Telegram Web Link
#Ani_siif_Ati_Anaaf!
Yeroo ta'e, mootii tokkotu dorgommii qopheesse. Abbaan dorgee kana injifates badhaasa argata. Akkanuma bulchiinsa mootichaa keessaas teessoon ni kennamaafii ture. Dorgichimmoo dorgee marqaati. Nama lama lamaanis gaggeeffama. Akka dambii dorgommichaatti, nama marqaa kana nyaachuu danda'etu badhaafamaa ta'a. Fal'aanni ittiin marqicha afaan godhatanis itti kenname. Asirratti egaa gufuu guddaan. Fal'aanichi baay'ee dheeraa ture. Kanarraa kan ka'e, afaan isaaniirra darbee gurra isaaniitti jalaa diddibama, marqichi. Dorgomtoonni hedduun, waan falaa dhabuun dorgeen ala ta'ani. Dhumarratti, dorgomtoonni lama gara fuulduraatti dhufani. Akkana waliin jedhani; "Ani siif, ati anaaf!" Walii walii isaanii afaan kaa'uuf qophaa'uu isaaniiti. Akkuma jedhan kanaan, wal nyaachisaa nyaatanii injifattoota badhaasichaa ta'ani. Guddaas ajaa'ibsifatamanii jedhama.

👉As haa deebinu! Anaafi atis walumaaf jirra. Waan bira gahuufi qabuun nutti ulfaateef falli guddaan harka wal qabachuu, wal tumsuu ta'a. Kaayyoon wal bira jiraachuu keenyaa inni guddaanis, waliiniifi waliif jiraachuudha. Hamma kana hintaanetti hiika dhabeessa ta'a. Warra wal ta'ee waliif ta'u haataanu. Yoos, ani siif, atis anaafi!

#Ani_siif_Ati_Anaaf

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
"#Gatiin_Namaa_Meeqa?" jedhe Eebboon.

Dhangaa dhamdhamee arge, kan baay'ee natti tole kana osoo sin hin affeeriin hin darbu. Kitaabichatu kitaaba; sin hin darbiin!

Dhaloonni akkuma si galateeffannetti yaa barreessicha biyya Oromoo (Eebbisaa Baayisaa)

@Orobook
"#Nyaachaaman_Jirahoo!"
Namicha tokkotu ooyiruu isaa keessa dhaabbatee oomisha ooyiruu isaa irraa argate kanneen akka: maangoo, muuziifi burtukaanaa nyaata ture. Namni biraan kana arge tokko nama kanatti dhiyaatee gorsa tokko kennuufii barbaade. "Wantota nyaattee balleessaa jirtu kana osoo walitti qabdee gurgurattee siif wayya!" jedhaan, namni kun. "Sanaan boodahoo?" jedha abbaan ooyirichaa. "Sanaan boodammoo ni gurguratta" jechuun deebisaafii. Ammas "Sanaan boodahoo?" jedhee gaafate abbaan ooyiruu. "Qarshii irraa argattu sana walitti qabattee abbaa qabeenyaa taata" jechuun deebii kenneefi. Akkuma amala isaa, "Sanaan boodahoo?" jechuun gaaffii itti fufe abbaan ooyiruu sun. "Edda abbaa qabeenyaa taatee booda egaa, ooyiruukee keessa teessee tasgabbooftee maangoo, burtukaanaafi muuziikee nyaachuu dandeessa" jedhee deebisaaf. Abbaan ooyiruu sanaas, "Kunoo ammayyuu, ooyiruukoo keessa taa'een tasgabbaa'ee nyaachaaman jirahoo!" jedhee deebii kenneefii. Ajaa'iba!

Gaaffiifi deebii kana irraa maal hubattani? Sinumaaf dhiise!

Galatoomaa!🙏

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
#Dubbisa_Akka_Waan_Hundaatti!

Dubbifni soora sammuuti! Akkuma lubbuudhaan jiraachuuf soorri midhaanii dirqama ta'e, jireenya hiika qabu jiraachuuf immoo dubbifni dirqama. Eeyyeen nyaanni qaamaaf, dubbifni immoo sammuuf anniisaadha. Anniisaa qofaas miti, si'eessituu yookaan ispoortii sammuuti. Akkuma qaamni ispoortii hinhojjenne immoo laafaa ta'u, sammuun hindubbifnes gahumsaafi dandeettiidhaan isa dubbisuun gadi. Garaagarummaan sammuu dubbisaan masakameefi isa dubbisa irraa fagoo jidduu jiruu egaa, salphaa yookan dhokataa miti; halaalattis calaqqisee argama.

Sammuun dubbisu madda jijjiiramaafi furtuu rakkinaati! Sammuun hindubbifne immoo, madda duubatti hafummaafi rakkinaati. Namoota sammuu isaanii dubbisa waliin wal barsiisan bira kalaqa waan haaraatu jira. Madda osoo hintaane mala rakkinaatu argama. Boo'icha osoo hintaanes moo'ichatus madda. Wacaafi wayyoos miti, waancaa kaayyoo isaaniitu isaan fuuldura jira.

Dubbifni bu'uura dubbiiti! Kan dubbisu dubbii beekurra darbee waan dubbatamuufi hin dubbatamnes adda baasee beeka. Dubbachuu qofaas osoo hintaane, hiika callisuu ni hubata. Dhuguma, callisuufis ta'e dubbachuuf sababa qaba. Akkuma itti dhuftettis waa hinraawwatu. Bakka ka'umsaafi gahumsaa ni qaba. Waan isa baasuufi isa nyaatu ni beeka. Hubataa, kan ilaallatee dubbatuufi ejjetu, kan dubbachuuf hinjarjarre, waan dubbatamuu qabu dubbachuufis hinsodaanne nama godhaa jechuudha. Kana gochuun egaa, akkanumaan miti. Luugamni arrabaafi madaalli dubbii sammuu irra yoo ta'edha. Yoo kun hintaane, waan faallaatu burqa; arrabni ni dheerata, yaadni immoo ni gabaabbata, afaan ni bal'ata, sammuun ni dhiphata. Tasgabbii osoo hintaanes, of-dhabbiifi wal-dhabbiitu hedduumaata.

Dubbisuun barreessuuf bu'uuradha. Kan dubbisu hundi barreessuu baatus, kan barreessu hundi garuu dubbisuun dirqama. Yoo kana hintaane, barreeffama waa'ee hinbaafne yookan kan akkanumaa ta'ee argama. Barreeffama akkanaarra immoo, barreeffama hinjirre wayya. Yeroo baay'ees, dubbisaa jabaatu barreessaa jabaa ta'a. Eeyyeen, barreessaa barreeffama nama jijjiiruun hawaasatti bahu, waan haaraa hintuqamne tokko addunyaaf gumaachu, akkanuma waanuma dura jirus bifa haaraafi hawwataa ta'een nama dhiyeessu ta'a. Filannaan jechoota isaafi wal unannaan hima barreessaa kanaas eenyu akka ta'es isa hima. Kanaafi kan dubbisuun madda barreessuuti jenneef. Dhugumas!

Dubbisni sammuu haaressa! Dubbisuu keessas waan haaraatu jira. Seenaa garagaraatus argama. Kana keessaan nama hinbeekne barra, biyya hinbeeknes dhaqna, holqa seennees gaara yaabna. Kun egaa bashannana addaati. Wantota sammuu keenya haaressan keessaa bashannanni immoo isa ijoodha. Eeyyeen, kitaaba dubbisuun madda bashannanaa, bashannanni immoo madda haara'umsa sammuuti. Kanaafuu, dubbifni sammuu haaressuun isaa hinshakkamu.

Dubbifni abdii dhalootaati! Barreessuufi dubbisuu keessaan kaleessi seenaa ta'ee mil'atama, har'i jiraatamees boru ta'a. Akkanaan dhaloonni kan kaleessaa, har'aafi boruu walitti hidhama. Kanuma keessaanis seenaan ni haareffama; ni hojjetama, akkanuma fuuldurris qajeela. Dhaloonni gad-taa'ee waa dubbisuufi qoratu salphaatti hinburjaaja'u, hingowwoomu, hinjeeqamu, hinraafamu,..hinkufu,....yoos kufes achumaan hindhabamu. Kanaafuu dubbifni, itti fufuufi itti fufuu dhabuu dhalootaaf gahee guddaa qaba. Kanaaf abdii dhalootaas ta'e. Dubbisuun egaa akka abdii dhalootaatti!

Gabaabumatti, dubbifni:
√ Soora sammuu
√ Madda jijjiiramaa
√ Bu'uura dubbii
√ Bu'uura barreessu
√ Madda haara'umsaafi
√ Abdii dhalootaati

Kanaafuu, dubbisuu akka waan hundaatti haa fayyadamnu!

#Galatoomaa!🙏

#Dubbisuu_Akka_Waan_Hundaatti!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022
Orofrikaa


@Orobook
#Anaa_fi_Buna_Jabanaa
Mana bunaa xiqqoodha. Teessumni irra taa’anii dhugan hin jiru. Lama lamaan, sadi sadiin, afur afuriin, dargaggeessi morma wal qaxxaamursee taa’ee dhuga. Akka kaannisa gaagura keessaa uuu…uuuu….jedhee uursa. Namoota achi jiran keessaa dhibbantaan 90 dargaggoota. Sunuu sa’a hojiitti.
Waa’ee bunaa waa jedheen dhimma kootti deebi’a. Buna hedduu oomishtee gabaa addunyaaf dhi’eessuun Xoobbiyaan addunyaa kana irraa sadarkaa 5ffaa irratti argamti. Biyyoota buna dhi’eessan hunda keessaa biyya kana wanti adda taasisu hamma oomishte keessaa walakkaa (50 %) ofuma ishee dhugdi! Ishee irraa hafee kan alatti ergamu walakkaa qofadha! Biyyi oomisha ishee walakkaa dhugdee walakkaa qofa alatti ergitu Xoobbiyaa qofan jedhe.
Gaafan mana bunaa xiqqoo sanatti dargaggeessa hamma sana baay’atu argu dhugaa armaan oliin yaadadhe. Daqiiqaa 30 dhaabadhee booda taa’umsa argadheen gad taa’e. Namoota 4 tti dabalameen 5ffaa ta’e. Haala ho’aan na simatan.
“Maal ajajamu?” jette dhuftee mucayyoo qal’oon funyaan gabaabaa tokko. “Aannan naaf fidi! Aannanin barbaadaa!” jedheen deebiseef. “Aannan hin qabnu! Buna qofa!” naan jette. "Isa gaarii yoom qabaattanii beektu?" jedheen hafuura dheeraa baafadhe. "Maaliif buna hin dhugdu?” naan jette. “Dhimma koo anatu beeka. Isa keessa si hin galchu!” jedheen dalga ilaale. Namoota na bira taa’an keessaa tokko, “Dhugaa jette mucayyoon! Maaliif buna hin dhugdu?” naan jedhe. “Obboleesso! Garaacha maaliittan buna dhuga? Garaachi koo bar na gubateera! Dhumeera!” jedheen deebiseef.
“Maaltu fixe garaacha kee?” jedhee na gaafate. “Oromoo! Oromootu fixe! Kunoo laali. Mana bunaa hammas geessu jala meeqa ta’ee taa’ee uursa. Sunuu sa’atii hojiitti. Amma sa’a kana nama meeqatu walitti naanna’ee taa’ee yeroo gubaa jira ? Yeroohoo haa gubuu dhiisi. Meeqatu nama hamata ? Namahoo haa hamatuu dhiisi ? Meeqatu boolla waliif qota? Keessumaa kan Oromoo Feesbuukii irra jiruu dhiisi! Wal nyaachuu qofa!" jedheen itti iyye sagalee guddaan.
“Nama gaafa nuti qabsoo jennee dhagaa qabannee matarayyasiitti fiigaa turre mana isaa karaa keessaa qollofatee (jecha kana Afaan Oromoo isaa naaf barbaadaa) rafee akka marqaa qoqutu har’a mana buna jabanaa jala taa’ee Kolonel Gammachuu Ayyaanaa qeeqa ! Nama 2x+3=5 jettee gatii x barbaadi yoo jette beekee hin hojjennetu hiixatee Jawaar Mohaammadiin ceepha’a. Addunyaa kana irra ardiilee meeqatu jiru jettee yoo gaafatte 54 jedhee nama siif deebisutu Dr Mararaa irratti arraba dheeressa. Kana biraa eessa deemta moo maal goota ? Kana kana argaa akkamitti garaachi si hin gubatu?” jedheen banbane.
“Ofii Oromoon ati garaacha koo fixe jettu kun isa kami? Isa Facebook irraa wacu kanaa?” naan jedhe tokko jara keessaa. “Isa kamiree?” jedheen gaaffii isaa gaaffiin deebise. “Kkkkk…!” jedhee natti kolfe. Sagalee guddaadhaan. Mootiin kolfaa, Maaster Balaachoo Girmaa, buna dhuguu dhufee waan nutti dabalamen se’e. Garuu isa hin turre.
“Maal kolfita, Kabbada?” jedheen gaafadhe. “Ati kan itti aartu hin beektuu? Oromoon Facebook irraa wacaa oolu bar Oromoo isa bal’aa bakka hin bu’u! Oromoo dhugaan Facebook irra miti lafa jira. Dhugaa tokko sitti himuu? Oromoon Facebook irraa iyyaa oolu otoo cuunfamee feestaalii kurtuu ishee gurraattii tokko hin ta’u! Eyyee, Oromoon kan biroodha!” naan jedhe.
Akka calaqqee qaqawweessaa waa natti ife. Balac natti jedhe. Aareen finiine. “Aabbee waan jedhaa jirtu beektaa? Isaan keessaa ani tokkoom!” yoon jedhu, “Siinis ni dabalata!” naan jedhe.
Harka koo mirgaa aboottadhee akka furuursaa Daawwit fuula Kabbadaatti darbachuu koo qofan yaadadha. Funyaan isaa irraa cabsee shiinii Dhibbiseen buna itti buusaa jirtu keessaa isa tokko keessa buusuu ture kaayyoon koo. Garuu maal godha? Kan yaadan marti yoom namaaf guutee beeka? Otoo abootteen koo fuula isaa bira hin ga’iin harki wayii harka koo qabee karaa dhaabe. Yaaliin haleelli ani raawwadhe milkaa’uu dhabus ani garuu abdii hin kutanne. Doorsisuun eegale.
“Na dhageessaa? Anaa fi si’i keessaa tokko aduu bor ganamaa hin qaammannu. Bor yoona kana anaa fi si’i keessaa tokko Oromoodha tokko immoo Oromiyaadha. (Yoo jiraannu Oromoo gaafa duunu Oromiyaa taanahoo!) Nu keessaa inni Oromoon bor laaqana isaa midhaan nyaata, isa Oromiyaa ta’u immoo awwaala isaa irra midhaantu facaafama! Sin dhiisu! Yoon si dhiise nan dhiisin!” jedheen akeekkachiisa kennaa dafqa illee koo irraa xuruuru haqadhe.
Xiqqoo yoo ani qabbanaa’u namichi dubbii eegale. “Aboo akka jabanaa haadha Dirribee asii ol natti hin danfiinii taa’i ni mari’annaa! Mariin malee humnaan rakkoon furru tokko illee hin jiruu!” naan jedhe. “Anaa fi fakkaattota koo warra Facebook irra jirru hunda peestaalii tokko hin taatan erga jettee booda marii maaltu barbaachisa? Marii miti asitti murteessaan humnadha!” jedheen carraa mariif naaf kenname dide.
“Oromoon ati jettu isa kam? Isa mana buna jabanaa jala taa’ee kan jiruu fi hin jirre haasa’aa ooluu? Isa Facebookitti ol ba’ee akka simbira qilxuu gubbaa iyyaa ooluu? Isa ganama diimaa jedhee waaree booda gurraacha jedhuu? Akkanatti amantaa?” naan jedhe. Yaadan naanneffadhe. Nan yaade. Nan xiinxale. Edaa dubbiin dhugaa ta’uu hin oolu. Oromoon lagaan wal hin qoodne, Oromoo hir’uu walii funaanee qilleensaaf wal hin laanne, Oromoon wal jaallatu, Oromoo rakkoo isaa ilaa fi ilaameen furatu…Oromoo dhugaan qilleensa irra otoo hin taane lafa irra jira.
Akkuman yaada naanneffadheen, “Dhiifama obboleesso! Miiratu xiqqoo mataatti na ba’ee! Naannessee aaruu malee naannessee yaaduu dadhabeen si galaafadhee oole ! Maraafuu, buna kee anatu siif kaffala ! » jedheen qarshii abbaa kudhanii gabatee irra kaa’e. Harkan dura ittiin rukkutuuf darbadhe diriirseen nageenyaaf itti hiixadhe. Ija mararteen ilaalee nagaa itti dhaameen ba’e. Gara godoo kootti.
Mana kootti galuuf karaa yoon eegalu yaadonni hedduun sammuu koo guutanii turan. Akka nama uffata dha’uu fo’aa yaadaa yaasee xaxuun eegale. Shaa jedheen bade—yaadaan. Yoon of baru siiqsaan jira. “U’uu..u’uu’uu’uu…u’uu’uu’uu…u’uu’uu’u…” siiqsaan jira. Faarfannaa fi sirba ta’uu isaa hin beeku. Sammuutti deebi’ee maal siiqsaa akkan jiru yoon yaadu, walluu Haacaaluu Hundeessaa kan, “Eessa…eessa jirta? Kottu maaloo na waldhaantaa!” jedhu ture. Sirba sana siiqsuu koof saalfiin natti dhaga’ame. Bor ganama Waldaa akkan deemu yaadadheen of saalfadhe. “Yaa anaa! Jireenyi koos ijaa fi ijoo dhabeera! Akkuma biyya koo!” jedhee ofitti dubbadheen qalbii koo jijjiirrachaa tarkaanfii koo itti fufe. Otoo hin turiinan godoo koo ga’e! Kanatti aansee wanti ani beeku dafqaan cuuphamee fiixee siree koo irra taa’uu koo qofa. Abjuun tokko tokko akkam nama naasisa?
Jedhaa egaa! Nagaan bulaa! Warra nagaan bu’ee aduu borii qaammatu nu haa taasisu!
#namabiyyaoromoo
#Itti_Yaadi_Maaloo!
Gaafan jiru nan jaalattu
Jechan jirreen na aarsita,
Gaafan du'e firakeeti
Jecha filtee na faarsita,
"Achi mannaa as naaf wayya"
Jechaan jira kunoo asii,
Irraa bartemoo itti jirta
Gocha badaa kan gaafasii?
Itti yaadi maaloo yaa sii!


©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
Affeerraa Eebba Kitaabaa
(#GABAA_IRBUU)
Barreessaan: Taliilaa Shamsuu
Kitaabichi, Waxabajjii 26, 2022/18, 2014 (torbee boruu) Galma Yuunivarsiitii Mattuutti eebbifamuuf jira. Leelliftoonni aartii Oromoo hirmaachuuf sinii mijatu, irraa hin hafiinaa. Haa eebbifannu!

Milkaa'i obboleessoo!👌

@Orobook
#Eebba_Kitaaba_Dabaree_Dhalootaa
Waxabajjii 19, 2022/ 12, 2014 (Dilbata dhufu) Finfinnee, GGAOtti eebbifama. Haa eebbifannu! Milkaa'i Seenessaa!👌
'Sansakkaa Sakaalame' fi Tolaa Abbee,
Yuunivarsiitii Diillaatti.

Barreessuufi dubbisuun ittuma fufa!

@Orobook
Forwarded from Guduunfaa📚
#Challenge dubbisuu biyyoota achi nurraa fagoo yoo ilaallu nama inaafsisa. Wal harkaa fuudhanii waggaan miti; ji'aan miti, torbaniin aadaa dubbisuu isaanii gabbisuu irratti hojjetu. Kanaaf hojii sadarkaa eeggateen bahanii mul'atu. Of bira darbanii nu biratti hojiin isaaniitiin leellifamu.Barruun isaanii Afaan keenyatti hiikamee nu birattis dubbifama.

Maarree faallaa sanaa nuti nama waa'ee barruu dubbatuu ni dheeffina. Gowwaa nutti fakkaata. Gatiin inni nu biratti qabu xiqqaadha. Xiyyeeffannoon nuti barruu fi barreessaaf kenninu gadi bu'aadha. Faayidaan dubbisa keessaa argannu waan waa'ee hinbaafne ta'ee nutti argama.

Fagoo sanaa dhiifnee saboota biroo nu cinaa jiran yoo ilaalle, baay'ee nurraa fagoo jiru. Dhuguma yeroo ammaa kanatti qaamni komannu tokko hinjiru. Of malee. Ofumaaf waan ofii qabnu xiqqeessine. Waan hojjechuu dandeenyu hojjechuu dhiisuudhaan.

Dubbisaa, barreessaa, jajjabeessuun hojii isaa basanii mul'isuun dhibaa'ummaa nurraa maddeen xiqqaate malee dhiibbaa qaama kamiinuu miti.

Yoon dogoggoruu baadhe, Kutaa biyya Ameerikaa minisootaa keessatti dirree ijoolleen itti taphattu bakka taphaaf bashannana isaanii keessatti amala dubbisuu isaanii ijoollummaadhaan gabbisuuf tooftaa fayyadaman tokkotu jira.

Asuma tora miidiyaa marsariitii warra gamaa tokko irratti immoo garee turtii isaa torbaniin baasee barruu dubbisaa turerratti yaada waliif qoodan tokkon hordofa. Waan ajaa'ibaati.

Deebisee, plan baafatu. "Barruu dubbifamuu qaban, Top 5, Top 10 , Top 20" jedhanii saganteeffatu.Tooftaaf amala ittiin dubbisuu qaban waliif mijeessu.

Kanattuu duubatti hafummaan diina isaanii taate.

Nutimmoo faallaa kanaa maal hojjechaa jirra? Sadarkaa akkamiirra jirra? Garamitti hoo deemaa jirra?

Barreessaaf barruuwwan keenya garam jiru? Seenaa ogbarruu keessatti sadarkaa akkamii qabna? Amala dubbisuutiin toora kamirra jirra?

#Torbandubbisaa

@Guduunfaakoo
Forwarded from Guduunfaa📚
Osoo xiqqummaatti nu waliin guddatee, dhaloota waan dubbatu wallaalee gara bubbisetti duufu hintaanu ture.

Dhugaa osoo walitti himnee, osoo dhaloota hundeedhaan waan ofiitti guddate taanee, waan ormi barreeffatee bu'ura jireenya isaa godhate, nus dhaalchisetti madaqnee jiraanna osoon taane, silaa nutis waanuma keenya, waanuma sammuu keenyaaf dachee keenyarratti biqiletti jiraanna ture.

Ergama ormaa baannee kalaqa keenya, hojii keenyaaf, dandeettiin keenya of jalatti hacuucnee kan maalummaa isaa hinbeekneef alaalatti kufneen cabnu ture.

Silaa osoo dhaloota sammuu ofiirratti guddate taanee, qaamaan as, sammuun immoo baar-gamas nun yaadnu ture.

Maarree...biqiltuun akka akka gaariitti lafa qabdee humna godhachaa guddattuuf kunuunsaaf waan ishee barbaachisu isa biqilchetu beeka. Sababa biqiltuu sana dhaabuun si barbaachiseef inni biqiltuu dhaabe sun hinbeeku taanaan isheeni carraa lama qabdi.

Tokko muka cinaa ishee jirutti hirkattee guddatti. Copha ergisaa jalatti, humnaaf gahumsa ishee barbaachisu osoon argatin guddatti.

Lamanni mukumti copha irraa argattu sunuu cinaa isheen jiru taanaan coolagdee akka hin argamnetti baddi. Bakkatti deebisuun ni cima.

Ati garuu, biqiltuu kee copha jalatti guddiftee akka isheen miira ormaa kuufattee guddattu hin taasisin. Biqiltuun kee akka kunuunsa dhabdee coolagdee akka bakkatti hindeebinettis karaa ishee hin dabsin.

Ofdandeessee humnaaf gahumsa gaarii argattee, sammuu isheerratti akka guddattuuf ittigaafatamummaan kan keeti.

#Torbandubbisaa 🙏

@Guduunfaakoo
Wal-hintaaneen waliin taatu
Wal dheessiti walii hintoltu
Deemsa irratti wal gaaditi
Waliin taatee alaan galtu
Yoo halagaa ni sirbiti
Kan ofiittimmoo ni yaratti
Aantee kansheef boolla qotti
Diinaattimmoo ni baqatti
Garuu...
Kana hundarraa maal argattii?
Xiqqo turteehoo ni ganamati
Jala deemtuus moggaafamti
Akka hancufaattis tuttufamti!

@Orobook
#Hiriyoota_Lamaan!
Waanan guyyaa tokko arge tokkotu na ajaa'ibee dhiisuu dide. Akkas ture! Tokkotu hiriyaa ishee dhalaa of fuulduratti argiti. Akkuma argiteen fuula ifaafi simannaa addaan itti fiigdee nagaa gaafatte. Itti jettees dhudhungatte. Harka isheen hiixattees, shurrubbaa ishee tottolee jiru ittuma tottolchiteef. "Jaalala akkam namatti toludha!" nama jechiisiisa. Anas xiyyeeffanaakoo kan hate kana ture. Hiriyoota haala kanaan jaalala isaanii walii ibsaniifi wal kabajan arguu caalaa, waan namatti tolu maaltu jira!
Ittuma fuftee, "Bareedduukoo, sirraa toleera; ijarraa hafi!" jechaa akka baay'ee yaaddee jirtus itti himtee bira dabarte.

Xiqquma walirraa siiqanii osoon turiin, waan ta'e tokkotu na qorrisiise. Afaanuma sila masiiftee waamteefi dhungatteen, "Eessattimmoo qajeelte laata? Tokkotummoo beellamee eegaa jiragaa...muu...as sin deebisiin,...Maaloon bakakkaasaa sirra haa buusu!" jechuuniin lama tuftee biraa kutte. Kanatu na qorrisiise. Dhugumattuu, nama qorrisiisa malee!

Waa malee hinkaafne! Baay'ee keenyatu akkana. Duubaan qulqulluu mudaa maleessa, arrabaanis lallabdoota nagaafi araaraa, garuu keessi keenyammoo bakka kamirrayyuu hinwayyu. Fakkeessuu ofitti aanfanneetu ta'uummoo ofirraa fageessina, dhugaa diina godhanneetu sobammoo firoomfanna. Kana hundumaa baachaa, "Namaaf safuu!" jechaa namatti quba qabaa yeroo keenya gubna. Namni sun eenyuu? Anuma....suma! Edda akkana ta'ee, furmaanni ofuma irratti hojjechuudha. Akkuma ala keenya ofiifi waliif kuullu kana, kan keessa keenyaallee hoj-manee godhachuu qabna. Akkanaan fakkeessuu ofirraa fageessinee argamna. Yoos, fakkeessummaa isa farra dhalootaa ta'e gatnee, fakkeenyummaa faana dhalootaa qabanna. Santu Seera!

#Fakkeessummaan_Farra_Dhalootaati!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022


@Orobook
Amartiin gatii-n qabdu
Gaafa jirtu qubatti
Erga qubattii buutee
Garaan gaabbiin gubatti

Homaa nattin fakkaanne
Gaafan siin gargar ba'uu
Ergan sidhabeen bare
Ati naaf qaalii ta'uu!

Hunda keessaa filattee
Onnee keerra na keessee
Osoo na kunuunsituu
Akka haadha na deessee

Dhugaadhaan na jaalattee
Osoo naaf kuftee cabduu
Borii keef na abdattee
Osoo naaf qalbii dhabduu..

Dhiibbaa firaafi ormaa
Gorsa maatii lagattee
Anaaf osoo jiraattuu
Ofii keellee dagattee..

Waa'ee kee gaafan yaadu
Guggubee na belbelcha
Oolmaakee dubbachuufuu
Homaa nan dhabe jecha

Garuu maal godharee...!

Jaalala naaf laatteef
Yeroos sittan boone
Ati akkas naaf taatus
An homaa siin goone

Bar hiikaan jaalalaa
Yeroos naaf hin galle
Jaalala keef gatiin~jaalaluma malee
Boonni siif hin malle

Biqiltuu jaalala keenyaa
Isan kichuutti kolaase
Har'an hubadhee gaabbee
Imimmaan lakkuu lolaase

Wallaalummaan na miidhe
Boona fidee qananii
Har'a siif dhiiga boossi
Osoo onnee koo bananii

Kunoo jiruu wollaalee
Halkanii guyyaan ciisaa
Naaf deebiyi lubbuukoo
Hanga durii sin kiisaa

Ofiin of adabeera
Kan facaasan aramuu
Sitti balleessuun kiyya
Eessattuu haa baramuu

Kan akkakee hin argadhu
Biyya kamuu imalee
Oksijiinii somba koo
Hin jiraadhu simalee

Hir'inakoo sirreessee
Badii koorraa dhaabbeeraa
Adaraa waan ofii koo
Naaf deebiyi gaabbeeraa!


Barreessaan: Riyaad Raayyaati


@Orobook
Forwarded from Galaa Sammuu
Haceekoo
Atis ni duute jedhumoo?
(Galataa Tsaggaa~Abbaa Milkii tiin)

Mararaakoo! Daa'ima ji'a saddeetii kan gadameessa haadhaa keessaa hanga jaarsa waggaa saddeettamaatti hunduu maqaakee olkaasee si weeddisa. Surraa qabeessaafi hayyuu, beekaafi falmaa dhugaa, sagalee cunurfamtootaafi abdii warra gabroomee, faajjii bilisummaafi bakkalcha xurree ifaa isa dukkana keessaa ifu, gootaafi kutataa akka taatetti sagaleen weedduu miliyoonotaa guyyuu dhahannaa onnee isaanii waliin dabaalamee siif weeddifama. Onnee kichuu ijoollee Oromoo keessatti dhiiga qulqulluu waliin qaamaafi sammuutti dambalitee akka soora sammuutti dhaloonni maaddii si godhatee guddachaa jira. Situ sagalee tokkoon masaraa diinaa isa shiboofi qoraattiin daaddeffameefi eegduu danuun tikfamu raasa. Sagalee keetu warra ormaaf yaaddoo warra Oromoof immoo sadoo fida. Sagalee kee dhaga'uun soora gurra miliyoonotaati. Haati Oromoo ilmoo ishee garaa keessatti sagalee keetiin gammachiisaa deessi. Dhalataan Oromoo har'a jirus osoo maqaa harmee isaa hin dhaga'in dursee sagaleekee dhaga'uu shaakala. Osoo harmeesaa waamuu hin barin maqaa kee olkaasee 'Haceekoo' jedhee waamuu eegala.

Bakkalchakoo...!
Bara dukkanaa sana keessa sirbikee 'Maalan jiraa?' jedhu qofti uummata of gatee rafee ture eessaa kaastee eessatti akka geessite biyyatu beeka. Sagaleen kee gaafa barkumee abbaa irree isa gaanfa Afrikaa irratti of goobsee ture mogolee jalatti hurreesse.

Qaaliikoo...!
Erga ati aarsaa taatee ji'oonni lakkaawamanii jiru. Ani garuu siin ni duute jechuurra warra siin duute jedhaniin duutaniittu jechuutu naaf salphata.
Eeyyee duuti siif ni malaa? Osoo guyyuu onnee miliyoonotaa keessaa dhikkifattuu, sammuu nama maraa keessaa sagaleenkee osoo kililchuu, osoo warra jiru dagannee guyyuu maqaa keetiin guyyaa qajeelfannuu, akkamiin duuteetta jennaa? Duuti kan akka kee kana yoo ta'e jiraachuun warra jiruu kun gatii maalii qaba? Siin duuteetta yoo jenne ofiinoo maal jennaa?

Mootiikoo...!
Ati hin duune. Osoo sagaleenkoo bakka ati jirtu dhufee, akka hedduun itti jiru kanarra akki ati itti jirtu gaariidha akka naan jettu abdiin qaba. Eeyyee, osoo seenaa dagattee ijaarsa hayyuun diigin, osoo mana warra gumaa hin seenin, osoo uummatakee akka lubbuu isaatti si jaalatu kana hin ganin, osoo qabeenyaafi qananii yeroon hin mookfamin, osoo mormituufis mootummaafis hin ergamin, osoo dhugaa Oromoo hin sharafin, osoo kaadireen akka feetetti sin ajajin, osoo uummata akka faajjii bilisummaatti si jaalatu jalaa hin mucucaatin, kabajaafi surraakee qabattee baga iddoo dhugaa deemte. Deemuunkee Oromoof gadda guddaa akka ta'e atuu beekta. Garuu jiraatanii akka amma itti jirru kana ilaalurra akkuma atuu jettu boqochuu wayya.

Simboo qabeessakoo...!
Guyyuu sagaleen keenya garakee dhufee si jeeqa. Garuu homaan yaadda'in, gaafa Eebbisaan Addunyaa deemu akka ati dhuftu namuu hin yaadne ta'a. Ammas waan ati osoon jedhin deemte akka jiru beekkaamadha. Dhaloonni siin kudhaammatee guddachaa jiru, waan ati osoo hojjechuuf yaadduu gattee deemte akka dalagan itti dhaami. Kanaan ala warri gaafa ati jirtu si jibbanii, ati boqonnaan duute jedhaniif nutuu isintu du'e jennaani. Ati hin duune, hin duutusi. Bubbeen fedhe bubbisus, bookeefi gowwaan walitti qabamee huursus, ati siidaa keenya bara baraati. Darbiteetuma dhaloota keessa jiraatta.

Garraamiikoo...!
Siif duute yoo jedhan, nutimmoo hin jirru. Seenaan du'uurra seenaaf du'anii jiraachuun maal akka ta'e sirraan hubadhe.
Ayyaantummaankee ormoota haa raasu, Oromoota immoo haa qananiisu.

Bakkuma jirtutti jaalatamaafi kabajamaa jiraadhu!

©Galataa Tsaggaa Naggasaa (Abbaa Milkii)
#We_Are_Missing_After_Your_Passing!
We are missing after your passing! We all, every Oromo, on the Earth right now are not the same as we were before the day you left us, June 29th. We have been with meaningless days and nights since the day. Hacee! Really, You were the towering musical figure, the cultural icon for Oromo community, the fighter against repression, a musician who song for freedom,...artist,...activist,...a shinning sun and everything for us! These is the reason why we are missing from your passing!

Your voice is sweeter than the sweetest voice heard. The messages in your melody are special and always touching, so they live in us at anywhere and anytime. Hacee, you have not died; you live in all of us forever. Your fearlessness in speaking truth cannot be forgotten from living generation. Your exemplinary actions stay as invaluable, precious energies. Your blood lives in generating many Hacaaluus. Your sacrifice unifies us than before. In this, the stronger and prouder we will be. As said "The Combatants may fall, but the struggle continues!", we will continue on your path. Yes, we will continue to fight! For your goal is known, we are not going to stop until your mission is accomplished. As you were standing fearlessly, for justice and equality, we also...!

No words to fully express you! Hacee, our extremely brilliant, deeply knowledgeable man, live in us forever! Your legacy didn't die, your impact didn't die; actually multiplying!

Our Hero! May your blood unify us

Boollakee daadhiin haa guutu!
Haqnikees badee hin hafiin!

Your little brother, Abdisa Ejeta

@Orobook
(Waan gootu hundaaf dirqama kee bahi!)

Waan barbaaddu argachuuf aarsaa barbaachisu hin kanfaltu taanaan, waan dhabdeef hin boo'iin. Boo'ichi agarsiistuu miidhama keessoo ta'uu irra darbee, furmaata waan boo'amuufii ta'uu hin danda'u. Fiixaan bahuu yoo feete, dirqama deemsi fiixaan bahinsaa sirraa barbaadu guutummaa guutuutti bahi. Wanti fedhe iyyuu hammuma ati ofirraa darbite sirraa fagaata. Eeboon osoo hin darbamiin waraanuu danda'aaree? Hin danda'u! Yaadni ifaajaan hin deeggaramne, deemsi aarsaa kanfalamuuf kutannoo of keessaa hin qabnes, akkanuma dharraa ta'e hafa. Abjuu!

Garaagarummaan waan gochuu dandeessuufi waan gootee argamtee gidduu jiru (THE "KNOW - DO GAP") hammantaa ati dirqama kee baatee irratti hundaa'a. Guutummaa guutuutti, waan sirraa eegamu yoo baate, garaagarummaan waan gochuu dandeessuufi gootee argamte jidduu jiru ni dhabama. Fkf:- qorumsa tokko hamma dandeessu dubbistee 10/10 argachuu osooma dandeessuu, irruma keessa dubbiftee 6/10 argatte haa jennu. 10/10 argachuun siif hamma dandeettii kee ykn waanuma beektudha ( what you know). 6/10 immoo waan gootee argamtedha (what you did). Argitee? Akkana! Waan gootu gochuu dhabuun garaagarummaa hanganaa geessisa. #This is what 'the difference between what you know or what you can do, and what you actually did (The "Know - gap")' it means! Akkana dubbichi!

Danda'uun raawwachuu miti; rawwachuun garuu danda'udha. Hedduutu danda'a; garuu kan dandeettii kana waan qabatamaan lafa kaa'u muraasa. Ni dandeessa. Eeyyeen ni dandeessa! Kanaafuu, dandeettii kee ifaajaan miiltomsi. Waan dhabdeef boo'uu dhiisi; waan argachuu feetuuf immoo ifaaji, aarsaas kanfaliif. Kanaan booda waan ta'u ni argita. Bu'aa ifaajuun qabus ni galateeffatta. Nama kanaa ta'i!
~

Galatoomaa!🙏

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Galaakoo
@Orobook
2024/09/27 09:36:22
Back to Top
HTML Embed Code: