Telegram Web Link
Daa'ii Islaamaa beekkamaa Dr Zakir Naik "osoo warri dhihaa sirratti duulanii akkamitti Da'awaa itti fufte?! Lubbuu teetiif hin sodaattuu?!" Jachuun gaafatame. Maal ja'ee deebise?!

Hayyuun kun gaaffii tana jacha Ibnu Teeymiyaan (Rahimahullaahu) ja'e tokko fayyadamee deebise. "Warri najibban maal nagodhuu dandayan?! Yoo nahidhan mana hidhaa keessatti galeen Ibaadaa godha, Yoo biyyarraa nabaasan dachii keessa deemeen Rabbi gabbara. Yoo lubbuu tiyya baasan Shahiideen taha. Wamaa nagodhuu hin dandayan" ja'ee deebiseef!

Mataa dhiiraa! Nama osoo Da'awaa godhuu rifeensi adiin/Aarriin itti baate. Hafizahullaah!

Copied
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Karaan milkaa'inaa hedduudha. Tokkoon yoo yaaltee siif milkaawuu dide harka marattee hin taa'in karaa biraatiin yaali.

#Ni_Milkooyta
@JemalSheikhBakri1
Obboleeyyan keenya kan dhumaa jiran, kan lafa isaanii irraa buqqa'aa jiran, keessattuu lixa Oromiyaatti wanni tahaa jiru hedduu garaa nama balleessa.

Namni morma namaaa qalee miilaan irra dhaabbatee yeroo suuraa ka'u, namni ibiddaan nama gubee yeroo selfie ka'u, namni qoma namaatti sodaa malee xiyyitii lakkaa'uu arguu caalaa wanti garaa nama balleessu hin jiru. Rabbii keenya malee kan itti himannu hin qabnu.


#YaaRabbSaveOromo
@JemalSheikhBakri1
Indeed, Allah never let you down
Dilla University
انا سوف امش
تحت الشمس
حتى اكون ظلك
انا سوف اغطيك
طوال الليل
حتى لا يبردك
اريدك انت فقط
في حياتي
ولا اريد اي شيئ آخر
كيف لى ان انس الماضى؟
وصدى صوتك لا زال بأذنيى🤍💌
@Na4Je
نجم الدين ارباكان
Har'a aangoo qabaachuu dandeessa, sababa aangoo/ taayitaa qabdutti fayyadamtee har'a nama miidhuullee ni dandeessa.

Wanni ati beekuu qabdu taayitaan ati qabdu guyyaa tokko sirraa bu'uu hin ooltu, hundaa ol guyyaa qiyaamaa aangoon tee Rabbiin aangoo ati ittiin nama miite san sirraa khafaluun hafa hin qabu.

Kanaafuu aangoo tee seeraa fi sirnaan itti fayyadamaa jiraachuu kee xiinxaluu hin dagatin. ✌️
Dhaamsa obbolummaa

Yeroo Fuutu Bareedina Qofaaf Jettee hin fuudhin, Yeroo Fuutu Wal Qunnamtii Saalaa Qofaaf Jettee Hin fuudhin, Yeroo Heerumtu Qabeenya Qofaaf Hin Heerumin !!

Jiruu Gammachuu fii Jiruu Jaalalaa Yoo Jiraachuu Barbaadde, Yeroo Fuutuu Yokaanuu Yeroo Heerumtu 1ffaa rratti Wanni Ati Qorachuu Qabdu Amantii (Diin) isaa/Isii fi Haalaa fi Amala Tahuu Qaba. Yoo ulaagaan kun guutame san booda waan barbaadde qorachuun mirga keeti.
Abbaa manaa kan Diin Qabu Argachuun HIREE dha. Akkasuma haadha manaa tan Diin Qabdu Argachuun HIREE Guddoo Dha !!

Yaa Rabbi Obboleeyyan kiyya kanneen Dhiiraa Haadha manaa Tan Diin Qabdu, tan haalaa fi Amala gaarii qabdu Isaan Badhaasi !!

Obboleeyyan kiyya Kanneen Shamarraniitis Yaa Rabbi Abbaa Manaa Kan Diin Qabu, kan Haalaa fi Amala gaarii qabu, kan Jiruu gammachuu waliin jiraatan Isaan Badhaasi !!

Ustaaz Ammaartu barreesse
Yaa nama Ergamaa Rabbii jaalatu, Rabbiin howdii isaanirraa dhuguu si haa waffaqu🤲

Sallallaahu aleyhi wasallam
Amala nama muslimaa keessaa tokko beellama yookaa wa'ada guutuudha. Namni beellama seenee beellama diigu amala munaafiqaa qabaachuu hadiisonni gabaasan baay'eedha.

Beellama guutuu nuuf haa laaffisu🤲
Wanni akka nama jaalattuu wajjiin jiraachuu nama gammachiisu hin jiru.
Wanni akka nama jibbituu wajjiin jiraachuu namatti ulfaatuu fi dhukkubbii mataa namatti ta'u hin jiru.

Nama jaalattanii wajjin jiraachuu Rabbiin isiniif haa mijjeessu🤲
Yeroo tokko tokko waan kennaa Rabbii baay'ee ifirratti dagannee alaan'aluun xabiyaa ilma namaati.

Yeroo tokko cal'isii kennaa Rabbiin si bira guute yaadachuu jalqabi. San booda wanni Rabbiin siif hin kannin akka waan muraasa taate hubatta.

Kanaafuu maaliif Rabbiif galata hin galchitu ree? #Alhamdulillaah
Yaa Rabbi sababa khajeellaa daangaa dabartee waan naaf kanniteef jecha si galateeffachuu dhabuu irraa akka na baraartun si kadhadha

#Alhamdulillaah
Namoota milkaa'ina namaa gufachiisuuf oriyan hedduu gufuu namaaf tolchanitti hoggaa gufatan argina.

Boolla namaaf qottee gad hin fageessiin ifumaaf itti khufta waan ta'eef wanni je'aniif tanaafi.

Nama gargaaruun, nama bira dhaabbatuun Rabbiin eegasii ilmi namaa si gargaara si bira dhaabbata.

Abbaan waanuma faacaase murata
#Kheryruma_Yaadi
Some times we need to put the past behind Us
يا الله ☝️
☆☆☆☆☆
#مباراة_مجنونة😍
مبروووك لمنتخب #الأرجنتين الفوز بلقب #كأس_العالم2022 🏆 🇦🇷
#مونديال_قطر2022
Woe to you man!
2024/09/25 05:17:47
Back to Top
HTML Embed Code: