Telegram Web Link
Hin Yaaddawin ♡

Yaaddoo fi dhiphinni kee qofaa miti. Yaaddoo fi dhiphinni kee akka sirratti wal horu hin hayyaminiif. Waan gochuu dandeessu raawwadhu, tan dadhabde guyyaatu dhufaafi eeggadhu.

You are blessed😇
Yeroo hedduu namoonni jaalala jaalalaan siif deebisan. Yeroo garii garuu Jaalala tee Jibbaan kan siif deebisanis hin dhabaman.

Ati garuu Abbaa jaalalaa ta'i ♡
Abbaan Jaalalaa jibbaaf yeroo hin qabu. Jaalalti si injifachiisa Eega Rabbiitii. #Jaaladhu.

#NoHate
Lafa baay'ee deemne, nama hedduun wal baranne, Isaan keessaa waa xiqqashuma Onnee keessatti Hanbifanne jedhe Miil'arri tokko

☆Ka deeme Waan hedduu arga☆
Kara deemaa keessan ○
Yeroo gabaabaa keessatti Hojii haarawaan dhufaan jira. Hamilee fi Jajjabeessi keessan akkaan saaffisaan waan baay'ee hojjachuu danda'u na taasiseera.

Amma guddaan wantin isinitti dhaammadhu du'aa'iidha. Du'aa'ii naaf godhaa. Ahbaab ♡

Hojii hawaasa fayyaddu, ta isii keessa sodaa Rabbii fi Fuula Rabbii barbaaduun jirtu Akka Rabbiin naaf godhu du'aa'ii naaf godhaa.

Hayyaakumullaah Ikhwaan ♡
Kara deemaa keessan

@JemalSheikhBakri1
Si keessattin if arga ♡
Kara deemaa keessan
Jireenyi Kennanii fudhachuudha. Kanaafuu hanga fudhatte caalaa kenni 😇
.Life is Giving and receiving. So give more than you take 😇

Kara deemaa keessan
Lafa waanyoo fi jibbansaa irraa fagaadhu. Mooraa kabajaa fi jaalalaa kesssa jiraadhu.

Waanyoon Abbaa Haqaati! Sababnis Abbuma is jalqabe nyaatee lafatti darba.
#NoHasidummaa
#JustLove

የፍቅር ቤተሰብ
Kara deemaa Keessan ♡
Ilmi namaa baay'een dhukkuba haasidummaatin qabamee jira. Ani dhukkuba akka dhukkuba haasidummaa hamaa argee hin beeku.
Garuu waan tokkon isinii hima Haasidummaan (Waanyoon) kun Abbaa haqaati. Maaliif yoo jettan Kani inni Weeraree lafaan dhayu Abbuma isaan deemu sani.

Waanyoon ifiifuu nama waanyawu hin jaalatu kanaafuu abbaa haqaatii mitii ree?

Jireenya keessan akkuma kiyyaa fi Amiin kanatti harka keessan Walirra kaayadhaa, Waanyoo dhiisaa jechuu kiyya.

Amiinoo yaadamte hbb ♡
Nama kaayyoo, Gameessa, xurree karaa milkaa'inaa nutti agarsiise. Yoomu sin jaalanna, onnes teenya boojite. 🥰

Kara deemaan hogguu si jaalata ♡
Hafuurri munaafiqootaa waan hin jirreef qilleensi yeroo fajrii qulqulluudha. Yaa khaaliqa Munaafiqummaarraa sittin maganfadha😥
#Sittiir ☝️
شيخي 🥰
Ilaahii sittin ababee
Niin Umnaawa yoon si dhabee
Natti golgolooyti bar yaa
Ibsaa khoo an yoo si dhabee
Jiruun na bushooyti bar yaa
Mi'aawaa khoo an yoon si dhabee
Yaa rahmaan silaan si argadhee
Waan biraa waan hunda dhabee
Si argannaan maalin dhabeehuu
Naaf qabda taniin an dhabee**

°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°

Sheekh Juneeydi!
Nashiidaan an hifannaa malee dhaggeeffachuu jaaladhu ♡
@JemalSheikhBakri1
صلاة الفجر، هي السعادة لمن أرادها، والأمل لمن يبحث عنه، والبركة لمن يشدها.
❤️

‏اللهُم إن كُنتُ أفعل ذنبًا يمنع فرحتي واستجابة دُعائي فأغفرهُ لي يا الله، يارب طهرني من كُلّ الذُنوب وغيّر حالي لحالٍ تُحبّني به، يارب قُدرتك أقوى من ضعف حيلتي، ورحمتك أوسع من قلقي، مُد لي بالنور طريقي، وقوّي قلبي.. اللهُم وكلتُك أمري وكُلّي ثقة بك وبأنّك لن تخذلني يا الله.. 🤲🏻

#كلمات_ليست_كالكلمات 🖤
Shekh Jamaal Baddeysaa AbuuRaafii
Sheekha Keenya, Baabaa keenya. Bara namni bayyanoota hin qabne keessa ture Kidmaa diiniif kan dhaabbachaa turan.

Zabana an joollee xixiqqoo Masjiida keessaa joollee akka tiyyaa salaata keessatti qunxuuxee fiigu Isaan tajaajila Islaamaa keessa jiran.

Diinirratti Rabbiin Umrii nama dheeressee carraa Diin kaddamuu namaaf kannuu caalaa maaltu nama gammachiisa. Diiniif jecha dararamaa turan, diiniif jecha biyyaa bahan. Bakkayyuttuu diinaa himan. Rabbi isaan irraa haa jaalatu.

Sheekha Keenya Isin Jaalanna, Isin Kabajna. Nu keessatti isin haa dhiisu 🤲
@JemalSheikhBakri1
Hiriyoota masluufa afur kan qabaattu yoo te'e, Masluufni Shanaffaan sihi. Kanaafuu Eenyu wajji akka jiraachuu yookaa ooluu akka qabdu adda baafadhu.

@JemalSheikhBakri1
Namni kamuu jannata Seenuu jaalata (hawwa). Garuu namni tokkolleen du'uu hin jaalatu.

Imaamu Ghazaaliin Maaliif akka du'a jibbinu gaafatamanii "Mana keessan kan duniyaa miidheyfattanii, Mana keessan kan aakhiraa hadiyyoomsitanii jirtan. Saniif du'a jibbitan" jechuun deebisan.

Odoo hin fuudhin, ilma argachuuf hawwuu taate dubbiin 😥

Yaa Rabb!
@JemalSheikhBakri1
Jireenyi kun qubee lama jidduutti argama. Qubee 'B' fi Qubee 'D' dha.

Qubeen 'B' (Birth) bakka buuti. Qubeen 'D' (Death) bakka buuti. Dhalootaa fi Du'a jechuudha.

Jireenyi keenyas Jidduu dhalootaa fi Du'aa jira. Qubeen jara lameen jiddutti argamtu ammoo 'C' dha.

'C' ammoo (Choise) bakka buuti. Filannoo jechuudha. Milkaa'inaa fi Kufaatis numaatu filata jechuudha.

@JemalSheikhBakri1
Wanni ati yaaddu, wanni ati dubbattu, wanni ati hojjattu yoo tokko ta'e yeroo san ati gammachuun guutamta.
@JemalSheikhBakri1
Tarii Suuraa Quality guddaa qabdu argaa hin jirtu ta'a. Haa ta'u malee Namoota Quality guddaa qaban argaa jirta. ♡
@JemalSheikhBakri1
2024/09/27 09:35:59
Back to Top
HTML Embed Code: