Telegram Web Link
Obboleessa keenya nama Ogummaa hedduu qabu Maya Usman Baga Gammadde Finally you did it again bro!

Maayaan dargaggeessa nu maraaf fakkeenya gaarii ta'u keessaa mataadha. Dhiyoo tana ture kan University Unity irraa Koompitaraan eebbifamee baga gammaddee jechaanii turre. Ammas kunoo baruumsa Shari'aa Koollejjii Imaamu Shaafi'iitti baratee Eebbifame. Kanaafin dargaggoonni keenya fakkeenya godhachuu qabna jedha

Facebooka fayyadamaa ooltus facebookni Eebba hin qabu. Barachuu fi dalagachuutu nama nama godha.

Mayaan dabalataan ogeessa kaameeraati, Editor jabaadha. Rabbiin ogummaa hedduu haa kannuuf. Ammallee ogummaa isaa keessa barakhaa haa kaayuuf. Maayaa Keenya irra deebi'ee baga gammadde.
@JemalSheikhBakri1
Church dhaqanii akkaawuntii lafa godhatanii hoggaa waaqeffannaan raawwate akkawuntii isaanii kiishatti deeffatanii galan. San booda waaqayyoon akkaawuntii isaanii qarshii xup itti godhaaf.๐Ÿ˜†

What else could I say? Mee maal jettu isin yaa jarana? Amantii namaa tuquuf yaaleetii miti. Gowwummaa guddaa akkanaa keessa jiraachuu hin qabnu jechuufani ๐Ÿ˜Š
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Madda beekumsa hin goyne if keessaa qabdu, burqaa Oomisha dhiirota diin islaam Sheekh Ahmed Habroo.

Sheeyni keenya sheekh Ahmed Habroo aalima, faqiiha, hayyuudha. Kana hubachuudhaan kan ka'e Koollejjiin Imaamu shaafi'ii Eebba barattoota isaarratti Sheeka keenya Badhaasa kabajaa sadarkaa jalqabaa irratti badhaase.

Ani har'a galgala sheekha keenyaa bilbileefiitin 'Baga Gammaddan' isiniin boonne yaa sheekha keenya jedheen. Dhugumatti deebisaan isaanii waan ajaa'ibaa ture "kuni waanuma Rabbiin fedhe" naan jedhan.

Dhimmicha gadi fageenyaan ibsuuf Koollejjichi yeroo waan kana kennu Nama ilmii lafa Oromiyaa tana keessatti hanga ammatti akka jiraattu godhe jechuudhaan kabajaa sheekaan malu osoo isaan lubbuun jiranii badhaasa kabajaa laataniif.

By the way Sheekha keenya jechuun abbaa Keenya, keessattuu anaaf nama guddaadha, naman jaaladhuudha, dabalataan Isaan Saahiba Baabaa kiyyaa turan. Kun hundi gammachuu isaanii hundaa ol akkan dhandhamuuf na dirqisiisa.

Irra deebiin baga gammadde Sheekha kiyya
Eeyyee ni dandeessan! Yes you can!

Dheeraa Magaalaa Galamso namni kun badhaasa keenya jabaadha. Dhugatti nuti gatii nama jabaa beekuutu nurra jira.

Yaa jara keenya namni kun if bira dabree namoota hedduu fayyaduu jira. Har'a yeroo namoonni akka isaanii hawaasa keessatti ija addaatiin ilaalamanitti hawaasni hubannoo akka argatuuf namni kun baay'ee laffa'aa jira.

Rakkoowwan isarra geesserra dhaabbachuudhaan akka rakkoon warreen akka isaa irra hin geenyeef baay'ee nama laffa'u jiruudha.

Ani nama kana qajeellottin dinqisiifadha. Hojii gaarii, kheeyrii hunda akka Rabbiin laaffisuufis du'aa'iin godhaaf.

Gad aantummaan qaamaan, bifaan, uumamaan osoo hin taane ilaalchaani wannin jedhuuf kanuma faadha.
Waan dhagayuuf ulfaatu, dubbatuuf garaa nama nyaatu. Daa'ii idil addunyaa kan namni afaan arabaa hin beeyneewuu yoo isa dhaggeeffate akka waan hubatetti mataa raasu Khaalid ar Raashiidii irratti ammas umriin hidhaa isaanii akka dabalu manni murtii ol iyyannoo ajaja dabarse.

Daa'ii beekkamaan kun waggaa 17 guutuu mana hidhaatti kan dabarse yoo ta'u ammallee Manni murtii saudii akka hidhaa keessatti turu ajaja baasuu isaa dhagayaa jirra.

Ani daa'iin daa'waa isaa afaan Arabaatiin Sagalee (audio) 200 ol dhaggeeffadhe isa qofa. Wallaahi sheeka kana da'waa isaa hin quufu. An qofaa miti nama isa dhaggeeffate hundaatu jaalata.

Rabbiin akka hidhaa isaanii keessaa isa baasuufi hamma mana hidhaa san keeessa jiru akka Rabbiin obsa jabaa itti dabaluufin kadhadha.

Obboleeyyan kiyya du'aa'iin haa yaadannuu!
@DrZakirNaikAfaanOromoo
@JemalSheikhBakri1
Sababa Ati yeroo takka Nabii keetirratti Salawaata buufteef, Rabbiin kee yeroo kudhan sirratti buusa.

Allahumma Salli Wasallim aleyhi
ุงู„ู‡ู… ุงู„ุตู„ ูˆุณู„ู… ุนู„ูŠู‡

Namni qorqodaan nama Hoggaa Maqaa Nabiyyii Dhaga'e Salawaata osoo hin buusne dhiisu๐Ÿ™Š

ุงู„ู‡ู… ุงู„ุตู„ ูˆุณู„ู… ูˆุจุงุฑูƒ ุนู„ูŠู‡
@JemalSheikhBakri1
Yaada adda addaa lama!

1ffaa: Mootummaan Eega Rabbiitii nu bulchu Sabuma keenya ta'eetu yoo nu miidha ka biraa nu miidhuurraa wayyaadha.

2ffaa: Mootummaan saba keenya ta'ee, maqaa saba keenyaa himachaa nu miidhurra kan ambaa, ka nuti ambatti beeynu nu miidhuu wayyaa.

Yaadota lameen Oromoo jidduu jiru kana fakkaatan
Mee ati keessaa kamtu sirriidha jetta? Sababa gahaa wajjiin nuuf ibsi๐Ÿ˜Ž
Dr Zakir Naik Geeba Addunyaatiif biyyi Khurfooyte Qaxar affeerraa isaaf gootee jirti.

Dr Zakir biyya sanitti sagantaa da'waa haala mijjeeffameefi achitti da'waa godhuuf deema.

Qaxar akkuma duruu jaalala Islaamummaa qabdu ammas tapha kana Ilaalcha warri lixaa Islaamummaaf qabu sirreessuuf baay'ee xaaraa jirti. Rabbiin yaada isaanii bakkaan haa gayu.๐Ÿคฒ

@JemalSheikhBakri1
Daa'iin addunyaa beekkamaan Dr Zakir Naik Dohaa seenee jira. Keessummummaa Sheekha beekkamaa Dr Umar abdul Kaafii biratti keessummeeffamaa jira.

#Share waliif godhaa odeeffannoo biraa nu eegaa
@JemalSheikhBakri1
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Walitti qabama addunyaa guddaa irratti daa'iin addunyaa guddaan akka argamuuf gahee Islaamummaatti nama yaamuu ishii kan bahachaa jirtu qaxar Addunyaa yaachisaa jirti.

Taphni baranaa kan Kubbaa Miilaa qofa Osoo hin ta'in kan Yaamicha Gara Islaamummaatis akka ta'e hubanne.

Ilaalchota warri lixaa Islaamummaaf qabu sirreessuurratti kan xiyyeeffatte biyyi Qaxar sagantaa Kubbaa Miilaa cinatti iddoowwan hedduutti Jechoota Rasuula Keenyaa (Sallallaahu aleyhi Wasallam) afaan Arabaa fi Ingiliffaan Maxxansitee jirti.

Ummanni jibba Islaamummaatiin osoo Islaamummaa hin beekin guutaman dhugaa Islaamummaa arguuf jiraatu. Sirna geeba Addunyaa gaarii!
Sirna Da'awaa idil addunyaa Gaarii!๐Ÿ‘
@JemalSheikhBakri1
Geebni Kubbaa Miilaa Addunyaa yeroo geggeeffamuuf deemutti akka Qur'aan Rabbiitiin banamu yoo dhageessu miira akkamiitu sitti dhagayama.

Qaxar sagantaa guddicha kana aayatoota Qur'aanaatiin banuudhaan Jechoonnii Rabbii keenyaa akka gurra nama Islaamummaa hin qabne hedduutti seenuuf qophooyxee jirti.

Kuni waan takkaa hin dhagayini, kun waan nama gammachiisu. Qur'aanni Rabbii qalbii duute hubda akka fayyisutti Qalbii warra adiitis akka fayyisu hawwina. #Allaahu_Akbar
@JemalSheikhBakri1
@DrZakirNaikAfaanOromoo
2024/09/25 07:26:31
Back to Top
HTML Embed Code: