Telegram Web Link
□ Rabbiin gabricha isa sodaataa tahe jaalata.
------------------------------------------
□■□ عَنْ سَعْدِ بْنِ أَبِيْ وَقَّاصٍ r.a,قَالَ: سَمِعْتُ رَسُوْلَ الله s.a.w يَقُوْلُ: "إنَّ اللهَ يُحِبُّ
الْعَبْدَ التَّقِيَّ، الْغَنِيَّ، الْخَفِيَّ.
○●○ sa'ad ilma abiiwaqqaas r.a. nabiin keenya s.a.w.
akkana jedhan jedhe "Rabbiin gabricha sodaataa,
dureeysa, dhokataa jaalata." Muslimtu odeesse
11/2965

□■□ Namni hadiisa kana odeesse.
---------------------------------------------
Namni hadiisa kana odeesse abbaa is'haaq sa'ad
ibnu abii waqqaas az-zuhrii al-qureyshii kantahe.
Sahaabaa beekamaadha. Hijraa dura waggaa 23tti
makkatti dhalate, achumatti gauddate, warra dura
islaamayerraayi. Warreen 10n jannataan
gammachiifaman keessaa tokkoodha. Warreen marii
jahan umar r.a. Akka isaan keessa bakka bu'aa isaa
godhtanii biyya bulchuuf jecha file keessaa tokko.
Eegasii madiinatti godaane. Duula badriitiif
kanneen san boodaa hunda irratti hirmaatee jira. Inni
ilmaan adeera haadha nabii keessaa tokko. Kanaaf
nabiin keenya s.a.w eysuma kiyya jeedhee isa
yaamuu ture. Goota fardaan lolu beekamaadha
ture. Warreen nabiin amiira godherraayi. Zamana
abuubakriitii fi zamana umar ijjannoo
gootummaatiin beekama. Zamana mootummaa
umariifii usmaan amiira kuufaa tahee bulche. Biyya
faarisiifi iraaqitti hooggana waraana muslimaa
tahuudhaan duulchise. Lola qaadisiyyaatti kan
fursiin injifatee hoogganaan isa ture. Madaainis kan
bane isa. Nama du'aaiin isaa qeebalamtuudhaati.
Yeroo fitnaadha ummataa fi siyaasa dhiisee kophaa
bahee Rabbi gabbaruu ture. Hadiisoowwan isaa 270.Bara Hijraa waggaa 55 ganda aqiiq jedhamu kan
madiinarraa meyli 7 fagaatutti du'e. madiinatti
baatamee amiirri yeroo sanii marwaan binu hakam
irratti salaate. Baqii'itti awwaalame. Muhaajirtoota
keessaa kan booda du'e isa.

○●○ Barnoota hadiisa kanarra argannu.
----------------------------------------------------
1-jireenyi hawaasummaadha nama hundaaf
barbaachisaadha. Namni ummata isaatiin walitti
makamee jiraachuu barbaachisa.
2-ammoo yoo ummataan walitti makamuun jiruu
tana keessatti kan gama Rabbitti dilaawuu nama
geessu tahe ummatarraa achi bahanii kophaa
jiraatuutu fayyada.
3-firummaa maxxansuun hundee ijjannoo
muslimtootaa kessaa beekamtuu takka.
4-hiikkaan hadiisa kana Rabbiin gabricha isa
sodaatu jaalata, soodaa isaa jechuun ammo waaninni ajaje hojjatanii waan inni dhoowwerraa
dhoowwamuudha.
TOOHIDA KUTAA 1️⃣6️⃣FFAA
                 By
   Ibnu_surur
DURA KUTAA 1️⃣5️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU

HUNDEE SADEEN IRRAA KAN LAMMAFFAA

▪️HUNDEEN LAMMAFFAA  GABRICHI AMANTII (DIINII) ISAA BEEKUU:
▪️Kunis qabxii armaan gadii of keessatti qabata.
1. Amantii Islaamaa qofatu Rabbi biratti fudhatama qaba.
2. Islaama jechuun: Rabbiif tawhidaan
masakamuu tole jedhanii waan inni itti ajaje
raawwachuu (dalaguu) Shirkirraa fi warra
shirkii dalagurraa qulqullaayuu.
3. Sadarkaan Diinii (Amantii) Sadihi
1. Islaama  2. Iimaana  3. Ihsaana

     HUNDEEN SADAFFAA :
▪️GABRICHI NABIYYII ISAA MUHAMMADIIN BEEKUU:
▪️Qabxiiwwan armaan gadii of keessatti qabata.
1. MAQAA FI GOSA ISAA:
▪️Maqaan isaa Muhammad Ibn Abdallah Ibn
Abdulmuxxalib Ibn Hashim Hashim qureyshirraayi Qureysh ammo Arabarraayi Arabni hortee Ismaa'iil ibn Ibrahim Al-khaliil irraayi.
  2. UMRII ISAANII:
Umriin Nabi Muhammad صلى الله عليه وسلم waggaa 63 kana keessaa waggaa 40 ergamummaa (nubuwwaa) dura 23 ammoo erga Rasuulaaf nabiyyii ta’anii dha.
3. NUBUWWAA FI  ERGAMAINS ISAA
(Iqra’iin) nabiyyii godhame (Al-Muddassiriin)
Ergamaa/Rasuula taye.
4. BIYYAAF EDDOO GODAANSAA:
Biyyi isaa Makka gara madiinaa godaansa taasisan
5. WAAMICHA ISAANII (DA'AWAA):
Rabbiin Nabi muhammadiin صلى الله عليه وسلم shirkii irraa dinniinun (sodaachisuun) gara Tawhhiidaa waamicha godhuun erge

   KUFRII
▪️Kufrii jechuun diddaa jechuu dha Akka hiika
Shari’aatitti Faallaa Islaamati.
   ▪️GOSOOTA KUFRII
1. Kufrii Guddaa   2. Kufrii xiqqaa
    ▪️KUFRII GUDDAA
Kufrii guddaa jechuun Rabbii fi Ergamaa isaatitti
amanuu dhabuu dha Kijibsiisun ta’innaa kijibsiisun alattis Murtiin isaa ammo diinii Isalama keessaa nama  baasa.

♻️ GOSOOTA KUFRII GUDDAA
▪️Kufrii guddaan bifa Shan of keessatti qabata.
  1. Kufrii kijibsiisuu Rabbiin Qur’aana isaa keessatti akkana jedha Nama Rabbi Irratti soba uumee odeesse yookiin dhugaan itti dhufnaan sobsiise caalaa namni miidhaa hojjete (tokkolleen) hin jiru Sila teessoon kaafirootaa Jahannam hin taanee?... ✍️ Itti fufa insha'allaah

Yaada qabdaniif 👉🏾 @ibnu_surur
-------> @B_Islaamummaa <-------

-----------> @Keyralumma <----------

----------->  @amirtemam1 <---------

---------->  @Ibnutemiya6  <----------

   -----------> @hafiz_jihad <---------

---------->  @abu_abdalah1 <----------
Gammachuu fi milkaa'ina.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Gammachuu jechuun tasgabbii namni qalbii keessatti argatuudha.

Milkaa'inna jechuun immoo wanta gaarii barbaadan argachuu fi wanta badaa sodaatan irraa nagaha bahuudha.

Gammachuu fi milkaa'inni ilma namaa wantoota sadii yoo hojjetan guuttama.

Isaanis: Qalbiin amanuu, qaaman hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa
irraa dheessu.

=====================
« أَلَا بِذِكۡرِ ٱللَّهِ تَطۡمَئِنُّ ٱلۡقُلُوبُ »
=====================
«Dhagayaa qalbiin warra rabbitti amanee gadi dhaabbattee booharuun zikrii rabbiitiini»
-----------------------------------------------------
Seenaa Usmaan Binu Affaan

Kutaa 4ffaa Ibn temam

@amirtemam1 @amirtemam1

Arjummaa Usmaan

Dhugumaan dirree arjummaa kessatti akka muka gogee baala hunda lafatti harcaafatutti, Innis qabeenya isaa karaa Rabbii irratti harcaafate. Muslimoonni Madiinatti baqannaan, Hedduminni ummataa dabalee bishaan barbaachisuu fi boolli bishaani kan ummanni Ansaaraa dur qabu wal madaalu hin dandeenye.

Haalli kun immoo bishaan qaalesse akka bittaan bishaani eegalamu uumee jira. Bittaan bishaani kun ummata hiyyessa daran jiruu itti hadheesse. Osoo bishaan jiruu ilma namaatif bu’uura ta’ee jiruu hanqinna mallaqaaf qofa namni dhumutti dhihaate. Haalli kun akkuma Nabi Muhamadiinﷺ bira gaheen, Iddoo sahaabonni walitti qabamanitti, Eenyu mee, namni eela bishaanii kan namticha yahuudaa ummatatti bishaan gurguru irraa gatii qaalin Rabbiif jecha bitee, Rabbi biratti jannata badhaafamu.” jedhee gaafate?

Usmaan gara namtichaa yahuudaa deemun akka eela itti gurguru gaafate. Namtichi garuu akka dabaree dabaree guyyaa tokko tokkootin waraabachu danda’anitti malee akka itti hin gurgurre itti hime. Filmaatni biraa waan hin jirreef yaada namticha yahuudatin walii galuun, Qarshii yeroo sanii kuma kudha lamaan bite.Ummanni Madiina yeroo dabaree usmaan waraabachuun manatti kuufataa guyya dabaree yahuudichaa immoo ofirra dabarsuu eegalaan yahudtichis Usmaanin bira dhaqee gutuman gututti akka irraa bitu gaafate.

Yeroo kana Usmaanis kuma saddeet kenneefii tajaajila ummata muslimaatif oolche.

Dhiphinna Masgidaa Bal’isu

Ummaanni muslimaa daran daballaan Madiinaa keessatti, waqti salaata shananiittu masgiinni dhiphachuu eegale. Masgiida kana bal’isuuf Rasuullisﷺ waamicha sahaabotaa
godhan. Usmaan yaamicha isaani kana akkuma dhagaheen lafa masjiida dura jirtu kuma digdamaan bituun, akka masjiinni bal’ifamuf gumaache.

Qophii Duula Tabuukii Fi Arjooma Usmaan

Duulla tabuuk keessatti Abbaan Bakrii qabeenya isaa guutuu osoo waa tokko manatti hin hanbisin kennate. Umaris walakka qabeenya isaa kennatee. Duula Kana kessaatti sahabonni hanqinna geejjibaa fi galaa waan qabaniif, Usmaandabaree sadii Gaala dhibbaa sinqii waliin kennate. walumaa galatti Gaala dhibba sadihi sinqii waliiniifii dirhaama kum
tokko arjoome.

Yeroo kana Nabi Muhammad ﷺ ajabbiin “Usmaan ammaa booda osoo; hamtuu fedhe dalage waa isa hin miitu.” jedhan ittiaansuunis. “Yaa Rabbi an arjooma usmaan kana jaaladhe atis irraa jaaladhu.” jedhanii gammachuun Rabbi kadhataniif.

Hajjii Dhaamannaa Arjooma Usmaani

Hajjii dhaamanna booda Rasuulli ﷺwaraana gosa adda addatti erguuf qopheessan. Gaafa kanas Usmaan; Gaala dhibbaa fi afurtamii sagal (149) fe’a waliini fi farda jahatama (60) arjoome. Haata’u malee Rasuulatti ﷺ
dhibeen hammatte jennaan du’aan boqatan. Erga du’a isaani booda bara bulchiinsa kaliifaa Abaa Bakarii keessa waraanni sun duule.

Itti fufa...

Join Gochuun hordofaa👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6

https://www.tg-me.com/amirtemam1
@keyralumma @Ibnutemiya6
AS WR WB
obbolewwan koo kan akkiraa nagaf rahmanii rabbii isn birra ha jiratuu

NAMOOTA GAGGAARITTI HIRIYYOOMI

▪️Haalaa-amala Salafootaa keessaa inni tokko namoota gaggaarii wajjiin hiriyyoomuudha Yoo karaa deemanis yeroo mana taa’anis bakka haasawaattis namoota haalaa-amalli isaanii gaggaarii ta’e filatan Akkasumas namoota Rabbii isaanii isaan yaadachiisanii fi namoota karaa qajeelatti isaan qajeelachan filatan.
🔹Namoota gaggaarii wajjiin ooluun gaaroomina namaaf dabala Qalbiidhaafis qulqullina dabala.

🔹Namoota hamaa wajjin ta’uun ammoo hammeenya namaaf dabala Qalbiinis hamtuu akka yaaddu isii taasisa.
✍️Ahmad ibn Harb (rahimahullaah) akkana jedhe Qalbii Muslima tokkoof namoota gaggaarii wajjiin ooluu caala wanti faayidaa qabu hin jiru Akkasumas onnee muslimaatiif wanti akka namoota hammeenyaan guutamanii waliin ooluu fi dalagaa isaanii laaluu caala miidhaa qabu hin jiru.”

Yaa Obboleewwan aakhiraa
▪️Mee Eenyu wajjiin akka hiriyyoomnee jirru haa xiinxallinu Ammaan kana silaa Hiriyyoomni qaamaa hafeeti hiriyyoomni #Facebookaa daran dabalee jira Hiriyyaan kee kan Facebook irraa Waa’ee amantii keetii si yaadachiisaa jira moo Suuraa isaa maxxansee Maashaa Allaah naan jedhaa siin jedhaa jira laata? Kanaafuu Mee hiriyyoota keenya haa filannu.

🔹Guyyaa Qiyaamaa Sakandii nuti Facebook kanarratti dabarsineef itti gaafatamuun keenya hin oolamu Kanaafuu yeroo dabarsaa jirru kana namoota gaggaarii wajjiin hiriyyoomuun kheeyrii irraa haa haasofnu.
🙏 Yaa Allaah 🤲
► Hiriyyaa gaarii kan aakheraa keenyaaf tolu nuuf kenni
► Hiriyyaa hamaa kan karaa kee irraa nu jallisu nurraa qabi
► Warra Waliin ta’ee, Milkaahee jannata seenu nu taasisi.
(By Xaalibul ilm)
KUTAA 1️⃣1️⃣ FFAA
SEENAA NABI MUHAMMAD S.A.W
@Keyralumma By @Ibnu_surur✍️
       
          KUTAA 1️⃣1️⃣FFAA
DURA KUTAA 🔟FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU
https://www.tg-me.com/keyralumma/1495

G109- Eega Ergamaan Rabbii (S.A.W) imaltuu Samiitirraa deebi'e ummata qureeyshiitiif odeeysee?
D> eyyee itti odeeyse,ammoo isa hin dhugoomsine Abuu Bakar isa dhugoomse kanaaf Siddiiq jedhamee moggaafme.
G110-Akka kuffaarri Qureeyshii isa dhugoomsaniif Ergamaan Rabbii (S.A.W) maal godhe?
D> Rabbiin (S.W) isaaf mullisee masjidul aqsaa tokko tokkoon itti hime.
G111- Eegasii Ergamaan Rabbii (S.A.W) da'waa isaa itti fufee?
D> eyyee gosa 26 irratti islaamummaa irra fiduuf deeme isaanirraa #Banuu haniifaa banuu kalb banuu aamir banii sheeybaan fii banii Muhaarib irra fiduuf deeme.
G112-Gosti 26 qeebalanii?
D>hin qeeballee nididan
G113- Ergamaan Rabbi (S.A.W) eega ergamee amata 11 ffaa kessa maaltu uumame?
D> yaroo Hajjiitu dhufe Ergamaan Rabbi (S.A.W) dardara 6 gosa Khazraj warra Madiinaa (Yasrib) irraa qeebale (simate) guddaan isaanii As'ad bin Zuraaraa ture umriin isaa 21 ture Ergamaan Rabbii irraa (S.A.W) dhagayanii islaamawan akka amata dhufu yaroo Hajjii gosa biroo Awsii wajji dhufan baallama waliif seenan bakka tullutti.
G114-Amata/woggaa itti dardarri jahan baallama seenan sun dhufanii?
D> eyyeen dhufan isaanii wajji gosa Awsii irraa dhufanii nama 12 tahan 8 Khazraj irraa 4 Awsirraa.
G115- Ergamaan Rabbi (S.A.W) maalirratti isaan ahaddii naqe?
D> akka Rabbitti waatakka itti hinqindeeysine akka hin hanne akka zinaa hin dalayne akka ilmoo isaanii hin ajjeefne akka hin kijibne/sobne akka waan beekkame kessatti hin faalleysine (hin dinne).
G116- Ahaddiin sun maaliin mooggaafamte?
D> ahaddii Aqabaa duraa jedhan (sanaa/waggaa 12 ffaa eega Ergamaan Rabbi (S.A.W) ergamee tahe)
G117- Ergamaan Rabbi (S.A.W) As'ad bin Zuraaraa wajji eenyu erge akka islaamummaa barsiisuuf?
D> Mus'ab bin Umeeyr madiinatti isaan wajji erge (Anbaasaddara islaamaa kan Madiinaa kessaa) je'emee moggaafame Sa'ad binu Mu'aaz ifii Useeyd bin Hudeeyr islaamawan lachuutuu damiinnan/duree gosa Awsii turan.
G118- Warri Madiinaa islaamawanii?
D> eyyeen sanaa (amata) 12 ffaa eega Ergamaan Rabbi (S.A.W) ergamee.
G119-Sanaa (amata) 12 ffaa keessa eega Ergamaan Rabbi (S.A.W) ergamee maaltu tahe?
D> Madiinarra dhiira 73 fii dhalaa/dubartoota 2 gosa Khazraj fii Awsirra dhufanii Ergamaan Rabbi (S.A.W) wajji taa'anii ahaddii seenan beey'aa/Ahdii aqabaa lammadaatiin bekkamti.
G120- Maalirratti ahadii seenan?
D> isa dhagaytii fii qaalii godhurratti yaroo rakkoo fii balloo irratti nafaqan gaaritti ajajanii hamturraa waldhoorka akka isaaf tumsanii irraa dhoorgan haqa Rabbii kessatti akka jattee namaa hin sodaannee haqa dubbata yoo kana dalagan jannanni akka isaaniif jiru irratti waliif galanii ahaddii seenan...ITTI FUFA
         G109-
Yaada qabdaniif
👉🏾 @ibnu_surur
-------> @B_Islaamummaa <-------

-----------> @abu_abdalah1 <----------

----------->  @amirtemam1 <---------

---------->  @Ibnutemiya6  <----------

-----------> @hafiz_jihad <---------
Obsa k..5

By @ibnu_hajar

Namni dogongora, badii fi hojii dirqamaa keessatti hanqisuu irraa bilisa hin ta’u. Yommuu Rabbiin gabricha Isaatiif waan gaarii fedhe, addunyaa keessatti adabbii isaaf ariifachiisa: takkaa qabeenya isaatiin ykn maatii isaatiin ykn nafsee isaatiin ykn nama isaan hariiroo qabuun. (Kana jechuun qabeenyi jalaa baduun ykn barbadaa’un, ykn maatii isaa keessatti namni jalaa du’uun, dhibamuun ykn inni mataan isaatu dhibamuun adabbii isaaf ariifachiisa.) Sababni isaas, adabbiin badii haxaawa. Yoo gabrichaaf adabbiin ariifatamee fi Rabbiin adabbii kanaan badii isarraa haxaawe, badiin kan isarra hin jirre ta’ee Rabbiin qunnama. Rakkoo fi balaan isa qulqulleessanii jiru. Namni badiin takka ykn lama waan isarra jirtuuf, addunyaa keessaa badii irraa qulqulluu ta’ee akka bahuuf duuti isarratti cimuu dandeessi. Kuni qananiidha. Sababni isaas, azaabni (adabbiin) addunyaa azaaba Aakhirah caalaa salphaadha.

Garuu Rabbiin gabrichaaf waan badaa yoo fedhe, yeroo ni kennaaf. Rabbiin kanarraa nu haa eegu, hanga of tuulutti qananii isatti dhangalaasa, rakkoo isarraa deebisa. Wanta Rabbiin isa qananiiseen gammachuu jibbamaa gammada. Yeroo sanitti, badiin kan haguuggame ta’ee Gooftaa isaa qunnama. Kanaafu, badii kanaan Aakhiratti ni adabama. Rabbiin nagaha kadhanna. Yommuu nama badii ifatti hojjatu argite kana waliinu Rabbiin balaa irraa kan isa eegu fi qananii isatti dhangalaasu yoo ta’e, Rabbiin sharrii isaaf akka barbaade beeki. Sababni isaas, hanga Guyyaa Qiyaamaa adabamutti adabbii isarraa tursiisee.

Ergasii hadiisa kana keessatti, “Guddinni mindaa, guddinna balaa waliini.” Kana jechuun akkuma balaan guddatuun, mindaanis guddata. Balaan salphaan mindaa salphaa qaba. Balaan cimaan, mindaa guddaa qaba. Sababni isaas, Rabbiin namoota irratti tola guddaa kan ooludha. Yommuu rakkoolee ciccimoon isaan qore, mindaa guddaa isaaniif kenna. Yommuu rakkoon laafte, mindaanis ni laafa.

“Rabbiin yoo ummata tokko jaallate, isaan qora. Kanaafu, namni jaallate, jaalalatu isaaf jira. Namni dallane dallansutu isaaf jira.”

Kunis mu’minaaf (nama dhugaan amaneef) gammachiisa. Yommuu rakkoon qoramu, Rabbiin akka waan isa jibbeetti yaadu hin qabu. Inumaa, kuni mallattoo Rabbiin gabricha jaallachuu agarsiisu irraa ta’uu danda’a. Rabbiin subhaanahu rakkooleen nama qora. Namni yoo itti gammade, obsee fi mindaa abdate, isaaf jaalalatu jira. Garuu yoo dallane, dallansutu isaaf jira.
Join 👇
@hafiz_jihad
@Keyralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
Forwarded from Keyralumma
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu kabajamtootaa hordoftoota keenya worroonni seenaan Abuu bakir siddiiq isin darbe kunoo kutaa 1ffaa rraa kaastanii amma kutaa 10ffaa tti argachuu dandeessu Liink gadii kana tuqaa

KUTAA 1️⃣FFAA

KUTAA 2⃣FFAA

KUTAA 3⃣FFAA

KUTAA 4️⃣FFAA

KUTAA 5️⃣FFAA
Seenaa Usmaan Binu Affaan

Kutaa 5ffaa Ibn temam

@amirtemam1 @amirtemam1

Beelahaa Madiinaa Nyaachisu Usmaan

Bulchiinsa Abbaa Bakrii keessatti hongeen (Barri Abaar) Madiinatti buutee, ummanni beelaaf saaxilamnaan, Abbaan Bakrii cinqaa ummataa kana tasgabbessuf Rabbii isaa abdachuun akkana jedhe “yoo kan Rabbiin fedhuu, boru akka bariitetti isnitti hin dhiitu; kan Rabbi isinii bal’isu taatu malee.” jedhe.

Abdatiinsa isaa kanas Rabbiin Usmaanin sababa gochuuf, daldaltoonni Usmaan osoo ummanni Madiina agabuu cinqatti jiru, nyaata qabatanii biyya biroo irraa dhufan. Sooreyyiin kana arganis Usmaanin dachaan irraa bituuf gaafatan. Hin dide, al lamaa sadii itti deebi’anii kadhatanu usmaan garuu hin dideen, dhumarra garuu dachaa shaniin akka itti gurguru gaafataniin, yeroo kanas hin dide.

Gatii kanaa ol argadhee gurguradhee jira
jedheen Usmaan. Booda sooreyyiin kunninis aaranii biyya arabaatti namni gatii kanaa oliin sirra bitu hin jiru jedhanii itti of tuuluu eegala. “Innis isintu isa hin beekne malee hin jira.” jedheen. Eenyuun akka ta’e baruuf cinqamanii gaafin isa sardan. Yoo kana Usmaan akka Rabbii dachaa kudhaniin namaa kafalu tahe itti hime warra beelahaa Madiinaa irraatti Rabbiif jecha sadaqadhe jedheen.

Wareegamummaa Fi Warra Jannataa Tahu Usmaan

Wareegamummaa Usmaan irra, Abu hureeyraan akkana jechuun odeesse; Rasuula ﷺ ‘Abubakri, Umar, Usmaan, Aliyyi, Xalhaa fi Zubeyri ta’ani osoo gaara gubbaa jiranu, gaarri sossoonaan: Rasuulli ﷺ gaaraan gadi dhaabadhu, Nabiyyi ﷺ Siddiqi fi wareegamaa malee sigubarratti hin
taane’ jedhaniin.

Rabbi Gabbaru Usmaan

Rabbi gabbaru isaa irratti Usmaan kan akkaan jabaa ta’e dha. Salaata, soomana fi zikrii, qaraatii qur’aana, Akkasuma haafiza Qur’aanaati. Keessattu wanni namaajabu salaata witrii raka’aa takka keessatti qur’aana guutu ykn juuza soddoma fixee kan bulu ture.

Abdallah ilmi Omar akka jedhe ‘suuraan Zumar aayanni saglaffaan wa’e Usmaan dubbatti’ jedhe.

Gabra Bilisoomsu Usmaan

Guyyaa Jimaataa Usmaan tola diinagdee kennatu qofatti arjoomni isaa kan gabaabbatee miti. Guyyaa jimataa cufa ilma namaa kan gabroomfamee gurguramu irra deeme gatii olka’aata’ee gabbu’aa ta’e bitee bilisoomsu ta’e.

Qaanyii ykn Saalfatiinsa Usmaan

Nabi Muhammadﷺ irra qaanfataan umata kiyyaa Usmaani, jedhan irraa dubbatan. Qaanyii isaa irraa kan ka’e. A’ishaan Oduu nuuf dabarsite keessatti ‘Rasuulli ﷺgudeeda isaa irraa uffanni saaqamtee osoo taa’u; Abubakar dhufee ol seenuf balbala dhadhahe eyyamsiifate ol seene.

Booda Umaris dhufee haaluma Abbaabakrii saniin ol seene. Dhumarra Usmaan dhufee ol seenuf balbala dhadhahe. Yeroo akka isa ta’e beekan Rasuulli ﷺ gudeeda isaanitti
uffata gadi dachaasanii akka seenu eyyamanii fi seene.

Erga jarri cuftuu bahanii, A’ishaan haala ta’e kana waan qalbiftee turteef; yeroo Abbaan Bakrii fi Umar dhufan kan gudeeda keetitti gad hinrariin yeroo Usmaan dhufe maaliif akka gadi rarate gaafatte. “Nama malaa’ikaan irraa qaanfattu akkamitti an irraa qaanfachuu dhaba.” jedhanii deebisaniif’.

Hasan Al-basriis haala isaa kanarra akkana jechuun irraa odeesse ‘Usmaan kan namni bira hin jirre ta’ee osoo kophaa jiruu, uffata baafate dhiqatu saalfata’ jedhe.

Itti fufa...

Join Gochuun hordofaa👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6

https://www.tg-me.com/amirtemam1
TOOHIDA KUTAA 1️⃣7️⃣FFAA
                 By
   Ibnu_surur
DURA KUTAA 1️⃣6️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU👇
https://www.tg-me.com/ibnutemiya6/635

♻️ GOSOOTA KUFRII GUDDAA
▪️Kufrii guddaan bifa Shan of keessatti qabata.
  1. Kufrii kijibsiisuu Rabbiin Qur’aana isaa keessatti akkana jedha Nama Rabbi Irratti soba uumee odeesse yookiin dhugaan itti dhufnaan sobsiise caalaa namni miidhaa hojjete (tokkolleen) hin jiru Sila teessoon kaafirootaa Jahannam hin taanee? Suuratul Ankabuut

2. Kufrii Diddaa fi Booninsaa dhogoomsuu
waliin Ragaan jecha Rabbii ol-taheeti Yeroo nuti Malaa’ikootaan Aadamiif Sujuuda  godhaa jennees (yaadadhu) Ibliisa malee Isaan sujuuda godhan (Inni) ni dide ni boones  Kaafiroota irraayis taye Suuratu Al-Baqaraa 34

3. Kufrii Shakkii ykn Mamii innis sehuu dha: Ragaan jecha Rabbii ol-taheeti Haala lubbuu isaa miidhaa ta’een ooyruu isaa seenee ni jedhe Isiin kun gonkumaa ni baddii hin yaadu (35) Qiyaamaanis ni dhaabattii hin yaadu Dhugumatti yoon gara gooftaa kiyyaa deebifameef iddoo deebii kan isa caalun argadha (36) Hiriyaan  isaas kan isaan haasa’u ta’ee ni jedhe sila ati Isa  biyyee irraa ergasii bishaan saalaa irraa si uumee ergasii nama guutuu si godhetti kafartee? (37) Ani  garuu Inni Gooftaa kiyyatti tokkollee hin dabalu   Suuraa Kahfii 35-38

4. KUFRII GARAGALIINSAA:
Ragaan jecha Rabbii ol-taheeti Isaan kafaran waan ittiin sodaachifaman irraa garagaloo dha Suuraa Al- Ahqaaf 3

5. KUFRII NIFAAQAA:
Ragaan jecha Rabbii ol-taheeti Kunis sababa isaan amananii ergasii kafaraniifi Waan onnee isaanii irratti cufameef isaan hin hubatanu

KUFRII  XIQQAA
Kufrii xiqqaa jechuun dilii (ma’asiyaa) hunda kan
hadiisaa fi qur’aana keessatti dubbatame kan kufrii guddaa hin geenye jechuu dha.
Murtiin isaa Haraama dilii gurguddaa irraayi Garuu Islaamummarraa Nama hin baasu Fakkeenyi isaas Ni’amatti ykn qananitti kafaruu
Tan tola Rabbiitti kafarte Suuraa An-Nahlii 112
Muslimni tokko obboleessa Muslimaa isaatin
loluu (waraanuu) Muslima arrabsuun fusuuqa
(jallina) isa waraanun (loluun) kufrii dha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase Gosa nama tokkoo arrabsuu ykn dubbii badaan waraanuu Nama du’e irratti iyyuu wantooni lama kufritti nama geessu nama kessa jiru gosa nama tokkoo arrabsuu fi nama du’e irratti iyyuu Bukhaarii fi Muslimtu gabaase.

ANNIFAAQ (MUNAAFIQUMMAA)
Akka lugaatti (Nifaaqa) jechuun waa dhoksuu ifa
baasuu dhabuu jechuu dha Akka shari’aatti ammoo nifaaqa jechuun Islaamummaa mul’isuun kufrii fi shirkii dhoksuu jechuu dha.
Gosoota ‘Munaafiqummaa’:
1. Nifaaqa yaadaa guddaa
2. Nifaaqa dalagaa xiqqaa
Nifaaqa yaadaa guddaa Jechuun munaafiqummaa isa guddaa kan jedhamu kan nama san Islaamummaa mul’isee kan garaa isaatti kufrii qabatu jechuu dha Akka islaamummaatti Murtiin isaa kan gonkummaa
Islaamummaa keessaa baasu akkasumas kan ibidda jahannam keessatti sadarkaa gadii isa teessisu dha.
Gosoota Isaa Bifni munaafiqummaa kun gosoota jaha of keessatti qabata.
1. Rasuula صلى الله عليه وسلمsobsiisuu.
2. Garii (cinaa) waan Rasulli صلى الله عليه وسلم ittiin
ergamanii sobsiisuu.
3. Rasuula صلى الله عليه وسلمJibbuu.
4. Waan Rasuulli صلى الله عليه وسلم ittiin ergaman hamma tokko garii jibbuu.
5. Namoonni diin Islaamummaa yeroo
xiqqeessan (gadi qaban) gammaduu
6. Tumsama Diinii (Amantii) Rasuulaatiif jibbuu.. ✍️ Itti fufa insha'allaah

Yaada Qabdanuuf 👉 @ibnu_surur
🌷Gaaffiif deebiin keenya arraa
Kana fakkaata👇
        
           @ibnu_surur ✍️

Islaamummaa keessatti kan Dura dhiirarraa shahiide ykn woreegame eenyu?

1.Hamzaa ibnu Abdul muxxalib
2.Musaab ibnu umeyirii
3.Yaasir Abuu ammaar
4.Saad ibnu abii woqqaas

🙋‍♂️Yaada Qabdanuuf 👇asiin
nuun gahaa👉 @ibnu_surur ✍️
🖥 Hafiz ibn hajer official 🦜 via @like
🌷Gaaffiif deebiin keenya arraa Kana fakkaata👇                     @ibnu_surur ✍️ Islaamummaa keessatti kan Dura dhiirarraa shahiide ykn woreegame eenyu? 1.Hamzaa ibnu Abdul muxxalib 2.Musaab ibnu umeyirii 3.Yaasir Abuu ammaar 4.Saad…
Hordoftoota keenya deebiin gaaffii keenyaa 3ffaa taha
3.Yaasir Abuu ammaar worroonni deebistan Maasha'allaah Maasha'allaah Jazaakumullaahu khayiran rabbiin isinirraa hajaallatu 👍 👍👍 jabaadhaa isiniin jenna worroonni yaaltanis akkasuma jazaakallaahu keyran 👍 👍 JZKLH guddaa galatooma akkasuma hordoffiin keessan itti hafufu jenna
 [YAADACHIISA GABAABAA]

        BY: MUAZ YAKUB

     @abu_abdalah1 @abu_abdalah1

||Haalli yeroo ammaa raawwatamaa jiru Qur’aana keessatti wanta himaman waan ta’eef muslimni  dammaqinnaan amantaa ufii eegachuutu barbaachisa.


“Yaa warra Rabbitti amane, yoo dubbii jara Yahuudaatiifi Nasaaraa dhageessan, eega amantanii kufritti isin deebisan” (Aala Imraan 3:100)


||Yeroo ammaa keessatti namoonni amantaa islaamaa diiguuf karoora qaban rakkina addunyaa mudateen wol_qabsiisuun Hawaasa Muslimaatiif baay’ee waan yaaddawan fakkaachuun sadarkaa addunyaatti keessattu hawaasni Muslimaa gooftummaa rabbii akka dagataniif sochii  hedduu taasisaa jiru.

||Dhaloonni yeroo ammaatis garuu dogongora dhaloonni darbe raawwatan sirreessuu qaba malee karaa isaan murteessan irratti deemuun, jiruu bara baraaf abdiin kennan amansiisaa waan hin taaneef kanas beekuudhaaf carraan ammuma waan ta’eef ufi- eegannoo godhachuu qabdu xumura irratti aayaata Qur’aana itti aanu sirriitti gadi ilaalaa.


“Yaa ergamaa kiyya Muhammad, jedhi: ‘yaa warra kitaabaa (Yahuudaa fi Nasaaraa) haqaan alatti amantii keessan keessatti daangaa hin dabrinaa, fedhii warra isiniin dura akkaan jallatee hedduu jallisee jala hin deeminaa, kan karaa qajeelloo irraa jallatan.” (5:77)


||Dhaloonni ammaa wanta jedhamu qofa dhagahee itti fufuu osoo hin taane madaalli gubbaa kaayuun qulqulleeffatee filannoo amantii sirreeffachuu qaba.

||Rabbiin yeroo balloofi rakkoos amantaa qajeelaa irratti nu haa tikfatu.

Beekumsaa madaalawaa, Kan Baranneerraa, Kan Dhageenyerraa, Kan Arginee dubbifnerraa woliif haa qoodnu.

Nu hordofuuf filannoon keessan 👇

@abu_abdalah1

@Keyralumma

@hafiz_jihad
                J   O  I  N    
WAAN GOOTANIIF GALATOOMAA!
 
TOOHIDA KUTAA 1️⃣8️⃣FFAA
                 By
   Ibnu_surur
DURA KUTAA 1️⃣7️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU

https://www.tg-me.com/keyralumma/1516

Nifaaqa dalagaa xiqqaa:
Munaafiqummaa dalagaa jechuun hafteen Iimaanaa qalbii isaa keessa osoo jiru waan munaafiqummaa dalagaa tokko tokko dalagaan argamsiisuu jechuu dha.
▪️Murteen isaa:
Dilii gurguddoo irraa akkasuma Haraama irraa lakkaa’amus Islaamummaa keessaa nama hin baasu Namni munaafiqummaa bifa akkanaa qabu Iimaanas munaafiqummaas qaba jenna. Garuu nifaaqummaan isaa yoo baay’ate Munaafiqa guutuu (kaalisa) ta’a.
Fakkeenyaaf Yoo haasayu Sobuu (kijibuu),
Yoo beellamu diiguu Amaanaa ganuu Yoo muggute (morme) ni dilaawa Waadaa diiguu Akkasumas Masjidatti Jama’aan Salaatuu ceem’uu Yoo Ibaadaa (dalagaa gaggaarii) namni haa arguuf dalaguunis kanuma keessatti lakkaa’ama.

Al-Walaa’i Wal-Baraa’i (Rabbiif jecha Jaalachuu
Fi Rabbiif jecha Jibbuu)
‘Al-Walaa’a’ jechuun akka lugaa arabiitti jaalala
jechuu dha Kanaafuu ‘Al-walaa’a’ jechuun
muslimoota jaalachuu gargaaruu tumsuu fi kabajuu isaanitti dhihaatanii rakkoo isaanii laaluu jechuu dha. ‘Al-Baraa’a’ jechuun akka lugaatti Muruu irraa fagaachuu walitti dhufeenya kutuu jechuu yoo ta’u hiikkaan shari’aa ammo Kaafira jibbuu, irraa fagaachuu tumsuufi dhabuu jechuu dha.
Barbaachisummaa isaa
 Hundee Aqiidaa Islaamummaati
 Murna (Islaamummaa) Iimaana guddaa
 Karaa Nabi Ibraahimii fi Nabi Muhammad صلى الله عليه وسلم
▪️ Gosoota Al-Walaa’a:
Walaa’ini bakka lamatti qoodama Tawallii fi
Muwaalaa jedhama ‘Attawallii’ jechuun warra kufrii fi shirkii jaalachuu jechuu dha Kaafirtoota Muslimotarratti gargaaruunis asuma jalatti lakkaa’ama Murteen Kanaa Kufrii Guddaa Islaamummarraa deeb’uu (Murtaddiitti) qoodama
Ragaan isaa jecha Rabbii ol-taheeti
“Isin irraa namni jaalallee isaan godhate inni
isaanuma irraayi” Suuraa Al-Maa’idaa 51
‘Al-Muwaalaa’ jechuun ammoo faayidaa dunyaatii
jecha warra kufrii fi shirkii jaalachuu garuu kuffaara muslimtootarratti hin tumsu yoo tumse tawallii ta’a jechuu dha Murteen isaa ammo haraama dilii gurguddaatti lakkaa’ama Rabbiin Qur’aana isaa keessaatti:

“Yaa warra Amantan! Diina keenyaa fi diina keessan jaalallee hin godhatinaa, isin gara isaanitti jaalala dhaqqabsiiftuu!” Suuratu Al-Mumtahinaa 1 Gochoota Muwaalaata keessatti lakkaa’amu Fakkenyaf
 Uffataan isaanitti fakkaachuu akka jaraa
haasawuu
 Bashannanaaf biyyoota kuffaaraa (mushrikootaa) deemuu Biyya isaanii keessa taa’uu diinii ofiitif jecha keessaa baqachuu hijraa (godaana) godhuu diduu yokin dhabuu
 Akka lakkofsa isaanitti lakkaa’uu
 Ayyaana isaanii waliin kabajuu (akka kabajan
gargaaruu ykn baga isiniin gahe jechuu ykn ayyaana isaanii kanarratti mula’achuu
 Maqaa isaanitiin wal waamuu (ijoollee ofitti
baafachuu yookin moggaasuu).. . ✍️ Itti fufa insha'allaah

Yaada Qabdanuuf
👉 @ibnu_surur
Seenaa Usmaan Binu Affaan

Kutaa 6ffaa Ibn temam

@amirtemam1 @amirtemam1

Sodaa Usmaan

Usmaan hanga areenni isaa jiidhutti kan boohoo ta’e. Waayee qabrii yoo dhagahu. Sahaabonni haala isaa kana qalbeeffatan waa’een isa kun dinqeenii maaliif yeroo wa’een azaabaafi jannataa yoo dubbatamu hamma hin boonye, yeroo waa’ee qabrii dhagahu akkas cinqamee booyuu isaa sababa
isaa gaafatan.

Usmaanis erga dubbii Rasuulaa ﷺ dhagahe ‘Qabriin dura mana akiraatii. Namni qormaata isii darbe wanti achiboodaa qormaanni isiidhaa laaftuudha.’ ka jedhan dhagahe. nama nagahaan dura san darbetu, kan achi boodaa nagahaan darba. Kanaafii sababaan boohicha kiyyaa jedhee deebiseef.

Ammas ka Rasuulli ﷺ jedhu dhagahe.’ wanta hundarra; kan akka qabrii nama rifachiisu hin garree’. ka jedhan
dhagahe Abdallahi Ibnu Rum; Usmaan kan akkana jedhu dhagahe, “osoo azaaba fi jannata jidduu nadhaabanii garam akka seenu hin beekinii dura daaraa ta’ee baduu filadha.”

Du’a Abbaa Bakrii fii Gahee Usmaan

Eennullee ta’uu beellamni du’aa yoom akka ta’e hinbeekkamu malee dhufa hin hafu. Rasuullis ﷺ osoo dalagaa Usmaan cufa jaalatanii ittiin boonanuu duuti isaan fudhattee, Bara mootummaa jalqabaa Abbaa Bakriis,
Usmaan hojiiwwan diin islaamaatif dagalee ta’an hedduu dalaguun, sababaa mataa ol qabachuu diin islaamatif humnaa ta’e. Dinagdee fi yaada isaa gumaachee jira.

Abbaa Bakrii gaddaa fi gammachuu keessattille cinaa dhabbachuun, jaalala Abbaa Bakrii biratti horatee jira. Abbaan Bakris bara angoo isaa waan dhimma islaama ta’e hedduu mari’ataanii ture. Abbaan Bakris imala mana aakiraa irraa hafuun waan qooda ilma namaa hin ta’iniif, du’aaf yeroo kalaahe; dhimmi bulchiinsa muslimtoota isa yaachise.

Mormiin aangoo akka hin kaane sodaatee, nama karaa qajeelaa isaan masakee, kufaatii qileewwan kufrii irraa isaan tiksu, tokkochumma Rabbii irratti isaan bulchu, nama amaana kana baadhate bakkaan gahu filuuf, hedduu lubbuun isaa dheebotte. Ummatattis osoo hin du’in beeksisuuf murteeffate. Abbaan Bakrii balbala du’aa irra erga gahee, Usmaanin yaamee, waan sitti himu barreessi jedhee ajajeen.

Usmaanis bismillah jedhee erga eegale, dhaamsa Abbaa Bakrii itti aansuun ‘kun waan Abbaan Bakrii guyyaa itti jiruu addunyaa irraa gara akiraatti galu dhaame. Yeroon sunis; wayta baasaa lubbuu kan kaafirriille dirqitti amanu, dilaawaanille, kijibaanillee dhugoomsu, yeroo san keessattiisinii dhaame. Isinirratti bakka buuse’ jedhee, osoo dubbii isaa itti hin xumuriin gaggabe.

Usmaanis Umar binu Kaxxaab ka jedhu itti guute. Turiinsa muraasa booda gaggabbi isaa irraa Abbaan Bakrii beyfatee “naa dubbisi waan barreesite.” jedheen. Usmaanis akka itti barreessetti dubbiseefi jennaan, Abbaan Bakriitis yaanni Usmaan yaada isaatitti gallaan
“Allahu Akber jedhe!.” Usmaaninis galatomfate. Haala kanaan addunyaa irra gara mana aaakiratti boqate Umaris bara bulchiinsa isaa keessatti, hunda sahaabota irra Usmaan binu affaan, Aliyyii binu abii Xaalib fi Abdurahmaan binu Oowfitin mari’ataa ture.

Sahaabota biroo irras kaa ufitti dhiheessuu ture. Haala kanaan Umaris; karaa haqa Rabbii, ajaja Qur’aanaa, sunnaa fi hadisaa irratti bara hedduuf erga bulchaa turee booda, Namticha kaafiraa kan maqaan isaa Abu lu’lu’aa jedhamuun; waraanamee jennaan, jiruu ardii kanarra galuuf akka kalaahe bare.

Warroota koree marii jahan; Usmaan Bin Affaan, Xalahaa, Zubeeyr, Sa’aad, Abdurahmaan, Aliyyii Binu Abiixaalib, kan Osoo Rasuulli ﷺ hojii jaraa jaalatu du’e, walitti yaamsisee ofuma keessa akka bulchaa filatan itti himee biraaa du’aan darbe. Abdurahmaan binu Oowfi yeroma san qooda angoo
bulchiinsaa keessa of baase, warroota shanan keessaa kamtu ummata biratti fudhatama akka qabu osoo ansaaraa fi muhaajira, baadiyaaf magaalaa, dhiiraaf durba hin jedhiin naannahun yaada fi fedhii namaa ilaaluu fii mari’achuu eegale.

Ummanni muslimaas; akkuma fedha Abdurahmaan Binu Oowfi, irra caalan isaani Usmaaniin akka jaalatanii fi angoof isa kajeelan baree jennaan Usmaani koreedhan marii afran duratti waadaa (irbuu) seenef. Warronni hafan afranis waada seenaniifi Usmaan du’a Umar booda bulchaa bulchitoota ummata biyya mus
KUTAA 1️⃣2️⃣FFAA
SEENAA  NABI MUHAMMAD S.A.W
@Keyralumma By @Ibnu_surur

DURA KUTAA 1️⃣1️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU
https://www.tg-me.com/keyralumma/1511

G121-warri Madiinaa akka Ergamaan Rabbi (S.A.W) isaan ziyaaru yookaa dhufu yaamanii?
D> eyyee.
G122-Umriin Ergamaan Rabbi (S.A.W) yaroo sahaabaan isaa akka Makka irra Madiinatti godaanu barbaadan meeqa ture?
D> amata 53
G123- Mushrikoonni akka sahaaboonni Madiinatti hin godaanne dhoorganii?
D> eyye dhoorgan,gariin mushriktootaa sahaaboota akka hin godaanne dhoorgan ammoo gariin sahaabootaa dhokotanii godaanan fakeenyaaf akka Ummu Salamaa mushrikoonni akka jaarsa isii wajji hin godaanne dhoorganii ilma isii irraa fuudhanii eega booyicha amata tokko booche booda irraa fudhatte.akkuma sunitti Suheeyb horii isaa hunda isaanii kenne akka gad dhiisanii godaanuuf.
G124- Ergamaan Rabbi (S.A.W) sahaaboota wajji godaanee?
D> lakki booda aane
G125- yaroo sun kessa Qureeyshiin maal murteeysite?
D> ajjechaa Ergamaan Rabbi (S.A.W) murteeysite,gosa hundarra dardara walitti qabanii hulaa Ergamaan Rabbi (S.A.W) dura dhaabbatanii hoggaa inni bahu hundi isaanii dhawicha takkaan dhawanii ajjeesan murteeyfatan akka gumaan dhiigaa gosa hunda irratti tahuuf (itti gaafatamuuf).
G126- Ergamaan Rabbi (S.A.W) mala isaanii kana beekee?
D> eyye beekhe,Jibriiltu dhufee itti hime,tanaaf Alii bin Abii Xaalib (R.I.H) firaasha isaatirra rafe.
G127- Ergamaan Rabbi (S.A.W) maal dalage kan mushriktoonni hulaa isaa bira dhaabbatanii jiru?
D> biyyee shanacha tokko fuudhee mataa isaanirra facaasee haala suuraa yaasiin aayata 9ffa qara'uun (fuuldura isaanii girdoo goone,booddee isniitiis girdoo goone,nihagoogne isaan hin argan)
G128- Kuffaaroonni arganii?
D> lakki hin garre.
G129-Ergamaan Rabbi (S.A.W) gara eenyuu deeme akka isaa wajji godaanuuf?
D> gara Abuu Bakar (R.I.H)
G130-Aliyyiin (R.I.H) maalif godaanurraa booda aane?
D> akka amaanaa Ergamaan Rabbi (S.A.W) bira jiru kan namni kaayyate deebisuuf jacha Makkatti hafe,eegasii Ergamaan Rabbi (S.A.W) fii Abuu Bakar (R.I.H) itti dhaqqabe.
G131-Umriin Alii bin Abii Xaalib (R.I.H)?
D> amata 23
G132- Ergamaan Rabbi (S.A.W) ifii Abuu Bakar (R.I.H) essatti dhokotan?
D> gaara Sawrii kessatti guyyaa sadii dhokotan,
G133- umriin Ergamaan Rabbi (S.A.W) ifii Abuu Bakar (R.I.H) meeqa ture?
D> umriin Ergamaan Rabbi (S.A.W) 53 ture umriin Abuu Bakar (R.I.H) 51 ture.
G 134- godaaniinsi Ergamaan Rabbi (S.A.W) ifii Abuu Bakar (R.I.H) yoom ture?
D> amata 14 ffa eega ergamee kessa ture.
G135- Qureeshiin isaan dhiiftee?
D> lakki nama isaan ajjeese takka qabe gaala dhibba tokko akka badhaafamu beeysisan.
G136- Qureeyshiin isaan dhiiftee?
D> lakki,bakkayyu isaan barbaadanii bakka isaan dhokotan gaara gayan, 'yaa Nabiyyii Rabbii (s.a.w) osoo tokkoon isaanii lafa laalee nu'arge” je'e Abuu Bakar.
“yaa Abaa Bakar maal yaadda nama lama kan sadaffaan isaa Rabbii)) je'een,kuffaarri isaan hin garre Rabbiin waraan isaan hingarreen tumseef,waa'ee kanaa kessatti Suratu toowbaa aayata 40 kessa Rabbiin dubbate.
Akkuma sunitti suuratu Anfaal aayata 30ffa kessa Rabbiin irraa dubbate,deebi'ii laali.
G137-Abuu Bakar ifii Rasuura Rabbitti (S.A.W) eenyuutu nyaata itti fiduu ture?
D> Asmaa'a Bintu Abii Bakar,haadha sabbata lamaanii je'amtee,sabbata isii bakka lamatti baqeeysitee qorii itti hiiteef saniif moggafameteen.
G138- Rasuura Rabbi (S.A.W) fii Abuu Bakar eenyu kireeffatan akka karaa Madiinaa isaan qaceelchu?
D> Abdullaah bin Ureeyqix Allaysiyyi kireeffatan akka karaa isaan qaceelchuuf jacha.karaa inni beeku namni tokkolleen hinbeeku.
G139- eenyuutu Rasuura Rabbi (S.A.W) fii Abuu Bakaritti oduu Makka kessa jiruun itti fide?
D> Abdullah bin Abuu Bakar ,isaatu waan guyyaa Makka kessa tehe gargala isaanitti oduu fida isaaniif basaasa.
G140- faana Abdullah bin Abuu Bakar Qureeyshiin hin beeyne eenyu dhabamsiisa?
D>Aamir bin Fuheeyrah,ra'ee teeysaa Nabiyyii fii Abuu Bakaritti dhufee aannan isii obaasa akkasuma faana Abdullah bin Abuu Bakar akka Qureeyshiin hin garre faana re'eetiin dhabamsiisa.
G141- eenyuutu Rasuura Rabbi (S.A.W) fii Abuu Bakar qabuuf itti dhiyaate?
D> Suraaqaa bin Maalik,hoggaa isaanitt
i dhiyaate harki farda isaa dachii kessa seente irra kufe,Rasuulli (S.A.W) qara'aa ture Abii Bakar mimillatiinsa heddumaata,Rasuulli (S.A.W) itti kadhatee fardi Suraaqaa dachiin liqimfamte, eegasii Suraaqaan “wanni naqunname kun kadhaa keetiinii Rabbi naaf karadhu ummata isinirraahiin deebisaa” je'een
Rasuulli (S.A.W) isaaf kadhatee nagaya tahee Aamir bin Fuheeyraan waraqaa katabeef akka amaana arkatu ifii “yaa Suraaqaa wilii taaja ifii faaya uffata mootii Faaris Kisraa uffachuu teeysa je'een eegasii suraaqaan deebi'e,Qureeyshii karaa irraa meeyse,Zamana Umar kessa gaafa Kisraan cabee umar Suraaqaa yaamee Taaja ifii uffata faaya mootii faaris uffachiise akka Ergamaan Rabbii (S.A.W) je'etti.
GULAALA
>umriin Ergamaa Rabbii (S.A.W) gaafa ergamu 40 ture
>amata duraa,lammadaa ifii sadaffaa kessa dhokessaan (sirriin) iccitiin da'awaa godhaa turan,karaa Rabbii nama yaamaa turan.
>amata 4ffa eega ergamee da'awaa dirree baase.
>amata 4ffa hamma 6ffaa zamana Makka kessa hedduu rakkachaa turanii azaabniniis itti heddummaate,akkasuma mana Arqam bin Abil Arqam kessatti gararree makkaa walitti qabamaa turan.
>ergamee amata 6ffa hamma 9ffaa kessa wiixxina itti darbanii qa'ee Banii Haashim (Abuu Xaalib) kessatti amata sadihiif marsan.
>eega ergamee amata 10ffa kessa adeerri isaafii Jaartiin isaa Khadiijaan du'an.
>maayyii amata 10ffa kessa Ergamaan Rabbii (S.A.W) Xaa'if dhaqee islaamummaa irra fide,ammoo nididan,Makkaa ala gosa yookaa nama isaaf tumsu barbaadaa ture.
>amata 11ffaa kessa dardarri 6 waara yasri (Madiinaa) gosa Khazraj irraa islaamawan.
>amata 12ffa eega ergamee kessa beey'atul aqabaa kan duraa ahaddii tulluu kan dauraa dhiira 12 ifii amanan(gosa Khasraj irraa nama 8 hogga tahu gosa Awsii irraa nama 4)
>amata 13ffaa eega ergamee kessa beey'atul aqabaa kan lammadaa ahaddii seenan,dhiira 73 ifii dhalaa 2 amanan warra Madiinaa irraa.
>amata 14ffa kessa Ergamaan Rabbii (S.A.W) gara Madiinaa yookaa Yasrib godaane.
Yoo akkana tahe
>hoggaa Ergamaan Rabbii (S.A.W) ergamu amata 40
>amata 13 Makka kessatti Da'awaa godhe.
> isaa Umriin isaa 53 Madiinatti godaane.
>amata 10 Madiinatti da'awaa godhe.
>isaa umriin isaa 63 du'e.
KUTAAN TOKKOFFA DHALOOTTAA HAMMA GODAANSAA YOOKAA ZAMANA MAKKA KESSAA ASIRRATTI XUMURAMA,KUTAA LAMMFFAA ZAMANA MADIINAA EEGALLA.
MIIDHAA NAMA MUDATUUF BADII(DILII)TU
SABABAADHA.
         
            BY:- MUAZ YAKUB
  @abu_abdalah1     @abu_abdalah1

|☆|Yeroo hedduu qalbiin ilma namaa rakkinni yoo isa mudatu daangaa cabsuun "rabbumti maaf akkas na rakkisa" jechuun dheekkamuutu mala.

|☆|Garuu rabbiin ergaa woggaa 1441 dura dabarseen "Miidhaan isin dhaqqabe tokko sababaa dilii keessaniiti" jechuun ilmi namaa akka waanuma facaafate muratu qur'aanaan dubbate.

[Miidhaalee badii(dilii)hojjachuun dhaqqabsiisan lakkoofsaan baayyeetu jiru] isaan keessaa:-

1.Beekumsa namarraa deemsifti.

2.Ibaadaarraa nama fageessiti.

3.Qalbii nama gogsiti.

4.Rizqii dhabamsiifti.

5.Roobni ni dhabama.

6.Amriin hundi namatti jajjabaata.

||Rabbiin Nama badii(dilii) hunda irraa fagaatee duniyaaf aakhiraa jiruu garii jiraatu nu haa taasisu.

Beekumsaa madaalawaa, Kan Baranneerraa, Kan Dhageenyerraa, Kan Arginee dubbifnerraa woliif haa qoodnu.

Nu hordofuuf filannoon keessan 👇
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
https://www.tg-me.com/abu_abdalah1

                           J   O  I  N    
WAAN GOOTANIIF HEDDUU GALATOOMAA!
GAMMACHUU

Rasuulli (S.A.W) "Wantootni afur gammachuu uuman jedhanii jiru. Isaanis:

~Haadha warraa gaarii.
~Mana baldhaa.
~Ollaa gaarii fi
~Geejjiba mishaa dha.
2024/09/29 21:32:19
Back to Top
HTML Embed Code: