Telegram Web Link
3ffaa- Suuraa Namaatin Malaaykaa arguu – Malaaykan Jibriil nama fakkaachun gara Ergamaa Rabbii (SAW) wahyii fide dhufa. Namoonni naannawa san jiran Jibriilin ni argu, wanta inni jedhu ni dhagahu. Ragaan kanaa hadiisa Umar bin al-Khaxxaab dabarseedha. Osoo sahaabonni (hiriyoonni) Nabiyyi fi Nabiyyiin bakka tokko walitti qabamanii taa’anuu, Jibriil suuraa nama hin beekkamneetin dhufe. Ergamaa Rabbii (SAW) fuundura taa’un waa’ee Islaamaa, iimaanaa, ihsaanaa fi Guyyaa Qiyaamaa gaafate. Ergamaan Rabbiis gaafiwwan Jibriil ni deebisaniif. Jibriilis dhugaa dubbatte jechuun mirkaneesse. ( Sahiih Musliim-8 )
Malaaykan Jibriil akkuma suuraa namaatin gara Ergamaa Rabbii dhufu, osoo nama hin fakkaatinii fi ijaan hin mul’atin gara Nabiyyitti dhufuun wanta “itti geessi” jedhame itti geessa.
Wahyiin Qur’aanaa fi hadiisota sirrii Ergamaa Rabbii irraa gabaafaman akka of keessatti qabatu kaasne turre. Ergamaan Rabbii (SAW) ofirraa kaasanii waan hin dubbaneef waa’ee amanti ilaalchise wanti dubbatan, hojjatanii fi mirkaneessan wahyii Rabbiin irraa isaanitti bu’eedha. Ragaan kanaa:
□وَمَا يَنطِقُ عَنِ الْهَوَى
□إِنْ هُوَ إِلاَّ وَحْيٌ يُوحَى
□عَلَّمَهُ شَدِيدُ الْقُوَى
“ [Nabii Muhammad (SAW)] Fedha lubbuu irraa hin haasawu.
[Wanti inni dubbatu] wahyi buufamu qofa. ” (Suuratu Najm 53:3-4)
Akkuma keeyyata (aayata) lamaan armaan olii irraa hubannu Qur’aanni jecha ykn dubbii Nabiyyiin ofirraa kaasanii dubbatan osoo hin ta’in wahyii (ergaa) Rabbiin irraa bu’eedha. Kutaa darbee keessatti sadarkaalee fi karaalee wahyiin itti bu’u ilaalle turre. Ammas dabalataan akkaata wahyiin gara Ergamaa Rabbitti bu’u ni ilaalla.
Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan (Radiyallahu anhaa) akka gabaastetti, Haaris ibn Hishaam akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) gaafate, “Yaa Ergamaa Rabbii! Wahyiin akkamitti sitti dhufaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan: “Yeroo tokko tokko akka qillisa bilbilaa natti dhufa. Kuni hunda caalaa narratti ulfaatadha. Ergasii narraa cita; wanta inni (malaykaan) jedhe nan qabadha. Yeroo garii immoo Malaykaan namticha fakkaatee na dubbisa. Ergasii wanta inni jedhu nan qabadha.” Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) ni jetti, dhugumatti wahyiin guyyaa garmalee qorraa osoo isarratti bu’uu argee jira. Wahyiin erga dhumate booda dafqii kallacha isaa irraa coccoba.” Sahih al-Bukhari 2, Sahih al-Bukhari 3215
Asitti bilbila yommuu jedhu telefoona yeroo ammaa harkaa qabnu osoo hin ta’in bilbila sibilaa qillisuudha. Fakkeenyaf, fardoota irraa bilbila qillisu ykn bilbila yeroo durii mana barnootatti itti fayyadaman. Afaan Amaariffaatin isa “dawul” jennuudha.
Hadiisa armaan olii Aaayatni Qur’aanaa ni deeggaru. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
□وَإِنَّهُۥ لَتَنزِيلُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
□نَزَلَ بِهِ ٱلرُّوحُ ٱلۡأَمِينُ
□عَلَى قَلْبِكَ لِتَكُونَ مِنَ الْمُنذِرِينَ
“ Dhugumatti, Qur’aanni buufama Gooftaa addunyaa hundaati.
Ruuhi amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e (Qur’aana Rabbiin irraa fide). Akka ati Akeekachisaa irraa taatuf qalbii kee irratti [fide]. Lugaa (qooqa) Arabiffaa ifa ta’een. ” Suuratu Ash-Shu’araa 26:192-195
Kana jechuun Qur’aanni Rabbii waan hundaa uumee fi sooru irraa bu’e. Rabbiin akkuma bishaan samii irraa buusun qaama namaatiif jabeenya taasise, Qur’aanas of biraa buusun namootaf qajeelcha fi ifa taasise. Qur’aana Rabbiin irraa gara Nabii Muhammad (SAW) itti kan fide (geesse) Malaayka Jibriili. Yeroo darbe Malaaykan Jibriil bifa sadiin gara Ergamaa Rabbii dhufuun ergaa akka itti geessu ilaalle turre. 
1ffaa : Ergamaan Rabbii suuraa dhugaa Jibriil irratti uumame ni argu. 
2ffaa: Suuraa namaa fakkaachun itti dhufuun ergaa itti geessa. Yeroo kanatti Ergamaan Rabbii fi namoonni naannawa san jiran Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni dhagahu.
 3ffaa : Malaaykan Jibriil osoo ijaan hin mul’atin Ergamaa Rabbitti wahyii (erga) Rabbiin irraa fida. Yeroo kanatti, Ergamaan Rabbii yommuu wahyiin isatti bu’u akka sagalee qillisa bilbilaa isatti dhagahama. Haalota wahyiin itti bu’u biroo caalaa haalli kuni isarratti ulfaatadha.
Akka yaadannotti osoo Ergamaan Rabbii (SAW) rafan Qur’aanni abjuudhaan isaanitti hin buune. Wanti abjuun isaanitti bu’e Qur’aanan ala wahyii (ergaa) biraati. Fakkeenyaf, banamiinsa Makkaa fi wantoota gara fuunduraatti dhugaan uumaman biroo abjuun argu. Garuu Qur’aanni osoo isaan of beekanii fi hirraba irraa dammaqanii jiranuu isaan irratti bu’a ture.
Qur’aanni waggaa 23f dhawaata dhawaatan, aayaa aayan (keeyyata keeyyataan), boqonna boqonnaan bu’aa ture. Bu’iinsi kuni faaydaa baay’ee qaba. Isaan keessaa: suuta suutan namoota barsiisuuf, karaa salphaan namoonni sammuu keessatti akka qabatan (haffazaniif), qalbii Ergamaa Rabbii fi sahaabota isaa tasgabbeessuf, warroota gaafi gaafataniif deebii hatamtamaa kennuu fi kkf.
Haala fi akkaata bu’iinsa Qur’aana hubanne jirraa jechuudha. Amma gaafin ka’u kana fakkaata.
 (1)-Malaaykan Jibriil Qur’aana Rabbiin irraa gara Nabi Muhammad (SAW) erga fide booda Nabiyyiin hin dagatanii? Aayata fi jechoota wal keessa hin dhayanii?
 (2)- Ergamaan Rabbii (SAW) barreessuu fi dubbisuu hin danda’an. Kanaafu Qur’aanni akkamitti barreefaman hanga ammaa as gahee? Gaafiwwan kanniin mata-duree armaan gadii keessatti ni deebisna.
Guduunfaa:
Qur’aanni suuta suutan waggaa 23f Rabbiin irraa gara Nabii Muhammad (SAW) itti bu’aa tureera.
Malaaykan Jibriil (nageenyi isarratti haa jiraatu) Qur’aana Rabbiin irraa fiduun gara Nabiyyitti geessa. Nabiyyiniis gara namootaatti geessu. Namoonnis Qur’aana isarra barachuun addunyaa guututti geessu. Haala kanaan Qur’aanni addunyaa keessa faca’e.
Rabbiin Qur’aana guutuu qalbii Nabiyyii keessatti walitti qabuu itti gaafatamummaa fudhatee jira. Akkasumas, nama Qur’aana qoma keessatti qabachuu fi barachuuf carraaqu Rabbiin akka isa gargaaru fi laaffisuuf waadaa galee jira. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
“ Dhugumatti, Qur’aana hubachuu fi yaadachuuf laaffifne jirra. Namni ittiin gorfamu jiraa? ” Suuratu al-Qamar 54:17
Kanaafu, Qur’aanni Rabbiin irraa bu’uu keessa shakkiin wayitu hin jiru.
“ Addunyaa hundaaf akeekachiisaa akka ta’uuf gabricha Isaa irratti furqaana (Qur’aana) Kan buuse toltuun Isaa baay’atte .” (Suuratu Al-Furqaan 25:1)
Kana jechuun Rabbiin gabricha Isaa Muhammad (SAW) irratti Qur’aana buusun karaa qajeelaa fi jallinnaa, karaa Jannataa fi ibiddatti nama geessu ifa taasise. Dhugumatti toltuun Rabbii baay’atte.
Alhamdulillaah kutaa kana kanumaan goolbna.
....Siif haa galuu....

Jireenya guutuu if jajjabeeysaa ,wal jajjabeeysaa qofa ooluun gaarii miti yeroo garii dhugaa walitti himuuniis bareeda.

Mee waan takka jala muree sitti haa himuu !
Addunyaa tanarratti jireenya jiraattu khana keeysatti "an hiyyeeysaa tanaafuu sadarkaa tanarra jiraachaa hariiroo namaa wajjiin uumuu hin dandahu jaalala nama biraa arkachuu hin dandahu hiyyummaa kiyyaafiin waan akkanaa tahe hiyyummaa kiyyaafiin akkana mudadhe..."jachuun yoo sitti dhagahamte "lakkii akkasii mitii, lakkii qabeenyi humaa mitii" jattee if jajjabeeysaa jiruu tee guutuu hin fixiniitii laffa'an wanti hin arkamne hin jiruutii laffa'ii qabeenya baantu san kuufadhu. Jaalattuus jibbituus amantuus amanuu baattuus dhaloonni ammaa harki caaalaan nama odoo hin taane qarshii kabaja. Yoo qarshii hin qabaanne ollaan keetuu si hin beekhu garuu qarshii yoo qabaatte ollaa kee qofa odoo hin taane namni ati hin beeyneehuu hedduu tokkootu si beekha. #Hiyyummaan siif miraasaa mitii laffa'ii carraaqii hojii hin tuffatinii jireenya kana keeysaa ni baataati jabaadhuu hojjadhu !

😍2ffaa "an beekkumsa hin qabuu hedduus hin barannee namni sadarkaan amma jiru tana irratti waa takkatti nan yaadu naas hin dhagahu naallee hedduu hin kabaju...." Jachuun yoo sitti dhagahamte "A'aa numammaa qabaachuun qoftinuu gahaadhaa maarre maarreedhaa, namni barnoota qabaachuu kiyyaaf waa akka biraatti nan laaluu" jattee if jajjabeeysaa hin ooliniitii hirriiba itti dhabii deemicha bu'aa hin qabne if kutii laffa'ii itti ciniinnadhuu barnoota baantu saniis baradhuu irra aani bakka hawwite san gahi. Akkuma ati itti yaadu jirtu sanitti si yaada namniis yoo ati barnoota qabaachuu baatte. Kanaafuu if jajjabeeysitee if hidhuu tana dhiisiitii waan akkana akkasi jattee yaadde cufa dhugoomsii bira gahi.
Join👇
@gababo
@gababo
Yaadaa fi ergaa qabdan
@abuhafsabot irratti nuu barreesaa
Maqa_balleessii ykn hubannoo dogoggoraa

Islaamni Dubartii miidha.

Mirgi dubartootaa Islaamummaa keessatti maal fakkaata?

Hubannoo dogoggoraa nama garii bira jiruu fi maqa_balleessii diinni hafarsu keessaa tokko Islaamni dubartii miidha kan jedhuudha!
Akka namoonni Muslima hin ta’in tokko tokko yaadanutti Islaamni dubartii miidha. Garuu faallaa isaatu dhugaadha!

Islaamummaan lubbuu dubartootaa tiksuu, mirgaaa fi kabajaa jaraa eegsisuuf dhufe. Nuti Muslimni dubartoonni walakkaa ummataa akka ta’anii fi walakkaa kaaniif immoo haadha akka ta’an amanna. Jarri(Dubartoonni) haadhaa piroofeesarootaa, doctoorotaa, saayintistootaa, oggantoota biyyaa, injiinarootaa fi kkf ti. Jarri haadha keenya, obboleettii keenya, haadha-manaa keenya akka ta’an waan beeknuuf kabajaa addaa qabnaaf.
Qur’ana keessa boqonnaa lama kan maqaa dubartootaatiin moggaafametu jira. Isaanis: “Al-Nisaa’a (dubartoota) fi Al-Mujaadilat (himattuu)” kan jedhuudha.

Kan duraa Qur’aana keessaa boqonnaa 4ffaadha. Boqonnaan kun waa’ee dubartootaa irratti xiyyeeffata. Waa’ee mirga heeruma jaraa, hiikaa (divorse), dhaalaa, haala iti wajjiin jiraatanu, akka itti horii jaraa itti kunuunsanuu fi kkf dubbata. Keessattuu ennaa jarri abbaa hin qabne.
Kan lammaffaa immoo boqonnaa 58ffaadha. Sababni boqonnaan kun bu’eef dubartii tokkotu waa’ee abbaa manaa isii ilaalchisee rakkoon isii mudate. Isiin ergamaa Rabbii Muhammaditti dhuftee waa’ee dhimma isii kanaa himatte. Ergamaa Rabbii wajjiin dubbii walittii deddeebisan. Rabbiin falammii isii kana dhagahee rakkoo isiitii fi dubartoota akka isii hiikuuf boqonnaa Qur’aanaa kana buuse. Kun kan jarri addatti dubbataman yoo ta’u boqonnaalee hafan keessatti immoo dhiiraa wajjiin dubbataman.

Mee Islaamummaa duraa fi Islaamummaa keessatti haalli jaraa akkam akka ta’e haa ilaallu:
Islaamummaa dura ummata Arabaa biratti dubra guddisuun qaanyii (waan saalfatamu) ture. Namni tokkko ennaa durbatu siif dhalate jedhame fuulli isaa ni dukkanaa’a! Xiqqeenyaa wajjiinan guddisamoo biyyee keessan awwaala jedhee dhiphata! Qaanya’uu/salphachuu baqaaf ilmoo fayyaa owwaalu turan! Kunis Qur’aana boqonnaa 16ffaa, keeyata 58ffaa&59 ffaa (16:58 &59) keessatti dubbatame.

Islamummaan dhufee gochaa logic saalaa irratti hundaa'ee Kan jibbaa fi tiffin dubartootaatiin guutame kana dhowwee lubbuu dubartootaa tikse. Gochaa badaa fi kan gara jabeenyaa dubartoota irratti hojjatamaa ture kana Qur’aanni ni qeeqe/ni balaaleffate. Badii kamiif akka ajjeefamte gaafatamuuf teessu jechuudhaan ummata akkeekkachiise. Kunis Qur’aana boqonnaa 81ffaa, keeyata 8 ffaa fi 9 ffaa (81: 8 & 9) kessatti dubbatame.

Gochi loogii kun aadaa Arabaa qofaa mitii, hordoftoonni amantii nu duraa hordofanis (Yahuudonnii fi Kiristaanonni) ilaalchi jarri dubartootaaf qaban waan baay’ee nama gaddisiisu. Fuulduratti ilaaluuf deemna.

.... itti fufa
#Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu:

ﺍﻟﺼَّﻠَﻮَﺍﺕُ ﺍﻟْﺨَﻤْﺲُ ﻭَﺍﻟْﺠُﻤُﻌَﺔُ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟْﺠُﻤُﻌَﺔِ ﻭَﺭَﻣَﻀَﺎﻥُ ﺇِﻟَﻰ ﺭَﻣَﻀَﺎﻥَ ﻣُﻜَﻔِّﺮَﺍﺕٌ ﻣَﺎ ﺑَﻴْﻨَﻬُﻦَّ ﺇِﺫَﺍ ﺍﺟْﺘَﻨَﺐَ ﺍﻟْﻜَﺒَﺎﺋِﺮَ

“ Salaanni shanan, Jum’aa irraa jum’atti, Ramadaana irraa Ramadaanatti wanta(cubbuu) isaan jiddu raawwatamaniif kaffaaradha yoo namtichi badii gurguddoo irraa fagaate .” (Sahih Musliim)

#Kaffaara-jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu.

#Ramadaanni carraa guddaa hojii gaarii itti sassaabatanii fi hojii badaaf araarama Rabbirraa itti kadhataniidha.

#Rabbiin! Warra keeyrii ramadaanaa keessaa argatu, nuu haa tasisu.
*Dua for Zimbabwe ( Prayer for Zimbabwe ) :*

Ya Allah less than five percent Of Us Are Muslims,
Ya Allah grant our Non Muslims, friends and family, Hidayah.
Ya Allah have Mercy upon Zimbabweans Muslims,
Ya Allah grants us peace and blessings,
Ya Allah economic crisis, is facing us,
Ya Allah we are indeed suffering in Zimbabwe but indeed we are ever grateful,
Ya Allah , Our sisters in Humanity here in Zimbabwe are waking in the street Naked not wearing hijab at All, Ya Allah grants us a solution to end this fitna because it is destroying many of our youngsters,
Ya Allah indeed have , mercy upon us , free mixing is becoming the order of the day
Ya Allah have mercy upon all Muslim Scholars in Zimbabwe, grants them more knowledge,
Ya Allah have mercy upon #Sheikh Abdul_Kareem_Ali
Ya Allah have mercy upon #Mufti_ismail_menk
Ya Allah have mercy upon All Muslims Scholars, and All those Muslims who spread islam in Zimbabwe,
Ya Allah have mercy upon All believers in Zimbabwe

O Allah, remove the difficulties and trials of the Ummah.

O Allah, we are going through very, very, difficult and trying times. It has become very difficult to even protect our Imaan.

O Allah, protect our Imaan.

O Allah, protect each and every one of us. Protect the entire Ummat.

O Allah, change the conditions of adversity, to conditions of prosperity.

O Allah, change the condition of fear, to that of peace and security.

O Allah, change the condition of the Ummah.

O Allah, restore the dignity and honour of the Muslim Ummah.

Ya Allah ! Have mercy on humanity and protect us from the hate and evil that are destroying us and dividing us through wars, terrorism, and other acts of violence and intolerance...
Allahumma Aameen;

-)Dear reader :

We place our trust in Allāh jalla wa ‘alā – who said to His loyal slaves:
“We unite the believers with their offspring who followed them in faith”
Thus wait for us in the meantime: we play, we smile, we are always happy! Peace! We will join us soon in Jannah( Paradise ) - In shaa Allah - for the start of wonders that will never cease.

#Reminder :

-)UNITE THE UMMAH - DON'T DIVIDE US INTO OBLIVION"

Prophet Muhammad ﷺ says :

The parable of the believers in their affection, mercy, and compassion for each other is that of a body. When any limb aches, the whole body reacts with sleeplessness and fever” (Source: Sahih al-Bukhari 5665).

-) *Dear Readers*

_The situation of our beloved brothers and sisters in Zimbabwe should break our heart. They are worthy of our Duas And help_

Allah ( Subhanahu wa Ta’ala ) said :

And never think that Allah is unaware of what the wrongdoers do.

He only delays them for a Day when eyes will stare [in horror].
- Surah Ibrahim, Ayah 42

-)Dear sisters and brothers in Islam :, Help us or support us in order for us to reach more people with the teachings of islam,

http://bit.ly/SupportZimbabweMuslimsCommunityDawah

Kindly do forward/share to all Muslims and Allah Will reward you In shaa'a Allah. Sharing of Knowledge is Sadaqatul-Jaariyah.
Nashiidaa haaraa Enjineer ABDURAHMAN Huseen buufadhaa in sha Allah
Forwarded from Abu Mahir
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM


CORRECTING THE FAULTS

While maintaining respect


Abu Hurayra رضي الله عنه said, ⁣
“A believer is the mirror of his brother. When he sees a fault in it, he should correct it.”⁣
[Shaykh al-Albaani graded it hasan (good) in Al-Adab Al-Mufrad 238]⁣
⁣__
Allah ﷻ says in the Qur'an:

ٱدۡعُ إِلَىٰ سَبِیلِ رَبِّكَ بِٱلۡحِكۡمَةِ وَٱلۡمَوۡعِظَةِ ٱلۡحَسَنَةِۖ وَجَـٰدِلۡهُم بِٱلَّتِی هِیَ أَحۡسَنُۚ

“Invite to the way of your Lord with wisdom and good instruction, and argue with them in a way that is best”⁣
[an-Nahl 16:125]⁣
⁣__
Narrated from Tameem ad-Daari رضي الله عنه:⁣
The Prophet (ﷺ) said: “Religion is sincerity.” We said: To whom? He (ﷺ) said: “To Allah, to His Book, to His Messenger, and to the leaders of the Muslims and their common folk.”⁣
[Sahih Muslim 55]⁣
⁣__
Ibn al-Atheer رحمه الله‎ said:⁣
"Sincerity towards the common folk of the Muslims means: guiding them to that which is in their best interests."
[An-Nihaayah 5/142]⁣
⁣__
Ibn Hazm رحمه الله‎ said: "If you give advice, then give advice in private, not in public, and by hinting, not by speaking bluntly, unless the person to whom advice is given will not understand hints, in which case there is no option but to speak bluntly.… If you go beyond these guidelines, then you are wronging him and are not being sincere in your advice."⁣
[Al-Akhlaaq wa’s-Siyar, p. 45]⁣
⁣__
Al-Kalabadhi رحمه الله reported: ⁣
Umar ibn Abdul Aziz, رحمه الله‎ said, “May Allah have mercy on a man who shows me my faults.”⁣
[Baḥr al-Fawāʼid 1/129]

*-)Jazaakallaahu Khairan for Reading; *

*Allah Subhanahu WaTa’ala says :
'And remind for indeed Reminder benefits the believers' (Qur'an 51:55).*
#Leeylatul_Qadr
#Halkan_Kabajaa:

1/ Kitaabni guddichi addunyaa kanaa Qur'aanni isii keessa buufame,

2/Hojiin keeyrii takka mindaa baatii kuma tokkoo oliin shallagama,

3/Guddichi Malaa'ikaa Malak Jibriil malaa'ikoota heddumminni isaanii xirracha lafaa irra heddummaataniin wajji gara lafaa bu'u,

4/Tasgabbiif nageenyatu isii keessa labsama,

5/Namni keeyrii halkan kanaa dhabe dhuguma kasaare,

6/Namni halkan kana dhaabbatee Rabbiin gabbare badiin inni dabarse ni dhiifamaaf,

7/Suuraan takka guutuun guututti Qur'aana keessaa sadarkaa isii irraa dubbattu hanga gaafa qiyaamaatti qara'amtutu buufame,

8/Murteewwan jireenya fuulduraaf bocaman halkan kana murtaa'u,

9/Halkan tuni Ummata Nabi Muhammad qofaaf keennamte,
صلى الله عليه وسلم
10/Hanga gaafa qiyaamaan buututti Ramadaana hunda keessa ni jirti,

11/Halkan kana keessa urjiin samii irraa hin darbamtu,

12/Irra caaltuun halkanii waggaa guutuu keessaa halkan tana!,

#Mallattooleen_isii_dhaa ;

➫Ganama halkan isii aduun ifaansa cimaa dhaan hin baatu
➫Qilleensi halkan kanaa giddu galeessa -Hin qorru hin oowwu-
➫Addeessi/jiini halkan kana akka cinaa gabatee/qorii fakkaatee baya.

#Mallattoolee_dogoggoraa_namni_yaadu;
➫Halkan tana keessa;
➫Sareen hin duttu,
➫Harreen hin iyyitu,
➫Bishaan bahraa ni mi'aawa,
mukkeen baala buufatanii ganama ol dachaafatu,
Ifaa guddaa tokkotu samii irraa bu'a...!
Kuni_hunduu_sirrii miti !

#Irra_caalaan du'aa'ii halkan kanaa :
''اللهم إنك عفو تحب العفو فاعف عني ''
(Allaahumma Innaka Afuwwun Tuhibbul Afwa Fa'afu Annii )
share_godhaa
Join👇
T.me//gababo
Ramadaana keessa Nyaataa dhugaatii fii kkf dhiisuuwuu ni dandeessa. Maعsiyaa (Dilii) fi Waan fokkotaa hoo akkamitti dhiisuu dadhabde? Of gaafadhu jechumaafi.
Ati quba qabaatuutu mala. Yeroo yeroo wal dorgommiiti. Yeroon yeroo Caalbaasii guddaadhaan Waraqaa Seensa Jannata ol aanoo itti bitatani. Yeroon yeroo Murtii Waggaatti dabru keessatti keeyriin galmaahuuf wareegama barbaachisu kafalani. Yeroon yeroo kaleerra har'a ibadatti jabaatani. Yeroon yeroo har'arra boru ibaadatti jabaatani. Halkan Atsee raraa yoo bultes Salaata zuhrii Jamعaa Wajjiin salaatuu dagachuu hin qabdu. Yeroo itti cirtu sanis Rabbii kee guddisi (Zikrii godhaatuma itti ciri). Obboleessoo narraa hin dagamin jechuu barbaadeeti. Baatii (Ji'ia) kana Ibaadumatti akka jabaattu siif dhaamuu kiyya.
@gababo
Forwarded from andarge Ali
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
💊 Yoo dandeeyse qoricha ta'ii.
Farra jireenya nama hin ta'in jireenya nama gargaaru yoodadhabde balleeysuuf hin yaalin.
👉Qoricha ta'i jechuun waa malee miti kaniin ja'u namni qoricha kan ta'u of biraa ka'ee namaaf qoricha ta'a malee osoo ofii isaatif qoricha jireenya isaa hin taane nama biraaf qorichaan taha jechuun dogongora.
Ati mataa keef qorichaa quba qabaadhu dogongora kee kan sirreeysu ofii keeti malee namni bira kan siif sirreeysu simalee kan bakka bu'u hin jiru dogongora arkameefis ta'e wanta uumameef itti gaafatama kan fudhatu suma.
Dandeenyaan qoricha tahuu dadhabnaan farra tahuu irra of ittisuu kanuma.
Ergaan itti fufa.......
@gababo @gababo
Yaada keef @abuhafsaBot
Forwarded from 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر (Ibraahim Eda'oo (Abul-mansuur))
#maaltu_akkanatti_si_bareeche!!

Suuraan #Hajaral_Aswadii fi #Maqaama_Ibraahim bifa gaariidhaan muldhistu guyyaa kaleessaa meshaa addaa fayyadamuun kaafamatee bifa kanaan addunyaa irratti gadi dhiifamte.
Maddi
Aljaziiraa
Join👇
@tafak_or
#Halkan_jum’aa

"Ashralawaakir keessa halkan witrii/qaraatii fi halkan Jum'aa yoo walgalte halkan sun halkan leylatulqadri ta'utu kajeelama jedhan" ibaadaa irratti haa cichinuun dhaamsa keenya.
Warra halkan kabajaa tana argatu Rabbiin nu haa taasisu.
join
👇
@gababo
2024/09/27 23:27:46
Back to Top
HTML Embed Code: