Telegram Web Link
Abbaa ilmaan lamaa nuuf taate habibii❣️ baga gammadde, nulleen siif gammanne🙏 Rabbiin bakkaan siif haa gayu.

Ali Amin

@Hakaan1
Namoonni beekumsa kee, Qabeenya keetiif jecha sitti dhihaatan gaafa waan barbaadan si biraa dhaban achi buutee isaanii dhabda.

Namoonni onneerraa, galchaa takkaan malee si jaalatan gaafa hundi si dheeysellee si biraa mul'atan❣️

Allaahumman najjinaa min #As_haabilMaslahaa

@Hakaan1
Fuula namummaa (Humanity) yoo laaluu barbaadde Fuula Ustaaz Raayyaa Abbaamacca arginaan gahaadha.

Nama namaaf dhalate yoonin je'e waanin sitti xiqqeesse natti fakkaata. Ati nama namoomaaf dhalate.

Goota yeroo kamuu❣️
@Hakaan1
Rakkoon wal dhabbii Abboottii Amantaa Kiristaana Ortodoksii jiddutti uumamte hanga jiddu galummaa Mootummaa hanga gaafachuu geessutti geessee jirti.

Patriyaarik guddaan Itiyoopiyaa osoo jiruu Oromiyaa keessatti Patriyaarik biraa shuumuun dhoorgaa akka ta'ee akka shuumamuu hin qabne gadi fageenyaan dubbataa jiran.

Paatriyaa haaraawa oromiyaa keessatti shuumamee Aangawoonnii Amantii sanii hedduun miidiyaa hawaasaa gubbatti beeysisaa jiran.

تَحْسَبُهُمْ جَمِيعًا وَقُلُوبُهُمْ شَتَّىٰۚ
Al-Hashr 59:14
@Hakaan1
Qur'aana malee wanni marti yoo akkanumaan lakkiste ni xoolaydi, Qur'aana yoo lakkiste sumaatu xoolaga

@Hakaan1
Sheeyni kun Warra walloo ta'anillee dhimmi isaanii nu mara ilaalchisa. Sheek Abdulaxiif har'a gadhiifama boru gad dhiifama osoo jeennuu yeroo dheeraa mana hidhaa keessatti lakkoofsisee jira. Sheekaaf sagalee haa taanuu pls. Yaa Rabbi hidhaa baasi!

Muhammad Sabaah Sheikh Sa'iid Muhammad Siraaj Husseen yeroo baay'ee waan Sheekhaa kana nuuf dhaamaa turan. Har'a anis isiniifin dhaama

Ulamaa'ii Rabbii wanni mana hidhatti hiraarsaniif hin jirtu. Ammatti gad dhiisaa
#FreeSheikhAbdulaxiif

#Share_Waliif_godhaa
@Hakaan1
Kan nagayaan nu bulchite nagayaan nu oolchi
Dr Zakir Naik fi Sheikh Yusuf Estes
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Jarri shanan asii gaditti gartan kun warra Great Britain. Makkaa irraa ka'aniitii miilaan Kilo Meetira 547 Sa'aatii 185 guutuu lafa yaa'aanii Madiinaa dhaqan.

Jaalalti Nabii (Saw) Onnee tee gaafa baqeysitee seente, Dhiiga qaama kee keessa yaa'uu wajjiin yoo wal makatte waan hedduu isaaniif jecha godhuu dandeessa.

Jaalala Sayyidinaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) nuuf haa kannu Jaliil

@Hakaan1
Gaafiin akkanaa nama duchisiifti, miira keessa nama galchiti. Keessattuu biyya teenyatti namni iimanni isaanii jabaaturraa gaafiin garii yoo kaate if too'achuu hin danda'u.

Ani deebisaa gaafii tanaq kannuu barbaadeetii miti. Wanni nuti hundi hubachuu qabnu Page'iin kun kan waan hawaasni fedhuu fi jibbu kaasuudhaan hordoftoota guddifachuu qofarratti xiyyeeffateedha.

Warra kana durirraan hordofaa ture. Kaayyoo isaanii waanuma namni aarew yookaa gammadee like fi comment akkasuma share itti baay'isu laalanii, xiinxalanii maxxansan.

Waan facebookaa kana dallanuun dura gadi fageenyaan nama waa maxxanses adda baafachuun gaariidha.

@Hakaan1
Gaddi kiyya kan si gaddisiisu, gammachuun kiyya kan si gammachiisu, iddoo guddaa gahuun koo yoomuu kan si hawwisiisu

Ati qofa ❣️ Maamaa tiyya 🤍

Rabbiin kiyya akka Umrii kee naaf dheeressun kadhadha🤲

Love Ur mom cuz U'll never get another
ILU ❤️ Mom @Hakaan1
Barattoonni keenya kan baruumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii keessan edana eeggachaa jirtan marti firii gaariiin akka isin qunnamun isiniif hawwa. @Hakaan1
Nama tokko jaalattee jaalattee ifitti himtee if amansiistee isa/isii malee jiraachuu hin dandahu jettee ofumaaf murteeyfatta. Rabbiin garuu waan ati murteeysiteen faallaa murteeysee si fattana. Nama saniin adda baatee akka jiraachuu dandeeysu si agarsiisa. Garuu hoggaa dura balaan sun sitti buutu abadan hin dandahamu jettee waywaatuu keetiitu mala. Akkaatuma amalaa fii sabrii namaa wal dhabduun waywaachi wal dhaba.

Duniyaa tanarra abbaa fedhe san isa/isii malee jiraachuu hin dandahu jettee hin yaadin. Rabbiin qadara isaa qabaa abbaa fedhe saniin adda na baasa ja'ii if amansiisii jiraadhu gaafa musiibaan adda bahinsaa dhufte siif laafa.

Namni ati adda baatuun jaartii/jaarsa tahuu dandaha, Ilmoo tee ykn haadhaa fii abbaa kee tahuu dandaha, waahila kee tahuu dandaha, hunda isaaniitiin gaafa tokko adda ni baata yoo jireechaan adda hin baane du'aan adda baata.

Jireenyu dhugaa jiraadhu. Dhugaa ifitti himanii jiraachuun gadda adda bahinsaa namarraa salphisa.

Ustaaz Jaafer beyaantu barreesse
《Yaa Rabbi Qalbii teenya diinirratti Sabachiisi》🤲 @Hakaan1
Silaa danda'amee bakka kee ana hidhaatti tortorsanii, ati sababaa qajeelloo namaa baay'ee taatee. Ani bakka kee haa hidhamu.

فك الله اسرك 🤲
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Jireenya kana walakkaa isaa osuma waan hin beeyne osoo eeynuu dabarsina
2024/09/22 16:41:53
Back to Top
HTML Embed Code: