Telegram Web Link
Oduu Hajjii ariifachiisaafi rifachiisaa
ሰበር መረጃ
*
Hajjii bara kanaa 1442 hij. namni hirmaachuu danda'u nama Suudii keessa jiru qofa akka ta'e Ministeerri Hajjiifi Umraa Suudii beeksiseera.

Namoota Suudii keessa jiran kanneen lammii Suudii ta'aniifi biyya alaa ta'an 60,000 qofaaf akka eeyyamamu ibseera. Isaanis warra kittibaatii koroonaa fudhatan qofa.

Kanaafuun dursee yeroo baay'ee "maallaqa keessan eeggadhaa; warri maqaa Hajjiitiin nama saamu baay'eedha" jedhee deddeebisee dubbataa ture. Hajjiin bara kanaa abdii guddaa akka hin qabnes ibsaan ture.
https://www.tg-me.com/glababor

==========
የዘንድሮው የ1442 H.C ሐጅ ከሳዑዲ ዓረቢያ ግዛት ውጭ ላሉ ዜጎች በሙሉ አይፈቀድም

በግዛቷ ውስጥ ለሚገኙ የውጭ ሃገር ዜጎችና የራሷ ዜጎች 60,000 ለሚሆኑት እና አንድ ወይም ሁለት ጊዜ የኮሮና ክትባት ለወሰዱት ፈቅዳለች።

በዚሁ አጋጣሚ ኤጀንሲዎችና የጉዞ ወኪሎች የዘንድሮው የሐጅ ስነ ስርዓት ያለ አስመስለው ተመዝገቡ ካሏችሁ እንዳትሸወዱ።

BREAKING Hajj1442 Announcement:

Ministry of Hajj & Umrah announces Hajj 1442 (2021) will be limited to residents and citizens of Saudi Arabia.

Number of pilgrims totalling 60,000 pilgrims, for residents of all nationalities and citizens inside the Kingdom of Saudi Arabia who have been vaccinated with 1 or 2 doses.
Forwarded from Faana beekumsaa
Oduu Gaddisiisaa
😭
Innaa Lillaah wainnaa ileyhi Raajiuun

Lammiile tenya nama 300 kan gahan Jabuutii irra gama Yaman imalaa oso jiranii dooniin bishaan kessatti garagalteenii hundi isaani du'an.
😢😢😢
© Riyaduljanna
@gaaddisa_dhugaa
Forwarded from andarge Ali
📜 Sunnaawwan jaallatamoo guyyaa jum'aa...15


➊➾Jalqaba rabbumaaf jecha jum'aa kana dhaqa jedhanii niyyachuu.
➋➾Qaama dhiqachuu.

➌➾ uffata bareeda uffatuu 👖

➍➾Shittoo/urgooftuu dibachuu{dhiiraaf}

➎➾ilkaan siwaakachuu.
➏➾Gara masjidaa yeroodhaan deemuu.
➐➾saffaawwan duraa qabachuu. Garuu nama irraan tarkanfachuufi nama cinquun hin ta'u.
➑➾raka'a lamaa tahiyyaa masjida salaatuu.

➒➾suuratul kahfiin qara'uu.
➊⓿➾ fuulaan gara imaamaa garagaluu.
➊➊➾kuxbaa callisaan dhaggeeffachuu.
➊➋➾Yeroo du'aa'iin itti qeebalmtu sana niyyaan eegachuu.
➊➌➾ salawaata nabiin irratti baay'essu guyyaaf halkanis.
➊➍➾ibaadaawwan akka sadaqaa,salaata sunnaa,zikrii,wal ziyaaruu, qur'aana qara'uu baay'isuu fi k.k.f.
➊➎➾salaanni jum'aa erga xumuuramee booda rabbiin zakkara gara dalagaa deemuu.

#⃣ rabbiin hundaa walitti nuu haa qabu
#Maaltu nama bareecha?

#ijji namaa dubbisa keeyriitiin tolti.

#Arrabni namaa haasaa irra callisuuni bareeda.

#Dubbiin namaa yoo dhugaa dubbatan bareeddi.

#Sammuun namaa xiinxallaan bareeddi.

#Arrabaa fi Qalbiin zikrii rabbiitini bareeddi.

#Jireenyi namaa waan keeyrii hojjatu irratti gadi dhaabbatuun bareeddi.

#Amalli ilma namaa galata rabbiitifii galata ilma namaatiis beekuuni bareeddi.

#Rabbiin waan nama bareechu hundaan nu haa bareechu.

#Rabbin nu jaalate, wal nuhaa
jaalachiisu.

#Allaahumma_salli_wa_sallim_alaa_sayyidinaa_Muhamed
Bu'aa sodaan Rabbii nuuf qabu:
************
1. Namni barumsa barbaade Rabbiin haa sodaatu.
"Rabbiin sodaadhaa Inni isin barsiisa." (Albaqaraa)
2. Namni rizqii barbaade Rabbiin haa sodaatu.
" Namni Rabbiin sodaatu (Rabbis) karaa bahiinsaa isaaf godha. Bakka inni hin yaadin irraayi isa soora. Nama Rabbi irratti hirkatuuf Inni isaaf ga'aadha." (Axxalaaq:2-3)
3. Namni rakkoon isarraa laaffifamuu fedhe Rabbiin haa sodaatu:
"Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha." (Axxalaaq:4)
4. Namni dhugaafi dharri adda isaaf ba'uu barbaade Rabbiin haa sodaatu:
"Yoo Rabbiin sodaattan Rabbiin dhugaafi dhara adda baasaa isinii kenna."
5. Namni aakhiraatti bilisa ba'uu fedhe Rabbiin haa sodaatu:
"Ergasii warra Rabbiin sodaatan bilisa baafnee zaalimoota ibidda keessatti jilbeenfachiifnee hambifna."
6. Namni jannata barbaade Rabbiin haa sodaatu:
"Jannatattii kana gabroottan keenya irraa warra Rabbiin sodaatan dhaalchifna."
7. Namni jaalallee Rabbii ta'uu barbaade Rabbiin haa sodaatu:
"Dhagayaa! Dhugumatti, jaalalleen Rabbii sodaan isaan irra hin jiraatu; isaan hin gaddanis. Isaan warra amananii, (Rabbiin) sodaachaa turaniidha. Isaaniif jireenya addunyaa keessattis ta’ee kan Aakhiraa keessatti gammachuutu jira. Jechoota Rabbii jijjiiraan hin jiru. Sun isumatu milkii guddaadha." (Ahzaab: 62-64)
8. Sodaan Rabbii dhaamsa Rabbiin warra duriitiifi warra ammaatiifis dhaameedha.
"Dhugumatti warra isin dura kitaaba fudhataniifi isiniifis Rabbiin sodaadhaa jechuu dhaamnee jirra." Annisaa'i:
https://www.tg-me.com/gababo
Yeroo hunda gaarii yaadi, gaarii hojjadhu.
Kun seenaa gorsa guddaa qabu waan ta'eef barruu Afaan biraa irraa dubbiseen isiniif hiike. Obsaan dubbisii barnoota irraa fudhu. Dargaggoon tokko waa'ee abbaa isaa akkana jechuun ibsa: Abbaan kiyya osoon ibsaa hin dhaamsin anaa ala jiruu yoo kutaa kiyya seene "Maaliif akkas ibsaa qisaasta?" jedha.
Yeroo mana fincaanii seenee bishaan coccophu arge "Maaliif boombaa sirriitti cufuu dhiistee bishaan qisaasta?" Jedhee na qeeqa.
Yeroo hunda waan guddaa fi xiqqaa irrattis na qeeqa!
Yeroo dhukkubsatee ciisullee na qeeqa!
Osoon haala kana keessa jiruu guyyaa tokko carraan hojii an yeroo dheeraaf eegaa ture dhaabbataa guddaa tokko irraa waan naaf argameef jireenya kiyya keessatti yeroo jalqabaatiif interview dhaaf Qophaa'ee ka'e.
Onnee koo keessa yoon hojii kanaaf dorgomee darbe gonkumaa xuxxuqaa/qeeqinsa abbaa kiyyatti hin deebu'u jedhaan bahe!
Yeroo ani ganama bariin uffata bareedaa uffadhee, urgeeffadhee bahu abbaan koo gateettii koo harka isaatiin dhahe.
Yeroo ani milladhee ilaalu abbaan kiyya ni seeqata. Kanumaa wajjiin Mallattoon dhukkubbii immoo fuula isaa irraa mullata!
Maallaqa wahii naaf kennee akkana naan jedhe:
"-Nama gaarii yaaduu fi gaarii hojjatu tahi,
- ofitti amani,
- gaaffii kamiifuu harka hin kennin/hin sodaatin" naan jedhe.
Qalbii kiyya keessa "Sa'atii gammachuu kootii kana keessalle na gorsuu hin dhiisuu! Gammachuu koo narkatti booressuufimoo? Jedhaan gorsa isaa fudhee deeme... Yeroon deemee seensa dhaabbatichaa irra gahu wanti raajiin na mudate!!! Waardiyyaas ta'ee namni keessummaa simatu hin jiru! Barreeffama/akeeka iddoo interview akeeku qofatu jira!!!
Yeroon mooraa ol seenu qabattoon balbalaa/ulaa miidhamee iddoo isaatii sochoo'we jira.
Dhaamsa abbaan koo yeroo an bahu naaf dhaame (gaarii hojjadhu... isa jedhu) yaadadheen qabattoo ulaa iddoo isaatti deebisee darbe. Qajeelfama karaa irra jiru hordofaan gara kutaa interview deemuu jalqabe. Osoon deemuu hoyruu keessatti kuusaa bishaanii guutee dhangala’u arge. Kan abbaan koo duraan bishaan hin qisaasin jedhee na qeequ yaadadheen bishaan sana kuusaa bishaanii isa tokkotti waraabee, hir’isee darbe!
Ammas deemsa kiyya ittin fufe. yeroon gamoo irra olbahu ampuulii hedduu kan lafa guyyaa ibsamee jirun arge. Isa abbaan koo yeroo hunda ifaa hin qisaasin jedhee natti himu yaadadheen ifaa sana dhadhaamsee iddoo interview seene!
Deemee maqaa kiyya galmeesseen taa’e. Yeroo ani taa’u warri anaa waliin dorgomuuf ta’anii dabaree eeggatan akkataan uffannaa fi babbareeffannaa isaanii waan addaati!
Gariin isaanii Yuuniversitii Amerikaa irraa waan eebbifamaniif isaan of-dhaadu!
Kan ilaaleen gadi aantummaan natti dhagahame!
yeroo ani taa’ee ilaalu namoonni interview dhaaf seenan hunduu osoo daqiiqaa hin guutin bahu!!! Waan raajii mitii!!!
Jarri kunuu osoo qoophii kana hunda qabanuu fudhatamuu didanii ani fudhatamaa??!! jedheen of gaafadha!
Osoo kufte naan hin jedhaminin kabajaa kootiin dorgommii kana dhiisee baha jedheen yaade!
Anaa bahuuf iddoo kiyyaa ka’ee na waaman. Ol seeneen fuuldura nama sadi’ii taa’e.
Na ilaalanii seeqatan!
Raajii dhufaa jiru eegi…! “inni tokko yoom hojii eegalta” naan jedhe!!! Rifadheen dhamahe! yookii natti qoosaa jiru, yookii immoo inni kun gaaffii interview keessaa isa tokko jedheen fudhe. Achumaanan gorsa abbaa kootii kan qormaata tokkoofuu akkan harka hin kennineef nama ofitti amanu akkan ta’u kan inni naaf dhaamen yaadadhe.
Ofitti amantummaadhaan “Yeroon qormaata ofkole” jedheen deebise. Inni tokko “Qormaata dabartee jirta, wanti hunduu xumurameera” jedhe!!! “Namni tokkollee isin keessaa kan gaaffi na gaafate hin jiruuhoo akkamitti?”n jedheen! Inni sadaffaan “Gaaffii qofaan ogummaa/gahumsa madaaluu akka hin dandeenye sirriitti hubannee jirra, kanaaf hojiin nama madaaluu murteessine” jedhe!!!
Kanuma irraa ka’uun qormaata hedduu kan amala namootaa fi hangam qabeenya dhaabbatichaa manca’iinsa irraa akka eegu mirkaneeffannuun qopheessinee keenyee jirra. Namni wanta badaa jiru kan nuti beekaa goone sana sirreesse si qofa!!! Kana immoo kaameeraa to’annaatiin hordofaa turre jedhan!!! Dorgomaankun akka
na jedhe: “Yeruma sana waa’een interview, waa’een ramadamuu fi wanti kamillee fuula koo duraa dhokatee fuulli abbaa kiyyaa na dure dhufe!!!” “Hojiin abbaa kootii sun gubbaan isaa qalbi-jabeenyaa fi goggogina fakkaata, garuu keessoon isaa Rahmata (Gara-laafina), jaalalaa fii laphe bahaa ta’uun naaf gale”!!! kana irraa akka ergaa guddaa fudhattan abdiin qaba.Yeroo Hunda Gaarii Yaaduu fi Gaarii Hojjachuun Aadaa Nuuf Haa Ta’u, Booddeen Isaa Numa Fayyada.
Galatoomaa!!
Follow
www.tg-me.com/gababo
🌹🌹Ud-hiyyaa 🌹🌹

🌿Ud-hiyyaa jechuun:- Qalmaata ji'a Zulhijjaa guyyaa khurnaffaa irraa kaasee hanga guyyaa Ayyaama Tashriiq ( hanga guyyaa 13ffaa tti Sababa Rabbitti dhihaachuuf jecha horii manaa kan akka Gaalaa, Re'ee fi Hoolaa tahan keessaa filachuun Sirna Rabbiif jecha qaluu jechuu dha.
🌹Sirni Ud-hiyyaa Sunnaawwan Ibaadaa akkaan jajjaboo tahan keessatti Ramadama.

Rabbiin ol tahe akkana je’a:- Rabbii keetiif Salaati, Isaaf Qali. Al-Kawthar 2

Rabbiin ol tahe akkana je’a: Jedhi:-
(قُلۡ إِنَّ صَلَاتِی وَنُسُكِی وَمَحۡیَایَ وَمَمَاتِی لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَـٰلَمِینَ)
[Surah Al-An'am 162]
Salaanni kiyya fi qaliinsi kiyya fi, jiruun tiyya, fi duuti tiyyaa Allahaa gooftaa aalamootaa tiifi jedhi yaa Muhammad(SAW).

Akka sahiiha bukaariitiif muslim keysatti galmaa'e. Anas bini maalik R.A. irraa odeeffametti: Ergamaan Rabbii ﷺ. korbeessa lama tan buburree taate harka ifiitiin qalan, " BISMILLAAHI ALLAAHU AKBAR " irratti je'anii, Miila isaaniitiin cinaa mormaa irraa dhaabbatanii, je'a.

🌹Yeroo Qalamu Maqaa Rabbiitiin Rabbiif jecha qalama.
🌹Guyyaan Qalmaata Ud- Hiyyaatiis erga Salaanni iidaa xumurame booda guyyaa Qalmaataa ykn yoowmu Nahar guyyaa 10ffaa irraa hanga guyyoota Ayyaamu Tashriiq guyyoota 11ffaa, 12ffaa fi 13ffaa seensa Aduutti jechuu dha.
🌹Horii manaa gatiin qaalii, Foon haalaan qabanii fi Aybii irraa qulqqulluu tahan qaluun irra caalaa dha. Namni Ud-Hiyyaa Qaluuf niyyate Ifiifiis irraa nyaatee, maatii isaatiis nyaachisee, fira, Aalii fi Jaallan isaa afeeruu fi Miskiinaaf hiruun isaaf jaalatamaa dha.
Haadhaa Abbaa isaa Aakhiramaniifiis ajriin isaaniif haa geeysu je'ee maqaa isaaniitiin niyyatee qaluu ni dandaha.

🌹Horiin manaa Ud-Hiyyaaf qalamu:
🐪Yoo Gaala tahe, amata 5 guute,
🐂Yoo Horii yoo tahe Sa'aa fi
Korma amata 2 guute,
🐐Yoo Re'ee tahe kan amata 1 guutee fi
🐏Yoo hoolaa tahe ammoo baatii 6 dabran yoo tahan qalmaata Ud-Hiyyaatiif ni gahan jechuu dha.

🌹 Qalmaanni horii manaa ijji ballaa, dhukkubsataa ykn Okkolaa yoo tahe Ud-Hiyyaaf hin tahu. Kan gurri ykn Eegee muraa tahee fi ilkeen hundi irraa harcaate tahe isaan kana qalmaata Ud-Hiyyaatiif dhiheeysuun jibbamaa dha.

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana jedhan:- Beeyladaa gosti afur ud-hiyyaa godhuuf hin taatu: 1.Ballaa tan ballummaan isii ifabaate,
2.Dhukkubsattuu tan dhukkubni isii ifa baate,
3. Okkoltuu tan okkoliinsi isii ifa baatee fi
4.ullattii dhukha hin qabne

🌹Gabrichi (Gabrittiin) qalmaata Ud-Hiyyaa qaluuf niyyate/tte yeroo baatiin seente irraa jalqabee rifeensa isaatii fi qeensa isaa murachuus tahee, haaddachuu ykn gabaabsuun hin hayyamamuuf.

Seerri kun nama Ud-Hiyyaa Qalu qofa laallata. Seerri kun maatii nama Ud-Hiyyaa qalaniis hin laallatu.

Nama Ud-Hiyyaa qaluuf niyyate kun ifiif kan qaluus yoo tahee fi yoo nama biraatiin bakka bu'aan qalchiise tahuus namni Ud-Hiyyaa qaluuf karoorfate isa waan taheef seerri kun isa laallata. Nama bakka bu'aa tahee qaluus seerri kun isa hin laallatu.

Ummu Salamaah ( RA) akka Ergamaa Rabbii ﷺ irraa Odeeysitetti " Ergamaan Rabbii ﷺ " Tokkoon keeysan yoo Ud-Hiyyaa Qaluuf niyyatanii fi baatii Zulhijjaa isii dhalatte gartan Qeensa keessanii fi Rifeensa keessan gabaabsuu irraa haa if qusatu." Jechuun dubbate. ( Muslim )

Rabbiin Warra irraa fayyadamu nu haa godhu.
*Emotional story and a reminder that may make u cry :*

-)Don't ever be sad Allah knows :

A King had a male servant who, in all circumstances always said to him; My king, do not be discouraged because everything God does is perfect, no mistakes. One day, they went hunting and a wild animal attacked the king, the servant managed to kill the animal but couldn't prevent his majesty from losing a finger. Furious and without showing gratitude, the King said; if God was good, I would not have been attacked and lost one finger. The servant replied, 'despite all these things, I can only tell you that God is good and everything He does is perfect, He is never wrong'. Outraged by the response, the king ordered the arrest of his servant. While being taken to prison, he told the king again, God is Good & Perfect. Another day, the king left alone for another hunt and was captured by savages who use human beings for sacrifice. On the altar, the savages found out that the king didn't have one finger in place, he was released because he was considered not "complete" to be offered to the gods. On his return to the palace, he ordered the release of his servant and said; My friend, God was really good to me. I was almost killed but for lack of a single finger, I was let go. But I have a question; If God is so good, why did He allow me to put you in prison? His servant replied; My king, if I had not been put in prison, I would have gone with you, and would have been sacrificed, because I have no missing finger. Everything God does is perfect, He is never wrong. Often we complain about life, and the negative things that happen to us, forgetting that everything happens for a purpose. God knows why you are reading this message today,God is good and perfect!! dear Reader a good attitude will determine your altitude. When you look at your life, career, job or family life, what do you say? Do you praise God? Do you blame the Satan? A good attitude towards God makes Him move on your behalf. Just sit down today and say Alhamdulillaah I had a peaceful sleep, Alhamdulillaah I am alive with possibilities, Alhamdulillaah I have a roof over me, Alhamdulillaah I have a job, Alhamdulillaah I have Family and Friends. Above all, Alhamdulillaah I have God in my life . Be blessed and don't be envious or shocked when others are prospering because you don't know what they have been through to get there (test, trials and tribulation) so thank God for what you have. "Little is much when God is in it. It Is Well With God's grace.

-) My dear brothers and sisters in Islam :

Never get disappointed when things happen outside your expectation. Remember that the greatest glory in life is rising when you fall. Be strong and have faith. No matter how dark it looks, no matter how long it has been, Almighty God will always finish what He has started . Life is always a challenge, but Almighty God sustains us all. May peace, mercy and blessings of Almighty God ﷻbe upon you All;

-) Jazaakallaahu Khairan for Reading:

Follow us
www.tg-me.com/gababo
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
* Assalaamu Aleeykum Wa rahmatullaahi wa barakaatuhuu.

Hordoftoota amanti Islaamaa, kan bahaa kan dhihaa, kan kaabaa kan kibbaa hunda, baga Ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) kan bara 1442fatiin nagaafi gammachuun isin gahe, nu gahe. Kan baranaa kan bara egeree dacha dachaan warra itti deebi’u Rabbi nu haataasisu.
Forwarded from Jemal Sheikh Bakri
Namticha hayyuu tokko akkana jedhanii gaafii gaafatan.

«Sa maaliifi Fajriin/bariin ganamaa yeroo bari'u maaliif Akkasitti bareeda? » jedhamee gaafatamnaan.

Yeroon san hafuura munaafiqaa irraa qulqulluu waan taateefi jedhee deebiseef.

Akkas jechuun munaafiqoonni ganama lafaa ka'uu hin danda'an, ni rafan saniif hafuura isaanirra bilisa.

«Yaa Rabbi munaafiqummaa jalaa najaa nu baasi»
@JemalSheikhBakri1
Daandii Milkii(Jennataa):
"" #Yesus #Dhuguma #Cubbuu #ilma #namaa #baadhateeraa???"""

Osoo Mata dureetti hin seenin dura. #Cubbuu jechuun maal jechuudha?

#Cubbuu jechuun #Waan Rabbiin itti ajaje raawwachuu dhiisuu fi #Waan inni irraa dhorke ammoo raawwachuu dha.

Erga kana ta'ee namni kamiyyuu yakka mataa isaa malee kan nama biraatti hin gaafatamu.

Cubbuu warri kiristiyaanaa Yesustu nuuf baate jedhan sun hoo maalidha?

#Cubbuu isaan jedhan kun Kan #Abbaan #keenya #Aadamii fi #hawwaan ajaja Rabbii diiganii Muka jannata keessaa sana nyaatanidha.

Egaa akka isaan jedhanitti Cubbuu isaan dhaalle jedhan sana kan baadhatef #Yesusi dha.

🎤 Jalqaba #Cubbuun dhaalamu hin jiru #Cubbuun #gosaan/zariin darbu hin jiru.

#Cubbuun #dhukkuba #Sukkaaraa; #Saayinesii yookan HIV miti kan abbaa irra ilmatti yookan gosaan daddarbuuf.

🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀

Kana irratti Qur'aanni akkana jedha.
تِلۡكَ أُمَّةٞ قَدۡ خَلَتۡۖ لَهَا مَا كَسَبَتۡ وَلَكُم مَّا كَسَبۡتُمۡۖ وَلَا تُسۡ‍َٔلُونَ عَمَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
""" Dhugumatti isheen sun ummata dabarte Isheedhaaf mindaa waan #oomishteetu jira; #Isiniifis mindaa waan #oomishtaniitu jira. #Isinis waan isaan #hojjataa #turan irraa #hin #gaafatamtanu." Al baqarah: 134)
مَّنِ ٱهۡتَدَىٰ فَإِنَّمَا يَهۡتَدِي لِنَفۡسِهِۦۖ وَمَن ضَلَّ فَإِنَّمَا يَضِلُّ عَلَيۡهَاۚ وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٞ وِزۡرَ أُخۡرَىٰۗ وَمَا كُنَّا مُعَذِّبِينَ حَتَّىٰ نَبۡعَثَ رَسُولٗا
"" #Namni #qajeele, kan inni qajeelu #matuma #ofiitiif qofa. #Namni #jallates, kan inni jallatu #ofuma irratti #Lubbuun #ba’aa #baadhattu kamilleen #ba’aa #lubbuu biraa hin #baadhattu. Hanga ergamaa erginutti kan adabnus hin taane." ( Al Israa: 15)

وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٞ وِزۡرَ أُخۡرَىٰۚ وَإِن تَدۡعُ مُثۡقَلَةٌ إِلَىٰ حِمۡلِهَا لَا يُحۡمَلۡ مِنۡهُ شَيۡءٞ وَلَوۡ كَانَ ذَا قُرۡبَىٰٓۗ إِنَّمَا تُنذِرُ ٱلَّذِينَ يَخۡشَوۡنَ رَبَّهُم بِٱلۡغَيۡبِ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَۚ وَمَن تَزَكَّىٰ فَإِنَّمَا يَتَزَكَّىٰ لِنَفۡسِهِۦۚ وَإِلَى ٱللَّهِ ٱلۡمَصِيرُ
""" #(Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) #badii lubbuu #biraa hin #baadhattu(Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamuKan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidha. #Namni (badii irraa) of #qulqulleesse, #kan inni of #qulqulleessu matuma isaatiifi Deebi’iinsi garuma Rabbiiti"". (Al Faazir: 18)
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀

Haaluma wal fakkaatuun macaafnis cubbuu nama tokkootti namni tokko akka hin gaafatamne yeroo ibsu akkana jedha.

" #Lubbuun #isa #cubbuu #hojjetuu #haa #du'u! #Ilmi yakka #abbaa hin #baatin! #Abbaanis yakka #ilmaa hin baatin! #Qajeelinni #nama #qajeelaa #isumaaf haa #lakkaa'amu! #Jal'inni nama #jal'aas #isuma #irraa haa #barbaadamu!"
(Macaafa Hisqi'el Raajichaa 18: 20)


" " #Garuu namni ija waynii dhangaggaa'aa nyaate hundinuu, ilkaanumti ofii isaatii in hadooda; #namni #yakke hundinuu #yakkuma #ofii #isaatiitiif in #du'a."
(Macaafa Ermiyaas Raajichaa 31: 30)
" #Namni #adduma $addaan #cubbuu #ofii #isaatiif haa #ajjeefamu malee, #abboonni #ilmaan isaaniif #hin #ajjeefamin, #ilmaanis #abboota isaaniif #hin #ajjeefamin! "
(Seera Keessa Deebii 24: 16)
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
# Yesus ofii isaatii #Cubbuu keessaniin duutu jedhee ifatti isaanitti himeera.

" Ammas Yesus, " #Ani #nan #adeema, isin ana #barbaaduuf #jirtu; iddoo ani #dhaqus dhufuu #hin #dandeessan, kanaaf #cubbuu #keessaniin in #duutu" jedhee isaanitti dubbate."
(Yohannis 8: 21)
🎤🎤🎤🎤🎤🎤🎤

Egaa hordoftoota keenya amantaa kiristiyaanaa Cubbuu keenya #Yesus nuuf baadhate jettanii of hin gowwoomsiinaatii lubbuu keessan gara ifa islaamummaatti baasaa jechuun waamicha keenya.

Macaafni cubbuun akka hin dhaalamne dubbata.
Macaafni namni yakka dalage hundinu yakka isaatti haa gaafatamu jedha.
Macaafni Yesus cubbuu keessan fudhattanii duutu jedhee akka dubbate ibsa.

Kanaafuu sin maaliif lubbuu keessanis hawaasa keessanis gowwomsitu?

@Saahibuddiin28
@Gababo
#Waan_dhabde_hin_qabdu!
Abdallaah ilma Amrii (ra) irraa odeeyfamee Rasuulli (ﷺ) waan je'e "Waa Afur(4) hoggaa si keessatti ta'e Duniyuma tanarraahuu waan dhabde hin qabdu.
1. Dhugaa dubbachuu.
2. Amaanaa tikfachuu.
3. Haalaa fi Amala toluu.
4. Halaal nyaachuu fi dhuguu.
(Sahiihul Jaami'i)

Tana argachuun yoo ilaalan salphaa fakkaatti. Garuu, dubbii jabduudha. "Nama taa'uuf Samiin dhiyoodha" akkuma jedhan san yoo taate malee nurraa fagoo jirti. Mee Dhugaa dubbachuu dandeessaa? Amaanaa hoo tiikfattaa? Halaal nyaattee dhugaa jirtaa? Namaa wajjiin Haalaa fi Amala gaariin jiraachaa jirtaa? Ollaan kee, Hiriyaan kee si biratti maal fakkaata?

Umar-alfaaruq (ra) "Osoo Rabbiin isin hin qoranneen duratti, Lubbuu teeysan qoradhaa" je'e.
Channel photo updated
Ikhlaasni Maali?
****
Ikhlaasa jechuun waan hojjattu hundaanuu fuula Rabbii barbaaduudha. Namni ikhlaasa qabu akka wanti Rabbiin biraa waan uumama bira jiruhunda irra caalu sirriitti beeka. Kanaafuu kabajaafi bu'aa addunyaa barbaachaaf jecha dalagaa khayrii hin dalagu. Wanti uumama biraa akka baduu fi kan Rabbii hafaa akka ta'e ni beeka. Rabbiin ni jedhe:
{ مَا عِنْدَكُمْ يَنْفَدُ وَمَا عِنْدَ اللَّهِ بَاقٍ وَلَنَجْزِيَنَّ الَّذِينَ صَبَرُوا أَجْرَهُمْ بِأَحْسَنِ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ (96)} [النحل: 96]
"Wanti isin biraa ni dhuma. Wanti Rabbiin biraa immoo hafaa dha. Isaan obsaniif mindaa isaanii irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina" (An-nahl: 96).
Namni kana beeke immoo hojiin isaa hundinuu kabajaa nama biraa barbaacha ta'uu bira tarti; akkasumas faayidaa duuniyaa duubatti dhiifti. Fedhii lubbuutiin deemuu irraas ni duroomti. Sawaabuma Rabbii barbaacha qofaaf jecha hojjata. Rabbiin ni jedhe:
{مَنْ كَانَ يُرِيدُ الْعَاجِلَةَ عَجَّلْنَا لَهُ فِيهَا مَا نَشَاءُ لِمَنْ نُرِيدُ ثُمَّ جَعَلْنَا لَهُ جَهَنَّمَ يَصْلَاهَا مَذْمُومًا مَدْحُورًا (18) وَمَنْ أَرَادَ الْآخِرَةَ وَسَعَى لَهَا سَعْيَهَا وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَأُولَئِكَ كَانَ سَعْيُهُمْ مَشْكُورًا (19)} [الإسراء: 18، 19]
"Nama (duniyaa) jerjertuu taate kana fedhu, ishee keessatti nama feeneef waan feene jerjersina. Ergasii Ibidda jahannam arrabsamaa, darbamaa ta’ee kan seenu isaaf goona. Nama Aakhiraa fedhee haala dhugoomsee jiruun hojii ishee isiif hojjate, warra san hojiin isaanii galateeffatamaa ta’eera" (Al-israa'i:18-19).
Kana jechuun ilmi namaa waan hojjatu kam keessatttuu gara uumamaa dhiisee gara Rabbii qofa ilaaluu qabaadha. Yoo ikhlaasni bade hojiin hojjatamee dalagaa gaarii ta’uu irraa baha.
✺Uweyis Alqaraniin Rabbi Rahmata isaaniif hagodhuu Akkana jedhu:
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱

=⊱Utuu Amma Namni tokko ka'ee Aduwwii isaatiin wolloluuf Utuu deemuu
Kaabbaan ykn kobbortaan lolaa ittii ulfaannaan Ofirraa baasee darbee ykn gatee!!

=⊱Sayifiinsaas itti ulfaannaa isas darbee gatee!!

=⊱Nyaataafi dhugaatiin inni qabatee deemaa jirus itti ulfaannaan isas gatee!!

=⊱Harka duwwaa kan sayifii hin qabne
kan kobbortaa woraanaa hin qabne
kan nyaataa dhugaatii hin qabne beela'aan dheebotaan kun Aduwwii ykn Xalaata isaatiin wol qunnamee Xalaata isaa kana ni injifataa?!!

👌Akkuma kanagaa
Namni
=⊱Zikrii jechuun itti ulfaannaan Ofirraa dhiise

=⊱Ibaadaa Sunnaan waajiba boodaan hojjatan itti ulfaannaan Ofirraa dhiise!!
=⊱Salaata Waajibaa yeroodhaan Salaatuu dhiisee yeroo erraa dabarsee salaatu!!

=⊱Waan sheri'aan erraa Nama dhowwiturraa dhowwamuu kan dadhabe!!

➲Waan Amma dubbanne kana hunda Eega woliin dhahee baballeessee booda

➠Jiruun Hammaatte
➠Qalbiin Nuggoggogde ➠Nafsiyyaafi sheyixaanni Numohatte jedhee kan dubbatu

◉Namni Akkanaa kun Nama faayidaa hin qabne

=⊱Nama
Utuu xalaannisaa lafaan dhahee isa hin kuffisi Ofii isaatiif Lafatti Of Kuffise jedhama jedhu!!

✿Obbooleewwan koo
Nutimmoo Akkamitti jirra Laata Haalli keenyaoo Akkam Fakkaata Adaraa of ha'ilaallu

◉Obboleewwan Islaamaa
➲Barnoota babbareedaa
waan isiniif dabarsaa jirruuf
Chaanaal keenya join godhachuu dhaan Nuhordofaa
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣www.tg-me.com/gababo
Yaada keessan nuun gahaa
@AbuhafsaBot
‏قال الفضيل بن عيــاض رحمــــه اللـهُ:

يجيءُ في آخر الزَّمان أقوَامٌ يَكونُونَ إخوانَ العَلانِيَة أعدَاءَ السَّريرَةِ.
༆(☞ ͡° ͜ʖ ͡°)☞«Zamana boodaa ummata gubbaan Obboleessaa.. keessaan garuu bineensaattu dhufa».
#𝙵𝚞𝚍𝚎𝚢𝚕𝚒_𝚋𝚒𝚗𝚞_𝙸𝚢𝚊𝚊𝚍
[ سير السلف ( ١٠٣٣ )]
#Share
𝙹𝚘𝚒𝚗👇
@gababo
I'm listening to: 114 An-Nas
حَدَّثَنَا الْحَسَنُ بْنُ عَلِيٍّ، حَدَّثَنَا عَبْدُ الرَّزَّاقِ، أَخْبَرَنَا مَعْمَرٌ، عَنِ الزُّهْرِيِّ، عَنْ أَبِي سَلَمَةَ، عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ، عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ ‏"‏ مَنِ اتَّخَذَ كَلْبًا إِلاَّ كَلْبَ مَاشِيَةٍ أَوْ صَيْدٍ أَوْ زَرْعٍ انْتَقَصَ مِنْ أَجْرِهِ كُلَّ يَوْمٍ قِيرَاطٌ ‏"‏ ‏.‏
Narrated Abu Hurairah:
The Prophet (ﷺ) as saying: If anyone gets a dog, except a sheeping or hunting or a farm dog, a qirat of his reward will be deducted daily.
Sunan Abi Dawud 2844
Book 17 Hadith 1

via https://play.google.com/store/apps/details?id=com.quarterpi.hadithcollection
#Waan_dhokatetu_caala!
للأسف نحن نعيش في زمن إن سمعوا عنك خيراً أخفوهُ، وإن سمعوا عنك شراً أذاعوهُ، وإن لم يسمعوا عنك أي شيء اخترعوهُ.
𝙳𝚑𝚒𝚒𝚏𝚊𝚖𝚊𝚕𝚕𝚎𝚎 𝚒𝚜𝚒𝚗𝚒𝚒𝚗 𝚓𝚎𝚌𝚑𝚊𝚊 𝙶𝚊𝚍𝚊𝚊𝚗/𝚣𝚊𝚖𝚊𝚗𝚗𝚒 𝚗𝚞𝚝𝚒 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚊𝚊𝚌𝚑𝚊𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚛𝚞 𝚝𝚞𝚗𝚒...𝚣𝚊𝚖𝚊𝚗𝚊 𝚢𝚘𝚘 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒/𝚔𝚎𝚎𝚢𝚛𝚒𝚒 𝚔𝚎𝚎 𝚍𝚑𝚊𝚐𝚊'𝚊𝚗 𝚜𝚒 𝚍𝚑𝚘𝚔𝚜𝚊𝚗, 𝚢𝚘𝚘 𝚑𝚊𝚖𝚊𝚊 𝚜𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚍𝚑𝚊𝚐𝚊’𝚊𝚗 𝚒𝚖𝚖𝚘𝚘 𝚑𝚊𝚠𝚊𝚊𝚜𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚐𝚊𝚛𝚖𝚊𝚕𝚎𝚎 𝚏𝚊𝚏𝚏𝚊𝚌𝚊𝚊𝚜𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚏𝚒 𝚢𝚘𝚘 𝚑𝚒𝚛𝚍𝚑𝚒𝚗𝚗𝚊 𝚜𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚍𝚑𝚊𝚋𝚊𝚗 𝚒𝚖𝚖𝚘𝚘 𝚑𝚘𝚖𝚊 𝚊𝚝𝚒 𝚑𝚒𝚗 𝚍𝚊𝚕𝚊𝚐𝚗𝚎 𝚝𝚘𝚔𝚔𝚘 𝚊𝚔𝚔𝚊 𝚠𝚊𝚊𝚗 𝚊𝚝𝚒 𝚍𝚊𝚕𝚊𝚐𝚍𝚎𝚎𝚝𝚝𝚒 𝚞𝚏 𝚋𝚒𝚛𝚊𝚊 𝚜𝚒𝚒𝚏 𝚞𝚞𝚖𝚊𝚗 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚛𝚊.
Hundaafuu isin fuulduratti malee duubatti hin deeminaa.
Join👇
@gababo
2024/09/27 15:22:55
Back to Top
HTML Embed Code: