Telegram Web Link
Bakki tun Adda babaayii Masqalaa hin sehinaa Mana Jawar Mohammed dura.Caalaa Bultimee Sirba kee san irra deebi’ii sirbi kan qeerroon marsitee eeydu Jawari malee Abiyyii miti.
Yaddannoo wagga 1ffaa Hacee kuno ani akkatti dabarse isin hoo ?
Yaddannoo wagga 1ffaa Hacee kuno ani akkatti dabarse isin hoo ?
Warri suura keessa akka qilleensa irra isif olu barbada as irra ergu dandessu ⤵️⤵️⤵️⤵️
@ABDETUBOT
@ABDETUBOT
Humnoonni Nageenyaa Federaalaa magaala Maqalee gadhiisanii bahuu isaani gabaafame!

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii Federaalaa magaalaa Maqalee keessatti qubatanii turan Wixata, Waxabajjii 21, 2013 ALH sa'aatii booda guutummaa guutuutti magaalittii gadhiisanii bahuu isaani jiraattonni ijaan argan himan.

Humnoonni nageenyaa federaalaa magaalitti gadhiisanii bahuu isaanii hordofee humnoonni finciltoota (ABUT) gara Maqalee galuu eegalu isaani jiraattonni ijaan argan kun eeraniiru.

Humnoonni nageenyaa mootummaa federaalaa konkolaata waraanaa fi siivilii baay'een meeshaalee waraanaa guutuu fe'atanii karaa Kuwihaa fi Ashagoodaa gara naannoo Affaar bahuu isaani jiraattonni kun himaniiru.

Har'a irraa eegalee Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa balalii gara naannoo san godhu kan dhaabe yoo ta'u, Televizhiniin mootummaan naannichaan hogganamaa ture 'Tigrai TV' tamsaasa isaa addaan kuteera.

Barattoonni mooraa yuunivarsitii Maqalee keessaa ba'uu akkasumas seenuullee dhorkamanii jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA.
Humnootiin TPLF lola baatii saddeetii booda deebiisanii Maqalee to'atan.

Humnootiin TPLF magaalaa guddoo NaannooTigraay, Maqalee to'achuu isaanii maddeen qabatamoo ta'an BBCf mirkanneessan. Ummanni magaalattiis daandiitti bahuun gammachusaanii ibsachaa jiraachuus jiraattonni BBCtti himaniiru.

@bbcAfaanOromoo ..
========Read more==
Hariiroon mootummaa naannoo Tigraay bulchaa ture Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) fi mootummaa Federaalaa giduutti hammaate gara waraanaatti jijiiramee torban sadii keessatti raayyaan ittisa biyyaa magaalaa guddoo Tigraay Maqalee to'ate.

Aanga'oonniifi humnoonni TPLF Maqalee keessaa baqatanii jüoota saddetiin booda deebiyanii Waxabaji 28, 2021 magaalatti to'achuun isaanii himameera.

Wiixata waaree boodarraa kaasee muddama keessa kan turte magaalaan Maqalee, halkan humnoonni finciltootaa kun magaalattii keessatti mul'achuusaanii hordofee jiraattonni hedduun daandiitti bahanii alaabaa naannichaa mirmirsaa gammachuusaanii ibsachaa akka turan gabaasaaleen mul'isaniiru.

Magaalaan Maqalee to'annoo mootummaa Federaalaatiin ala ta'uushee aanga'aan mootummaa tokko akka mirkaneesseef burqaan oduu Firaans Ajaans Firaans Pirees gabaaseera.
Dhuka dubbiiti

"Hachalu koo sis dhabeen dhugaa keetis dhabe.
Kan si nyaattees kan si nyaachiftes ishuma (miciyyoo sibira turte) sani."
Jaartii Hachalu Hundessa

"Humnan Dhabe malee nama Mucaa koo ajjeese nan beeka" Abbaa Hachalu Hundessa
Osoo maatiin akkanatti ifa baasee dubbachaa jiruu dhugaa Hachalu irra taa'anii bu'aa siyaasatiif oolfachaa jirti murni aangorra jirtu.
Dhiiga mucaa kanaa ittii daldalaa dhugaa akka hin baanef haguuggi itti tahanii lafarra harkisaa jiru.
Gumaan Haacaaluu qabsoon malee akka hin baanes kanaaf beekun dirqama tahe. Haacaaluu qofa osoon taane gumaan ilmaan oromoo qabsoo oromorratti kufanii hundi qabsoon malee qoosaa akkanaa kanaan hin baatu.

Dubbii teenyarratti intalti isa bira turte suni maqaa ragaatu dhabame jedhuun mirga wabiitin akka baatu murtaahun isaa ni yaadatama.
Yeroo humnoonni TPLF Maqalee galan maaltu ta'e?

Humnoonni naannoo Tigraay waraana baatiiwwan saddeetiin ol tureen booda Waxabajji 28, 2021 magaalaa Maqalee yeroo deebisanii qabatan ummanni hedduun gammachuu ibsachuuf daandiitti bahan.

Jiraattoonni magaalattii alaabaa mirmiirsaafi richiitii dhukaasaa miira gammachuu isaanii akka ibsatan dubbatu.

@bbcAfaanOromoo ..
========Read more==
2024/09/22 11:29:14
Back to Top
HTML Embed Code: