Telegram Web Link
Allaahu Akbar ☝️

Namni isin ilaalaa jirtan kun lammii Ingilizii yoo ta'u maqaan isaa Alfie Kenner ja'ama biyya Ingiliziitti biliyoonarota jiran keessa tokkoodha.

Namni kun Karaan dhugaa, kan gammachuu, qajeelfamni Jireenyaa inni sirrii Islaamummaadha jechuu Amantaa Islaamummaa fudhate.

Allaahu Akbar !
@JemalSheikhBakri1
Harargeerraa gabrummaan bahee Biyya Hindii Mootummaa tahee kan bulche..!

Har'a Malik Ambar wajjiinin wal isin barsiisa. Namni kun Harargeetti kan dhalate. Gosa warra Maayaa ja'amtu keessaa kan dhufe 1548 tti dhalate.

Biyyarraa gabrummaadhaan gurguramee bahe. Maqaan isaa kan dhalootaa Waaqoo chapu jedhama.

Qaasim al baghdaadii nama je'amuutu maqaa isaa Ambar jedhamu kana baaseef.

Malik Ambar Adeemsa jireenyaa baay'ee keessa darbee Biyya Hindii Mummee Ministeera zabana sanii tahee nama bulcheedha 1548-1626 'tti.

Hindoonni gugurraattiin suni warra harargee tahuu hin oolan😅

@JemalSheikhBakri1
Wantoonni tahuu hin qabne yeroo ta'an gaafa argitu 😪

Zabana khana namni baay'ee walitti cakkannee jirabboo 🥲
Sheekkota asii gaditti argitan kun warra Sheekh Mohammad Zabuur Yuusuf irratti qara'anii, ilmii dhuganii san booda Sheekhni qubsiiseedha.

Nan yaadadha gaafa Isaan ilmii qara'an an ijoollee masjiida keessatti yeroo salaattu nama qunxuuxxee fiiydu sanin ture😁

Tokko Sheekh Iisaa ja'ama, tokko Sheekh Abdurazzaaq yoon dogongoruu baadhe.

Sheekh Iisaa fi Sheekhnin an gaafa joollee buluugha irratti qara'e Sheekh Sa'id khalawaa takka galuu turan.

Namni joollummaatti ilmiin qara'in numa dhabe. Buluughan gaafas irraa qara'e qalamni jalaan bahee jira 😁 qaraatiin joollummaa das nama jette yeroon yaadadhu😊

Wlh yeroon numa fiiydi. Amma jarri kun qubatanii Darasaa isaanii ilmii barsiisaa jiru. Maa Shaa Allah aleyhim❤️

Suuraan: Baankii Raammis
@JemalSheikhBakri1
https://www.facebook.com/profile.php?id=61550914820179

Yaa obboleeyyan kiyya waan isin fayyadu tokko isin afeeruu!? Page "Jechoota Gaggaarii" nsmni hin beekne ni jirtan jedhee hin yaadu.

Page odeeffannoo Islaamaa fi Odeeffannoo qabsoo Oromoo yeroo dheeraaf irraa fayyadamaa turre kan hordoftoota 143000 qabu waan gubateef jecha obboleessi keenya abbaan page 'ii Abdi JG facebook Account Haaraa banee jira.

Odeeffannoo akkasii argachuuf liinkii kanaan isa haa hordofnuu

https://www.facebook.com/profile.php?id=61550914820179

#Share waliif godhaa.
Addunyaa tana hedduu itti bololuun gaarii miti. Nuti gumaanni guddaan nuuf khurfeeyfame Jannata. Rabbiin akka jannata nun hoogessine khadhanna.

Har'a lafa tanarratti warri khabajni guddaan, Ulfinne ol'aanaan kannamuuf silaa Ulamaa Rabbiiti faallaa sanii Ulamaa'iin akka Sheekhanaa Xariifii faanuun Mana hidhaa jiru.

Manni raahaa fi bal'oo jannata jira. Rabbiin Hidhaa isaan haa baasu, bahara isaanirraa daran hawaasni akka waraabbatuuf jecha.

Yaa Rabbi Jannata Kee..!🤲
@JemalSheikhBakri1
Ilmi namaa kun Uumamumaan gammachuu barbaadurratti Uumame. Gammachuun ammoo fiixee milkaa'inaati.

Guyyaa Jum'aa kana gammachuun guuttachuuf ammoo Salawaata buusuu Mijuu gammachuuti❤️

الهم الصل وسلم وبارك على سيدي!
Sallallaahu aleyhi Wa sallam!

Suuraan Mufti Menk
@JemalSheikhBakri1
Ganamaa galgala ta'abiin kee ija duraa nun baddu. Ati goota yeroo hundaati, Hayyuu fi Qorataa Seenaa.

Ustaaz Ahmedin Jebel🥰
Ati yeroo hunda fakkeenya keenya!

Suuraan tun Baabul Kheyritti kaafamte
@JemalSheikhBakri1
Yaa Rabbi Qur'aana qara'uu fi itti hojjachuu nuuf laaffisi. Zabana nuti jirru kana nama Qur'aana hiriyaa godhate qofaatu nagaya baha.

Yaa Allah☝️
@JemalSheikhBakri1
2024/09/23 17:17:46
Back to Top
HTML Embed Code: