Telegram Web Link
Forwarded from Keyralumma
@keyralumma @ibnutemiya6
❣️هل أطعمت قلبك يوماً❤️

👉MEE GUYYAA TOKKOLLEE QALBII KEE KANA NYAACHIFTEE BEEKTAA👈

🔰 Sa mee qalbii kee kana nyaachiftee beektaa yaa gabricha rabbii atihoo yaa gabrittii rabbii takkaa qalbii tee tana nyaachiftee beektaa, bar qalbiin ilma namaa akkuma qaamni namaa nyaata barbaadutti/fedhutti qalbiin ilma namaatiis nyaata feeti/barbaaddi .
🦻إسمع أخي الحبيب
👂Mee dhagahi obboleeysa khiyya jaallatama,
أنتي يا أمة الله
Atiis mee dhageeyfadhuu yaa gabrittii rabbii,
🍀🍃 Rabbiin (s.w) ilma namaa kana biyyee irraa uumee lafuma tanarraa isa razzaqee nyaachisee qaama isaa kana akka guddachaa deemu taasise,
Qalbiin ilma namaa tun rabbi biraa waan dhufteef nyaanni qalbii tanaatiis wanni isii ittiin guddisaniis garuma saatti taatuudha, Kan akka Qur'aana qara'uu faa Ammas Zikrii godhuu faa kanaan nyaata qalbii teenyaaf rabbiin (s.w) kurfeeysee jiru khana qalbii teenya haa nyaachifnuu Inshaa Allaah.
Forwarded from Keyralumma
Imaanni kee akka jabaatu Nasiihaa torbana kana fudhadhu.
=======================================
1. Salaata Sa'aa Isiitti salaati.
Isiin dalagaa gama Rabbi si dhiheeysiturrahi. Kaafiraa fii Muslimni isiin adda bahe beekkama.
Rasuulli s.a.w "dalagaa tamtu caala" jechuun gaafatamee "Salaata Yeroo Isiitti salaatuudha" jechuun deebisan.

2. Quraanarraa hanga dandeeyse guyyaarraa qara'i.
Hanga san ammoo guyyaa hunda itti fufi malee addaan hin kutin. Warra Quraana qara'uun guyyaa
qiyaamaa qara'i akkuma adunyaarratti qara'aa turte, Jannata keeysa ol deemi, bakki tee dhuma Aayaata ati qaraatuuti. Isaaniin je'ama. Isaanirraa tahuuf Quraana Qara'uu guddisuu qabna.

3. Zikrii jabeeysi (Rabbi yaadachuu guddisi).
Sa'aa takka keessatti daqiiqa shan qofallee osoo taate Zikrii hin dhiisin.

SubhanAllaah,
Alhamdulillaah,
Allaahu Akbar,
Laa Ilaaha Illallaah...
Yoo sa'aa hunda keessatti daqiiqaa 5 qofa Zikrii goote Sa'aa 8 keessatti daqiiqa 40 Rabbii kee Yaadachaa jirta jechuudha.
✍️Rabbiin warra Zikrii irraa dubbatee "Warri Rabbi hedduu Yaadatu kan dhiiraatii fii tan Rabbi yaadattu ta dhalaa Rabbiin Araaramaa fii galata guddaa Isaaniif qopheeyse." Al- Hujuraat: 35 Galata guddaan Jannataa... Namni Jannata fedhu Zikrii afaan isaa lafa hin bu'in.

4. Duaaii guyyaarraa godhuun hulaa Rabbii dhadhahi.
Rabbiin na kadhaa nin awwaadha je'ee Isumatti irkadhuu Isuma kadhu. Hadiisa kana yoo dhageeysee? "Irraa laafaan namaa nama Duaaii
(Rabbi kadhaa) irraa laaffate." Sahiihul Jaamii keeysatti Imaam Albaaniin Hadiisa kana lakkoofsa 1044 irratti sahiiha je'een.

5. Warra Badii irraa fagaadhu.
Warra badii malee hin hojjannee wajjiin turuun if booda si hambiisuu bira taree akka Isaanitti warra badiin beekkame si taasisa. Rabbiin warra lafa keeysatti badii dalagan hin jaalatu.

6. Nabiyyii Irratti Salawaata buusuu fii Araarama Rabbirraa barbaaduu heddumeeysi.
Guyyarraa 100 takka Salawaata Nabirratti buustee, 100 Araarama Rabbirra barbaaddu ati nagada ajaa'ibaa keessa jirta jechudha. Hadiisaan Rasuulli s.a.w akkana je'e "Namni Salawaata takka narratti buuse Rabbiin kudhan Isarratti buusa (Rahmata Isaaf godha)."  Salawaata buusuun Rasuula s.a.w caalaa suma fayyaddi. Araarama Rabbirraa barbaaduun Adunyaa fii Akhiiraa sitti ballifti, duuba maal eyda!!

7. Sadaqaa hanga dandeeyse guyyarraa harka numa laadhu. 
Sadaqaan Ibidda Jahannam Namarraa dhaamsiti akka Bishaan Ibidda dhaamsutti. Waanuma qabdurraa harka diriirsuu hin hifatin...

Rabbiin dalagaa gaarii nurraa haa qeebalu.
Forwarded from Chaanaalii via @Feysal_bot
TOOHIDA KUTAA 2️⃣1️⃣FFAA
                
Dura Kutaa 2️⃣0️⃣Ffaa Dubbisuu Keessan Hubadhaa
6.MURTII RABBIITI (QADARATTI)
AMANUU: ✍️
🔰Waa afur of jalatti qabata.
1.Rabbiin tokko tokkoo fi walii galaanis waahunda beekaa ta’uu isaa amanuu... itti fufa

AL-IHSAAN✍️
Ihsaana jechuun akka lugaatti faallaa badiiti Akka shar’aatti ammo... Semore..

UTUBAA IHSAANAA✍️
Ihsaanni Utubaa tokkocha qaba.
Innis Akka.... itti fufa ...
Forwarded from Keyralumma
Qalbii keenya goge
Imaanaaf taqwaa dhabee
Namnis jiraachuu malee
Of yaadachuu dadhabe
Qalbiin sodaa dhabnaan
Tahuudha gaagura onaa
Guddaanis xiqqaa tahee
Eegaluudha boona
Isa har'aa maleessaa
Isa borii yaaduun hafaa
Har'a of dagatanii
Bor qaana'uun fafaa
Tolaa fi rahmata keen
Nuuf kenni sodaa jabduu
Qalbiikeenya shamshitee
Hin taasisin badduu
Forwarded from Keyralumma
#Sheyxaana arrabsuun akka dhoorkaa ta'e beektuu?

#Sheyxaana hin arrabsinaa, sharrii isaarraa Rabbitti maganfadhaa.

#Sahaabichi tokko [ r.a ]akka jedhe : Guyyaa tokko Rasuulli [s.a.w] yaabbii isaanii duubaan na yaabbisanii osoo deemanii horiin isaanii gufannaan, ani 'sheyxaanni haa badu'n jedhe achumaan Rasuulli [s.a.w] "bismillaahi jedhi malee akkas hin jedhin naan jedhan, ati yoo akkas jette guddatee hanga manaa ga'ee, humna kootiinan akkas godhe" jedha yoo bismillaah jettemmoo, xiqqaatee hanga titiisaa ta'a".
Forwarded from Keyralumma
TOOHIDA KUTAA 2️⃣2️⃣FFAA

DURA KUTAA 2️⃣1️⃣FFAA DUBBISUU KEESSAN HUBADHAA

IBAADAA BAKKA LAMATTI QOODNEE ILAALUU NI DANDEENYA ✍️
1.Ibaadaa kawniyyaa:
ibaadaa kawniyyaa jechuun ajaja Rabbiitif gadi qabamuu dha kunis tan namni hunduu kaafira muslima munaafiqa faajira osoo hin jedhin hundaa walitti qabu jechuu dha Rabbiin Qur’aana keessatti Wanti samii fi dachii keessa jiran hundi gabra (Isaa) qofa ta’anii gara Rahmaan dhufan malee hin hafan (Suuratu Maryam 93)
2.Ibaadaa shar’iyyaa:
Ibaadaa shar’iyyaa jechuun kan muslimni mu’uminni qofti Rabbii fi Rasuula tole jedhee ittiin Rabbi gabbaru jechuu dha Gabroonni Rahmaan isaan suutan dachii irra deeman (Al-Furqaan 63)

TAWHIIDA IBAADAA:
Tawhiidni Keessatti Utubaa Baay’ee
Barbaachisaa Ta’e Dalagaa ta’e haa ta’uu ibaadaa (gabbartii) jedhamee waamamee Rabbiif taasisuun ibaadaa jedhama kan birootif dabarsanii taasisisuun shirkii ta’a Kanarratti ragaa baay’etu jira.
Rabbiinis Gabbaraa Isattis homaa hin
qindeessinaa. (An-nisaa’ 36)
Gooftaan keetis akka isin isa malee waa takka hin gabbarree fi haadhaa fi Abbaa keessanitti akka tola ooltan Murteessee jira (Al-Israa’I 23)
Jedhi Koottaa! Waan gooftaan keesan isinirratti Haraama godheen isin irratti dubbisaa (qara’aa) isatti waa qindeessuu dhiisuu (Al-An’aam 151
FAKKENYAN HAA ILAALLU:
Kadhaan Ibaadaa dha kan biraatif dabarsuun Shirkii dha Sodaan Ibaada dha kan biraatif dabarsuun shirkii dha Qalmi(gorraasan Ibaadaa) dha kan biraatif dabarsuun shirkii dha Qodhaan(Nazriin) Ibaadaa dha kan biraatif dabarsuun shirkii dha
AKAAKUWWAN JAALALAA:
Jaalalli bakka Afuritti qoodama isaanis:
1.Ibaadaa (gabbartii) kana jechuun jaalala Rabbiif qaban ibsa Akkasuma waan Rabbiin jaallatu jalatuu dha.
Isaannan amanan irra Rabbiin jaalatu (Baqara 165) Warri (Rabbitti) amanan Rabbiin irra jaalatan
2.Shirkii kuni ammoo Rabbiin malee Kan biraatif of xiqqeessun jaalachuu waan sanaaf gadi jechuu waan Rabbiif malee hin hayyamamne dalaguu jechuu dha.
Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha
Namoota irraa Nama Rabbiin ala gabbaramtoota biraa kan akka Rabbiin jaalatanitti isaan jaalatan
godhatantu jiru (Al-Baqara165)
3.Dilii (Ma’asiyaa :) Kuni ammoo kan akka dilii (ma’asiyaa) Bidi’aa waan haraamaa jaalachuu fa’a Ragaan jecha Rabbiti Dhugumatti isaan gochi fokkataan isaan amanan keessatti tamsa’uu jaallatan isaaniif addunyaa fi
aakiraa kessatti adaba laalessaa ta’etu addunyaa fi aakiraa kessatti adaba laalessaa ta’etu isaaniif jira Rabbumatu beeka isin hin keektan (Annuur 19)
4.Jaalala waliigalaa kan uumaa:
Kana jechuun jaalala akka ijoollee ofii jaalachuu warra ofii Nafsee ofii jaalachuuti Kuni ammo waan
rakkoo qabuu miti Kanas ragaan jecha Rabbii ol-taheeti Namootaf jaalalli wantoota lubbuun isaanii feetu kan dubartootaa fi ilmaan irra warqee fi meeta kuufamaa irraa faradoo miidhagfamte horii fi dachee qonnaaf mijooftu irraa ta’e miidhagfamee jira kuni meeshaa jireenya dunyaati Rabbiin immoo isa bira deebii bareedatu jira (Suuraa Aala Imraan 14)
SODAA
Sodaa jechuun waan nama miidhuu fi badii namarraan gahuu danda’u irraa yoo ta’u waan namarratti rakkoo fiduu
danda’u tokko of-eegun sochiin taasifamu sodaachuu jedhama
Bifa Sodaa
1. Shirkii Guddaa
Kuni sodaa dhoksaa (iccitii) ti waan Rabbiin malee wanti biraa godhuu irratti dandeetti hin qabaanne tokko sodaachuu jechuu dha Rabbiin Qur’aanaa keessatti akkana jedha
Yoo Mu’imintoota taatan isaan hin sodaatina na sodaadhaa (Aali Imraan)
2.Kan Haraama ta’e:
Kana jechuun ammoo Sodaa namaatii jecha waajiba (dirqama) dhiisanii haraama waan dhoorkame dalaguu jechuu dha Ragaan kanaas jecha Rabbii ol-taheeti Namoota hin Sodaatinaa Ana Sodaadhaa Suuratul Al-Maa’idaa 44... itti fufa insha'allaah
Forwarded from Keyralumma
#Sheyxaana arrabsuun akka dhoorkaa ta'e beektuu?

#Sheyxaana hin arrabsinaa, sharrii isaarraa Rabbitti maganfadhaa.

#Sahaabichi tokko [ r.a ]akka jedhe : Guyyaa tokko Rasuulli [s.a.w] yaabbii isaanii duubaan na yaabbisanii osoo deemanii horiin isaanii gufannaan, ani 'sheyxaanni haa badu'n jedhe achumaan Rasuulli [s.a.w] "bismillaahi jedhi malee akkas hin jedhin naan jedhan, ati yoo akkas jette guddatee hanga manaa ga'ee, humna kootiinan akkas godhe" jedha yoo bismillaah jettemmoo, xiqqaatee hanga titiisaa ta'a".
Forwarded from Keyralumma
🔰 SEENAA USMAAN BINU AFAAN

Assalaamualeykum Worahamatullaahi Wobarakaatuhu kabajamtoota hordoftoota keenya Sagantaa barnoota keenya Seenaa Sahaabotaa Adda dhaabne turre eegallerra tartiibaan hordofaa

USMAAN BINU AFAAN

Kutaa 7️⃣ffaa
Kutaa 6ffaa dubbifteettaa?

BULCHIINSA USMAAN
🕹️Usmaan, seeraf heera Rasuullaa s.a.w, Abbaa Bakrii Fi Umar dhaalun bulchiinsa isaa karaa Rabbii, Qur’aanaa fi Hadiisaatiin ummata muslimaa karaa qabsiisaa ture. Wal qaixxumma fi nageenya biyya muslimaa buuse.

Bara angoo isaatti Usmaan haala nama dinquu fi bulcha tokkorratti gocha ulfaatu raawwataa, of gadi qabaa fi ummata kamiin qixa of godhaa ture. Hamma masgiida keessa rafuun qaamni isaa saalena masgiidatin dirmammaayaa jiru isaa dabarse, dhukkubsataa beeku fi hin beekne cufa ganda keessa nannahun gaafata ture. Gabaa keessa nannahunis qaala’insa gabaa qorataa ture. Bara bulchiinsa isaa diinagdeen heddummachuu, horoon babal’achuu, ummanni hedduun duroome, manni kuusaa diinagdee ummata musliimaa, qabeenyaan guuttame, hamma namni tokko harka nama tokko eegachu irraa of dandahutti, hamma lallabbaan kootta kenna keessan fudhadha, gara nyaataati, damma, dhadha, urgooftuu, zabiiba .. jedhanii lallabamuun godhamutti.

Ummanni badiya gara magaalatti galuu eegale, Kan muslimni muslima hin sodaanne, kan hundi wal jaalala fi walitti tola ooluuf qofa wal barbaadu, waliin nyaachuun, waliin dhuguun keessa babal’atte..walumaa galatti bara bulchiinsa isaa keessa, barrille akka Usmaanitti arjoomuu eegale.

Waan nama ajabu immoo Usmaaniin angoo dura gaala fi re’oota lakkoofsaan hanga hin beekne qabu, yeroo angoo isaa gaala lama qofa qaba ture. Wal qixxummaa namoota qofa irratti osoo hin taane, isaa fi gabra isaa jidduuttillee adeemsisaa ture.

Guyyaa tokko Gabri isaa tokko waa balleessee jennaan, gurra isaa miccire. Booda garuu, gabricha isaa yaameeni akka irraa kafalatuuf gurra jala qabe. Gabrichis bulchaa ta’uu isaa osoo beekuu qaanfataa, jechuma isaa guutuf xinnoma ishee miccire. Yeroo kana Usmaan haqa akka hin guutin baree, deebisee akka sirritti isa micciru isa ajajeen booda “kaffaltiin addunyaa tan aakira irra akkaan laaftudha.” jedhe.
Akkasuma adabbii firaa fi ambaa jidduutis wal qixxeessaa ture.

Biyyoota Usmaan Qabate
Usmaan hoggantoota filachuun akka waraana duulchisani biyyoota adda addaa banan godhe.
🔻Hoggantoota Naannoo isaan banan
Abu Mussaa Al-ash’ari (Magaala Rayyii)
Waliid binu Uqbaa (Azarbijaani fi arminiyaa) Abdallah Binu Abi Sarhi (Afrikaa keessatti) Sa’id binu Aas (Xaabaristani fi Gazzaa) Abdallah binu Amri (Kuraasan dangaa Paris sajistan kurmaan sabur arjaan Asbihaan Habashaa Jaziiratu qabars


Seenaa islaamaa kessatti bulchaan jalqaba galaana qabate, duula galannarras kan eyyame Usmaanii binu Affaani. Eyyama isaa booda mu’aawiyyaan kan bulcha biyya shaami ture duulaa waraana galaanarra ta’un akkasumas Abdallah Binu Sarhi bulchaa biyya Masrii ka ture fa’aa ta’un, Qooda guddaa fudhachuun seenaa boonsaa Islamumma keessatti galmeessisan.

Walitti Qabiinsa Qur’aanaa
Dachiin muslimaa babal’annaan hedduminni muslimas dabalee. Sababa kanaan qaraatiin qur’aana garaagarumma ummachuu jalqabde. Namoonni muslima cufti akka afaan isaanitittii qara’uun dhufte. Haala kana kan qalbise Huzeeyfaan Binu yamaan wanni kun garaa isa quqee jennaan, Lola biyya Azar bijaani fi Armaaniyaa irratti qooda fudhachuuf kan biyya Iiraaq jiru achii ka’ee Usmaanitti dhaquun baduuf deemu qurr’aana ykn dubbisa loqodaa biraatti makataa deemuf ta’u qur’aana sodatee itti hime.

Osoo wal dhabbiin akka kitaaba warra Amantii yahuudaa fi Nasaaraa Qur’aan kessatti hin uumamiin dafii dhaqqabi jedheen. Battalumatti Usmaan qur’aana Abbaan Bakrii walitti qabee Hafsaa bira jiru gara isaatti eyyama isiitin fichisiisee, Sahaabdoota akka Zeydi ilma saabiti, Abddallah ilma Zubeyri, Sa’iid ilma Aasi, Abduramaan binu Haaris binu Shaam walitti qabuun akka gama qiraa’aa takkatti deebisan taasise... Itti fufa insha'allaah
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️

Dhaamsa Nabi Muhammad (S.A.W)

Sadarkaa beekumsa argachuu:-
➯Hadiisa Abud-Dardaa'i (R.A) dabarsaniin Nabi Muhammad (S.A.W) akkana jedhuun dubbatanii jiru:- Namni beekumsa argachuuf deeme:-
➧Allaahaan (S.W) Karaa Jannataa isaa laaffisa.
➧Malaa'ikootni gocha isaa ni faarsu, kooluuwwan isaanii illee ni diriirsuuf/ni afuuf.
➧Uumamtootni dachii irraas ta'ee samii keessa jiran, Qurxummiin Garba /Bahra keessa jiru illee osoo hin hafin nama beekumsa (Islaamummaa) horaatee jiru hundaaf araarama kadhatan.
➧Namni barate (Aalimni) nama hin baratinii fi nama (akkanumaan) Allaahaa gabbaru ni caala; haga adeessii guutuun Urjiiwwaan caaltee mul'attuun.
➧Aalimootni dhaaltoota Nabiyyootaati (Anbiyootaati). Anbiyootni qarshii takkattis ta'ee qabeenya homaatuu dhaalchisanii hin darbine, haa ta'uu malee dhaalli dhiisan beekumsa ture.
Forwarded from Keyralumma
TOOHIDA KUTAA 2️⃣4️⃣FFAA

DURA KUTAA 2️⃣3️⃣FFAA DUBBISUU KEESSAN HUBADHAA
RUQYAA
Ruqyaa jechuun zikriiwwan du’aa’iwwan nama dhibame tokko irratti qara’uu jechuu dha.
Akaakuu Ruuqyaa:
Ruqyaan bakka lamatti qoodama.
1.Ruqyaa hayyamamaa
2.Ruqyaa dhoorkamaa
1.Ruqyaa Hayyamame:
Akka walii gala Ulamaa’aatitti Ruqyaan hayyamame ulaagaa sadi of keessatti hammachuutu irra jiraata.
1.Lugaa Arabii ifa galaa tahuu fi kan hiikkan isaa beekkamu ta’uu qaba.
2.Jecha ykn sifaa fi Maqaa Rabbiitin tahuu qaba.
3.Irkannaa guutuu itti hirkachuu dhabuu
Ruqyaan tun homaa hin fayyaddu ajaja
Rabbiitin malee jedhanii amanuu fa’aa dha.
2.Ruqyaa Dhoorkame:
Ruqyaa dhoorkame jechuun kan ulaagaa armaan olii tokko yookin hedduu isaa keessaa hin guuttatini.
Waayee Ruqyaa ilaalchisee Ragaan Hadiisa irraa akka armaan gadiiti:
Jecha Rasuulaa ﷺRuqyaa irraa akkasuma waa fannifachuu fi namoonni akka wal jaalatan ykn waljibban godhuun Shirkii (yagutomsuu) dha.
Rasuulli ﷺammas akkana jedhan:
Yoo shirkiin keessa hin jiraatin Ruqyaa keessan natti fidaa Rakkoo hin qabu jedhan. Muslimtu gabaase.
TAMAA’IMA
Tamaa’ima jechuun waan ija irraa of qabuu daa’imatti waa fannisuu dha.
Qoqqoodama isaa:
Bakka lamatti qoodama
1.Tamaa’ima Qur’aanaa fi Du’aa’ii Rasuulli himan irraa Bifni akkanaa kun dhoorkamaa dha. Sababni isaa waa
sadi waan of keessatti qabateef.
A.Walumaa galatti waa rarraafachuun waan dhoorkaa ta’eef
B.Waan haraama ta’e hin heyyamamne akka hin rarraafanneef karaa cufuuf
C.Waan yeroo mana fincaanii seenan qormaataf yookin rakkoof nama saaxiluu danda’uuf
2.Waan Qur’aana fi du’aa’ii hin taane
rarraafachuu Waan akka maqoota jinnii sheyxaanaa kuun ammoo waan waa wal-keessa diddiree waan namaa hin galle rarraafachuu dha. Kun ammo Rabbiin malee waan jirutti rarra’uu waan tayeef shirkii waan of keessaa qabuuf gonkumaa haraama ta’a.
Walumaa galatti Qur’aanarraa haa ta’uu waan birootirraa haa ta’uu waa rarraafachuun gonkumaa
haraama ta’a. Yoo Qur’anarraa hin ta’in inumaahuu haraamaa fi Shirkii of keessatti qabata.
Ragaan isaa jecha Rasuulaati ﷺ Jecha Rasuulaa ﷺRuqyaa irraa akkasuma waa
fannifachuu fi namoonni akka wal jaalatan ykn waljibban godhuun Shirkii (yagutoomsuu) dha.
TABARRUKA
Tabarruka ykn barakaa barbaaduu jechuun waan ta’e tokko irraa waa argadha jedhanii isarraan keyrii
tokko barbaaduu jechuu dha.
Qoqqodama Tabarrukaa:
Tabarrukni (Barakaa barbaadun) iddoo 2tti qoodama.
Dhoorkamaa fi Hayyamamaa
1-ffaa: Barakaa barbaaduu (Tabarruka)
Hayyamamaa:
1-Waan qaama Rasuulatirraa ﷺbaheeni fi Zaata Nabiitin barakaa barbaaduu
Kun yemmuu isaan Lubbuun jiranitti daangeffama dha.
2-Jechaa fi dalagaa Shar’aan hayyamametti barakaa barbaaduu. Kanaan yoo barakaa barbaadan barakaa
fi keeyritu namaa argama. Fakkeenyaf Qur’aana qara’uu Rabbiin Zakkaruu (yaadachuu) iddoo Ilmiin baratamutti argamuu faa dha.
3.Iddoo Rabbiin Barakaa keessa kaahen barakaa barbaaduu Fakkeenaf Masjidoota Biyyarraa kan akkaa Makkaa
fi Madiinaa Biyya Shaam fa’aa dha. Barakaa barbaaduu yoo jennu: eddoo kannenitti ibada dalaguu waan Rabbi Ajajeen keyrii dalaguu yoo ta’u utubaa
isaatini fi jidaaran haqachuun dhoorkamaa dha.
4.Yeroowwan Rabbiin sadarkaa fi caalumsaan adda baase keessa barakaa barbaaduu Kan akka ji’a Ramadaanaa Kurnan ji’a zulhijjaa leylatul-qadriin tokko sadaffaa halkan gara dhumaa faa kaasuu ni dandeenya. Barakaa barbaadun karaa Rabbi Hayyameen keyrii hojechuu guddifachuu dha.
5.Nyaata Rabbiin barakaa keessa kaahen barakaa barbaaduu Kan akka Zeyt zeytuunaa dammaa aananiin habbata sowdaa bishaan zamzamaatin
barakaa barbaadu dha.
2ffaa: Barakaa barbaaduu dhoorkamaa ta’e:
1.Kan iddoodhaan dhoorkame:
Fakkeenyaaf jidaara tokko tokkotti fooddawan ijaarsa tokko tokkotti utubaa ijaarsaa tuquun (qaqqabuun) akkasuma biyyee isaatin fayyaa arganna jechuun barakaa barbaaduun gonkumaa dhoorkamaa dha.
Qabrii saalihootaaa (Nama gaggaarii) deemanii barakaa barbaadunis akkanuma dhoorkamaa dha.
Akkasumas iddoowwan seenaa qaban kan akka iddo dhaloota Rasuula ﷺgaara hiraa’a fi gaara sowrii deemanii barakaa barbaadun hin hayyamamu...itti fufa insha'allaah
Forwarded from Keyralumma
♡الحمد لله♡
Seenaa Ajaa'ibaa, Gorsa irraa fudhanne, Aadaa taasifannu boru ittiin milkoofnu.

■Dubbisii obboleeyyan keetif share godhi.

☆Guyyaa Tokko Manguddoon umriin isaa waggaa 78 ta'e dhukkubsatee dadhabiin kufee isa fuudhani gara hospitaalaa deeman, hospitaala Yoo gahu Haakimtichi baayye waan dadhabee jiruuf oksijiini saati 24f fudhachu qaba jechuun oksijiini itti godhan.
Saatii 1 booda itti wayyaa'e of bare, sana booda Haakimtichi dhufee Naga'e kaffaltii itti kenne manguddicha kanatti.

Nagahee san harkaa fuudhee laalee mataa isaa lafatti gadi qabee imimmaan ija isaa irraa gadi roobse, Haakimtichi rifatee maal taatee kafaluu hin dandeessu ? Jechuun gaafaten.
Manguddichis lakkii ani kana kafaluu dadhabeeti miti kan boo'e, kan kanaa olii kafalu nan danda'a, Kan ana boochise Tola rabbiin koo natti ooleedha, Waggaa 78 Hafuura nagaa baafataa qilleensa qulqullu fudhataa Homaa nan kafalchiisne jedheen.

Haakimtichis Haasaa manguddoo kanaatiin ijji isaa imimmaan roobsuu eegalte Waliin bo'e.
Qilleensa qulqulluu argattu kana itti kafalta osoo nuun jedhamee akkam taana?
Tola rabbiin nutti oolee lakkoofne hin fixnu osoo beeknee silaa arrabni keenya isa faarsuuf galata galchuu irraa yeroo tokko hin dhaabbattu.
"الحمدلله والشكر لله"
Share Gochuu hin dagatin.
Forwarded from Keyralumma
TOOHIDA KUTAA 2️⃣5️⃣FFAA

DURA KUTAA 2️⃣4️⃣FFAA DUBBISUU KEESSAN HUBADHAA

MATA DUREE TABARRUKA
2.Yeroon (waqtiin) barakaa barbaaduu:
Yeroowwan shari’aan barakaa qabaatuu isii ibsame tokko qabatanii isa keessatti ibaadaa shari’aan hin ragaasifamne dalaguun bid’aa hojechuun dhoorkamaa dha.
Yeroowwan shari’aan barakaa qabaachuu isaa karaa hin godhiniin barakaa barbaaduu:
Fakkeenyaaf Dhaloota Rasuulaa halkan Rasuulli Israa’aa fi Mi’iraaja itti bahan halkan cinaa sha’abana guyyaas ta’e halkan seenaa gurguddaa keessatti argame kuunniin hunduu dhoorkamaa dha.
3.Saalihootanii fi faana isaanitin barakaa barbaaduu Saalihootanis ta’e ilma namaa birootin barakaa barbaadun dhoorkamaa dha. Haa ta’u malee Nabiin
ﷺbarakaa barbaadun kan hayyamamu yeroma isaan lubbuun jiranitti male erga
dabranii dhoorkamaa dha.
Barakaan wal-qabatee Hundeelee fi Heerota Baay’ee Yaachisoo tahan:
Barakaa barbaadun ibaadaa yemmuu ta’u hanga ibaadan sun hayyamamaa ta’uu ragaa shar’iaa nu barbaachisa.
Barakaan hunduu Kan barbaadamuu qabdu Rabbuma tokkicharraayi Isaatu Mootii Isaatu kennaa dha Kan birootirraa hin barbaadamtu.
Barakaa barbaadun waan karaa shar’aatin dhufeen qofa ta’uu qaba. Kana ammoo Mu’umina Rabbiin
tokkochoomse malee Kan biraa fayyaduu hin danda’u.
Barakaa barbaadun waan Islaamummaan nuu hayyamteen qofa ta’a Kana keessatti waan ummanni duraa (salafni) hin hojjetin fiduun waan
haarawa (bid’aa) argamsiisun dhoorkamaa dha.

🕹️SABABAAN WAL-QABATEE
HUNDEELEE YAACHISOO
BARBAACHISOO Tahan

1️⃣.Sababa irratti hirkachuu osoo hin taane kan sababa taasisu (Rabbi) irratti hirkachuu dha Sababni isaas Isaatu argamsiisa sila ta’eefi.
2️⃣.Sababoonni kunniin Murtii fi Qadara Allaahin kan walitti hidhamaa taye beekuu.
3️⃣.Karaan sababni ittiin argamu waa lamaani
1️⃣ffaa:Gama shari’aatin waan dhufe:
Fakkenyaaf Dammi sababa fayyaa ta’uu
Rabbiin qur’aana keessatti ragaa isaa dubbatee jira Isa (damma) keessa qorsa ilma namaatu jira (Suuratu Al –Nahl 69)
2️⃣ffaa:Karaa Muxannootinii fi Dandeettiitiin:
Fakkeenyaf Ibiddi waa gubdi Garuu karaa muxannootin ibiddi akka waa gubdu akka sababa taate erga kallattiin arganii dhugoommsuu danda’u Yoo hin argin jecha dhogoomsuu hin dandeenne
akkanumaan homa hin jirre yaamachuu ta’a kan akkaa fakkii nama ija narraa deebisa jedhanii waa fannifatuu ta’a jechuu dha.
🙏TAWASSULA
Tawassula jechuun akka lugaa arabiitti waan tokko sababa godhatee wahitti dhihaatuu Kanaafuu Tawassula jechuun Rabbi Guddaatti dhihaacchuf
sababaa shari’aa kaayame taasifachuu jechuu dha.
🔻Tawassulli bakka lamatti qoodama
1️⃣.Tawassula Hayyamamu
2️⃣.Tawassula dhoorkamu
Mee dura tawassula hayyamamu haa ilaallu
🔻Tawassula Hayyamamu:
Tawassulli hayyamaman bakka 3tti qoodama
1️⃣.Maqaa ykn sifa Rabbii ol-taheetiin tawassula godhuu.
2️⃣.Dalagaa gaarii dalaganii dabarfataniin tawassula tahuu
3️⃣.Kadhaa (du’aa’ii) nam-gaarii tokkoon
tawassula tahuu
🔻Tawassula Dhoorkamaa:
Tawassula dhoorkamaa yemmuu jennu qooda sadan armaan olitti eerame kanniin Kan of keessaa hin qabne jechuu dha Kana keessaa
A.Kabajaa (sadarkaa) nam tokkoon tawassula Rabbitti tahuu
B.Kadhaa fi qodhaa (nazrii) Awliyaa fi
saalihootaa gochuu
C.Qabrii saalihootaa biratti qaluu naannoo qabrii qubachuu.
🕹️RABIIF MALEE Qaluu
Qalma jechuun karaa adda ta’e tokkoon kabajaa fi jaalalaa jecha beellada tokko Lubbuu isaa baasuu
dhiiga isaa gadi naquu jechuu dha.
Qooda Qalmaa Bakka 3tti qoodama
1️⃣.Qalma karaa shar’aatin kaayame
2️⃣.Qalma hayyamamaa
3️⃣.Qalma shirkii (yagutoomsuu)
🔻1️⃣ffaa Qalma karaa shar’aatin Kaayame Fakkenyaf Kan akka
1️⃣.Uduhiyaa
2️⃣.Qodhaaf (nazriif) qaluu
3️⃣.Qalma hadyiif qalamu
4️⃣.Hajjiif umraa keessatti fidyaaf qaluu
5️⃣.Aqiiqaaf daa’ima dhalateef qaluu
6️⃣.Sadaqaa Rabbitti ittiin dhihaatu baasuuf qaluu
7️⃣.Kabaja keessummaatiif qaluu
Rabbiif Malee Qaluu... Itti fufa insha'allaah
Forwarded from 🔊KEYRAL-UMMA-TUBE via @Feysal_bot
الســـــــــــــــــــــــــــلام عليــــــــــــــــــــــــــــكم
ورحمة الله وبــركاتـــــــــــــــــــــــــــــه
❂:::::::::::::❁﷽ ❁:::::::::::❂

📝Sagantaa barnoota haaraa🧾

Sababni Rabbiin ergamaa nutti ergeef akka nuti hamileedhaan isa gabbarruufi Garuu yeroo haala keenya amma itti jirru kana ilaallu hamileen ibaadaa nu keessaa fuudhamee jira. Ani kan nama biraa hin beeku malee hamileen kiyya zeeroo ta’ee jira jechuun danda’a. Rabbiin hamilecha nuuf haa deebisu. Egaa wanti kun dhukkuba guddaadha. Dhukkubni kamuu sababa mataa isaa qaba. Iddoo sababa isaa ga’uun duratti garuu namni tokko dhukkubsateera moo hin dhukkubsannee beekuuf mallattoon ittiin baran jiraachuun dirqama ta’a. Erga
kanaatiiyyi sababni baramee wallaansi itti barbaadama.

⌛️ Beektuu Wonni hamileen ibaadaa keenyaa laafee of nujibbisiisee salaata zikrii Qur’aana nu taati'eessee jireenyi keenya faca'ee Tartiibin waa hundaa nurkaa Badee namaan wolii galuu nudhorkee jedhe dhukkuba guddaa nuqabee jiruudha kan nuti ofirratti wollaalle Dhukkubni sun maali laata
Dawaan/Wallaansi isaa hoo Maali laata
Akkamitti baruu dandeenya

Egaa mallattoo dhukkuba kanaa sababa inni ittiin uumamuu danda’eefi wallaansa isaa baruuf

kitaabni Shaykh Muhammad Saalih Almunajjid barreesse kun akkaan bu’a qabeessa. Nama isa dubbiseefi bu’aa guddaa buusa jechuu abdiin qaba.

Nutis barnoota kana KUTAA 1️⃣FFAA irraa jalqabuun Amma dhumaatti isin biraan geenya insha'allaah.

isinis jalqabaa amma dhumaatti barnoota kana argachuuf Chenal keenya ☾︎ JOIN ☽︎ godhaa worri ☾︎JOIN☽︎ gootanii jirtanus hiriyoota keessan affeeraa biraan gahaa isiniin Jenna.
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️

Dhaamsa Nabi Muhammad (S.A.W)

Sadarkaa beekumsa argachuu:-
➯Hadiisa Abud-Dardaa'i (R.A) dabarsaniin Nabi Muhammad (S.A.W) akkana jedhuun dubbatanii jiru:- Namni beekumsa argachuuf deeme:-
➧Allaahaan (S.W) Karaa Jannataa isaa laaffisa.
➧Malaa'ikootni gocha isaa ni faarsu, kooluuwwan isaanii illee ni diriirsuuf/ni afuuf.
➧Uumamtootni dachii irraas ta'ee samii keessa jiran, Qurxummiin Garba /Bahra keessa jiru illee osoo hin hafin nama beekumsa (Islaamummaa) horaatee jiru hundaaf araarama kadhatan.
➧Namni barate (Aalimni) nama hin baratinii fi nama (akkanumaan) Allaahaa gabbaru ni caala; haga adeessii guutuun Urjiiwwaan caaltee mul'attuun.
➧Aalimootni dhaaltoota Nabiyyootaati (Anbiyootaati). Anbiyootni qarshii takkattis ta'ee qabeenya homaatuu dhaalchisanii hin darbine, haa ta'uu malee dhaalli dhiisan beekumsa ture.
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
SEENAA ALIYYII BINU ABII XAALIB
─━❪Kutaa 3️⃣ffaa❫━─
Kutaa 2ffaa dubbisuu Hubadhaa

𖣔 Obbolummaa Jidduu Muhaajiraa fi Ansaaraa Rasuulli s.a.w akkuma Madiinaa seeneen, Masgiida erga ijaaree wanti inni dursa raawwate; obbolummaa islamummaa gidduu muhaajiraa fi Ansaaraa tokkochummaa Rabbii irratti tokko godhee walitti hidhe. Aliyyi qofa malee. Wanti inni san godheefis; Aliyyiin obboleessa addunyaa fi akiraa godhee waan ofii qabateefi. Jaalala kanas osoo wanta addunyaa keessa jiru hundaan wal bira qabanii madaalani, Jaalala Rasuulli s.a.w Aliyyif qabu tan galkaa onnee isaa dhoste tana hin madaaltu. Jaalala tanas Rasuulli s.a.w gochaa fi jechaan ibsaafii turan.

San keessaa hadiisa Tirmiiziin nu gabaase keessatti, “Ani Aliyyi irraahi, innis anarraahi.” jechuun hangam takka akka ofitti anfatan ibsan.

Ammas hadiisa biraa keessatti “namni Aliyyin miidhe, anas miidhe.” jechuun yoo qoreelleen isa waraante, Rasuullis s.a.w waliin dhukkubsatee kan duuka laalatu ta’e.

Gahee isaa Duula Keessatti
Muslimtoonni erga Madiinatti godaananii nagah argannaan, kuffaarri qureeyishii hirriba dhabde. Achittis hokkaruunii (jequunii) eegallaan Nabin  jihaadaaf labse. Aliyyis warroota jihaada keessatti hirmaatan keessaa qooda fudhachuun isa jalqabaa ture. Shahiidumma argachuufis akka nama dirree raaree ykn saharaa keesssatti bishaan qabbanaahaa soquutti shahidumma barbaacha bololaa ture.

Duula Badrii
Hawwii shahiidummaa argachuuf Aliyyi Rasuulaa s.a.w fi Abbaa Lubaabaa wajjiin Gaala tokko dabaree dabareen, kan yaabbatan tahanii karaa bu’an. Aliyyi immoo shahiidummaa duras mindaa biraa argachuu fi jaalala Rasuulaaf s.a.w qabu irraa, isaafi abbaan lubaabaallen dabaree isaanii Rasuulaa s.a.w dabarsanii, miilaan deemuf hawwan. Rasuulli s.a.w garuu akkana jedheen isin humnaan narra cimoo miti. Anis mindaan isinirra dureessaa miti, jechuun didan. Isaan sadiinuu dabareen yaabbataa, yeroo kan miilaan deemaa dirree lolaa gahan.
Akka aadaa Arabaatti osoo waraanni lameen walitti hin seenin dura, gidduu goototaattii walii bahuutu adeemsifama. Garee lameen irraahuu namoota goota ta’an filatuun eegalame. Namoota muslimmaa irraa, namootni sadi duratti bahan. Warri kaafiraa tuffii fi of tuulummaan namoota nuun wal qixxatu as baasi jechuun Rasuula s.a.w itti lallaban. Kuffaaronni islaamummaa haa jibban malee, namni jarri waraanuu fedhan muhaajira ture.

Yeroo kana leenca Rabbii fi Rasuulaa s.a.w ka tahe; Hamzaa, Ubeeyidaa Ibn Haarisii fi Aliyyi duratti bahan. Si’uma takkaan isaa fi Hamzaalleen namoota isaaniin loluuf duratti bahan, ajjeesuun mo’atan. Rasuullis s.a.w malaa’ikaan Jibriil, Israafiliifi Mikaa’iil duula kanarratti Abbaa Bakrii fi Aliyyi waliin looluu himan.

𖣔 Duula Kandaq
Duula kana keessatti gootni islaamaa Aliyyiin binu Abii Xaalib lakkoofsa mushriktootaa kan kuma kudhan gahu sodaatee dubatti hin deebine. Inumaahu goota mushrikaa kan ardii Arabaa keessatti tokkicha kumaan lakkahaamu Amri Ibn Wuddi jedhamuun kan beekkamuun wal dhaane. Seenaa guyyaa kana godhamees hayyootni akka armaan gadii jechuun gabaasan.

Kutaa 4️⃣ffaan itti fufa insha'allaah .....
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
SEENAA ALIYYII BINU ABII XAALIB

KUTAA 4️⃣FFAA

Kutaa 3ffaa dubbisuu Hubadhaa

𖣔 DUULA KANDAQ
Duula kana keessatti mala Salmaan Al-Faarisin maleen, nannawa Madiina guutuu boolla bal’oo taate, diinarraa of baraaruf ummanni muslimaa qote. Hallayyaa qotame kanas mushrikoonni darbuu dadhabanii ji’a tokkoo ol turan. Amri Ibnu Wuddis Rasuula s.a.w ajjeesuf waan karoorfateef, obsuu dadhabee hallayyaa irraan farda utaalchisee seene. Dura waraanatti bahe nama isaan wal dhaanu gaafate. Muslimtoonnis hunduu ajaja Rasuulaa s.a.w eegaa waan jiraniif, cal’isan garuu Aliyyi ana jedhe. Rasuulli garuu s.a.w siin hin madaalu jedhanii Aliyyiin dhorkan. “Amriis yeroo kaan duunee jannata seenna jettanii hin dhaadattani, “mee eennu ree kan qara seeyfii kootiin morma irraa muree jannata seenu?.” jedhee lallabe. Ammas Aliyyi leenci Rabbii ana jedhee duratti bahe. Yeroo kana Rasuulli s.a.w Aliyyiin koofiyyaa ofii itti godhee akka duratti bahu eyyameef. Haatahu garuu muslimtoonni Amrii kana waan beekaniif, Aliyyiin dhabuu sodaatanii du’aa’ii godhaniif.

Amris yeroo Aliyyin bira gahu “ati eennu?.” jedheen. Aliyyis eennummaa isaa itti himee jennaan, ani ijoollee akka keetii ajjeesuun naaf hin eeyyamtu gabbaramtuu (siidaa) tiyyaa jedheen. Aliyyi immoo an “Rabbiin kiyya si ajjeesu naaf eeyyama. Garuu dura islaamummatti si yaama.” jedheen. Yeroo kana Amri Fardarraa utaalee bu’ee, Farda yaabbatee dhufen irraa miila ciree. Aliyyis mataa dhahee koofiyaa sibiila dhoose mataa isaa dhaqqabe. Yeroo kana Rasuullaa s.a.w fii muslimtoonni ijaafii qalbii isaanii tumsa Aliyyii barbaaduuf samitti ol fuudhuun du’aa’ii godhaaniifi. Innis battalumatti goota Arabni abdatte kana miila irraa ciruun ajjeese. Haala kanaan Rabbiin injifannoo goota islaamaa Aliyyiif godhee irra oolche.

❁Duula Keeybar
Duula keeybar irraa gootni islaamaa Aliyyi sababa dhukkubbii ijaa lola kanarraa hafe. Garuu jaalallee isaa irraa hafuun gonkumaa waan ta’uu hin qabne ta’ee itti mul’ate. Kanaaf erga waraanni karaa bu’e osoo dhukkubuu waraana dhaqqabe.

Halkan barii Rabbiin keybariin banuuf jedhu, kana keessatti Rasuulli s.a.w akkana jedhan. Boru! alaabaa islaamaa tana nama harka isaatti Keeybar banu kan Rabbii fi Rasuula s.a.w isaa jaalatu, kan Rasuulli s.a.w fi Rabbis isa jaalatuuf kenna jedhan.

Namoonni eennu kennuu heda laata? Eennu namni kun jechuun ofis gaafataa tokkoon tokkoo isaani ana osoo ta’e jedhe hawwaa bulan. Yeroo bariites hunduu osoo anaaf kenna jedhee eeguu, Rasuulli s.a.w “Aliyyiin eessa jira?.” jechuun gaafate. Jarriis “ija dhukkubsate.” jedhaniin. Rasuulli s.a.w “naaf haa dhufuu! naa fidaa.” jedhani jennaan Aliyyi bakka inni jiruu fidaniif. Rasuulli s.a.w ijatti tufeefi Rabbi kadhateefi akka waan takkaa hindhibaminitti fayyee.

Battalumatti alaabaa itti kennee hoggantummaa waliin deem jedheen. Aliyyi yeroo alaabaa baatee deemu akkana jedhee Rasuula saw gaafate. Yaa Rasuula Rabbii isaaniin lolaa hamma isaan islaama tahanitti jedheen. Rasuullis akkana jedhanii deebisaniif Yaa Aliyyi yoo isaan birageette islaamummatti isaan yaami. Haqa Rabbii irraa waan isaanirratti dirqmatahu itti himi. Rabbin nama tokko harka keetirratti qajeelchutu Gaallan diddiimtuu araba siifcaala jedhaniin.

Yahuudaan keeybar gaafa san jogola saddeet ]8[ qabdi saddeettanirraa jogola Naa’im jedhamutti qajeelan muslimtoonni. Jogola kana keessa mooticha isaanii goota nama kumaan madaalu marhabuu kan jedhamutu jira.

Akkuma achi gahaniin Aliyyi islaamummati isaan yaame. Nididan lolaaf dirretti gadi bahan jegnichi warra yahuudaa marhabuu kan jedhamu dhaadatee eennutu naaf baha jedhe. Achumaa gurbaan muslimaa kan qaamaaan qal’aa kan iimaanaan furdaa isaaf bahe kan maqaan isaa Amiri binu

Akwa kan jedhamu akkuma isaaf baheen ajjeesame.Taraa lammataa immoo leenci Rabbii Aliyyi binu Abiixaalib isaaf bahee ajjeesee akka daaraa bubbeen fuute isagodhe. Achitti yahuudaan harka kennattee biyya gadi dhiiftee baate.

Alhamdulillaahi galanni kan Rabbii guddaati.

Kutaa 5ffaan itti fufa insha'allaah....
Forwarded from Keyralumma
✪ Dubbisii fixime mata duree laaltee Kanumaasa jatte hin dhiisini.

᯽ Rassuulli saw akkana jedhe "Namni boonni/koorri hanga firii xaafii qalbii isaa kessa jiru jannata hin seenu" dhagahi obboleyso sitti hin dheereysu boona hanga firii xaafii jachuun maal akka tahe qofa dubbannee dhiifna.

☞︎︎︎Boona jachuun haqa diduu jachudha Ammaas nama tuffachuu jachudha. Akkaataan nama itti tuffatan heddudha San kessa xiqqo laalle goolamna.
-Nama tokko anaatu irra beka anaatu irra bareeda anaatu irra tujjaara/sooressa jattee yoo ifii gaditti laalte boonatu/kooratu qalbiite keessa jiraa beeki. Duniyaa kessatti nama siigadii laali jachuun tuffadhu jachuu miti. Miskina jibbu nama wallaalaa jibbu nama irra bareeddu jibbun boona guddadha. Inuma kun firii xaafitirra guddaadha.

Ergaa kana nama jaalattuuf ergi

@Keyralumma @keyralumma
2024/09/29 23:33:09
Back to Top
HTML Embed Code: