Telegram Web Link
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
فلسطين تحتاج إلى الدعاء😭
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️ (Ãbđø ÃlGãżį)
MM Israa'il Beenjaamin Neetniyaahoo:- "Fuuldura keenya filannoo 2 qofatu jira Jiraachuu yookiin Du'uu!" jechuun lola ijibbaataatti jiraachuu isaanii mirkaneessan.

Toora Telegram keenya Share gochuun waliif qoodaa.
https://www.tg-me.com/JechotaGaggaarii
Qaamaanillee achi jiraachuu baadhu, qalbiin tiyya eega achi dhayxee bubbultee jirti.

#Yaa_Aqsaa
Halkan keessan isiniif haa tolu
@JemalSheikhBakri1
"Ilmaan Kudhan osoon qabaadhee, Kurnanuu Felesxiimiif akka qabsaawaniin jajjabeessa.

Osoo falasxiimiif lolanii ilmaan kiyya wareegaman anaaf gammachuudha" jette Haati Shahiidaa

Rabbiin ilma ishii sadarkaa Shahiidummaa haa kannuuf
@JemalSheikhBakri1
《Duuti tokkoo keenyarraawuu hin ooltu. Haa ta'uu malee Warreen Qoobii Sodaa keessatti dhakhatee du'ee fi Warreen Aakhiraa isaanitiif jecha Nyaapha (Diina) isaanii biyyee nyaachisanii du'an hanga dachii fi Samii walirra fagoodha"

Dr Iyad Al Quneybii

Haasawa dhiiraa kana #ShareWaliifGodhaa
@JemalSheikhBakri1
Forwarded from ORO-JEN 🅞︎🅕︎🅕︎🅘︎🅒︎🅐︎🅛︎ (𝓙𝓔𝓝 🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿 🇨🇦𝓜 𝕯 🌹🌹)
#YAA__AQSAA🇵🇸🇵🇸


⚡️📢 𝐣𝐨𝐢𝐧 👉 𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐮𝐧 𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐓𝐚𝐡𝐚𝐚
🌹#SHARE_LINK_And_JOIN🌻📢📢
@oroNej
@oroNej
@🅞︎🅡︎🅞︎🅝︎🅔︎🅙︎
Ummata Falasxiiniif 🇵🇸 maal godhuu dandeenya😭

Yoo xiqqaate waa shan 5️⃣;👇

1ffaa; Yakkoota duguuggaa sanyiitii fi yakka waraanaa israa'il ummata nagayaa falasxiin irratti waggoota 75'nan dabraniif raawwata beekanii gochoota farra dhala namaa kanneen isiin hojii godhattee raawwattu balaaleyfachuu fi akka namni hundi hubatee balaaleyfatu godhuu,

2ffaa; israa'el mootummaa apartheid (kan sanyii nama wal caalchisu tahuu hubachuun wal hubachiisuu. Kana hubachuu fi wal hubachiisuuf dirqama amantiin tee Islaama tahuun sirraa hin eeggamu. Nama tahuu qoftiin gahaadha.
Namoota israa'el mootummaa sirna apartheid tahuu ifaan ifatti dubbachaa turan keeysaa 1, Qabsaawaa beekkamaa Afrikkaa Kibbaa Nilson Mandeellaa ( Nelson Mandela ) , Desmond Tutu( Desmond Tutu), Qeesii Afrikaa kibbaa kan warra kaatolikiitii... fi kkf hedduudha.

Isaan kun hundi Muslimaa miti. Garuu mootummaan apartheid maal akka taate waggaa 27 ol'aantummaa ilmi namaa nama akka isaa irratti qabu fudhachuu diduun qabsaawaa waan turaniif miidhaa isaanii fi ummata isaaniirra gahe waan beekaniif bilisummaa ummata falasxiiniif dubbatan.

Gaafa san biyyoonni arraan tana haamaasiin shoorarkeeysitoota ja'an kun Nelson Mandeellaaniis shoorarkeeysaa jechaanii turan. Boodarra gaafa sirni sun caphu ammoo Qabsaawaa Bilisa baasaa ja'anii badhaasota addunyaa bebbeekkamoo akka Nobel faa badhaasan. Maandeellaan, Rakkoon ummanni falasxiin keeysa jiru rakkoo akkaan ulfaataa fi cunqursaa sirna apartheid haalaan hamaadha jechuun dubbate.

Desmond Tutu sirni apartheid kan israa'el ummata falasxiin irratti miidhaa geeysisaa jiru kun apartheid Afrikaa kibbaarra hamaadha" jechuun interview irratti dubbate. (Link yoo barbaaddan comment jala isiniif kaaya.)

Israa'el fi warri lixaa, ummata falasxiin xiqqaa guddaa osoo hin jenne xayyaaraan samiirraa boombii itti roobanii ajjeesutti jiran. Guyyoota jahan dabran keeysatti boombii kuma jahaa (6000) oliitu samii gaazaa irratti roobaa oolee bule.

Arrallee daranuma boombii itti roobutti jiran. Boombii tana keeysaa boombii summii hamtuu qabdu tan miidhaan isii akkaan hamaa tan seera waraanaatiin dhoorkaa taate, Foosfarasii adii (White phosphorus) fayyadamteeti israa'el daa'imman, haadholii ulfaa, manguddoota, dargaggootaa fi abbootii hunda walumaan ajjeesutti jirti. Lafarraanniis taankii qabduu fi waraana eeggataa hunda bobbaafteeti ummata nagayaa fixutti jirti. Galaanarraaniis meeshaalee gurguddoo hidhatteeti biyyoota ollaatii fi falasxiin dhawutti jirti. Humni jabduun hundaa olii ta Rabbiitii Rabbiin nurraa haa dhahu. 🤲

Mirga akka fedhanitti, abbaa fedhan, hanga fedhan, waan fedhaniin ajjeesuu israa'iliif tan kennite booyraa addunyaa tan namoomaa fi waan ilma namaatiif tolaatiif dantaa hin qabne biyya amirkaatii fi waahellan isiiti. Biyyoonni lixaa hundi akka saree raqa arkatteetti wal yaamaniiti samii fi lafaan ummata falasxiin lafarraa duguuguuf waraanutti jiran. Rabbiin isaan hunda lafarraa haa duguugu. Maleeykaan balaa humna isaaniitii olii itti haa roobu.

Ummata kana boombiin gubuu qofa osoo ghin tahin ummata miliyoona 2.3 tahu nyaataa fi bishaan, dawaa fi ifaa, boba'aa fi gargaarsa namoomaa hunda akka hin seenneef dhoorkuun, uggura jimlaa (total blockade ) jala kaayanii beelaa fi dheebuun, dhukkubaa fi boombiin akka dhuman godhutti jirti. 😭

Kana malees, ummata miliyoona tokkoo ol tahuun sa'aa 24 keeysatti Gaazaa keeysa bahaa jechuun, ummata qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqaasuuf shira yaaddeen ummanni yeroo boombii jalaa baqachuuf deemu karaarratti boombii samii itti gad roobdee daa'immanii fi haadholii dabalatee nama nagayaa kumaatamaan lakkaawamu ajjeesutti jirti. 🥲

3ffaa; Qabeebyi isiin boombii fi jeettii waraanaa ittiin bitattee ummata nagayaa qe'ee fi qabeenya isaanii irratti, Masjiidul Aqsaa irratti fixaa jirtuun kun diinagdee isiin oomisha isii gurgurtee arkattuu fi kan warri isii deeggaran daldalarraa argatan waan taheef oomishaalee israa'el fi tumsitoota isii hunda lagachuun diinagdee isaanii miidhuun ummata falasxiin deeggaruu dandeenya.
Lagannaan (Boycott) kun xiqqaatuus guddatuus israa'el miidhuu fi dhiisuu isaa laaluu osoo hin taane, nuti haqa deeggaruu fi ummata haqaaf qabsaawaa jiru bira dhaabbachuu teenya qofa agarsiisuuf, Beytal Maqdis weerartootaa fi koloneeyfattoota maqaa yahuudaatiin kabajaa isaa xiqqeeysee miilaan keeysa deemuun ummata Islaamaa amantii isaa gaggeeyfachuu dhoorke jalaa bilisoomsuu keeysatti gahee teenya bahachuuf, Tokkummaa ummata Muslimaa addunyatti mullisuu fi kkf hundaaf akkaan barbaachisaadha.

4ffaa; Ummanni hundi hanga dandayetti gama dandayeen akka duguuggaan shanyiitii fi yakki waraanaa kun ummata falasxiin irraa dhaabbatuuf gama Miidiyaalee Hawaasummaatiin ummata falasxiin bira dhaabbachuu (Solidarity) agarsiisuun gara jabeenyaa fi hammeenya israa'elii fi biyyoonni lixaa keeysaafuu amerikaan ummata nagayaa irratti raawwataa turtee fi raawwachaa jirtu saaxiluun mormu qaba.

5ffaa; Ummni muslimaatii fi ummanni addunyaa hundi ummata falasxiiniif salaata hunda keeysatti Du'aayii godhuun dirqama keenya. Wareegamaa isaaniitiif Rabbiin hiree wareegamummaa (Shahiidummaa) akka qooduuf, kan madaawe akka fayyu, kan lolatti jiru akka injifatu, ummata guutuuf Rabbiin sabrii fi sabaata akka kennuu fi Injifannoon Beytal Maqdis akka bilisoomsan kadhachuun obboleeyyan keenya bira dhaabbachu qabna.

Gama biraatiin, biyyoota arabaa kanneen israa'el waliin nagaya uumanii obboleeyyan isaanii kan falasxiin duuyda garsiisan hunda Rabbiin hoggantoota isaanii qalbii isaanii haqa agarsiisee ummata falasxiin waliin akka qabsaawan addatti Du'aayii godhuun akkaan barbaachisaadha. Kana malees akka gargaarsa namoomaa fi dahannootiiniis tahee meeshaalee garagaraatiin ummata falasxiin bira dhaabbataniif; Obboleeyyan keenya kan Egypt 🇪🇬, Bahrain 🇧🇭, Jordan 🇯🇴, Libya 🇱🇾, Morocco 🇲🇦, Saudi Arabia 🇸🇦, Iraq 🇮🇶, Syria 🇸🇾, United Arab Emirates 🇦🇪, Kuwait 🇰🇼 fi kkf hundaaf du'aayii haa goonu.
Ummataa fi hoggantoota isaanii gama haqaa akka deebisu Rabbi haa kadhannu.

Rabbiin qalbii ilma namaa garagaggalchu qalbii isaanii gama haqaatti gara haa galchu jennee du'aayii haa goonu.👌

Rabbiin haqa ummata falasxiin haa mullisu. Beeytal Maqdis haa bilisoomsu. Wareegamtootaaf jannata gararree (Firdoowsi) haa kennu. Rabbiin ummata Muslimaatii fi biyyoota Islaamaa waliigalchee humna takkaan Beeytal Maqdis akka bilisoomsan haa taasisu. Rabbiin madaawaa isaanii haa fayyisu. Qabsaawaa isaanii gargaaree haa injifachiisu. 🤲

Aamiin Allaahumma Aamiin 🤲

#GazaUnderAttack
#PalestineWillBeFree
#Palestine
#FreePalestine

Adem Dhalate Onkololeeysa 14,2023. Finfinnee
Izaddiinii fi lubaabaa Sheekh Haajjii Ibraahim tufaa prezdaantii mana marii dhimmoota Islaamummaa itiyoopiyaa Madrasaa Imaan irraa sadarkaa ol aanaa bahuun badhaasa madaaliyaa fudhatan.

Allaahu Akbar☝️
Ilmaan Sheekha keenyaa baga gammaddan
@JemalSheikhBakri1
Media 🫷
Jazaakumullaah Yaa Ahla Ghazaa 🙏

"Kabajaa Masjiidal Aqsaa Tiksuuf jecha dhiiraa fi dubara keessan, dargaggeessaa fi manguddoota keessan, akkasuma daa'ima kichuuwwan keessan wareegama itti kafaltanii jirtan.

Itti gaafatama Ummata Islaamaa cufaa kophaa keessan bahachaa jirtan. Lafa teessan gad dhiiftanii kaayoo nyaapha kesssanii hin milkeessinaa.

Diinii keessanii fi biyya keessan irraa nyaapha deebisaa wareegamuun kabajaa fi ulfina guddaadha. Ummanni muslimaa isin cinaa jira, tikni Rabbiitis isin bira jira. "
#ShareWaliifGodhaa Amriin felesxiin Amrii teenya

Sabran wa sabaatan ya ahla Ghaza

Dr Isaam Al Bashir
Bareedina jireenya kanaa dhandhamuuf yeroo akkanaa tana kha'ii Rabbii khee kadhu, toowbadhu, isghfaara godhi, Qara'i...!

Qilleensi yeroo tanaa Munaafiqootaa fi fakkeessitootarraa bilisa qajeellotti hargani 😊
Sin ajaa'ibuu Hospitaala Ahlaa kan dhahe Israa'ilii miti fakkaata je'ee yeroo achi qabu. Wallaahi addunyaan tun numa zulmiidha.

Ummata gara jabeessa Israa'il san maqaa bareedaa kannuufiif yaalaa oolanillee nuti hammeenya isaanii numa himna.

Israa'il Mujrima 👎
#sharewaliifgodhaa hammeenya jara kanaa usnee hin teenyu
@JemalSheikhBakri1
«Gara Israa'el wannin dhufeef Ergaa 'isinii wajjiin jiraachuu' kiyya dabarfachuufi» Joo Baayiden

Allaahaan ammoo Qur'aa keessatti akkan nuun jedha.

یَـٰۤأَیُّهَا ٱلَّذِینَ ءَامَنُوا۟ لَا تَتَّخِذُوا۟ ٱلۡیَهُودَ وَٱلنَّصَـٰرَىٰۤ أَوۡلِیَاۤءَۘ بَعۡضُهُمۡ أَوۡلِیَاۤءُ بَعۡضࣲۚ

«Yaa warra Rabbitti Amantan Yahuudaa fi Nasaaraa Jaalalloo hin godhatinaa. Jarri jaalalloo walii isaaniiti» nuu ja'a.

Nuti wal malee hin qabnu. Yoo xiqqaate soshaal midiyaa of harkaa qabnu kanaan miidhamtoota falasxiiniif sagalaee haa taanuu.

#ShareWaliifGodhaa
2024/09/21 05:42:09
Back to Top
HTML Embed Code: