W) galatonfachuu dha.
⓷Bareedinni rakkoo Obsa.
⓸Bareedinni beekusmaa namaa ibsuu danda'uu dha.

⓹Bareedinni beekumsaa namaa ibsuu danda'uu dha.
⓺Bareedinni beekaa of xiqqeessuu dha.
⓻Bareedinni Allaahaa (S.W) Sodaachuu booyuu dha.
⓼Bareedinni Salaata xiyyeeffannaan onnee sassaabuu (khushuu'i qabaachuu) dha.
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU

Gorsa Hayyootaa Irraa

Jaartiin takka Umrii ishii bareedinna fuula ishii osoo hin dhabin akka aduu bareeddee fi iftee namootni ishee argan wanticha ajaa'ubuun sababa maaliitin bareedinna akkanatti ife akka gonfatte yoo gaafatan akka asii gadiititti deebifte:-
➧Hidhiiwwan kiyya haqaan ala jecha biroo akka hin baafne godhuu kiyyaan
➧Sagaleen kiyya Allaahaa (S.W) yaadachuu malee wanta birootiin hafuura illee akka hin baafanne godhuu kiyyaan.
➧Ijjeen tiyya halaala malee haraama akka hin ilaalle dhoorkuu kiyyaan.
➧Harki kiyya humna qabuun hiyyeessaa kennuun akka diriiru godhuu kiyyaan.
➧Qaaamni kiyya guutuun karaa Allaahaa (S.W) irratti akka qajeelan (Istiqaamaa akka qabaatan) godhuu kiyaan.
➧Onneen tiyya jaalala Allaahaa (S.W) tiin akka qabamtu godhuu kiyyaan
➧Sammuun kiyya qarummaa (hikmaa) malee ilaalcha gowwootaatiin akka hin summoofne godhuu kiyyaan.
➧Hawwii fi fedhiin kiyya lugaama Iimaanaa akka qabaatan godhuu kiyyaa fi hamilee hongoo fedhiin kiyya ittiin an hogganeen wanta hin hogganaminiif❞ jechuun deebifte.

Yaa Allaaha! Beekumsa na beeksifteen fayyadamaa na godhi. Beekumsa na fayyadu illee na barsiisi. Beekumsa illaa naaf dabali. Aamiiin!!❞
Forwarded from 𝔅𝔞𝔯𝔟𝔞𝔞𝔡𝔞𝔞 ℌ𝔞𝔮𝔞𝔞 via @Feysal_bot
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu

kabajamtootaa obboleewwan muslimaa hundi kan hundee ykn bu'uura amantaa ofii baruu barbaaddan kunoo nutis barnootawwan hundee islaamaa tahan karaa gabaabinaan qabannee isiniif dhihaanne jirra isinis carraa kanatti fayyadamuun mata-dureewwan gaditti isiniif tarreessine kanarra tuquun Kottaa gahee keessan bahadhaa isiniin jenna.

🚸Barnoota Aqiidaa 🚸

🚸Barnoota Toohidaa 🚸

🚸Barnoota seenaa/siiraa 🚸

🚸Barnoota waa'ee iimaana🚸

🚸Barnoota Toowbaa 🚸
2024/11/17 04:52:39
Back to Top
HTML Embed Code: