Telegram Web Link
في هدوء الفجر ..

مُتعب جداً يا الله ولا أجد الطريق وليس لي أحد سواك يرشدني الي الطريق الصحيح إنقذ عبدك المحتاج الضعيف.
"ولقد مرت عليّ ليالي ثقيلة من شدتها كُنت أبكي حتي تتورم عيناي ولا أشعر بنفسي عندما يأخذني النوم، والله إنني من ثقلتها كُنت أقول لنفسي لن يأتي الصباح إلا وانت بين يدي الله.

والأن بعد أن أصلح الله كل شيء بطريقه مُدهشة والله لأنني مهما أتت عليّ الدنيا أقول أن الله الذي لطف بي سابقاً لن يتركني اليوم.

إن الله أعظم من أن يُفلتنا ونحن في أشد الحاجة إليه."
نسخة من غيرى
We traveled many places, met many people, We left little of them in our Hearts, said Miil'arri

☆The one who goes sees a lot☆
Kara deemaatu jedhe ○
Gurbaan asii gaditti argitan kun Hashim Raza jedhama. Biyya Pakistaan lahoretti dhalate.

Dhukkuba kaansarii garaachaa sadarkaa 4ffaatiin rakkachaa jira. Akkuma suuraa irratti argitan gaafa fayyaa qabu suufa uffatee yeroo dhaabbatuudha

Eega dhibee kanaan qabamee ammoo akkasitti qaamni isaa bareedaan kun jalaa dhume, qal'ate. Subhaanallah!

Haashim duraan hojii hawaasummaa hojjachaa kan ture yoo ta'u keessattuu namoota rakkatan gargaaruudhaan beekkama.

Pakistaan keessatti dhaabbilee miti mootummaa hedduu wajjiin tola ooltummaarratti hojjachaa ture.

Inni dargaggeessa dandeettii hedduu qabuu fi barreess, namoota kakaasuu fi hojiwwan tola ooltummaa biroo hojjachitti gammaduudha.

Suuraan isaa tan gaafa fayyaa qabuu fi eega dhukkubsatee fuula soshaal miidiyaa hedduu irratti mul'ataa jira.

Dhukkuba kaansarii kanaa wajjiin jiraachuurratti fakkeenyi kiyya Ali Banet jedha.

Haashim dhibee hamaa kanaan qabamee osoo jiruu ammallee nama kakaasa. Akka abdii hin kutanne, Rabbii yeroo hunda gabroottan isaa waliin jira, hundi keenyas guyyaa tokko ni duuna. Jannata iddoo zalaalam keessa jiraannuuf hojjachuutu nurra jira jedha.

Obboleeyyan keenya du'aa'ii godhaafi.
#ShareGodhaa wal biraan gahaa. Dhukkuba Rabbiin isinirraa haa qabu.
@JemalSheikhBakri1
Hashim Razi
Forwarded from Jafer Tofik
YAADACHIISAA!!

Warra haarawaaf, kaayyoon garee tanaa akka armaan gadii kanatti isin yaadachiisna

Obboloonni keenya boodarra nutti makamaniif, waa'ee obboleessa gargaaraa jirruu gidduun ennaa yaadachiifnu nuti warri beeynu akka hin nuffine dhiifama isin gaafanna.

Obboleessa keenya maqaan isaa Diinayaas(Mahammadamin) Dagguu Deesisaa jedhamu, amma dura gamoo irraa kufuudhaan baayyee miidhameera.
Sababaa kaanaan lafeen isaa tan dugdaa (Spinal cord) irra miidhaa cimaan gaheera.
Mucaan kun yeroo dheertuu Addis Ababa Science and Technology (AASTU) irraa Food Engineering dhaan bara darbe eeybifamuus rakkina fayyaa kanaan dursameera.

Kanaaf, ani ergaan gara karaa uugaa ykn qajeelaan irratti dhaladherratti deebi'ee (revert) ta'ee, firaa fi aaliin keeysaa dhaladhe harka na jalaa fudhate jechuun nu hubachiiseera.

Haala narra gahe kana naaf hubachuun obboleeyyan dhugaa koo isinuma waan nuun jedheef nuus tokkicha qabnu sitti dhabna jenneeniira.Kanaafuu isiniis lallabanneera iyyanneera.
Ajrii rabbirrati herregachaa akka nu cinaa dhaabbattan isiniin jenne.

Kooyyee Faccee, Jam'aa Masjiida Ansaar irraa.

Hubachiisa:- Kanaan walqabatee hospitaalli ispeeshaalistii lafee kan yo xiqqaate gara qarshii kuma 80 (80000) gaafateera. Kuni baasiilee garaa garaatiin alaadha.

Namoota Account hin argatiniif
1000354209048 CBE
1004400056314 CBO(Gamtaa Oro)
01425147643000 AB(Awash)
80687176 BOA(Abyssinia)
Maqaan Dinayas Degu Dessisa
Forwarded from Jafer Tofik
Obboleessa keenya tanaan dura lafeen dugugguruu(Spinal cord) isaa caphee sibiilli keessa jira.
amma immoo sibiilli sun keessatti caphee keessaa baafamuu waan qabuuf hanga Rabbiin nuuf laaffiseen bira haa dhaabbannu.
Al-Mu'minun 23:2

ٱلَّذِينَ هُمْ فِى صَلَاتِهِمْ خَٰشِعُونَ

Isaan warra salaata isaanii keessatti khushuu’a qabaniidha

@Na4Je
فَتَبَسَّمَ ضَاحِكًا مِّن قَوْلِهَا وَقَالَ رَبِّ أَوْزِعْنِىٓ أَنْ أَشْكُرَ نِعْمَتَكَ ٱلَّتِىٓ أَنْعَمْتَ عَلَىَّ وَعَلَىٰ وَٰلِدَىَّ وَأَنْ أَعْمَلَ صَٰلِحًا تَرْضَىٰهُ وَأَدْخِلْنِى بِرَحْمَتِكَ فِى عِبَادِكَ ٱلصَّٰلِحِينَ

Innis jecha ishii irraa kolfuun ni seeqate. Ni jedhes: “Yaa Gooftaa kiyya! Akkan ni’imaa kee ishii anaa fi abbaa haadha kiyya qanansiifte galateeffadhuu fi hojii gaarii ati jaalattu hojjadhu na barsiisi. Rahmata keetiinis gabroota kee gaggaarii keessa na seensisi.” An-Naml 27:19
@JemalSheikhBakri1
Gaaromminni, qajeelomminni, Abshaalomminni, Qaruuxummaan, Faxinummaan ilma namaa bifa keessa hin jirtu.

Kanaafi Rabbii (Sw) gara Qaamaa fi Bifa teenyaa hin laalu jedhan Ergamaan Rabbii (Saw). Rabbiin Onnee teenyaa fi Hojii teenya ilaala.

Namni bifti bareeddeef nama gaarii hin jedhamu, namni bifti fokkotteef nama badaa hin jedhamu.

Ergamaan Rabbii (Saw) gaafa hajjii dhaammannaa Haasawa waltajjii irratti namoota dila san dura dhaabbatanii haasawan keessaa "Arabni Ajama hin caalu"

Gabricha habashaa gurrachaawuu osoo te'ee Sodaa Rabbii qabaannaan Caalomminni isaa beekkamaadha.

Ilmi nama kan nama biraa caaluun Sodaa Rabbiitiini. Kanaafuu tokkoon keessan Bareedina keessan hin dhaadatinaa.

Yaa Ilmaan Namaa Sodaa Rabbii waliif dhaamaa, Sodaa Rabbiirratti wal jajjabeessaa, Sodaa Rabbii wal sinqeeffachiisaa
@JemalSheikhBakri1
Dogoggora namaa jala yaanee baasuu hojii godhachuun gaarii miti. Ilmi namaa dogoggoruun mallattoo namummaati.

Namni hin dogoggorre namaa miti. Namni nama ta'uuf ulaagaan tokko dogoggora. Garuu irraa barachuu qaba. Toowbachuu qaba.

Ergamaan Rabbii (Saw) "Ilmaan Aadem Cuftinuu dogoggoroodha, Irra caalaan isaanii ammoo Warra toowbate" jedhan

Namni dogoggora namaa jala deemaa oolu, dogoggora ifii arguu dhabuun mokkorama.

Dogoggora walii waliif dhoysaa, irra waliif dabraa. Dogoggorr gama dhuunfaatii fi waa'ee duniyaa faa yoo ta'e dantaa dhabuutu gaaridha.

Dogoggora sirreessuun barbaachises karaa kabajaan guutameen waliif sirreessuutu jaalatama.
@JemalSheikhBakri1
Yeroo hirriibaaf khaate qalbii tee qulqulleessii rafi.

□ Tarii namni oolmaa guyyaa keetii keessatti si aarsee, si dallansiise jiraachuu mala. Ilma namaati je'ii dhiifama godhiif, irra dabriif. Qalbiin tee ni tasgabbooyti, hirriiba bareedaa rafta.

□ Tarii namaa walitti dhufeenya namootaa wajjiin gootu keessatti Arraata keetiin waa jettee nama mufachiisuu malta, Yaadadhuutii bilbilii dhiifama gaafadhu. Nama hin beeyne yoo te'e sheenawii akka wilii itti hin deebine ejjannoo kaayadhu.

Qalbii tee tasgabbeessi, hirriiba gaarii raftaa
@JemalSheikhBakri1
لَقَدْ خَلَقْنَا ٱلْإِنسَٰنَ فِىٓ أَحْسَنِ تَقْوِيمٍ

Dhugumatti, Nuti nama dhaabbii irra gaarii ta'e keessatti isa uumne.
At-Tin 95:4
Yaa nama kiyya...!
Hedduu hin mormin, hin morkin, hin falmin. Hin beekamu malee Mormiin mata jabina namatti fida.

Ta namaa dhagayuu dhabuu, if tuulumminnaa fi boona si keessatti biqilcha. Mormii irraa fagaadhu.

Namoota qabxii mormii bananii dirqiin arraba kee sochoosuu barbaadaniin "Lakkii" jedhiin.

Mormiin jaalallee kee diina keetitti deebisa, fira keet sittu amboomsa, Boolla jibbanna namaa keessatti si gata. Ati irraa if eegi ♡ isin Irraa if eegaa ♡ Ahbaab.

Gorsa qalama ziqiyaayiin barreeffamuu qabuudha.
@JemalSheikhBakri1
حتى في سقمك
تخلو بعبادته مع ربك ♡
وإذا مرضت هو الذي يشفيك.
يا إلهى...!
إلى من تكلنى؟، تعرف
وان ليس لى احد سواك
يا مولى...!
Irra hedduun aktivistootaa mormii fi falmiidhaan hin danda'aman. Inumaa Akka namni hedduu mormuu dandayu Aktivistummaan isaa jabduutti hanga ilaalamuttillee wanni taajjabne jira.

Aktivistoota keenya Ulaagaa jabeenya keessanii tan taate #Mormii san ifirraa dhiisaa maaloo🙈
Nammi gariin hin hifatuu, waan namni post godhullee takka takkatti jala deemee illaa irra barbaadee, asiin dhabu, gama achi aanuun ilaalee waan argeen Komitti gad taa'a.

Gosh! Baga illaa irratti argite. An kana dhibe garuu, bakka illaa hin qabne irraa arguu dhabuu kheeti🙈

Gobaz! Illaa barbaaduu itti fufi, yoo xiqqaate, bakka bareedduu illaa hin qabne san arguu dandayuuf shaakali!
Gaaf tokko ni moota!💪✊️
Ilmi namaa uumaa Rabbiin uume tana cufarratti caalchifamaadha. San keessaa atis tokko.

Nama Rabbiin ol fuudhe kani namni akka isaa gad deebisu ta'uunis filannoo keeti. Garuu akka ifitti hin dhiisnen siif dhaama.

#KabajniUumamaMaraaf!
Gaafa duuteewuu reeffa keetilleen taatu masjiida hin hanqattu. Osoo jirtuu osoo hin dhaqin gaafa duute yeroo dhayxu garuu qaanyiidha
#Yaa_Sittiir
2024/09/27 07:17:37
Back to Top
HTML Embed Code: