Telegram Web Link
#Baga_Gammadne!

Dhaabbanni guddichi 'Google,' Afaan Oromoof beekamtii kennuudhaan, afaanota tajaajila ittiin kennu keessaa tokko taasisee jira. Kun aaga oduuti; baga gammadne!

Kanaan gahuuf warreen gumaacha godhaniin, 'galatoomaa' jennaan. Galatoomaa!🙏



#Keenya_Oluma!


@Orobook
Forwarded from Guduunfaa📚
Ofitti amanamummaa jechuun, gaafa namni si dursee karaa sitti agarsiisaa jiru si duraa maqe deemsa kee dhaabuu miti. Inni si dura deemee karaa sitti agarsiisu haga dhufutti bakka itti dhiifamterra dhabattee eeguu miti.

Kan karaa si qabsiise galateeffachaa, ofirratti humnaaf abdii haaraa horachaa deemsa kee itti fufuudha. Kan deemsa si eegalchiise hundi galmaan sin gahu.

Ofitti amanamummaa jechuun, gaafa nama itti hirkatanii, dawoo godhatanii, jiraatan, namarraa sokke, achumaatti jireenya ofii xumura godhanii yaaduu miti. Dawoo ofiif ta'uuf ofitti hirkachuuf humna ofii argachuurratti cimina gonfachuudha malee!

Ofitti amanamummaa jechuun, gaafa isa kaleessa "Siif jira, siifan jiraadha, anaa jiruu homaan taatu, osoon ani jiruu hin yaadin hindhiphatin" jedhu dhabnee kophaatti hafnu, isa Kolfee, taphatee, addunyaa gammachuu, addunyaa bal'oo nutti agarsiisaa jiruun adda baanee, of arginu; nyaatamuu, du'uu, jireenyarraa adda bahuu, kophummaa diina goonee ilaaluuf, of dhiphisuutti deebi'uu miti.

Isa nurraa adda bahe, jaalala namaa, isa nu dhiisee deeme, kolfaaf tapha, sana harkisuuf humna akka qabnu hubachuudha.

Ofitti amanamummaa jechuun, dhabanii hinargadhu, dhukkubsatanii hinfayyu, cabanii hinokkolu, miidhamanii hin wal'aanamu jechuu miti.

Ofitti amanamummaan, naafa ta'anii deemanii bakka garaa ofii gahuu, qaroo dhabanii, sammuutti dhimma bahuu, fayyaa qabaatanii, humna ofiitti hirkachuudha.

Gama kamiinuu, qaama biraatti osoon taane, ofitti dhimmuudha.

Ofitti amanamummaa jechuun, kan jaalatan dhabanii abdii sichi jiraachuuf, sichi jaalachuu of keessa dhabuu miti; ani jiraannan, jaalallis, kan jaalatanis jirachuu isaa ofitti agarsiisuudha. Humna nu keessa jirutti, namummaaf miira namummaa nuuf laatametti dhimma bahuudha.

Ofitti amanamummaan, "haalota malee hinjiraadhu" jechuu miti, haalota uumuu danda'uudha.

Dammaqi malee maa rafta?

@Guduunfaakoo
Soba waliin kabajamuurra, dhugaa waliin kabalamuu wayya. Dhugaa filadhu!👌



@Orobook
Forwarded from Kanenus Kasa
Oduu Aagaa / baga gammaddan!

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa Maarsariitii / 'Website' Isaa Ifoomse

Finfinnee Caamsaa 20/2022 - Waldaan Barreessitoota Oromiyaa 'Website' haaraa kan mataa isaa, https://oromiawritersassociation.org/ jedhamu bifa haaraan hojjechiisuun tajaajila kennuu akka jalqabe ifoomseera. Maarsariitiin kun dhaabbata 'Olit Technologies' jedhamuun bocame. Halluuwwan maarsariitiin kun ittiin hojjatame kan nama hawwatuu fi akka falaasama Oromoottis hiikaa miidhagaa waldichaan wal unatu kan kennuudha.

Maarsariitiin kun afaanota lamaan kan tajaajila kennu yoo ta'u, bakka kuusaa garaa garaas of keessaa qaba. Seenaa WBO fi maqaa KHR, seenaa barreessitoota Oromoo, maqaa kitaabota Oromoo, abbaa barreesse, baraa fi mana maxxansaa itti maxxanfame waliin bakka itti kuufamu qabateera. Dabalataan kutaa "Haa dubbifnu" jedhu qabateera. Kutaan kun kitaabota PDF'n dhiyeessa. Akkasumas bakka beeksisaas of jalatti hammateera.

Walumaa galatti, maarsariitiin kun sadarkaa guddina WBO fi Ogbarruu Oromootiif murteessaadha. Irra deebiin baga gammaddan jenna.

Link armaan gadiin seenuun afaan Oromoo fi ' 'English' dhaan dubbisuu dandeessu.👇

https://oromiawritersassociation.org/

Waldaa Barreessioota Oromiyaa
Kunneen ilmaankoo sadani. Kaanis sichi dhufu! Warreen hin dubbifne affeeramtanii jirtu; bakka argattanitti to'annoo keessan jala oolfadhaa. Kanneen dubbiftanimmoo, yaada kitaabota kana irratti qabdan naan gahuu hin dhiisiinaa. Galatoomaa!🙏



Dubbisuuufi barreessuun ittuma fufa!


Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Forwarded from Oro Art Gallery! (Ŝăböñå)
QAACCESSA CAACULEE FI MALLEEN ASOOSAMAA
~~~
Dhangaan waan hedduu keessaa argadhe kana, osoo siniif hinqoodiin darbuu hindandeenye. Hindarbus malee! Dhangaa akkamiiti laata? Dhangaa soora ogummaa, kan haalaafi akkaataa qaaccessa kitaabaa of keessaa qabudha. Kunis, qaaccessa kitaaba asoosamaa ogummaan deeggarame, kan Abboomaa Ijaaraatiin qaacca'e yeroo ta'u, animmoo qabiyyee qaaccessa sanaa (caaculeefi malleen asoosamaa) irraa waanan dubbisee hubadhe tokkorratti waa jedhee darbuufi. Qaacessa kana irra deebi'ee qaaccessuufis osoo hintaane, waan muraasa qofa tuqee kaan siniif dhiisuufi.

Dubbii keenyarratti, Abboomaa Ijaaraa barreessaa kitaabaati. Kitaaba "Yoomiree?" jedhu barreessee hawaasaan gahee jira. Kaanis sichi akka dhufaa jiran quba nan qaba. Akkanuma Yuunibarsiitii Haramaayaatti, barataa muummee Afaan Oromoo waggaa 3ffaati. Itti siiqee karaa namummaa isaa, dubbiseemmoo karaa kitaaba isaa, nama qaxalee akka ta'e isan beeka. Abdii egeree guddaatus irra jira! Addumaanimmoo, nama kanaan osoo waa hinjedhiin akka hindabarre kan na godhe tokkotu jira. Kunis, haala inni itti kitaabota qaaccessudha. Ogummaa qaaccessuun kan deeggarameefi barreessaas ta'e dubbisaan waan guddaa kan irraa baratudha. Abdii guddaa namatti hora!
Bifa kanaan kitaabota inni qaaccesse keessaa kitaabnikoo 'Sansakkaa Sakaalame' jedhus tokko ture. Qaaccessa ogummaan masakamee qaacceffame kana yeroon dubbisu, addunyaa biraa keessa na geesse; kitaabni ani barreesses kitaaba biraa natti ta'e. Guutummaa qaaccessa isaa telegiraama irraan nan dhooba; argachuu dandeessu.

Akkuman armaan olitti kaasuuf yaale, qaaccessichi kan irratti xiyyeeffatee jiru, qaaccessa caaculeefi malleen asoosamaa irratti. Eeyyeen, qaaccessa caaculee asoosamaafi malleen asoosamaa jedhee qoqqoodee jira. Kanneen jalas, qoodamni adda addaa ni argamu. Jalqabaarra, qaaccessa caaculee asoosamaatu argama. Kana jalattis, qabiyyee caaculee asoosamaa kan ta'an kanneen akka: Seenaa (history), Jaargocha (plot), namfakkii, waldhabdee (Conflict), yoomessaa (Setting) fi ijaa (Point of views)ti. Akka fakkeenyaatti, qaaccessi namfakkii, namfakkii marsaafi diriiraa jedhee jira. Namfakkiin marsaa, namfakkii akkaataan deddeebi'iifi jireenya isaa karaa adda addaatiin kalaqame yoo ta'u, bu'aa ba'ii walxaxaa qaba. Gochaan isaatiis yeroo dheeraaf kan turudha malee, mul'atee kan baduufi amala fixeensummaan kan ibsamu miti. Namfakkii diriiraan immoo, namfakkii jireenyi isaa kallattii adda addaatiin kalaqame osoo hintaane, bifa salphaafi yaadatamuu danda'uun kan dhiyaatudha. Iddoo barbaachisu qofaatti galuuf kan dhufuufi yeroo hin barbaachifnetti kan bahu yoo ta'u, amala fiixeensummaa qaba.
Kanneen hafan biroofis ibsi gahaan kennameefii jira. Akkanuma caaculee asoosamaa kanaaf, fakkeenyonni barbaachisaan kitaaba 'Sansakkaa Sakaalame" keessaa, iddoo barbaachisaniitti itti fayyadamee jira, qaaccessichi. Gutummaa isaa, bifa PDF-tiin telegiraama irraan argattu.

Itti aansee, qaaccessa malleen asoosamaatu argama. Kunis, waan jalatti haammatu ni qaba. Kanneenis: Addeessuu, haasa'uu (Wal waliin haasahuufi ofiin haasahuu), duubdeebii, hima egereefi qola dubbiiti. Qolli dubbiis, mallattummaa, nameessuufi qishina jedhee jira. Mallattummaan immoo, mallattummaa dhuunfaa, barsiifataafi walii galaatti qoodama. Asittis, tokko tokkoo kanneen hundaaf ibsi kennameera. Akkanuma, fakkeenyota garagaraa kitaabicha keessaa fudhatee jira.
Qaaccessi kun, haala salphaafi bifa namaa galuu danda'uun kan katabameedha. Baay'ees namatti tola! Waan haaraa hedduun akka irraa baratamus hinshakku. Yeroo gabaabaa keessatti dubbifamee dhuma; garuu waan dheeraatu irraa hubatama. Waan irraa baradhe baay'een waan jiruufis, siniif qooduu filadhe. Kanaafuu, bifa PDF-tiin karaa telegiraama kanaa nan dhooba. Sarara irratti eegaa!


Galatoomaa!🙏


Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022


@Orobook
#ERGARAMA
(Filmii Afaan Oromoo)

Barreessaan: Lammii Tarfaasaa

Gaafa Dilbataa (Caamsaa 21, 2014) Finfinnee, Galma Gidduu Gala Aadaa Oromootti eebbifamuuf jira. Haa eebbifannu!


#Aartiin_Keenya_Oluma!

@Orobook
Dr. Abdisa Ejeta Official Channel
Qaaccessa_caaculeefi_malleen_asoosaamaa,_asoosama_“Sansakkaa_Sakaalame”.pdf
Qaaccessa Caaculeefi Malleen Asoosamaa, Asoosama 'Sansakkaa Sakaalame' Irratti (Abboomaa Ijaaraatiin)

Qaaccessi kanaan dura sin biraan gahuuf waadaa galamee ture kanadha. Itti dhiyaadhaa.

Dubbisa Gaarii!
#Dabareen_Kan_Eenyuuti_Laata?
Dhimma loogoo Yuunibarsiitii jijjiiruun wal qabatee, sochiileen yuunibarsiitonni keenya gochaa jiran waan nama boonsudha. Itti fufuus qaba. Qe'ee ofii ormi namaa hin faayu; abbumatu faayata. Yuunibarsiitonni akka: Yuunibarsiitii Jimmaa, Bulee Horaa, Odaa Bultum, Mattuu, Madda Walaabuufi kanneen biroon loogoo bakka sin hin buune ofirraa qabdan, akka isin waan ta'e dalagaa jirtan abdiin qaba. Sin eegaas jirra. Itti muddaa; yeroo isaatu amma.

Warri itti dhiyaattan qaama ilaallatuun gahuu hin dhiisiinaa.

Maqaa ormi nuu baaseen hin owwaannu!

Horaa Bulaa!

@Orobook
Adaamaa, Mana Kitaabaa Bilisummaa jirra.

Manni Kitaabaa Bilisummaa Magaalaa Adaamaa, Firaankoo naannoo Waarkaa jedhamutti argama. Kitaaboleen Afaan Oromoon gosa gosaan mana kana ni jiru. Itti goraa kitaabota feetan argadhaa. Akkanuma, magaalota kanneen akka Asallaafi Shashaamanneetti kitaabota yoo barbaaddan, mana kitaabaa kana quunnamuun argachuu dandeessu.

Teessoo:
Adaamaa, Mana kitaabaa Bilisummaa

Lakk. Bilbilaa: 0923634151/0949854187


Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
2024/09/27 07:24:59
Back to Top
HTML Embed Code: