Telegram Web Link
Gaafa shamarri teenya osoo garaa qabduu, osoo dhaltuu Intransii fi Matrik fudhatan Mootummaa naannoo Oromiyaatilleetu dhufee ziyaara.

Miidiyaa kanarraa faaruufi maal maaliin qawwaxxan. Har'a garuu isin taajjabne maaliifi ni beeytanii?

Shamarri tun Osoo garaa qabduu, san booda dhalteetillee Osoo jirtuu cichitee Hifzii Qur'aanaa Markaza Furqaanitti fixuu Ishii Ustaaz Kadir Hamza Siyum maxxansee ture.

Miidiyaan kun Silaa suuraa ishii qofaan guutamuu qaba ture. Maal goona ree waan bakka kannuufi qabnuuf bakka kannuu hin beeynuu!

Jeynittii teenya baga gammadden siin jedha
#Congradulation
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Madaa duniyaan si madeessite
Allaahaan si haa wal'aanu
#Aaamiin
Ijoolleen dubaraa Markaza Furqaanitti baratan keessaa Waancaa kaastee tan goobaan galte tun Intala teenya jechumaafi 😊

Warri waaccuu dhiirti Qur'aanaa hifziin isaan salaachiftu dhabamnaan dabartoonni isaanii yoo dhiirti nu laallatan ja'anii Qur'aanatti gad taa'an.

By the way Obboleettiin teenya baga gammadde an gaafa xiqqootin beeka, kunoo har'a bakka gudddoo kanatti ishii arguun waan qajeellotti nama gammachiisu.

#MaaShaaAllah_Aleyhaa

Ijoolleen tun tokko Bedhaso Sanii kuunis obboleessa isii Birkii Xahaaa ti
Nama asii gaditti argitan kana ergan baree waggaa tokkotti dhihaadhe. Nama kana akkan baruuf kan sababa naaf tahe Dr Ka'b Abdellah kheenya kana. Ustaazni kun suma fakkaata naan ja'ee da'waa isaa takka natti erge.

Ustaazicha eegan gaafas horduu eegalee hanga ammafaa nama akkaan natti jabaa ta'u takkatti quxuxxurii ifii jala na oolche.

Mee warri da'awaa afaan ingliffaa dhaggeeffattan ustaaza kana hordofaa.

Maqaan isaa Abuu Teymiyyaadha. Nama Yuniversitii Medinaatti akkasuma Yemanii fi bakka adda addaatti ilmii barate.

State Europe tana tan inni keessa deemee da'waa hin goone hin jirtu. Nama ajaa'ibaati. Fuula keessa hedduu wal fakkaanna😅 Qaqal'inas walumatti baane😅 Inni Imaama taheetis nama salaachisa, yeroo salaachisu Qiraatii Khalaf an Hamzaan Qaraasisa.
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Har'a dubbii ajaa'ibaa ta wal fakkaattu laman dhagahe 😅

1ffaa: Paastar tokko Yesuus bataskaana isaatti afeeree Yessuus Samii dhufee Wangeela hawaasatti himee ngyn gara samiitti deebi'e ja'an.

2ffaa: Ameerikaan Appilikeeshinii tokko kan Yesuusitti Haasawuu namaaf mijjeessu hojjattee jirti jedhan.

Ammagaa Yesuusii wajjiin chat godhuun!😊
#Subhaanaka_Rabbii☝️
#WahdakaLaaShariikaLaka

Rabbiin Amantii Islaamaa nuuf kanneef akka galata galchinuufin waan kana maxxanse malee Amantaa namaa tuquufi miti.
#Alhamdulillaah

@DrZakirNaikAfaanOromoo
Wallahi yeroon nuti keessa jirru tun hadiisa ergamaa Rabbii (saw) tokko na yaadachiifti.

Hadiisa Imaamu Muslim Kitaaba Iimaanaa keessatti gabaase kan akkana jedhuutu jira "...Gurbaan haala Muslima taheen bariisifateeti, haala Kaaفira tahee galgaleeffata..."

Ganama Isumaa Muslimaa dhageessa galgala amma Kaفree dhageessa.

Kanaafin yeroo tana Qur'aana qara'uu haa jabeessinuu isiniin jedha. Sababa sanii Rabbiin Sabaata nuuf kannuutu malaa

@JemalSheikhBakri1
Ibnu Baxuuxah

Dhalataa Maghribii yookaan Morokoo kan ta'e Nama addunyaa irra imaluun beekkamuudha

Sooressi Addunyaa tanaa Elon Musk waa'ee isaa qorachuutti jiraachuu dhiheenya beeysisee ture.

Abu Abdullah Muhammad ibn Battutah Fulbaana 1304 – 1368/1369),[a] yeroo baay’ee Ibn Battuta jedhamuun kan beekamu, imaltuu fi hayyuu Maghrebi ture.[7] Bara 1325 hanga 1354tti waggoota soddoma keessatti Ibn Battutaan irra caalaan Kaaba Afrikaa, Baha Giddugaleessaa, Baha Afrikaa, Giddugaleessa Eeshiyaa, Kibba Eeshiyaa, Kibba Baha Eeshiyaa, Chaayinaa, Iberian Peninsula, fi Afrikaa Dhihaa daawwate.

Hayyichi Islaamaa kan addunyaaarra naannawaa ture kun dhuma jireenya isaatti yeroo dhihaatu "Rihlaa" keessatti seenaa isaa addunyaaf qoodee

@JemalSheikhBakri1
2024/09/23 21:31:10
Back to Top
HTML Embed Code: