Telegram Web Link
Ramadaanatti dhaammachaa jirra, hadaraa leenjii leenji'aa baane tana leenjii Adurree akka nu duraa hin taane, akka Rabbiin Sabaata nuuf kannu Rabbii keessan kadhadhaa.

Yaa Rabbi ibaadaarratti sabaata nuuf kenni ๐Ÿคฒ
Guyyaa Juma'aa kalaandariin cufaa ta'uu qaba > Ustaaz Ahmedin Jebel-แŠ แˆ•แˆ˜แ‹ฒแŠ• แŒ€แ‰ แˆ
~~~
Waamicha Ustaaz Ahmedin Jebel-แŠ แˆ•แˆ˜แ‹ฒแŠ• แŒ€แ‰ แˆ!!
Itoophiyaatti guyyaan juma'aa guyyaa boqonnaa akka ta'u; akkasuma salaanni juma'aa bu'uuraa fi qaama amantichaa keessaa tokko waan ta'eef, guyyaa kanatti dhaabbileen mootummaa fi manneen barnootaa akka cufamuu fi lakkoofsi Hijraa sirna kalaandarii biyyattii keessatti akka hammatamuuf Ustaaz Ahmedin Jebel-แŠ แˆ•แˆ˜แ‹ฒแŠ• แŒ€แ‰ แˆ waamicha dhiheessaniiru!!โค๏ธ๐Ÿฅฐ๐Ÿ™
Yaa Rabbi fayyaa gaarii nuuf khanni
Diinirratti umrii nu dheeressi
Yaa Rabbi hanga narraa barbaaddu si gabbaruu baadhullee, hagan si gabbare narrattin deebisin๐Ÿคฒ

Jennee Rabbi khadhachuu qabna
Galgala kana jiini/ baatiin/ waan hin mullatiniif soomana keenya guyyaa salaasaa soddoma guuttana iiddi guyyaa Arbi'aa
/ Roobii/ tahuun mirkanaawe
iid mubaarak.
ุนูŠุฏูƒู… ู…ุจุงุฑูƒ
ูƒู„ ุนุงู… ูˆุงู†ุชู… ุจุฃู„ู ุฎูŠุฑ
ุชู‚ุจู„ ุงู„ู„ู‡ ู…ู†ุง ูˆู…ู†ูƒู… ุตุงู„ุญ ุงู„ุฃุนู…ุงู„
Soomana finnee mitii?

Dandeenyu shawwaala soomanna dadhabnu leenjii leenjine itti fufsiisuuf yaalla.

Ramadaana keessa juuza sadii ol guyyatti qara'aa turree mii, yoo xiqqaate guyyatti saffaa sadii qara'uun nutti hin ulfaattu.

Ramadaana keessa Salaata taraawihaa fi tahajjuda salaataa baanee mitii, yoo xiqqaate amma salaata rawaatibaa salaatuu hin dadhabnu.

Ramadaana keessa....!
Leenjii jechuun kana. Leenjii tee bilaash if jalaa goota taanaan ifuma miite. #Khalaas
Rabbiin nun yaachisin
ammallee nun aachisin
Obboleeyyan
#Rabbโ˜๏ธ
Mukha bishaan obaasnee
Meyree lalisee, ilmaa namaa bishaan obaasnee, kunuunsinee fincilee ๐Ÿ˜

#แ‹จแˆฐแ‹‰แˆแŒ…
Gaafa saahiba khee diina khee biratti argitu, lamaan isaaniituu diina keetii beeki. Inni tokko diinummaa isaa labsatee, inni kaan immoo diinummaa isaa dhoyfate ๐Ÿ‘Œ

#Diina
Nama na gammachiise hin dagadhu, akkasuma nama naboochisellee hin irraanfadhu.

Sababnis namoonni lameen kun dagatamuu hin qaban waan ta'eefikaa๐Ÿ‘Œ
Dhawaatuma waa baraa dhuftuun wallaalummaa sitti dhagayama. Barnoonni ni jalqabama malee hin dhumu.

#Knowledge
Yaa Rabbii kiyya na miite je'ee sin komadhu, tan naaf goote takkallee hin dagadhu, ati yeroo mara Rabbii kiyya, siin jaaladha.

#Rabbโ˜๏ธ
Way jiruu..!
Namoota ol ta'uu qaban, gad qabdee, namoota gad ta'uu qaban ol qabde.

#Jiruu
Baharri Muusaa hin fuune
Qurxummiin Yuuns hin nyaanne
Billawni Ismaa'il hin gorraane.

Atis yoo Rabbi biraa hin ta'in rakkoon harkaa si qabdu tun humaa sin gootu In Shas Allah

#Obsi
Namoota baay'ee boodatti waan hafte sitti hin fakkaannee? jireenyi waan si gate sitti hin fakkaannee? no no abdii hin kutatin namoota jajjabootu qormaata akkasii qoramaa turee yaadadhu.

Ati fuulduratti namoota jajjaboo addunyaa tanarratti dhiibbaa uuman keessaa tokko yoo taate maalitti beeyta?
#Hamilee
Yoo barii argitu mara hamileen khee dabaluu qaba. Maaliif jennaan hammam inni dukkanaa wajjiin caasoo qabee booda irratti injifatee ifa nuu fidu xiinxali mee.

Waa marti laffaatii feeti
#laffaatii
Namoota tokko tokkootu jira kan nuti laalaa keenya keessotti dhokfanne, waan nutti hin dhagayamne itti fakkaatu. ๐Ÿ˜’

#gadhee
Dhiira akka dubartiitti oduu fi khinaa jaalattu, tan nama duubaa malee nama duratti waan namaan jechuu sodaattu Rabbi sin godhin. #Gadhee
Ummanni Muhammad (Saw), Ummata duubaa khaatee dura baate. Atis duubaa khaatee dura bahuun #birqii sitti tahuu hin qabdu.

#Wadaaja๐Ÿ‘Œ
2024/09/27 23:28:24
Back to Top
HTML Embed Code: