Telegram Web Link
Jireenyaatu Qaalawe.

Ani akka yaada kiyyatti Jireenya kan qaalesse ilmuma namaati. Sababni Jireenyi itti qaalawuuf Hojii ilmi namaa raawwatuuni. Saniifuu Waan ilmi namaa qaalomminaaf Sababa itti tahe, nuti ammoo dandeenyu rakishoomsuu, dadhabnu wajji jiraatuu qofaatu furmaata.

Ani akka kiyyatti Jireenyi lamada rakishu hin jiru, Saniif Jireenya jala fiiynee qaalawuutu furmaat isa biraati.

Ilmi namaa akkamitti jireenya qaalessa?

Akkamitti hin qaalessine. Ilmi namaa waan nyaataan bitatu meeshaa waraanatti yoo oolche.

Obboleessi obboleessa ajjeessuu yoo hin dhiisne, fasaanni lafa guutuu yoo hin dhiisne. Rabbiin balaan isinitti buutu kamuu sababuma isin badii raawwattaniifi nuun jedha.

Kanaafuu Jireenya jala fiiguu malee teenyee komachuun furmaataa miti
@JemalSheikhBakri1
Waa Mormuun waa Sadi irraa dhufti.
1ffaa: If Guddisuu
2ffaa: Amala Hammaatuu
3ffaa: Ayliin tuqamuudha

Sheekh Muhammad Rashaad Abdulleetu akkana ja'an.
@JemalSheikhBakri1
Warri qubeen 'Kh' kan Harargeeti jettan Lakkii Qubeen 'Kh' kan Oromooti isiniin jenna.

Abbaa Qubee Afaan Oromoo Sheikh Muhammad Rashaad Abdulleetu Oromoon akka itti fayyadamtuuf tolche.

Taan keeysaahis wanni qubeen 'Kh' haftuuf hin jirtu. Tana gad jabeeysinee walitti himna.

Namni Kutaa Arsii takka tan maqaan ishii 'Keeyriyaa' jettee barreeffattu yoo jiraatte 'Kheeyriyaa' jettee barreeffachuu qabdi. Kutaa Oromoo hundinuu akkasuma.

Namni Kutaa jimmaa kan maqaan isaa 'Kader' jechaa barreeffachaa ture "Khader" jedhee barreeffachuu qaba. Kutaan Oromoo kamuu akkasuma.

Kanaafuu qubeen 'Kh' kan warra harargee qofa jettanii hin yaadinaa. Hayyuun keenya Sheekh Muhammad Rashaadilleen guutuu Oromiyaaf kan qubee kana tolchaniif.

Hadaraa gumaata sheekha ganda keenya qofatti hin deebisinaa. Itti fayyadamaa.
@JemalSheikhBakri1
Nama taanaan khalaas!
Ilma namaatiif dursa kannuu baruun gaariidha. Barii keenya akkuma manaa baanuun garaa guuttannee, Uffannee babbareennee, miidheynee baana.

Ijji teenya Haadha dhiiraa Ba'aa guddaa ifirra ba'attee deemtu nu garti, ijji teenya Haadha dhiiraa ilmaan ishii sooruuf harka nama jala qabattu nu garti. Nuti waa meeqa guuttannee deemaa jirra. Ishiin garuu tan bu'uraa, qoonqoo ilmaan ishiitiif nurra barbaaddi.

Daa'ima faffaca'ee kararraa daabboo naaf biti ja'us numa argina. Akhii haa garaa waliif laafnuu. Yoo dandeenye haa rakkoo isaan baafnuu yoo dadhabne afaaniin isaan rakkisuu irraa haa if eeynuu

Rabbiin rakkataa Ummata Muhammad (saw) cufa rakkoo haa baasu.

@JemalSheikhBakri1
Bishaan Dirre Dhawaattis, Danfee, Khoqee, Gubatuuf deema
@JemalSheikhBakri1
Dachiin yoo ol kaate, Samiin yoo gad khaate, Ejjannoo tee gad hin dhiisin ๐Ÿ’ช
@JemalSheikhBakri1
Guyyaan Kaleessa ture. Anaa fi tokkootu wajjiin deemaa jirra. Yeroonis yeroo sanii beeytee.

Mukha Afaan khaayatan san barbaadaa gad baaneeti. Magaalarraas ija babaasne ol dachaana jenneeti. Achumaan bakka Mukha irraa fudhatan san bira geenye.

Numaa Afaaniin Miciyoo Mukha namaaf khannitu saniin mee nuuf khanni jechaanii jiru. Takka mucaa tokko nu garsiiste.

Mucaan ani warra wallooti ja'a. Akka isa gargaaran barbaada. Namoonni gariin Waraqaa eenyummaa fidi, kuni Saanlaayiidha, waraana faannooti, yeroon ammaa ta if eegani jechaa gunguman.

Ani gurbaa san ifittin as yaame. Gurbaa tanuma dirqii bakka taa'uu lafaa ka'ee natti dhufe. Wayaan isaa jiruu hin qabdu, Hidhiin isaa goggoyduudha, moorgayni isaa wal gadhiise, Ijji diddiimatte, garaan keessa kute. Qaamaan ol ja'uu hin danda'u.

Osoo yaamuu baadhee ifii itti dhaqee je'eetin sheenawe. Achumaanuu isa gargaaruuf inni walloo tahuu beekuuf if dirquu akka hin qabnee fi haalaataan inni keessa jiru isa gargaaruuf akka na dirqisiisu waanin hubadheefin gargaare.

Warreen biraa ammas shakkii fi waan biraa kan dhawatan numa jira. Osoo waan fedhe te'ee nama jiruu hin qabne yoo gargaaran maal waa qaba. Sanuu gurbaan afaanii baafatee an warra wallooti nuun jedha.

Akkamitti namummaan nu jalaa badde. Kuun mazagaajjaa dhaqi ja'aan. Hedduu nama dhiba. Nama gargaaruurratti yoo dadhabina qabaanne. Akka namni biraa nama hin gargaarre dhoorguurraa haa if eeynuu.

Wallaahi nama malee namummaan xiqqaachaa, hir'achaa jirti. Akhii mataa walii laafaa, garaa walii laafaa, waliif rifadhaa.

@JemalSheikhBakri1
Harargeen tiyya tun silaa tujjaara wajji photo ka'uu dhiiftee, tujjaaruma naa taatee.

Silaa Kitaabaa wajji phota ka'uu dhiistee kitaaba dubbisuuf yaaltee.

Silaa fooqii barbaaddee jalatti photo kha'uu dhiiftee Fooqii sanuu jaaruuf shaakaltee

Silaa haga hayyuu namaa beeytu ka ishii if duuba deebitee bakka jiruu barbaaddee baaftee, bartee biyya barsiistee.

Silaa hanga amba kunuunsaa ooltu nama ifii jabeeffachuu waan ja'amu bartee. Rabbiinuu dura ka sitti dhihaatu dinniini ja'aa beekhi.

Aannan gandaa khajeelurra bishaan ifii silaa unattee je'eetin yaadee beeki.

Gandummaa naan jechuu malta. Billah aleyka gandummaafi miti jara nuti warri harargee khun hangana yoo wal yaadachiisne gaariidha je'eeti.

Obboleeyyan keenya kan biraatis itti fayyadamaa Rabbii jiraa๐Ÿ˜Š
@JemalSheikhBakri1
Forwarded from Jemal Sheikh Bakri
Sababa Ati yeroo takka Nabii keetirratti Salawaata buufteef, Rabbiin kee yeroo kudhan sirratti buusa.

Allahumma Salli Wasallim aleyhi
ุงู„ู‡ู… ุงู„ุตู„ ูˆุณู„ู… ุนู„ูŠู‡

Namni qorqodaan nama Hoggaa Maqaa Nabiyyii Dhaga'e Salawaata osoo hin buusne dhiisu๐Ÿ™Š

ุงู„ู‡ู… ุงู„ุตู„ ูˆุณู„ู… ุนู„ูŠู‡
@JemalSheikhBakri1
ูุชุจูŠุน ุงู„ู‚ุถูŠุฉ...!๐Ÿ˜ƒ
Forwarded from Jemal Sheikh Bakri
Yeroon jirru Jum'aa Asrii booda waan ta'eef, Rabbiin Keenya Yaadaa Fi Muraada Keessan isiniif haa qeebalu ๐Ÿคฒ

@JemalSheikhBakri1
HIJAABA
========

Yaa dubartii muslimaa
Diinii kan kee jaalattuu
Dhugaa kana dhagahi
Osoo gurri laalattuu

Imaanaan qalbii jiisee
Diiniirra gad sidhaaba
Dirqama ta'uu beeki
Uffachuun kee hijaaba

Qaama ofii tikfachuun
Mallattoo beekumsaati
Hijaabni dubartootaaf
Waardiyyaa eegumsaati!

Barcumaa fi ulfina
Abbaatu of-jala kaaya
Dubartoota muslimaaf
Simboodha, hijaabni faaya

Gurgurtaaf gabaa baafnaan
Muuzii qolli quncaatuu
Gabaan bituu dhiisiitii
Tola nyaachuu hin gunjaatu

Tisiisni balfa barte
Irra qubachuu maltii
Raqatti darbuu malee
Maaltu fedharee faltii....

Gamoon girdoo hin qabne
Manaa miti, hawaadha
Qaama ofii satarachuuf
Hijaabatu dawaadha...!

Qe'ee dallaa hin qabne
Abbaa fedhet weerara
Qaama qullaa fiigullee
Sheyxaanni irraa geerara

Qaama ofii satarachuu
Diiniitu keenyatu ajaja
Hijaabni miidhagina
Hijaabni bar kabaja....

Mallattoo qaroomuuti
Qaalii ta'uu akeeka
Gatii haadha hijaabaa
Beekaa qofatu beeka

Obboleettii aakiraa
Sin gorsa, na dhageessaa?
Of sataratta taanaan
Bakka ulfinaa teessa

Akka hayawaanaatti
Warri qullaa fiiganu
Warra har'a ijaaranii
Boru bultii diiganu

Warri of bareechuutti
Ofirraa fuudhan surraa
Harkaan of rakafsiisan
Kabaja hin qaban nurraa

Sadarkaa kee ol fuudhee
Bakka ulfinaa sidhaabaa
Yaa obboleettii muslimaa
Hin baasini hijaaba....

Har'aa bor si milkeessa
Hordofuun sunnaa Nabii (S.A.W)
Kan uffattu hin baasin
Kaanis, har'a jalqabi

โœ๏ธ.. Riyaad Raayyaa
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Pbuy all family!
Sweatheart ppl๐Ÿฅฐ
Ppl of love ๐Ÿ˜˜
Missed๐Ÿ˜Š
@Na4Je
Qulfiin Abbaa Haqa godhatu irraa tolti.

Wallaahi Gammachuu fuul Sheekha Kheenya Dr Jeeylaan Khadiir irraa mul'attu tun imimmaan narraa yaaste.

Guyyaa kana lubbuun jiraatanii baga argan. Rakkoo tana boodaatiifillee Rabbumti furmaata haa kaayu.

Garuu Umrii tanaan, Khabajaa fi Ulfina Kanaan Ummata saphlataa sanii wajjiin Khufaa kha'anii, Waa meeqa irratti obsanii, jechaa fi gocha jara sanii hadhaa liqimsanii har'a Guyyaa kana yeroo argan an if caalaa isaaniifin Gammaade.

Waan hedduu nu barsiise, Waan hedduu isaan irraa baruu qabna. RABBIIN nu keessatti Umrii haa dheerassu. BAGA GUYYAA KANA Argitan Sheekhanaa!๐Ÿฅฐ
@DrZakirNaikAfaanOromoo
@JemalSheikhBakri1
Addunyaarratti taarikhni si barreessee Zalaalam si boodaan hafuun maal si fayyada. Kani atuu Ibidda jahannam keessatti zalaalam tahuuf teessu. San haa tolfannuu!

#DurriSani
#Yaa_Rabbโ˜๏ธ
@JemalSheikhBakri1
Hidhaa jechuun hidhaa sammuuti. Hidhaan sammuu hamtuun ammoo Sammuu Rabbi yaadachuu irraa hidhamte.

#Yaa_Allahโ˜๏ธ
@JemalSheikhBakri1
2024/09/27 11:15:52
Back to Top
HTML Embed Code: