Telegram Web Link
Master Your Emotions (1).pdf
2.6 MB
Master you emotions!

This book is short and will help you become happier and more optimistic.

✈️✈️✈️#share✈️✈️✈️
👇👇👇#join👇👇👇
@kitaabotaGaraagara
"Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti milkaa'ina gonfachuudhaaf haaldureen jalqabaa, humnaafi qalbii isaa sassaabbatee walitti fufinsaan dhimma ijoo harkaa qabu irratti xiyyeeffachuudha." Toomaas Edisan

@Orobook
Iyyaafattoonni Kitaaba "Sansakkaa Sakaalame" kanneen Harariifi naannawwaa ishee jirtan, akkanuma gara baha Oromiyaarraa gaafattan lakkoofsa kanaan 👉 (0913414401, Habtaamuu) bilbiltanii argachuu dandeessu.

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaa, barreessaa kitaabichaati.

@Orobook
Kitaabota fayyaa Afaan Oromoon qabnu muraasatti kitaabni tokko nuuf dabalamee jira. Kunis kitaaba #DUNGOO_FAYYAA-ti. Barreessaa Abdulqaadir Mohammad (Abdu Warra Jahaan Galaan (Fb)) kan qabatee dhufaa jiru. Kun aaga guddaadha. Anaa dhufu jennee harkaa simanna.

Anaa dhufu!👏😍

@Orobook
#Hunduu_waan_qabu_kenna!

Lagni bishaan siif kenna
Gaafa ati dheebottu
Manni ho’a siif kenna
Gaafa ati dhaamottu
Muka bosonaa argatta
Kan mana ittiin ijaartu
Galaanni immoo qurxummii
Kan affeellattee nyaattu
Mi’a gatii jabeessa
Gabaa qaalii irraa argatta
Riqicha bishaan qabu
Bidiruudhaan dabarta
Waan hin qabne argachuuf
Isa qabu harka ilaalta
Atis waan qabdu hiixadhu
Xiqqaatu tokko in caalta!
Garuu......
Xaddee foon hin kadhatiin
Qoraattiin si waxalti
Salphoo ulfina hin kadhatiin
Udaaniin siqabatti
Machooftuu hin hammatiin
Bulgaatiin si lollaati
Nama badii hin qoccoliin
Dhuftee hiriyaa kee taati
Addaggeetti hin shirkoomiin
Mataa irratti ol si baati
Daa’ima qullaa hin baatiin
Wayyaa kee irratti albaa ti
Kotte duudaa hin hooksiin
Ilkaantu sirraa dhuma
Hunduu waan qabu kenna
Jireenyatu akkasuma.

Via Dastaa Hinsarmuu



@Orobook
Simbirtuu!

Baga gammaddan, baga gammanne!
Barataan mana barumsa Bultii Addaa WMO Raajii Ashannaafii, barnootasaa doktireetii(PhD) hordofuuf gara Ameerikaa imalee jira. Raajiin barataa marsaa 2ffaa manni barumsa Bultii Addaa WMO barsiise yoo ta'u, tibbana yuunivarsiitii biyya Xaaliyaaniirraa 'Theoretical Physics' dhaan eebbifamee jira.

Deemsi milkaa'ina Raajii kan eegale waggoota sagal dura yoo ta'u, qorumsa biyyoolessaa qabxii 647 fiduun akka biyyaatti olaanaa fiduun yuunivarsiitii saayinsiifi Teknooloojii (ASTU) seene. Turtii yuunivarsiitii keessatti qabxii galmaa'ee hin beekne (60A+) fiduun meedaliyaafi waancaa badhaafamee eebbifame.
Imalli milkaa'ina Raajii ammas hin dhaabbanne. Yeroo ammaa barnoota doktireetii barachuuf gara Ameerikaa imalee jira.

Waldaan misooma Oromiyaa dhaloota qaroo akkanaa oomishuun sabaafi biyya boonsuu itti fufee jira. Baga gammaddan, baga gammanne!
#Dursii_hubadhu!
Bara durii namicha duuti mootii biyya bulchu tokkootiin itti murtaa’etu ture. Guyyaaf halkan dabaree wal jijjiiruun guyyaan du’a isaa itti dhiyaate. Guyyichi gaafa gahu, bakka jiruutii barbaadamee akka dhiyaatee murtoo isaa fudhatuuf ajajni bahe. Namichis qabamee dhiyaate. Ta’us, mootichi filannoo biraa kennuufii jaalate. Akkana jedheenii, “Yoo ati bishaan biikerii guutuu sitti kennamu kana saffisa siin jedhamuun, hanga bakka murtaa’e geessee deebitutti dhangalaasuudhaa baatte, du’a ni oolta. Garuu, dhangalaafte taanaan dachaa dhiphifamuun ajjeefamta.”

Namichis gammachuu guddaadhaan, “Naaf ta’a yaa mootii!” jechuun deebiseefii. Filannoon namicha kanaa, mooticha dabalatee namoota gamaafi gamanaan isa ilaalan ajaa’ibsiisee ture. Kanarraan kan ka’e, tutni namoota sanaa iddoo lamatti hiramee ture. Gareen tokko ni deeggaru, nikolfuufii; gareen biraan immoo, itti kolfuu ittis qoosuun mogoleefi haamilee isa buusaa turani. Deeggartoonni isaa, “Yaa namicha gamna nanaa, filannoonkee akkam gaariidha!
Dhugumatti, kana gochuunis lubbuukee ni oolchatta…jabaadhu!” jechuun harka isaanii walitti reebuun isa jajjabeessuuf wacu turani. Faallaa kanaan, kanneen mogolee isa buusan immoo, “Wayi yaa namicha isa filannoo isaan dhiphifamanii du’uu bitachuuf dhama’u nanaa! Maaliif wanta hin taaneef fiigda? Silaahoo bishaan biikerii keessaa kun yommuu baattee deemtu dhangala’uu hinhafuuti, ammuma murtookee hin fudhattuu?…lakkii siif wayya!” jechuun dabaree isaanii itti wacu. Osooma tutni kun bitaaf mirgaan itti marsanii jiranii, akka deeggartoota kubbaa miillaa, namichi kun bakka jedhame kana gahee deebi’e.
Bishaanichi biikerii keessaa guutuudha…hindhangalaane.

Mootichi baay’ee ajaa’ibsiifachuun itti marmee, “Baga gammadde….baga du’a oolte!” ittiin jedhe. Dhumarratti, mootichi namicha kana gaaffii gaafate, “Namoonni hedduun sitti marsuun kaan siif, kaan immoo sitti wacaa turani. Sagaleen waca isaaniifi sosochiin dhiichisa isaanii asiifi achi, garanaaf garas sin ilaalchifnee? Akkamittis fuuldurakee qofaa ilaaluun haala kanaan dorgee kee xumurte?

Namichis, “Yaa mootii barri mootummaakee haadheeratu! Edaa namoonni na marsanii turanii? Ani nama tokkoyyuu hin argine. Sagalee nama tokkoos hin dhageenye. Sababiin isaas, ijjikoo sochii dambalii bishaan biikerii sana irra waan jiruufi.
Dhageettiin gurra koos asuma kanarra jira. Kunis, filannookoo osoo hintaane dirqama jiraachuukooti; lubbuunkoo biikerii bishaan baatu sanarra waan jiruufi. Gurrakoo gara biraaf yoon ergise, gara sana ilaaluun koo hinhafu. Akkas taanaan, bishaan kun dhangala’uun isaa nama hins hakkisiisu. Bishaan dhangalaanaan, nan du’a. Kanaaf, dhageettiin gurrakoofi agartuun ijakoo, akkasumas yaaduun sammuukoofi dhahannaan onneekoo, iddoo barbaachisaa isa ta’e lubbuukoo oolfachuu danda’urra waan ta’eefi” jechuun mootii sanaaf deebise. Kanaanis du’a oolee jedhama.

•~>Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'eenkee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaakee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaanimmoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo kee hinbutuchiin; dhagaa sitti darbamuu walitti qabi, riqicha ce'umsaafi mana galmaa ittiin ijaarratta; jechoota sin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hinbaafneefi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi. Akkanuma, kan si faarsu faana of hinfaarsiin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hinmalletti miirri siif kennu dhageessee, weedduufi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hinhafnetti of eegi.
Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi. Hubataa ta'i! Kan siif jibbu jaalattee, kan si jibbu hinjibbiin. Kan siif reebu ol kaastee, kan si reebu reebuuf yeroofi anniisaa kee hingubiin. Dursii hubadhu!

Madda: Kitaaba Sansakkaa Sakaalame

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Waan_lama
Jireenya kee keessatti goonkumaa abdii hin kutin, ta'iin hunduu waan jireenya keetti qabee dhufuu hin beektu waan ta'eef!
Akka lakkoofsa warra Awuroopotaatti baatii Adooleessaa, bara 2022 guyyuu keessa oduu jabduun, amanuuf rakkistu gurra buute. Dargaggeessa ganna 28tii kan ta'ee, taphatta garee biyyaalessaa #Ivory Coast fi kilabii biyya Jaarmanii, #Borussia Dortmund kan ta'ee, #Sébastien Haller dhukkubbii yeroo sochii ispoortii taasifamuu itti dhaga'amurraa kan ka'e gara mana yaalaa of-ilaalchisuuf qajeele. Qorannoo jabduu takka erga taasisee booda Doktorrisaas bu'aa qorannoo jabduu, himuuf ulfaattu takka qabatee itti gadi bahe. Dubbii akkanaa himuun heddu namatti ulfaatus, akkuma Oromoon "Du'a dhoksanii awwaalcha eessan dhaqu?" jedhu sana, bu'aa qorannicha himuun osoo itti ulfaatuu, gammeessaa ganna 28 tii kanan kaansarii cidhaanii(testicular cancer) qabda oduu jedhu gurra buuse. #Sebastian Haller'f, bu'aan qorannichaa hedduu ulfaata ta'us, amanee fudhachuuf dirqame. Kana nama ajaa'ibu garuu bu'aa qorannichaa amananii fudhachuun taphaticha caalaa deegartootafi jaalatoota isaatti waan ulfaate fakkaata.....hunduu mala malee, waan qabu erga darbatee booda, #Sebastian Haller, dawwaa keemooteeraapii (#chemotherapy) jedhamu jalqabuuf murteesse. Haa ta'u malee tapha kubbaa miilaa akkas jaalatu irraa fagaatee jiraachuun tabba hin sochanne dhiibuu ta'e itti mul'atus, boodarra garuu, xiyyeeffannoon isaa daawwaa ofii sirnaan fayyadamuun dhukkubicharraa akkamitti akka fayyuu danda'uti jijjirame. Kananis erga marsaa 4f #chemotherapy irra ture booda yaala baqaasanii yaaluu akka isa barbaachisuu Doktorrisaa himef. Yeroo inni yaalii kanaaf gara hospital deemee jedhamee himamuu, deegartoonni isaafi leenjisan isaa xalayaa jajjabinaa, "kanaan booda nutti lubbuun jiratte si arguu barbaanna, addunyaa kubbaa miilarras fedhe kee malee akka baate si hubanna, kadhanaan keenya kanan booda umurii dheeraa siif hawwuudha" jechuun gara miidiya hawaasna dabarsafii turan. Haaluma kana keessa taa'ee taphatichi garuu ani hawwiin koo Dirree kubbaa miilatti deebi'ee isin arguudha jechaanii ture. "Kinoo yeroon geeesse har'a hunda keesanuu argeen jira" waan jechaa jiruu fakkata, Sebastien Haller.
Dawwaa dhukkuba kaansarii cidhaanii, #chemotherapy, marsaa 4 fi yaala baqaasanii yaaluu marsaa 2 booda gara kubbaa miilatti deebi'uun, #Ivory Coast'f, dhiira gaafa xiiqii ta' ee biyyatti fiixee waancaa Afrikaatti olbaase💪💪. Lammiileen Iyivoorii koostiis, "Har'an tana alaaban nutti addunyaarratti ittin beekamnu kana booda #Sebastien Haller" jedhanii dhaadachaa jiru! 💪💪
Kilaba jarmanii keessatti ammoo utubaa ta'ee dandeetti addaa agarsiise.......

Walumaagalatti:
1. Haalli sitti ulfaatus abdii hin kutin, yeroon ni darbe, atumti jabaadhu.
2. Kaansariirras fayyuun ni danda'ama, dawwaadhuma qofa argadhuun, erga kooti.
Waan dubbistaniif galatooma🙏

🌱 Discipline, dedication and determination for ever ✔️

#Abdii_Addunyaa🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Forwarded from GUMAATA👌 (Wolkite Endale)
Siyaasa Afaan Oromoofi Qubee Biyya Itoophiyaa

Kitaabota dubbistoonni hedduun dubbisanii otoo hin ajaa'ibdifatiin darbani keessaa isa hangafaati. Qorataafi Barsiisaa Yuunversiitii Amboo kan ta'an Professor Wandimmuu Taganyiitiin bu'aa qorannoo waggaa 7 keessa darbee kitaaba ajaa'iba kan lammiin kamuu baratee irraa baruu qabu ta'ee Afaan Oromoofi Afaan Ingliffaan barraa'ee as bahe.

👉Amma magaalaa Amboo, Yuunversiitii Amboo kaampaasii guddicha fuula duratti kan argamu Mana Kitaaba Maatiitti argattu.

@gunaat
@gumaat
#Alert #Measles #outbreak

Yeroo ammaa kana dhukkubni #Gifiraa (#measle) biyya kana keessatti babbal'atee jira. Keessattuu daa'imman hedduu irratti mul'achuun miidhaas geessisaa jira. Daa'imman irratti mallattoolee kana gadii yoo argitan mana yaalaa dhihoo jiru geessuun gargaarsa barbaachisu akka argatan gochuu qabdu. Isaanis:-

☆ Qufaa salphaa
☆ Gubaa qaamaa
☆ Shiffee naannoo fuulaa rifeensa jalaa eegaluun qaama guutuutti faca'u
☆ Garaa kaasaa
☆ Ol deebisuu
☆ Diimachuu ijaa
☆ Rakkoolee biroo cimina isaan wal qabatan fa'a.

Dhibee kuni daa'imman umurii kamuu irratti ni mul'atu. kanaafuu:-

1. Mana yaalaa geessuun yaala argachuu qaban akka argatan gochuu.
2. Talaallii isaa ji'a 9 fi 15 irratti akka fudhatan gochuu.
3. Nyaata madaalamaa kennuu.
4. Namoota dhibeen kuni irratti mul'ate ykn daa'imman dhibeen irratti mul'ate irraa fageessuu fa'a!

#Note:-

** Daa'imman Talaalsisuun cimina dhibee kana waan hir'isuuf talaallii isaa akka argatan taasisuu qabdu!

** Daa'imman mallatoolee armaan olii qaban mana yaalaa geessuun gargaarsa barbaachisu akka argan taasisuun du'aatii daa'immanii hambisuudha!
Fayyaan Daa'immaniif!
Dr. Sabona - Pediatrician 
JUMC-2024!

@Fayyaa_egeree

@Orobook
2024/09/24 13:28:20
Back to Top
HTML Embed Code: