Telegram Web Link
Seequun Sunnaadha 😊😁 isiniin ja'a #JamaalulAalam keessan😁
Namoota bifaan nama madaalan jaarraa kana keessatti arguun baay'ee nama gaddisiisa.🙃
Nama ati isa irraanfachuu hin dandeenyeen irraanfatamuun keessoo nama guba mitii ree?🫠
Arraata isaanii bareedaa san, fafakkeessaa isaanii bareedduu san amantee, gaafa isaan si ganan hin sheenawin. Durumaan if tiysi.

#Sheenaa
Yeroon bareedduun isaan sii wajji qabaatan sun siif yeroo barnootaa taati malee yeroo sheenaa hin godhatin

#Sheenaa 2nd
"Qurxummiin bishaan malee hin jiraattu, waaccuun Sheekha ishii malee hin jiraattu"

Obboleeyyan kiyya Sheeyni kheenya Sheekh Muhammad Zabuur Yoo Rabbiin fadhe guyyaa 4 booda, jechuu guyyaa sabtii gara biyyaa ni dhufan.

Nuti ammoo akkuma duraanii caalatti simannaa isaaniin malu isaaniif godhuu qabna. Namuu quba qabaadhaa wal quba qabaachisaa.
Ifaa tasa siif ifeef jettee, shaamaa yeroo dheeraa siif gubachaa ture hin tuffatin #life
Barattoonni sheekhaa khan galgala sheekharratti online 'iin qara'aa bahan makkatti yeroo sheekha ziyaaran Maa Shaa Allah tabaarakallah 🎉❤️🥰
"Amala kiyyatti namni waan an hin qabneen yoo naa faarse nattin oowwu beettaa, akkasuma waan an hin qabneen yoo na arrabses nattin qorru beetaa jaarsa jalattan guddadhe"

Hacaaluu Hundeessaa
Masjiida keessa fiigaa, masjiida keessa taphataa, salaata keessatti wal qunxuuxaa, azaanarratti wal dorgomoo, Qur'aana wal jalaa qabaa qara'aa warreen guddattan akkam nagumaa😊🥰

#Memories
Suuraa tana argitanii!?

Namni gariin beysisa filmii seya, gariin promotion 'uma wahii seya, gariin xiyyeeffannoo itti hin kennine.

Aayyoon falasxiin tun waraana weerartuu Israa'iliin mana ishii keessatti dirqiidhaa qabanii Saree itti gad dhiisanii akkatti dararan. Wallahi vidiyoofaa yoo gartan nama boochisti.

Onnee ummata jeynoota kanaa waan itti sodaachisan dhabanii amma aayyoo tana akkatti rakkisan.

Rabbiin ummata khana haa nassaru🤲
#ShareThisPost
@JemalSheikhBakri1
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Callisi

Callisuun si fayyaduu isaa kan hubattu gaafa calliste qofa. Callisuun kan si fayyadu, waree baay'achuun faayidaa akka hin qabne gaafa bartu qofa.
Ilmi namaa lafatti hin hafne.

Sheekha kheenya simannaa hoo'aan simanne. #Live 'n isin agarsiisuu fadhee naaf mijjatuu dide.

Haa ta'uu warri Baddeessaa kanin an isin yaamee fi kan namni biraa isin afeeres hunduu galatoomaa.

Amma du'aa'ii sheekhaa fudhannee adda yaane. Jaalala ummata kheenyaa Afaaniin osoo hin taane hojiin agarre.

Warri waaccuu, addatti hedduu galatoomaa! Wlh hedduun isin jaaladha.

Hundi keessan Jazaakumullaah.
Mee dubbistoonni koottaa

Kitaaba kana hoggaa dubbistu, akkamitti akka galma geessu, yookaa akkamitti akka milkooytu irraa hin bartu.

Haa ta'uu malee , akka kufaatiin si mudatuu fi eegasii akkamitti jalaa bahuu akka dandeessu barta.

Yoo waan barbaadde dhabdes akkamitti akka irra deebitee kaatee barbaaddu irraa barta.

Mee isin hoo warri dubbise
Kitaaba "The Subtle Art of Not Giving A F*ck " irraa maal barattan.

Warra hin dubbisin Yoo dubbisuu barbaaddan liinkii isiniifin khaaya
Rabbiin waan ati jaalattu akka siif tursiisu yoo feete, waan Rabbiin jaalatturra isaaf turi atis.

Imaamu Ahmad bin Hanbal
Ustaaz Jafer
2024/09/22 13:17:00
Back to Top
HTML Embed Code: