Telegram Web Link
Waan hojjattutti hin qaanfatin. Namni nyaata si dura kaayu hin jiru. Namni Bill (Kafaltii) nyaata keetii sirraa cufu hin jiru. Kanaafuu hojii keetin booni 🤩
@JemalSheikhBakri1
Jijjiiramni jira ammallee
... M u u x a n n o o r r a a...

"Waan si hin ilaalchisne seenuu dhabuuf mataa keetii wajjiin qabsaa'uun Jalqabarratti dadhabsiisaa fakkaatullee booda siif salphata."

Kitaaba "Jireenya Keetitti Gammadi" jedhu keessaa fuudhame.

@JemalSheikhBakri1
Nama nageenyaa ❣️
رجل سلام❣️
Man of peace ❣️
የሰላም ሰዉ ❣️
ninka nabada❣️
@JemalSheikhBakri1
Mucaan takka gaafii fatwaa na gaafatte. Yaa Aadde an hin beeku, sadarkaa fatwaa itti kennan hin geenye, Sheekkotii gurguddoo gaafadhun jedheen.

"Hayyee Sheekh Hamzaa Sheekh Jabirin gaafadha" naan jette!

Sheekh Hamzaanis Edaa Fatwaa ni godhan ?🤔
Qissaa haadha qinxaa

Qophii Jafar Beyan Ahmed

Gaafa tokko haadha dhiiraa takkaatu gaarii dalaguu yaade. Maalin godha? jettee if gaafatte. Isiin nama miskiina mana karaa gubbaa qabu turte. Miskinumma isii san keeysatti gaarii dalaguuf waan muratteef qinxaa tokko tokko guyyarraa dabalataan daleeydee kennuuf muratte. Guyyaa hunda qinxaa tokko daleeydee fooddaa mana isii gubbaa keeysi namni karaa deemu kan itti haajame akka fudhatuuf. Namichi duyda goobbee (kan duydi iita) qabu tokkootu guyyaa hunda dhufee qinxaa san fudhatee deeme. Wanni ajaa'iba ammoo qaalichi qinxaa fudhatee galatoomaa hin jedhu. Garuu, "gaariin ati daleeyde siif deebiti, hamtuun ati daleeydes sumatti deebiti" jechuun dubbataati qinxaa isaa fudhatee dabra. Haati qinxaa guyyarraa qinxaa godhuu itti fufte, namichis guyyarraa fudhateeti, "gaariin ati daleeyde siif deebiti, hamtuun ati daleeydes sumatti deebiti" jechaa khuta.
Guyyuu numa keeysi, numa fudhata galanni hin jiru. Duuba guyyaa tokko waan namicha qinxaa fudhatuu kana yaadde akka malee dallante. Namicha miskina kabajaa hin qabne, galata hin beeyne jettee if nyaachuutti seente. Waan takka godhuun qaba jettee muratte. Summii qinxaa sanitti godheetin kaayaa, haa du'u jettee qamadii fii summii as fuutee ajiinutti seente. Ajiinatti summii neeyxe. Eeguma qinxaa ibiddarra keeyse booda sammuun isii waan hojjatte saniin if komatte. Ish! maalin dalagaa jira?! kana abdan hin godhu! jettee miidhaan summiin faalte san gad neeyxee kan biraa miidhaasite. Namichaafis akkuma duraanii foodaa gubbaa keeyseef. Namichi duyda goobbee suni dhufee "gaariin ati daleeyde siif deebiti, hamtuun ati daleeydes sumatti deebiti" jechaa qinxaa isaatiin dabre.

Namichi duyda goobbee qinxaa isaatiin osoo kara mana isaa galaa jiru nama tokko kan beelaaf jecha lafatti kufee socha'uu dadhabetti dhufe. Namni kufee lafa dhawe suni harkumaan akka beelti isa ajjeesaa jirtu itti hime. Namichi goobbeen qinxaa takkittii tanan hireef fii nyaataaf qaba, garuu arra siitu narra itti haajamaa hodhuu ifiin wayyeesi je'ee itti kenne. Galgala san haati qinxaa osoo hirribaaf bakka tolfachaa jirtuu namni tokko hulaa itti dhadhawe. Garaan isii rif! je'e. Onneen isii dhahatinsa dabalte. Way mucaa kiyya kan hojiif yeroo dheertuu dura biyyaa bahe san taatii jechaa hulaa bante. Hulaarratti ilma isii kan huccuun isaa daarte, kan rifeensi faaggawe, kan beelti huqqifte itti ol seene. Yaa ilma kiyya maaluma na jalaa taate? jettee booyinsa itti gixxim goote. Mucaan "yaa harmee! kan Goytaan arra na baase maal dubbata?!" je'een. "Osoon beelaaf deemuu dadhabee karaatti kufee ciisuu, namichi duyda goobbee tokko qinxaa takka naaf kenneetin saniin lubbuun natti deebite" hoggaa ja'uu haati if qabuu dhabadee booyinsaan lafatti if dabrite. Mucaan, "Silaa qinxaa san argachuu baadhe wal hin agarru" je'een.

Akkasitti haatii qinxaa dubbii namtichi goobbee jedhu suni ifa baateef "gaariin ati daleeyde siif deebiti, hamtuun ati daleeydes sumatti deebiti"

share godhi yoo waa irraa barte
@JemalSheikhBakri1
Gorsi facebookaa kun hedduun riwaayaa isaa Mowduu'a, Gariin Da'iifa, Gariin Hasanun ligheeyriidha. Muraasaatu Sahiiha.

Gorsin an jedhu hadiisaa mitii beeki. Ati akkana tahi, akkana hin tahin, mixirqishoo, jinni jaankaa Warra jedhu kanaan baana. Kanaafuu Nama Mature ta'e, nama bilchaate tokko ka jala deemtu laalladhuutii kaan ignore godhi boo Rabbii jiraa 😊
@JemalSheikhBakri1
Forwarded from ABDII SABAA
Maalkom Eksi -- (X).pdf
1.5 MB
Seenaa Maalkom Eksi X
Falmaa mirga Gurraachotaa.

■■■■■■■■
Seenaan kun kan fudhatame kitaaba ■ Eebbisaa Baayyisaa "Gatiin namaa meeqa " jedhu irraayyi.
●●●●●●
Haala kanaan kan qopheessee isiniif dhiheesse Abdussalaam Idriis
●●●●●●
.... ☆ Doorsisaa fi jibba warra adii irraa isa mudate hunda danda'ee qabsoo isaa finiinseera. Dhuma irratti garuu, Harki harka muree, Gurraachonni inni lubbuu isaatti murteessee qabsaa'eef isa galaafatan. Eeyye, warra inni isaaniif qabsaa'aa turetu rasaasa itti roobsee galaafate!... keessaa kan fudhatame.
■■■■■■■
Obsaan Dubbisaa!


Shere waliif Godhaa Galatoomaa !

Kitaabota Biroo Argachuuf 👇👇

@Galaana_kitaabaa
@Galaana_kitaabaa
ሀጫ ኮ
Gaafa san na dhukkubaa ture. Online irratti Guyyoon akka Haceef Aafgaaffii dhiheessuuf beeylama qabatan Beeysisa maxxanfamen arge.

Erga guyyaa saniitii Guyyaa beeylamichaa eeguttin seene. San booda Aafgaaffii dawwanne, haasawa ajaa'ibaa irraa dhageenye. Seenaan Abbaa Fardaa torbee san ajandaa tahee osoo hin dhumin torbee itti aanu musiibaan biraa ajandaa taate.

Akkuman gubbatti kaase yeroo san na dhukkuba mana keenyaa hin bahun ture. Akkasumatti galgala san WiFi kiyya naaf hojjachuu dinnaan hirriibni na qabeetin rafe.

Yeroi sa'aa 8 geenyu hirriibarraa dammaqee, yeroo xiqqo booda bilbila as fudhadhee yeroo WiFi banu innis saffisaan hojjachuu jalqabe.

Youtube irraa waanin hordofaa tureetu jira isa daawwadha jedheetin youtube Seene. Jiddumaan Notificationni facebooka kiyyaa akka namni message naaf erge yeroo natti agatsiisu facebooka seenuufin dirqame.

Yeroon Sa'aa sagal natti fakkaata. Yeroon ol seenu jalqabumarratti Hacee fi Shaamaan arga. I Swear, Wallah I didn't beleave, ammas scroll numan godha, the Same, Scrol numan godha, Sanuma.

Hanga ammaa hin amanne Scroll godhuu ittin fufe, 'Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa' kan maxxansen arge. What happened was real! Amma xiqqo amanuun jalqabe.

A very strong feeling of Sadness entered my heart, I was Started crying, wallah! My tear is dropping, without break, as my family passed away!

Yeah! Deserve all and more than this. That's what happened!

@JemalSheikhBakri1
Nahi Mohammed Eeyba Kitaaba 'Bishaan Gubatee isin afeeraa jirti.

Hin hafamu
@JemalSheikhBakri1
Abde Show Eeyba Kitaaba Bishaan Gubatee Isin Afeeraa jira

Hin hafamu
@JemalSheikhBakri1
Forwarded from Abdellah amiin
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Zamano Mix Eeyba Kitaaba Bishaan Gubatee Isin Afeeraa Jira hin hafuu hin hafinaa isiniin jedha.
@JemalSheikhBakri1
Milkii Eeyba Kitaaba Bishaan Gubatee tti isin Afeeraa jirti. Akka hin hafne. Guyyaan kun guyyaa hafamuu miti
@JemalSheikhBakri
2024/09/27 15:23:21
Back to Top
HTML Embed Code: