Telegram Web Link
Halkan gaarii qabaadhaa ahbaab ❣️✌️ @Hakaan1
Namtichi kun akki jedhe "Intaloon niqaaba uffattu akka sheeyxaanaatii; Sheeyxaanni nu arga nuti ammoo isa hin arginu" kanaafuu intalti niqaaba uffattu akka sheeyxaanaatii jedhe.

Mahmuud al Hasanaat ammoo akkana jedhee deebiseef "Eega Intaloon niqaaba uffattu akka Sheeyxaanaa, kan nuti isa hin argine kan inni nu argu taatee, Ati ammoo akka Harreeti, Rabbbiin Harreen akka Sheeyxaana argitu godhee waan ishii uumeef atis akka harreetii" jedheen. 😅

@Hakaan1
What is your favorite genre of literature?
a. Fiction
b. Poetry
c. Drama
d. Non-fiction
e. Other (please specify)
Qajeelfama "80/20 Principle" jedhamu tokkootu jira. Qajeelfamni kun jalqaba Economistii 'Welfredo Pareto' nama jedhamuun 1800 keessa argatame.

Qajeelfamni kun akka ibsutti Banii Aadem dhibbentaa 20 qofa hojjataniiti Dhibbentaa 80 milkaa'an ja'a.

Ani yaada kana nin fudhadha. Hanga san garuu hojjachuu, ammas hojjachuu danda'uu qabna.

Tilmaami mee osoo dhibbeentaa hafanillee kan hojjannu taanee har'a eessa akka jirru.

#HojjachuutuFurmaata
@Hakaan1
Abbaa fedhe yoo ta'e na gargaarsa keetitti akka haajamu sitti himee yoo harka isaa sitti bal'ise, harka isaa darbuu hin qabdu.

Eega Rabbiitii gargaarsa keetiin Namni rakkoo keessa jirurraa bahuu caalaa wanni nama gammachiisu hin jiru.
@Hakaan1
"ተማክሮ የፈሱት ፈስ አይሸትም"
Kijibdoota 🤔
Yoo Rabbi sodaatte, makhluuqni si sodaata, si kabaja. Sodaan Rabbii ulfina si goonfachiisa.

ፈጣሪን የምትፈራ ከሆነ ፍጡራን ይፈሩሃል ያከብሩሃል። አላህን መፍራት ክብርን ያጎናጽፋል

@Hakaan1
Gurbaa lammii Arjentiinaa tokko Dr Zakir Naik bira fide. Doktarri Waa'ee Amantii Isaa wajjiin haasawuu jalqabe. Sa'aa lama booda gurbaan asiif achi jechuun maletti Amantii Islaamaa Qeebale.

San booda akkana Naan jedhe "Ani addunyaa tanarra Sammuu akkan Doktarri qabu nama qabu argee hin beeku. Dhugumatti nama ajaa'ibaati" naan jedhe.

Sheikh Mahmuud Al Hasanaat
@Hakaan1
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Sheikh Abdulaxiif Mattaan

Haala amalli isaanii onnee tee booji'uuf yeroo itti hin fudhatu. Akkuma Ergamaa Rabbiirraa (Saw) Ilmii dhaalan, Haalaa fi amala isaanitillee irraa dhaalanii jiran.

Rabbiin nama qoma bal'atu, duyda ba'aa qaba, gara laafeysa, bashaasha godhee isaan uume. Bakka Sheeyni jiru furmaataatu jira. Bakka Sheeyni jiru araaraatu jira.

Ilmii qofa barsiisaa hin oolan waan barsiisan itti hojjatan, If gadi qaban, nama kabajan. Wlh Sheekha keenya ibsuun ni ulfaatti.

Hamilee namatti godhu, ni dandeessa siin jedhanii si onnachiisan. Labata Islaamaa kanaaf akka qooda kee dabarfachuu qabdu ganamaaf galgala nuuf dhaamu.

Yeroo nu argan mara haala isaanii bareedaan, gorsa isaanii mi'aawaan, Ergaa fi Mul'ata jabaa nu keessatti itichaa turan.

Sheekha Kiyya Rabbii Aafiyaa gaarii fi Umrii dheertuu Isiniif haa kannu.
@Hakaan1
Abbaa ilmaan lamaa nuuf taate habibii❣️ baga gammadde, nulleen siif gammanne🙏 Rabbiin bakkaan siif haa gayu.

Ali Amin

@Hakaan1
Namoonni beekumsa kee, Qabeenya keetiif jecha sitti dhihaatan gaafa waan barbaadan si biraa dhaban achi buutee isaanii dhabda.

Namoonni onneerraa, galchaa takkaan malee si jaalatan gaafa hundi si dheeysellee si biraa mul'atan❣️

Allaahumman najjinaa min #As_haabilMaslahaa

@Hakaan1
Fuula namummaa (Humanity) yoo laaluu barbaadde Fuula Ustaaz Raayyaa Abbaamacca arginaan gahaadha.

Nama namaaf dhalate yoonin je'e waanin sitti xiqqeesse natti fakkaata. Ati nama namoomaaf dhalate.

Goota yeroo kamuu❣️
@Hakaan1
Rakkoon wal dhabbii Abboottii Amantaa Kiristaana Ortodoksii jiddutti uumamte hanga jiddu galummaa Mootummaa hanga gaafachuu geessutti geessee jirti.

Patriyaarik guddaan Itiyoopiyaa osoo jiruu Oromiyaa keessatti Patriyaarik biraa shuumuun dhoorgaa akka ta'ee akka shuumamuu hin qabne gadi fageenyaan dubbataa jiran.

Paatriyaa haaraawa oromiyaa keessatti shuumamee Aangawoonnii Amantii sanii hedduun miidiyaa hawaasaa gubbatti beeysisaa jiran.

تَحْسَبُهُمْ جَمِيعًا وَقُلُوبُهُمْ شَتَّىٰۚ
Al-Hashr 59:14
@Hakaan1
Qur'aana malee wanni marti yoo akkanumaan lakkiste ni xoolaydi, Qur'aana yoo lakkiste sumaatu xoolaga

@Hakaan1
Sheeyni kun Warra walloo ta'anillee dhimmi isaanii nu mara ilaalchisa. Sheek Abdulaxiif har'a gadhiifama boru gad dhiifama osoo jeennuu yeroo dheeraa mana hidhaa keessatti lakkoofsisee jira. Sheekaaf sagalee haa taanuu pls. Yaa Rabbi hidhaa baasi!

Muhammad Sabaah Sheikh Sa'iid Muhammad Siraaj Husseen yeroo baay'ee waan Sheekhaa kana nuuf dhaamaa turan. Har'a anis isiniifin dhaama

Ulamaa'ii Rabbii wanni mana hidhatti hiraarsaniif hin jirtu. Ammatti gad dhiisaa
#FreeSheikhAbdulaxiif

#Share_Waliif_godhaa
@Hakaan1
2024/09/24 21:30:36
Back to Top
HTML Embed Code: