Telegram Web Link
Ol baasee gad buusee
Taa'ee baay'ee yaadee
Maalumaaf si nyaatan
Kanatu na nyaate
Kophaa koon haasa'a
Galgalaa ganama
Of biraa si dhabee
Kophaa koo gunguma
Dhugaa dubbattetu
Sitti ta'e bulguu
Dhugaan kan kee bade
Ol ka'ee haa margu
Haqa kee dhabameef
Saba mataan cabe
Meeqatu maraate
Sagalee kee dhabee
Si arguuf dharra'us
Akka garaa dhalaa
Olkaatee naan dhuftu
Egaa biyyoo jalaa
Garaa jabduun dachii
Kan qabde reenfa kee
Daadhin siif haa guutu
Qubsuma bool'a kee
Ok keessaa si dhabee
Dhalli imimmaan boo'a
Awwaalameen hafu
Dhugaan kee ni ba'a
Kokkee qabnee baasna
Haqa kankee dabe
Kabajamuuf jira
Sabni mataan cabe!😭

"Nafxanyaan
kaleessaas diina oromooti
Harras diina oromooti
Gara fulduraas diina oromooti!"
HACAALUU HUNDEESSAA😭😭
Yaa hiree saba koo
Maalif akkas dabe
Rasaasa oromoo
Hacaaluu koon dhabe!

Dhugaa kee balleessan
Qoteen baasa dirree
Seenaa kee barreessee
Dhala qubeef hiree
Sifaana dhaabbata
Kan haqa kee bare!

Hammasii hin galu
Manatti deebi'ee
Dhugaa awwaalame
Biyyee irra kaa'ee
Boqonnaan argatu
Keessi koo danda'ee
Sabakoon ol qaba
Anis aarsaa ta'ee!

Hin galu manatti
An haqa kee dhiisee
Ergan si dhabeetii
Takkaa yoom boqodhe
Yooman gadi ciisee

Addunyaafan hima
Dhugaa kee lallabee
Goota saba isaaf
Lubbuu isaa dhabe

Boolli si ammate
Maalif nutti dabe
Kunoo maraachufi
Sabni kee si dhabee
Dhalli kee si yaadde
Abbaa nama laaltee
Faantun kees ni boossi
Qe'ee namaa laaltee
Mee takkan ilaaltuu
Hacee koo ol jettee

Suura ilaaltee
Dhaleen qalbii cabaa
Ija nu jaamsani
Hacee koo yaa jabaa
Kunoo si yaadadheen
Akkan ta'u dhaba.

Garuu...
Ati duuteen badne
Ni jirta nu keessa
Dhaloonni oomishte
Ilmaan BAAROO TUMSAA
Hamma lubbuun jiru
Kaayyoo keetan tiksa

Ijji koo si arguuf
dharra'ee imimus
Sabni kee si yaadee
Sammuudhaa miidhamus
Ol baatee nuun dhuftu
Hin deebitu lamuu

Jabaa awwaalanii
Obsuun ni jabaataa
Goonni gaafa du'es
Seenaadhaan jiraata
Atin duune Hacee
Nu keessaa mul'atta
Kaayyoo keettu jira
Akkamiin dhokatta?

Jarri si ajjeese
Dhiigni kan kee qabee
Kunoo harka saatin
Walqaluu jalqabe
Dhugaan kee salphisee
Mataa isaan cabsee
Abilee siin nyaatan
Jaratti deebise

Ati yoomuu jiraatta
Onnee sabaa keessa
Nagayaan boqodhu
HACAALUU HUNDEESSAA!😭

Yaaddannoo Artistii keenya Haacaaluu hundeessaaf!
#Like #share
#Mekelle

የፌዴራል ፖሊስ ኮሚሽን ሀይል ዛሬ መቐለ ከተማ መግባቱን አሳወቀ።

ዛሬ መቐለ የገባው የፌዴራል ፖሊስ ኮሚሽን ልዩ ኮማንዶ እና የወንጀል ምርመራ ቡድን ነው።

የፌዴራል ፖሊስ ከ 'ሀገር መከላከያ ሰራዊት' ጋር በመቀናጀት በህግ የሚፈለጉ የህወሓት ተፈላጊ አባላትን ማደን መጀመሩን ገልጿል።

የኮማንዶ ቡድኑ በመቐለ ከተማ በሚያደርጋቸው አሰሳዎች እና የተለያዩ ኦፕሬሽኖች እንዲሁም በወንጀል ምርመራ ቡድኑ የሚገኙ ውጤቶችን በቀጣይ ለህዝቡ ይፋ ይደረጋል ተብሏል።
Amnastii Intarnaashinaal addabbii du'aa Masriitti dabalaa dhufe balaaleffate!

Dhaabbanni Amnastii Intarnaashinaal adabbii du'aa Masrii keessatti garmalee dabalaa jiru balaaleffachuun aanga'ootaan ''ajjeechaa suukkanneessaan gammadu'' jechuun himateera.

Gareen mirgootaa akka jedhaniitti Masiriin baatiiwwan Onkoloolessaafi Sadaasaa keessa qofaatti yoo xinnaate namoota 57 du'aan adabdee jirti, kunis kan guutuu bara 2019 dachaadha jedhameera.

Masriin garuu gabaasicha irratti yaada hinkennine.

(BBC)
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳 (Ĩ ãm ªbđĕ Ñę)
Namoonni chanela keessaniif member baayyifachuu barbaaddan

Promotion VIP

1000member ---- 150 birr
2000member ---- 300 birr
3000member ---- 450 birr
4000member ---- 600 birr

Karaa @ABDETUOR quunnamuun yeroo gabaabaa keessatti hojjechiifachuu dandeessu.

#ENJOY VIP
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Iccitiin dursuudhaa; eegaluu dha.:- Mark Twain
_________________________
@Jechamoota


https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAEs681wYg4pLvWysxw
Waraanni nageenya uummataa akka tiksuuf dirqama fudhatee bobbaafame dirqama isaa dagachuun wallaggaa lixaa Aanaa Bonayyaa Asabiitti dargaggoota 5 guyyaa kaleessa mudde 2/2020 bakka tokkotti ajjeesan.

Maqaa dargaggoota shanan ajjefamanis:
1, Daanii Fiqiruu
2, Eebbaa Fiqiruu
3, Isiyaaq Indaaluu
4, Abbushee Darajjee
5, Ermiyaas Hanbisaa kan jedhaman bakka tokkotti waraana qaama nageenyaa eegsisuuf bobbaafamaniin ajjeefamanii bakkeetti gataman.
Biyyi hayyuu fi beekaa ofii hin kabajne ofiif kabajaa dhabdi.

Ummanni biyya kanaa akki taane akkana.
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳 (Ĩ ãm ªbđĕ Ñę)
Namoonni chanela keessaniif member baayyifachuu barbaaddan

Promotion VIP

1000member ---- 150 birr
2000member ---- 300 birr
3000member ---- 450 birr
4000member ---- 600 birr

Karaa @ABDETUOR quunnamuun yeroo gabaabaa keessatti hojjechiifachuu dandeessu.

#ENJOY VIP
Chaayinaan garee Baayidaan irratti dhiibbaa uumuuf dhama’aa jirti
*******

Chaayinaan dhiheenyaa kana aangoo kan fudhatan bulchiinsa preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidaan irratti dhiibbaa uumuuf dhama’aa jiraachuu Aanga’oonni Nageenyaa Ameerikaa beeksisan.

Dhaabbata Nageenyaa biyyoleessaa Ameerikaatti keessatti maamila kan ta’an Wiiliyaam Ivaanaa akka ibsanitti, Chaayinaan garee Baayidaan keessaatti namoota hojjetaan kayyoo godhachuushee kaasaniiru.

Dabalataanis Chaayinaan talaallii vaayrasii koroonaa argachuuf tattaaffii taasiftuu fi filannoo dhiyeenyaa gaggeeffame giddu galuuf tattaffii taasisuu ishee kan ibsan.

Ivaanaan bulchiinsichi dhiibbaa kana hubachuu qaba jedhaniiru.

Maddi: BBC
Finfinneetti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa kennamuu eegale
******

Magaalaa Finfinneetti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa guyyaa har’a eegaluusaa Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee beeksise. Qormaanni kun guyyaa har’aafi bor ni kennama. Bu’uura Sagantaa baheen barattoonni manneen barnoota ramadamanitti qormaanni kun kennamaa jiraachuu ibsameera.
#Uudii_Muussaa

Gaazexeessaa OMN Studio Damee Harar kan ture Uudii Muussaa Humnoota Tikaa Murna biyya bulchaa jiruun Magaalaa Adaamaatii butamee erga hidhame baatii tokkoo ol lakkofsisee jira.

Uudii Muusaa magaalaa Adaamaa Waajjira Poolisii Aanaa 2ffaa jedhamuun waamamutti hidhamee kan jiru yoo ta'u, achuma iddoo hidhametti qondaalota Poolisii Waajjira sanaatiin qoranaan irratti gaggeeffamaa akka tures himameera.

Abukatota dhimma hidhamtoota siyaasaa Oromoo hordofaa jiran keessaa dhimmaa Gaazexeessaa Uudii Muusaa hordofaa kan jiran Ogeessi seeraa Obbo Jawar Huseen Gammadaa bilbilaan OMN'tti akka himanitti, qorannaan Uudii irratti gaggeeffamaa ture qaamoota Mootummaa kana kuffisuuf hojjatan kanneen akka Obbo Jawar Mohammed, ABO Shanee fi Tplf wajjiin hariiroo qabda jechuun qorachaa akka turan himaniiru.

Uudiin guyyaa dheengaddaa Mana Murtii godina Addaa Adaamatti dhiyaatee kan ture yoo ta'u,gama Abukattoo isaatiin mirgi wabii akka eeggamuuf gaafatanii turanis dhimma san ilaaluuf guyyaa har'aa waaree boodatti beellamni qabamee akka jirus Abukaatoon isaa ibsaniiru.

@harargetub
@oromotoo
Bu’uura gabatee yeroon Ministeerri Barnootaa ka’een qormaanni naannolee kutaa 8ffaa hanga Muddee 30 laatamee akka xumuramuu Ministeerichi beeksiseera.

Kanarratti hunda’ee biirooleen barnoota naannolee qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin mari’achuun qophii barbaachisaa taasisuun qormaaticha daangaa yeroo qabameefitti gabatee yeroo ofii isaanii baasuun gara hojiitti gala jiraachuu fi yeroo itti aanuutti kan hojiitti galan jiraachuu ibsameera.

Bu’uuruma kanaan naannoon Hararii Muddee 7 -9, naannoon Amaaraa Muddee 12-14 qormaaticha laachuuf qophii isaanii xumuruu beeksisaniiru.

Naannolee biroonis guyyoota itti aanaanitti guyyaa qormaanni itti laatamu kan ifoomsan ta’uu ragaan Ministeerichaarra arganne ni muul’dhisa.

Magaalaa Finfinneetti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa kaleessa irraa eegalee laatamuu eegaluun isaa ni yaadatama.
Dargaggoo Ifeeraa Yaadataa torban sadii dura wallagga lixaa magaalaa Gullisootti humnoota mootummaan ajjeefame.

Ammas namoonni hedduun ajjefamaa jiraachu mala sababa bilbilaa fi internet waan hin jirreef odeeffannoo gaha argachuun ulfaataa ta'ee jira .
Baay'en tarsiimon qabsoo Oromoo ammatti maal ta'uu qaba?'' Jedhu. Gaaffii sirriiti. Garuu gaaffii Sirrii bakkaa fi yeroo isaa eeggate kanaaf sababni quubsan otoo jiruu deebii hintaane laachun of wallaaludha. Tarsiimon qabsoo Oromoo ammatti dhimma hidhaa fi ajjeechaa jimlaa uummata keenyarratti adeemaa jiru dhaabsisuutin ala waa biraa ta'uu hinqabu. Yoo ta'es sobaa fi fakkeessuudhaan ololuudha malee waa takka kisaaraa malee bu'aa nuuf hinqabu. Kanaaf waan goonu, maal akka goonu, akkamitti eenyu maal akka gochuu qaburratti miidiyaa fi hooggansaan dhimma hayyoota keenya dukkana jiraniirratti hojjachuu qabna! Kan caalu Dammaqnee falmachuu qabna! Otoo Jawaar mana hidhaa jiruu, waan takka tooftan siyaasaa alatti isa duuba waayee isa baasutiin ala hojjatamu hinjiru. Jiraachus hinqabu!
#FREEJAWAR_FREEOROMIA !
2024/09/27 23:20:17
Back to Top
HTML Embed Code: