Telegram Web Link
Jawaar Muhaammad!!
Ijooolleen Oromoo dhugaa takka firaafi diinattis himuu qabna!
Jawaar Muhaammad wayyaanee kuffisuu keessatti gumaata ol'aanaa qabaachuu biras darbee ummata Oromoo faffaca'ee ture akka waliin hiriiru taasisee jira.
Siyaasa jibbiinsaatiifi ololaa gatii dhabsiisuun siyaasaa ammayyaa Itoophiyaa keessatti akka fudhatama argatu daandii agarsiisee jira.
ABO irraa hanga OPDOtti ilaalcha siyaasaa jiran walitti harkisuu fi fedhiifi faaydaa Ummata Oromoo jiddugaleessa godhachuun galma tokkotti waliin nyaachisee, obaasee jira.
OPDO fi wayyaanee waggoota 27 Itoophiyaa ajjeesaafi hataa turan jiddutti loogii sabummaa uumuun Ijooollee Oromoo OPDO keessa turaniif dhiifama goonee waliin biyya ijaarra jedhee yeroo 2ffaaf aangotti akka deebi'an ummata Oromoo hayyamsiisee jira.
Muslima, Kiristaana, Waaqeffataa ykn Oromoo amantaa kamuu hin qabnes ija Oromummaa qofaan ilaaluun tokkummaa raajii uumeera!
Saboota biyya tanaa hundaa jaalalaafi kabajaan ammachuun federaalizimii haqaatiif waliin akka hiriirru amansiisee jira.
Jawaar Muhaammad kana biras darbee wayyaanee Maqaletti galtes qilee haa buutuu hin barbaachiftu hin jennee cehumsa keessatti hirmaachuu qabdi jedhee yakkamtoota achi keessa jiran garuu seeraaf akka kennaman gaafatee ture.
Dr. Abiyyiifi Lammaa waliin hiriiruun Saba keennaafi ummata Itoophiyaa hundaaf abdii ta'ee ture.
Jawaar Muhaammad maaliif hidhameree!?
Dhuguma dubbanna taanaan Jawaar Muhaammad akka hidhamu Kan gaafataa ture garee Itoophiyaa keessatti Oromoo fi Muslima cimaa jibbuufi seenaa keessattis diina jedhee murteeffateedha!
Gareen kuni Sirna nafxanyaa Kan hundeesseefi ammas deebisuuf hawwuudha.
Ijooolleen Oromoo Amantaa Islaamaatiin ala jiran Jawaar Muhaammad Mootummaa Islaamaa hundeessuuf akka diinni jedhu deema taanaan nutis Muslima taana jechuun ejjannoo raajii fudhatan.
Ijooolleen Amantaa Islaamaa hordofanis yeroma San tokkummaa Oromoo hanga itti amanan jabeenna Yoo Baqqalaa Garbaa Mootummaa Kiristaanaa hundeesse nutis Kiristaana taana jechuun tokkummaan Oromoo yeroo dhumaatiif mirkanaayuu Itoophiyatti himan.
Maarree, Jawaar Muhaammad ilma Oromoo cimaafi hayyuu idila addunyaa ta'uu fi Muslima ta'uu isaatiif qofa gareen gifaa baloow akka hidhamu irratti hojjatanii itti milkaayan.
Gareen Sirna nafxanyaa leellisu kuni Sirna federaalizimii cabsuuf Jawaar Muhaammad hidhamuu qaba jedhanii waan amananiif hiisisan.
Amma Mootummaan Itoophiyaa Sirna federaalizimii haqaa qofatu Itoophiyaa baraara jedhee waan murteesse fakkaata.
Kanaafuu, Jawaar Muhaammad mallattoo federaalizimii haqaa waan ta'eef osoo oolee hin bulin mana hidhaatii bayee sabboontonni kumaatamni Sirna nafxanyaa jibbuun mormanii hidhatti guuraman hiikamuu qabu jedha.
Dhumarratti, Jawaar Muhaammad hidhaa bayuu qaba wayta jennu beekamtii inni addunyaa biratti qabuufi dhiibbaa inni uumuuf maqaa kaafna malee sabboontota Oromoo hidhaa jiran hunda jechuu keenna akka ta'e nuuf hubadhaa!
Dhaamsa PP Damee Oromiyaatiif: Ummata Oromoo Qeerroo 5000 awwaalee, 25,000 ol qaamaa hirdhisee aangotti isin baase waggoota 2'n darbaniif hanga yaadnee olitti madeessuu keessan amanaatii ammarraa hidhamtoota siyaasaa hundaa hiikaa kiisuu jalqabaa.
Ummata Oromoo dhaggeeffadhaa malee Fedhii keessanii fi waca diinaa qofaan dogoggora biroo hin uuminaa
Dhaamsa Paartiilee siyaasaa Oromoo hundaaf:
Fedhiifi faaydaa ummata Oromoo jiddugaleessa godhachuun walitti baqaa ykn Gamtaan socho'aa, yoo isinitti hin tolu ta'e maqaa sabaatiin hin dubbatinaa
Dhaamsa Jawaar Muhaammadiif:
Jawaar Keenna ati Oromoo fi Itoophiyaa irraa haqa qabda, Oromoon guyyaa tokkos si dagataa hin jiru!
Hundaa ol garuu, Rabbiin ati abdattee biyya Ameerikaa keessa jireenna gaarii jiraachuu dhiiftee ummata Oromootiif jettee itti uf kennite yoomuu diinota Kee salphisee firoota Kee gammachiisuuf jiraa ammas Rabbuma aangoo dhumaa qabu San ol ilaalii abdiin eeggadhu siin jedha!!

OROMIYAAN NIBILISOOMTI!
#Namni oromoo tahee!
#namni Jawwar beekuu
#namni Baqalaa beekuu
#namni Hamzaa beekuu
#namni Shamshadin beeku
#namni Abdii Ragaasa beekuu
#namni Mallasaa dirbsaa beekuu
#namni Haacaluu Hundeessaa beekuu.
#namni Hayyootta oromoo beekuu
Namni Roorroo Saba kana beekuu akkamitti mallaqan bitamee dhigaa Ilmaan oromoo dhangala'ee jiruu kana dhoksuu barbadaa Dhugumaa saliyaa samii Fi leencoo Abdushakur jalqaba Gaafa sirbaan mallaqa dhabaniti moo Quuqamma orommummaa keessaa qabatanitti?
Yoo Gammachuu argachuu feete:
******************************
1. Nama hin miidhiin!
2. Nama hundaa gammachiisuuf ammoo hin dhama'iin!
3. Namootarraa waan guddaa hin eegiin!
4. Jijjiirama/jijjiiramuu hin sodaatiin!
5. Waan darbe yaadattee itti miidhamaamiin, irraa
baradhu malee!
6. "Ani namaa gadi" jettee hin yaadiin!
7. Waa'ee jiruu jireenyaa yaadi Rabbitti ol kennadhu malee humnaa ol hin
dhiphatiin (hin yaadda'iin)!
8. Dhiifama ofii fi namaa gochuu amaleeffadhu!
9. Tola oltummaa (volunteer) hojjedhu, oso irraa waa hin eeggatin nama sii gadii waan dandeessun gargaari.
10. Nama namummaa isaatin malee qabeenya ykn dhabaan hin madaalin.
************
Fayyaan Faaya
Credit. FB Dr Gurmeessaa

CHANNALI BARNOOTA ADDA ADDA IRRAA ARGATUU JOIN JOIN GODHU HIN DAGATINAA!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
👎👎👎👎👎👎👎👎
@DEDRORO
@HARARGETUB
@VIPOFFICIA
Atileet Komaandar Daraartuu Tulluu Preezdaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa ta’uun Filatamte

Atileet Komaandar Daraartuu Tulluu Preezdaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa ta’uun Filatamte. Atileet Komaandar Daraartuu Tulluu Preezdaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa ta’uun Filatamteetti. Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa yaa’ii waliigalaa idilee 24ffaa gaggeesseen Atileet Komaandar Daraartuu Tulluu Preezdaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa ta’uun waggaa 4f akka gaggeessituuf filateera.
#Ameerikaa

Haakaroonni Biiroo Maallaqaa fi Daldalaa US cabsanii seenun dhagahaame.

Haakaroonni toora waajjiraalee Maallaqaa fi daldalaa cabsanii seenuunerga barameen booda US ajaja hatattamaa baaste.

Gocha haakarootaa kana hordofuun manneen hojii mootummaa federaalaa marti isaaniiyyuu neetwoorkii akka dhaamsanii fi akka keessaa ba'an ajajamaniiru.

Neetworkiin kompiyuutaroota manneen hojii mootummaa federaalaa hundaan hidhata qabu, SolarWinds Orion, haakarootaan kan qiyyaafannaa keessaa galeedha.

https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAEeXImmFkE4t272BZw
Yaa dhugaa - #eeeeee
Akka bakkalchaatti
Jan vultee mul'attu
Kan afaan si qabnaan
Funyaaniin dubbattu
Kan yaandoon si jiisee
Hongeen si hin gogsine
Kan gaarri si golgee
Boollis si hin dhoksine!

Yaa dhugaa - #ooooooo
Kan ifaan nama geessu
Dukkana sassaaqaa
Kan qallattee hin citne
Yaa ishee ilmoo waaqaa
Gumbiin kee saamamee
Yoo bultes agabuu
Hiddi kee hin gogu
Lafeen kees hin cabu...

Fuulletti mul'atta
Tuulaa sobaa keessaa
Warqee yoomuu hin rakasnee
Qabeenya hiyyeessaa!
Muummeen ministiraa Eswaatinii Covid-19 du'aan boqotan

Mootummaan Eswaatinii akka jedhetti Muummeen Ministiraa Ambrose Dlaamini erga vaayrasii koroonaan qabamuun isaanii beekamee baatii tokkoon booda boqataniiru.

Ibsi mootummaa biyyatti akka jedhetti, Dlaaminii kan umuriin waggaa 52ffaa isaanitti, hospitaala Afriikaa Kibbaa keessatti du'an.

Sababiin du'a isaanii eerame kan hinjirre yoo ta'u, garuu Dlaaminii Afriikaa Kibbaatti Covid-19f wallaansa argataa turan.

Dlaaminii muummee ministiraa Eswaatiini Onkolooleessaa bara Faranjoota 2018 irraa kaasee kan duraan Swaazlaand jedhamuu beekamu turan.

Eswaatiinis biyyi Afriikaa Kibbaa xiqqoo fi kan kara galaanaa hin qabnedha. Biyyattii ummata miliyoona tokko qabdu tunis namoonni 6,768 vaayirasii koroonaan yoo qabaman, 127 ammoo sababiidhuma kanaan du'usaanii Ministirri fayyaa biyyattii beeksiiseera.

Maddi: BBC
#Dhaddacha

Abbaan qabeenyaa Riil Isteetii Muular obbo Muluugeetaa Asirasii fi Birgaadeer jeneraal Abrahaam Mawucaan har’a Mana Murtiitti dhiyaataniiru.

Shakkaman galmee abbaa qabeenyaa Riil Isteetii Muular faa jalatti hammatame miiliyoona 81 ol gama Baankii Anbasaan garee finxaaleyyii ABUTtiif deeggarsa taasiisuu ragaan argamuu qorataan Poolisii dadhachaaf ibseera.

Shakkamtoonni kunneen maqaa lafaaf jedhuun waldaan gurmaa’uun Baankii Anbassaan alaa baankoota afuriin garee farreen nageenyaaf maallaqa daddabarsaa turuu isaanii eerrameera. #FBC
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dhaaba bilisummaa Oromoof qabsaawu fi Oromiyaa bilisa baasuf socho'udha. ABOn kan hundeeffame bara 1973ti. Kaayyoon inni guddaan ABOn qabatee hundeeffame ummata Oromoo sirna kolonii Itoophiyaa jalaa baase Oromiyaan biyya of dandeesse taate akka hundooftuf ture. ABOn yeroo ammaa mootummaa Itoophiyaa wajjin qabsoo hidhannoo gochaa kan jiru yoo ta'u ummata Oromoo biratti deeggarsa guddaa qaba.

Hundeeffamuu

Bara 1967tti, mootummaan Hayila Sillaasee Waldaa Wal-Gargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa seeran dhorke, boodarras hoggantootaa fi miseensotaa dhaaba kanaa kaan hidhee kaan ammoo ajjeese. Geggeessaa waraanaa olaanaa fi hogganaa dhaaba kanaa kan ta'e Jeneraal Taaddasaa Birruus qabamee hidhame. Tarkaanfin akkasii kun kan fudhatameef sababaa Waldaa Wal-Gargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa ummata Oromoo biratti fudhatama guddaa argatee fi Fincila Oromoo Baalee wajjin hariiroo waan qabuuf ture.

Itti Fufaa....
Seenaa ABO Kutaa 2ffaa

Miseensa dhaaba kanaa kan ture Huseen Suraa 1967 biyyaa baqatee Somaaliyaatti gale. Innii fi baqattoonni Oromoo biroo dhaaba Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhamu hundeessun Huseen hogganaa dhaabichaa godhan. Dhaabni kun odoo hun turin gara Yamanitti ce'uun Oromoota biyya alaa jiraatan leenjisuu eegale.

Yaalin jalqaba gara Itoophiyaatti seenu Jaarraa Abbaa Gadaatin durfamee godhame garuu karaa kaaba Somaaliyaa yeroo Itoophiyaa seenuf yaalii godhan humnoonni nageenyaa Somaaliyaa isaan hordofuudhan miseensota isaani kana hidhan. Yaalin inni lammaffaa milkaa'ee finciltoonni kun Itoophiyaa seenun Tulluu Carcarirratti buufata hundeessanii qubatan. Yeroo kana, dhaabichi maqaa Itoophiyaa jedhuun odoo hin taane maqaa Oromoo jedhuun socho'uuf murteesse.

Ummamuu ABO

Itti Fufa......
@DEDRORO. Channel kana join godhaafi mee
Yaada yoo qabaattan ykn waantota foyyessuu qabnu @Abdetubot fi @Abdetbot fayyadamuun nun gahuu ni dandeessu!
SHare fi invite gochuun nu gargaaraa!! Join us 👇👇👇👇
@HARARGETUB
@DEDRORO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
kutaan 3ffaan Kunooti
dubbisaa Like Shere Waaliif godha. Yoo Xiiqaate dhunfsa keessaanit Nama 5f Ergaa




Ummamuu ABO

Bara 1973, haallii siyaasaa Itoophiyaa jijjiirmaa jira ture, humni waraanaa Itoophiyaa mootummaa fi'uudaalii Hayila Sillaasee kuffisee aangoo qabateera. Hoggantoonni fi miseensonni WWMT warri hidhamuu jalaa ba'an karaa lafa jalaa gaazexaa dhoksaan maxxanfamu kan akka "Kana Beektaa" fi "The Oromo Voice Against Tyranny" jedhamutti fayyadamuun ummata kakaasuu itti fufan. Jaroonni kun dhoksaadhan kora Huseen Soraa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni Oromoo biraa baayyen irratti hirmaatan qopheessan. ABO kan hundeeffamee fi sagantaan siyaasasaa barreeffame kora kanarratti ture. Hidhattoonni Tulluu Carcarirra qubatan akka gobla waraanaa dhaabichaatti hammataman, maqaan Waraana Bilisummaa Oromoo jedhus kennamef.

kutaan 4ffaan Itti Fufaa.......
kutaa 4ffaa Kinoot

Like Shere waaliif godha yoo Xiiqaate Nama 3f Ergaa


Waraanni Bilisummaa Oromoo kan Tulluu Carcarirra jiru hooggansa Hasan Ibraahim kan irra caala maqaa Elemoo Qilxuu jedhamuun beekkamu jala gale Bara 1974, WBO sochiisaa gaarrenirratti baballise, kunis bulchitoota naanichaa biratti sodaa guddaa uume keessatuu erga abbaa lafaa hamaa Mulaatuu Taganyi erga ajjeesanii booda. Mootummaan Waraanaa Itoophiyaa jeneraal Geetaachoo Shibashii akka finciltoota kan dhabamsiisuf erge. Fulbaana 6, 1974, Waraanni Bilisummaa Oromoo kan jalqabaa dhukaasa moortaaritiin Waraana Xirroo irratti moo'ame; Ahimad Taqii fi Elemoo Qilxuu yoo du'an loltoota WBO sadi'i qofatu lubbuun hafe.

Fincila Oromoo itti fufuu akka hin dandeenye gochuuf, Dargiin ummata magaloota naannoo WBOn itti socho'aa ture sana keessa jiraatan hidhuu fi ajjeesuu jalqabe, keessattuu magaalota Galamsoo , Baddeessaa, Machaaraa, Bookee fi Balballeetti keessatti.
Namoonni chanela keessaniif member baayyifachuu barbaaddan
Channela banattani gudiisun yoo isin rakkise ta'e
Yero gabaabaa kesatti Gudifachu dandessu.
Promotion VIP

1000member ---- 100 birr
2000member ---- 250 birr
3000member ---- 350 birr
4000member ---- 450 birr
5000 member _ _ _ 550 birr
Gati isinirra gad xiqqessun Guddifachu ni dandessu

Karaa @ABDETUOR quunnamuun yeroo gabaabaa keessatti hojjechiifachuu dandeessu.
#Waa’ee_Gadaa_wantoota_beekuu_qabdan
#2_Baallii_walharkaa_fuuchuu
Gadaan waggaa saddeet saddetiin naanna’a. Abbaan Gadaa tokko waggaa saddeet irraa guyyaa tokkollee dabarsuu hin danda’u, aadmalee.
Dhaloonni oromoo sirna gadaatiin bulu yeroo hunda gadaa keeessa jira. Gulantaa irra jirurratti mirgaa fi dirqama aangoon gadaa kenneef hojiitti hiika namni hunduu. Baallii walharkaa fuuchuu jechuun egaa gulantaa sirna gadaa tokkorraa kan itti aanuutti ce’uu jechuudha. Haala Kanaan namni raaba doorii keessa ga’umsaan darbe gadaa ta’ee aangoo abbaa gadaarraa fudhata. Oromiyaa bakka garaa garaatti jilli gadaa fardaan ba’ee guyyaadhaan baallii walitti dabarsa. Boorna keessatti sirni kun halkan walakkaa raawwatama. Yeroo jilli gadaa fardeen torbaan baalli fuuchuuf ba’an nama dhiisii simbirruu dura darbuun
aadmalee.
#3_Ardaa_jilaa
Ardaan Jilaa bakka itti walga’uun dhimmi ummataa mari’atamuudha. Iddoo kabajamaa jilli gadaa irra naanna’uun naannoo wayyoomsu ykn kabaja akka qabaatu hojjetu jechuudha. Ardaan Jilaa teessoo gadaatis. Dhimmi jilatamu kamiyyuu ardaa jilaatti raawwatama waan ta’eef. Oromiyaan Ardaalee Jilaa hedduu qabdi.
#4_Odaa
Odaan galma abbaa Gadaati. Oromiyaa keessa odaawwan hedduutu jiru. Kanneen giddu gala sirna gadaa ta’anii tajaajilaa turanii fi ammas tajaajilaa jiran garuu shan. Isaanis :
#Odaa_roobaa_kan_Godina_Baaleetti_argamu
#Odaa_bisil_kan_Shawaa_Lixaatti_argamu
#Odaa_nabee_kan_shawaa_Bahaatti_aragamu
#Odaa_Bultum_kan_Harargee_Bahaatti_argamu
#Odaa_Bulluqi_Horo_guduruu
#5_Irreecha
Shamarranii fi Dhiirri Oromoo wayita Hora Harsadiitti irreeffatan
Irreessi duudhaa, amantii fi aadaa oromoo calaqqisiisa. Kaayyoon sirna Gadaa keessaa isa tokko oromoon kan ittiin uumaa fi uumamatti dhiyaatu, galateeffatuu fi kadhatu sirna Irreechaatiin.
Irreechi waggaatti si’a lama kabajama. Inni birraa wayita oromoon bacaqii gannaarraa gara booqaa birraatti ce’u kabajama. inni kun Irreecha Malkaa jedhama.Inni arfaasaammoo wayita roobni fuula as deebifatu rooba nagaa kadhachuuf kabajama.inni kunimmoo irreecha tulluu jedhama.
#Maddi_BBC_Afaan_oromooti



#share #like
https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAE7TdvIZEUaX7uKPMw
2024/09/27 19:29:10
Back to Top
HTML Embed Code: