Telegram Web Link
#Gaarummaafi_Namummaa!
Akkuma nama fooniifi hafuurri isaa walitti jiru kan lubbuu qabuuf hargansuu yookan hafuura baafannaan dirqama ta'e, namaaf gaarii yaaduufi gochuun namummaa nama tokkoof dirqamadha. Eeyyeen namni lubbuu malee, namummaanis gaarummaa malee du'aadha. Gaarummaan immoo gaarii gochuudhaan jiraata. Namni uumaa isaa akka yaadatu kan godhu, namaafi nama kan walitti hidhu, namatti abdiifi jireenya kan horuufi agarsiiftuu yookan mallattoo namummaa dhala namaati, gaarummaan!

Gaarummaanis egaa haalaan kan daanga'u osoon taane, haalarra darbee halaalatti argamuu kan qabudha. Bakka tokko yookan muraasa qofaa irratti kan calaqqiisiifamu osoo hintaanes, namaafi bakka hundatti kan calaqqisu riqicha namaafi namummaatti. Yeroo keenya kanatti garuu, iddoo baay'eetti faallaa kanaatu argama. Nama yookaan qaama muraasa qofa fuulduratti gaarii fakkaannee mul'achuuf jecha dhamaana. Gaarummaa keenyas bakkaafi haala murtooftuu jalatti daangeessina. Fakkeenyaaf, foddaa televizinaafi miidiyaalee hawaasaa kan akka fuulbarruu (Fb)fi kanneen biroo irratti bifa namaafi uumaa gammachiisuun dhiyaanna. Namoota beela'an nyaachifna, kanneen daaran daara baafna, wantota gurra namaatti toluun nama hawwatan olkaafna, nagaafi araara haasofna,....jaalalas lallabna. Kanneen hunda suuraafi suur-sagaleen deeggaramnee gadhiifna. Achirraa gaafa buunu garuu, nama biraa namatti taana. Waan nuyi dalagnuufi waan nuyi fakkaannee argamnu akkanuma gabaafni nuyi kenninu wal hin argu, nuunis hin beeku. Waan akkanaammoo gaarummaa bakka hin bu'u. Namummaa irra kan fagaatedhas.

Gaarummaan hiika dhuunfaa qofaa kan qabu kan nama tokko yookaan muraasa gammachiisee hedduu boossisu osoo hintaane, kan afaan nama hundaan dhagahamu furtuu namummaa dhala namaati. Kanaafuu, ofitti haa dhiyeessinu!

Lafa gaarii oolaa!

Β©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
Gootaaf Yaadannoo Malee Boo'ichi Hin Maluuf!

Kan seenaa hojjetes ta'e seenaarratti hojjete, seenaan inuma yaadata. Garaagarummaan jiru garuu, akkamitti akka yaadatudha. Kan dhugaaf jiraatee dhugaaf wareegameen, "Namicha dhugaaf dabarsee of kenne, kan faallaa kanaammmoo kan dhugaa dabarsee kenne," jedhee qabata seenaan. Tokko garaasaaf jiraate, inni biraan immoo dhalootaaf rakkoofi gidiraa hamma gaaraa gahu baate. Faallaa! Akkuma akki jireenya jarreen kanaa adda ture, bakki seenaan isaaniif kennus gargari. Seenaan hinsobu, hinfakkeessu. Kanaafi kan bakkiifi akkisaa gargar ta'eef.

Jiraachuun, seenaa waliin hidhata walirraa adda hin baane qaba. Dhaloonni seenaa qoratuufi sakatta'u maaliif akka jiraatu beekuufi du'u ni beeka. Dhaloota akkanaatus "Jirra!" jedhee jiraachuusaa, "Hin jirru!" jedhees quuqamasaa ibsachuufi himachuu danda'a. Nutis egaa, akkuma Haceen "Jirtuu?" jechaa jiraa jiraattootaa olkaasaa ture sana, isa yaadachuun "Jirra" jennaan. Kan jirutu goota yoomuu jiraatu yaadata mitiiree? Eeyyeen! Kan jiru kaleessaan har'a jiraata, har'aan immoo kaleessa yaadata; yaadatees yaadachaa jiraata, dhalootaafis yaadannoo hiikaafi seenaa qabu olkaafnudha. Bakka jirrutti goota keenya ni yaadanna. Yeroo tokko lama qofas osoo hintaane, hamma yaadachuu dandeenyu hundaani.

Yeroo yaadannoo kanas egaa, yaadannooma malee boo'icha qabannee miti. Boo'ichi gootaaf hinmalu waan ta'eefi. Boo'ichi dirqama yoo ta'eemmoo waaniifi warreen boonyuuf danuu qabna. Gootaaf garuu boo'ichi hinta'u,....hin malus! Du'a gootaa du'uun carroomuudha! Yeroo hedduun jiraatti du'u kana keessatti, du'anii waanin yaadataman qabachuun salphaa miti. Kanaafi kan yaadannoon warreen du'aanii jiraachaa jiraniif, boo'ichimmoo warreen jiraatti du'aniif kan malu. Kanaafuu, guyyaan kun guyyaa itti Hacaaluuf boonyu osoo hintaane, guyyaa itti isa yaadannuufi yaadachuu keenyas jechaafi gochaan olkaafnudha.

Bakkaafi haala jirru hundumaa keessa teenyee goota keenya Artistii Hacaaluu Hundeessaa yaadachuun kan inni hiika guutuu qabaatu, yoo kaayyoo wareegamuusaa beeknee argamne, Hacaaluu lubbuun jiru yoo taane, ilmaaniifi maatiisaa cinaa yoo dhibamuu baanne, Hacaaluu duubaan dhufaa jiran yoo harka qabne, gootota lubbuun jiran yoo harkarra qabanne, sagaleesaa keessaan sagaleen Eebbisaa Addunyaa, Daadhii Galaan, Usmaayuu Muusaa....fi kanneen biroo haqa Oromoof sagalee ta'anii yoo nutti dhagahame, yoo gootummaan Abdiisaa Aagaa, Jeneraal Taaddasaa Birruu, Waaqoo Guutuu, Jaarraa Abbaa Gadaa, Wareegamtoota Shinniggaa...fi gootota biyya Oromoof biyyoo ta'anii hunda sagaleesaa kiilolee kana keessaan nutti dhagahamedha. Eeyyeen, yoo kunneeniifi kan kana fakkaatan nurraa calaqqisan yaadannoo dhugaafi hiika qabeessa qabaanna. Yoos, gootni dhugaa dhugaadhaan yaadatama. Ta'us qaba!

Gootni waan isarraa eegamu dalagee darbee, imaanaa dhalootatti laata; dhaloonni seenaa beekummoo imaanaa dhugaadhaan galma gaha. Dhugaadhaan, imaanaa galmaan haageenyu!

Yoomuu si yaadanna Haceekoo! Boollakees daadhiin haa guutu!


Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii
Waxabajjii 29, 2022
Adaree Biyyoo

@Orobook
Haceeko, Hacee gaafa xiiqii,
goota gaafa gadheen keessa namaa qabattuu.
Lubbuukee wareegda malee,
dhugaa Oromoof Oromiyaa
qarshiitti hin sharafattu.

Lafa garaa namaa geessa,
yoo dubbattu tooraan.
Jal'aan kakatee inaafee,
si nyaatekaa moraan.

Ati ofiif hin jiraanne,
qomookeef jecha duute.
Imimmaan dhiigaa sin galchine,
Haceeko eessa buutee?

Gaafa dhugaan jal'atu,
silaa si dhikkifata.
Dandeessee hin obsitu,
garaatu si rifata.

Dhugaaf adda kennee,
falma mirga namaa kan godhate suusii.
Korma akka Hacee,
yaa Waaq bakka nuuf buusiπŸ™πŸ™πŸ˜­πŸ˜­
~~~~~
#TelegramπŸ‘‡πŸ‘‡
@Fayyaa_egeree
https://www.tg-me.com/Fayyaa_egeree
#FacebookπŸ‘‡πŸ‘‡
https://www.facebook.com/1266457233526622/posts/pfbid02BmqhKW3kLnwPPgx1FskpjKgreU2XfQE9akLmk1gEqwb1zXve8uNgnU2yZsKhWhYl/?app=fbl

Β©Bultii Likkiisaa, 2022
#GAAHO
Yuunivarsiitii Haramaayaa Mooraa Fayyaafi Wal'aansaa Hararitti, guyyaan yaadannoo wareegamuu Artistii keenya qaalii Hacaaluu Hundeessaa kan waggaa 2ffaa kana fakkaata ture.

Yoomuu si yaadanna Hacee keenya!πŸ’ž

Waxabajjii 29, 2022
Adaree Biyyoo

@Orobook
#Jaalachuufi_Jaalatamuu
Tokkotu nama ogeessa tokkoon, "Jaalachuumoo jaalatamuutu irra caalaa barbaachisa?" jedhee gaafata. Namni ogeessi kunis, "Sinbirroo tokkoof, koochoo bitaamoo mirgaatu irra caalaa barbaachisa?" jechuun gaafficha gaaffiidhaan gudunfee jedhama.

Jarri wal malee hintolani akka jechuuti. Wal biraa hindhabiinaa!πŸ‘Œ

@Orobook
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Riyaad Raayyaa
Raajii'n raajii hojjatee
Hanga maqaasaa ga'e
Haa jiidhu gadameessi
Qaxalee akkasaa da'e!

Qaaliin ilma Oromoo
Qaroo, qishiriin namaa
Al-takkatti argate
Kunoo digirii lama!

Herreegaa fi fiiziksii
Akka soorataa nyaatee
Kabajaa fi ulfina
Ofiif, sabasaaf laate

Abdii sabaafi biyyaa
Dhalataa lixa biiftuu
Akkas qaalofta kunoo
Hojiin gaafa si kiiftu

Cimina ilmaan Oromoo
Alagaan baraaf dabse
Seenaa jijjiirte fiddee
Qabxii riikordii cabse

Guutuu biyyaa dursite
Utubaa taatee hiiroo
Boquu keenya ol qabde
Baga dhalatte dhiiroo!

Qorumsa dhufu maraa
Kutannoodhaan moo'attee
Qalbii ummata bal'aa
Raajeffannoon too'atte

Biqiltuu firii qaalii
Ta'uudhaan nuuf margitee
Bu'aa dadhabbii keetii
Baga ijaan argite!

Xurree qaroominaarra
Baga nuuf baate gubbaa
Milkiin kee itti haa fufu
Sabni siin boona gurbaa!

@Dhangaa_walaloo join godhaa
✍️... Riyaad Raayyaa tiin
#Osoo_Hin_Murteessiin_Dura_Hubadhu!

Doktaarri waamichi hatattamaa waan isa ga'eef, ariitiin gara hospitaalaa dhufuun uffata isaa jijjiirratee gara kutaa baqaqsanii yaaluu osoo fiiguu, namicha mucaan isaa daran dhibamee kutaa hatattamaa seene tokko osoo inni taa'ee boo'uu arga. Namichis, akkuma doktaaricha argeen fiigaa dhaqee qabee dhaabuun, "Ati maal ta'uu keeti? Mucaankoo du'aaf jireenya gidduu osoo jiruu ati eessa deemte? Maali namni itti gaafatamummaan isaa itti hindhaga'amne nama akkamiiti ati?" jedhaan. Doktaarichis "Dhiifama ani as hinturre. Akkuma naaf bilbilameen kanan fiigaa dhufe, amma obsa godhadhaatii Waaqayyoon kadhadhaafi!" jedhaan. Namichis "Maal jechuukeeti,...osoo mucaankoo du'eehoo? Akkamitti mucaankoo du'uuf osoo jedhuun obsa,...osoo mucaakeetu du'e ta'ee ati maal jetta?" jedheen. Doktaarichis akka seequu ta'ee, "Lubbuu waaqatu kenne; isumatus fudhata. Maqaan Waaqayyoo haa eebbifamun jedha" jedhee ariitiidhaan kutaa baqaqsanii yaaluu seene. Abbaan mucichaas, "Gubii singiggoo isa irra ga'ee beekutu namaaf beeka!" jedhee gungume.

Sa'aatii muraasa booda, doktaarichi kutichaa seeqaa ba'uun abbaa mucichaatiin, "Waaqayyoof galanni haa ta'u mucaankee ooleera. Kana booda yoo gargaarsa barbaadde, narsoota haasofsisuu dandeessa," jechuun boo'aa fiigee bira darbe. Kun ta'ee daqiiqaa muraasa booda, narsiin tokko dhufte. Abbaan mucichaas narsittiidhaan, "Doktaarri kun, mucaankoo maalirra akka jiru akkan gaafadhuufillee yeroo naaf hinlaanne" jedhee aarii qabu ibsate. Narsittiinis, "Kaleessa mucaan isaa balaa konkolaataadhaan waan du'eef, yeroo bilbilleef awwaala mucaa isaa irraa dhufee mucaakee oolche. Amma isa awwaallachuuf jarjaraa jira," jetteen.

Seenaan kun seenaa laphee nama tuqudha. Waan hedduunis akka irraa baratamu hinshakku. Yeroo baay'ee haala nama tokko osoo hinhubatiin, dursinee balleessaa nama tokko hubanna, dubbannas. Kanarra dhaabannees murtee kennina. Kanaan, murteen keenya murtee miidhaa malee faayidaa hinqabne, kan ofittummaan irra bahe, obsi itti hir'ateefi namummaa irraa fagaate ta'a. Kana akkan taaneef, dursinee haala namni tokko keessa jiru hubachuu qabna. Bakka nama biraas of buufnee ilaaluun nurra jiraata. Yoo kun ta'e, murteen keenya murtee bu'aa qabeessa ta'ee argama. Miidhaa irras faayidaa hedduummaata. Maarree, osoo hinhubatiin murteessuu haa dhiifnu!


Seenaan kun maxxansa Afaan Ingiliffaa tokkorraa hiikame.



Osoo hin murteessiin dura hubadhu!


Β©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
Gammachuufi nagaan isuma keessaa maddutu caala!

Nagaafi gammachuun keessaa maddu dorgee hinqabu. Qaamni biraan nagaa namaaf lallabuu yookan nagaa namaa hawwuu danda'a, garuu nagaan jedhame sun keessa nama sanaatii yoon taane akkanumaani. Gammachuunis sanuma! Namni tokko nama gammachiisuuf, hangam dhama'ee nama kofalchiisuu danda'a ta'a. Kolfi kolfame sun garuu, keessaamoo namuma sana hinqaaneessuu qofaaf kolfame kan jedhudha, ijoon dubbii. Yookan immoo, kolfa dirqamaas ta'uu mala ta'a. Kun hundi yoo keessaa hintaanedha.

Nagaafi gammachuun keessa ofiitii maddu egaa, kana ofuma keenyaa qofa ofii kennuu yookan barbaannee argachuu dandeenyudha. Kunis, dhabuu keenyaan kan daanga'e yookaan argachuu keenyaan kan utubamu miti. Haalaan oli! Filannoo dhuunfaa keenyaatis! Addumaan immoo, namarraa eeggachuu barraan rakkoodha. Kana jechuunis, furtuu galma keenyaa nama harka kaawwachuudha. Yoo furtuu galma keenyaa nama biraa harka godhanne, gaafa namni sun nuuf eeyyamu olseenna. Yoo nuun eeyyamnemmoo, ala turra. Ala turuu keessa immoo rakkoo garagaraatu jira. Ofirraafi waan ofirraa adda bahuutu jira, ala turuu keessaan. Kanaafuu, nama biraa irraa eeguu yookan ala ilaaluu dhiifnee, keessa ofitti uummachuun furmaatadha.
Yoo nagaafi gammachuu dhuunfaa keenyaa uummachuu dandeenyemmoo, dagaagfachuun nu hinrakkisu. Kana gochuu danda'uu keenyaanis jireenya isa sirrii eegalla. Nama haala sirriin jireenya jiraatummoo, jireenyatti hiika kennuun isa hinrakkisu. Namni akkanaa egaa, ofirra darbee nama biraafuu nama baay'ee barbaachisudha. Sababni isaas, jireenya hiikaa qabu jiraachuurra jireenyatti hiika sirrii kennuutu nama rakkisa waan ta'eefi. Baay'een keenya jireenya hiika hinqabne kan kan nuyi jiraannu, jalqaba akka amma jiraannu kanatti jireenya waan hiikkaneefidha. Kana hundumaaf nagaafi gammachuun keessaa bu'uuradha. Kanaafuu, gammachuufi nagaa keessuma keenyaa haa barbaannu, haa uummannu,...haa turfannus!


Gammachuufi nagaan isuma keessaa maddutu caala!


Β©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
#Anaafi_Waanticha_Rakkisaa_Sana!

Yeroon akka nama fiiggicha meetira 100 fiiguutti fiigee mana dubbisaatii bahu kana, waanan ta'e namni hubateeru waan jiru hinse'u. Kanaaf ta'a kan barattoonni mana dubbisaa keessaa dubbisaniifi hojjettoonni mana dubbisaa kan na duukaa kaa'atan. Sagalees duuba kiyyaatii nan dhagaha. Waan isaan jedhan hunda haalaan dhagahuudhaa baadhus, sagaleen "Maaltu isa tuqe?....qabaa,...qabaa!" jedhu deddeebi'ee dhagahama. Kana hundaaf yeroo deebii kennu hin argannen ture. Calliseen fiiguu kiyya itti fufe! Yeroo kana, "Ni maraate laata?" kan naan jedhus hindhibu. Ani garuu waanan maraadhe hinqabu. Nan jaaladhe miti. Obsuus dadhabee miti. Waantichatu obsa namaaf hinkennuu dide. Hamman danda'u yaaluu hindhiifne. Kanaafuu akkan ofii ta'u osoo hintaane, akka inni na taasisu ta'uun dirqamadha. Anarraa immoo kan eegamu fiiguu qofaadha. Ta'uu baannaan nama keessattin salphadha. Maqaa kootus bada. Maal maqaa qofa, waan baay'eetu bada malee! Kanatu akkan taane na godhe malee hinmaraanne anoo. Hir'ina obsaatiinis immoo hinhamatamun ture. Rakkookoo namatu naaf hinhubanneef malee. Osoon duubatti garagalee, "Lakki anoo hinmaraanne! Gara dalagaa dalagaa keessaniitti deebi'aa!" jedheenii akkam akka natti tolu ture. Kun garuu yeroo kanatti, waanan gochuu hin dandeenyedha. Wanan gochuu danda'u ammaaf fiiguu qofaadha.

Akkuman harkakoo lamaaniin garaakoo qabadhee fiiguu eegaleenan mana fincaaniittan dhiyaadhe. Yeroo duubatti garagalee ilaaluu, namoonni eessa dhaqaaf na ilaalan gara mana dubbisaatti deddeebi'aa jiru. Amma maal akkan ta'es ni galaafii jedheen yaada. Garaa kaasaa (teessisaa)tu akka farda bookeen ciniintee akka na gochaa jiru naaf beekuu hinhafani. Ni hubatu! Jechumaafan jedhes malee, jarri na hubatanis hubachuu baatanis anaaf ijoon dubbii kana miti. Bakkan itti fiigaa jiru kana seenuudha. Seenees, isa na fiigse kana fiigsee baasee bilisummaakoo deeffachuudha, wanti na yaachisu.
Mana fincaanii jalqaba irra jiru yoon ilaalu qabamaadha. Kan itti aanus namatu keessa jira. Silaa achumaa na qabeeraatii, kanneen biroonis qabamoomadha. Osooman barbaaduu tokko duwwaan argadhe. Akkuman gammadetti, hafuura dheeraa bafachaan nafa-nafa olseene. Seenees anaa darbuuf jedhu, bishaan mana fincaanii qabachuu dhabuukoo yaadadheen, 'haayilandii' na fuuldura jiru qabadhee gara bishaaniitti fiige. Yeroon waraabee dhufu kana, namni biraan na jalaa seene. Amma egaa duunikoo! Boollan seenun dhabe. Namittii na dursitee seente sanatti balbala rurrukutaa, "Maali namanaa maaliif na galaafatta? Yoon waa ta'e maal argatta? Silahoo hinjirtuu eessaa dhufte,....moo achuma keessaa olbaate?" jechaan balbala itti reebuu eegale. "Dabareekee eeggadhu,...obsibboo! Maali,...ciniinsuuma gootehoo! Suuta obboleessoo!" naan jechaa kokkolfaa. "Ciniinsifadhu! Natti qoostaa isayyuu! Wal argina....achi keessatti haftaa? Hin haftu!" jedheen akkuma mana dhuunfaa kiyyaan itti dhadadhe. Osoo isa faana wal falmuus gara biraa ijaan inuman to'adha. Garuu homaa!
.........>
Sababan muddameef ta'aatii, warreenumti kaaniyyuu bahaa hinjirani. Hunduma irraayyuu abdii dhabnaan fala biraa faladhe. Nan du'aaree! "Dagataankee dagataa, Dagoon ciniinnaa gurratti dirgim!" jedhe namichi jala ciisee ciniinnaadhan gurra irraa kutee. Nan maladhe malee!

Gara duuba mana fincaanii sanaattan naanna'e. Maal naanna'uu qofaa, kallattii hundumaanin nama ofirra ilaalladhe. Namni tokkoyyuu hinjiru. Falmii 'jedhii'fi 'dhiisii' sekoondii muraasaan booda, murteesseen gadi taa'e. Anaa furamee hafuura baafatu, tokko iddoo inni dhufee hinbeeku sagalee guddaa dhageessisaa garakootti fiigaa dhufe. Waardiyaa mooraa keenyaa ta'uu isaati. Ani abdiis, addas hinkunne. Osoo inni "Kaatamoo hinkaatu?" jedhee natti fiiguu waan jedhu jedhee ka'e. Kansaa qofaatiin naaf hinhafne. Sagalee wacaa dhagahan ta'uu hinhafuutii, waardiyoonni lama dabalataan fiigaa dhufani. Yeroo kana inni duraa baay'ee humnaa'uun, "Gurbaa! Seera akkanaa eessaa fiddee? Nama dhagahuu dhiisuun immoo tuffiidhaa? Amman dhiirummaakee ilaala," jedhee hudhee kokkee na qabe. Ija babbaasuu qofaa ta'e dabareenkoo! "Nama hammam gahu harkan bu'e! Yaa Waaq har'uma qofa na oolchi!" jechaan kadhannaa garaa itti fufe. Osoon afaan irraa hinfixatiin, ol fuudhee dallaarraan na darbe. "Osoo kadhadhee afaanirraa hinfixiin gargaarsikee na qaqqabe yaa rabbi" jechuun eegale. Kunis nama dallaa duuba jiru tokkotu osoon hinkufiin na qolate. Sanaan boodas salgii isaarra na godhate. Waan inni gochaa jiru kun garuu bitaama na gale. Lafas na buusuu dide. Akkuman irra jiruttis na fudhatee fiige. Sagalee ol fudhadheen iyya keessaa kute. Namni sunis, nahee lafa na buusee qajeele. Edaa innis hinhubanne ture. Waan biraa eegaa jira. Mooraa keessaa, nama biraatu sibiilota gurguraman garagaraa baasee akka itti kennuuf achi isa dhaabee jira. Akkuman itti darbatameen nama sanatu sibiila naaf darbate se'ee na qolatee qajeele. Sana ta'uu dhabuu yeroo hubatu, nahee lafatti na darbee sokkuuf yaale. Iyyi kiyyaas akkanumaan hinturre. Nama sana harka poolisii buuse. Poolisichis haala keenya muraasa edda hubateen booda, nama sana fudhatee deeme. Animmoo gara mooraattin deebi'e. Dallaarraan ba'eenis karaa karraa seene.

Dubbiin anaafi waanticha rakkisaa sanaa kana ture. Dubbii keenya kana keessaanis hattuun saaxilamte. Animmoo ooleera jechuumaafi!πŸ˜‚


Galatoomaa!πŸ™

Anaafi Waanticha Rakkisaa Sanadha!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!


Β©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
#IFA_IJA_DHOKATE
(Kitaaba Xiinsammuuti)
Barreessaan: Abdulqaadir Mahaammad
(Abdu Warra Jahaan Galaan)

Yeroo dhiyootti....

Anaa dhufuun simanna!πŸ‘

@Orobook
Dubbiin gurbaa dhiyoo kana akka waan eebbifamaa doktareetii fayyaa (Medicine) Yuunivarsiitii Hawaasaa irraa eebbifameetti haasahaa ture sun soba ta'uun bira gahameera. Yeroo jedhame kanatti, yuunivarsiitiin Hawaasaa barataa medicine haaraa eebbisiisees hinturre. Kanaafuu soba guddaadha! Barataan medicine akka gurbaa sanaa ta'us hinjiru. Yoo jiraates, eebbifamee hinbahu. Kanaafimmoo calalliifi madaalliin yeroo yeroon achi keessatti kennamu ragaadha. Kun kana ta'ee osoo jiruu, maaliif dubbii sobaa gadhiisuufi faffacaasuun akka barbaachise garuu ammayyuu gaaffiidha. Qoosaanis akkaafi hamma qaba. Ogummaadhaan hinqoosamu. Miidhaa malees bu'aa tokko hinqabu. Gochaa dhukkubsataafi hawaasni ogeessa fayyaa irraa amantummaa akka hinqabaanne godhudha. Kanaafuu ittiin qoofama osoo hintaane, ni balaaleffatama. Waan jennuufi goonu hundumaaf hubannaa haa qabaannumee!


Abdiisaa Ejjetaa, Barataa Doktareetii Fayyaa (Medical Student)

@Orobook
Why-Nations-Fail-Daron-Acemoglu.pdf
5.8 MB
Why-Nations-Fail-Daron-Acemoglu

Dubbisaa!
Akkana Ilmaan Abbaa Gadaa!πŸ‘Œ

Gumiin Afaan, Aadaafi Hogbarruu Oromoo (GAAHO) Yuunivarsiitii Haramaayaa Damee Harar, pirezedaantiifi koree hojii raawwachiiftuu hafan wagga waggaan filachuun beekama. Bifa kanaan, warreen duraa warreen haaraaf bakka hooggansaa dabarsanii kennu. Kun hundi jaalalaafi eebbaani kan rawwatu. Anis haala kanaan pirezedaantii Gumii kanaa ta'ee turtii naaf kennametti tajaajiluukoof, gammachuu hammana hinjedhamnetu natti dhagahama. Fedhaafi kaka'umsa keessa ofiitiin hawaasa ofii tajaajiluun edaa hammana namatti tola! Addumaan immoo tokkummaa, jaalala, obbolummaa, gaarummaafi waliif yaaduun Gumii kana keessa jiru araada hindhiifamne namatti ta'a. Fuuldurattis kanarra caalee akka itti fufu abdii guddaan qaba.

Turtii waggaa tokko kana keessatti, yeroo dalagaafi yaadannoo hedduu waliin qabaannee jirra. Kun hundi tumsaafi dalagaa hunda keenyaati malee kankoo yookan kan nama muraasaa qofaa miti. Kanaafuu, koree hojii raawwachiiftuu irraa qabee hanga miseensa hundaatti galataafi kabaja guddaatu siniif mala. Guddaa galatoomaa!πŸ™ Akkanuma hoggansa olaanoo mooraa keenyaa osoo hingalateeffatiin hindarbu. Sagantaalee garagaraa nuyi qabaachaa turre keessatti cina keenya turtani. Haalas nuuf mijeessuu hindhiifne. Galatoomaa!πŸ™

Namni dalagu immoo wal mufachiisuu yookan walitti bu'uu waan danda'uuf, turtii kana keessatti namoonni yookan qaamni wal mufachiifne yoo jiraate dhiifama guddaan jedha. Dogoggorri uumames yoo jiraate nu ofkolchaa!

Wantota eegalamaniifi karoorfamanii fuuldura keenya jiranimmoo, hooggansa haaraatti kenninee jirra. Isaanis fedhaafi gammachuun nurraa fuudhanii jiru. Wantota qabatanii dhufan walitti dabalanii akka fiixaan baasanis hinshakku! Rabbi isaan haa milkeessu.

Hooggansa haaraan baga gammaddani siniin jechaa, bara hojii gaariin siniif hawwa. Milkaa'aa!πŸ’ž

Galatoomaa!πŸ™

Akkana Ilmaan Abbaa Gadaa!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii (Pirezedaantii GAAHO duraanii)
Adoolessa 10, 2022
Adaree Biyyoo
#Arguutu_Furmaata!
Bara duriiti! Kutaa biyyaa kan lafa onaa keessatti argamtu tokkotu ture. Kan nama ajaa'ibu, jiraattonni bakka kanaa hundi qaroo dhabeeyyiidha. Guyyaa tokko, mootii tokkoofi humna waraanaa isaatu arba yaabbatanii kutaa kana keessa darbu turani. Jiraattonni qaroo dhabeeyyiin kunis, kana dhagahanii gurraa qabu. Kanaan dura, waan dhagahaa turan tokkotu jira. Kunis seenaafi dur-durii waa'ee arbaati ture. Ijaan arguudhaa yoo baatanillee, arbi uumama akkamii akka ta'e dhuunfaa dhuunfaan ni tilmaamu turani. Waan dhagahaa guddatan kana adda baafachuuf, baay'ee dharra'aniiru. Kanaafuu namoota sana keessaa muraasni gara mootii sanaa deemuun, akka arba isaan tuqsiisuuf miila isaatti kufanii eeyyama gaafatani. Mootiin kunis hawwiifi dharraa isaanii waan hubateef isaan hindidne.
Akkuma eeyyameefiin qaqqabachuu eegalani. Qaroo dhabeessi jalqabaa miila arbaa, kan itti aanu dugdasaa, inni sadaffaa gara mataasaafi kan dhumaa immoo gurra isaa qaqqabatani. Waan argan kanaaf baay'ee gammadaa, gara warreen kutaa isaaniitti deebi'ani. Yeroo deebi'an kana, namoonni deemanii arba tuttuquuf carraa hin arganne maal akka fakkaatu dhagahuuf isaanitti marsani.

Sagaleen gabaasa isaaniis dhagahamuu eegale. "Arbi uumama qal'aa jabaataa, kan qabuuf nama hinrakkifneefi afur ta'ee wal cina dhaabatudha." Jedha qaroo dhabeessi inni jalqabaa, miila arbaa afran qaqqabatee deebi'ee. Inni itti aanus itti fufee, "Arbi uumama furdaafi guddaa kan gogaansaa rifeensa ofirraa qabu tokkodha!" jechuun ajaa'ibsiifachaa itti hima, dugda arbaa yaadaan qabee. Kan mataa arbaa qaqqabatee dhufes, "Arbi uumama xiqqaa ta'ee, kan waan akka gaanfa loonii wayii ofirraa qabuufi qaqqabuuf nama sodaachisudha." Jedhee ibsa kenne. Kan dhumaas waan tuttuqe himuu hin dhiifne. "Arbi uumama laafaafi waan akka gogaa looniiti. Asiifi achi sochoosuunis nama hinrakkisu; uumama haphii wayiiti!" jedha kunis, gurra arbaa qaqqabatee galee. Haala kanaan waan arganii galan gabaasuu yaalani, qaroo dhabeeyyiin kun.

Arguutu furmaata! Fakkeenyi olii kun, dubbii ijaan arguufi arguu dhiisuu akka hintaane ifaadha. Dhimma qaroo yookaan agartuu sammuutis malee, kan qaama ijaa sana miti. Waan hedduus akka irraa barannu hinshakku. Yeroo baay'ee, beekumsaafi muuxannoo qabnu qofaa irratti hundoofnee gudunfaa wantota hedduu kennina. Waan nutti fakkaate qofaatus sirriidha jennee fudhanna. Eenyus mormee nu amansiisuu hindanda'u. Kanaaf sababni guddaanis, wallaalummaa keenya ta'uu mala. Yookaaan hammuma nuu galee qabannee baane ta'a. Kunimmoo unuun miidhuurra darbee balaa hawaasa bal'aa dhaqqabsiisa. Haalli keenya yeroo ammaas kanarraa waan fagaate miti. Hunduu sirrummaa ofii isaa lallaba malee, ofitti deebi'ee namni of ilaalu hinjiru. Yoo jiraates muraasa. Furmaanni waan kanaa garuu, haalota jiran guutummaatti hubachuufi jalqabaa hanga dhumaatti sakatta'uudha. Eeyyeen, arguutu furmaata!


Arguutu furmaata!

Β©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022


@Orobook
Forwarded from Milkaa'ina jireenyaa✍ (Abdii Abbiyyoo Eda'oo)
Duuba namoota milkaa'oo hunda iccitii kanaan walfakaatutu jira
Garaa nama nyaata!
Harmeensaa rakkattee, qoraan dugdatti baattee joortee isa
barsiiste. Innis quyyaa eebba isaatti gidiraa harmeesaa
yaadachuufi kabaja isheef qabu agarsiisuuf uffata eebbaa
isheetti uwwisee, ofii qoraan dugdatti baate!


@milkaainajireenyaa
Badhaasa Ogbarruu Oromoo / Oromo Literary Award/

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa yeroo dhihootti, badhaasa Ogbarruu maqaa goota guddaafi barreessaa Asoosama Afaan Oromoo jalqabaa Gaaddisaa Birruutiin moggaasuun qabatee dhufaa jira.

Badhaasni kun badhaasa Ogbarruu irratti xiyyeeffatuufi wantota kan biroo hedduu of jalatti qabatedha.

Via Lalisaa Indiriis
2024/09/27 07:34:10
Back to Top
HTML Embed Code: