Telegram Web Link
#SAGANTAA_EEBBA_KITAABAA

"Yeroo nama wajjin dudubbattuutti, namticha sana, olaantummaadhaan yookaan immoo gadaantummaan osoo hin taane, sadarkaa wal qixxummaan ilaali! Dandeettiidhaan si caala yoo ta'e, obsaan dhaggeeffadhu; si amansiisa waan ta'eefi. Dandeettiidhaan isaa ol yoo taatemmoo itti himi; amansiisuu waan dandeessuufi. Wal qixa yoo taatan immoo walii walii keessan wal dhaggeeffadhaa! Yoo kana raawwattan gidduu keessan wal falmii badaan hin jiraatu."

(Kitaabicha keessaa)

Gaafa guyyaa 30/3/2016 Buraayyuu Keellaa Hoteela Guuteetti ni eebbifama. Irraa hin hafiinaa!

Dubbisuufi barreessuun ittuma haa fufu!

@Orobook
Kabaja ofii hin eegganne nama biraa irraa eeguun gowwummaarra darbeeyyuu maraatummaadha! Kanaafuu, kabaja dhuunfaakeetiif hamma dhumaatti dhaabbadhu.πŸ‘ŒπŸ˜

@Orobook
Hanqaaquu fi Abukaadoo!
Annisaadhaan kamtu caala jettanii yaadduu?
***
1. Avokaadoon annisaan hedduu sooressa (Avokaadoon tokkichi haga hanqaauu 4 haga 5 annisaa namaa kennuu danda'a).

2. Qabiyyee garagaraatiin sooressa. Avokaadoon tokkichi, kan nuti guyyaatti barbaannu keessaa Vitamin K: 26%, Folate: 20%,Vitamin C: 17%, Potassium: 14%,Vitamin B5: 14%, Vitamin B6: 13%, Vitamin E: 10% of keessaa qabu nuuf kenna.

2. Nyaata coomaan (fat) baay'ee kan of keessaa qabu yoo ta'u, coomni isaa akka cooma kanneen biroo kan nama miidhu miti. Onnee keenyaarrattis akka cooma warra kaanii miidhaa osoo hin taane fayyummaa fida.

3. Keemikaalota antioxidants jedhaman waan of keessaa qabuuf fayyaa ija keenyaaf tumsa guddaa kenna.

4. Dhukkuba buusaa (joint) kan arthritis jedhamu nurraa ittisuuf ga'ee guddaa qaba.

5. Nyaanni garaa keessatti keessumaa kan biqiltoota irraa nyaannu akka daakamu (better digestion) gochuudhaaf hedduu fayyada.

6. Avokaadoo namoonni nyaatan namoota avokaadoo hin nyaanne irra fayya qabeeyyii (healthier) ta'u.
****
Fayyaan Faaya!

Via Dr. Gurmeessaa H.

@Orobook
Forwarded from Galaa Sammuu
Good news for all Health workers in Oromia!

Infinite gratitude goes to the health professionals who gave their lives to save their community at a time when our country face serious pandemic.

At a time when the human mind has become accustomed to choosing benefits over humanity, health professionals sacrifice alot for the dignity of the profession without anticipating what they will get.

While treating others, if he/she had no one to treat him, to save him from death. If he/she had no one to sympathize with him,when he/she was exposed to many work related diseases. Its very disappointing. Their are many health professionals who are counting the day of their deaths due to lack of support or help (seeking treatment at home or abroad).

Although various associations have been established at various levels to solve this problem, many circumstances prevent them from reaching us in time and guaranteeing our lives.

The solution to this is to bring together professionals with different levels and skills and establish THE OROMIA HEALTH WORKERS MEDICAL SUPPORT ASSOCIATION.

The association is dedicated to the health workers of Oromia, including their families. It has started its work by obtaining permission to provide medical support from home to abroad by recruiting members who are unable to receive medical services for illnesses beyond their capacity.

Therefore, we appeal to you health professionals, health workers and those who are working as health professional in NGO to become members as permitted by the laws of the association and help yourselves and the families of the sector workers.

Dr Andualem Zegeye

Join Telegram group https://www.tg-me.com/ABK123456
Forwarded from Kitaabota-books
Master Your Emotions (1).pdf
2.6 MB
Master you emotions!

This book is short and will help you become happier and more optimistic.

✈️✈️✈️#share✈️✈️✈️
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡#joinπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@kitaabotaGaraagara
Forwarded from WALDHAANSOO (Lachissa Mideksa)
Uumama lafarraa keessaa bineensa hojjaan isaa dheeraa ta'e Saattawwaa kan jedhamu ni beekna. Saattawwaan dhalaan yemmuu dhaltu akka beeladoota ykn bineensota biroo ciistee osoo hin taane dhaabbattee miixachuun dhalti. Ilmoon saattawwaa kunis gaafa garaa haadhaa keessaa baatu haati baay'ee dheertuu waan taateef gubbaa sanaa dachee gogaa irratti lafa rukutti. Haatishees ofirra garagaltee ilmoo dhalte kana kalchoodhaan tokkofti. Ilmittiinis dhiitichoo haadhaa jalaa olka'uuf yaaltee miillishee waan hin jabaanneef deebitee kufti. Haatishee garuu ammaa amma deddeebistee dhiitichaa cimaa irraan geessifti. Ilmoon kunis hanguma dhiitamtu ka'uuf tattaafattee dadhabdees kukkufti. Dhiitichaan haadhaas hanga ilmoon kun ol jettee deemtutti ittuma fufa.

Maaliifi sitti fakkaata? Gochi kun gara jabummaadhaa? Lakkii, gochichi gocha jaalalaati. Sababnisaa ilmoon kun miilasheen deemuu bartee warra ishee nyaatan jalaa bahuu akka dandeessuufi. Uumamni hunduu heeraafi hiree uumaan kenneef kan ittiin waliigalu, kan ittiin of oolchu mata mataan qaba jechuudha!

(Reposted)
#Hawaasichumaaf_haa_dhiifnumee
Namni aartii tokko dalagaa wayii qabatee yommuu as bahu, dhimmi jaallatamummaa dalagaa isaa isa yaachisuu danda'a. Ta'us, edda bahee hawaasa gahee booda dalagichi akka jaallatamuuf waan inni gochuu qabu tokko hin jiraatu. Kanaafuu as bahee, "Dalagaan kiyya hangana fayyada yookaan hawwataadha" jedhee himuun fudhatamummaa dalagaasaa gad buusuurra darbee waan bu'aa buusu natti hin fakkaatu. Edda bahee booda, hawaasichaaf dhiisuudha. Kitaaba yoo ta'e, dubbisaaf dhiisuu. Sirba yookaan faarsaa yoo ta'es akkanuma warra isa eeggataniif dhiisuudha. Sanaan booda, waan hawwatamuu qabu inuma hawwatama. Kan tuffatamuu qabus akkanuma. Kana keessatti, murteen kan qooddattoota dalagaa sanaati malee, kan abbaa dalagaa sanaa miti. Isarraa kan eegamu, haalaan qopheessee ittiin gahuudha. Beeksifamee hunda akka qaqqabus gochuudha. Kanarra darbee, jajuu yookaan mimmi'eessee himuun irraa hin eegamu. Dhugaa dubbachuuf, dalagaan jaallatamuu qabu inuma jaallatama. Kan hin fudhatamne immoo, inuma calalamee hafa. Kunis loogii kamiinuu osoo hin taane, qulqullina dalagaa sanaa irratti hundaa'eetu.

Kanaafuu, waan ati irratti xiyyeeffachuu qabdu dhimma bilchina dalagaa qabattee baatuu ta'uu qaba. Yoos osoo ati hin jajiin siif jajama, osoo ati 'narraa fudhadhaa' jettee hin kadhatiin haalaan siif simatama. Eeyyeen akkana!

#Hawaasichumaaf_haa_dhiifnumee
Galatoomaa!πŸ™πŸ»
Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
"Wanta jireenya nama kamiifiyyuu murteessaa ta'e tokkotu jira. Innis galma beekamaa ta'e tokko qabaachuu, waan ta'uu barbaadan adda baasanii beekuufi bakka yaadan sana ga'uudhaafis dharraa keessa ofiitii finiinu qabaachuudha." Nappooliyoon Hiil


@Orobook
Beeksisa Gita Hojii Banaa!
Mudde 5/2016

Waldaan Misooma Oromiyaa gita hojii banaa qabu irratti ogeeyyii ulaagaa tarreeffame guutan dorgomsiisee qacaruu barbaada.
Kanaafuu, namoonni ulaagaa caqafame guuttan galmaa'uun dorgomuu akka dandeessan isin beeksifna.

Tokkummaan Misoomaaf!
#Miidhagina_Dorgee_Dhuunfaa
~>Dur yeroon ijoollee ture, nama dorgomuun baay'ee natti tola. Na gammachiisas ture. Addumaan immoo, dorgomee gaafan mo'adhu miira keessummaa wayiitu natti dhagahama. Garuu kun, iddoo tokkoyyuu nan geessifne. Nama dorgomuun, dorgomee mo'achuunis jijjiirama haaraa kanan jireenya kiyya keessatti fedhu naaf hin kennine. Yeroon kana hubadhettin gaaffii tokko of gaafachuu jalqabe. Kunis nama dorgomuun eessaan akka na gahu ture. Boodarra eessaanuu akka nan geenye, jijjiirama hawwataa tokkollee narratti fiduu akka hin dandeenyen hubadhe. Kanaan booda kanan dorgee nama biraa kanan dhaabe.

Dorgee nama biraa waliin dhaabus garuu, dorgee hin dhiifne. Dorgeema kana karaa biraanin eegale. Kunis dorgee ofii kiyya waliin ta'udha. Ofuma kiyya waliin! Eeyyeen, anuma kanatu ofii kiyya dorgomuu eegale. Jireenya kiyya kaleessaafi har'aan wal bira qabeen madaaluu eegale. "Har'i kiyya kaleessa irraa baratee, kaleessa irra fooyya'eraa?" jedheen of gaaf gaafadhe. Gaafachuu qofaas osoo hin taane, cina har'a kiyyaa dhabbachuun eenyummaa kiyya kaleessa irra fooyya'ee arguu akka qabun irratti hojjechuun jalqabe. Adeemsa kana keessaanin ana kiyya isan arguufi ta'uu fedhu, isa fooyyee qabu, kan kaleessa irra caale, jijjiiramaafis qophii ta'eefi egeree hawwataa uumuuf isa mijatun argachuu eegale. Yeroo kanaa kaaseetu kan jireenyi hiika hawwataa naaf kennuu jalqabe.
Humna anarra darbee naannoo kiyya faayus kanan of keessatti arguu jalqabe asii kaaseeti.
Miidhagina dorgee dhuunfaa baruun kiyya, sichis akkanuma gochuu akkan qabun na barsiise. Kanaafuu shaakala kana yoomuu hin dhiisu. Akkuma har'a kiyya kaleessa irra fooyyeessuuf dhama'u, boruu kiyya har'a kiyya irra kan caale gochuuf illee dorgee hin dhaabu. Hamma dhumaattin of dorgomas. Yoos dorgeen fiixaan baati.

β€’ Egaa, namootakoofis kanuman dhaama. Namni hunduu ofiisaa osoo dorgomeen jedha. Dorgeen nama biraa dorgoman eessaanuu nama hin gahu. Jijjiirama achi nama butu namaaf hin kennu. Jibba malees jaalala of keessaa hin qabu. Keessa keenya osoo hin taanes, ala irratti kan xiyyeeffatedha. Jijjiiramni immoo keessaati kan eegalu. Keessaa yoo hin eegalle, humna ijaruu isaarra humna diiguusaatu caale argama. Yoo dorgeen dorgee dhuunfaa keenyaa ta'e garuu, kaleessa irraa barachuun har'a gaarii jiraanna, egeree hawwataafi har'aan dorgomee caalee argamus qabaanna. Akkanaan ofii keenya isa caalu taanee argamna.
Kana egaa miidhaginni dorgee dhuunfaa ofii keessaa qabu. Miidhaginni isaas nama dhuunfaarra darbee dhalootaaf kan gahudha. Kanaafuu, miidhagina dorgee dhuunfaa keessaa akka namni hundi dhamdhamun jedha.
     Galatoomaa!πŸ™πŸ»

#Miidhagina_Dorgee_Dhuunfaa
Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
    Abdiisaa Ejjetaati
     
      @Orobook
Gaaffiin Keessaan:
1) Hojii hin qabu, maal hojjedheen galii dabalataa argadha kan jedhu yoo ta'e,
2) Hojii nin qaba, garuu miindaan argadhuun qaala'insa jireenyaa dandamachuu hin dandeenye; kanaafuu akkamiin galii dabalataan argadha kan jedhu yoo ta'e,
3) Barataadha, garuu barumsakoo cinatti biizinasa hojjechuun galii fuldureekoof kan ta'u akkamiin argachuun danda'a kan jedhus yoo ta'e, deebii ni qabna!
1)Hojii Idila addunyaa waliin hojjenne guddannu,
2) Dhaabbata Idila Addunyaa ta'e hanga Waajjira Keenyaatti dhuftanii odeeffannoo argachuu ni dandeessu.
Ykn =>Maqaa keessa,
       => Bakka jirtan,
       => Bilbila keessan inbox nuuf gochuu ni dandeessu!
πŸ‘‰ 0963145868 Shimallis Sooressaa!

     Carraa guddaa kanatti fayyadamaa!

@Orobook
The_Art_of_War.pdf
505.9 KB
Ogummaa waraanaa/Lolaa/
2024/09/24 13:29:21
Back to Top
HTML Embed Code: