Telegram Web Link
LUBBUU AKKAMITTI HISAABNA ?

🌱Imaam Ibnu Al-Qayyim Akkamitti akka lubbuu herreeynu akkatti tarreeysa:

1. Dura Fardiin eegaluu, Yoo Irruu tahuu Isaa hubate dafee itti guutuu.

2. Waan Rabbiin irraa Isa dhorge herreeguu, Yoo Haraamarraa xiqquma dalagaa jiraachuu Isaa hubate, dafee Towbaa fii araarama barbaaduu, ammas dalagaa gaarii cubbuu namarraa haxoytu itti jabaachuu qaba.

3. Lubbuu ifii daguu keeysa jiraachuu Isii herreeguu, yoo Daguu keeysa jiraate Zikrii fii gama Rabbii deebi’uun if dhaqabuu.

4. Qaamni ifii waan dalagaa jiru herreeguu, Arrabni waan dubbate, Millii bakka dhaqe, harki waan qabate, ijji waan laalte, gurri waan dhagaye, Maaliifin godhe? Maalirratti oolche? Jechuun ifa gaafachuu.

=>FAAYIDAA LUBBUU IFII HERREEGUU.

•Eybii/Hamtuu ifii arguudha. Namni eybii ifii hin beyne hamtuu san ifirraa hin oofu.

Towbachuu, Sheenawuu, fii Yeroo hanga hafte itti fayyadamuu.

Tola Rabbiin sirratti oole beekuuf si fayyada.

•Lubbuu ifii karaa Rabbii keeysatti maal daleyde jechuun herreeguun Badii ifii beekuu fii gama Rabbii deebi’uuf nama kaasa.

Lubbuu ifii hamtuu Isii arguudhaan boonaa fii na argaaf dalaguurraa qulqullaawuu.

Ibaadaa Rabbiitti Jajjabaachuu fii hamtuurraa fagaachuu.

Haqa namaa ifirraa deebisuu fii Amala toluu.

Wanni kun hundi bu’aa lubbuu ifii herreeguun itti geenyu.
Nu hordofaa
@gababo
#Dubartoota_Rasuulaa walduraa duubaan ;
🔸#أزواج_النبي_ﷺ_بالترتيب

⒈● خديجة بنت خويلد
1 ; Kadiijaa binti Kuweylid .

⒉● سودة بنت زمعة
2 ; Sowdaa binti Zam'aa .

⒊● عائشة بنت أبي بكر
3 ; Aaishaa binti Abii_bakri .

⒋● حفصة بنت عمر بن الخطاب
4 ; Hafsaa binti Umar binu Kaxxaab .

⒌● زينب بنت خزيمة
5 ; Zeynabaa binti Kuzeeymaa .

⒍● أم سلمة
6 ; Ummu Salama .

⒎● زينب بنت جحش
7 ; Zeynabaa binti Jahshi .

⒏● جويريّة بنت الحارث
8 ; Juwyriyaa binti Haaris .

⒐● صفيّة بنت حُيَيّ
9; Safiyyaa binti Huyayyi .

⒑● أم حبيبة
10 ; Ummi Habiibaa .

⒒● ميمونة بنت الحارث
11 ; Meymuunaa binti Haaris .

رَضيَ اللّٰه عَنهُنَّ
Rabbiin hunda isaan irraa haa jaalatu .
Share 👇👇👇
@gababo
Forwarded from Al-risala-tube
Ibsa ljjannoo Yaa’ii hundeeffama Liigii Ulamaa’otaa fi Du’aata Oromiyaa.
Gorsa Hayyoota Islaamaa kan Barnoota Qabu
=====================================

@Kennaapost
🌹🌹🌹🌹🌹🌹
☞Sodaa Rabbii keetii uffata godhadhu.
☞Waan balleessite toowbatuuf jarjarfadhu.
☞Zikrii baay'isuun fedhii lubbuu keetii injifadhu.
☞An maaliifiin uumame jedhii of gaafadhu.
☞Naamusaa fi kabajaa kee tikfadhu.
☞Uzriin maletti salaata dabarsuu fi dhiisuu irraa of qusadhu.
☞Yeroo baay'ee Rabbii kadhatuu amala taasifadhu.
☞Rizqii yoo argatuu barbaadde, fira kee maxxanfadhu.
☞Umrii dheeratuu yoo barbaadde, toltuu dalagadhu.
☞Obbolewwan keetiif yaada gaarii qabaadhu.
☞Haqaa fi baaxil ragaan adda baafadhu.
☞Barnoota amantii keetii xiqqollee ta'u baradhu.
☞Shari'aa diin keetii sirritti akeekkadhu.
☞Kheeyrii keessatti umrii dheertuu kadhadhu.
☞Waan qabdu irraa sadaqaa kennadhu.
☞Kan dhukkubsate bira deemii gaafadhu.
☞Kan kheeyritti si waame jalaa owwaadhu,
☞Ilma namaa hundaaf kabajaa qabaadhu.
☞Haadhaa fi Abbaa kee tola itti ooluun gammachiifadhu.
☞Kan tola sitti oole hunda galateeffadhu.
☞Jannata argatuu yoo feete amala kee bareeffadhu.
☞Ejjannoo gaarii mataa keetiif qabaadhu.
☞Kaayoo kee irratti kutannoo fi abdii godhadhu.
☞Odoo rakkoon hin dhufne Rabbii kee baradhu.
☞Waan hundafuu filannaa qabaadhu.
☞Namummaa keetiin of tahii mulladhu.
☞Waan kennattu yoo dhabde sharrii tee namarraa qabadhu.
☞Hamiidhaan foon namaa nyaatuu irraa fagaadhu.
☞Yooo ati of qabde Rasuulli(saw) Jannata siif of qabee akka
jiru hubadhu.
☞Atiis arraba fi waan miila jidduu jiru san haraam irraa qabutti
jabaadhu.
☞Nama bultii waliin ijaartu diiniin madaalii filadhu.
☞Rabbiin si hin dhoorkinee, mirga keetiif falmadhu.
☞Biyya fi lammii keetiif bilisummaa barbaadadhu.
☞Dhaamsi koo xiqqaatus, hanganuma guddifadhu.
☞Gorsi koo kun yoo siif tahe fudhadhu.
☞Yoo dogoggora qabaate naaf sirreeffadhu.
☞Zannii wal balleessuu irraa Rabbi sodaadhu.
Eessaa akka dhufte, eessa akka jirtu fi eessatti akka deemaa
jirtu beekuuf of qoradhu
~Dogongora jiruuf dhifaama.
Share waliif Godhaa Jazaakumullaahu kheeyran !!!

@gaddisaislama
@Kennaapost
@Kennaapost
T.me/gababo
QABXII KUDHA LAMMAFFAA
Barattoonni Yesuusii fi Barreesitoonni Wangeelaa, Yesuus Garbicha Waaqaa filatamaa fi Nabiyyii ta'uu isaa ragaa bahu.
Muslimoonni Yesuus akka garbicha Waaqaa kabajamaa fi Ergamaa Waaqaa ta'e, Qur'aana irraa sirriitti ni beeku.Garuu Wollaaltonni Kiristaana tokko tokko jechi kun akka waan sadarkaa Yesuusiif kenname gadi buusuutti Yaaduun yeroo jecha kana morman ni argina,ni dhageenya. Ta'us Macaafni Qulqulluun Kakuu moofaa fi Haaraa keessatti Yesuus akka garbicha Waaqa ta'e nuuf himu.Kiristaanonni osoo Macaafuma itti amanna jettan hin dubbisin nu mormitan kottaa jechoota Macaafa keessani dubbisuun dhugaa jiru hubadha isiniin jechuun barbaada.Kuno akka armaan gadii kanatti isiniif dhiyaata.
1,Maatewos 12:15 Yesus kana baree achii sokke; namoonni baay'eenis isa duukaa dhaqnaan warra dhukkubsatan hundumaa fayyise; 16 jarri immoo namootatti akka isa hin beeksifne cimsee isaan dhowwe. 17 Kunis isa Isaayaas raajichaan dubbatame raawwachuudhaaf ta'e. 18 innis, "Ilaa hojjetaa koo isa ani fo'adhe,isa jaallatamaa kan koo tii,isa lubbuun koo itti gammade;hafuura koo isa irra nan bulcha,inni saba hundumaaf firdii qajeelaa in labsa.19 Inni hin wacu, hin caraanus, namni tokko illees karaa keessattisagalee isaa hin dhaga'u
Keeyyata kana keessatti Barreessaa Wangeelaa kan ta'e,akkasumas Barattota Yesuus kudha lamman keessaa angafa kan ta'eee fi Namoota Yesuus Ergamaa Waaqa ta'uu fudhatan keessaa tokko kan ta'e Maatewos, Raajii Kakuu moofa Isaayaas Raajichaa keessatti dubbatame kan Yesuus ibsitu ta'u dubbata. Keeyyanni kun akkana jechuun eegala"Innis Ilaa Hojjataa (Garbicha) koo inni ani foo'adhe"....jechuun itti fufa.
Hubachiisa wanti ani Hammattuu keessatti jecha" Garbicha "jedhu godheef,inni Maatewos Kakuu moofaa Isaayaas Raajichaa kessatti itti akeekaa jiru,"Garbicha" jedha malee, Hojjataa hin jedhu.Garuu namoonni Macaafa barreessan Yesuusiin Garbicha jechuu jibbaaf Hojjataa jecha jedhu bakka buusan. kunoo isa Isaayaas Raajichaa keessatti dubbatame ilaaluu dandeessu:
Isaayaas Raajichaa 42:1 Waaqayyo itti fufee, "Kunoo, garbichi koo inni ani ol ol qabu, inni ani fo'adhe, inni ani jaalladhu isa kana! Ani hafuura koo isaaf kenneera, inni firdii qajeelaa saba lafa irraatiif in baasa; 2 inni hin iyyu, hin wacu, sagaleen isaas karaa irratti akka dhaga'amu hin godhu.
Dabalataan Macaafa Afaan Oromoo irratti Hojjataa jechuun ibsame malee,Macaafa afaan Ingiliffaa irratti,innumti Maatewoos keessa Jecha garbicha yookiin 'servant' jedhamuun ibsame.Namoota Macaafa Afaan Oromootti hiikantu dhugaa kana dhoksuuf jedhanii isa Garbicha jedhu gara Hojjataatti jijjiiran.
Kunoo isa Afaan Inglffaa ilaaltanii hubachuu dandeessu.
Matthew 12 : 18 Behold my Servant, whom I have chosen; my beloved, in whom my soul is well pleased: I will put my spirit upon him, and he shall shew judgment to the Gentiles.
Gama mata duree keenyaatti yoo deebinu Maatewoos jecha Isaayaas Raajichaa kana irraa Yesuus akka Garbichaa fi ergamaa Waaqa ta'u hubatetu nuuf gala.
Saahibuddiin Jihaad:
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
www.tg-me.com/gababo
WAL DHABBII KIRISTAANOTAA FI MACAAFA ISAANI

Mata duree kana jalatti waldhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa isaani bifa gabaaba ta'en kan ilaallu ta'a.Sababaan ani mata duree kana qopheesseef : Namoonni Amantii Islaamaa hordofan yeroo da'awaa/waamicha gara Islaamummaa Obboleewwan keenya Kiristaanaatiif godhan karaa gabaabaa ta'en Macaafuma jaraa irraa ragaa kennuuf akka danda'aniifi.Dabalataan Obboleewwan keenya Amantii kiristaanaa hordofan kan dhugaa barbaadan garuu osoo dhugaa hin argatin sobamanii jiraataa jiranuuf Macaafuma isaanirraa dhugaa akka hubatan gochuuf jedheeti.
1,Kiristaanota 👉🏻 Waaqayyo tokkos,Sadii'is.
📖 Macaafa jaraa👉🏻 "Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaadha"[Marqos 12:29]
2,Kiristaanota👉🏻Yesuus Waaqayyo biraa hin qabu inni ofiifuu waaqayyodha.
📖 Macaafa Isaanii👉🏻 "Yesuus immoo ana hin qabin gara waaqayyo kootiif waaqayyo keessaniitti ol nan ba'aa.."jedhe[Yohannis 20:17]
3,kiristaanota👉🏻 Yesuus nama miti.
📖Macaafa Isaanii Yesuus ani
Nama ofiin jedhe[yohannis 8:40]
4,Kiristaanota👉🏻Waaqayyo nama fakkaatee mullate.
📖Macaafa Isaanii👉🏻Ani Waaqayyodha male nama miti [Hose'a 11:9]
5,Kiristaanota 👉🏻Yesuus cubbuu keenyaaf jecha du'eera.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Cubbuu namni tokko hojjateef namni biroo hin du'u,lubbuun cubbuu hojjate ofumaaf ni du'a.[Hesqi'el 18:20]
6,Kiristaanota👉🏻Yesuusiif Abbaan tokkuma wol hin caalanu.
📖Macaafa isaanii👉🏻 Yesuus akkas jedhe "Abbaan ana caala"[ yohannis 14:28]
7,Kiristaanota👉🏻Yesuus Addunyaa hundaaf Ergame.
📖Macaafa isaanii 👉🏻Yesuus Israael duwwaaf malee hin Ergamne[Matiyos 15:24]
8,Kiristaanota👉🏻Yesuus humna isaatiin waan hunda ni hojjata.
📖Macaafa isaanii👉🏻Yesuus,Ani Humnakootiin homaa hojjachuu hin danda'u[Yohannis 5:30]
9,Kiristaanota👉🏻Yesuusitti kan amanu jireenya bara baraa qaba.
📖Macaafa Isaanii👉🏻Isa Ana(Yesuus)Ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba.[Yohannis 5:24]
10,Kiristaanota👉🏻Yesuus ni farada.
📖Macaafa Isaanii👉🏻Ani Hin faradu[Yohannis 12:47]
11,Kiristaanota Yesuus du'ee du'aa kaheera.
📖Macaafa Isaanii 👉🏻Yesuus Waaqayyoon isa du'a oolchuu danda'u kadhate,kadhatni isaas waan dhagaa'ameef du'a Ooleera.[Ibroota 5:7]
12,Kiristaanota 👉🏻Yesuus Ergamaa miti.
📖Macaafa isaanii Yesuus Ergamaadha[Ibroota 3:1]
13,Kiristaanota 👉🏻Seerri Moofaan Yesuusiin Diigameera
📖Macaafa Isaanii👉🏻Ani seera diiguuf hin dhufne Ittiin raawwachuufan dhufe male[Matiyos 5:17]
14,Kiristaanota👉🏻Yesuus qofaaf jilbeenfadhaa sagadaa.
📖Macaafa Isaanii,👉🏻Yesuus akkas jedhe Waaqayyoon qofaaf jilbeenfadhuu sagadi,isa qofaafis hojjadhu[Matiyos 4:10]

15,kiristaanota👉🏻Yesuus hunduma beeka.
📖Macaafa Isaanii👉🏻Guyyicha sana Abbaakoo duwwaatu beeka[Marqos 13:32]

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
www.tg-me.com/gababo
Yaa Muslimtoota Irraa Haa Fagaannuu!...

Valentines Day Jechuun Maal Akka Tahe Haa Beeknuu.

Share gochuun Wal Dhageessisaa!

Guyyaa arraa, jechuun February 14, kana guyyaan "Valentine's day" jedhamu akka addunyaatti ni kabajama. Muslimootni tokko tokkos osoo hin beekin yookiin immoo gara namni oofametti cal'isanii oofamuun dogongoraan yommuu ayyaana kana kabajan ni mul'atu.

Kanaaf waa'ee guyyaa "Valentine's day" kana maal akka tahe waliif himanii wal sirreessuun barbaachisaa waan taheef nuti hunduu barreeffama gabaabduu armaan gadii tana obsaan dubbisnee irraa haa
barannu.

Guyyaan Valentine's day jedhamu kan wagga waggaan February 14 irratti kabajamu biyya keenyattis yeroo ammaatti "Guyyaa Jaalalleewwanii" jechuun kabajamuu irratti argama.

Guyyaan Valentines kun jalqaba kabajamuu kan eegale mushrikoota Roomaanii xaa'ota gabbarraniin yommuu tahu booda irratti garuu ayyaanichi amantii kiristaanawaa godhamee akka jiru seenaan marsariitii garagaraa irra jiru ni agarsiisa.

Maddotni seenaa hedduun guyyaan "Valentines day" jedhamu kun yaadannoo wareegamaa qeesii Valentines jedhamu wajjiin wal qabatee kan dhufeetiin
kabajamuu dha jedhu. Kan hafan immo akkana jedhu. Amantiin kiristaanaa dhufuun dura mushrikootni Roomaa xaa'ota isaanii "lupercus" jedhamu gabbaruuf ayyaana "Lupercalia" jedhamu qabuu turan. Booda yommuun amantiin kiristaanaa dhufetti garuu charchiin kiristaanaa ayyaana mushrikoota Roomaa kana kan walakkaa February irratti (Feb 15) kabajamu kiristaanessuuf jecha (To Christanize) maqaa "Saint Valentine feast day" jedhuun bakka buusuu eegalan
jedhama. Ayyaanni Lupercalia kun garuu booda irratti amantii kiristaanaa keessa hin jiru jedhameetiin jaarraa 5ffaa keessa ni haqame. Pope Gelasius guyyaan kun gara February 14 akka geeddaramuu fii
guyyaa Valentines Day jedhamee akka yaamamu murteessan. Guyyaan kun booda irratti malee jalqaba irratti gonkumaa kan jaalala wajjiin wal qabatu hin turre.

Charchiin kaatolikii qeesii Valentine'iif kabajaa addaa qeesota sadi gara garaa maqaa kanaan yaamamaa turaniif mirkaneeffanna kenniteerti.... Sadan isaaniituu wareegama addaa kan qabanii dha jette.

Valentine qeesii Roomaa ummata isaanii jaarraa 3ffaa keessatti tajaajilaa turee dha. Zamana sanitti Roomaan bulchiinsa Mootii Claudius 2ffaa (Emperor Claudius 11) jala turte. Mootiin kun raayyaan ittisa biyyaa jireenya kophaa jiraatu kan jaartii fii maatii horatee jiraatu caalatti jabaa dha kanaafuu dargaggoon kamuu akka bultii hin ijaaranne jechuun seera addaa baase jedhama. Qees Valentine garuu murtiin mootichaa kun sirrii miti jechuun dura dhaabbate.

Jaalalleewwan wal jaalatan dhoksaan wal fuusisuu isaa itti fufe. Dubbiin tun mooticha bira geessee jennaan akka hidhame ajjeefamu murteeffame.

Yommuu mana hidhaa keessa jirus jaalalli mucayyoo namicha isa hidhee wajjiin isa qabee ture. Ajjeefamuu isaatiin duras xalayaa xumuraa "From your Valentines" jettu isheef barreesseera jedhama. Sababa sanaan dha jechi tun hanga ammaatti akka ibsama jaalalaatti fudhatamee itti fayyadamamaa jira.

Zamana ammaa kanatti immoo guyyaan kun "Guyyaa jaalalleewwanii" jechuudhaan bifa shari'aa keenyaan faallaa taheen kabajamuu irratti argama.

Guyyaa kanatti dhiirrii fii dhalaan abaaboo waliif gumaachu. Xalayaa jaalalaa waliif ergu. Poosti kaardota gara garaa waliif kennu....kkf. Gara biyyoota dhihaa yommuu dhufnu immo biyyoota ameerikaa fii awrooppaa keessatti faranjootni guyyaa Valentine's Day kana jaalallee isaanii wajjiin wal qunnamtii
saalaa raawwachuuf akka guyyaa carraa taatetti yommuu fayyadaman mul'atu.

Manneen barumsaa sadarkaa 2ffaa fii Yunivarsiitiwwan guyyaa kanaaf Kondomiiwwan qopheessanii manneen fincaanii fii iddoo biroo irratti jissuun barattootni akka itti fayyadamaniif mijeessu. Barattootan alattis hawaasni biroo guyyaa kana jaalalleewwan isaanii wajjiin tahuun guyyaa wal qunnamtii saalaa gochuun dabarsu. Guyyaa kana akka guyyaa kabajamtuu wal qunnamtii saalaa gochuun kabaju.
Muslimtootni tokko tokkos guyyaa kana yommuu dogongoraan kabajan ni mul'atu. Nama gaddisiisa.Guyyaan kun amantii islaamaa wajjiin dhiheenyatti tahee fageenyatti gonkuma walitti dhufeenya kan hin qabnee dha. Gochaa Islaamummaa faallessuu dha. Warreen biroo aadaa isaanii muslimtoota irratti fe'uuf akkuma duulan hunda kunis amantii keenya sirritti hubachuu dhabuu keenya irraa kan ka'e duula nurratti aggaamamee dha. Bifa kanaan osoo hin beekin nuti muslimtootni yoo aadaa amantiiwwan biroo tokko tokkoon faana bu'aa itti fufne xumura irratti Islaamummaa gatne wayyaa amantii biroo akka uffatnee hin hafne nama sodaachisa.

Rabbiin subhaanahuu wata'aala Qur'aana isaa Suuratul Furqaan aayaa 72 irratti akkana jechuun gabroottan isaa qaalii tahan sanneen ibsa. {Isaannan sanneenidha kan gochoota soba tahaniif ragaa hin baane, yommuu gochaa fokkataa tahe bira dabran kabajaa isaanii eeggatanii dabranii dha} (Furqaan 25:72)

Kanaaf nuti muslimootni gabrootni Rabbii akkamitti gochootni fokkatoo shirkii fii kufriidhaan xaxamoo tahan kunneen nu keessa yommuu aseenan eeyyamnaaf?

Seenaa fii wantummaa isaa osoo hin beekin jette jettee namaatiin maaliif cal'ifnee namoota biroo wajjiin oofamna?

Gochaa kana raawwachuunis maaliif haraama irratti kufna? Maalifis amantii keenya gurguranna? Deebii warroota dogongoraan guyyaa kana kabajaa jiraniif dhiiseera. Rabbiin hunduma keenyaa hamtuu irraa nu haa tiksu waliin jenna.

Aamiin.

(Barreeffama kana barreessuuf barreeffama obboleessa kiyyaa "Hamsa Hamsa", akkasumas seenaawwan marsariitii History dot com fii Encyclopedia irra jiran akka maddaatti fayyadameera.)

Share gochuun hiriyyoota keessaniif dabarsaa. Jzkl
#Dubbiin_Imaamaa_tuulachuu_keessan_jirtu .

#Sheekaa_fi_Barataa/Darasicha

Guyyaa tokko sheekaa fi Darasichi harree yaabbatanii osoo deemaa jiran,sheekichi imaamaa mataa irraa fudhatee deema,darasichi garuu akka tasaa imaamaa mataa irraa qaba ture,osoma isaan akkanatti deemaa jiranuu namni tokko karatti isaanitti dhufee darasichaan akkana jedheen ;

🧔_#Gaafataa ;
Gaafii wayiittu na dhibee mee deebii itti naaf laataa ?
👳‍♂_#Darasicha ;
Ani Darasaa isaaniitii mee kunoo sheekuma kiyya gaafadhaa jedheen .
🧔_#Gaafataa
Sheekni kee garuu imaamaa hin qabanii bar jedheen .
👳‍♀_#Darasicha
Achumaa darasichi imaamaa mataa irraa buufatee , mataa harree irra kaahee,harree itti muldhisee , eegasuu kunoo isaan imaamaa uffatan kana gaafadhaa jedheen jedhama.
Share👇
@gababo
📜 Sunnaawwan jaallatamoo guyyaa jum'aa...15


➊➾Jalqaba rabbumaaf jecha jum'a kana dhaqa jedhanii niyachuu.
➋➾Qaama dhiqachuu.

➌➾ uffata bareeda uffatuu 👖

➍➾Shittoo/urgooftuu dibachuu{dhiiraaf}

➎➾ilkaan siwaakachuu.
➏➾Gara masjidaa yeroodhaan deemuu.
➐➾saffaawwan duraa qabachuu. Garuu nama irraan tarkanfachuufi nama cinquun hin ta'u.
➑➾raka'a lamaa tahiyyaa masjida salaatuu.

⑨➾suuratul kahfiin qara'uu.
①0➾ fuulaan gara imaamaa garagaluu.
①①➾kuxbaa callisaan dhaggeeffachuu.
①②➾Yeroo du'aa'iin itti qeebalmtu sana niyyaan eegachuu.
①③➾ salawaata nabiin irratti baay'essu guyyaaf halkanis.
①④➾ibaadaawwan akka sadaqaa,salaata sunnaa,zikrii,wal ziyaaruu, qur'aana qara'uu baay'isuu fi k.k.f.
①⑤➾salaanni jum'aa erga xumuuramee booda rabbiin zakkara gara dalagaa.

#⃣ rabbiin hundaa walitti nuu haa qabu

@gababo
SEENAA QUR’AANA KEESSAA!!!!

Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra.
(Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa; Dhugumatti,
ani adabbii guyyaa laalessaan isin irratti sodaadha
Ummata isaa iraa qondaaltonni isaannan kafaranii “nama
fakkii keenya taatee malee si hin agarru. Gadi aantota
keenya warra yaada gadhee (yartuu) malee kan si hordofes
hin agarre. Isiniifis nurratti caalmaya tokkollee hin agarre.
Inumaayyuu sobdoota ta’uu keessan shakkina” jedhan.
Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo
ani ragaa ifa bahaa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee,
Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee,
isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota
taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa?
Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti
mindaa isin hin gaafadhu. Mindaan kiyya Rabbiin qofa
irra jira. Anis ari’aa warra amananiitii miti. Dhugumatti,
isaan Gooftaa isaanii wajjin wal qunnamoodha. Garuu ani
ummata wallaalaa ta’uun isin arga.
Yaa ummata kiyya! Yoo ani isaan ari’e, (adabbii) Rabbii
jalaa maaltu na baraarsa? Sila homaa hin gorfamtanuu?
Ani kuusaan qabeenya Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu.
Gaybii (wanta fagoos) hin beeku. Ani maleeykaa dhas isiniin
hin jedhu. Isaannan ijji keessan tuffattu (xinneessituu)nis
Rabbiin toltuu isaaniif hin kennu hin jedhu. Rabbiin waan
lubbuu isaanii keessa jiru irra beekaadha. Yoo san, ani
dhugumatti warra miidhaa hojjatan irraayyi.”
[Isaan] “yaa Nuuh! Ati dhugumatti nu mormitee jirta. Mormii
keenyas baay’essitee jirta. Yoo warra dhugaa dubbatan irraa
taate, waan nuun sodaachiftu sana nutti fidi” jedhan.
Isa kana kan isinitti fidu Rabbuma qofa. Yoo fedhes (ni
ariifachiisa). Isinis kan dadhabsiiftan hin taane” jedhe.
“Yoo an isin gorsuu fedhes, yoo Rabbiin isin jallisuu fedha
ta’e gorsi koo isin hin fayyadu. Inni Gooftaa keessani.
Garuma isaa qofa deebitus” jedhe.
Sila “(Muhammad) isa (Qur’aana) of irraa uume” jedhuu?
“Yoo ani of irraa isa uume, badiin kiyya anuma irra jira.
Anis badii isin hojjattan irraa qulquulluudha” jedhiin.
Gara Nuuhittis akkana jechuun beeksisa goone:
“Dhugumatti, warra kana dura amanan malee ummata kee
irraa kana booda homtuu hin amanu;. Kanaaf waan isaan
hojjatanitti hin gaddin.
Doonis ilaalcha (tika) keenyaafi ajaja keenyaan hojjadhu.
Warra miidhaa dalagan keessatti natti hin dubbatin.
Dhugumatti, isaan bishaanin dhidhimfamoodha.”
Innis (Nuuhis) doonii hojjata (ture). Dhawaatuma
qondaalonni ummata isaa irraa ta’an isa irra
qaxxaamuraniin, isatti qishinu. Innis ni jedhe: “Yoo
isin nutti qishintanis nutis akkuma isin qishintan isinitti
qishinuuf jirra.
Namni adabbiin isa salphisu itti dhufuufi adabbiin itti
fufaanis isa irra qubatu eenyu akka ta’e beekuuf jirtu.”
Yeroma ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (keessaa
bishaan) burqe “Wantoota hunda irraa (saala) lama lama
(kormaafi dhalaa), maatii keetis nama jechi (adabaa) isa
irratti dabre malee, namoota amananis ishee keessatti
fe’i” isaan jenne. Isa waliinis namoota muraasa malee
(baay’een) hin amanne.
“Haala deemsi isheetiifi dhaabbatiinsi ishees maqaa
Rabbiitiin taa’een, ishee yaabbadhaa. Dhumatti Rabbiin
kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.
Isheenis danbalii akka gaaraa keessa isaanin adeemti.
Nuuhis ilma isaa(doonittii irraa) fagoo tureen “Yaa ilma
kiyya! Nu waliin yaabbadhu. Warra kafaran wajjinis hin
ta’in” jechuun lallabe.
(Ilmi isaas) ni jedhe: “Ani fuula dura gara gaara bishaan
jalaa na baraarsuun qubadha.” (Nuuhis) ni jedhe: “Har’a
wanti ajaja Rabbii irraa nama baraarsu hin jiru; nama
Rabbiin rahmata isaaf godhe malee.” Danbaliinis gidduu
isaanii haguuge. Inni warra bishaaniin nyaataman irraa ta’e.
Ni jedhames: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsi. Yaa samii!
(Bokkaa kee) qabadhu.” Bishaanis xuuxamee hir’ate. Murtiin
Rabbiis (adabichis) ni raawwatame. Isheenis tabba juudiyy jedhamu irra dhaabbatte. Ni jedhames: “(rahmata Rabbii
irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”
Nuuhis Gooftaa isaatti lallabee, “Gooftaa kiyya! dhugumatti,
ilmi kiyya maatii kiyya irraayi. Waadaan keetis dhugaadha.
Atis irra haqa murteessaa abbootii murtiiti” jedhe.
(Rabbiinis) “Yaa Nuuh! dhugumatti, inni maatii kee
irraa miti. Inni hojii gaarii hin ta’iniidha. Kanaafuu waan
beekumsa itti hin qabne na hin gaafatin. Ani akka ati
wallaaltota irraa hin taanen si gorsa” jedhe.
(Nuuhis) “Gooftaa kiyya! Ani waan beekumsa itti hin
qabne si gaafachuu irraa sittin maganfadha. Yoo Ati naaf
araaramtee, rahmatas naaf hin godhin, warra hoonga’an
irraan ta’a” jedhe.
“Yaa Nuuh nageenyaa Nu biraa ta’eefi barakaa siifi garii
ummata si wajjin jiran irratti ta’een, (doonittii irraa) bu’aa.
(Sanyii isaanii irraas) ummata fuula dura yeroof isaan
qanansiifnee san booda Nu biraa adabbiin dhukkubsaan
isaan tuqutu jira” jedhame.
Isheen kun oduu fagoo kan gara keetti beeksisa goonu
irraayi. Sis ta’ee ummanni keetis kana dura kan ishee
beektan hin turre. Obsi. Dhugumatti, booddeen (gaariin)
kan warra (Rabbiin) sodataniiti.
👉Ragaa =Suuratul Huud (32-49)
Itti fufa......
Kutaan itti Aaanu seenaa nabi Ibraahiim (as)


🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
@Ehsan_tube
@gababo
#Join share👆👆👆👆👆
#Dhiifama waliif haa goonu, #Dhiifamaas wal haa gaafannu

#Nama hin miidhin! Dogongoraan yoo miidhaa nama irra geessite immoo dhiifama gaafatuu hin sodaatin. Rabbiin Gabroottan isaa kan dhiifama waliif godhan ni jaalata.

#Wanti sodaatamuu qabu dhiifama gaafatuu osoo hin taane namtichi miidhame sun dhiifama naaf godha moo hin godhu kan jedhu tahuu qaba.

Imimmaan nama miidhameefi Du’aa’iin nama miidhamee kan lafa hin buune tahuun beekamuu qaba.

Ilma namaa ta’ee kan hin dogoggore hin jiru. Yoo xiqqaadha jettee tuffattee dhiiste malee osoo hin beekin nama miidhuu mala ykn miidhamuun mala, namni sabaaba kee osoo ati hin beekin imimmaan cophse jiraatuu mala, osoo ati quba hin qabaatin namni sii boochisuu mala.

Akkuma miidhamuu jibbinufi miidhaan nurra gahun nu dhukkubsu, nama miidhuu irraa nabsee teenya haa tiksinu.

#Kan nu miidheef dhiifama haa goonu! Kan miidhaa irra geessisne immoo dhiifama gaafatuun dhukkubbii san haa fayyisnu.

#Rabbiin warra dhiifama gaafatu fi Warra dhiifama namaaf godhaniis ni jaalata!
🍀I 🍀
🌷Just🌷
🍀Want🍀
🌷To🌷
🍀Wish🍀
🌷You🌷
🍀A🍀
🌷Very🌷
🍀happy🍀
🌷Ramadan🌷
🍀And a🍀
🌷Happy🌷
🍀lovely🍀
🌷Ramadan 🌷
🍀I 🍀
🌷Just🌷
🍀Want🍀
🌷To🌷
🍀Wish🍀
🌷You🌷
🍀A🍀
🌷Very🌷
🍀happy🍀
🌷Ramadan🌷
🍀mbarke🍀
🌷Happy🌷
🍀Ramadan🍀
🌷mubarke🌷
🍀I 🍀
🌷Just🌷
🍀Want🍀
🌷To🌷
🍀Wish🍀
🌷You🌷
🍀A🍀
🌷happy🌷

🌷Ramadan🌷
🍀And a🍀
🌷Happy🌷
🍀Ramadan🍀
🌹
💐 💐

🌻 🌻
🌺 🌺
•.••.•*•.•*•.•*•.•*•.•*•.•*•.•*
🌴 🌴
🌸 🌸

🌹🌹🌹🌹🌹🌹Ramadan
🌹🌹🌹mubarak
🌹🌹Ramadan
🌹..🌹mubarak
🌹🌹All of Muslim
🌹🌹I love you Allah and prophet Muhammed
🌹l
🍃🍂🍃happy 🍃🍂🍃
🍂🍃 Ramadan 🍃🍂
🍃🍂🍃🍂🍃🍂🍃🍂🍃
@gababo
#Warroota_Sooma_soomuun_isaan_irratti_dirqama_ta'u

☆~ Muslima nama ta’e cufa.
☆~ Nama Sammuun fayyaa qabdu (Maraataa kan hin taane).
☆~ Nama waa addaan baafate/Ballage (Daa'ima kan hin taane).
☆~ Nama soomuu danda'u.
☆~ Nama biyya isaa jiru. Kan imala hin bahin.
☆~ Wantoota sooma daangessan irraa nama bilisa ta’e.
Join👇
T.me/gababo
#Dubartoota_Ulfaa/Deessuu_fi_Sooma_Ramadaanaa

➬Dubartoonni Ulfaa ykn Dubartoonni Harma hoosisan sooma furuu keessatti adeemsa Sadi (3) qaban :

❶ffaan : Yoo lubbuu ufii qofaaf sodaatan sooma sana erga furanii booda Qadaa qofatu isaanirraa eeggama.
❷ffaan : Yoo miidhaa lubbuu Daa'imman Isaanii qofaaf kan sodaatan taate:
➬Sooma furuu qaban.
➬Sooma sanas qadaa kafaluu qaban.
➬Miskiinas nyaata nyaachisuu qaban.

❸ffaan : Yoo sodaa lubbuu isaanii fi akkasuma Daa'imman isaanii irratti (Lamaanuu bakka tokko) kan qabaatan taate immoo :
➬Sooma furuu qaban.
➬Qadaas kafaluu qaban.
➬Nyaatas nyaachisuu qaban.

#Sheekh_SaalihalUseymii
🎙قال الشيخ #صالح_العصيمي
-وفقه الله تعالى-:
Join👇
@gababo
Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa Leenji kutaa 1ffaa
April 14, 2021 by AL-RISALA-TUBE
 
Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa
 Leenji kutaa 1ffaa
Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog
QUR’AANNI AKKAMITTI BUUFAME?
Qur’aanni Jecha Rabbii olta’aati. Dhala namaa dukkana keessaa gara ifaatti baasuf Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) jecha Isaa kan ta’e Qur’aana jaarraa 14 dura Nabii Muhammad (SAW) irratti buuse. 
Namoonni kana ajaa’ibsifachuun Rabbiin akkamitti Nabiyyi irratti kitaaba kana buusee? Sila akka amma arginu kanatti waraqaa irratti barreesse buuse moo akkamitti buufamee? In sha Allah har’a akkaata buufama Qur’aanaa gabaabbinnaan ni ilaalla. 
Asii gaditti waa’ee wahyii fi buufama isaa ilaalla. Qur’aanni wahyii keessaa tokko waan ta’eef akkataa buufama isa hubachuun nama hin dhibu. Barreefama keessatti “Ergamaa Rabbii (SAW)” yommuu jedhu Nabi Muhammad (SAW) akka ta’e haa hubatamu. SAW jechuun Salallahu Aleyh Wassalam (nageenyi fi rahmanni Rabbii isarratti haa jiraatu) jechuudha.
Qur’aanni Rabbiin irraa buufamu shakkii wayitu hin qabu. Rabbiin ni jedha:
تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Ogeessa ta’e irraayyi.” Suuratu Az-Zumar 39:1
 wahyiin karaa wantoota geeybi ittiin beekaniidha.
Wahyii jechuun maal jechuudhaa?
Akka lugaa Arabiffaatti wahyiin hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa, wahyii jechuun odeefannoo wayii dhoksaa fi ariitin (daddaffiin) namni tokko akka beekuf sammuu ykn qalbii isaatti darbuudha. Fakkeenyaf sheyxaanni ilma namaa jallisuuf oduu qalbii namaatti darba ykn itti hasaasa. Bifa dhokataa fi aritiin, “Kuni gaariidha akkana godhi.” jechuun wanta badatti nama kakaasa.
Karaa biraatin wahyii jechuun beeksisa, odeefannoo fi ergaa Rabbiin Ergamtoota Isaa keessaa qalbii Ergamaa tokkootti darbuudha. Beeksisni, odefannoo fi ergaan kunniin murtii shari’aa, seenaa ummata darbee, wanta gara fuunduraatti dhufu, amala gaarii, amala jibbamaa dhiisu qaban, haala jireenya ilma namaa fi kan kana fakkaatan ta’uu danda’a. Qur’aanni kana hunda waan qabateef wahyiidha. Wahyiin Qur’aana qofatti kan daangefamu osoo hin ta’in hadiisota sahiihis kan of keessatti qabatuudha. Hadisoonni sahiihin Ergamaa Rabbii (SAW) irraa gabaafaman wahyiidha.
Garuu Rabbiin akkamitti ilma namaa keessaa nama fedhe dubbisaa?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala bifa sadiin ilma namaa keessaa nama fedhe ykn filate akka dubbisu Qur’aana keessatti akkana jechuun nuuf hima:
وَمَا كَانَ لِبَشَرٍ أَن يُكَلِّمَهُ ٱللَّهُ إِلَّا وَحۡيًا أَوۡ مِن وَرَآئِ حِجَابٍ أَوۡ يُرۡسِلَ رَسُولًا فَيُوحِىَ بِإِذۡنِهِۦ مَا يَشَآءُۚ إِنَّهُۥ عَلِىٌّ حَكِيمٌ
“Wahyiin yookiin girdoo duubaan yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusun yoo ta’e malee Rabbiin isa dubbisuun namaaf kan ta’uu miti. Dhugumatti, Inni Ol’aanaa Ogeessa .” Suuratu Ash-Shuuraa 42:51
Kana jechuun bifa (karaa) sadiin malee bifa biraatin Rabbiin ilma namaa hin dubbisu. Isaanis:
Karaa 1ffaa : Wahyiin- Rabbiin olta’aan wanta fedhe qalbii Ergamaa irratti darbuun nama filate ykn Ergamaa Isaa dubbisa.
Karaa 2ffaa : Girdoo duuban Ergamaa Isaa dubbisuudha. Fakkeenyaf, Rabbiin Nabii Muusatti dubbatee fi waame jira. Garuu Nabii Muusan Rabbiin arguu hin dandeenye. Sababni isaa, ilmi namaa Rabbiin arguu hin danda’u. Ogummaa fi rahmata Rabbitiin ilmaan namaa addunyaa tana keessatti Isa arguu hin danda’an. Osoo Isa arganii, silaa garmalee Isa sodaachu irraa kan ka’e hojiif, nyaata fi dhimmoota birootiif socho’u hin danda’an. Rabbiin ni jedha:
لَّا تُدۡرِكُهُ ٱلۡأَبۡصَٰرُ وَهُوَ يُدۡرِكُ ٱلۡأَبۡصَٰرَۖ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلۡخَبِيرُ
Agartuun (Ijji) Isa hin dhaqqabdu (hin hubattu). Inni immoo agartuu hunda ni arga. Inni Mararfataa, Beekaadha.” (Suuratu Al-An’aam 6:103)
Wantoota dandeetti Rabbii mul’isanii fi mallatoolee Tokkichummaa Isaa agarsiisan ilaalun ilma namaatiif ni gaha.
Karaa 3ffaa : Rabbiin Ergamaa Isaatti ykn nama filatetti Malaaykaa erguudha. Kana jechuun Malaaykan Rabbiin irraa ergaa fuudhun Ergamaa Rabbiitti geessa. Fakkeenyaf, Malaaykan Jibriil (Gabra’eel) ergaa Rabbiin irraa fuudhun Nabii Muhammad (SAW) itti geessa. Malaaykan kuni abbaa iccitiiti; humna cimaa kan qabuu fi amanamaa kan ta’eedha. Amaloonni lamaan kunniin (humni cimaa fi amanamummaan) ergaa geessuf amaloota garmalee barbaachisoo ta’aniidha.
Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil yeroo garii suuraa inni irratti uumameen isa argu. Yeroo garii Malaaykan Jibriil suuraa namtichaatin gara Ergamaa Rabbiiti dhufa. Yeroo kanatti namoonni Ergamaa Rabbii (SAW) marsanii jiran Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni dhagahu. Yeroo garii immoo Jibriil dhoksaan Ergamaa Rabbii irratti bu’a, namoonni achi jiran isa hin argan. Garuu mallattoo wahyii (ergaa inni bu’eenii) ni argu.
Kunniin karaalee sadan Rabbiin namoota keessaa nama filate itti dubbisuudha.
Sadarkaalee Wahyii Ergamaa Rabbitiif (SAW) ta’an
Ergamaa Rabbitiif bifoonni fi sadarkaaleen adda addaa wahyiin (ergaan, beeksisni, odeefannoon dhugaa Rabbiin irraa ittiin bu’uu) isaaf ta’ee jira. Isaanis:
1ffaa-Abjuu dhugaa hirriba keessatti argu– kuni sadarkaa jalqabaa wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti (SAW) bu’uu jalqabeedha. Abjuun Nabiyyiin argu hundii dhugaadha. Namoonni abjuu arguu danda’u. Tarii abjuun isaanii dhugaa ta’u danda’a dhugaa ta’uu dhiisus danda’a. Garuu abjuun Nabiyyoota dhugaadha. Sababni isaas, sheyxaanni qalbii nabiyyootatti taphachu hin danda’u. Ijji Nabiyyoota ni rafti, garuu qalbiin isaanii hin raftu. Wanti abjuun argan wanta dhugaan Rabbiin isaanitti buusu fi borumta ykn gara fuunduratti ta’uudha. Fakkeenyaf, Qur’aanni wanta Nabii Ibraahimi fi ilma isaa Ismaa’il jiddutti adeemsifame haala kanaan nuuf hima:
فَلَمَّا بَلَغَ مَعَهُ ٱلسَّعۡىَ قَالَ يَٰبُنَىَّ إِنِّىٓ أَرَىٰ فِى ٱلۡمَنَامِ أَنِّىٓ أَذۡبَحُكَ فَٱنظُرۡ مَاذَا تَرَىٰۚ قَالَ يَٰٓأَبَتِ ٱفۡعَلۡ مَا تُؤۡمَرُۖ سَتَجِدُنِىٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلصَّٰبِرِينَ
“[Mucaan] yeroma isa waliin deemuu irra gahu [Nabi Ibraahim] ni jedhe, “Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gurra’un arge. Waan sitti mul’atu ilaali.” Ilmis ni jedhe:”Yaa abbaa kiyya! Waan itti ajajamte dalagi. Yoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita. ” Suuratu As-Saaffaat 37:102
Ismaa’il yommuu abbaa isaa Ibraahim waliin deemu ykn fiigu irra gahe, abbaan “Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gurra’un arge. Yaanni kee maali?” jedhee gaafate. Abjuun Nabiyyoota wahyii Rabbiin irraa bu’e waan ta’eef, hojii irra oolchun barbaachisaadha. Ismaa’el, “Wanta itti ajajamte hojjadhu.” jechuun abbaaf yaada kenne.
Gara Nabi Muhammad (SAW) yommuu dhufnu immoo, banamiinsi Makkaa abjuu Ergamaan Rabbii (SAW) argeen bakka gahe. Rabbiin abjuu isaa dhugaa taasiseef. Rabbiin ni jedha
لَّقَدۡ صَدَقَ ٱللَّهُ رَسُولَهُ ٱلرُّءۡيَا بِٱلۡحَقِّۖ لَتَدۡخُلُنَّ ٱلۡمَسۡجِدَ ٱلۡحَرَامَ إِن شَآءَ ٱللَّهُ ءَامِنِينَ مُحَلِّقِينَ رُءُوسَكُمۡ وَمُقَصِّرِينَ لَا تَخَافُونَۖ فَعَلِمَ مَا لَمۡ تَعۡلَمُوا۟ فَجَعَلَ مِن دُونِ ذَٰلِكَ فَتۡحًا قَرِيبًا
“ Rabbiin Ergamaa Isaatiif abjuu haqaan dhugaa taasisee jira. Yoo Rabbiin fedhe nagayaan mataa keessan haadachaa, [gariinis] gabaabsachaa, osoo hin sodaanne Masjiida kabajamaa [Makkaa] ni seentu.” Suuratu Al-Fat’hi 48:27
Abjuun Ergamaan Rabbii (SAW) mataa haadachuun, akkasumas, namoonni gariin rifeensa gabaabsunii fi osoo hin sodaanne Masjiida Kabajamaa Makkaa seenu arge wahyii haqaa Rabbiin itti buuse fi ergasii dhugaa taasisedha. Kuni sadarkaalee wahyii keessaa sadarkaa jalqabaa wahyiin Ergamaa Rabbitiif dhugaa taasifameedha.
2ffaa- Ergamaan Rabbii (SAW) Malaayka suuraa irratti uumamen argu– Kuni sadarkaa lamaffaa karaa wahyiin ittiin dhufuudha. Qur’aanni si’a lama Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame akka arge nuuf hima. 1ffaa Suuratu Najm Ayaata 1-11, 2ffaa suuratu Najm armaan olii Aaayat 12-18
Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Jibriil irratti uumame kan argan yeroo wahyiin (Qur’aanni) bu’uu jalqabe irratti. Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan (Radiyyallahu anhaa) haala kanaan ibsiti:“Wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti bu’uu kan jalqabe abjuu gaarii hirriba keessatti arguuni. Abjuu homaatu hin argu akka guyyaa adii dhugaa yoo taate malee. Ergasii kophatti bahuun isaaf jaallatamaa ta’e. Goda Hiraatti kophaa bahuun gara maatii isaa deebi’uun dura halkan baay’eef achitti Rabbiin gabbaraa ture. Kanaaf galaa (siinqi) fudhataa ture. Ergasii gara Khadiijaa deebi’uun akkuma duraa siinqi fudhata. Hanga guyyaa tokko osoo inni goda Hiraa keessa jiru Haqni tasa isatti dhufuu [haala kanaan itti fufe]. Malaaykan dhufee akkana jedheen, “Iqra’a (dubbisi) ” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe,
“Akkamitti akka dubbisan hin beeku. ” Ergamaan Rabbii itti fufuun ni jedhe, “ Ergasii Malaaykan sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure. ” Ammas Malaaykan ni jedhe, “ Dubbisi! ” Ani nan jedhe, “ Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergasii Malaaykan yeroo lammataaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure, “Dubbisi! ” naan jedhe. Anis nan jedhe, “ Akkamitti akka dubbisan hin beeku. ” Ammas yeroo sadaffaaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na furee akkana jedhe, “ Maqaa Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu] barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise. ” (Suuratu Al-Alaq 96:1-5)
□ٱقۡرَأۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلَّذِى خَلَقَ
□خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِنۡ عَلَقٍ
□ٱقۡرَأۡ وَرَبُّكَ ٱلۡأَكۡرَمُ 
□ٱلَّذِى عَلَّمَ بِٱلۡقَلَمِ
□عَلَّمَ الاِْنسَانَ مَا لَمْ يَعْلَمْ
 
San booda Ergamaan Rabbii Aayata armaan olii kana fudhachuun osoo qalbiin dhikkistuu fi hollatanuu gara haadha manaa isaanii Khadiijaa deebi’an. Ergasii ni jedhan, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa deemu ni haguugan. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe, “Yaa Khadiijaa! Rakkoon kiyya maalii? Lubbuu tiyya irratti sodaadhe.” Wanta malaayka waliin ta’e ishitti hime. Khadijaanis ni jette, “Dhoorgami! Abshir (gammadi), Rabbiin kakadhe! Rabbiin si hin salphisu. Rabbiin kakadhe! Ati dhugumatti, hariiro firummaa sufta (eegda), dhugaa dubbatta, hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta, keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu’e gargaarta.” Ergasi Khadijaan ilma abbeeraa ishii kan ta’e Waraqaa bin Nawfal bira Ergamaa Rabbii fidde. Waraqaa bin Nawfal Ergamaan Rabbii (SAW) ergamuun dura Kiristaana ture. Kitaaba Arabiffaa fi wanta Rabbiin fedhe Injiila Arabiffaan barreessaa ture. Jaarsa dulloomee fi ijji isaa tan badde ture. Khadijaan “Yaa ilma abbeeraa kiyyaa! wanta ilmi obboleessa keeti jedhu dhagahi mee.” jetteen. Waraqaan ni jedhe, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Maal argite?” Ergamaan Rabbii (SAW) wanta arge isatti hime. Waraqaan ni jedhe, “Kuni [Malaayka Jibriil] kan iccitii eegu Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis bu’e. Maal qaba ani osoo dargageessa ta’ee jiraadhe! Osoo hanga ummanni kee biyyaa si baasanii lubbuun jiraadhe maal qabaa!” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “ Isaan biyyaa na baasu? ” Innis ni jedhe, “Eeyyen! Namni fakkaataa wanta ati fidde fide namoonni diina isatti ta’u. Osoo hanga guyyaa sani lubbuun jiraadhe silaa deeggarsa cimaan si deeggaraa ture. ” Garuu Waraqaan yeroo muraasan booda ni du’e. Wahyiniis yeroo muraasaf Nabiyyii irratti bu’uu dhiise.” Sahih al-Bukhari 3 Kuni yeroo jalqabaatif Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil suuraa irratti uumame argan. Malaaykan Jibriil Qur’aana irraa aayata (keeyyata) muraasa yeroo jalqabaatif Rabbiin irraa fuudhe gara Nabi Muhammad (SAW) geesse.
Yeroo lammataa Nabiyyiin suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame halkan Mi’raaja samii ol’aantu Sidratal Muntahaa biratti isa argan. Kuni sadarkaa fi bifa 2ffaa wahyiin Rabbiin irra gara Nabiyyi bu’uudha. Innis Malaayka Jibriil suuraa irratti uumameen arguuni.
2024/09/27 21:30:04
Back to Top
HTML Embed Code: