Telegram Web Link
Samiiraa Muhammad jedhamti shira Abdii illeetin buqaate Finfinnee qubsiifamte harra sariin pp tumamtii Oromoo maalyakkite oboleettin teenna tun callee morma isii kana tahinnaa laata?
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
“Baallii kichaa kichaa
Oromoon tokkicha
Marrootu nubulchaa
Jawartu nu bulchaa
Baqqeetu nu bulchaa”
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Hirmaattonni Irreecha Hora Harsadee-Bishooftuu PP (Abiy Ahimed) irratti mormii yommuu dhageessisan.

Abiy Ahimed Waraana Bilisummaa Oromoo'shororkeessaa'jedhee moggaase; Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi uummanni Oromoo bal'aan ammoo sirna PP Abiy hogganu balaaaleffatan.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Barattoota 12tiif
Share godhaa obboleeyyan keeysaniif

Rabbiin isin haa gargaaru firii keeysan lafa bada isin jalaa hin godhin. Inni irkoof tolu isin waliin haa jiraatu.
❤️Akka dhaamsaatti👇
1,Sa'aa ammaan tanaa irraa kaasaa online irraa fagaadhaa akka tasgabbooyatniif.
2,Qormaataatu hatame, yeroo isaatu dabre... ka ja'u hin dhagahinaa.
3,Barana akka tolutti akka isin hin baratin ni beeyna kanaaf suuta ja'aa waan dandeeysan yaalaa.
4, Deebiin qormaataa akka tasaa yoo isiniif ergame jarjartee itti lixxee akka sin dogongorsiifne.
5, Deebii alaa irratti irkoo takka hin godhatin haga dandeeysu yaaluuf if amansiisi.
6, yerotti fayyadamii ariitiin xumuruuf yaali. Deebii hedduu sitti ulfaate irra hin turin.
7, Ganamaan qa'ee mana barumsaa sanitti argami.
8, qormaata duraas tahee boodaas waa'ee qormaataa namootaa waliin hin odeeysin.
9, Wantoota guuttachuu qabdu duursii guuttadhu tasgabbiin bobbahi.
#Akka jabaa👇
❤️Ganama san dhiira yoo taate subhii jammaan salaati, achuma turi Qur'aana haga siif laafe qara'i, zikriilee jajjabduus godhi, du'aa'iis godhadhu, yeroo aduun ol baatee xiqqo ol jatte sunnaa lama irra buufadhu masjiidaa bahi, haadhafi abbaa kees fitti tufsiisi. Isaan yoo hin jiraannees namuma bira jirtu, akkasitti manaa bahi, haga karaa mana barumsaa deemtuus zikriilee godhaa deem, yeroo qorumsa jalqabdees "bismillaah" Yaa Rabbi na gargaari ja'iitii jalqabi. #Shamara yoo taatees bakka takkitti Subhii jammaan masjiidatti deemu san malee kanuma hordofta.
Iinshaallaah fadha Rabbiitiin irra aantanii abdii Rahmaaniin guutamaa !
❤️ @jechootahayyoota
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳 (Abđeta Kı&ª)
*Oduu Ammee*
Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni KFO hidhaa gadi
dhiifamuun mirkanaa'e
**
Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni paartii mormituu
Kongirasii Federaalawaa Oromoo fi namoonni isaan waliin
himatamanii mana hidhaa sirreessaa Qaallitti turan gadi dhiifamuu maatiin hidhamtootaa mirkaneessan.

Kanneen galmee Obbo Jawaar jalatti himataman keessaa Obbo Dajanee Xaafaa, Shamsaddiin Xahaa fi gaazexeessaa
Mallasaa Dirribsaa dabalatee eegdonni Jawaar Jimaata galgala dursanii gadi dhiifaman.

Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa dabalatee kanneen hafan ammoo halkan naannoo sa'aatii 5
mana hidhaatii bahuu intalli Obbo Baqqalaa garbaa fuula feesbuukii isheerratti beeksifte.

Gama kaaniin Paartiin Baaldaraas Dura Taa'aan dhaabichaa Iskindir Naggaafi hoggantoonni dhaabichaa galmee isaa jalatti himataman kaan hiikamuu isaa gama fuula Facebook isaarratti
barreessuun mirkanesseera. Mootummaan Itoophiyaa "dirree siyaasaa bal'isuu fi marii
biyyaalessaa hirmaachisaa ta'eef jecha" hidhamtoota kana "dhiifamaan" hiikuuf murteessuu Tajaajilli Komunikeeshinii
Mootummaa ibsa Jimaata galgala baaseen beeksiseera.

Abbaan Alangaa Federaalaa ammoo ibsa gama feesbuukiin baaseen hidhamtoonni kun marii biyyaalessaa karoorfame bu'a
qabeessa gochuuf "bu'uura labsii 943/2008tiin himatni isaanii
akka kaafamu murtaa'e" jedheera.
Odeessa guutuu asii dubbisaa:

.
========Read more===⤵️l
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Baga gammaddan!
Baga gammanne!
Gammachuu guutuu rabbi nuuf haa godhu.
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳 (Abđeta Kı&ª)
Anis Karrayyuudha

Madda Oromummaan
imala namummaan
Miti naan hin jedhin
Karrayyuudha an

Karrayyuu karra haayyuu
Hortee Baarentuudhaa
Ilmaan saba guddaa
Ilmaan Oromoodhaa

Enyuummaa keessaniin
kan jiraattan boonaa
Dirree milkiif karraa
maaf godhanii foonaa?

Gootummaa kee beeku
boriif sodaatanii
Kaanaaf qaallichaa
si furaa nyaatanii

Labatni uma fufa
Anis Karrayyuudha
Dhiigni kee dhiigaa koo
Lafeen kees kan koodha

Du'a jagnaa duutan
du'a gadhee motii
Silas dur gootummaa
kan abbaa keeti
kan abbaa kootii

Deemsi keessan unuuf
baraan dirmammuudha
Godaannisan qaba
Anis Karrayyuudha

#Share
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Nuuf kenneera rabbi
jabina isa guddaa
Dirra ittiin baannu
rakkoo hamaa hunda

Osuma watwaatnu
boolla qilee lixnee
Galata Waaqayyoo
seequurraa'n fagaanne

Rakkoon dabalamuus
guyyuun akka jiruu
Imimmaan roobsudhan
barri yoomuun taru

Guyyaan har'aa kuni
darbee seenaaf hafa
Boo'uu qofa miti
falli biraa kolfa

#Share
@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
sign up to get a 10 US Dollar newcomer bonus! I made more than 200 US Dollars by watching the video here, so you can try it. https://video-dy.xyz/2600101618686888/
#Oduu_Gaddaa
Artistiin jaallatamaaf kabajamaa Nuhoo Goobanaa du'aan Adunyaa kanarraa boqote.

Maatiifi Firoottan akkasuma jaallattootaafi dinqisiifattoota isaaf Jajjabina hawwina

@oromotoo
@oromotoo
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Dandeetti Kee barbaadu irratti obsi!


Li’oonaardoo Daavinchii hamma tokko seenaa jireenya isaa
beekta. Nama uumaan kennaa hedduu kenneef—nama
dandeettii addaa qabu ture. Saayintistii, artistii fi nama
filoosoofii ture. Fakkii kaasuudhaan namni isa dorgomu waan jiru hin fakkaatu. Moonaaliizaan hojii isaa addaati. Akka salphaatti hin hojjenne. Baay’ee baay’ee itti dadhabe. Hidhii Moonaaliizaa qofa hojjetee xumuruuf waggoota 11 hojjete. Hubadhu! Guyyaa 11 ykn ji’oota 11 miti. Waggoota 11’n jedhe. Obsa guddaa!

Toomaas A. Ediisen namoota dandeettii kalaqaa adda ta’e
qaban muraasa addunyaan keenya argite keessaa isa tokko ture. Barumsa ji’a sadii qofaa ture kan barate. Dhamaatii mataa isaa fi gargaarsa harmee isaatiin garuu addunyaa kanaaf oolmaa guddaa ooleera. Kanaafuu, namoota addunyaan kun tasuma dagachuu hin dandeenye keessaa
tokko dha. Balbii elektirikii hojjechuuf yeroo 10,000 ol irra
deddeebi’ee yaaluu qaba ture. Kanas hubadhu! Yeroo kudhan
hin jenne, yeroo kuma kudhan! Balbii ishee hojjete sana
hojjetoota isaa keessaa isa tokko waamee akka inni isaaf
kaa’uuf itti kenne. Innis baatee utuu deemuu lafa buusee
cabse. Hojii yeroo hamma sana dheeratu fudhatee hojjetame
al tokkotti lafa buusee yommuu cabsu—utuu Ediiseniin
taatee maal taata? Inni garuu ni callise. Irra deebi’ee hojjete


Wanti nama ajaa’ibu immoo isa irra deebi’ee hojjete sanas
namicha isa dura jalaa cabse sanatti kennuu isaati. Namoonni hedduun utuu jiranii isa balbii jalqabaa jalaa cabse waamee itti kennuun isaa fakkeenya obsaa namoonni hedduun ajaa’ibsiifatan ta’ee jiraata. Obsa!


Gorsa fi barnoota gaarii argachuuf channel keenya join gochuun nu hordoofa!
@JECHOOTAHAYYOOTA
@OROMOTOO
@JECHOOTAHAYYOOTA
@HARARGETUB
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳
GMN-Amajji 31/2022!
Waraanni Bilisummaa Oromoo  Oromiyaa bakkoota garaa garaatti Waraana Bilxiginnaa yoo haleelu, Miseesonni RIB 7 ammoo Waraana Bilisummaa Oromootti dabalaman.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba bahaa, Zoonii Giddu Galeessaa fi Zoonii Kibbaa bakkoota addaa addaatti Waraana Bilxiginnaa irratti tarkaanfii fudhachuun kisaaraa guddaa irraan ga'un beekame.

Haaluma kanaan Amajjii 30/2022 Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nageellee Ganda Goondee Gurraattiitti, Waraana Bilxiginnaa sakatta'a Waraana Bilisummaa Oromoof deeman irratti tarkaanfii guddaa fudhateen loltoota Bilxiginnaa hedduu ajjeesuun kaanis yoo madeessu akkasumas meeshaa gosa addaa addaa irraa booji'uu ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo naannichaa beeksisee.

Tarkaanfiima wal fakkaatuun Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii kibbaa Cibiraan 30 Booroo kaleessaa Amajji 30/2022 Magaalaa Guddoo Godina Gujii kan taatee Magaalaa Nageellee Booranaa seenuun Mooraa ykn Kaampii Waraana Bilxiginnaa haleeluun hedduu ajjeesuun kaanis yoo madeessu meeshaa adda adda Kampiicha keessa tures guutummaatti booji'uu ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Cibiraan Soddom Boroo beeksise.


Haaluma wal fakkaatuun Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Buttaan Jaagamaa Badhaanee kaleessa Amajjii 30/2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ambootti Mooraa ykn Kampii Waraana Bilxiginnaa bakka addaa addaa 3tti haleele.

Sa'aa wal fakkaataatti tarkaanfii mooraa Waraana bilxiginnaa irratti kan fudhatee Waraani Bilisummaa Oromoo mooraa inni haleeles 1 Ganda Dikii, 2, Mooraa daandii ijaarsa baadiyyaa Qulliitii bakka jedhamu 3 mooraa  ganda xulleetti argamu barbadeesse jira. Kampiin Waraana Bilxginnaa Haleelaman kunneen Magaalaa Amboorra fageenya deemsan sa'aa 1:30 haga sa'aa 2:00 hin caalle kan fagaatan ta'uu Gadaa Media Network Hawaasa naannichaa irraa odeeffateera.

Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhate kanaan loltoonni Bilxginnaa hedduun yoo du'an, kanneen mada'an ammoo konkolaata 5 Ganda Qullii irraa konkolaataa 4 Ganda xullee irraa konkolaata 2 Ganda Dikii irraa guuruun Hosptalaa Ambootti geessan jedhu jiraattonni naannoo Sanaa.

Waraanni Bilisummaa Oromoo lola kanaan meeshaa Waraana Bilxiginnaa lakkoofsaan hedduu ta'e Booji'uus ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Buttaa Jaagama Badhaanee beeksisee jira.

Oduuma wal fakkaatuun Guyyaa kaleessaa Amajjii 30/2022 Godina shawa Kibba Lixaa Aanaa Ammayyaa Roggeetti Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Xoophiyaa 7 Meeshaa Bireenii ykn Falfaloo 2 akkasumas kilaashii AKM 4 fudhachuun Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamun beekame.

Yeroo addaa addaatti ilmaan Oromoo Waraana Bilxginnaa keessa jiran hidhannoo guutuu waliin gara Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti dabalama kan jiran yoo ta'u Waraanni Bilisummaa Oromoos irra deeddebiin waamicha Oromummaa gochaafi jira.!



https://www.tg-me.com/oromotoo
Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan boru ni eegala.

Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan guyyaa boruu Bitootessa 24, 2014 ni eegala.

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa ibsa ergeen soommanni guyyaa boruu kan eegalu ta’uu ibseera.

Soommanni Ramadaanaa bara kanaa guyyaa boruu kan eegalu ta’uu mirkanaa’uu hogganaan sabquunnamtii mana marichaa Usmaan Adam ibsaniiru.

Hawaasni musiliimaa wayita soomu wal deeggaruu fi walgargaaruun ta’uu akka qabu manni marichaa yaadachiiseera.

Keessumaa lammiilee waraanaa fi hongeen miidhaman yaadachuu akka qaban dhaamaniiru


📡MIIDIYAA📡
@jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
🥀 ɢᴜʏʏᴀᴀ ➀

Namoonni Si (waa'ee kee) beekan waan ta'e amanuu dadhabu. Maatiin, hiriyootni keef namoota ati jiraachuu keen qofa wal barte sagantaa ho'aa tokko irratti wal argu.

Maatii keessaa namni tokko, hiriyoota kee warra akka mataa keetti jaallatu bakka bu'ee namni tokko..namoota addunyaa hojiin si beekan dabalatee, warreen utuu imalli dheeraan hin eegalamiin dura hafuura keef ciminni, lubbuu keetiif boqonnaan as jira jechuun; Isa si uume waliin hariiroo akka qabaattuuf si gorsan keessaas inni tokko ol ka'ee jecha Si ibsu dubbachuuf namoota walitti qabaman fuuldura ni dhaabbata. Jireenyi Isaa/Ishee nuuf kana ture jedhu !
Amalaafi sabriin, sirnaafi fakkiin eenyummaa ke laphee cabsee isaan boossisa ta'a. Guyyichi guyyaa jireenyaaf kenname isa dhumaati.

➭Waan ta'uun si ibsuuf
➭Carraa siif kennameef
➭Jaalachuufis ta'e dhiifama gochuuf
➭Hojii sitti kennameef 𝙜𝙪𝙮𝙮𝙖𝙖𝙣 ➀ har'a !

🔖ʜᴀʀ'ᴀ ǫᴀʟʙɪɪɴ ᴊɪʀᴀᴀᴄʜᴀᴀ; ʙᴏʀɪɪғ ʏᴀᴀᴅᴀᴀɴ ǫᴏᴘʜᴏᴏғɴᴀ.
@jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
2024/09/29 09:25:41
Back to Top
HTML Embed Code: