Telegram Web Link
#Haqiiqaa_Jiruu
Addunyaan keessa jiraannu kun fakkii magaalaa yoo taatu namni isii keessa jiraatu immoo fakkii nama daldalaati

Dachiin addunyaa kun fakkii magaalaati kana jechuun namni magaalaa deemu keessa deemee waan isii keessa jiruufi waan haaraa bitatee kan qabu immoo gurgurata.
Namtichi waa bituuf magaalaa deeme kun bakka waa bitu sanaa meeshaalee isaaf barbachisan walitti qabatee garuu akka booda qarshii isaa kaffalu ni beeka.
Kanaaf hisaabni fuuldura keenya akka jiru yeroo tokkollee fuula keenya duraa baduu hin qabu
Rabbiin warra guyyaa boriitiif qophaa'u nu haa taasisu.
irreecha.pdf
928.6 KB
Waa'ee irreechaa ilaalchisee shariyaan maal jetti dubbifadhaa yaa ikhwaanii.
Join
👎
@gababo
Social.media akka facebook, Whatssappii, instagiramii fi messenjerii guutummaa addunyaatti addaan cituu isaa miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jira.
Dhaamsa ykn wasiyyaa luqmaan ilma isaatiif dhaame keessaa
➡️ Yeroo salaata keessa jirtu #qalbii kee tiksi.
➡️ Yeroo nyaatarra jirtu taa'icha #teessuma kee tolfadhu
➡️ Yeroo Mana namaa keessa jirtu #ija kee tikfadhu
➡️ Yeroo nama waliin jirtu #Arraba kee tikfadhu.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
⚘⚘⚘⚘🌹🌹⚘⚘⚘⚘⚘⚘⚘⚘
@Abuhafsa 🌹
⚘⚘⚘⚘⚘⚘🌹🌹⚘⚘⚘⚘⚘⚘
■ Muka tokkittii irraa ija kibriitaa kumaatamatu tolfama. Kibriita ija tokkittiidhaan garuu bosona mukkeen miliyoona qabutu gubatee baduu danda'a.

■ Akkasuma dogoggorri yeroo tokko hojjettu waan gaarii waggaa hedduu hojjette balleessuu waan danda'uuf,
➬ Suuta jedhi!
➬ Tasgabbaa'ii itti yaadi!
➬ Ilaalcha gaarii qabaadhu!
➬ Hin dhiphatin!
➬ Waan hundumaafuu yeroon jira.


Share◈Share◈Share
👇👇👇👇👇👇👇👇
T.me/gababo
🔺JOIN🔺
@Abuhafsa
Ijji keenya Imimmaan kan dhabdeef wanta qalbiin keenya gogdeef, Qalbiin keenya kan gogdeef wanta yakki keenya baay'ateef.
Faayidaa Bismillaah jechuun qabdu

Bismillah Jedhanii jalqabun shira sheyxaanaa irraa nama tiksa.

Hadiisa Jaabir Ibn Abdillah irraa odeeyfameen, Ergamaa Rabbii ﷺ kan akkas jedhu dhaga’e jedhe

Namni tokko yeroo mana isaa seenuu fi yeroo nyaatus maqaa Rabbii waamee (Bismillaah) jedhee  yoo jalqabe, Sheyxaanni michuuwwan isaatiin ‘har’a iddoo bultii fi iddoo Irbaata irraa nyaatan hin qabdan’ jedhan. Yeroo  gara mana seenuutti immoo osoo maqaa Rabbii hin dhahiin yoo seene, Sheyxaanni michuuwwan isaatiin ‘iddoo bultii argatan’ jedhan. Yeroo nyaatuus yoo maqaa Rabbii osoo hin dhahiin (Bismillah) osoo hin jedhiin yoo nyaate, Sheyxaanni michuuwwan isaatin 'iddoo bultii fi irbaata irra nyaataanis argatan’ jedhanii jedhe.

Hadiisa kanarraa yeroo mana ol seenuu fi yeroo nyaata nyaachuu jalqabnu Bismillah jennee akka jalqabuu qabnu hubanna. Akkasumas nama osoo Bismillah hin jedhiin mana seenee fi nyaata jalqabe kan Sheyxaanni mana fi nyaata isaa waliin qoddatu tahuu hubanna.

@Abuhafsa follow godhaa
Nabiyyii (s.a.w) jaallachuun mallattoowwan baay’ee qaba.

Isaan keessaa:

1ffaa: Baay’inaan isaan faarsu fi salawaata isaan irratti buusuu.

Namichi waan tokko jaalate, waamicha isaa heddummeessa akkuma jedhamu.

2ffaa: Isaan arguuf dharra’uu, waan jaalalleen jaalallee ofii arguuf dharra’uuf.

3ffaa: Isaan kabajuu fi yeroo maqaa isaanii dhahan isaan kabajuu. Isihaaq (rahimahullaah) akkana jedhu: ‘sahaabonni nabiyyii (s.a.w) isaan booda maqaa isaanii yeroo dhahan sodaan guutamanii gogaan isaanii walitti butamaa fi ni boo'u turan.’

4ffaa: Nama isaan jibbe jibbuu, nama isaanitti diinometti diina ta’uu, nama faallaa sunnaa isaanii ta’ee fi diinii isaanii keessatti waan haaraa uume kan warra bid’aatii fi munaafiqootarraa fagaachuu.

5ffaa: Namoota isaan jaalatan kan akka maatii isaanii, haadha-manaalee isaanii, akkasumas sahaabota isaanii muhaajirootaa fi ansaarota jaallachuu, nama isaanitti diinometti diinomuu, warra isaan jibbanii fi arrabsan jibbuu.

6ffaa: Haala isaanii kabajamaa irraadhaaluu, waan haala akkaan kabajamaa ta’e qabaniif. Aa’ishaan (RA) akkana jetti: ‘Haalli ergamaa Rabbii (s.a.w) qur’aana ture.’

Kana jechuun waan qur’aanni isaan ajajeen ala hin hojjetan jechuudha.
Forwarded from Abuhafsa
Faayidaa Bismillaah jechuun qabdu

Bismillah Jedhanii jalqabun shira sheyxaanaa irraa nama tiksa.

Hadiisa Jaabir Ibn Abdillah irraa odeeyfameen, Ergamaa Rabbii ﷺ kan akkas jedhu dhaga’e jedhe

Namni tokko yeroo mana isaa seenuu fi yeroo nyaatus maqaa Rabbii waamee (Bismillaah) jedhee  yoo jalqabe, Sheyxaanni michuuwwan isaatiin ‘har’a iddoo bultii fi iddoo Irbaata irraa nyaatan hin qabdan’ jedhan. Yeroo  gara mana seenuutti immoo osoo maqaa Rabbii hin dhahiin yoo seene, Sheyxaanni michuuwwan isaatiin ‘iddoo bultii argatan’ jedhan. Yeroo nyaatuus yoo maqaa Rabbii osoo hin dhahiin (Bismillah) osoo hin jedhiin yoo nyaate, Sheyxaanni michuuwwan isaatin 'iddoo bultii fi irbaata irra nyaataanis argatan’ jedhanii jedhe.

Hadiisa kanarraa yeroo mana ol seenuu fi yeroo nyaata nyaachuu jalqabnu Bismillah jennee akka jalqabuu qabnu hubanna. Akkasumas nama osoo Bismillah hin jedhiin mana seenee fi nyaata jalqabe kan Sheyxaanni mana fi nyaata isaa waliin qoddatu tahuu hubanna.

@Abuhafsa follow godhaa
#Dubartii_gadaa_tanaa!

➥yoo ala baatu akkaan babbareechifattee, hafuura #shittoo fi #shaamphoottu irraa dhaha....garuu yeroo mana keessaa/Abbaa warraa biratti uf gadi dhiiftee hafuura #shunkurtii fi #shaanaattu irraa dhaha...!
➾Abbaan warraa kankee haqa guddaa sirraa qaba isaaf uf bareechutti si ajaja...!
Qeeqaaf osoo hin taane dhugaa jirtutu tana..Rabbiin nu haa qaceelchu.
Follow
@gababo
Forwarded from 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر (A͜͡b͜͡u͜͡-l͜͡m͜͡a͜͡n͜͡s͜͡u͜͡u͜͡r͜͡)
#Yeroo_jalqabaatiif_ayyaana_👏Mowlidii_eennutu_kabaje?

Ummatni yeroo jalqabaatiif ayyaana mowlidaa kabajuu eegalan ummata #Faaximiyyootaa(Shii'aa) turan...Gadaa bulchiinsa Nama shii'aa beekkamaa tokko kan maqaan isaa #Al-mu'izu lidiinillaahi jedhamuun biyya misraa keessatti eegale.
إذ أنَّ أولَ مَن احتفلَ بما يُسمى بالمولدِ النَّبوي هُم "الفاطميون الشيعـة" في عهد المُعز لدينِ الله الفاطمي الشيعي العبيدي الباطني، في مصر.
Achiin dura namoonni kunniin ayyaanota armaan gadii kabajaa turan;

➾Ayyaana seensa waggaa.
➾Ayyaana xumura waggaa.
➾Guyyaa #Aashuuraa.
➾Guyyaa dhaloota #Nabiyyii keenyaa (SAW).
➾Guyyaa dhaloota #Aliyyii(Radiyallaahu anhu).
➾Guyyaa dhaloota #Hasanii fi #Huseen(Rdiyallaahu anhum).
➾Guyyaa dhaloota #faaximata-zahraa'i fi kkfdha.
Join👉@tafak_or
Forwarded from 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر (A͜͡b͜͡u͜͡-l͜͡m͜͡a͜͡n͜͡s͜͡u͜͡u͜͡r͜͡)
#No_Mowlid

Warra Ayyaana Mowlidaa kabajuun #mowlidni Bid'aadha jettee isaan amansiisuuf yaalii godhuu mannaa..., haadha manaa tantee biratti #maatii 2ffaa/masaanuu dabalachuuf yaaddee...,mataduree kanarratti ishee amansiisuuf yaalutu irra salphata.
Join👉@tafak_or
Seenaa #MOWLIDAA

-Mowlida jechuun:- Iddoo fi yeroo dhalootaa ibsuuf yoo tahu,
Namoota biratti kan baratame immoo Mowlida jechuun Guyyaa Nabiyyuun Muhammad (Sallallaahu aleyhi wasallam) tahuu isaati. Sababa kanaafis, Guyyaan kun Sadarkaa Addunyaatti Muslimoota hedduun kabajama. "Mowlida Kabajuun Shari'aadhan ni hayyamamaa?" gaafii jedhuuf, Jalqaba Wanti tokko ni hayyamama jechuuf Allaahan Waan ajaje, yookin Nabi Muhammad - Sallallaahu aleyhi wasallam- Wan ajajan, Yookin immoo Sahaabonni Faana isaanii akka hordofnu ajajamne yoo dalagan yoo taheedha.

- Kanarraa yoo kaane Mowlida kabajuu:-
Allaah hin ajajne
Ergamaan Rabbii (Sallallaahu aleyhi wasallam) hin ajajne.
Sahaabonni hin dalagne
Imaamonni Afranis hin dalagne, hin beekanis... Maarree Akkamiin eegale kan jedhu-
Bara 461 A.L.H Biyya Misraatti Warroonni Shi'aa "Ubeeydotaa" jedhaman Taayitaa wayita qabatan Ummata Muslimaa biratti fudhatama argachuudhaf Ergamaa Rabbii (Sallallaahu aleyhi Wasallam) fi Ahlii isaanii ni jaalanna jechuuf kan eegalaniidha. Mowlida Nabiyyii qofa osoon taane walii galatti Mowlida 6 ture kan eegalan. isaanis:-
Mowlida Nabii
Mowlida Aliyyii
Mowlidaa Faaxumaa
Mowlida Hasan
Mowlida Huseeyn fi
Mowlida Hoogganaa isaanii turan.

* Warroonni Kunneen eenyu?
- Shi'aa "Ubeeydiyyoota" jedhaman yoo tahan, 'Faaximiyyoota', 'Qaraamixaawota', 'Ismaa'iliyyoota' jedhamuunis beekamu. Isaanis Qajeelfamoota bu'uura amantii kan diiganii fi Aliyyii (Radiyallaahu anhu), fi Imaamota keenya warra jedhaniin irratti daangaa kan dabran, Gabbartii Rabbiin ala waan jiraniif kan kennan, "Islaamummaan Ergaa ifaa fi dhoksaa qaba, Ergamaan Rabbii (Sallallaahu aleyhi wasallam) ergaa ifaa beekan, nuti immoo Isa dhoksaa beekna, isa hordofuun kufriidha" warroota jedhaniidha.

Kanumarraa ka'uudhan Nama Shari'aa Ergamaan Rabbii dhufeen ittiin hojjatu akka Kaafiratti ilaalun ajjeesuu fi horii isaa saamunis ni taha kan jedhan yoo tahu,

(... Seenaa Akkaan nama gaddisiisu...)
* Sababa kanaanis Naannawa bara 300 A.H tti fi sana boodas Muslimoota Sunnii Sirna Hajjiitif Addunyaa garaa garaa irraa gara Makkaa dhufaa turan ajjeesu fi saamun akka hin dhufne hambisaa kan turan yoo tahu, Bara 317 A.H tti immoo Dalagaa keenya irraa Toowbannee jirra jechuudhan gara Makkaa Seenanii Guyyaa Sirni Hajjii itti eegalu Zil- Hijjaa 8ffaa irratti Hoogganaan isaanii "Abuu Xaahir" jedhamu, Nama Makkaa keessatti argan hundumaa akka ajjeessan ajaja dabarseen, Hujjaajota Aalama irraa walitti qabaman Ihraamuma isaanii waliin gadi ciibsaa gorra'uudhan, Muslimoota 30,000 tahan fixanii reeffa isaanii qilee Zamzam fi bo'ii hunda keessatti gatuudhan, Kaa'ibaan Dhiiga Hujjaajotaan akka Laaqamu godhaniiru. Sana booda Hoogganaan isaanii Kaa'abaa balbala buqqisee gubbaa bahudhan "Rabbiin keessan kan Arba dhabamsiise Eessa jira Ana hoo maalif na ajjeessuu dhabe" jechaa dhaadataa, Hajara Aswadiin akka buqqisanii deeman hordoftoota isaa ajajuudhan, waggoota 20f duwwaa godhanii warroota turaniidha. Warroota Kanniini egaa Seenaa Xurii isaanii kana Sammuu Muslimootaa keessaa balleessudhafi Nabii fi Maatii isaanii ni jaalanna jechudhaf Mowlida kan eegalan.

Maarree Dhuguma Jaalalleewwan Nabii ti moo Diina isaaniti?!
Jaalalleewwan Dhugaa taanan Abuubakar, Umar, Usmaan, Aliin - Radiyallaahu anhum Mowlida hin beekan.

*Kanaafuu, Nuti baasa Haaraya Warroonni Rabbitti fincilan Uuman dhiisnee Jaalalleewwan isaanii dhugaa hordofuudhan Sunnaa isaanii haa hordofnuu...

-Haqa beeknee warra hordofu, Dharas beeknee warra irraa of eegu Allaahan nu haa taasisu!

@gababo
www.tg-me.com/gababo
Forwarded from Nuuralhudaa (Mohamedamin Hussen)
Bu'uura Gammachuu!

Gorsa Qur'aanaa fi Hadiisa ergamaa Rabbiiﷺ kan armaan gadii kana mee haa qalbeeffannuu!

Rabbiin-Subhaanahu wata'aalaa- akkana jedha:
(وَابْتَغِ فِيمَا آتَاكَ اللَّهُ الدَّارَ الْآخِرَةَ ۖ وَلَا تَنْسَ نَصِيبَكَ مِنَ الدُّنْيَا ۖ وَأَحْسِنْ كَمَا أَحْسَنَ اللَّهُ إِلَيْكَ...)


“Wanta Rabbiin siif kenneen ganda Aakhiraa ittiin barbaadadhu. Addunyaa irraayis qooda kee hin dagatin. Akkuma Rabbiin tola sitti oole, atis tola ooli...” Suuratu Al-Qasas 28: 77


Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhan:
"Eenyullee wanta harka isaatiin dalagatee nyaate caalaa nyaata gaarii gonkumaa hin nyaanne. Nabiyyiin Rabbii Dawud (aleyh salaam) wanta harka isaatiin dalagate irraa nyaataa ture." Sahih al-Bukhari

Harka namaa osoo hin eeggatin, harkuma keetiin carraaqii nyaadhu, akkuma Rabbiin fayyaa siif kennee, akka ati dalagattee arkattuuf tola sitti oolletti, atis rakkatatti tola ooli.

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
Ayyaana Mowlidaa barresaan Ibraahim Eda'oo.pdf
80.4 KB
Ayyaanaa mowlidaa bid'aa tahuu isaa ragaalee dhiyaatan
Forwarded from 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر (A͜͡b͜͡u͜͡-l͜͡m͜͡a͜͡n͜͡s͜͡u͜͡u͜͡r͜͡)
#Ayyaana_Faaximiyyootaa

➾Faaximiyyoota jechuun warroota Ulamaa'ii qaluun beekkame.
Faaximiyyoonni/Shii'aan Imaama beekkamaa tokko sababa inni sahaabaa Arrabsuu dideef jecha osoo Ruuhiin keessa jirtu gogaa irraa qalanii baasan😭😭😭

Ummata akkanaattu jaalala rasuula keenyaatiif ayyaaneffata.
#Imaamni_goonni_kun eennu laata ?
Seenaa isaa obsaan nu eeggadhaa.
Join👉@tafak_or
Arrabaa fi Balaa isaa
Arrabni kutaa qaamaa salphaatti socho'uu dalagaa akkaan ajaahibsiisaa ta'e hojjatuudha.
Badiin arrabni dhaqqabsiisu hedduu ulfaataadha. Sababa arrabaatiin namni wal dhaba. Maatiin addaan fottoqa. Sababa arrabaa gariin ol fuudhama. Gariin immoo sababa arrabaa xiqqeeffama, sadarkaan isaa gadi bu'a.
Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan.
"المر ا با صفره بقلبه والسانه"
Hiikni isaa "Eenyummaa fi sadarkaan nama tokkoo kutaalee qaamasaa xixiqqaa lamaaniin adda baha(Murtaa'a). Qalbii fi arraba isaatiin".
Kutaa qaama namaa keessaa balaa arrabni dhaqqabsiisu keessaa muraasa.
1. Arrabni socho'uuf kutaa qaama keessa isa salphaa hin dadhabneedha. Isa sochoosuun hin ulfaatu. Hojjachiisuuf dandeettii hin gaafatu. Sababa kanaaf salphumatti jechoota hedduuf fayyadamna. Balaa hedduu namatti fida.
Tanaaf balaa arrabaa irraa of haa eegnu
Ergaan itti fufa
#Follow
#Join👎👎👎👎👎👇👇👇👇
@gababo
T.me/gababo
Forwarded from Guyo Kana
Message from Dr Zakir
REASONS WHY WE SHOULD NOT CELEBRATE EID MILAAD UN NABI

Eid Milad is not in Islamic Shariah, it was later introduced by Shia Fatimid in Egypt.

Historians differed about the date of birth of Prophet SAW. Some said it's in Ramadan, some in Shabaan and Some said its in Rabi ul awal.

How can a Muslim rejoice and have party when on 12th Rabi al Awal our prophet died?

Birthday celebration have pagan roots. Celebrating birthdays is not allowed at all.

This celebration is neither from Sunnah nor Qur'an. Anything that is not part of these two can not be part of Islam... The Prophet SAW said, "Stick to my sunnah and the sunnah of my rightly guided Caliphs, beware of Newly invented matters, for every new matter is Bid'ah and every Bid'ah is misleading.
(Tirmizi 2676)"

Allah says in [Surah al Maidah 3].
"This day I have perfected your religion for you."
When Islam is perfect and complete then who gave the authority to these people to introduce new things in Islam?

Celebrating milaad is imitation of Christians and Jews. Jews celebrate birthday of Uzair, Christians celebrate birthday of Esa AS. while the Prophet Saw said, "Whoever imitates a people becomes one of them. (Abu Dawood)"

Prophet SAW said, "Be different from Mushrikeen. (Sahih Muslim)"

Prophet SAW said "Do not exaggerate in praising me."
حَدَّثَنَا مُحَمَّدُ بْنُ سِنَانٍ، قَالَ حَدَّثَنَا فُلَيْحٌ، ح وَحَدَّثَنِي إِبْرَاهِيمُ بْنُ الْمُنْذِرِ، قَالَ حَدَّثَنَا مُحَمَّدُ بْنُ فُلَيْحٍ، قَالَ حَدَّثَنِي أَبِي قَالَ، حَدَّثَنِي هِلاَلُ بْنُ عَلِيٍّ، عَنْ عَطَاءِ بْنِ يَسَارٍ، عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ، قَالَ بَيْنَمَا النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم فِي مَجْلِسٍ يُحَدِّثُ الْقَوْمَ جَاءَهُ أَعْرَابِيٌّ فَقَالَ مَتَى السَّاعَةُ فَمَضَى رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم يُحَدِّثُ، فَقَالَ بَعْضُ الْقَوْمِ سَمِعَ مَا قَالَ، فَكَرِهَ مَا قَالَ، وَقَالَ بَعْضُهُمْ بَلْ لَمْ يَسْمَعْ، حَتَّى إِذَا قَضَى حَدِيثَهُ قَالَ ‏"‏ أَيْنَ ـ أُرَاهُ ـ السَّائِلُ عَنِ السَّاعَةِ ‏"‌‏.‏ قَالَ هَا أَنَا يَا رَسُولَ اللَّهِ‏.‏ قَالَ ‏"‏ فَإِذَا ضُيِّعَتِ الأَمَانَةُ فَانْتَظِرِ السَّاعَةَ ‏"‌‏.‏ قَالَ كَيْفَ إِضَاعَتُهَا قَالَ ‏"‏ إِذَا وُسِّدَ الأَمْرُ إِلَى غَيْرِ أَهْلِهِ فَانْتَظِرِ السَّاعَةَ ‏"‌‏.‏

Narrated Abu Huraira:

While the Prophet (ﷺ) was saying something in a gathering, a Bedouin came and asked him, "When
would the Hour (Doomsday) take place?" Allah's Messenger (ﷺ) continued his talk, so some people said that
Allah's Messenger (ﷺ) had heard the question, but did not like what that Bedouin had asked. Some of them
said that Allah's Messenger (ﷺ) had not heard it. When the Prophet (ﷺ) finished his speech, he said, "Where is
the questioner, who inquired about the Hour (Doomsday)?" The Bedouin said, "I am here, O Allah's
Apostle ." Then the Prophet (ﷺ) said, "When honesty is lost, then wait for the Hour (Doomsday)." The
Bedouin said, "How will that be lost?" The Prophet (ﷺ) said, "When the power or authority comes in the
hands of unfit persons, then wait for the Hour (Doomsday.)"
Sahih al-Bukhari 59
Book 3 Hadith 1
Grade Sahih
via https://play.google.com/store/apps/details?id=com.quarterpi.hadithcollection
2024/09/27 13:21:25
Back to Top
HTML Embed Code: