Telegram Web Link
Baharri Muusaa hin fuune
Qurxummiin Yuuns hin nyaanne
Billawni Ismaa'il hin gorraane.

Atis yoo Rabbi biraa hin ta'in rakkoon harkaa si qabdu tun humaa sin gootu In Shas Allah

#Obsi
Namoota baay'ee boodatti waan hafte sitti hin fakkaannee? jireenyi waan si gate sitti hin fakkaannee? no no abdii hin kutatin namoota jajjabootu qormaata akkasii qoramaa turee yaadadhu.

Ati fuulduratti namoota jajjaboo addunyaa tanarratti dhiibbaa uuman keessaa tokko yoo taate maalitti beeyta?
#Hamilee
Yoo barii argitu mara hamileen khee dabaluu qaba. Maaliif jennaan hammam inni dukkanaa wajjiin caasoo qabee booda irratti injifatee ifa nuu fidu xiinxali mee.

Waa marti laffaatii feeti
#laffaatii
Namoota tokko tokkootu jira kan nuti laalaa keenya keessotti dhokfanne, waan nutti hin dhagayamne itti fakkaatu. πŸ˜’

#gadhee
Dhiira akka dubartiitti oduu fi khinaa jaalattu, tan nama duubaa malee nama duratti waan namaan jechuu sodaattu Rabbi sin godhin. #Gadhee
Ummanni Muhammad (Saw), Ummata duubaa khaatee dura baate. Atis duubaa khaatee dura bahuun #birqii sitti tahuu hin qabdu.

#WadaajaπŸ‘Œ
Maal taate jedhamtee hoggaa gaafatamtu, waan taate ibsachuuf yeroo sitti ulfaatu si qunnamee hin beekhuu?

#BrokenπŸ’”
Qorqodaa arjatti if beeku, wallaalaa beekatti if beeku, luyna jeynatti if beekuu wajjiin ooluun amala si balleessiti.

#Comprehension
Dubartoota sammuu jijjiirachuu dhiisanii, Coraa jijjiirachuun xamadaman Rabbi sin godhin ukhtii.

#Ukhtii
Namoonni akkanumatti jaalattu hin jiruu? Kha waa takka siif hin godhin, bas akkanumatti qalbiin tee si feetu hin jiruu...?

Usii jaaladhu, chaarjiin si jalaan dhumuu
#Jaaladhu
Maaliifin jibba, jaalalti osoo jirtuu jibba onnee kiyya barsiisuu hin qabu jedhanii warreen onnee isaanii qulqulleessan akkam namatti tolu!!

#qulqullootakoo
Audio
πŸ“– ✍️ Jamaal Sheikh Bakri πŸ“š JIREENYA KEETITTI GAMMADI full coming soon 🎯 Channel : @FerhanGursum
━━━━━━━━━━━━━━
πŸ™ƒLike share godhaa
Join ButtonπŸ‘‡Galatooma
Namoonni osoo ati ibidda wajiija kheessa dabruutti jirtuu yoo si argan, 'Alla ibiddi gurbaa hin gubu' ja'an malee 'Allah gurbaan numa jabaadha' hin ja'an.

Rakkoon kheessa jirtu hammaattullee hamma danda'ametti numa tarkaanfadhu jaalo.
"Har'a gadditus, boru gammadda" yeroo ja'an akkanumaanii mii beeki πŸ‘Œ
Rabbiin yoo hedduu si eeysise, hanga eeydee ol tu dhufaa jiraa qophaayi
#Rabb☝️
Tarii bakkaan barbaadu gahuu dhabuun mala, garuu bakkaan hin barbaanne na geessuu dhabuu keetiif sin galatoomfadha yaa #Rabb☝️
Yeroo hedduu wanni na dhibu namoonni hedduu dandeettii tee dhoysuuf yeroo yaalan arguu hin ooltu. Garuu maaliif...? Maaliif..?

#Maaliif..!
Coraa bareedaa dubartii hedduu duubaan Make Up baay'eetu jira jedhu mitii ree. Dhiirti dubartii hin geenyeyyuu waan baay'ataa jirtu fakkaattiπŸ˜…
Qormaanni nutti haa dhuftullee jechuu baatan, qormaata namatti dhufeef obsuun dhiirummaadha.

Yaa Rabbi Qormaata ati nu qorte warra dabru nu godhi Yaa #Qaadir
Wanni takkalleen fedhii Rabbiitiin malee galma hin geessu. Rabbiin nu haa milkeessu 🀲
#Aaaaaamiiin
2024/09/22 22:37:13
Back to Top
HTML Embed Code: