Telegram Web Link
Kaayyoon kee si qofatti haajama. Ka harkatti si qabatee garayyu siin deemuu fadhu malee kan kaayyoo teerratti si gargaaru ni takkata Hiriyyaa akkasii kan dhugaa kan si gargaaru argatuuniis ni jabaata
Dhoyinsi guddaan magaala guddoo Eertiraa Asmaraatti dhaga'ame

Jimaata galgala sagaleen dhoyinsaa guddaan magaala guddoo Eertiraa Asmaraatti dhagahamuu jiraattotni magaalittiifi maddeen biroon himan.

Imbassiin Ameerikaa Asmaraatti argamus Jimaata galgala gara sa'aa 2:24'tti dhoyiinsi guddaan magaalittii keessatti dhagaahamuu ibseera.

Maddi dhoyiinsa kanaa magaalittiin ala akka ta'ullee hime.

Tajaajilli oduu Faransaay Ajaansi Firaans Pirees ammoo maddeen dippiloomaatii isaa eeruun dhoyiinsi kun haleellaa rookkeettii naannoo Tigraay irraa raawwatame akka ta'e gabaaseera.

Maalummaa dhoyiinsa kanaa ilaalchisee hanga ammaatti mootummaan Eertiraas ta'u mootummaan federaalaa Itoophiyaa ibsi kennan hin jiru.

Torbee lama duras akkasuma dhoyiinsi wafakkaataan magaala Asamaraatti dhagaahamee kan ture yoo ta'u hoogganoonni TPLF haleellaa rookkeettii raawwatan ta'uu ifatti ibsanii turan.
Siidaan Caalii Shoonoo ebbifame

Siidaan Caalii Shonoo godina Iluu Abbaa Boor aanaa Yaayyootti ijaarrame ebbifame.

Abbaan Boor yookin Caalii Shonoo bara 1842-1874tti godinicha bulcheera.

@harargetub
Somaaliyaan Diippiloomaatota Keeniyaa biyya ishee keessaa ariite kan Keeniyaas akka biyya isaanitti deebi’an gaafatte.

@dedroro
Naannoo Oromiyaatti Barnoonni bara kana addaan cite turee har’a eegaluu Biiroon Barnoota naannoo Oromiyaa beeksise.

Naannichatti oolmaa daa’immaniitiin ala adeemsi baruu barsiisuu eegaleera.

Barnoonni oolmaa daa’immaniis torbee lamaaf dheerachuu biirichi ibseera.

Naannoo Oromiyaatti qormaanni kutaa 8ffaa Sadaasa 30 hanga Mudde 2, 2013tti kan laatamu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise turuun ni yaadatama.
Keeniyaan himata Somaaliyaa haalte!

Keeniyaan himata mootummaan Somaaliyaa irratti dhiyeesse haaltee jirti. Mootummaan Keeniyaa Somaaliyaan filannoo biyyaalessaa dhufaa jiru keessa harka galfachuu yaalaa jirtii jechuun himati inni dhiyeessi dhugaarraa kan fagaatee jedhe.

Daangaa handaara galoo galaanarratti mana murtii wal dhabanii kan jiran Keeniyaafi Somaaliyaan amma ammoo dhimmi keessoo walii keessa seenuurratti wal himataa jiru.

Somaaliyaan kaleessa Keeniyaan dhimmi keessoo kiyya keessa harka seensifataa jirtii jechuun Ambaasaaddera Keeniyaa Mooqadiishoo yoo ariitu, Ambaasaaddera Somaaliyaa Naayroobiin jirus, hanga wal dhibdeen kun furamutti biyyatti akka deebiyu ajajjee jirti.

Ministeerri Dhimma Alaa Keeniyaa ‘tarkaanfii’ Mooqadishoon fudhatte quba hin qabu jedha. Waajjirri ministeeraa Keeniyaa kun, oduu kana saba himaalee rraa male, barreeffama ykn karaa toora diploomasiin wanti nu dhaqqabe hin jiruu jedhe. Haa ta’uyyuu malee Keeniyaan waan dhimma keessoo biyya kamuu keessa hin seentu, tarkaanfiin Somaaliyaan fudhattes ‘kan nama gaddisiisu’ jechaan ibse.

Himati Somaaliyaan Keeniyaa irratti dhiyeeffataa jirtu, waan Jubaa Laandi ilaallata. Somaaliyaan biyyi ollaashee keeniyaan gaggeessitoonni bulchiinsa Jubaa Laandi filannoo biyyaalessaa Somaaliyaa dhufurratti akka hin hirmaanne dhorkaa akka jirtu odeeffannoo qaba jechuun himatte.

Waajjirri Dhimma Alaa Keeniyaa garuu himata kana ammas haalee jira. Ibsa kaleessa galgala baaseen, Keeniyaan walii galtee Mootummaan jiddu galeessaa Somaaliyaa fi Kutaaleen Bulchiinsaa Somaaliyaa walii galan ni deeggartii erga jedheen booda, ‘walii galtee kanaaf bitamuun garuu gahee warra gaggeessitoota siyaasaati’ jedhe.

Keeniyaan biyyoota Somaaliyaa keessatti nageenyi bu’uuf hojjetaa jiran keessaa tokko ta’uu eeree, Mootummaan jiddu galeessaa Somaaliyaa fi Kutaaleen Bulchiinsaa Somaaliyaa filannoon biyyattii dhufu kun naga qabeessa akka ta’uuf maree akka gaggeessanis gaafatee jira.

Filannoon Bakka buutota Paarlamaa Somaaliyaa har'a kaasee haga mudde 27, kan gaggeeffamu yoo tahu, Filannoon Prezdentii Somaaliyaa garuu gaafa Gurraandhala 1, bara 2021 akka gaggeeffamu bulchiinsi Prezdaanti Faarmaajoo ibseera.

Maddi: VOA
@oromotoo
@oromotoo
#ODUU_AMMEE

Miseensota ABUT seeraan barbaadamaa turan keessaa Afa-yaa'ii Mana Maree Federeshinii duraanii addee Keeriyaa Ibraahim harka isaani mootummaaf kennatan.

@dedroro
@harargetub
Boordiin qorannoo rawwii labsii yeroo ariifachiisaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuutin lammiilee qe’eesaanirraa buqqa’an daawwate!

Boordiin qorannoo rawwii labsii yeroo ariifachiisaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuutin lammiilee qe’eesaanirraa buqqa’an daawwateera.

Haleellaa garee finxaaleeyyii ABUT qaqqabsiiseen magaalaa Goondar da’effatanii kan jiran maatii raayyaa ittisa biyyaa akkasumaas buqqaattoota biroo naannicha jiraataa turan boordiin qoranichaa hasoosfsiiseera.

Lammiilee buqqa’aan keessaa %80 dubartoota yoo ta’an, haleellaan isaaniirra qaqqabee kan hin tilmaamamnee ta’us yeroo rakkisaa dabarsuu isaanii ibsun kunuunsa jiraattoonni magaalaa Goondarii fi bulchiinsi magaalichaa taasiseef galateeffataniiru.
Barruu #Jawaar_Mohammed irraa Kan fudhatame
===============================
Gaafa Abiyyi fi Lammaan Ameerikaa dhufan dubbiin ijoo keenya waa’ee TPLF ture. Jara Kana akkataan itti qabnu gaarii taa’uu baannaan cee’umsi gara dimokiraasii godhamu gufachuu danda’a jedheen. Erga isaan Wojji dubbadhe booda #Debratsioniif Bilbilee Gaafa biyya galu hoji maneen koo jalqabaa rakkina Isaan jidddu jiru hiikuu akka ta’e itti dubbadhe. Gama lachuunuu tole jedhan.

Akkuma biyya galeen gara Maqalee deemee dubbi sana jalqabuuf karoorfannaan Abiyyi faatii dura gara Bahar Daar Yoo deemte woyya jedhan. Gara Bahar deemee tattaaffiin gara Maqalee deemuuf godhe Sababa adda addaan osoo hin milkoofne hafe. Kana hundaa gochaa kan tureef waan amma irra jirru Kana hambisuuf ture.
Erga deemsi koo hin milkoofne boodas waan heddu yaale. Akkuma Wol shakkiin Garee Lamaan jidduu jiru dabalaa deemeen yaaliin taasiisa ture Hundi ni fashalaa’e..... !!

Kana boodaa maaltu ta’ee fi amma booda hoo maaltu ta’uu qaba Kan jedhuuf fedhii Worra dubbisuu ilaallee itti deebina!

Yoo xinaate guruphi ykn nama tokkoof Share godhaa !🔧

@dedroro
@harargetub
Haala amma keessa jirru.

Maaliifan baacoo kana yaadadhe laata?
Jaartiitu taaksiidhaan deemaa jiru jedhan. Finfinnee
keessa. Dubartii cinaa ishee teessuuf bilbilli bilbilame
jedhan. "Eessa jirta?" jedhee gaafate abbaan bilbilaa.
"Istaadiyeemii geenyeerra" deebii isheeti. Daqiiqaa
muraasa booda ammas nama biraaf bilbilame. "Eessa
jirta?" jedhee gaafate. "Saarisin jira" jettee deebisteef.
Otuma hin turiin jaartiifis bilbilli bilbilame. Ni kaasan.
"Eessa geessaniittu?" gaaffii jedhu gaafataman. Jaartiin
eessa akka jiran hin beekan. Deebii dhaban. "Bakkan ga'e
maalan beeka mucaa koo! Isheen tokko Istaadiyeemii jetti,
kaan immoo Saaris jetti! Ani hin beeku!" jedhan-jaartiin.
Nus haala akkanaa keessa jirra. Tokko tokko haasa'a,
kaan immoo kan biraa. Gidduutti hawaasni burjaaja'e.
Waan fedhe haa ta'u, odeeffannoo qabatamaa fi dhugaa
uummataaf kennuun barbaachisaadha jedheen amana. Wal
burjaajessuun booda gatii nama baasisa.


👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAEmeZqCbeCPQkUKoGA
Dorgommiin ke nama biraa wajjii miti.

Dorgommiin ke:-👇

👉 Yeroo ajjefte(qisaaste) wajjin

👉 Rakkoole ati uumte wajjin

👉 beekumsa osoo barachuu qabduu dhiste wajjin

👉 fayyaa te tan wareyde wajjin

👉 Eenyumma ke kan yaada haaraa fudhatuu dide wajjin

👉 Namoota tattaaffii ke hin feene wajjin

👉 Sheeyxaana si keessa ati carraa hin qabdu sin je'u wajjin.
Forwarded from Deleted Account
ODUU GAMMACHIISAA


Abbootii chaaneelii hundaaf
Akkasumas namoota Hordoftoota chaanelii keessanii baayyifachuu barbaadu hundaaf promotionii haala miidhagaa ta'een gatii madalawaadhan yeroo gababduu kessatti hojjetamee miseensa (memberii) keessan kan isiniif baayyisu namni barbaaddan haala miseensa keessanii irratti hundaa'uun liinkii armaan gadiitiin nuqunnamuu dandeessu👇👇

Chaanelii miseensa 100 fi 300 gidduu jiru gara miseensa 1,000k tti Ol Guddisuuf 👇
@ABDETUOR

Chaanelii miseensa 1,000k fi 5,000k gidduu jiru gara miseensa 7,000k tti ol guddisuuf 👇
@ABDETUOR

Chaanelii miseensa 10,000k qabu gara miseensa 15,000k tti ol guddisuuf 👉 @ABDETUOR

Chaanelii miseensa 15,000k qabu gara 20,000k tti ol guddisuuf👇
@ABDETUOR
Dhaddacha!

Gaazexeessaan OMN Uudii Muusaa Onkololeessa 25 magaala Adaamaatti poolisiidhaan erga to’atame ‘guyyoota 27 booda’ iyyannoo abukaatonni gaafataniin sadaasa 22 bara 2013 yeroo jalqabaaf mana murtii Olaanaa Godinaa Addaa Adaamaatti akka dhihaate abukaatoo isaa obbo Toofiq Naadil himan.

Obbo Toofiq dhadhacha Kibxataa irrattis Abbaan Alangaa ‘gaazexeessaan kuni jeequmsa keessatti hirmaannaa qaba’ jechuun akka himateefi qorannoon yakkichaas abbaa alangaa waliigalaa federaatiin akka qoratamaa jiru ibsee jedhan.

Abukaatonni gama isaaniitiin gaazexeessaan kuni yakki inni hojjete ifatti akka ibsamuufi mirgi wabii akka eegamuuf mana murtichaa gaafataniiru.

Manni murtiis gama lamaanii erga ilaaleen booda dhimmicha qorachaa jira kan jedhame abbaan alangaa waliigalaa federaalaa dhimma yakka gaazexeessaa kanaa irratti ibsa akka kennuuf ajaja dabarseera.

Abbootiin alangaa ibsa kana qabatanii gaafa sadaasa 24 bara 2013 akka dhihaataniifis beellamni qabameera.

Maddi: BBC
Dhaddacha!

Gaazexeessaa fi hoji gaggeessaan miidiyaa 'Awramba Times' Daawwit Kabbada har'a ganama Mana Murtii Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaatti dhiyaataniiru. Obbo Daawwit guyyaa lama dura ture kan to'ataman.

Obbo Daawwit yakka lamaan, "jeequmsa uumuuf yaalu" fi "ta'e jedhanii oduu soba tamsaasuun" akka shakkaman poolisiin dhaddachatti ibseera.

Poolsiin qorannoo dabalataa gaggeessuuf guyyaa dabalataa 14 kan gaafate yoo ta'u, manni murtii guyyaa dabalata 13 eeyyameefi jira.

Maddi: Addis Standard
#ICRC

Koreen Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC) namoonni to'annaa seeraa jala jiran, sababa to'atamaniif giddu-gala osoo hin godhiin, kabajaa fi qabiinsa namoomaa argachuu qabu jedhuun gaafate.

Dhaabbatichi ergaa karaa fuula twiitara isaatiin dabarseen, namoota sababa walitti bu'iinsaa fi haalota hookkaraan to'ataman/hidhaman ni daawwannas jedheera.
Magaalaa Maqaleetti bakki kuufama meeshaalee waraanaa Raayyaan ittisa biyyaa hin beekne argame!

Magaalaa Maqaleetti bakki kuufama meeshaalee waraanaa kan Raayyaan ittisa biyyaa hin beekne argamu Ajajaan duula addaa Birgeedii 2ffaa Riijimeentii 3ffaa Leetenaal Koloneel Saadiiq Ahimad beeksisan.

Ajajoota Izii Kaabaa gaafannaan bakka kana akka hin beekne himan kan jedhan Ajajaan kun, gara fuuladuraattis bakki walfakkaatu argamuu akka malu beeksisanii jiru jechuun TOI gabaaseera.
Itoophiyaafi UN Naannoo Tigraayitti gargaarsa geesuuf waliigalan!

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Itoophiyaan naannoo Tigraay torban muraasa darbaniif lolli keessa turetti gargaarsi akka dhaqqabu waliigalteerra gahuu qondaalli UN himan.

Dubbii Himaan UN Saavaaniyoo Abrewu gaafa Roobii gareen haala jiru gamaaggamu hojii eegalas jedhan.

Namoota miiliyoonota hedduuf kuufamni nyaataafi qorichaa dhumaa jiraachuun ibsamee ture. Dhimma waliigaltee amma jedhame kana irratti mootummaan Itoophiyaa ibsa homaa hin kennine.

Baqattoonni Eertiraa kumaatamaan lakkaa’amaniifi Naannoo Tigraay lafa lolli itti gaggeefamutti argaman nyaanni jalaa dhume jechuu Mootummoota Gamtoomaniitti, ejensiin baqattootaa UNHCR himeera.

Gargaarsi kun naannoo Tigraay ala naannolee ollaa Affaar fi Amaaraa keessatti iddoowwan saaxilamoo ta'aniif ni qaqqabsifama jedhameera.

(BBC)
@dedroro
@dedroro
#DrDirribaaWaaqjiraa

Itti aanaa dura-taa’aan boordii Ligii Mirga Namoomaa Gaanfa Afrikaa fi Maanaajariin Hoteela Ilillii Dr Dirribaa Waaqjiraa poolisiidhaan Finfinnee mana isaaniitii qabamanii erga bakka buteen isaani dhabamee ji'a tokkoof deema, jedhan maatiin.

Komishiniin Poolisii Oromiyaa maatiin Dr Diribaa akka isa hin argine dhorkaman kan jedhu haalee jira. Qorannaan dhimma Dr. Dirribaa xumurame dhiheenyatti abbootii alangaatiif akka dabarfamuuf jirus dubbata. (VOA)
Alii Birraan Oromoodhaaf Waa Meeqa Hojjateehuu Guyyaa Takkaafis...
~ Ummata Isaa Irratti Hin Boonne;
~ Anaatu Beekhaadha Hin Jenne;
~ Wallaaltota Jedhee Nama Hin Arrabsine;
~ Kanaan isiniif hojjadhe jedhee of hin dhaabne;
2024/09/27 21:31:21
Back to Top
HTML Embed Code: