Telegram Web Link
SEENAA NABIYYALLAAHI MUHAMMAD S.A.W
@Keyralumma By @Ibnu_surur ✍️
       
          KUTAA 9️⃣ FFAA
DURA KUTAA 8️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU


G90-Amanni/barri kun maalif amata/woggaa gaddaa jedhame?
D>Amata kana kessa adeerri/wosiilli Rasuula Rabbii (S.A.W) Abii Xaalib du'e eega wixxinni irraa ka'e baatii 6 booda,baatii 2 takkaa 3 booda haati mana isaa Kadiijaa bintu Khuweeylid duute.

G91- Eega Khadiijaan duute Nabi Muhammad S.A.W eenyu fuudhe?
D> Sawdaa bintu Zam'aa amata 10ffa eega ergamee fuudhe Aaishaa ammoo amata 11ffa eega ergamee kadhate,eega nikaa hidhatee booda (hijraa bahee) amata 1ffa kessa itti seene.

G92-Nabi Muhammad S.A.W hoggaa rakkoon Qureeyshii itti heddummaate essa dhaqe eega du'iinsa adeera/wosiilli  isaafii khadiijaan du'anii?
D> gara magaalaa Xaa'if tumsa isaanii barbaada deme  zeeyd bin Haarisaa wajjii bahe.

G93- Warri Xaa'if Nabi Muhammadiif S.A.W owwaatanii ykn Tumsaniifi?
D> lakki,isa kijibsiisan,ijoollee itti baasanii dhagaan tumsiisan hamma dhiiyni isaa lafarra yaa'utti.


G94- Nabi Muhammad S.A.W ifii zeeyd bin Haarisaa sun booda essa dhaqan?
D> gara oowruu/lafa oomishaa  xiqqoo Utbaa fii sheeybaa ilmaan Rabii'aaf taate gayan,Xaa'if irraa miilii sadii fagaatti,eegasii Rasuulli (S.A.W) harka isaa olqabee Rabbii isaa kadhate.

G95- oowruu/lafa oomishaa kessatti eenyuutu arge?
D> Utbaa fii sheeybaa ilmaan Rabii'aatu argee garaa laafanii gabricha isaanii Addaas gurruu inabaatiin ergan, Addaas nama kristaana ture,deemee gurruu sun kenneef.

G96- Addaas Nabi Muhammad S.A.W wajji haasawee?
D> eyyee,hoggaa Rasuulli Rabbii S.A.W. harka isaa gama enabaa laate afaan kaayyachuu deemu “Bismillaah” “maqaa Rabbiitiin eegala” je'ee nyaate,Addaas jacha kanarraa akka Nabi Muhammad (S.A.W) nabiyyii tahe beeke akka Yuunus bin Mattaa nabiyyii tahetti,eegasii isatti garagalee harkaafii miila isaa dhungate.

G97-karaarratti Rabbiin Jibriil itti erge,maalif?
D> Jibriil malaaykaa gaaraa wajji dhufee akka Muhammad (S.A.W) yoo fedhe gaara/tabba  lamaan Abuu Qubeeys ifii Qu'eeyqi'aan jidduutti ummata Xaa;if walitti maxxansee akka fixuuf filachiisuuf erge.

G98- Nabi Muhammad S.A.W waliif galee?
D> lakkii nidide, “duyda isaanii kessaa akka nama Rabbi tokkichoomsee kan waatakka itti hin qindeeysinee isuma qofa gabbaru isaan kessaa bahuun kajeela” jedheen

G99-imaltuu sun kessatti maaltu Ergamaa Rabbitti S.A.W amane?
D> tuuttan/jamaa  Jinniitu itti amane,hoggaa laga timiraa gaye guyyaa waaxiqqo achi turee,tuuttan Jinni Rabbiin itti ergee amanan,Suuraa Al-Ahqaaf 29 kessatti irra dubbate... ITTI FUFA .. insha'allaah amma dhumaatti nuhordofaa ✍️

         G100-
Yaada Qabdanuuf 👇
Asiin ☞ Ibnu_surur Ibnu_hajar nuun gahaa
Obsa

By @ibnu_hajar k 3

Ati maallaqaa fi humna keetiin mana yoo ijaarte, manni kan eenyuu ta’aa? Manni kuni kee ta’a miti ree? Mana kanatti wanta feete hojjatta. Yoo feete ni diigda, yoo feete tursiisuun ni tottolchita. Rabbiin subhaanahuu wa ta’aala Tokkicha fakkaataa hin qabne, namoota hundaa Kan uume Isa waan ta’eef, qaamni fi nafseen isaanii too’annaa Isaa jala jiru. Wanta fedhe itti hojjachuu danda’a. Kanaafu, murtii Rabbii irraa rakkoon yommuu nama tuqu wanti namarraa eeggamu, Obsuudha. Namni “Nuti kan Rabbiiti. Kan nu uumee fi too’atu Isa waan ta’eef wanta fedhe nutti hojjachuu danda’a.” erga jedhe booda, ifa abdii ibsachuu qaba. Ifni abdii kunis jecha, “nuti gara Isaatti deebi’oodha.” jedhu keessa jira. Kana jechuun du’aan booda kaafamuu, hojiiwwan keenya irratti jazaa argachuu fi obsa keenyaaf mindeefamu ni mirkaneessina.

“Dhugumatti nuti kan Rabbiiti” kuni murtii Rabbiitiif harka kennuu fii itti gammaduu yommuu agarsiisu, “nuti gara Isaatti
deebi’oodha.” Jedhu immoo “Mindaa obsaa abdachuu” agarsiisa. Haala kanaan, Muslimni fi kaafirri addaan bahu. Yeroo rakkoo Muslimni du’aan booda kaafamutti waan amanuuf, Guyyaa Murtii mindaa guddaa abdata. Kaafirri immoo du’aan booda kaafamutti waan hin amanneef mindaan inni abdatu hin jiru. Kanaafu, abdii kutuun dukkana keessa raata’a. Muslimni iimaana isaatiin ifa abdii ibsata, kaafirri immoo kufrii isaatin dukkana keessatti tara.

Keeyyanni armaan olii Rabbiin irraa gammachiisa of keessatti qabata. “Warra obsan gammachiisi.” jedhu keessatti ni arganna. Gammachiisni kuni dhimmoota lama of keessatti hammachuun dhufe:
Dhimmi 1ffaan: Gooftaa isaanii irraa faaruutu isaan irra jira. (Maqaa gaariin isaan kaasuu).
Dhimmi 2ffaan: Gooftaa isaanii irraa rahmatatu isaan irra jira. (Rahmata kanaan wanti jaallatamaan isaaniif dhufa, wanti jibbamaan isaan irraa fageefama. Bu’aan rahmata kana caalatti Guyyaa Qiyaama ifa ta’a.)

Mindaa gaarii kanaan gammachiisni isaaniif male. Sababni isaas, isaan warra karaa gammachuu isaanitti qajeelanii fi daandii qajeelaa keessa deemaniidha.

Isaan yommuu jaalala Rabbii barbaadun obsan, rahmataa fi araarama Rabbii haqa godhatan. Sababa kanaaf, Gooftaa isaanii irraa faarun isaan irra ta’e. Yommuu isaan Rabbiin irraa jaallachuu fi wanta murtiin Isaa irratti darbu “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” jechuun labsan, rahmata Rabbii irraa gosa biraa adda ta’e argatan. Isaan faarsun (maqaa gaariin isaan kaasuun) rahmata Rabbii irraayyi...........
Join 👇👇👇
@hafiz_jihad
@Keyralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
UMAR BINU KAXXAAB

Ibn Temam
Kutaa 7ffaa

@amirtemam1 @amirtemam1

Bulchiinsa Umar Sodaa Rabbii Keessatti

Haala jireenya ummataaf bakka bu’oota isaa waliin qabu

Guyyaa tokko ajajaan ganda tokko umariin salaamuuf dhufee umarii ilma isaa dhungatu argee jennaan “Ati ilmaan kee ni dhungattaa?.” Ani Rabbitti kakadhe takkaa ilma kiyya dhungadhee hinbeeku jedheen; Yeroma san
“Umar namni ilmaan isaatiif rahmata hin goonee ummataaf raahmata hin godhu.” jedhee taytaa irraa buuse.

Guyyaa takka mootiin Qeysar ergamaa isaa haala Umar akka laaluuf erge. Ergamaan mootichaa Madiinaa gahee, mee mootiin keessan jedhee ummata gaafate. “Nuti mootii hin qabnu; ajajaa ykn Amiira malee.”, erga jedhaniini gara inni jirutti akeekaniif. Yeroma kana Umarii harka isaa boraafatee oo’a aduu keessa cirracha lafaa irra rafu arge.


Itti dhiyaate: “yaa Umar; walqixxummaa dalagdee, of amantee, nagaha argattee, akkanatti rafte! mootiin keenya immoo waan miidhaa namatti dalageef jecha, halkan hirriba dhabee qaaxiraa bula. Diiniin kee diinii dhugaa tahuu ragaa baha. Garuu ergaa dhufeef geessee, deebi’ee islaamaya.” jedheenii deeme.

Galgala tokko Umar; gabricha isaa waliin utuu deemaa jiru, intaloo takka kan okkotee ibiddarra keessee, kan ijoolleen isii beelaaf qabbanarra moggaa isii teessee boossu
argee itti gore. “Ijoolleen maaliif booyan?’ jedhee gaafatee jennaan beelaaf qabbanatuu bochisa jettee deebifteef.

“Haala keessan kana Umar quba qabaa?.” jedhee gaafate. “Umar quba nu hin qabu. Mootummaa teenya mooyee nu irraanfate.” jettee deebifteef. Yeroma san Umar rifatee
gabricha isaa wajjiin deemee gara mana kuusa midhaanii ykn magaazinaa gulufe. Umar harcee fii zeeytii gabrichi akka dugda isaa irra kaayu
gaafannaan gabrichi immoo baadhachuun akkaa dirqama gabraa taate beekee baadhachuu fedhe.

“Guyyaa qiyaamaa cubbuu kiyya situu narraa baataa?.” jedheenii dide. Dugda isaa irratti baatee deemee nyaata dalageefii ijoollee
nyachisee obaasee haadha ijoolleetiin; ganama Umariin biratti natti koottu, achitti nagartaa jedheenii biraa deeme. Borumtaa ganama deemttee argitee akka inni Umariin ta’e
beeytee rifatte.

“Hin rifatin.” jedheenii isiifii ilmaan isiitiif
mindaa ji’aa godheef, mana dinagdee muslimootaa irraa. Eega Umar du’e sahaabtichi maqaan isaa Usmaan binu Abii Aas jedhamu; jaartii Umar fuudhe. Maaliif akka fuudhe
gaafatanii jennaan Rabbii kiyyatti kakaadhee kajeellaa dinagdeeti fii ilmaaniitiif isii hin fuune. Akkaataa Umar galgala ibaadaa itti godhu natti haa himtuuf malee jedhee deebiseef.

Guyyaa tokko Umar salaata Jum’aa kuxbaa irraa ture.

Itti fufa....
Join 👇👇👇👇👇👇
www.tg-me.com/amirtemam1
@Keyralumma
@Ibnutemiya6
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
Yommuu sodaa fii Rakkoon cimu-kutaa 15.ffaa

By @ibnu_hajar

Dhugumatti aayaanni (keeyyattoonni) armaan olii wanta namni amane yeroo sodaa fi rakkoo jechuu fi hojjachuu qabu namatti akeeku.

1ffaa-Rasuula fakkeenya godhachuu. Namni rakkoo cimaa keessaa bahuuf wanta Nabiyyiin (SAW) hojjatanii fi itti ajajan haa hojjatu. Akkaataa Nabiyyiin rakkoo keessa itti darban haa ilaalu

2ffaa-Rakkoon addunyaa tana keessatti nama qunnamu Rabbii olta’aa irraa qormaata akka ta’e haa mirkaneefatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota Isaa akka qoru irra deddeebi’e waadaa galee jira. Kanaafu, namni yommuu rakkoon isatti bu’uu “Kuni waadaa Rabbiin galeedha.” jechuun yoo obse, mindaa inni argatu hin gaafatin. (Mindaa guddaa argata).

3ffaa-Yeroo rakkoo waadaa Rabbiitti amanuu, murtii Isaatiif harka kennu fi ajaja Isaatiif bulu. Aayah armaan olii keessatti: “[Kuni] amanuu fi harka kennuu malee waan biraa isaaniif hin daballe.” jedhu ni arganna. Kuni kan agarsiisu, yeroo rakkoo namni Rabbiitti fi wanta Isarraa dhufeetti amanuu, murtii Isaatiif harka kennuu fi wanta Inni ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhowwe dhiisuudha.

Akka fakkeenyaatti yeroo koronaa kana keessatti kana hojii irra oolchun baay’ee barbaachisaadha. Sababa koronaatin yoo namni jaallatan du’e ykn qabeenya dhaban, “Kuni wanta Rabbiin waadaa galeedha.” jechuun obsuu, Rabbiitti fi waadaa Isaatti amanuu, murtii Isaatiif harka kennuu, wanta Inni ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu barbaachisa. Namni kana yoo hojjate, haala salphaan qormaata cimaa keessa darba. Kana hubachuuf, wanta Nabiyyiin (SAW) fi sahaabonni isaa qormaata cimaa san booda argatan kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla. Namni wanta armaan olii hin hojjanne immoo akka munaafiqota ta’a.
Namoota wanta Rabbiif waadaa galan Guutan
“Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru; isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraas nama eeggataa jirutu jira. Jijjirraa homaatu hin jijjirre.” Suuratu Al-Ahzaab 33:23

Anas ibn Maalik (radiyallahu anhu) akkana jedha: Abbeeraan kiyya Anas ibn Nadr lola Badrii irraa ni hafe. Ergasi ni jedhe:Yaa Ergamaa Rabbii! Lola jalqabaa mushrikoota ittiin lolte irraa ani hafee jira. Yoo Rabbiin mushrikootaan loluuf carraa naaf kenne, wanta ani hojjadhu Rabbiin na arga.” Guyyaa Uhud yommuu Muslimoonni duubatti dheessan, Anas ibn Nadr ni jedhe: Yaa Rabbii wanta namoonni kunniin (kana jechuun hiriyyonni isaa) hojjataniif dhiifama Si gaafadha. Wanta namoonni kunniin (kana jechuun mushrikoonni) hojjatan irraa ani qulqulluudha.” Ergasii gara fuunduratti deemee Sa’d ibn Mu’aaziin wal qunname. Ni jedhe, “Yaa Sa’d ibn Mu’aaz! Gooftaa An-Nadrin kakadhe! Jannata! Fooli ishii Uhudi gadiitti argataa jira.” Boodarra Sa’d ni jedha: Yaa Ergamaa Rabbii! Wanta inni hojjate ani hojjachuu hin danda’u.” Anas ibn Maalik ni jedha: rukuttaa seyfiitiin ykn waraana xiyyaatiin madaa saddeetamaa ol qaama isaa irratti argine. Ajjeefamee fi mushrikoonni cicciranii isa argine. Obboleettin isaa hanga fiixe qubbiniitiin isa beektutti malee eenyullee isa hin beekne.”

Anas ibn Maalik ni jedha: aayan tuni isaa fi namoota isa fakkaatan ilaalchise akka buutetti ilaalla ykn yaanna: “Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru; isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraas nama eeggataa jirutu jira. Jijjirraa homaatu hin jijjirre.” Suuratu Al-Ahzaab 33:23″ Sahiih Al-Bukhaari 2805

Asitti Anas ibn An-Nadr “Yoo Rabbiin mushrikootaan loluuf carraa naaf kenne, wanta ani hojjadhu Rabbiin na arga.” yommuu jedhu, kuni waadaa Rabbiif galeedha. Kanaafu, yeroo lola Uhud waadaa gale kana ni guute. Kuni hiika aayah: “Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru” kana jechuun warroota amanan irraa dhiirota wanta Rabbiif waadaa galan guutantu jira, waadaa galaniif dhugaa ta.an......
Join 👇
@hafiz_jihad
@Keyralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
UMAR BINU KAXXAAB

Ibn Temam
Kutaa 8ffaa

@amirtemam1 @amirtemam1

Guyyaa tokko Umar salaata Jum’aa kuxbaa irraa ture. Yeroon booda dhufee ummata
dhiifama gaafatee, waan isa mudate akkana jedhee himeef: “ani uffata tokko malee hin
qabu najalaa baqaqee (tarsa’ee) jennaan niitiin (jaartiin) kiyya hanga isiin naaf hodhituu eeguu ture.” jedhee rakkoo isaa himeefii na hofolchaa jedheen.

Akkasuma biyya Shaamii dhaqee nyaata takkaa inni hin nyaatin dalaganii dhiyeessaniifii jennaan, heeddu erga dinqisiifatee booda akkana isaaniin jedhe “mee yoo nuti kana sooranne, dhaboon muslimtootaa hoo; warroonni buddeena gogaa nyaatanii hin quufin hoo maaliin jiraatan?.” jedhe.

Guyyaa tokko magaalaa dhaqee Gaala gabbataa tokko argee “Gaalli kun kan eenyuuti?.” jedhee gaafate. Ilmi isaa Abdallah kan jedhamu “kiyya anatu warroota Gaala tiksanitti kennadhee akkanatti naaf gabbatee deebi’ee.” jedheen. “Kan ilma Amiira mu’mintootaati jedhanii kan namaatiin
adda baasanii siif gabisanii mitii?.” jedhee: Gaala gurguree qarshii jalqaba inni ittiin bite deebiseefii, bu’aa argame kara mana tajaajila dinagdee muslimootaatitti deebise.

Waan raajii namatti tahu guyyaa tokko; guyyaa hoo’ii isaa akkaan jabaatu, keessummaan biyya Iraaqi irraa itti dhufte. Yeroo kana Umar Gaalota sadaqaa wajjiin cinqamutti jira. Kessumoota keessaa; namni tokko akkana
isaan jedhe. “Yaa Amiira mu’mintootaa; hanga ofii Gaala kanaan waliin cinqamtuu, maaliif nama gabraa kan tiksu itti hinbarbaanne.” isaan jedhee jennaan: “ana caalaa nama gabraatu jiraa? akka gabri sayyida isaatiif gabraa, ani cufa muslimtootaatiif gabra.” jedhee deebiseef.

Gaafa tokko halkan ummata too’atuuf osoo ganda keessa deemuu, haadhaafi intala kan wal morman dhagahe. Haati mucattiin “yaa intala tiyya bishaan aannanitti areeri (makii)
gabaa geessi.” jetteen. Intallis akkana jettee haadha isiitiif deebifte. “Lakki! Bishaaniif aannan walitti makuu Umar dhoorgee jira.” jettee deebifteef.

Haati intalaa ammas deebiftee; “Umar waa nu argaamii, walitti maki (areeri).” jetteen. “Yoo Umar nun argin, Rabbiin Umar nun arguu?.”
jettee intalli haadha cubbuu irraa deebifte. Yeroma san Umar dubbii intalaa dhagahee, kara ilma isaa Aasim jedhamu deemee intala san akka fuudhu ajaje. Aasim intala san
fuudhee intala maqaan isii Leylaa jedhamttu irraa argatte.

Intala Aasim argate kana, Abdul Aziiz binu Marwaan kan jedhamu fuudhee ilma maqaan isaa Umar jedhamu argate. Umariin kunis kan kaliifaa 5faa Umar Abdul Aziiz kan jedhamu bara bulchiinssaa isaa keessatti dinagdeen
heddummaattee yookiin baay’attee, qananii irraa namni sadaqaa fudhatu dhabameedha.

Guyyaa tokko Umar ibnu Kaxxaab sahaabota isaa walitti qabee “mee hawwiin keessan maali?.” jedhee gafate. Osoo addunyaan kun Ziqiyaan guuttamtee, eegasanii sadaqanne hawwii keenya jedhaniin. Booda “mee ati hoo maal hawwita?.” jedhanii gaafatan. “Ani osoo dhirran akka Abu Ubeeydaa binu Jarrah, Mu’aaz binu Jabal, Saalim Mowlaa abii Huzeeyfaa, Huzeeyfaa binu Yamaan kan akka isaanii
lafa guttee hawwaa.” jedhee deebiseef.

Itti fufa
Du'a umar.....
Kutaa Isa Xumuraati
I

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6

https://www.tg-me.com/amirtemam1
👇 Sahaabaa

By @ibnu_hajar

Sahaabota Nabiyyiif
Jennanni haqqii dhumaa
Kanaaf Rabbiin filatee
Jedheeni keyiral ummaa

Sahaabonni Rasuulaa
Tokkicha Akka kumaa
Qoosaa tokkon beekanuu
Waan karaa islaamummaa

Nuti Eenyuun fakaanne
Yaa ummata islaamaa?
Maaliif fakkeenya dhabne
Nuhoo fardaaf lafumaa?

Yaa kaalid ibnu woliid
Humna boombii muslimaa
Jajjabeen Akka keetii
Eessumaa Nuuf Argamaa

Situ Nurraa xiqqeessee
Aduwwoota muslimaa
Rabbiin kee sifilannaan
Taate gaardii Ergamaa
S.A.W tasliimaa
Abbaa jayishii woraanaa
Kan ummata muslimaa
Situ diinii Nassaree
Nubiraan ga.e Ammaa

Yaa sahaabota Nabii
Kan Rasuula Aalamaa
Wollaahii haqqii dhumaan
Taatani Keyiral ummaa

Join gochuun Nuhordofaa
👇👇
👉 @hafiz_jihad
@Keyralumma
@Ibnutemiya6
@amirtemam1
@abu_abdalah1
UMAR BINU KAXXAAB

Ibn Temam
Kutaa 9ffaa
Isa xumuraa
Guutuu isaatif seenaa sahaabota biroo argachuuf 👇👇👇

@amirtemam1 @amirtemam1

Du’a Umar ibnu Kaxxaab

Umar mootummaan isaa eega babal’atte, magaalota haarawa hedduu ijaare. Fkn; Kuufaa, Basraa, Fusxaax fa’a. Warroota magaalota bulchan namoota gaggaarii kan Qur’aana, Hadiisa, sunnaa ykn karaa Rasuulaa ﷺ beekan angoof dirqama ta’uu beeksisee magaalota hundarratti bulchaa godhee muude.

Halkan tokko abjuun Umar kan Lukkuun al lama afaan isaatiin isaa kontooru (waraanu) argee, ganamuma san namootaaf hime. Araba biratti Lukkuun alagaadha. Sababa kanaaf nama Araba hin tahintu na ajjeesa jedhee hiikkate.

“Ani wareegama (shahiidummaa) argadha jedhee dubbate.

Sababa biyyoonni islaamaa hundi babaladhatteef waraanni muslimtootaa heddummaatee, biyyoota hedduu qabatanii
diin islaamaa babali’saniif jecha waanyoon kaafirtootaatif munaafiqtootaa hedduu jabaachaa dhufe.

Yeroma kana kaafirtootaafi munaafiqtoonni lafti itti dhiphattee hedduu yaaddawan. Dhiphinna isaaniitifis; falli amiira mu’imintootaa Umariin ajjeesuu qofa akka ta’e walmari’atan. Keessaahuu; kan akka Hurmuzaan dhalataa biyya Faaris kan tahe, Jufeeynaa kan amantiin Nasaaraa ta’e, fii Abuu Lu’luu’aa kan amantiin isaa Majuusaa ta’e Umariin ajjeesuf murteeffatan.

Guyyaa tokko salaata subhii irratti amiira mu’mintootaa Umariin ajjeesuuf Abuu Lu’luu’aan akka isaaf tolutti mijjeefatee tarree salaataa kan duraa keessa dhaabbatee eegeen. Amiiri mu’mintootaas Umar akkuma durii imaamummaaf duratti bahe. Yeroma Umar salaatatti seene garaa isaa keessa al-tokko waraanee, baqatiinsaaf of duubaa gargalee namoota jihaa isaa dubaan dhaabbatan, ufjalaa waraanaa gadi bahe.

Namoota isaan waranaman keessaa 7 ni du’aan 6 ni madaawan. Dhumarratti namtichi tokko ufata fularratti darbee jennaan Abu Lu’lu’aan lafa dhahee bakka jigetti ufuma uf waraanee uf ajjeese. Umar ummataan salaatuu dadhabuu isaa agarraan harka Abdurahmaan binu Oowfii qabee akka ummata salaachisuuf duratti harkisee dabarse.

Umariin baatanii kara mana isaa
geessan. Umar gara manaa erga galaniini booda gaggabbii irraa akka bayfateen ummanni salaatee jedhee gaafate. Akka salaatan sahaabonni itti himnaan “namni salaata dhiise islaamummaa keessaa qooda hin qabu.” jedhee osoo dhiigni irraa jiguu udu’a godhee salaate. Booda warroota koree marii 6 haan Usmaan binu Affaan, Aliyyii binu Abiixaalib, Abdurahmaan binu Oowfi,Zubeeyri binu Awwaam, Xalahaa binu Ubeeydullah, Sa’aad binu Abii Waqqaas, erga yaamsisee dhufanii booda kitaaba Rabbii qabadhaa jedhee dhaameef.

Umar jannata qofatti osoo hin taan awwaalcha qabriitinis oollaa Rasuulaatiif Abbaa Bakrii ta’uu waan hawwaa tureef awwaala isaatiif Aa’ishaa hayyama gaafate. Aa’ishaan
hayyamteefii jennaan gamachuu irraa kan ka’e akka nama hin dhukubsatiniititti humni isaa jabaatte “murttiin Rabbii ta’ee jira.” jedhe Rabbiin galatoomfate.

Akkuma hawwii isaa ji’a Muharram hijraa irraa ganna 24 ttii du’ee ganama guyyaa Dilbataa ollaa nabitiifi Abbaa Bakriititti awwaalame.
Inni aduunyaa haqa dalaguufi qajeellumaann guute, gara laafinsaafi haala rifataa taheen hala kanaan adunyaa kanarraa godaane.

Amiira mu’mintootaa Umariin eenyummaa isaa ibsuuf jechi nutti xiqqaata. Hundumaafu galata inni ummata islaamaatiif oole Rabbiin jannatatti isaa haa kafalu.

Kanatti aansuun Yoo rabbi fedhe Seenaa Usmaan Binu affaan eeggalla.

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
TOOHIDA KUTAA 1️⃣5️⃣FFAA
                 By
    @Ibnu_surur

@Keyralumma @Ibnutemiya6

DURA KUTAA 1️⃣4️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU

XAAGUUTATTI  KAFARUU
📜Xaaguuta’ jechuun maal jechuudha?

🌵Xaaguuta’ jechuun Afaan Arabiitin wantoota Rabbii gaditti gabbaraman hunda jechuu dha. Xaaguuta karaa biraatin wanta gabrichi tokko gabbartii, hordofuufi tole jechuu kessatti daangaa dabarse Waaqeffatummaa jennee hiikuun ni danadeenya.Xaaguuttatti kafaruun Dirqama tahuu; Dura dursee ilmaan Adamitti wanti dirqama ta’e Rabbitti amananii Xaagutatti kafaruu dha. Rabbiin  Qur’aana keessatti akkana jedha: سورة النحل ٣٦
Ummatoota hundaa keessatti ‘Rabbiin qofa gabbaraa, waaqeffamoota (xaaguut) irraa fagaadhaa’jennee ergamaa ergineera” Suuratu Nnahl 36

Akkaataa xaagutatti ittiin kafaran:
👉 Rabbii gaditti waan gabbaramu
hundaa dhabamsiisuu, sobsiisuu, jibbuu,
dhiisuu fi kkf. Akkasumas warra xaagutatti amane
hundaa kafarsiisuu fi jara alagaa godhatuu dha.

MATOOTA XAAGUUTAA
👉Xaaguunni baay’e dha. Garuu moototni (matoonni) kan armaan gadiiti:
1. Ibliisa (sheyxaana)
2. Nama Rabbii gaditti gabbaramuu jaallate
3. Of gabbarsiisuf nama nama waame
4. Nama ilmii geybii ( beekumsa fagoo) nan beeka jedhe
5. Nama waan rabbiin buusen malee ka
birootin murteesse

HUNDEEWWAN SADAN
1. Gabrichi Rabbii isaa beekuu
2. Gabrichi Amantii (Diinii) isaa beekuu
3. Gabrichi Nabiyyii isaa Muhammadiin
beekuuصلى الله عليه وسلم
Qabxiiwwan kunniin gaafilee qabrii keessatti malaa'ikaan nama gaafachuu tahanuu dha.
Hundeen duraa: Gabrichi Rabbii isaa
beekuu dha: Kunniinis qabxiiwwan armaan gadii dhuunfata/qabata.
1. Rabbi kan aalamoota hundaa qananii
isaatin qananiise
2. Rabbiiin malee kan gabbaramu
jiraachuu dhabuu
3. Rabbiin Mallattoolee fi Uumaamtoota isaatin beekna.
Mallattoo Isaatirraa: Guyyaa fi halkan, Aduu fi J’a Uumamtoota Isaatirraa: Samii torbanii fi Dachii torban, akkasumas waan isaan keessa jiran mara of keessatti qabata.. Itti fufa insha'allaah

Yaada qabdaniif 👉🏾 @ibnu_surur
-------> @B_Islaamummaa <-------

-----------> @Keyralumma <----------

-----------> @amirtemam1 <---------

----------> @Ibnutemiya6 <----------

-----------> @hafiz_jihad <---------
Eenyu Sahaabtichi kun Ittin wal haa barru mee.

Chaanala keenya join gochuun guutuu isaa hordofaa.

👉 @amirtemam1 @amirtemam1


Bara mootiin sanyii Habashaa kan biyya yaman bulchaa ture. Duula ka’abaa diiguuf Arba fe’atee dhufe. Ergamaan Rabbii nabi Muhammad ﷺ dhalatanii, isaaniin booda ykn bara Arbaa booda ganna jaha turee dhalate.

Sahaabtichi haala gaarii irratti guddate. Takkaa siidaa dhaa ykn taabotaa sujuudee, gadi godhate (fogodee) hin beeku.

Farsoo ykn dhugaati sammu hadochu takkaayyuu afaanin hin qabne. Zamana jaahilummaa keessatti tapha shabaabaa ka hamtuu ykn gadii aantuu taate kamuu hin taphanne. Zulmii ykn hamtuu namarratti hin raawwanne.

tolaa fi amala gaarummaan qabaachuun isaa kun dardara Qureeyshii beekkamaa fi jaalatamaa isa taasise. Ummata kessatti
gaarummaan maqaan isaa yaamamaa ture.
Inni maatii gaarii keessaa dhalate. Gosa isaa keessatti, dinagdee fi arjoomaan waan maqaa qabuuf, dhugaa dubbachuun, haqa namaa eeguun, baallama kabajuun, ummata Qureeyishii biratti beekkamaa ta’e.

Bara san keessatti beekkumtii fi jaalala isaa irraa kan ka’e haati ijoolle yeroo taphachiistu, maqaa isaatin akka armaan gadii jedhuun ijoollee weeddisaa taphachiisu.

Sin jaaladha - kakadhee Rahmaanittu.
jalala Qureeshiin -Usmaanin jaalattu.

Karaa dandeetti barumsaatin Usmaan akka dansaa dubbisuu fi barreessu nama danda’uu dha. Hojitti immoo daldalaa dureessa fi maqaa qabeessa. Sababa inni haqa namaa eeguu fi dhugaa dubbaturraa kan ka’e, warri bittaaf bahe ummata Qureeyshii kan biraa caalaa, isaan maamilummaa filatu.

Haalli kun immoo Usmaaniin hojii
daldalaa keessatti bu’aa qabeessummaa isa goonfachiise. Duroomuu isaa irraa kan ka’es fakkeenya dureessota Qureeyshii warra ta’an waliin hiriiree lakkaa'ame.

Kun Seenaa Usmaan Binu Affaani guutu Isaa hordofuun Ittin wal haa barru Jiruu keenya ittin haa ibsannu Faana jara kanaa haa buunu!

Chaanalii keenya Join Gochuun Hordofaa Seenaa Sahaabota kaaniis Ni argattuu.


Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
Yommuu sodaa fii Rakkoon cimu-kutaa 16.ffaa

By @ibnu_hajar

(75)-Isaan keessaa namoota “Yoo tola Isaa irraa nuuf kenne, dhugumatti sadaqaa ni kennina, namoota gaggaarii irraas taana.” [jechuun] Rabbiif waadaa galantu jira. (76)-Yommuu tola Isaa irraa isaaniif kennu, ittiin doy’ooman, kan garagalan ta’anii dugda duuba deebi’an. (77)-Kanaafu, hanga Guyyaa Isaan wal qunnamaniitti nifaaqa qalbii isaanii keessa gochuun isaan adabe, sababa isaan waadaa Rabbiif galan diiganii fi sababa isaan kijibaa turaniif.” Suuratu At-Tawbaa 9:75-77

Munaafiqota hiyyeeyyi ta’an keessaa namoota waadaa ofirratti murutu jira: “Yoo Rabbiin qabeenya naaf kenne, sadaqaa kennadha, wanta namoonni gaggaariin qabeenya isaanitiin hojjatan anis nan hojjadha” jechuun Rabbiif waadaa gala. Yommuu Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kennu, sadaqaa kennuu fi kheeyri keessatti qabeenya arjoomutti ni doy’ooman. Islaama irraa kan garagalan ta’anii ofirra deebi’an. Adabbii fi xumurri gocha isaanii: nifaaqa isaanii irratti nifaaqa dabaleef. Hanga Guyyaa Qorannootti isa (nifaaqa) irraa qulqullaa’u hin danda’an. Kunis sababa isaan waadaa Rabbiif galan diiganii fi sababa sobaa turaniifi. (Tafsiiru Muyassar-199) (Kanaafu, waadaa Rabbiif galan rakkoo tokko malee diigun nifaaqni qalbii keessatti akka dabalu taasisa. Nifaaqa jechuu kufrii dhoksuun Islaama mul’isu, sharrii (badii) dhoksuun waan gaarii mul’isuudha.)

Addunyaa Keessatti Namoota Qoruun (Mokkoruun) Maaliif Barbaachisee?

“Akka Rabbiin namoota dhugaa dhugaa isaanitiin [isaan] mindeessu fi yoo fedhe munaafiqota adabu yookiin isaan irraa tawbaa qeebaluuf, [kuni hundi ta’e]. Dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmataa godhaadha.” (Suuratu Ahzaab 33:24)

Kana jechuun fitnaa, qormaataa fi sodaan hurgufamuu kana irraa wanta murteesse kan murteessef, namni dhugaa nama kijibaa irraa akka adda bahuufi. Ergasii warra dhugaa dhugaa isaanitiin mindeessuf, yoo fedhe munaafiqota yeroo fitnaan bu’uu qalbii fi hojiin isaanii jijjiramu fi wanta Rabbiif waadaa galan hin guunne adabuuf ykn tawbaa irraa qeebaluufi.[2]

Osoo qormaanni jiraachu baate, silaa namoonni hojii keessatti gargar hin ta’ani turan. “Osoo namoonni hojii keessatti garagara ta’uu baatanii, silaa jazaa keessatti garagara hin ta’anii turan. Osoo jazaa keessatti gargar ta’uu baatanii, Jannataa fi ibidda uumuun faaydaa hin qabuu ture.”

Mu’mintoonni wanta Rabbiif waadaa galan irratti waan obsanii fi eeganiif mindaa gaarii argatu. Munaafiqonni immoo waadaa Rabbiif galan waan diiganii fi ajaja Isaa waan faallessaniif adabbiin isaaniif male. Garuu isaan addunyaa keessatti fedhii Rabbii jala jiru. Yoo fedhe hanga Aakhiratti Isa qunnamanitti wanta irra jiran irratti isaan dhiisa. Ergasii isaan adaba. Yoo fedhe immoo nifaaqa dhiisun iimaanatti fi hojii gaggaarii hojjachuutti isaan qajeelchuun tawbaa isaanii isaan irraa qeebala. Uumamtoota Isaatiif rahmanni fi mararfannaan Isaa dallansu Isaa waan moo’ateef ni jedhe: “Dhugumatti Rabbiin Araaramaa Rahmataa godhaa ta’eera.”[3]

Aayah tana irraa waa baay’ee baranna. Isaan keessaa: Amantii, dubbii fi hojii keessatti dhugaa ta’uun doonii nagaha nama baastu fi mindaa guddaa argamsiistudha. Guyyaa Qiyaamaa:

Join 👇
@hafiz_jihad
@Keyralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
📖 Hikmaa Qur'aanaa keessaa, kana beektaa? 📖
෴෴෴෴෴෴෴෴෴෴෴

|1| «Malaa'ikaa keessaa kan qur'aan nabiyyii keenyatti s.a.w geesse jibriili.
➦Innis irra caalaa malaa'ikaa ta'e.»
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

|2| «Qur'aannis rasuula keenya Muhamed s.a.w irratti buufame.
➦Isaanis irra caalaa rasuulaa ta'an.»
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

|3| «Qur'aannis gara ummata keenya ummata muhaamed s.a.w buufame.
➦Ummanni keenyas irra caaltuu ummataa taate.»
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

|4| «Qur'aannis baatii ramadaanaa keessaa buufame.
➦Baatiin kunis irraa caalaa baatii hundaa ta'e.»
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

|5| «Qur'aannis halkan leeylatul qadrii keessa buufame.
➦Halkan tunis irra caaltuu halkan hundaa taatee.»
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

❝ Osoo qur'aanni qalbii kan kee keessa qubatee, Rabbiin imaanaan si badhaasee, atis irra caalaa namaa taata.

Rabbiin qur'aanaan sadarkaa keenya ol nuuf haa fuudhu.❞
Beekkumsaa fi hikmaa isaa nuuf haa dabalu.

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
@Keyralumma
JECHA HAYYICHA KEENYA
DR ZAAKIR NAAYIK
SEERA 10 JIREENYA GAARIIDHAAF
1. Yoomiyyuu nama hin jibbin
onnee kee qulqulleessi.
2. Hin yaaddawin Rabbitti irkadhu.
3. Jireenya salphaa jiraadhu
jiruun siif salphata fedhii rabbiitiin.
4. Xiqqoo eeggadhu waanuma argattetti gammadi Alhamdulillaah jedhi.
5. Hedduu kennitu hedduu argatta
ni badhaafamta fedhii rabbiitiin.

6. Yeroo hundaa seeqadhu seequun
sadaqaadha namoonni birootis yoo si wajjiin jiran ni gammaduutii.
7. Jaalalaan jiraadhu namoota birootis rabbiif jecha jaaladhu.
8. Adaduma/Lakkoofsa hedduu salaattuun hedduu badhaafamta.
9. Beekkumsa kee namaaf qoodi yoo kan aayata takkollee qur`aana keessaa kan beektu taate.
10. Yeroo hundaa rabbii kee yaadadhu waan hafe onneen kee ni barbaddiitii.
👇 Obsa_
K 4

by @ibnu_hajar

Rakkooleen zanbii (badii) haaqu
Mu’minni Rabbiin hamma obsa isaatii fi hammam Gooftaa isaa irraa akka jaallatu ifatti baasuuf, akkasumas, mindaa guddaa isa biratti isaaf katabuuf akka isa qoru yommuu beeku, rakkoolee obsaan baadhata ykn danda’a.  

Ammas, Rabbiin mindaa akka isaaf kennuu fi rakkoolee isa tuqaniin badii akka isarraa haaqu yommuu beeku, obsaa fi Rabbiin irraa jaallachuun rakkoolee baadhachuun isaaf salphata. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) rakkooleen badii haaqu keessatti bu’aa guddaa akka qaban ibsanii jiru. Kana irraa, wanta hadiisota armaan gadi keessatti dhufeedha:

1-Abu Sa’iid fi Abu Hureyrah irraa Bukhaari fi Muslim akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akkana jedhan: “Dadhabinna, dhibee, yaaddo, gadda, azaa, dhiphinna, inumaa qoree isa waraantu irraa homtu Muslima hin tuqu Rabbiin cubbuu (dilii) isaa irraa waa isaaf kan haaqu yoo ta’e malee.” Sahiih Al-Bukhaari-5641

2- Al-Bukhaari fi Muslim akka gabaasanitti Abdullah Ibn Mas’uud ni jedha: Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) osoo garmalee hoo’u itti seene. Anis ni jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Hoo’a cimaa hoo’ita.” Innis ni jedhe, “Eeyyen. Akkuma isin keessaa dhiironni lama hoo’an hoo’a.” Anis ni jedhe, “Kanaafu mindaa lama qabda jechuudhaa?” Innis, “Eeyyen, suni akkasuma. Muslima azaan qoree fi san caalu tuqu hin jiru Rabbiin isaan (azaa kanaan) badii isarraa kan haxaawu yoo ta’ee malee, akkuma mukni baala isaa harcaasutti.” Sahiih Al-Bukhaari 5648

3-Ammas Sahiih al-Bukhaari keessatti Abu Hureyraan akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) ni jedhan:
“‏ مَنْ يُرِدِ اللَّهُ بِهِ خَيْرًا يُصِبْ مِنْهُ ‏
“Nama Rabbiin waan gaarii barbaadef, rakkoon isa tuqa.” Sahiih Al-Bukhaari-5645

4-Tirmiziin Anas irraa akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: Yommuu Rabbiin gabricha Isaatiif waan gaarii fedhe, addunyaa keessatti adabbii isaaf ariifachiisa. Yommuu Rabbiin gabricha Isaatiif sharrii barbaade, hanga Guyyaa Qiyaamaa isaan mindeefamutti badii isaa waliin [adabbii] isarraa qaba.”

Ammas Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) ni jedhan: “Guddinni mindaa, guddinna balaa waliini. Rabbiin yoo ummata tokko jaallate, isaan qora. Kanaafu, namni jaallate, jaalalatu isaaf jira. Namni dallane dallansutu isaaf jira.”  Jaami’u at-Tirmizii-2396

Hadiisa kana akka nuuf ibsu sheykh Muhammad ibn Saliih Useymiinif haa dhiisnu: Dhimmoonni hundi harka Rabbii azza wa jalla keessa jiru. Fedhii Isaatinis ta’u. Sababni isaas, Rabbiin Of irraa ni jedha: “Dhugumatti, Gooftaan kee wanta barbaade hojjataadha.” Suuratu Huud 11:108
Ammas ni jedha: “Dhugumatti, Rabbiin wanta fedhe hojjata.” (Al-Hajj 22:18) Dhimmoonni hundi harka Rabbii jiru...............
Join 👇
@hafiz_jihad
@Keyralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
Woy duniyaa

Yaa jiruu biyya lafaa
Ba.aa Akkaan ulfaatu
Yoo ol fuudhanii baatan
Dadhabbiidhaan gubatu

Dhiisaniis yoo jiraatan
Kan yaanni sittammaatu
Obsumaan tarkaamfanna
Gufaata hundumaatuu

Alhamdulillaah jechuun
Rabbiin galateeffannaa
Wonta dhabne Argachuun
Kan hirrate guuttannaa

Biyyi lafaa fatanaadha
Karaa baay.een hubannee
Waan Uumamneef dagachuu
Sana booda Arginee

Rabbiin gaafa Nu.uumu
duniyaadhaaf Nun Uumnee
Isa gabbaruu qofaaf
Dachii kanarra dhufnee
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan, "Warri jannataa saffaa 120 guutu. Kana keessaa saffaan saddeettamni (80) ummata kiyyaan guuttama. Saffaan afurtamni (40) hafe immoo ummata biroo hafan irraayi." Yaa obboleewwan koo, ummata Nabi Muhammad ﷺ irraa tahuun carraa guddaa dha Alhamdulillah jedhaa. Warra jannata seenu harka sadi keessaa harki lama ummata Nabi Muhammad ﷺ irraayi. Subhaanallah.

Caalaa ummataa ummata Nabiyyallaahi Muhammad S.A.W tahuu keessaniif Alhamdulillaah jedhaa.
Imaanni kee akka jabaatu Nasiihaa torbana kana fudhadhu.
=======================================
1. Salaata Sa'aa Isiitti salaati.
Isiin dalagaa gama Rabbi si dhiheeysiturrahi. Kaafiraa fii Muslimni isiin adda bahe beekkama.
Rasuulli s.a.w "dalagaa tamtu caala" jechuun gaafatamee "Salaata Yeroo Isiitti salaatuudha" jechuun deebisan.

2. Quraanarraa hanga dandeeyse guyyaarraa qara'i.
Hanga san ammoo guyyaa hunda itti fufi malee addaan hin kutin. Warra Quraana qara'uun guyyaa
qiyaamaa qara'i akkuma adunyaarratti qara'aa turte, Jannata keeysa ol deemi, bakki tee dhuma Aayaata ati qaraatuuti. Isaaniin je'ama. Isaanirraa tahuuf Quraana Qara'uu guddisuu qabna.

3. Zikrii jabeeysi (Rabbi yaadachuu guddisi).
Sa'aa takka keessatti daqiiqa shan qofallee osoo taate Zikrii hin dhiisin.

SubhanAllaah,
Alhamdulillaah,
Allaahu Akbar,
Laa Ilaaha Illallaah...
Yoo sa'aa hunda keessatti daqiiqaa 5 qofa Zikrii goote Sa'aa 8 keessatti daqiiqa 40 Rabbii kee Yaadachaa jirta jechuudha.
✍️Rabbiin warra Zikrii irraa dubbatee "Warri Rabbi hedduu Yaadatu kan dhiiraatii fii tan Rabbi yaadattu ta dhalaa Rabbiin Araaramaa fii galata guddaa Isaaniif qopheeyse." Al- Hujuraat: 35 Galata guddaan Jannataa... Namni Jannata fedhu Zikrii afaan isaa lafa hin bu'in.

4. Duaaii guyyaarraa godhuun hulaa Rabbii dhadhahi.
Rabbiin na kadhaa nin awwaadha je'ee Isumatti irkadhuu Isuma kadhu. Hadiisa kana yoo dhageeysee? "Irraa laafaan namaa nama Duaaii
(Rabbi kadhaa) irraa laaffate." Sahiihul Jaamii keeysatti Imaam Albaaniin Hadiisa kana lakkoofsa 1044 irratti sahiiha je'een.

5. Warra Badii irraa fagaadhu.
Warra badii malee hin hojjannee wajjiin turuun if booda si hambiisuu bira taree akka Isaanitti warra badiin beekkame si taasisa. Rabbiin warra lafa keeysatti badii dalagan hin jaalatu.

6. Nabiyyii Irratti Salawaata buusuu fii Araarama Rabbirraa barbaaduu heddumeeysi.
Guyyarraa 100 takka Salawaata Nabirratti buustee, 100 Araarama Rabbirra barbaaddu ati nagada ajaa'ibaa keessa jirta jechudha. Hadiisaan Rasuulli s.a.w akkana je'e "Namni Salawaata takka narratti buuse Rabbiin kudhan Isarratti buusa (Rahmata Isaaf godha)."  Salawaata buusuun Rasuula s.a.w caalaa suma fayyaddi. Araarama Rabbirraa barbaaduun Adunyaa fii Akhiiraa sitti ballifti, duuba maal eyda!!

7. Sadaqaa hanga dandeeyse guyyarraa harka numa laadhu.
Sadaqaan Ibidda Jahannam Namarraa dhaamsiti akka Bishaan Ibidda dhaamsutti. Waanuma qabdurraa harka diriirsuu hin hifatin...

Rabbiin dalagaa gaarii nurraa haa qeebalu.
Seenaa Usmaan Binu Affaan

Kutaa 2ffaa Ibn temam

Usmaan Ruqiyyaa Fuudhuu

@amirtemam1 @amirtemam1

Nabi Muhammaditti ﷺ wahyin bu’uu osoo hin eegalin dura Ruqiyyaan intalli Nabi Muhammad ﷺ ilma Abii lahab kan maqaan isaa Utbaa jedhamuuf kadhimamtee turte. Booda Nabi Muhammad ﷺ ergamee jennaan Abii Lahab abbeeraan Rasuulaa ﷺ diina ta’uun nama isa hordofan irraa gorsuu eegale. Niitin isaa Ummu Jamiil immoo qoree karaa Rasuulli ﷺ
deemurratti guuruun dararaa turte.

Rabbiin hojii isaan lameenii kana balaalefachuun, suuraa Masad buuse. Abii Lahabii fi niitiin isaa duruu durii ka kana argatani itti jabaachuun Rasuula ﷺ taa’a deemsa dhorkuuf maatii isaa waliin mari’atee, Akka ilmaan isaa ilmaan Nabi Muhammad ﷺ dur kadhimatan gadi dhiisan irratti walii galan. Sababa kanaaf Utbaan gorsa haadha fi abba isaatin Ruqiyyaa kaadhimumma isaa jalaa baase.

Usmaan akkuma ilmi Abii lahab Utbaan, Ruqiyyaa gadi dhiisee dhagaheen gammachuu irraa kan ka’e barrisuu gahe. Yeroma san gara Nabi Muhammad ﷺ deemee akka Ruqiyyaa kaadhimaniif gaafate. Nabi Muhammadis ﷺ eyyamaniifi fuudhe. Usmaani fi Ruqiyyaan miidhaginni isaani kan fuulaa akka urjii halkan dukkana keessa wal faana iftuuti.

Amalli isaan lameeniitu akkuma dachiti baay’ee tokko haala gaarii, hedduu miidhaga fi wal fakkataa ta’e qabu turan.

Obsa Usmaan

Usmaan dargageeyyi Makkaa kessatti nama maqaa qabeessa fi akkaan jaalatamaa sababa tureef, Yeroo inni islaamawe dhagahan warri Makkaa hedduu rifatan. Akka dargaggoonni isaani miila Usmaan hin hordefneef wantti hin dalagin hin jiru. Sababa islaamawu isaa dura fakkeeny dargaggoota Makkaa waan tureef.

Ummanni Makkaa kan kaafira turan akka Usmaan amanti islaamaa irraa garagalu isa balaaleffachuu, jibbuu, fi dararuu eegalan. Keessumattu Abeeraan isaa ka Haakim Binu Abil Aas jedhamu isa hidhuun nyaataa fi dhugaati malee darare. Usmaan dararaan kun qaama isaa laaffisuu, Qalbiin isaa kan
durirrayyu akka Rabbiif bultu isa taasise.

Adabbii kanaan isa dadhabee jennaan, Reebichaan eegaleen, kanattis dadhabnaan qaama isaa guutuu saaleniin maree ibidda itti qabsiisee hanga aarri isii usmaanii ukkaamsee ajjeesu gahutti gube. Garuu Usmaan ifa argee dukkanatti deebi’ekeessa taa’uu irra jedhee du’a filate. Booda Abbeeraan isaa hamma humni isaa danda’e agabsuu, reebuu, aaran dararuu Usmaan ka dur irra Rabbiin galatomfatutti jabaate.

Usmaaniin islaamummaa irraa deebisuu dadhabnaan hidhaa irraa gadi dhiisan.

Godaansa Biyya Habashaa

Usmaanin sababaa islaamummaa irraa kan ka’e, ummanni Qureeyshii balaaleffannaa, jibbaa fi dararaa irraan gahaa turan itti hammessan. Halli kun sahaabota hundarrattu waan jabaatef Nabi Muhammad ﷺ akka gara biyya habashaatti baqatan eyyama kennaniif.

Biyyi Habashaa yeroo sanitti mooticha Najjaashi jedhamuun bulaa turte. Najjaashii bulchiinsi isaa kan nageenya waan tureef, Biyyi Habashaa yeroo sanitti mirga ilma namaa hin kabajji ture. Sababaa kanaaf baqatiinsi Islaama kan jalqaba gara biyya Habashaa ta’ee, Usmaani fi Ruqiyyaanis osoo hin jaalatin biyya isaanii kan dhaloota fi ummata isaani gatanii gara Habashaa godaanuuf murteeffatan.

Murteen isaanii kun garuu dirqama lubbu fi islaamummaa itti ta’eeti malee, Abbaa Ruqiyyaa Nabi Muhammadin ﷺ eentu dhiisee biraa deemu fedha?

Nabi Muhammadifis gara jabumma yoom ture? Ilma isaa kan shamarraa godaansaaf geggessuun, Usmaanin sahaaba isaanii kan akkaan jaalatamaa fi arjoomaa isaanii ta’e hoo?Haati mu’imintootaas Kadiijaan intala isii Ruqiyyaa geegessitee yoom jaalatteti imimmaan gadi lakkifte boohuu?Wareegamummaan kun cufti islaamummaaf ture malee Waan hunda isaanii gatanii Rabbii fi ifa islaamaa filatanii biyyaa habashaatti baqatan. Itti fufa.....

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6

https://www.tg-me.com/amirtemam1
Seenaa Usmaan Binu Affaan

Kutaa 3ffaa Ibn temam

@amirtemam1 @amirtemam1

Godaansi Usmaani fi Ruqiyyaa seenaa godaansa islaamaa keessatti erga Nabi Luuxiitii warra jalqabaa, kan Abbaan warraa fi haati manaa waliin godaanan ta’an. Miila malee garaan biyya ofiitii hin bayu akkuma jedhamu, Usmaanis oduu “Ummanni Makkaa islaamaye Nabi Muhammad ﷺ waliin salaatu eegalee.” ka jedhan, akka dhagahen ka’ee gammachuun gara biyyaa isaa Ruqiyyaa waliin deebi’e.

Garuu yoo inni Makka gahu oduun dhagahanii dhufan holola sobaa waan tureeef gammachuun isaanii gaddatti garagale. Ummanni Makkaas dararaan jara simatuu eegalan. Kun kanaan osoo jiruu haati mu’imintootaa Kadiijaan du’uun ammoo qalbii isaani kan dararaan duriyyu cabuuf kaate akka
malee gaddaan cabse. Booda garuu Rabbiin caba isaani kana fayyisuuf Ruqiyyaan ilma dhiiraa kan Nabi Muhammad ﷺ Abdallah jedhanii maqaa moggasaniif deesse.

Godaansa Madiinaa

Reebicha lafee hin cabsine dirra itti jijjiiratu akkuma jedhan, Garaa jabummaan Qureeyshii muslimatti hammaannaan, gidiraa jalaa gara itti nagaa ta’anitti akka muslimni godaanu Rasuulli Rabbi ﷺ eyyama godhan, booda akkuma muslima Makkaa kamuu Usmaani fi Ruqiyyaanis wal qabatanii godaansa lammaffa immoo Madiinatti godhan.Yeroo muraasa booda Nabi Muhammadis ﷺ Madiinatti godaanani jennaan lubbuun isaanii yaadddo irraa boqattee jiraachu eegalan.

Lola Badrii

Ruqiyyaan dhukkubsattee osoo jirtuu ilmi isii Abdallahin du’uun, dhibee isiitti dhibee dabalee ka durii irra hammaatte, kun kanaan osoo jiruu yaamichi lolaaf lallabamu baanaan, sahabonni akkuma ajaja kana dhagahaniin yaa’u eegallan.

Usmaanis galaa isaa kurfeeffatee duulaaf qophaa’e. Usmaan hangamuu duulaaf dharraa’u Rasuulli ﷺ akka inni qa’eetti hafee Ruqiyyaa kunuunsu ykn dhibamsiisu ajajaniin. Sahaabonni hin jifannoon milkaa’ani yoo gara qa’ee Rabbiin galatomfataa gammachuun deebi’an, Ruqiyyaan Ardii addunya kana irraa du’aan boqatte jirti. Madiinaan gadda uffattee qorritee isaan eegde.

Sahaabonnis akkuma madiinaa gahaniin du’a isii dhagahaniin, gammachuun isaanii akkuma fixeensa ganamaa osoo hin turin goggogde.

Usmaani fi Ummu-kulsuum

Du’a Ruqiyyaatiin turiinsa muraasa booda, Umar Binu-Kaxxaab Usamaanitti dhaquun intala isaa ka jaarssibitee, Rabbi biratti jannata badhaafamu.” jedhee gaafate? gaddi isaa isaan quuqeeni, “Osoo intala sadaffa ka hin kaadhimiin osoo qabaadhe nin kaadhimaaf.” jedhani seenaa isaanii dubbiin ibsanii turan.

Usmaan duula badrii malee lola Rasuulliﷺ irratti hirmaatan cufa duulee, karaa arjummaa diinagdeenis qoodaa adda ta’e galmeessun goota islaamaa maqa qabeessa ta’ee jira.

Arjummaa Usmaan

Itti fufa...

Join Gochuun hordofaa👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6

https://www.tg-me.com/amirtemam1
👇 Obsa_
K 4

by @ibnu_hajar

Rakkooleen zanbii (badii) haaqu
Mu’minni Rabbiin hamma obsa isaatii fi hammam Gooftaa isaa irraa akka jaallatu ifatti baasuuf, akkasumas, mindaa guddaa isa biratti isaaf katabuuf akka isa qoru yommuu beeku, rakkoolee obsaan baadhata ykn danda’a.  

Ammas, Rabbiin mindaa akka isaaf kennuu fi rakkoolee isa tuqaniin badii akka isarraa haaqu yommuu beeku, obsaa fi Rabbiin irraa jaallachuun rakkoolee baadhachuun isaaf salphata. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) rakkooleen badii haaqu keessatti bu’aa guddaa akka qaban ibsanii jiru. Kana irraa, wanta hadiisota armaan gadi keessatti dhufeedha:

1-Abu Sa’iid fi Abu Hureyrah irraa Bukhaari fi Muslim akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akkana jedhan: “Dadhabinna, dhibee, yaaddo, gadda, azaa, dhiphinna, inumaa qoree isa waraantu irraa homtu Muslima hin tuqu Rabbiin cubbuu (dilii) isaa irraa waa isaaf kan haaqu yoo ta’e malee.” Sahiih Al-Bukhaari-5641

2- Al-Bukhaari fi Muslim akka gabaasanitti Abdullah Ibn Mas’uud ni jedha: Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) osoo garmalee hoo’u itti seene. Anis ni jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Hoo’a cimaa hoo’ita.” Innis ni jedhe, “Eeyyen. Akkuma isin keessaa dhiironni lama hoo’an hoo’a.” Anis ni jedhe, “Kanaafu mindaa lama qabda jechuudhaa?” Innis, “Eeyyen, suni akkasuma. Muslima azaan qoree fi san caalu tuqu hin jiru Rabbiin isaan (azaa kanaan) badii isarraa kan haxaawu yoo ta’ee malee, akkuma mukni baala isaa harcaasutti.” Sahiih Al-Bukhaari 5648

3-Ammas Sahiih al-Bukhaari keessatti Abu Hureyraan akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) ni jedhan:
“‏ مَنْ يُرِدِ اللَّهُ بِهِ خَيْرًا يُصِبْ مِنْهُ ‏
“Nama Rabbiin waan gaarii barbaadef, rakkoon isa tuqa.” Sahiih Al-Bukhaari-5645

4-Tirmiziin Anas irraa akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: Yommuu Rabbiin gabricha Isaatiif waan gaarii fedhe, addunyaa keessatti adabbii isaaf ariifachiisa. Yommuu Rabbiin gabricha Isaatiif sharrii barbaade, hanga Guyyaa Qiyaamaa isaan mindeefamutti badii isaa waliin [adabbii] isarraa qaba.”

Ammas Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) ni jedhan: “Guddinni mindaa, guddinna balaa waliini. Rabbiin yoo ummata tokko jaallate, isaan qora. Kanaafu, namni jaallate, jaalalatu isaaf jira. Namni dallane dallansutu isaaf jira.”  Jaami’u at-Tirmizii-2396

Hadiisa kana akka nuuf ibsu sheykh Muhammad ibn Saliih Useymiinif haa dhiisnu: Dhimmoonni hundi harka Rabbii azza wa jalla keessa jiru. Fedhii Isaatinis ta’u. Sababni isaas, Rabbiin Of irraa ni jedha: “Dhugumatti, Gooftaan kee wanta barbaade hojjataadha.” Suuratu Huud 11:108
Ammas ni jedha: “Dhugumatti, Rabbiin wanta fedhe hojjata.” (Al-Hajj 22:18) Dhimmoonni hundi harka Rabbii jiru...............
Join 👇
@hafiz_jihad
@Keyralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
2024/09/29 23:29:31
Back to Top
HTML Embed Code: