Dhaabbatni Dreamlaal Tajaajila 6 Gosa Tajaajilaa 18 waliin ifoomsee jira. Gatii isaanitiis hanga danda'ameen gad ⬇️% rukutee jira.

Tajaajila guutuu official website irraa argachuu dandeessu - https://dreamlaal.com

Warroonni tajaajila kana of bira tursiifachuu fi offline irratti ilaaluu barbaaddan PDF xiqqoo isiniif qopheessineerra.

Download PDF - https://bit.ly/3g1JayL
Dhaabbatni haaraan dhiheenya hundeeffame Dreamlaal tajaajiloota hedduu ifa godhee jira. hanga ammaa walii galatti tajaajila 6 Gosa tajaajilaa 18 waliin dhiheessee jira. Maxxansa har’aa keessatti maalummaa dhaabbata kanaa fi tajaajila isaanii gabaabsinee ilaalla.

Dhaabbatni Dreamlaal maali?

Dhaabbatni Dreamlaal sadarkaa duraa irratti tajaajila Web Design fi App Development kan kennuudha. Itti aansee tajaajila isaanin wal qabatu kamuu maamilootaaf ni kenna. Tajaajiloota xixiqqaa irraa hanga ol’aanaatti gatii madaalawaa ta’een dhiheessa. Hojiilee baay’ee wal qunnamtii sarara irraan raawwachuu kan danda’u yemmuu ta’u, kanneen qaamaan argamuu barbaadaniif Ogeessa ol’aanaa ergee qorachiisa.

Tajaajila Dreamlaal maaltu adda taasisa?

Hedduudha. Muraasa haa ilaalluu:
- 100% Afaan keetiin si tajaajilu, Marsaariitiin isaanii dreamlaal.com‘s guututti Afaan Oromootini. kun immoo akka biyya keenyatti kan jalqabaa isa taasisa.
- Website fi App akka idil-addunyaatti sadarkaa isaa eeggate hojjatu.
- karaa CMS yoo hordofan Paid theme fi Paid plugin gargaaramu.
- karaa PHP fi Java yoo hordofan koodii duwwaa irraa barreessu ‘source code’ guutuu ta’ee waliin siif dhiheessu.
- Application kee gara Play Store fi App Store publish ni godhu.
- Baatii 6’f si hordofu rakkoon yoo jiraate bilisaan deeggarsa suphaa siif taasisuu.
- Baasiin Host fi Domain kan waggaa jalqabaa isaanirra.
- HOST irratti ‘unlimited bandwidth, unlimited business email, unlimited data storage, Free SSL’ fi kkf.. hedduu banaa siif godhu.

1. TAJAAJILA BLOG WEBSITE

itti fufa... ⬇️
https://oromiasamsung.com/tajaajila-ammayyaa-dhaabbatni-dreamlaal-kennu-18/
Oduu Gaarii hin taane..

Mootummaan Itoophiyaa pilaatfoormii social media kan facebook, twitter, whatsapp fi zoom bakka bu'u hojjataa akka jiru beeksise. kanneen keessaa xumuramanii yaalii irra kan jiraani fi dhiyootti akka ifa godhaman Al-Aain INSA wabeeffachuun gabaasee jira.

Baajata guddaa itti dhangalaasun pilaatfoormii kanneen uumuun sababa maalif barbaachise jettanii yaaddu? Ol'aantummaa mootummaatin kan hogganamu yoo ta'e kun ummataaf gabrummaa guddaadha.

https://www.facebook.com/1466278626995613/posts/2753557551601041/
- Lakkoofsi IMEI maali?
- Bilbila bade argachuuf nu gargaaraa?

Lakkoofsi IMEI (International Mobile Equipment Identity) jedhamu lakkoofsa addaa bilbila hundaan wal qabateedha. Lakkoosfi kun baay'inni isaa dijitii 15 yoo ta'u, yeroo ariifachiisaa keessatti baay'ee barbaachisaadha.

Lakkoofsi IMEI lakkoofsa MEID jedhamuunis ni beekama. Lakkoofsi IMEI ykn MEID wal fakkaataan hin jiru. kuni immoo bilbila badu/hatamu irra gahuuf mala dhumaa ta'ee jira.

Lakkoofsi addaa kun bilbila haaraa hundaaf muudameera. akkasumas SIM card waliin wal qabatee jira. Kanaafuu, yoo bilbila dual-SIM (kan siimii lama fudhatu) faayyadamta ta'e, bilbilli kee lakkoofsa IMEI lama qaba jechuudha.

Bilbilli kee yoo bade/hatame karaalee adda addaa gargaaramuun carraan bilbila sana argachuu ni jiraata. Fkn; kaampaanii bilbila kee oomishe yoo quunnamte si gargaaruu danda'u. akkasuma, poolisoota naannoo keetii yoo quunnamte si gargaaruu danda'u. kan si gargaaran immoo yoo ati lakkoofsa IMEI qabaattedha. Biyyoota gurguddatan tokko tokko keessatti website lakkoofsa IMEI report irratti godhamu ni jira.

Lakkoofsa IMEI qofaan bilbila na jalaa bade irra gahuun danda'aa?

Ati lakkkoofsa IMEI qofa beektef bilbila tokko irra gahuu hin dandeessu. Qaamota olitti jenne gargaarsa gaafachuu si barbaachisa. qaamonni kun si gargaaruf haal-duree adda addaa si gaafachuu danda'u. Fkn; Abbummaa bilbila sanaa nuuf mirkaneessi jechuu, akkasuma; maalif bilbila sana argachuu akka barbaaddes si gaafachuu danda'u. Sababni; dogoggora ati dalagdeef bilbilli kee si jalaa bade/hatame waan ta'eef yeroo siif kennuu hin barbaadan.

Garuu; poolisoonni yakki hamaan bilbila keetin wal qabatu yoo raawwatame bilbilaaf jecha osoo hin taane namicha yakka raawwate adamsuuf mala kana gargaaramuu danda'u. isaanis kana gochuuf lakkoofsa IMEI sihirraa fedhu.

Amma barbaachisummaa lakkoofsa IMEI hubanne fakkaata. sababa kanaafis ta'ee kan birootif yeroon itti si barbaachisu dhufuu danda'a. kanaafuu; har'uma beekii ol kaayadhuu siif dhaamna.

Qabxiilee sadi lakkoofsa addaa kana argachuuf nu gargaaran haa ilaalluu. yoo bilbilli kee badellee argachuu ni dandeessa. (+screenshot)
https://oromiasamsung.com/lakkoofsi-imei-maali-bilbila-bade-argachuuf-nu-gargaaraa/
Facebook Profile Lock 🔐

Facebook dhiheenya kana waan haaraa fidee jira. Hiriyoota keetin ala namni biraa 'Timeline' kee jala seenee akka hin sakattaane dhorkuu dandeessa.

https://youtu.be/JwX_QXDV-Tg
https://youtu.be/ZACnzIGYnyo

WhatsApp irratti suuraa yeroo namaf ergitan akka Sekoondii muraasa qofaf nama sana bira turiti meeqa keessantu ergu beeka?

Suuraa yeroo namaf ergitan akka Sekoondii muraasa qofaf nama Sana bira turutti ergine yeroo namni nutti erginef sun si'a takka banee ilaale ofuma isaatif suurichi akka ofiin baddutti erguun danda'ama. kana baruuf linkii kanaratti tuqa daawwadhan!

https://youtu.be/ZACnzIGYnyo
3D Logo (Pixellab) bilbilan tahe Computer keessaan fayyadamtaani logo ammayyaawaa professional tahe hojjachuuf linkii kana bana daawwadha

https://youtu.be/IiXAqLhT7Cs
Application bilbila Android kamu ykn isaa nu barbachisaa jeetenii yaadan Computer ykn Laptop keessaan irratti akkamitti akka fayyadamuu dandeessan linkii kana banuun daawwadha

https://youtu.be/632u6auePkE
WhatsApp Afaan Oromootin hojii eegale!

Dhabbileen Teeknooloojii garagaraa afaan Oromoo afaan hojii dhabbataa isaanii gochuu akkuma itti fufanitti jiru.

Kanan duraa Dhaabbanni Meta(Facebook) Afaan oromootin hojii eegaluun isaa ni beektu jedhen yaada.

ammas dhabbataa metatin kan hogganamuu WhatsApp afaan oromootin hojii eegaluun isaa sadarkaa afaan oromoo irraa gahe kan nutti agarsiisuudha!

WhatsApp keessaan Afaan oromooti jijjirachuuf linkii kana irratti click gochuun vidiyoo isaa daawwadha.

https://youtu.be/Ki0igjB6smw
https://youtu.be/Ki0igjB6smw
Dhaabbanni Google Afaan Oromoo dabalatee Afaanota 24 tajaajilarra oolchee jira. Yeroof maxxansa Afaan Oromoo kamuu gara Google Translate geessitanii Paste yoo gootan ykn saanduqa qophaaye keessatti Qubee Afaan Oromoon yoo barreessitan gara Afaan isin filattanitti isiniif jijjiira. Guyyoota muraasa as deemu ammoo "Oromo" kan jedhu tarree afaanota 133 tarreeffamee ni argattu. Afaan keessan mana "O" barbaaduu qofa taha.

Baga Gammaddan!
2024/06/24 12:07:17
Back to Top
HTML Embed Code: