Telegram Web Link
Forwarded from Keyralumma
Wollaalumni dhakaadha
Dhakaa caala jabaataa
Namni yoo waa barate
Ajaaf gaarii hubataa


Asiin seenaatii barnoota diinii dubbisaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Seenaa Warra Boollaa

Kut.1ffaa
By @ibnu_hajar

Suuratu Al-Buruuj yommuu qaraanu seenaa tokko dhagayuun keenya hin oolu. Seenaa kana keessatti waa baay’ee hubanna....
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Namoota isinin duraa keessaa mootii tokkotu ture. Mootiin kuni saahira (nama sihrii (digimti) hojjatu) qabaa ture. Namtichi kuni yommuu dulloomu mootiidhaan akkana jedhe: ani dulloome jira. Kanaafu mucaa sihrii akka barsiisuuf natti ergi.” Mootichis mucaa itti erge. Yommuu karaa isaa keessa darbu raahiba (nama Rabbiin addatti bahe gabbaru) tokkotu ture. Mucaan kunis raahiba kana bira taa’e dubbii isaa dhageefate. Dubbiin isaas isa ajaa’ibsiise. Mucaan yommuu gara saahiraa deemu raahiba biraan darba. Isa biras taa’a. Yommuu gara saahira dhufu, saahirri isa tuma (reeba). Yommuu saahira biraa deebi’u, raahiba bira taa’uun dubbii isaa dhageefata. Yommuu warra isa bira deemu isa reebu. Innis kana raahibatti himate. Raahibnis ni jedhe: yoo saahiratti dhufte, warra kiyyatu na tursiisee.jedhi. Yommuu gara warra keetii deebite immoo saahiratu na tursiisee jedhiin. Osoo inni haala kanarraa jiruu, bineensa guddaa namoota karaa darbuu dhoowwetu dhufe. Mucaanis ni jedhe: Har’i raahiba moo saahiratu irra akka caalu guyyaa itti beekudha.” Ergasii dhagaa fuudhee akkana jedhe: Yaa Rabbii dhimmi raahibaa dhimma saahiraa caalaa Si biratti jaallatamaa yoo ta’e, akka namoonni darbaniif bineensa kana ajjeesi.” Innis dhagaa itti darbee ajjeese. Namoonnis ni darban. Innis raahibatti dhufee oduu kana itti beeksise. Raahibnis isaan ni jedhe: Yaa ilma koo! Ati har’a na caalte. Dhimmi kee wanta ani ilaalu gahe. Dhugumatti ni qoramta. Kanaafu, yoo qoramte obsi. Gara kiyya hin akeekin.”
Mucaan nama jaamaa fi qomaataa ni fayyisaa ture. Dhibeewwan biroo irraas namoota ni fayyisa. Namtichi mootii waliin taa’u waa’ee isaa ni dhagaye. Namtichi kuni ballaa ta’ee jira. Ija isaa akka fayyisuuf kennaa baay’ee fiduun mucaa fuundura kaa’e. “Yoo na fayyiste kuni keeti.” Jedheen. Mucaanis ni jedhe: Ani eenyullee hin fayyisu, garuu Rabbiitu nama fayyisa. Yoo ati Rabbiitti amante, Rabbiin siif kadha, kanaafu Inni si fayyisa.” Namtichis Rabbiitti ni amane, Rabbiinis isa fayyise. Innis gara mootii dhufee akkuma duraan bira taa’u isa bira taa’e. Mootichis akkana isaan jedhe: Ija kee eenyutu siif deebisee?” Innis ni jedhe: Gooftaa olta’aa kiyya.” Mootichis ni jedhe, “Anaan ala gooftaa biraa ni qabdaa?” Innis, “Gooftaan kiyyaa fi Gooftaan kee Rabbii.” jedhe. Mootichis namtichi kana qabee azzabe (adabe) hanga gara mucaatti akeekutti.
Ergasi mucaan ni fidame. Mootichis isaan ni jedhe: Yaa ilma kiyya! Sihrii keetiin nama jaamaa fi qomaataa ittii fayyistu, kana fi san ittiin hojjattu na gahee jira.” Mucaanis ni jedhe: Ani eenyullee hin fayyisu. Garuu Rabbiitu fayyisa.” Mootichis isa qabee reebee hanga gara raahibaa akeekutti. Raahibnis ni fidame. Akkana isaan jedhame: Amanti keetirraa deebi’i.” Innis deebi’u ni dide. Mootichis magaazin akka fidamu ni ajaje. Innis walakkaa mataa raahibaa irra magaazi kaa’uun hanga kutaan tokko kufuutti isa gadi baqaqse. Ergasii namtichi mootii bira taa’aa turee ni fidame. “Amanti keetirraa deebi’i.” isaan jedhame. Innis ni dide. Ergasii magaazi walakkaa mataa isaa irra kaa’un gadi baqaqse hanga kutaan qaama isaa kufuutti.
Ergasii mucaan ni fidame. Akkana isaan jedhame: amanti keetirraa deebi’i. Innis ni dide. Ergasii mootichi hiriyyoota isaatti kennee akkana jedheen: gaara akkana akkanaatti deemaan. Ergasii isa ol baasa. Yommuu fiixee gaaraa irra geessan, amanti isaa irraa yoo deebi’e deebi’e. Ta’uu baannan achirraa isa darbaa.” Isaanis isaan ni deeman. Gara gaarattis ol bahaniin. Mucaanis ni jedhe: Yaa Rabbii wanta feeten isaan jalaa na baasi.” Gaarris isaaniin ni kirkire. Isaan ni kufan. Mucaan immoo deemaa mootichatti dhufe. Mootichis akkana isaan jedhe:.................

Join 👉 @hafiz_jihad
የአላህ መልዕክተኛ(ሰዐወ) እንዲህ ብለዋል:–

"በጭንቅ እና በመከራ ጊዜ ዱዓው ተቀባይነት እንዲያገኝ የሚፈልግ በድሎት ጊዜ ዱዓ ማድረግ ያብዛ።"

T.me/hafiz_jihad
Seenaa Worra Boollaa

Kut.2ffaa
By @ibnu_hajar

.. Mootichis akkana isaan jedhe: “Hiriyyoonni kee maal hojjatan?” Innis, “Rabbiin isaan jalaa na baase.” jedhe. Ergasii mootichis garee hiriyyoota isaatti mucaa kana kennee akkana jedhe: isa fuudhaatii markabaan gara galaanaa deeman. Yoo amantii isaa irraa deebi’e deebi’e. Ta’uu baannan, galaanatti isa gataa (darbaa).” Isaaniis isaan ni deeman. Mucaanis ni jedhe: Yaa Rabbii! Wanta feeten isaan jalaa na baraari.” Ergasii dooniin isaaniin ni garagalte. Isaanis bishaaniin ni nyaataman. Mucaanis deemaa mootichatti dhufe. Mootichis ni jedheen: “Hiriyyoonni kee maal ta’an?” Innis, “Rabbiin isaan jalaa na baase.” Jedhe.
Ergasii mootichaan akkana jedhe: Hanga wanta ani itti si ajaju hojjattutti malee ati na ajjeesu hin dandeessu.” Mootichis ni jedhe, “Suni maalidhaa?” Mucaanis ni jedhe: Namoota dirree tokko irratti walitti qabda. Ergasii jirma mukaa irratti na fannista. San booda xiyya boorsaa kiyya keessaa fuudhi qaawsi (kan xiyya ittiin darbatan) irra godhii akkana jedhi: “Maqaa Rabbii Gooftaa mucaa ta’een.” Jedhi. Ergasii xiyya natti darbi. Yoo akkana hojjatte na ajjeesta.” Ergasii mootichis dirree tokko irratti namoota walitti qabee mucaa jirma mukaa irratti rarraase. Ergasii xiyya boorsaa isaa keessaa fuudhuun qaawsi keessa gochuun akkana jedhe: Maqaa Rabbii Gooftaa mucaa ta’een.” Ergasii ni darbate. Xiyyis qucee isaa haleele. Mucaanis bakka xiyyi waraane qucee isaa irra harka isaa godhe. Ergasii ni du’e. Namoonnis ni jedhan: “Gooftaa mucaatti amanne. Gooftaa mucaatti amanne. Gooftaa mucaatti amanne.” Mootichis dhufee akkana isaan jedhame: Rabbiin kakanne wanti ati sodaachaa turte kunoo sitti bu’e. Namoonni amananii jiru.” Ergasii mootichis boolloon guddaan akka qotamu ajaje.” Boollonis ni qotame. Ibiddis keessatti bobeefame. Ergasii ni jedhe: namni amanti isaa irraa hin deebi’in, boolloo ibiddaan guuttamte tanatti darbaa. Yookiin “itti utaali” jedhaan.” Namoonnis kana ni hojjatan (ibiddatti ni utaalan) hanga dubartiin daa’ima of waliin qabdu takka dhuftuutti, ishiin ibidda keessatti kufuu irraa duubatti harkifatte. Mucaan ishiis ni jedheen: Yaa haadha koo obsi, dhugumatti ati haqa irra jirta.” Sahiih Muslim 3005
Akkuma Qur’aana keessatti dhufe taaten kuni taatee fokkataa namni kana hojjate adabbii, dallansuu fi abaarsi Rabbii isaaf maluudha. Daangaa darbitoonni fi cunqursitoonni kunniin mu’mintootaa dhiiraa fi dubartii qabaa hamaa qabanii jiru. Rakkisu badaa isaan rakkisan. Rakkoon kuni hanga dachii baqaqsanii booyi (boolloo guddaa) qotuun qoraan itti tuuluun ibidda keessatti bobbeessanii ergasii mu’mintoota keessatti darban gahanitti. Mararfannaan kanarraa isaan hin qabne. Afaan boollo irra taa’uun fitnaa fi gubaa ibiddaa mu’mintoonni ittiin rakkatan ilaaluun gammadu. Kana waliinu mu’mintoonni ni obsan. Amanti kufrii fi jallinnaatti deebi’uu irra adabbii addunyaatti ni gammadan. Qur’aana keessatti haala isaanii
“Warri boollaa abaarraman. [Boolla] ibidda boba’aan guuttame. Yommuu ishii (afaan boollaa) irra taa’an. Isaan wanta mu’mintootatti hojjatan ragaa bahaa (argaa) turan. Rabbii Injifataa, Faarfamaa ta’etti amanuu malee homaa isaan irraa hin jibbine. Kan mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Isaa ta’e. Rabbiin waan hundaa irratti ragaa bahaadha. Dhugumatti warri mu’mintootaa dhiiraatii fi dubartootaa rakkisanii ergasii hin tawbanne, isaaniif adabbii Jahannamtu jira, isaaniif adabbii gubaatu jira. Dhugumatti, warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, Jannata jala ishii laggeen yaa’antu isaaniif jira. Suni milkaa’innaa guddaadha.” Suuratu Al-Buruuj 85:4-11
.............. itti fufa

Join 👉 @hafiz_jihad
Seenaa Worra Boollaa

Kut 3ffaa fii isa dhumaa
By @ibnu_hajar

” Suuratu Al-Buruuj 85:4-11
Yaa dargaggoota Islaamaa! Amanti keessan sirritti qabadhaa. Yommuu rakkoon isin qunnamu kufuu irraa of eeggadhaa. Amanti keessanitti rarra’aa, a’oon cininaa qabadhaa. Wanta dhaloonni jalqabaa baadhatan baadhadhaa. Qormaata baay’ee yeroo ammaa nama muudatan keessatti obsa hindhabina. Qormaata sanniin keessaa: hidhaa, azzabuu, maqaa xureessu, yakkuu, qeequ, kabaja irraa gadi buusu, sodaachisuu fi itti zaatu, hojii irraa addaan baasu fi rizqii kutuuf yaalu.
Yaa obboleessa kiyya wantoonni armaan oliiti fi kanneen biroo karaa Rabbii keessatti, Isa gammachiisuu fi Jannata Isaa barbaadu keessatti akka salphaatti lakkaawamu. Wanti dargaggeessa irra jiru gara seenaa ummata Islaamaa ilaaludha. Sababa kanaan hayyama Rabbiitiin ijjannoon isaa olka’a. Wantoonni armaan gadi isarratti haa jiraatan:
1-Hanga danda’uun fitnaa irraa fagaachuu
2-Wanti isa qunname akka isa hin dabarre, wanti isa darbe immoo akka isa hin qunnamne beeku.
3-Adabbii addunyaa sodaachuun osoo amanti isaa wareegee (kafaree), isa duuba adabbii Aakhiraa akka jiru beeku: “Dhugumatti adabbiin Aakhirah garmalee cimaa fi turaadha.” (Suuratu Xaahaa 20:127
4-Tarii qormaanni kuni sababa badii inni hojjateetiin ta’uu akka danda’u beeku. Kanaafu, bu’aa isarraa dhalatu baadhachu qaba.
5-Gara Rabbii dheessu fi Isarratti hirkachuu
6-Namoota du’an fakkeenya godhachuu fi Gooftaa isaa yaadachuun nafsee isaa jajjabeessu.
7-Obsuu fi mindaa abdachuu

Join godhaa maatii keenya ta.aa
👉 @hafiz_jihad
By @ibnu_hajar

Kunoo galuufan deemaa
Eenyu? kan Najabeessu
Eenyufaadha cocolleen
Kaayyookoo galmaan geessu

Nagaatti Naan jedhaagaa
Nagaa Nuhaa taasisuu
Baabu Rayyaan keessatti
Wol nuhaa  Argisiisuu
 
Ulfaadhaa kabajamaa
Worri Nasoomtan martuu
Bara baraan wol Argaa
Umriin sinadheeratuu

Milkaa.aa galma gahaa
Gaafa jazaan kennamtuu
Gaafa lubbuun martinuu
Waan facaase muratuu

Join 👇
www.tg-me.com/hafiz_jihad
By @Imran_jihad


As Wr Wb obboleewwan Iaslaamaa Marti keessan baga rabbiin ayyaana woggaa iidal faxriin Kan bara 1442 n isin gahe ayyanni kun Kan gammachuu
Kan milkii
Kan jaalalaa
Kan tokkummaa
Kan nagaayaa isiniif haa ta'u

Iidni yoo deebi'u
Woggaa isaa eeggatee
Alaaf Manni ifee
Waan addaa fakkaatee

Muslimooni bariin
Gamtaadhaan bahanii
Dhiiraaf dhalaan dirree
Iidaatti yaa'anii

Dirreen iidaa guutee
Galaana fakkaataa
Sheknis gorsee qalbii
Gogdeef dawaa laataa

Eid mubarek
عيد مبارك
تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال وكل عام وانتم بخير وصحه وسلامه
Eid mubarak

By @ibnu_hajar

Baga woggaa geessanii
Baga wolumaan geenyee
Kunoo gargaarsa saatiin
Iidal fixriin wol geenyee

Yaa Rabbi galanni keeti
Yaa gooftaa Namangannee
Gammachuu muslimootaa
Nutis addaan qooddannee

Muslimni gaafa woggaa
Shukrii Rabbii galfataa
Takbiirtaa heddummeessee
Dirree bahee mullataa

Ollaan woliin gammadee
Miskiina Nyaachifataa
Eid mubarak jechuudhaan
Hunduu wol Eebbifataa

Ijoollee gammachiisee
Yatiimaaf laphee baataa
Maatiisaa daara baasee
Babbareedee mullataa 

Yaa Rabbi woggaan dhufee
Akka manaa Nun dhabnee
Rizqii keenya bal.isii
Akka jiruu Nun dhibnee

Join 👇
T.me/hafiz_jihad
Eidun Mubaarak
<unknown>
Nashiidaa Eidun Mubaarak
Jettu ijoollee dargaggootiin Kan qophofte Kanaan bohaaraa
Qopheessitooni
Amir Temam
Muaz yakub&
Imran tahir
Ittin bohaaraa
👇
@hafiz_jihad
Join
By @Imran_jihad

Soomana shawwaal 👈

Sadarkaa Soomana shawwaal Soomana ramadaanaatti aansanii soomanuun qabu quba qabduu?
Ergamaan rabbii (s.a.w) akkana jedhan
(من صام رمضان ثم أتبعه ستا من شوال كان كصيام الدهر)
Namni Soomana ramadaanaa soome achi booda shawwaal guyyaa jaha (6) itti aansee soomane akka nama woggaa soomeetii jedhan.

Kanaafuu obboleewwan kiyya somana shawwaal ramadanatti aansinee mindaa kana haa argannu.
Somanni shawwaal yeroo dhaabbata hin qabu.
Guyyaa jaha soomanuu male
Abbaan fedhe wolakkarraa somuu dandaha
Abbaan fedhes dhuma irraa soomanuu dandaha
Garuu sunnaan ergamaa rabbii (s.a.w) somana ramadaanaatti aansanii soomanuudha
Kanaafuu ummatal islaam soomanni dhumeera jennee tahuu hin qabnu
Soomana sunnaatiin ummata gariitti dhiyaachuu qabna sunnaa ergamaa rabbii hordofuun karaa isaarra haa deemnu.

👇
@hafiz_jihad
Join godhaa Maatii tahaa
Anwaariif haa dirmannu !
የድጋፍ ጥሪ ለወገን ደራሽ ወገን ነው!
*******************************
Anwaar Huseen Abbaaduraa jedhama. Dhibee rakkoo oomishamuu dhabuu dhiigaa APLASTIC ANEMIA) jedhamu dhukkubsata. Dargaggoo waggaa 20ti. Yunivarsitii Samaraatti ramadamee sababa dhibee kanaa barumsarraa hafe. Kanaan dura deeggarsa namoota adda addaatiin yaalii argachaa tureera. Amma garuu gara biyya alaa bahee akka yaalamu boordii hospitaala xiqur ambassaatiin murta'eera. Maatiin isaa qarshii yaaliif isa barbaachisu miiliyoona 2.5 kan hin qabneefi humna isaaniiti olidha. Kanaafuu hundi keenyayyuu haga dandeenyeen birmanneefii jazaa isaa Rabbirraa haa eeggannu. Rabbiif jennee Haa birmannuuf! Lakkoofsa herreega armaan gadiitiin deeggarsa ha goonuuf.

የድጋፍ ጥሪ ለወገን ደራሽ ወገን ነው!
********************************
አንዋር ሁሴን ይባላል። የሀያ አመት ወጣት ነው። የሰመራ ዩኒቨርሲቲ አንደኛ አመት ተማሪ ነበር። በህመም ምክንያት ትምህርቱን መቀጠል ግን አልቻለም። ለረጅም ጊዜ በቂ በደም ያለመመረት በሽታ(APLASTIC ANEMIA) ምክንያት ሲሰቃይ ቆይቷል፣ እስካሁንም በተለያዩ ቦታዎች ህክምና ሲከታተል ቆይቷል። ሕክምናው በሀገር ዉስጥ ስላልተቻለ ወደ ውጭ ሀገር ሄዶ መታከም ካልቻለ ሕይወቱ አደጋ ላይ መሆኑን የጥቁር አንበሳ ስፔሻላይዝድ ሆስፒታል የህክምና ቦርድ ወስኗል። ሆኖም ግን ለህክምናው ያስፈልጋል የተባለውን የ2.5 ሚሊዮን ብር ገንዘብ ቤተሰቦቹ አቅም ስለሌላቸው ሕብረተሰቡን እርዳታ ለመጠየቅ ተገዷል። በመሆኑም አላህ(ሱወ) ከመሰል በሽታ ይጠብቅዎት እያልን አላህ ባገራልን መጠን ወንድማችንን በማገዝ እንታደገው።

Lakkoofsa herr. Baankii/የባንክ ሂሳብ ቁጥር
******************************************

1. Baanki Daldala Itiyooppiyaa/የኢትዮጵያ ንግድ ባንክ 1000018555992/1000337570918
2. Hojii G/Oromiyaa /ኦሮሚያ ህ/ሥራ/ባንክ 1000077415096
By @Imran_jihad

Jiruu Duuniyaa 👈 kutaa 1 ffaa

Jiruun adduniyaarra maal akka taate beektu?

Inshaa'aallah waa'ee duniyaarraan waan xiqqoo isiniif qooda

Rabbiin guddaan akkana jedhe
(اعلموا أنما الحياة الدنيا لعب و لهو و زينة وتفاخر بينكم و تكاثر في الأموال والأولاد كمثل غيث أعجب الكفار نباته ثم يهيج فتراه مصفرا ثم يكون حطاما و في الآخرة عذاب شديد و مغفرة من الله و رضوان و مل الحياة الدنيا إلا متاع الغرور)

Yaa ilmaan namaa beekaa jireenyi biyya duniyaadhaa meshaa taphaafii qaldiiti ammas bareeduma ammas oftuuluu fi bayyifachuudha ilaaniifi qabeenya gidduu keessanitti, fakkeenyi isaadhaa akka rooba roobee biqilaa biqilchee Jennaan kaafirri gammadde achin boodaa gogee bubbeen fuudhe aakhiraatti ammoo azaaba laalessaafi araarama rabbiirraa tahe, jireenyi biyya duniyaadhaa meshaa taphaafii qaldiiti)

Ergamaan rabbii waa'ee duniyaa akkana jedhan

(كن في الدنيا كأنك غريب أو عابر سبيل)

Duuniyaaratti akka nama fagoo ykn musaafiraa tahi jedhan)


Join 👇
@hafiz_jihad
By @Imran_jihad

Jiruu Duuniyaa 👈 kutaa 2 ffaa

Ulamoonnii yeroo duniyaan maali jedhamanii gaafataman akkana jedhan (كل ما سوا الله يسما عالما) wanni rabbii gadi jiru Marti aalama ykn adduniyaa jedhamee waamama jedhan
Ammas duniyaarraa tokko qabeenyaa fi ilmaani
Rabbiin subhaanahuu wota'aalaa waa'ee qabeenyaa fi ilmaani akkana jedhe (إنما أموالكم م أولادكم فتنة)
(Qabeenyi keessaniif ilmaan keessan mokkaroodha jedhe)

Qabeenyi fi ilmaan ibaadaarraa nama shaagalti abba lameenittuu jabaatee malee
Lameenittuu jabaachuuf diinii mirgaan yoo qabanne malee duniyaan mirga gorraan diiniirraa nama maqsa

Kanaafuu duniyaarra diin durfachuun dirqama
Duniyaas Kan diiniirraa sin dagne hojjatachuun barbaacbisaadha
Diin ittiin guddisuuf ittiin yatiima miskiina gargaaruuf masjiidaa madrasaafi waan khayirii ittiin hojachuuf

Ergamaan rabbii yeroo duniyaa himu akkana jedhe(الدنيا سجن المؤمن و جنة الكافر)
Adduuniyaan mana hidhaa mu'minaatii jennata kaafiraati

Kanaafuu obboleewwan koo adduniyaarratti akka fedhan jiraachuun keenya mitii nuti asiratti galaa bor fudhannee deemnu qopheeffachuudha gaheen keenya
Galaa guyyaa boriif taattaffachuu qabna hundi keenya.

Join 👇
@hafiz_jihad
By @Imran_jihad

Jiruu Duuniyaa 👈 kutaa 3ffaa

Ergamaan rabbii (s.a.w) akkana jedhan
نعم المال الصالح لرجل صالح
Horiin gaariin tolte namaa gaariidhaaf
Namni gaariin kun eenyu?
Nama garriin qabeenyi isaa tolte isa kidmaa diinirratti qabeenya ofii dhangalaasu isa miskiina gargaaru isa yaatima offisu isa masjiida ijaaru fi karaa rabbirratti qabeenya isslaatiin diinii bira dhaabbatu dha

Kanaafuu obboleewwan koo nutis hamma humna keenyaatiin nama gaarii kana tahuuf haa hojjannu

Shaa'iroonni arabaa yeroo waa'ee duniyaa dubbatan
(الدنيا دار من لا دار له
ومال من لا مال له
ولها يجمع من لا عقل له)
Biyyi duuniyaa biyya nama biyya hin qabneeti
Horii nama horii hin qabneeti
Isii wolitti qaba namni aqlii hin qabne ykn namni na balleessitii hin beekne

Kanaafuu obboleewwan kiyya duniyaadhaan goyyomfamuu haa dhiisnu
Duniyaa kanarraa akka deemnu haa barru
Duniyaarratti hafuun akka hin jirre haa beeknu
Akka dhumni duniyaa du'a taate hin dagatinaa

Adduuniyaan guyyaa (3) sadii

1 kaleessa darbeera yoomuu hin deebi'u
2 har'a keessa jirra hin turu
3 bor boru eessa akka jirru hin beeknu
Kanaafuu aakhiraadhaaf haa qophoofnu


Join 👇

@hafiz_jihad

Worreen haaraa taatan join godhaa Maatii tahaa
By @Imran_jihad

Maaliif Uumamne ? 👈

Rabbiin subhaanahuu wota'aalaa akkana jedhe
(وما خلقت الجن والإنس إلا ليعبدون)
(Ana ilma namaas ta'ee jinnootas naha gabbaraniif malee waan biraatiif hin uumne jedhe)

Kanaafuu obboleewwan islaamaa nuti wonni uumamneef rabbiin tokkichoomsuufi rabbi gabbaruuf haqa gabbaramiinsa isaa
Namni dhugaan rabbiin gabbaru namuma dhugaan rabbiin sodaatudha

Dhugaan rabbiin sodaatanii gabbaruun ammoo Mallattoo milkiirraayyi

Rabbiin akkana jedhe
(ياأيها الناس اعبدو ربكم الذي خلقكم والذين من قبلكم لعلكم تتقون)
(Yaa ilmaan namaa rabbii keessan gabbaraa rabbii Isa isin uume ammas rabbii isa worra isiniin duraa uume akka isin rabbiin sodattanuuf)

Rabbinis na gabbaraaf nu uume nuti eessa jirra gabbarsuu rabbiirraa yaa ummatal islaam?
Waan uumamneef dagannee duniyatti shagalamnee jirra garuu nama duniyaadhaaf cinqame osoo hin taane nama diiniif ibaadaaf cinqametu worra milkaa'erraayyii

Worra milkaa'erraa tahuuf hojii gaggarii hojachuu qabna hojii rabbiti nu dhiheessitu qabachuu qabna iibaadaa hojachuu qabna salaata salaatuu qabna Soomana soomanuu qabna halkan dhaabbatuu qabna miskiina biras dhaabbachuu qabna

Ammas waan ofii jaallannu obboleessa ofiitii jaallachuu qabna maaliif Jennaan ergamaan rabbii (s.a.w) Akkan jedhan (tokkoon keessan hin amanne amma waan nafsee keessanii jaallattan obboleessa keessanii jaallattanutti khayirii irraa)
Kanaafuu wol jaallanne tokko taanee islaamummaa qabanne fulduratti bahuu qabna.


Join 👇

@hafiz_jihad
2024/09/29 17:39:20
Back to Top
HTML Embed Code: