Telegram Web Link
Forwarded from Keyralumma
✪ Dubbisii fixime mata duree laaltee Kanumaasa jatte hin dhiisini.

᯽ Rassuulli saw akkana jedhe "Namni boonni/koorri hanga firii xaafii qalbii isaa kessa jiru jannata hin seenu" dhagahi obboleyso sitti hin dheereysu boona hanga firii xaafii jachuun maal akka tahe qofa dubbannee dhiifna.

☞︎︎︎Boona jachuun haqa diduu jachudha Ammaas nama tuffachuu jachudha. Akkaataan nama itti tuffatan heddudha San kessa xiqqo laalle goolamna.
-Nama tokko anaatu irra beka anaatu irra bareeda anaatu irra tujjaara/sooressa jattee yoo ifii gaditti laalte boonatu/kooratu qalbiite keessa jiraa beeki. Duniyaa kessatti nama siigadii laali jachuun tuffadhu jachuu miti. Miskina jibbu nama wallaalaa jibbu nama irra bareeddu jibbun boona guddadha. Inuma kun firii xaafitirra guddaadha.

Ergaa kana nama jaalattuuf ergi

@Keyralumma @keyralumma
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
☾︎TOOHIDA☽︎
─━❪KUTAA 3️⃣1️⃣FFAA❫━─
Kutaa 30ffaa dubbisuu Hubadhaa

𖣔 Yoo Dalagaatti (Ibaadatti) Na Argiin Makame: Haalli kuni Sadarkaa 3tti ilaallama:
1️⃣ffaa: Dura dursee namni Na haa arguuf Kan ibaadaa dalaguu: Kuni shirkii dha. Ibaadan bifa kanaan dalagames jalaa baddi.
2️⃣ffaa: Dura dursee Rabbumaa jecha dalagee ergasii Na argiin itti jalaa makame:

᯽ Kuni bifa lamaan laallama:
1️⃣.Lubbuu ofii qabuu Na argiif jilbiifachuu dhabuu yeroo yerotti nafsee ofii injifachuutu caala. Kuni dalagaa isaa waa jalaa hin miidhu.
2️⃣.Dalagaa ibaadaa isaa na argimaan kan xumuuru kan lubbuu isaa waliin hin qabsoofne. Kuni murteen isaa kan

A.Yoo xumuurri isaa dursa isarratti hin
hundoofne ta’e Kan dura Rabbii jecha dalage fudhatama argatee kan na argiin itti makame ammoo fudhatama hin argatu. Fakkeenyaf: namni tokko qarshii dhibba tokko sadaqatee kana booda namni biroo kan birrii dhibba tokko sadaqatu argee ammas qarshii dhibba tokko itti dabale. Kuni dhibbi tokko duraa fudhatama argate jechuu yoo ta’u dhibbi lammataa ammoo Rabbii biratti fudhtama hin qabu jechuu dha.

B.Yoo kan dhumni isaa dursa irratti hundaa’e. Yemmuu kana eegaa dalagaan hunduu jalaa baddi jechuu dha. Fakkeenyaf: namni tokko salaata raka’aa lamaa salaatuu barbaade. Yemmuu raka’aa lamatarra gaye
na argiin itti dhufe ofirraa deebisuu dadhabe kuni eegaa rakaa’aan lachuu jalaa baadde.
3️⃣ffa: Erga dalagaa (ibaadaa) geessee Kan itti dhufe itti dhagahame.
Kun waa takka ibaadarratti miidhaa hin fidu.

᯽ Namni tokko ibaadaa dalagee kana booda namni isa dinqisiifatee isa faarsee isa jaje innis kana dhagahee itti tolee gammade. Kana keessa rakkoon hin jiiru Kun eegaa gammachuu Rabbi Mu’umintootaf ariifachiise Jenna.

᯽ Sababa Na argiiti jecha dalagaa dhiisun akkamitti ilallama? Dalagaa takka sababa Na argiiti jecha
dhiisunuu ofii isaatifuu na argii ta’a.

✯ Garaagarummaa ‘na argii’ fi ‘na dhagahii’ Na argii jechuun waan miira ijatitti rarra’u tahee dalagaa takka namni nahaa argu jedhee dalaguu dha.
Na dhagahii miiraa gurraa dhageettin kan wal-qabatu tayee jechuunis namni tokko ibaadaa na haa dhagahanii na haa faarsan jedhee dalaguu dha.

᯽ Qorsa/dawaa na argii
1️⃣.Sadarkaa dalagaa takka Rabbii jecha
qulqulleesanii dalaguun qabu yaadachuu.
2️⃣.Na argiin dalagaa ofii nama jalaa balleessuu yaadachuu
3️⃣.Guyyaa Qiyaamaa (Aakhiraa) yaadachuu
4️⃣.Namni namas miidhuu ykn fayyaduu akka hin dandeenne qayyabachuu
5️⃣.Du’aa’ii kadhachuu, sanirraa:
‘Yaa Rabbi Osoo beeku sitti shirkii taasisurraa sitti maganfadha waan hin beynerraa araarama si gaafadha.’

᯽Yemmuu Dalagaa Ibaadaatti
Na argiin makame:
«Erga Ibaadaa geessee booda
na argiin itti dhufe»
<Homaa dhiibbaa hin uumu>


☾︎Dura dursee yaadni isaa
nama agarsiifachuufi☽︎
Shirkii dha, Ibaadaan
hin qeebalamtu


☾︎Dursa yaadni isaa Rabbunmaaf ta’ee booda na argiin itti makame☽︎

Nabsee ofii too’achuu yaala
harka hin kennu
Homaa dhiibbaa hin uumu


☾︎Na argiif harka kennee
ofirraa deebisuufis yaalii
kan hin taasifne☽︎

«Yoo boodni/dursi ibaadaa
boodatti hirkate/rarra’e»
Dalagaan ibaadaa haala
kanaan dalagame hunduu
fudhatama hin argatu


<Yoo boodni ibaadaa dura
ibaadaa irratti hin hirkatin>
Ibaadan dura dalagame ni
qeebalama kan booda na argiin
itti seene fudhatama hin argatu


Kutaa 3️⃣2️⃣ffaan itti fufa insha'allaah
Forwarded from Keyralumma
👉SIN DARBIN ADARAA SIN DARBIN
👉 Sin darbin adaraa ain darbin
👉 ERAGAA GUDDAA


Namni toltuus tahee hamtuu dalaguuf yommuu ol aggaamu , hammuma fahmii (hubannoo) sammuun isaa fudhachuu dandeesseen aggaammii isaa raawwata. Wanti Rabbi nu uumeef bilisaan lafa kanarra jiraannee tokkummaadhaan isa tokkoomsinee isa qofa akka gabbarruuf ture. Rabbi ilma namaa tokkollee gabrummaa keessatti hin uumne , hundumaayyuu bilisa taasisee amantaa Islaamummaa daandii tokkicha irratti uume. Garuu ilmi namaa erga dhalatee booddee sababa adda addaatiinis haa ta’uu (dhiibbaa maatiitiin, dhimma dhuunfaatiin akkasumas dhimma hawaasa naannootiin) daandii jalqabaa irraa maqee garuma fedhe ykn immoo garuma dhiibbaan isa itti jallisetti duufee, jallatee guddata. Jallinni isaa kunis darbee daddarbee dhaloota jajallisuudhaf sababa guddaa ta’ee bakka, yeroo fi haala baay’ee keessatti mul’ata.Seenaan nama hin satartu/ hin dhoksitu; wantuma hardha dalagnee dabarsineen, boris maqaan keenya kaha malee. Seenaan nama badaa dalage gaariidhaan hin galmeessitu; kan gaarii dalages badiidhaan hin galmeessitu. Soba wanti jedhamu seenaa keessa hin jiru; sobni seenaas tahuu hin dandahu. Kan seenaa sobsiisuu barbaadus yoo jiraate, akka jibicha gaara guddaa dhiibuu taheetuma of dadhabsiisaa oolee yeroon itti darbiti malee. Achi qabee as qabee yommuun ilaalu waan lamatu natti mul’ata; inni tokko Obbolummaa walii irraanfachuu keenya; inni biraa immoo moototni biyyas tahee adduunyaa bulchaa turanii fi bulchaa jiranu fedha walitti qabanii ummata irratti moo’uu malee ummataaf moo’uu akkasumas tarsiimoo ittiin bulchanu kan hin qabne tahuu jaraati. Yeroo hedduu wanti adduunyaa kana mudatu, namoonni yeroo hunda carraa barcuma yaabuu argatanu, irra caalaan isaanii gahumsaa fi beekumsa bakka isaan jiranuuf malu akka hin qabnedha. Namni gahumsa hin qabnemmoo sodaa waan qabaatuuf hojiin isaa badiitti caala; dhara nama irratti dalaguu, carraa argate hundaan obboleewwan isaa miidhuu fi balleessuu taha. Kanaaf dhalli namaa waan isaaf malu hunda akka argatuuf; jireenya isaaf malu akka jiraatuuf jecha adeemsaa fi galma keenya tolfannee gara fuulduraatti deemuun dirqama nurraa eegamudha. Adeemsi galma keenya ittiin geenyu kun immoo yoo obbolummaan dhugaa jiraate qofa galma gahuu dandaha waan taheef obbolummaa keenya fakkenyota dhaloota duraanii irraa arganneen tikfachuun dirqama nuti bahachuu qabnudha. Obbolummaa yeroo jennuu , waliin dhalachuu, afaan tokko dubbachuu ykn biyya tokko tahuu fi mana tokko keessatti guddachuu; akkasumas fakkeenyummaa bifaa fi qabeenyaatiin osoo hin tahiin, obbolummaa akka isii seenaa Islaamaa keessatti nuuf kaayamtee sanatu nuuf barbaachisa. Waliin dhalachuun qofti obbolaa nama gochuu akka hin dandeenye ilmaan nama yeroo jalqabaatiif ardii kana irratti Aadamii fi Hawwaa irraa dhalatan lameen Qaabilii fi Haabil yeroo faayidaa dhuunfaaf jecha obbolummaa isaanii dagatanii wal ajjeesan sana nu barsiisani.
Share share like taasisaa
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
☾︎Gorsa☽︎
Yeroo Amma Jirru Kana Kessatti ilmi Nama Waa'e Nama Hamachuu/komachuu Akka Halalitti Laalaa Jira.

❀ Hadisa Anas gabasuu kessatti Ergamaan Rabbii ﷺ
Gafaa Miiraajaf samii bahe Orma/Ummata tokko irran dhufe jedhe ormaa/ummataa Qensa isaaniitin fuulaa fi qoma isaani if cicciran  Qeensii isaanii akka shiggire (millaaci) tahee qixaxaf jechu. YAA JIBRIL enyu  warri akkanatti Qixaaxamaa jiru kun? Jibril akkana jedhe debisef - Ummata duniyaa Irratti #NAMA HAMATU (KOMATU) KAN Naamusa namaa xiqqessani  jedhen . Kanaf qixaaxa Akkanaa kana jalaa bahudhaaf Arraba kee To'achuu dandahu Qabda yaa ikhwanii.

Nama Hamachuun Foon Obboleeysa keetii nyaachudha jadha Rabbiin (S.W)

Wallahi Nama Rabbin Rahamata Godhefituu Nama Hamachuu Irraa debi'a Rabbiin najaa Nuu haa Basuu!!!! 🤲🤲#Shere godhaa  JZK
Forwarded from Keyralumma
♡︎SEENAA ALIYYII BINU ABII XAALIB♡︎
─━❪Kutaa 5️⃣ffaa ❫━─
Kutaa 4ffaa dubbisuu Hubadhaa

𖣔 DUULA TABUUK
❁ Erga Rabbiin muslimtoota injifanno fatihii Makkaatiin gamachisee, ummanni Rum muslimaan duuluuf kurfaaye. Rasuullii s.a.w kana dhageennaan “inuumaayyuu jarrii hindhuftu, nutu dhaqee lolaan.” jedhee waraana kurfeesse. Guyyaa kana garuu goota islaamaa duula hundarrattii hirmaatu, kan yeroo garii alaabaa islaamaa ittii kennuun, yeroo garii immo; gootota mushrikaa tokkoo kumaan lakkahaman haa ajjeesuuf durattii baasun itti fayyadamu kana duula kana keessattii hirmaachisuu irra Madiinaa warra isaa biratti bakka buufatee deemuu fedhe. Munaafiqtoonnis jaalala Rasuullii s.a.w Aliyyif qabu waan beekaniif akka hamtuun isa hin dhaqqabneef manatti isa dhiisa jechuun oduu Eeybessuu eegalan. Oduun tun gurra Aliyyii buunaan battalumatti duularratti hirmaatuuf fiigee Rasuula s.a.w dhaqqabee, “dubartiifi ijoollee wajjiin nagattee deemtaa?.” Jedheen. Rasuullis s.a.w dubbii mi’ooftuu tan muslimni tookkollee osoo waan fedhe dalagee argachuu hin dandeenne, tan hamma luubbuun qaama keessa jirtu hindaganne akkana jedhee himeef. “yaa Aliyyi koo ati narraa ta’uu hinfeetuu? Sadarkaa Haaruun Muussaa biratti tahe. Garuu ana booda nabiyyiin biraa hinjiru malee.” jedheen.

Yeroo kana Aliyyis seenaa Muusaa fi Haaruun; guyyaa Musaan baallama Rabbii isaa guutuf, Haaruniin ummata iisaatti dhiifate deeme san akkuma yaadeateen gammachuun gara Rasuulli s.a.w isa dhiifatanitti deebi’e.

Gahee Aliyyii du’a Rasuulaa s.a.w Booda
Guyyaan geettee Muhammad s.a.w gara irraa argame, kan nu hunduu itti deemuuf deemnutti deeme. Yeroo kana jaalalleedhan isaatti guyyaan dukkanaahe. Keesumaayyuu Aliyyi kan akka abbaa ta’ee isa guddise, kan dukkana jaahilummaa irraa jaalalaan harka qabee gara ifaa islaamaatti yaamen, Barsiisaa, abbaa ifaa, obboleessa karaa islaamummaa kan jaalalarraa hintala akka lubbuu ofiitti jaalatu kaadhimeef, Nabiyyii waa cufaa san dhabuun; gadda imimmaan jigusuun hin ibsine, kan onnee isaa ciccirte gadde. Rasuulli s.a.w Aliyyi abdii guddaa irra kaahun waraana duura buusee isa ergu, yaamicha karaa islaamaa haa babal’isuuf dura bu’aa godhee gara Yamanitti erguun, kan ummanni Yaman harka isaa irratti amane, Aliyyi aklaaqaa fii beekkumsa Rasuula s.a.w irraa qabsiifatullee, ajaja Rasuulli s.a.w kenneef hundaa dirqma bahullee, dheebuu Rasuulaaf qabu hin baane.

Rasuulli s.a.w darbinaan Aliyyi akka warra diin irraa gargalanii ulaagaalee islaamaa hir’isuu ykn ergamaan hin jiru jedhee islaamummaa tajaajiluu irraa duubattti hin deebine. Inumaayyu Abbaa Bakarii wajjiin warra diin irraa gargalan hamma islaamummatti deebisanitti lole.

Akkasuma gaafa angoo Umar Binu kaxxaab keessattis, warroota isatti irra dhihoo ta’anii amaanaa Rasuulaa s.a.w bakkaan gahuuf halkanii guyyaa carraaqan keessaa isa tokkoodha. Hamma Umar yeroo Madiinaa dhiisee deemu bakka bu’aa isa godhatee deemu gahe. Sahaabdonnis beekkumsa Aliyyi qabuu fi aklaaqa isaa waan beekaniif bakka guddaa kennaafi turan. Keesssumayyu Umar akkana jedhaanii ture; “osoo Aliyyi jiraachuu baatee, mootummaan Umar garagalte!.” Kana qofas osoo hin taane “bakka Aliyyi hin jirree jiraachuu irraa ni maganfadha.”! jedhaanii ture.

Erga Umar ajjefamee Usmaan mottummaaf filatame. Aliyyis Usmaanin beellamuu irratti dura bu’aa ture.

Waanyoon yeroo kamuu muslimtootaa hin raftu. Ammas akkuma Umariin ajjeesan Usmaaninis aajjeesuf mushriktoonnii qophaahanii jennaan. Aliyyi guyyaa sanis goorsaan yaalii godhee deebisuu dadhabnaan, akkuma Rasuula s.a.w hamtuu irraa tiksaa ture, bulchitoota islaamaas tiiksu irraa of hin qusanne. Kanaaf mushriktootaan loluuf Usmaanin eyyama kadhateen. Usmaan dinnaan ijoollee isaa Hasanii fi Huseeniin ganda isaa akka eegan ajaje. Wanti Rabbi murteessee garuu namni nama tiikseef waan hin hafneef Usmaan ni ajjeefame.

Kutaa 6ffaan itti fufa insha'allaah...
Forwarded from Keyralumma
TOOHIDA

KUTAA 3️⃣2️⃣FFAA

Kutaa 31ffaa dubbisuu Hubadhaa

📚DALAGAA IBAADATTI FAAYIDAA DUNIYAA BARBAADUU

✯Kana jechuun yemmuu ibaadaa takka dalagu niyyaa (fedhii) isaa faayidaa dunyaatin wal-qabsiisuu dhan
dalaguu dha.

☼︎Fakkeenyaf:
1.Hajjii yemmuu deemuf niyyaan isaa
duniyaa dha.
2.Lola (jihaada) deemuu fedhiin isaa boojuu argachuu dha.
3.Masjida tokkotti azaanuf mindaa argachuu dha.
4.Beekumsa shari’aa yemmuu baratu Ragaa barnoota ykn dalagaa ittiin argachuu qofa

𖧷 Muteen isaa:
Murtee isaa bakka 2tti qoodnee ilaaluu ni dandeennya:
1.Kan fedhiin isaa irra hedduun ykn hunduu fedhii dunyaatif tahe. Kuni murteen isaa shirkii guddaa dha.
2.Dalagaa ta’e tokko dalagee faayidaa
dunyaa barbaaduunii.Kuni eegaa shirkii
xiqqaa ta’ee ibaadaa namaa nam jalaa
balleessa.

𖧷 Faayidaa dunyaatif jecha nama ibaadaa dalagu ilaalchisee Rabbiin akkana jedha:

«“Namni jireenya addunyaati fi miidhagina ishee fedhe nuti dalagaa isaanii ishee keessatti guunnee isaanif kennina. Isaanis ishee keessatti hin
hir’ifamanu. Isaan sun warra Aakiratti ibidda malee homtuu isaanif hin jirree dha. Wanti isaan isii keessatti dalaganis ni bade wanti isaan dalagaa turanis badaa dha.” (Suuratu Huud- 15-16) »

<Rasuulli ﷺakkana jedhan:
“Namni beekumsa baratee beekumsa kanaan faayidaa dunyaa barbaade Hafuura jannataatu hin argatu. (Ahmadii fi Abuu Daawuudtu Gabaase) >


📚ALLAAHIIN MALEE KAKACHUU

☆Rabbi malee kakachuu jechuun qubeelee kakuutin fayyadamuun waan san guddisuu agarsiisuu jechuu
dha. Akka lugaa arabitti qubeelee kakuu kan jedhaman waawu) ( وbaa )ب( taa )ت( dha.
Akka Afaan Arabiititti ‘Al-Halif’ yookin kakuun ‘yamiin’ yookin ‘qasama’s jedhamuunis ni beekama.

✯Kakuu shari’atti hayyamame:
Jechoota armaan gadiitin kakachuun Ni hayyamama wallaah, billaah, tallaah. Ykn maqoota isarraa ta’een fakkenyaf (Ar-rahmaan, Al-Aziim, As-samii’i)
Ykn sifa isaatin (fakkeenyaf: Bi’izzatillaah-jabeenya isaatin Rahmatillaah _Rahmata isaatin Wa Ilmillaah-Beekumsa Rabbiitin) jechuunis rakkoo hin qabu.

✯Murtee Rabbi maleen kakachuu:
Iddo lamatti qoodnee ilalla:
1.Waan itti kakatu kanatti guddina isaa yoo fedhe ykn akkuma Rabbiin guddisutti yoo guddise ykn Sanaa oluu yoo Kan guddisu/kabaju taate: kuni shirkii guddaa ta’a.
2.Yoo akka Rabbiin guddisutti hin guddisin: kuni shirkii xiqqaa ta’a.
Rasuulli ﷺakkana jedhan:
«‘Namni Rabbiin malee namni kakate kafare ykn Shirkii taasise’» (Ahmed Abu Dawud fi Tirmizitu gabaase)

◉ Fakkeenya Rabbi Malee kakachuu haa ilaallu.
• Awliyaan Kakachuu
• Kabajaa Nabii ykn Awliyaatin kakachuu
• Jiruu namootaatiin kakachuu
• Amaanan yookin kabajaan kakachuu
Walumaa galatti qabxii armaan gadii xiyyeefannaa kennuun barbaachisaa dha.
1.Rabbi malee kakachuun shirkii ta’uu
2.Kijibaan Rabbiin kakachuun Haraama
ta’uu
3.Yoo barbaachisaa hin ta’in Rabbiin
kakachuu baayisuun (osoo dhugas ta’ee) haraama ta’uu.
4.Yoo dubbin dhugaa kan taatu taate fi
haajaan itti jiraate Rabbiin kakachuun
hayyamamuu.

◉ Namni Rabbi Malee kakate maal gochuutu irra jira?
Namni Rabbiin malee kakate akkana jechuutu irra jira: «‘Laa ilaaha illallaah’»
Rasuulli ﷺakkana jedhan:
‘Namni kakate kakuu isaa keessatti: laatin kakadhe uzzaan kakadhe jedhe laa ilaaha illallaah haa jedhu’. (Bukhaarif Muslimtu odeesse)

Kutaa 3️⃣3️⃣ffaan itti fufa insha'allaah
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
Aliyyii Kutaa 6ffaa

❂ SEENAA ALIYYII BINU ABII XAALIB
─━❪Kutaa 6️⃣ffaa❫━─
Kutaa 5ffaa dubbisuu Hubadhaa

✺ Aliyyi Mootummaaf Filatamuu
• Usmaan ajjeefamnaan Madiinaan nageenyi isii boorahee ummanni muslimaas bulchaa malee hafe. Kanaafis nama nagaa isii deebisuu fi ummata ishee bulchu barbaacha ummanni muslimaa mala maluu eegalan. Cinqii isii kana keessaa nama baasu; kan Aliyyiin caalu tokkollee waan hin agriniif isuma filataniin. Inni garuu bulchaa tahuu irra gargaaraa bulchaa tahuu naaf wayya jedhee dide. Akka ummanni nama biraa filatuufis badee oyruu keessatti dhokate. Muslimtootni garuu kan Usmaaniin bakka bu’u, kan amaanaa Rasuulaa s.a.w fi kaliifota isas bakkaan gahu, isa kan caalu akka hin jirre yaaduun, koreen marii bakka inni dhokatetti dhaqanii angoo itti kennan.


◉ Sahaabdonni gurguddoon akkasuma muslimtoonnis Masjidu-nabawii keessatti beellamaniin. Haala kanan Aliyyi erga angoof filame, dalagdoota beekkumsa qaban gargaarsaaf filate.

• Nageenya Madiinaa kan boorahes deebisuuf hidhate. Aliyyi erga Amiira mu’umintootaa tahee, amaanaa ummata isaa, amaanaa Rabbiin mormatti na dire, dinaara takkallee maaf hin taane, yoo bu’aa ummataatif hin tahin hin baasu jedhee, akkuma duula keessatti goota waarana tahun beekkame addunyaa irrattis bulchaa haqaa tahun mottummootaaf fknya tahe. Gargaartota (bulchitoota) wal qixxumaa fi haqaa dalaguu irratti kan ajajuu fi rakkoo ummataas hamma qe’etti faana bu’anii akka ummata too’atan jara too’ataa ture.

• Magaalaa kuufaa keessas deemaa jireenya ummataa hubataa, jallataa gara haqaatti kan waamu, fedhinnaa ummataa kan fixuuf ture. Akkasuma warra aanaa isaatii fi lubbu isaas ummataan wal qixxeessee, masaraa keessa jiraatuu didee, goojjo kessa jiraataa ture.

• Gaafa tokkos gabrichi isaa Qunbur kan jedhamu hajaa qabaachuu Aliyyii waan argeef, kennaa dureeyyiin moototaa ergan keessaa akka kaaheef itti hime. Aliyyi didee gara mana isaa deeme. Yoo mana gahu kennaa mana guute argee, dallanee Gabricha isaatin “Ibidda mana kiyya seensisuu feetaa? jedheen. “Adduunyaa na hin dagin, nama biraa dagi!.” jedhee, harka qalleeyyii Madiinatiif, hundaa qoodee fixe. Gaafa tokko osoo kuxbaa godhaa jiruu, ijoollee isaa Hasanii fi Huseeniin uffata haara’a irratti arge. Akkuma kuxbaa geesseen eessaa fuudhanii akka uffatan gafannaan, dureessa Faaristu nuu erge jedhanii itti himan. Innis ijoollee isaa nama biraatiin akka adda hin taanee fi haqa isaanii akka hin taane itti himee, uffata cufaa irraa baasee, mana diinagdee muslimtootaatti deebise.

Kutaa 7ffaan itti fufa insha'allaah...
Forwarded from Keyralumma
BARNOOTA TOOHIDA

KUTAA 3️⃣3️⃣FFAA
Kutaa 32ffaa dubbisuu Hubadhaa

📚RABBII FI WAAN BIROO FI
N WAL-QABSIISUU
◉ Kana jechuun jecha Eegaa Ergasii jedhu Rabbiin wal-qabsiisuu jechuu dha.
Fakkeenyaf:
◉Waan sii fi Rabbi fedhe jechuu
◉Sii fi Rabbiin kajeela jechuu
◉Rabbii fi sitti gargaasifadha jechuu
◉Sii fi Rabbiin malee maal qaba jechuu
◉Osoo Rabbii fi ebalu jiraatuu baatee naa dhumate jechuu kanaa fi waan kanneen fakkaatan dha.

❁ Murtee:
Murtee isaa iddo lamatti qoodnee ilaalla:
1.Yemmuu akkana jedhu yoo wanti sunii fi Rabbi Wal qixa jedhee yaade shirkii
guddaa ta’a Osoo eegasii (ergasii) jedhes.

2.Yoo wal qixa jedhee yaaduu dhabe kuni shirkii xiqqaa ta’a Yoo jecha akkanaa jechuun namarra jiraate: akkaataa lamaan jechuun ni danda’ama:

A)Jecha ergasii jedhuun hordofsiisuu Kunis wal-qixxummaan yaaduu dhabuun ta’uu qaba Fakkeenyaf waan Rabbi Fedhe ergasii ati Rabbitti gargaarsifadhe ergasii sitti gargaarsifadhe Jechuu barbaachisa.

B)Waan hundaa Rabbitti hirkisuu
Akkana jechuun barbaachisa Waan Rabbi Kophaa fedhe Rabbi Qofatti gargaasifadhe kana kana fakkaatan kunniin gaari dha.

✫ Garaagarummaa ‘Fi’ fi ‘Ergasii’:
‘Fi’ dabaluun wal-qixxeessuu fi wal-gituu ibsa Ergasii’ dabaluun itti fufiinsa ibsa.


𖣔 JECHA “OSOO”
• Jecha ‘osoo’ jedhu karaa
sadihiin fayyadamna:
1.Hayyamamaa:
• Jechi ‘osoo’ jettu yoo karaa namaa waa himuutin tayee fakkeenyaf 'osoo barumsa deemee fayyadamee’ Osoo jedhee rakkoo hin qabu Ragaan kana irratti Rasuulli ﷺ akkana jedhan (Amrii kiyyarraa waan booda hubadhe kana osoo duraan beekee silaa wareega oofee hin fiduu ture silaa isinii wajji hiikkadhee ture) Bukhaarii fi Muslimtu odeesse.

2.Waan jaalatamu:
• Jechi “osoo” jedhu yoo keyrii hawwuuf ta’e Fakkeenyaf osoo qabeenya qabaadhee sadaqadhe jechuu fa’a Rasuulli ﷺ seenaa namoota afurii
keessatti tokko akkana jedhe ‘osoo qabeenya akka ebaluu qabaadhee akka ebalu (kherii) dalagetti dalaga ’Kana jechuun kherii hawwuu mul’isa Rasuullis ﷺ akkana jedhan ‘kuni niyyaa isaatiini mindaan jara lameenii wal-qixa’
(Ahmadii fi Tirmiizitu gabaase)

3.Dhoorkamaa:
• Yoo haala sadihiin ta’e
dhoorkamaa dha.
1.Yoo Shari’aan wal-diige
Ragaan kanaa Jecha Rabbii ol-ta’aa
“Osoo tole nu jedhanii silaa hin ajjeefaman” (Al-Imran 168)
2.Yoo Qadaraan (murtee Rabbii) wal-
faallesse Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha “Osoo nu waliin jiraatanii hin du’anis hin ajjeefamanis” (Al-Imran 156)
3.Yoo Sharrii/waan badaa tokko Hawwuun ta’e Ragaan kanaa seenaa namoota afurii Kan osoo qabeenya qabaadhee akka ebaluutin itti dalaga Kan jedhe Kuni sharrii hawwee Rasuulli ﷺ jarri lachuu diliin/ma’asiyaan tokkoma (wal-qixa) jedhan.


❁ ZAMANA (WAQTII) ARRABSUU
◉ Kana jechuun yeroo (waqtii) keessa jiran arrabsuu gurraachessuu fokkisuu jechuu dha.

◉ Murtee nama zamana/waqtii arrabsuu
Murteen isaa bakka sadihitti qoodama.
1.Yoo kan waa himuuf taate ajiifachuun
maletti Fakkeenyaf ‘Hoo’i har’aa Nama dadhabsiisa Akka jecha ummata nabi Luuxii (SAW) ‘Kuni guyyaa cinqaati Kuni waa rakkoo qabuu miti.

2. Kan akkana dalage yeroma kana jedhanii arrabsuu Yoo zamanni/waqtiin mataa isaatin keyrii sharritti jijjiira jennee kan yaadnu yoo taye kuni shirkii guddaa ta’a.

3. Waan hundaa Rabbi qofaatu dalaga
jedhanii amanuu waliin Waan fokkotaa
kanaaf kan sababa tahe zamana jedhanii yaaduu Kuni haraama dilii gurguddoo irraayi.

᯽ Zamana/waqtii arrabsuun Rabbiin azaa gochuu dha Rasuulli ﷺ akkana jedhan (Rabbiin ol-tahe akkana jedha Ilmi Aadam azaa Na godhe zamana arrabasa osoo ani zamana tahuu halkanii fi guyyaa Kan garagalchu ana)
(Bukhaari fi Muslimtu Gabaase)

◉ Hiikni jecha Anatu zamana/waqtii jechuu anaatu zamana/waqtii garagalcha jechuu dha Hubachiisa Zamanni/waqtii afaan Arabiitin (Addahr) Kan jedhamu maqaa Rabbiii irraayii miti.

Kutaa 34ffaan itti fufa insha'allaah
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
SEENAA ALIYYII BINU ABII XAALIB

KUTAA 7️⃣FFAA FI ISA XUMURAA
Kutaa 6ffaa dubbisuu Hubadhaa

Aliyyi yeroo waa bitatus gatii akka isaaf rakasiisanii fi dhiisaniif hin eyyamu. Fkeenyaaf guyyaa tokko uffata bitachuu magaalaa bahee, namni hunduu mallaqa irra fudhachuu dide. Innis nama isa hin bekne soqee dardarticha tokko argee irraa bitate. Abbaan dardartichas yeroo dhufu, “ummatni ilmi kee Amiira mu’umintootaa uffata mallaqaan itti gurgure.” jennaan dardartichis amiira muslimtootaa tahuu beeknaan mallaqa qabatee dhaqee dhifama gafate. Aliyyi garuu galatomfatee mallaqas osoo irraa hin fudhatin geegesse. Akkasumas mootii tahuyyuu, hamma hiyyummaa irraa seeyfii jaalatu gurguratu gahe. Magalaas bahe “ennu namni seeyfii tana narra bitu Rabbii firii dhoosetti kakadhee: osoo wanta marxoo takkaan bitadhu qabaadhee seeyfii cinqii fuula ergamaa Rabbii irraa s.a.w dhabamsiisuun lolaanii ture hin gurguru.” jedhee dubbate.

Aliyyi haqaa fi wal qixxummaa dalaguun isaa muslimtoota qofa osoo hin taane, ilma namaa hunda birratti amala gaariifii nama dinqisiisaa ta’een kaafira qalbii jaraa bitee gara islaamummaatti seensisu ta’e.

Yeroo tokko Aliyyiin jalaa koombortaan badde. Kobortaa isaa kana gurbaa diin nasaaraa qabu tokko magaalaa keessatti kan gurguratu harkatti qabee “kiyya.” jedheen. Nasaartichis “kiyya.” jedheenii mormachuu eegale. Sababa kanaaf lameenuu gara mana murtiitti deeman.

Abban murtii kan Shureeymi jedhamu Aliyyiin ragaa yoo qabaate fidatee akka dhufu ajaje. Innis ilma isaa fidatee dhufe. Abban murtis “ilmi abbaadhaa ragaa tahuu hin dandahu.” jedhen. “Inni ilma kiyya kan Rasuuli s.a.w shabaaba jannataa tahuu himani. Akkam ragaa tahu hin dandenne?.” jennaan “shabaaba jannataa ta’us ana biratti ilmi abbaadhaa ragaa bahuu hin danda’u.” jedhen. Aliyyis kun haqa kiyya jedhee hindinne murtii abbaan murtii murteesseef ni fudhate. Ani mootiidha! isarra humna qaba jedhee, dirquun irra fudhachuu hin yaalle.

Nasaartichis haala Aliyyi dinqisiifatee, islaamummaa malee kan amala akkanati nama tolchu; mootii fi harka qalleyyii wal qixxessu kan hin jierre tahuu hubatee gara islaamummaa seene. Aliyyi kalattiin islaamummatti nama waamuu qofaan; osoo hin taane, Al-kallattin bareedina amala isaatiin islaamummatti nama waamaa turan.
Forwarded from Keyralumma
#Warrai_sodaa_Rabbii_qabuu_mallattoolee_ittiin_beekamu_qaba:
"ﺇﻥَّ ﻷَﻫـْﻞِ ﺍﻟﺘَّـﻘْـﻮَﻯ ﻋَـﻠَﺎﻣَﺎﺕ ﻳُﻌْﺮَﻓُﻮﻥَ ﺑِــﻬَﺎ:

• ﺻﺪﻕُ ﺍﻟﺤَﺪﻳﺚ،
➫ Dhugaa dubbachuu.
• ﻭَﺍﻟﻮﻓَﺎﺀ ﺑﺎﻟﻌَﻬﺪِ
➫ Waadaa guutuu.
• ﻭَﺻِﻠﺔ ﺍﻟﺮّﺣﻢ،
➫ Rahima/firoottan kee sufuu.

➫ Miskiinatti garaa laafuu.

➫ Boonaa fi uf dhaaduu ufitti xiqqeessuu .

➫ Gaarii dalaguu.
ﻭﺑﺬْﻝ ﺍﻟﻤَﻌﺮُﻭﻑ،
➫ Aangoo namarratti ilaallachuu dhabuu.

➫ Amala Gaarii.
ﻭَﺣُﺴﻦُ ﺍﻟﺨُﻠﻖ،
➫ Hawaasaaf garaa baldhatuun wantoota Rabbitti nama kaleessan keessaa tokko.

#Hasanal_Basrii irraa

Join & Share godha 🙏
Forwarded from Islamicbot
🌷Gaaffiif deebiin keenya arraa kana fakkaata irratti hirmaadhaa

🕹️ Namni yeroo Jalqabaatiif Qur'aana walitti qabe eenyu?
Deebii Abuu Bakri As-Siddiiq (r.a)


Yaada Qabdanuuf ✍️
@Keyralumma_bot
Forwarded from Deleted Account
Kan online jirtu Ergamaa rabbiiﷺ irratti ti salaawaata buusi👇✍️💗 ﷺﷺﷺ

Rabbiin keeyrii Ramadaanni kuni qabu isin haa waffaqu👇
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
الســـــــــــــــــــــــــــلام عليــــــــــــــــــــــــــــكم
ورحمة الله وبــركاتـــــــــــــــــــــــــــــه
═══════════════

⊱ZUBEEYIR IBN AWWAAM⊱

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱ZUBEEYIR IBN AWWAAM⊱

─━❪KUTAA 1️⃣FFAA❫━─

🔰 "Malaa'ikaaan Bifa Isaa Irratti Buute" Jedhan Nabi Muhammad s.a.w

✺ Eenyu gootni dur islaamummaaf seeyfii luqqifatuun, hoomaa waraanaa kaafiraa qaxxaa muree seeyfi isaatin Rasuula s.a.w tiksee?

• Eenyu gootni kumatti tilmaamame. Irra caalaa goototaa tahun; kan Umar ibnu Kaxxaab akka kuma namaatti madaalun lolatti erge?

• Zubeeyir Ibn Awwaam: Tokkoo akka kumaa, Osoo lubbuun jiru warra jannataa tahu kan Ergamaan Rabbi saw isaaf ragaa bahe. Erga Rasuulli s.a.w du’anii booda dhimma islaamatif koree marii namoota jahan keessa inni tokko. Zubeeyir Ibnu Awwaam ilma adaadaa Rasuulaa s.a.w kan umrii ijoollummaatiin islaamahedha.

• Zubeeyir Rasuula s.a.w hamma onneen isaa dhootutti jabeessee jaalata. Duula Rasuulli s.a.w duule cufa keessatti, dadhabe, na dhukkube osoo hin jedhin, humna isaa hunda osoo hin qusatin duulee lolaa ture.


• Guyyaa duula Uhud dubbiin sobaa tan “Rasuulli s.a.w ajjeefame.” jettu faffacaate. Zubeeyris kan dubbii kana dhagahe, hamma isaan maal akka ta’an baruuf, akka hobonboleetitti qaamni isaa sardamaa gamanaa gamas fiigee Rasuula s.a.w barbaade. Osoo inni oliif gad dhama’u Rasuulli s.a.w itti dhufee maal akka inni dhabe gaafateen.

• Zubeeyris waan dhagaheef: lubbuun isaa obsa dhabdee rifatuu irraa akka of wallalutti jiru itti hime. Rasuullis s.a.w nagaa tahuu isaanii himaniifii, isaafii seeyfii isaatifis eebba godhanii fi innis lolatti tasgabbaa’e. Zubeeyir waan hojii isaa keessatti sahaabota birootin adda isa godhu; Akkuma wareegamummaa jaalatutti sahaabota jaalatuu irraa kan ka’e, yoo jarri du’an maqaa sahaabota wareegamanii (shahiidanii) ijoollee isaatif moggaasa. Haala kanaan maqaa isaaniitii fi seenaa isaanii hanbisuun, erga sahaabonni du’aniillee yaadannoo isaanii of biratti hanbifata.

• Akkuma Xalhaan Ibn Ubeeydullah ijoollee isaatti maqaa anbiyoota baafatutti; Zubeeyris sahaabota qaqqaalii, jaalatamoo fi beekkamoo ilmaan isaa akka haala jaraa dhaalaniif, hawwii qaburraa kan ka’e ilmaan isaa sahaabota armaan gadiitin yaamaa ture.

❶ Abdallah Binu Jahishii

❷ Munzir Binu Amiir

❸ Urwaa Binu Mas’uud

❹ Hamzaa Binu Abdul-muxxalib

❺ Ja’far Binu Abii-xaalib

❻ Mus’aab Binu Umeeyri

❼ Ubeeyidaa Binu Haaris

❽ Kaalid Binu Sa’iid

❾ Amri Binu Sa’iid Binu Aas


❁ Godaansa Zubeeyir Binu Awwaam
Aanaa gaarii fi gosa gaarii irra kan dhalate Zubeeyir ilma Awwaam akkuma sahaabota hedduu innis dararaa fi doorsisa dhandhamaa ture. Haalli kun jiruu isatti hadheessee, Akka fedhaa fi humna isaatti Rabbii isaa gabbaruu waan hin danda’iniif, haala islaamummaa isaa itti jabeeffatee, Rabbii isaa gabbaruu, mijeeffachuuf fala barbaadataa ture.

• Osoo haala kanaan jiruu Rabbiin kool galtummaa biyya habashaa eeyyamee jennaan, biyya dhaloota, dachee irratti biyyee ishii hafarsee guddate irraa gara biyya hin beekneetti baqatuuf dirqame. Haala kanaan kool galtummaaf biyya Habashaatti Al-lamaanu baqate.

Kutaa 2ffaan itti fufa inshaa'llaah.........
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
⊱TOOHIDA⊰

KUTAA 3️⃣5️⃣FFAA
Kutaa 34ffaa dubbisuu Hubadhaa

✺ HUNDEELEE LAMAAN BAAY’EE BARBAACHISAA TAHAN KAN BID’AA ITTIIN BEEKUU DANDEENYUU FI IRRATTI DEEBISNUUN:

1.Hundeen Ibaadaa keessatti dhoorkamuu irraa of eeguun dhaabbachuu dha. Haa ta’u malee yoo ragaa Gama shari’aatin karaa
godhamee dhufee qabaanne malee.
2.Dalagaan Ibaadaa hunduu kan Rasuulli ﷺ ykn Sahaabonni isaanii hin dalagne
fudhatama akka hin qabne beekuu.

✯ HUBACHIISA:
1ffaa: Imaam Maalik (Rabbi Rahmata isaanii haa godhuu) akkana jedhan: (namni Islaama keessatti waan haaraa (Bid’aa) uumee bid’aan tun gaaridha
jedhe Rasuulli ﷺ ergaa isaa gane ykn hin guunne jechuu isaati; Rabbiin Qur’aana isaa keessatti akkana jedha.
"Har’a Amantii keessan isinii guute”
Kan guyyaa san akka amantiitti hin fudhatamin har’a amantii ta’uu hin dandayu).
2ffaa: Asheeykul Albaaninis (Rabbi Rahmata isaanii haa godhuu) akkana jedhu: Wanti haarofti (Bid’aan) xiqqoon islaamummaa keessatti uumamu haraama ta’uu beekun barbaachisaa dha. Akka namni gariin yaadu bid’aa jibbamaa qofaa miti.


❁ BID’AA UMMATA KEESSA FACAATE KEESSAA:
1.Dhaloota Rasuulaa ﷺ kabajuu
2.Halkan Israa’aa fi Mi’iraajaa kabajuu
3.Cinaa halkan ji’a sha’abaanaa kabajuu
4.Guyyaa Dhalootaa kabajuu
5.Iddoolee seenaa gara garaa fi hambaaleen akkasumas Nama jiru ta’ee kan du’e irraa barakaa barbaaduu
6.Gareen (jama’aan)zikrii godhuu
7.Faatihaa nama du’ee fi qophii adda addaa irratti qara’uu (dubbisuu)
8.Ji’a Rajab ibaadaa fi Umraan kophxeessuu (adda gochuu)
9.Salaata yeroo jalqaban niyyaa ol-fuudhanii sagaleen jechuu
10.Sadarkaa namoota gariitin tawassula tahuu

◉ Kitaabota waa’ee bid’aa hubachuuf nu gargaaran:
1.Attahziiru minal-bida’i’ Sheek AbdulAziiz bin baaz Rahimahullaah
1.Assunanu wal-mubtadi’aat’ Sheek
Abdussalaam Al-Qusheeyriyy
2.Al-bida’i wal-muhdasaatu wamaa laa asla lahuu’ Hamuud Al maxar
3.Al-ibdaa’u fii madaarul ibtidaa’ Sheek Alii Mahfuuz
4.Al-bidaul hawliyyah’ Sheek Abdallaah
Attuweejrii


◉ Rasuula (s.a.w) hordofuun ulaagaa 6 (jahan) malee guutamuu hin danda’u:
• [Ulaagaa Fakkeenya dogongora mul’atu
1.Sababa: Sababa Roobni roobutiin raka’aa lama salaatuu
2.Bifa: Kan nama akka zakaa qarshii
dhaan baasuu
3.Hordoffii: Kan akka salaata magribaa
beekaa raka’aa 4 salaatuu
4.Akkaataa: Nama akka wuduu’a luka
dhiqachuun jalqabee fuula dhiqachuun geesse
5.Waqtii: Akka nama ji’a Ramadaana
keessa ud-hiyyaa qaluu
6.Iddoo: Akka nama bosona/badhee gammoojjii keessatti I’itikaafa taa’uu


✺ GARA TAWHIDAATTI YAAMUU
◉ Gama Rabbiititti waamuun waan guddaa tokko sadarkaan isaa cimaa dha akkasumas karaa Ergamtoota Rabbiiti fi saalihootaa fi Awliyaati ‘Gara Gooftaa keetii ogummaa fi gorsa bareedan waami ishee (Falmii) irra gaarii taaten isaan falmi’ An-nahl 125

• Ammas akkana jedha:
‘Kun karaa kiyya beekumsa irratti Gama Rabbii itti yaamu anaa fi Nama Na hordofes’ Yusuf 108 Rasuullis ﷺ akkana jedhan Nama tokko sababa keetin qajeelutu gaala didiimturra sii caala. Bukhaari fi Muslimtu Gabaase
Namni gama qajeellumaa waame akkuma mindaa namni isa hordofu argatu argata mindaa jara lachuutuu irraa waa osoo hin hir’itin. Muslimtu
Gabaase

᪥ Tawhiidni waan dursaa itti waamuu qaban Wanti dura qirqama ta’u tawhiida beekuu itti dalaguu akkasumas gama isaa waamicha taasisuu dha.
Ragaan gama kanaan Rasuulli (s.a.w) Mu’aazin gama biyya Yaman yemmuu ergan “dura dursitee wanti itti waamtu kan gabbaramu Rabbii tokkicha malee hin jiru” ykn ammo gabaasa birootin “Rabbiin akka tokkochoomsan” waamuu qabda. Jedhaniin

✫ Karaa gama tawhiidaa ittiin waaman keessaa: Kan armaan gadii karaa gama tawhiidaa ittiin waaman keessa hanga tokko kan namatti hin ulfaanne dha.
1.Kitaabota gama tawhiidaa yaaman
maxxansuu
2.Warra abbaa qabeenyaa tokko tokko
dubbisuun akka maxxansaa kitaaba
tawhidaatif gargaarsa akka godhan taasisuu
3.Kaassetoota gama tawhiidaa yaaman
maxxansiisuu
4.Ulamaa’ota waliin wal tahuudhaan gorsa adda addaa akka kennan taasisuu
5.Ijoollee fi warra ofii hundee tawhiidaa
barsiisuu.

Kutaa 36ffaan itti fufa insha'allaah
Forwarded from Keyralumma
SEENAA
ZUBEEYRI IBN AWWAAM

─━❪Kutaa2️⃣ffaa❫━─
Kutaa 1ffaa dubbisuu keessan hubadhaa

✺ Gahee zubeyrii Duulota Keessatti
Duula Badrii:-
◉ Guyyaa duula badrii Ummatni islaamaa hanqinna diinagdee qaban ture. Nama lama malee lola guddaa san keessatti sahaabonni akka jiraniin Farda hin qaban. Nama lamaan keessaa tokko Zubeeyir Binu Awwaam ture. Zubeeyir dheerinna isaa irraa kan ka’e, Farda irra yammuuu taa’u akka nama Harree yaabbateetti miilli isaa lafa tuqa. Erga lolli eegalame; Rabbi ummata muslimaa tumsuuf malaa’ikoota dachii lola badriitti, gadi buuse. Malaa’ikoota san keessaa bifa Zubeeyir Binu Awwaamin kan bu’e Jibriili.

• Duula kana keessatti Zubeeyir gootota mushrikaa, warroota bebbeekamoo fi kabajamoo lama lubbuu isaanii qaaman gargar baase. Keessahu abbeeraa isaa kan yeroo inni muslima tahetti dararaa gudda irraan gahaa ture; Nowfiil Binu Kuweeylid kan jedhamu ajjeesuun mushrikkan sodaa itti buuse. Inni lammataa immoo kan guutuu qaama isaa sibiilan haguuge, kan ijji isaa qofti mul’attu, kan akkaan muslima rakkisee fi namni tokkolle itti kalahuuu hin danda’in; Ubeeyda Binu Sa’iid Ibnu Aas kan jedhamu eboon darbatee ija isaa keessa waraanee isa ajjeese.

Eeboo waraane san dhaqee yoo irraa buqqisuuf jedhu humna guddaa isa gaafate. Eeboo san Rasuulli s.a.w akka isaaniif kennamtu kadhatanii kennamteef. Erga du’a isaani boodas eeboon sun kaliifotatti daddarbitee, erga du’a Usmaaan booda ijoollee Zubeeyritti deebite.


◉ Duula Uhuud:-
• Duula kana kessatti Zubeeyri Rasuulaa s.a.w hamma lubbuun isaa wareegamtutti loluuf baallama seeneef. Guyyaa duula Uhud cinqiin ummata muslimootatti jabaatee kallatti hundaanu caban. Rasuulli s.a.w goota kaafiraa tokko kan akkaan muslima fardarra taa’ee gadi tumu tokko arganii, Zubeeyiriin itti ergan. Innis akkuma ajaja Rasuulaa s.a.w gara namtichi jirutti qajeele. Gooba xinno takka gubbaa dhaabbatee namticha Fardarraa muslima xuruuru kanatti, akka qeerransaatti itti utaalee Fardumarratti itti maramee, Fardarraa lafaan dhahe. Al tokko Zubeeyirii: al tokko immoo kaafirtichi gubbatti bahee, erga yeroo dheeraaf wal garagalchaa turanii booda, Rabbiin ol aantummaa Zubeeyirii kenneefi kaafirticha ajjese. Kanafis Rasuulli s.a.w jecha muslimni kamuu dhagahuf; lubbu isaa wareegu tan isa dura eessuma isaatin malee, nama tokkoonuu hin jedhin “ati ayyo fi abbo kiyyan furamadha.” jechun isa gammachise.


◉ Duula Kandaqi (Ahzab):-
• Zubeeyri duula kana keessatti kaafirticha seeyfii isaatiin al tokko qofa dhahun kooraa isaatiin wajji Farda irraa facaase. Gahee inni duula kana keessatti taphates Bukaari fi Muslim Jabir irraa akka nu gabaasanitti; gaaf duula Ahzab ergamaan Rabbii s.a.w “ennu namni oduu banii qureeyzaa nuu fidu?.” jennaan Zubeeyr ana jedhe. Haluma kanaan kan waa takkallee hin sodaanne al-sadi nabiin s.a.w gafannan ana jechuun si’a sadeenu Fardaan gulufuun oduu fidaafii ture.

◉ Ammas gahee isaa kan Kandaq; sadarkaa gootaa, gootumattu beeka! gootni beekkamaan islaamaa Aliyyi ibn Abii Xaalib Zubeeyri irraa “goota namaati!.” jechun faarseen.

• Akka ilmi isaa Abdallahiin jedhetti Rasuuli s.a.w guyyaa duula Ahzaab anaafii Umar binu Abii Salama dubartoota keessatti nu dhiise. Yeroma kana Zubeeyri kan dabaree lamaa fi sadi deddeebi’u arge. Eega galees yaa abbaa koo ani sihii gidduu banii Qureeyzaa fi muslimootaa deemtun si arge bar jedhen. Innis ergamaan Rabbii s.a.w nama oduu jararraa nuu fidu jennaan, oduu fiduuf deddeebi’e. Yeroo kana Rasuuli s.a.w aayyoo fi aabboo isaa waliti qabuun ati aayyoo fi aabboo kiyyaan furamaadha naan jechuun na gammachiisan naan jedhe.

Kutaa 3ffaan itti fufa inshaa'llaah.........
Forwarded from Islamicbot
𝐖𝐚𝐚 🌺🌺 𝐚𝐟𝐮𝐫 🌺🌺 𝐫𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐡𝐚𝐚 𝐥𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐬𝐮.👍👍
1. 𝐊𝐡𝐞𝐞𝐲𝐫𝐢𝐢 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮
2. 𝐇𝐚𝐫𝐚𝐚𝐦 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮
3. 𝐃𝐢𝐥𝐢𝐢 𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐭𝐨𝐰𝐛𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮
4. 𝐈𝐛𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮...
Forwarded from Keyralumma
▶️Dawaan qalbiidhaa(❤️) waa shan (❺) keessatti argama jedhan sheekh Ibrahim Al-kawaas namni jedhaman;
❶~Qur’aana xiinxalluu.
2~Garaa qullaa godhuu.
3~Halkan dhaabachuu.
4~obboroo(Subhii) irratti rabbitti warwaachuu/iyyachuu
5~Nama gaggaarii wajjiin taa’uu.
Forwarded from Islamicbot
◎ Gaaffiif deebiin keenya arraa kana fakkaata irratti hirmaadhaa

➾Nabiyyiin kabajamaan kan maqaan isaa boqonnaawwan Qur'aanaa keessaa boqonnaa 34 keessatti tuqame eenyu?


Yaada Qabdanuuf ✍️
@Keyralumma_bot
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
Zubeeyir Ibn Awwaam
Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe
Zubeeyir Ibn Awwaam
─━❪Kuta3️⃣ffaa❫━─

🔰 Gaafa duula Huneynii akkuma duula Uhud lubbuu isaatif osoo hin cinqamin jaalallee isaa irraa diina deebisuudhaan hanga kaafiri isa faarsu gahe. Kaafirtoonni Rasuula s.a.w ajjeesuf marsanii Zubeeyriif garuu namni tokkollee itti dhihatuu hin dandenne. Inni kaafiritoota ajjeesutti jabaannaan kaafiritooni gama durabu’aa ajajaa isaanii deebi’un, “gurbaan xiyya ceekuu isaa irrati baadhatu, kan amaamaa daalattii maratu nu fixutti jira.” jedhanii himatan. Yeroma jarri kana himaniif “inni Zubeeyri ibn Awwam wilii (ofduratti) hiriira keessan laaqee wilii isin facaasaa, sirritti ofirraa eegaa.” jedheen. Zubeeyris dura bu’aa jaraa hin kijibsiifne, akkuma inni jedhe hiriira jaraa laaqee fafacaasee jalallee isaa Rasuula s.a.w tiksaa ture.

Duula Yamruuk:- Ilmi isaa Urwaan akka nuu odeessetti gaafa duula kanaa sahaabdonni Zubeeyriin “hidhadhuu nu hidhachiisi, lolii nu lolchisiisi!.” jedhanin. Innis “na kijibsiftanii taa’aa!.” jennan, “si hin kijibsifnu!.” jedhanii waadaa seenaniif. Booda Zubeeyris Farda irratti bahee, Farda isaa buraaqsaa hiriira waraana kaafirtootaa dhoosee akka baheen Kan namni tokkolee duubaan hin jirre. Osoo gama muslimtoottaati deebi’aa jiruu kaafirtoonni lugaama Farda isaa qabuun bakka gaafa duula Badrii dhahame ceekuu isaa dhahan. Urwaan waa’ee dhahama tanaa yeroo himu; “ani ijoolummaa kiyyatti: dhahama qaawwa kanaa quba keessa naquun taphataa ture.” jechuun nuu odeesse.


Baniinsa Masrii
Amri Ibnu Aas yeroo Masrii banuuf qophaahe waraana 3500 (kuma sadihiifii dhibba shan) qofa qaba ture. Xiqqeenna waraana kanaatif amiira mu’mintootaa Umaritti xalayaa bareesseefii waraana akka ida’uuf gaafate. Umaris xiqqeenna waraana kanaatiif yaaddawee waraana sahaabdonni gurguddoon akka Zubeeyrii, Miqdaad binu Aswad, Ubaadaa binu Saamit, Maslama binu Mukallad fa’a ka keessa jiran, walititi qabee xalayaa bareesse itti erge. Qabiyyeen xalayaa sanii waaranaa kuma afur ergeefi, kan kumaa hundaa keessa tokkoon akka kumaa Zuubeeyir Binu Awwaam keessa jiruu fi hogganaa waraana ergameetifis ajajaan Zubeeyriin ta’uun keessatti ibsamee jira .

Zuubeeyiris yeroo Amri bira gahuu, waraanni Amrii jogola kuffaara Baabiloon cabsuu dadhabee, kaa marse arge. Innis waraana qooduun jogola irra marsee, lolaaf dheebotee, ji’a torba guutuu kuffaara lola sodaatee jogola keessaa gadi bahuu dide itti marsanii eegaa turan.

Zubeeyriinis dhibeen Koleeraa (Xaa’uun) naannoo san jiraachuu itti himnaan, “Koleeraa fi waraanalle waraanuuf dhufne.” jedhee socho’uu dide.

Amri baniinsa irratti turraan, Zubeeyri akkana jedhe: “an lubbuu too Rabbii fin kenna! wareegama kiyyaanis baniinsa akka nuuf arjoomu hawwa.” jedhee kortoo jogolatti hirkisee muslimootaan “yoo Allahu Akbar jechuu koo dhageettan na jalaa qabaa.” jedhee ajajee, mushriktootatti cabsuuf kortoo koree jogalarraa bahee gadi bu’e. Zubeeyris Allahu Akbar jedhaa guraadeen mushriktootatti kan gadi bu’aa jiru akkuma arganiin waraanni muslimaa, Zubeeyriin booda hedduminaan gara jogolaatti ol bahuuf kortotti ol kore.

Yeroo kana Amri kortoon hin cabdii shakkee, waraanaf osoo inni dhiphatuu, waraaanni muslimaa kan zubeeyri booda seenes Seeyfi luqqifatee Allah akbar jedhaa jogola keessa warra ruumiitin lolaa jogolatti gadi bu’e.

Ummanni Ruumis waraana muslimaatin marfamuu jaraa arganii, lolanii akka hin hinjifanne barraan harka kennatan. Haala kanaan Rabbiin muslima irra ansuu dhaan Mootummaa Baabilooni fi Masriitif sababa tahee, ummanni muslimaa irra aanee, injifannoo goonfate.

kutaa 4ffaan itti fufa inshaa'llaah.....
Forwarded from Islamicbot
Irra deebiiidhaan akka Rabbiin yaadannuuf

Sodaa kankee dhabeen
Diinii irraas fagaadhe
Na argita jedheen
Yoomin si saalfadhe
Guyyumaan guyyarraan
Badiitti jabaadhe
Badii hojjachuu male
Yooman si yaadadhe
Osuman sibeeku
Ansi irraan fadhe

Du'as numan beeka
Akka namni du'u
Du'anii kaafamuus
Utuman dhagahuu
Aakiraa dhaquunis
Hin hafu hundaa'uu
Kana nan amana
Mormuus hindand'uu
Hundaa osoon beekuu
Amanuu hin dan'dau

Hin beenna Hundinuu
Akka Lubbuun baatu
Guyyaa murtiin dhugaa
Dhuftee nurraan baatu
Gaafa sakaraan dhuftee
Kokkeetti rakkattu
Maliifiree garuu
Kan amanuun jabaatu

Kamiyyuu nin beeka
Qalbiin namaas beetti
Dukkannii fi Ifti
Eesaa wal - fakkatti
Dhugaa qabachuutu
Namatti jabaatti
Male eessaa dhugaan
Eessaa si baqatti

Qabriis nin beeka
Akkan ganaa ciisu
Akka ahiliin kankoo
Qophaatti nadhiisu
Dukkanni qabriis
Nuhin sodaachisuu
Utuu kana beekuu
Namnis badii hin dhiisu

Eee

Qiyaamaas ni beenna
Guyyaa gaafa murtii
Guyyaa ilmi namaa
Dirree maasharitti
Tokko kan hin hafin
Walgahu achitti

Guyyaa ilmi namaa
Qullaa isaa kaafamu
Akka gaafa dhalateetti
Quullaa isaa yaafamu
Dubbiin jabaachuu irraa
Wal hin yaadatamu

Guyyaa ilmi namaa
machaau of wallaalee
Dhugee osoo hinta'in
Azaaba san laalee

Guyyaa qabeenyi
sinfayyadne
Hojii ofii male

Rabbiin si haa maaru
Rahmata isaatiin
Aaaamiiiiiiiiiiin

Itti fufa 👌👎
@Nabiinaa
@Keyralumma
Sheerii wal-yaadachiisaa
namni of dagate
of haayaaadatu
2024/09/29 21:25:49
Back to Top
HTML Embed Code: