Telegram Web Link
እትዮፕያ ብ
Ethiopian waiting for passport 🙉
Dinqisiifattee hin quuftu !

Nuti joollummaarraa du'a sodaachaa guddanna, ijoolleen falasxiin garuu akkamitti akka Shahiidoman Shaakalaa guddatan.

Biyya teenya waa'ee #Jihaadaa_Shahiidummaa bakki itti dhageessu yoo ta'e Kitaaba Jihaadaa qofa keessatti.

Inumaaa Madkhaliyyaa toowhidaan loli siin jetti.😅

Walumaa galatti Injifannoon Gootonni Qassaam gonfatan injifannoo Muslimoota maraati. Gaafa isaa gammadan gammadaa, gaafa isaan gaddan gaddaa jiraanna.
@JemalSheikhBakri1
🇵🇸 palestine
Leenca namaa ❣️
Jireenyi akkamitti irra gaarii jettee yaadda 🤔
Anonymous Poll
70%
Sooressa qalbi qabeessa
22%
Hiyyeessa if gahaa
2%
Sooressa of jajaa
6%
Hunda
Interview Aadde Saaraa Hassan Gammadaa Show irratti goote daawwadheetin ture. Wallahi haasawa bilchaataa, nama beekumsaa fi hayyummaa qabuu haasoyte.

Amantii Ishii hangam akka jaalattu ibsuuf jecha karaa hedduun yaalte, "Biyya 32 kanin dhaqe keessaa kan akka gaafa Umraa dhaqee Satifaction naaf kanne hin jiru" jatte.

Bakka feetetti, miidiyaa feetetti Amantii tee yoo himte namni waa si godhu hin jiru adeeroo irraa bari 👌

@JemalSheikhBakri1
Wanni Rabbii keenya gammachiisuu caalu hin jiruun siin ja'a
Har'a waan si fayyadun si garsiisaatii na faana bu'i.

Hedduun namaa waan isa fayyadu hin jaalatu, vidiyooleen akkaan si fayyaddu, beekumsa bu'ura Amantii teetii si barsiistu, Afaan Oromootiin, Sheekha hedduun keessan jaalattaniin sagantaan walitti dhaabbattu deemaa jiraachuu quba qabduu?

Sheekh Amin Ibro youtube channel jalatti kitaaba Aqiidah Xahawiyyaa barsiisaa jiran.

Barnootichi already gad dhiifamee jira playlistii isaa komentii jalan isiniif khaaya seenaatii hordofaa, qara'aa, hubadhaa.

Rabbiin isin haa gargaaru.
Mee sheekha keenya kan akkaan jaalannu Sheikh Amin Ibro irraa haa barannuu hbaayib

Yoo sitti tole hiriyoota keetiif #Share godhi haa irraa fayyadamanii

https://www.facebook.com/100013256774086/posts/pfbid0HbQocjaG7evQyUhFf3Ua8tBu9K5VS6pmCvGe5ZJFdGb2ynkFHweMrKPH7Tj6YYphl/
Dhugatti atuu ka if jaalattu yoo jabaatteedha. Maalayyaa ree namni, adeeroo jabaadhu 🙏

@JemalSheikhBakri1
Nama wallaalaa wajjiin haasayuun jaahila akka nama gootu hojiinin arge har'a. #AjabDubbiiRabbii
Jechaan arra arke kan naaf tahe …

“ Ilmi namaa akka photo ti , hanguma zoom gootuuni quality isaa hir’isaa deema. Namuu halaalaa yeroo laalte nama gaariidha. Hanguma itti dhihaattu takka maalummaa isaa ka dhugaa agarta. Warra yeroo itti dhiyaatanis quality hin irrisne nu haa godhu.

Abdulhakim
WAAN NA AJA’IBSIISERRAA !!

Osoo jaarsa gaarii filachuun qalbiin namaa qulqulluu tahuu fi niyyaan namaa toluun taatee waa Aasiyaan firownatti hin heerumtu turte.

Osoo jaartii gaarii filachuun hayyummaa gurbaati fi faxinummaa isaatin taate nabiyyallaah Nuuhi fi luux jaartilee rabbitti kafarte hin fuudhan ture.

Osoo Abbaan ilmoo sirritti guddisuun ka qajeelchitu taate ilmi nabiyyallaah nuuh nama rabbitti kafru hin tahu ture.

Osoo ilmi qajeeluun sababaa abbaatin tahe Abbaan nabi ibraahim nama rabbitti kafru hin tahu ture.

#Ammoo hundinuu mokkara rabbiin nama obsu laaludhaafi.
Yaa rabbi jireenya keenya atummaan nuuf tolchi.!!

Obboleeysii kiyya ustaz shariif follow godha
2024/09/23 14:35:02
Back to Top
HTML Embed Code: