Telegram Web Link
Innaa lillaah wa innaa ileyhi Raaji'uun!
Amma Wal xireeffannna 😥😭

Goonni Ustaaz Kamaal Heebboo wareegamanii jiru

@JemalSheikhBakri1
Garaagarummaan Nuu fi Warra olii jidfuu jirtu. Qophiilee Finfinnee, Adaamaa fi kara olii sanitti waraabamtu hoggaa laalle, namni hoggaa kaameeraan itti qabame tottole mul'atuuf hihhiixata.

Keenya ammoo hoggaa Qophii dhaqee Kaameeraan itti qabame, Ija isaa gad qabata, hedduu if hin cinqu. Akka waan Mumul'achuu tanaaf dantaa hin qabneeti natti fakkata.

Beeki gaa hunda hin baanu kara keenya kanaas tokko tokko akkuma tiitissi bakka madaa barbaadutti inninis bakkuma kaameeraa barbaadu hin dhabamuu.

Hundaafuu Kamtu gaariin ammoo namuu akka akkatti hubata waan ta'eef akkuma isin itti hubattanittin isiniif dhiisa.
@JemalSheikhBakri1
Torbee dabre Aanaa Toleetti Muslimoonni dhibbaatamaan lakkaawamu yeroo du'an afaan qabannee Usne, Ammas guyyaa arraa wallaggaa Ganda Machaaraatti Muslimni Oromoo Wallooyyee kan afaan Amaaraa dubbatan Sababa Muslima ta'an Qofaaf baay'een ajjeefaman, hedduun madaawanii hospitaala geeffaman.

Isinumti usaa nuti Garaan nun dandayu. Ajjeechaan kun Akka Shaneen raawwatame hawaasni naannichaa ni himan.

Hanga yoomi!?
@JemalSheikhBakri1
You may be disappointed if you fail, but you are doomed if you don't try.

Learn to forgive, you heal.
Choose to let go, you grow.
Accept the process, you evolve.

Your anger is someone else’s victory, stay calm and relax.
@JemalSheikhBakri1
Ka wareegame itti nuuf haa araaramu. Nutis guyyoota Ibaadaa kan keessa jirru kana Warra irraa fayyadamu Rabbi nu haa godhu. Xixiqqoo nuti hojjanne nurraa haa qeebalu 🤲
@JemalSheikhBakri1
Daqiiqaa tokkoof shaakaluun, Shaakala dhabuurra ni caala. Daqiiqaa tokko Kitaaba Dubbisuu, Dubbisuu dhabuurra ni caala, Waa xiqqasho Hojjachuun, Goonkuna hojjachuu dhabuu ni caala.

Daqiiqaa takka maan taane if dura siquuf Shaakali!
@JemalSheikhBakri1
Rabbiin haqarratti nu haa sabachiisu. Xawalwaallummaan ta munaafiqaati irraa nu haa baqachiisu. Waan dubbannu kheessatti haqa nu haa qunnamsiisu🤲
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Daqiiqaa tokkoof shaakaluun, Shaakala dhabuurra ni caala. Daqiiqaa tokko Kitaaba Dubbisuun, Dubbisuu dhabuurra ni caala, Waa xiqqasho Hojjachuun, Goonkuma hojjachuu dhabuu ni caala.

Daqiiqaa takka maan taane if dura siquuf Shaakali!
@JemalSheikhBakri1
Hifannaa injifannee
Mudhii haa hidhannuu

Rabbitti irkannee
Dhugaan haa amannuu**

Abjuufi kaayyoo kiyya
Cicheen bakkaan gayaa
Mul'ata kiyya jiraachuuf
Dakhaa gaaran bayaa**

Numan tarkaanfadha
Hegeree too mil'achaa
Abbaan fedhe haa darbatuu
Jechaa mitii dhakhaachaa
Qubaawuu hin qabu
An kute tarkaanfachaa**

Fiiguullee yoonin baadhee
Goonkuma hin dhaabbadhu
Suuta yoonin deemes
Taa'ee ofin komadhu**

Hamman danda'u nan hojjadhe
Tan dadhabe Rabbittin himadhaa
Kan isatti himatee dhabe
Barbaadeetin dhabe na gaafadhaa**

@JemalSheikhBakri1
Yoo osuma qajeelfama Islaamummaan itti si ajajju hojjatuttin jiraaf teessuu, Korma yaa'ii, Baalagee, nama amala oowwu kan taatu taate dhugumatti ati qajeelfamoota ajajamtetti hojjachaa hin jirtu.

Dr Bilal Philips

Anaa fi isinillee tanarraa nu haa eewalu 🤲
@JemalSheikhBakri1
✍️ Fati Ahmed

Arra galagala challenge kheyrii xiqqoo takka qabna Furmaata rakkoo teetii nama gargaaruu kessatti barbaadi
----------------------------

Akkuma beekamu Obbolessi kenya Nibraas Ahmad Jiraata magaalaa Ciroo kan tahe daa'ima lakkuu 4 argachuun isaa ni yaadatama.

Daa'ima 4 guddisuun akkaani ulfaata lubbuu Rabbiitu razaqaa nutis wal bira dhaabbachuun dirqama keenya

Haaluma kanaan challenge xiqqoo qarshii 5000 takka qophesseen isin eegaa jira.

Qarshii kuma 5000 guuruuf namoota 10 kan qarshii 500 nuuf kannu ykn namoota 50 kan qarahii 100 nuuf kannu barbaadna

Hoggaa dalagaa kheyrii irratti wal yaamnu, hogaa sadaqadhaa jannu abooti qabeenya if biratti laaluu dhiisi sadaqaab barakaa siif fiddi qabeenya kee hin irristu je'e Rasuulli (Saw).

Kanaaf Warreen mobile banking fayyadamtan account asii gadii kanarratti galchaati screenshot isaa nuuf ergaa. Kana maqaan kessan akka tuqamu hin barbaannes maqaa kessan ni dhoysina

Challenge kanarraa namni tokko hafuun hin tahu barataanis qarshii 100 kannuu dandaya hojjataa irraa ammoo qarshii 500 eeyna, kan kanaa olin kanna je'es kheyriin hin quufamtu

Challenge kana kanin qopheessee warruma Facebook irratti wal beynu kanaaf

Ifumaa itti nu yaamtee kessaa hafte akka hin janne kunoo hirmaanna mataa kiyyarraahin eegala. Qarshii dhibba 500

Akkawuntiin Isaa :

Baankii daldala Itoophiyaa: 1000105856777
Baankii hojii gamtaa oromiyaa: 1000022953331
Baankii Awaash : 01425808409500
Nibraas Ahmad

Galatoomaa!!
Nutiis hanga dandeenyu gargaarree jirra. Isinis gargaaraa hayyaakumullaah!

Yeroo ergitaniif asin Screenshot ergaa @Na4Je2 namoonni biraalleen hamilee argatu akkasitti
Ishqiitu na qabe
Dhugaan isiniif himaa
Talbiyaan an dhagayu
Sagaleen Muslimaa
Onnee too na hawwata
Kankiyya hoo yoomumaa!?

Bakka Muslimtoonni
Keessatti wal ga'u
Rabbii isaatiif awwaachaa
Labbeykallaahumma je'uu**

Guyyaan kiyya yoomi
Jechuudhaanin iyyaa
Asumaan lallabaa jira
Anis yaa Rabbii kiyyaa**

Tarree san na dhaabi
Ati sittin ulfaattuu
Hedduutuu jira jajjabduun
Tan atumti laaffiftuu**

#Arafa
@JemalSheikhBakri1
Ishqiitu na qabe
Dhugaan isiniif himaa
Talbiyaan an dhagayu
Sagaleen Muslimaa
Onnee too na hawwata
Kankiyya hoo yoomumaa!?

Bakka Muslimtoonni
Keessatti wal ga'u
Rabbii isaatiif awwaachaa
Labbeykallaahumma je'uu**

Guyyaan kiyya yoomi
Jechuudhaanin iyyaa
Asumaan lallabaa jira
Anis yaa Rabbii kiyyaa**

Tarree san na dhaabi
Ati sittin ulfaattuu
Hedduutuu jira jajjabduun
Tan atumti laaffiftuu**

#Arafa
@JemalSheikhBakri1
A b s h a a l a t a ' i

Doktarri Muuxannoo qabu, harkaan qaama rirrigaati (qaqqabachaati) bakka lilmee nama diruuf mijjatu filata.

Kutaa lammaffaa Kitaaba ♡Jireenya Keetitti Gammadi♡ jedhu leessaa Fuudhame

@JemalSheikhBakri1
Guyyaan guyyaa Arafaa Caalu hin jiru, Halkan halkan leylatul qadrii caalu hin jiru. Guyyaa fi halkan caaloo tana keessa du'aa'ii godhachuun hedduu filatamaa.

@JemalSheikhBakri1
2024/09/27 11:17:47
Back to Top
HTML Embed Code: