Telegram Web Link
Success is a matter of CHOICE
YOU need to keep your mind on what you want, not on what you don't want.

Success is not an accident.
It is the result of your attitude and your attitude is a matter of choice. Hence,
Success is a matter of a choice & not chance

Most crackpots keep waiting for a Jackpot!
That strategy rarely brings Success.
In fact, that is not even a strategy.
It is an invitation to disaster.

The common man seeks security, whereas
the uncommon man seeks opportunity.

SHARE! 🙏
JOIN🔜@OROMOTOO

YAADAF 👉@Abdetuor NU QUNNAMA



JOIN JOIN SHARE SHARE
👇👇👇👇👇👇👇
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Hanqina jaalalaa osoo hin taane , hanqina michummaatu gaa'ila keessatti jireenya gammadaa hin taane uuma!

© Fredirich Nazanche



By @Abdetuor

SHARE!!🙏🙏🙏
JOIN 🔜 & CLICH HERE 👇👇for more @OROMOTOO
@OROMOTOO
Forwarded from Deleted Account
💓💓💓💓💓💓💓💓💓💓💓💓💓💓
Waamicha guddaa namoota channel qabdan maraaf!!
Promotion chaanaali oromotaaf
namoonni creator channel taatan maraaf link channel keessan erguun galmaa'i dandeessu
👉@ABDETUOR
👉@ABDETUOR
Oromiyaa guddoo keenya kallatti hundumaam haa guddisnu!
Chanaalotni afaan oroomoo afaan oromoo giddiisuu keessatti gahee guddaa qabu afaan keenyaan odeeffannoo, bashanana fi barnoota addaa addaa dabarsuun kanaaf chanalota afaan keenyaaf iddoo haa laannu!!
Galmaa'uuf👉@abdetuor
HUB:
Channee keessaan miseensa 10,000 gadi kan qabdanii yeroo gabaabatti gatii madaalawan ni hojjena
@abdetuor
@abdetuor
@abdetuor
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n sa’aatii 24 keessatti namoota vaayirasii Koronaatiin qabaman 183,000 galmeessuu beeksiise.

Kunis guyyaa tokko keessatti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman isa guddaa galmaa'eedha jedhameera.

Namoonni baayyen haaraa qabaman kunneenis ardii Ameerikaa lameen keessaa ta’un dhaga'ameera.

Tokkooffaratti namootni 50,000 ol Biraazil irraa yoo ta’an, US fi Indiyaan sadarkaa lammataarra jiru.

Lakkoofsi namoota qabamanii gariin kan agarsiisu addunyaa irratti qorannoo dabalaa jiraachuu isaadha jedhame.

@oromotoo
@oromotoo
Sa'uudii Arabiyaan weearara koronaavaayirasii to'achuuf jecha uggura sadarkaa biyyaatti keesse kaaste.

Wantoonni kaan garuu akkuma dhorkamaniin itti fufu jedhameera.

Qondaaltonni akka jedhanitti Uuggurri ka'uu isaatiin sochiin diinagdeefi daldalaa kan eegalu yoo ta'u, imalli idil-addunyaa fi jilli amantii garuu akkuma kana duraa dhorkamee itti fufa.

Waa'ee imala Hajji silaa jalqaba baatii Adoolessaa keessa eegalu garuu bulchiinsi mootummaa Sa'udi waan ibse hin qabu.

Biyyoonni hedduu, Maaleezhiyaafi Indonezhiyaa dabalatee lammiilee isaanii imala Hajjiif gara Sa'uudi Arabiyaa akka hin ergine ibsaniiru.

Maddi:- BBC
#COVID_19
#ODUU_AMMEE

#AFRICA | Akka addunyaatti namoonni vaayrasii koronaatiin [#COVID19] qabaman kuma dhibba sadii (300,000) darbe jira jira.

@oromotoo
@oromotoo
Har'a Waxabajjii 15 hanga Adoolessa 7/2012tti sakattoon qorannaa aantiibodii COVID -19 ni gaggeeffama.❗️

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa akka beeksisetti, qorannaan vaayrasii koroonaa Amajjii 29, 2012 eegalee gaggeeffamaa tureera.

Laabraatooronni bulchiinsota magaalaa fi naannoleerra jiranis amma Waxabajjii 14,2012tti qorannaa samuudaa 216¸328 hojjetaniiru.

Qorannaan aantiiboodii gaggeeffamus tamsa'ina vaayrasichaa baruu fi deebii barbaachisaa laachuuf kan gargaarudha.

Aantiiboodii jechuun qaamni keenya dhibeedhaf ega saaxilamee torbee 1 hanga torbee 3tti dhibee ofirraa ittisuuf waan oomishudha. Kun ammoo umrii, soorata, dawaa itti fayyadamnu, hammeenya dhibichaa fi dhibeewwan biroo jiranirratti murtaa'a.

Qorannaan kunis dhiiga miilii liitira 3-5 qaama keenyarraa fudhachuudhan hojjetama.

Hojichi weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to'achuuf faayidaa guddaa qabaata. Yaata'uutii qorannaa aantiiboodii qofa fayyadamuudhan yaala laachun hin danda'amu.

Qorannaan kunis har'a Waxabajjii 15,2012 eegalee magaalaa Finfinnee, Dirree Dawaa fi nananolee hundatti gaggeeffama. Hojii qorannaa kanaaf hunduu tumsa akka taasisus waamichi dhiyaateera.

@oromotoo
@oromotoo
Yaaliin haaraa namoonni hancufa isaanii qorannoo koronaavaayirasiif ofumaa akka fuudhan yaada godhate UK'tti eegale.

Yaalii kana irratti ogeessoonni waliigalaa 1,400 namoota waliin jiraatan waliin ta'un irratti hirmaatu. Yaaliin kuni Yunivarsiitii Saawuzaampitaniin kan hogganamudha.Torban afuriifis tura.

Waan haaaraa maal qaba?

Qorannoon hancufaa kuni namoota isa dur funyaan yookiin qoonqoo keessa ogeessonni fayyaa dhangala'aa fudhataniin hin gammadne akka tasgabbeessuu qorattoonni abdii qabu.

Qorannoon kuni namoonni vaayirasii biyyoota walgaheen hubamuu isaanii baruuf gargaara.

Kanneen yaalii kana keessa qooda fudhatan, hojjettoota yunivarsiitiifi barattoonni, torban torbaniin saamuda hancufaa qorannoof ta'u dhiheessu.

Meeshaan saamudni kuni itti sassaabamus mana yookiin bakka hojiitti kan ergamu yoo ta'u, bakka waliigalametti akka taa'u yookiin miseensonni garee yaalii kanaa akka dhaqanii fuudhan ta'a.

Read More: https://telegra.ph/UK-06-22

Maddi:- BBC
"በኢትዮጵያ ተጨማሪ 131 ሰዎች በኮሮና ቫይረስ መያዛቸው ተረጋግጧል፤ የ1 ሰው ህይወት አልፏል።" - ዶክተር ሊያ ታደሰ

@oromotoo
"Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessa qorannoo taasifameen namoonni 131 vaayrasii koroonaan qabamaniiru; lubbuun nama 1 darbeera." Dr Liyaa Taaddasaa

@oromotoo
@oromotoo
#DrLiaTadesse

ባለፉት 24 ሰዓት ውስጥ በተደረገው 3,238 የላብራቶሪ ምርመራ አንድ መቶ ሰላሳ አንድ (131) ሰዎች የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶባቸዋል፡፡ በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱ በምርመራ የተገኘባቸው ሰዎች ቁጥር 4663 ደርሷል።

ከጠቅላላው የላብራቶሪ ምርምራ ውስጥ 26 (10 ከጤና ተቋም እና 16 ከማህበረሰብ በተወሰደ ናሙና) ናሙናዎች በአስክሬን ላይ የተደረገ የላብራቶሪ ምርምራ ሲሆን አንድ ናሙና ከማህበረሰብ የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶበታል። በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱ የተገኘባቸው እና ህይወታቸው ያለፈ ሰዎች ቁጥር ሰባ አምስት (75) ደርሷል፡፡

በሌላ መልኩ በትላንትናው ዕለት ሰማንያ አራት (84) ሰዎች (79 ሰዎች ከ አዲስ አበባ፣ 2ሰዎች ከኦሮሚያ፣ 2 ሰዎች ከትግራይ እና 1 ሰው ከደ/ብ/ብ/ሕ ክልል) ያገገሙ ሲሆን በአጠቃላይ በሀገራችን ከበሽታው ያገገሙ ሰዎች ቁጥር 1297 ነው።
#DrLiaTadesse

Itoophiyaatti sa’aatii 24 darban keessatti qorannoo laabiraatoorii namoota 3238'f godhameen namootni 131 vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'ee jira.

Waliigalatti Itoophiyaatti baay'inni namoota vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'e 4,663 ga'eera.

Haala dhukkubsattootaa kanneenii:-

— Namootni vaayirasichaan qabaman keessa 130 lammiilee Itoophiyaati; 1 lammii alaati. Koorniyaadhaan dhiirota 94 fi dubartoota 37 yoo ta’an umuriidhaan waggaa 2- 80 gidduu kan jiranidha.

— Bakki irraa argaman 98 magaalaa Finfinnee, 16 naannoo Oromiyaa, 4 naannoo Somaalee, 3 naannoo Affaar, 3 Dirree Dawaa, 2 naannoo Gambeellaa, 3 naannoo Kibbaa, 1 naannoo Tigraay, 1 naannoo Amaaraa irraati.

— Odeeffannoo biraatin namootni 84 kan fayyan yoo tahu, Walii galaatti hanga ammaatti namootni 1,297 dhibee kana irraa fayyaniiru.

Sababa vaayirasiichan sa'aatii 24 darbee keessa lubbuun nama 1 darbeera. Waliigalatti Itoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaan lubbuun darbee 75 gaheera.
NAMNI NAMA FAYYADUUF MALEE MIIDHUUF HIN
UUMAMNE!
Xiinsammuu 002
Yoon isarraa adda ba'e inni ni miidhama ykn yoon
isheerraa adda ba'e isheen ni miidhamti jettee
jaalala akka itti hin fufne utuu beektuu jaalallee
kee waliin jiraachuunkee miidhuu dha malee
fayyaduu miti. Utuu jaalalleenkee hin beekiin
yeroo dhaaf waliin gammadeen gaafan barbaade
irraa adda ba'a jettee yoo yaadde ta'e, yaada
sana dhiistee utuu jaalalleekee hin miidhiin akka
armaan gadii kanatti karaa nagaa irraa adda ba'i
.
1. Guyyaa jaalalli keenya itti fufuu hin danda'u
jettee MURTEESSITEE (utuu hin murteessiin itti
yaaduun akkuma jirutti ta'ee) kaasii irraa adda
ba'i.
2. Yeroo irraa adda baatu QAAMAAN argii irraa
adda ba'i. Textiidhaan, bilbilaan, chatiidhaan si
dhiiseera jettee itti hin himiin.
3. Yeroo irraa adda baatu waan kana gooteef,
waan haalli naaf hin mijanneef, takka adda
baanee ilaalla jedheeni fi kkf jettee sababa sobaa
fi haalatti hin qabatiin. Maaliif irraa akka adda
ba'uu barbaadde sirriitti itti himi.
4. Yeroo itti himtu, utuu hin dheekkamiin gaaffii
isheen/inni si gaafate/tte hunda deebisiif.
Deebiikees ifaa godhi, hin dhoksiin!
5. Maaliif akka adda baate, yoomiif akkamitti
akka adda baatee, maaltu akka isin muudate
namoota biraatti haasa'iin.
6. Erga irraa adda baatee, hin bilbiliiniif,
jajjabeessuu hin dhama'iin, jaalala dhaabneerra
garuu hiriyyaa gaariin sii ta'a jettee itti hin
dhiyatiin. Namni takkaa wal jaallatee ka'ee
waldhiisee deebee jaalallee malee hiriyyaa waliif
ta'uun soba.
7. Waa'ee nama irraa adda baate sana
hir'inasaaa/shee, hammeenya fi rakkoo isaa/
ishee hin haasa'iin. Nama gaarii akka siif turte/
ture haasa'i
.
Dr. Gurmeessaa

YAADAF👇👇
@Abdetuor


Gorsa xiinsammuu garaa argachuuf

JOIN JOIN SHARE SHARE
👇👇👇👇👇👇👇
@oromotoo
@oromotoo
@oromo7
@oromo7
kitaabileerraa....1

👇👇👇👇👇👇
@OROMOTOO
@OROMOTOO
👆👆👆👆👆👆


Kitaaba G/Pro. # Mihiratuu_Shaanqoo
keessaa kan fudhatame, jechoota sammuuf soorata
ta'an dubbisaa!!
***
Namoonni baay'een gaafuma dhalatan du'an.
Muraasni immoo gaafa du'an dhalatu. Ati hoo?
Osoo nama hin ta'iin, namaaf ta'uun hin jiru.
Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of
beektes murtoo hin murteessitu.
Barachuun beekuu hin ibsu. Beekuun garuu barachuu
ibsa.
Gad-aantummaa×Hirkattummaa×of awwaaluu= Of
wallaaluu. Of wallaaluun of Awwaaluudha.
Dhala namaa malee addunyaan duwwaadha.
Qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame dhala
namaati.
Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru. Lakkoofsa
guutuu ta'ee dhalata malee.
Ati of daangesitee teessa taanan eenyutu daangaa si
ceesisa?
Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa
jiraa?
Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati
qooddachuuf eeggattudha.
Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifataniidha malee
jaarraa mufachuun injifatanii miti.
Ilaamee!! Addunyaan sammuukee fi jecha ati waa'ee
keef qabdu keessa jirti.
Nama jechuun bu'aa yaada isaati. namni waanuma
nyaatu fakkaata.
Barrisuu kan dandeessu hanga barrisuu dandeessu
yoo amante qofaadha.
Of hin shakkin inni namni biraa si shakku iyyuu si
ga'aa.
Dirree itti injifatamte keessatti lubbuun jiraachaa
hafuukee caalaa dirree itti injifatte keessatti duutee
awwaalamuu siif
wayya.
Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo
qabaadhuutii gara dirree seeni.
Tulluun ofiin beekee si duraa kufu hin jiru
akkasumas tulluun ati dhiibdee si duraa kufuu didus
hin jiru.
Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun
rakkisaadha. Sammuu hidhamaadhaan addunyaa
hiikamaa
keessa jiraachuu irra qaamaan hidhamanii sammuu
hiikamaa qabaachuu wayya.
Rakkina kaleessa sirra ga'e har'as rakkina jettee
dubbatta taanaan, har'a iyyu namatu siif hin argine
malee ati rakkina isa kan kaleessa caalu keessa
jirta.
Of booda hin ilaaliin! Booriikee namni siif ilaalu hin
jiruu.


yoo isinitti tole namoota jaallattaniif qoodaa!


@oromotoo
@oromotoo
@oromotoo
@oromotoo


©sonakitaaba
***,******** @dedroro
@dedroro
@oromo7
@oromotoo


Yaada kessaniif..... @Abdetuor
#UnitedNation

Biyyoonni sadan dhimma Hidha Haroomsaa irraatti waldhibdee gidduu isaanii jiruu mariin hiikuu akka qaban Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksisee.

Itoophiyaa, Ijiptiifi Sudaan dhimma Hidha Haaromsaa ilaalchisee waldhibdee gidduu isaanii jiruu wal hubachuun karaa nagaa hiikuu akka qabaniifi waliin hojjeechuu akka qaban dhaabbatichi ibsee.

Dubbi himaan Dhaabbataa Biyyoota Gamtoomanii Isteefan Jaarkii yaadaa CGTNf kennaanniin biyyoonni sadan dhimmaa Hidha Haroomsaa irraatti garagarummaa qaban irraatti marii karaa nagaa gaggeessuun rakkoo isaanii hiikuu akka qaban ibsaniiru.

Akka dubbii himan kun ibseetti Biyyoonni sadan A.L.A bara 2015 dhimmaa Hidha Haroomsaa irraatti garagarummaa qaban akka seerri idil Addunyaa jedhuu irraatti hundaa’uun rakkoo isaanii hiikaachuu akka qabanis hubachiisaniiru.
#DonaldTrump

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi eeyyama hojii fi viizaa hojjettoota lammiilee alaa Ameerikaa jiranii hanga xumura bara 2020'tti dhorkan.

Hojjettootni teekinoloojii dandeettii guddaa qaban, gargaartota hojiin qonnaan alaa fi hojii gaggeessitoota ol aanoon murtoo kanaan warra miidhamanidha jedhame.

Waayita Haawus tarkaanfiin kun Ameerikaanota sababa weerara koroonaavaayirasiin dinagdeen isaanii miidhameef carraa hojii bana jechuun ibse.

Qeeqxotni ammoo Waayit Haawus weerara kana akka carraatti itti fayyadamuun seera immiigireeshinii biyyattii dhiphisuuf hojjechaa jiru jedhu. #BBC
Addunyaan qoqqoodamte Covid-19 injifachuu hin dandeessu jedhe Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa

Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Tedroos Adihaanom G/Iyyasuus yaddoon guddaa ammaa vaayirasiicha qofa miti jedhan.

‘’ Yaaddoon guddaa amma nu qunname vaayirasicha qofaa miti, walta’umsiifi hoggansii idil – addunyaa dhabamuudha."jedhan.

‘’Addunyaa qoodameen weerara kana ofirraa faccisuu hin dandeenyu’’ jechuun konfiransii viidiyoodhaan taasifame irratti dubbataniiru.

@
🐬𝐐𝐮𝐫𝐱𝐮𝐦𝐦𝐢𝐢 𝐂𝐨𝐥𝐥𝐞𝐞 𝐟𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐥𝐦𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐮.
🐬🐬🐬🐬🐬🐬🐬🐬🐬

➦Qurxummii hunda keessaa qurxummii gabaabaa tokkotu jira.
➦Umriin isaa hanga waggaa 35 ni dheerata jedhan.
➦qurxummiin kuni gosti isaa akka malee heddummaata,hanga gosa 150 tu jira jedhan.
➦Sa'aatii tokko keessatti fageenya kiilomeetira 50 bishaan daakuu danda'a jedhan.
➦Ammas akka malee colleedha.
➦Ilma namaas akka malee jaallata jedhan.
➦Ilmi namaa Amala isaa kana lamaanitti fayyadamuudhaan tapha adda addaa irratti leenjiidhaaf qurxummii kana qopheessa jedhan.
➦Inumaa namoonni gariin lolaaf jecha qurxummii kana leenjifata jedhan.


JOIN SHARE SHARE
💢💢💢💢💢💢💢
👇👇👇👇👇👇👇
@oromotoo
@oromotoo
@oromotoo
Forwarded from Ahlu Sunnaa wal-jama'aa (Allahan Qaba)
Imalli Hajjii bara kana silaa namootni miliyoona lama irratti hirmaatu jedhamee eegamu biyyoota biraaf dhorkame.

Sa’uudii Arabiyaan yaaddoo tatamsa’ina koronaavaayirasii irraa kan ka’e biyyoota addunyaa garaagaraa iraa namoonni garashee imalanii Hajjii baranaa akka hin raawwanne ifatti dhorkiteetti.

Akka ibsa mootummaa Sa’uudiitti namoota biyyattii keessa jiraatan muraasatu Hajjii baranaa irratti hirmaachuu danda’u.

Osoo sababa weerara koronaavaayirasiitiin dhorkaan kun hin kaa’amne ta’ee ganna baranaa namoota miiliyoona lama caalantu Hajjii irratti hirmaatu turan jetti Sa’uudiin.

Hajjiin baranaa garuu lammiilee biyya alaa yookiin lammiilee Sa’uudii Arabiyaa biyyattii keessa jiraatan muraasa irraa kan hafe addunyaa biraa irraa garas imalanii raawwachuun akka hin danda’amne mootummaan Sa’uudii Arabiyaa ibseera.

Maddi:- BBC
2024/10/01 22:28:58
Back to Top
HTML Embed Code: